Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 12—Haara’umsa Faransaayi

Mormiin Ispayiresii fi dhuga ba’umsi amantii Awugasbargi inni haara’umsa Jarmaniif mo’icha argamsiise waggoota falmii fi dukkanaatiin hordofame. Protestaantummaan wal qooduu deggertoota isaa gidduutti ta’ee fi diinota aangoo qabootaan marfamuudhaan dadhabee gara baduutti waan adeemaa jiru fakkaatee ture. Kumaatamni dhuga ba’umsa isaanii dhiigaan mallatteessan. Lolli waliinii in ka’e; kaayyoon protestaantii deggertoota isaa keessaa isa jabaa ture tokkoon in ganame; ilmaan moototaa warri kabajamoon haara’umsa fudhatan harka mootii keessatti kufanii akka booji’amtootaatti magaalaadhaa gara magaalaatti lafa irra harkifaman. Haa ta’u malee yeroo waan injifatee fakkaatetti mootiin ni injifatame, innis boojuun harka isaa keessa gale isa harkaa utuu butamuu arge, xumurattis bara jireenya isaa guutuu balleessuuf ifa fedhaa ture barumsichaaf heyyama kennuuf dirqisiifame. Gantummaa balleessuuf mootummaa isaa, qabeenya isaa fi lubbuu isaa dabarsee kennuuf murteessee ture. Amma amantiin inni ukkamsuuf akkasumaan yaalaa ture bakka hundumaatti babal’ataa utuu jiruu, loltoonni isaa lolaan akka dhuman, qabeenyi isaas duguugamee akka dhume, mootummaan isaa fincilaan akka sodaachifaman arge. Charles 5 ffaan aangoo hundaa danda’uu wajjin wal lolaa ture. Waaqayyo “ifni haa ta’u” jedhe, mootichi garuu dukkanni utuu gargar hin citin akka itti fufee jiraatu barbaade. Kaayyoon isaa bakka hin geenye; lola yeroo dheeraatiin waan dadhabeef umurii isaa malee dulloomee teessoo isaa gadi dhiisuudhaan gadaamii keessatti mataa isaa awwaale. WG 178.3

Akkuma biyya Jarmanitti ta’ee ture, Siwiizerlaandi keessattis haara’umsatti Guyyaan dukkanaa dhufee ture. Naannooleen baay’een amantii haara’umsaa yeroo fudhatan, warri kaan immoo ija isaanii jaamsanii sirna Roomaatti goganii hafan. Dhugaa fudhachuuf kan hawwan ari’achuun isaanii dhuma irratti lola waliinii kaase. Ziwingilii fi warri haara’umsatti isa wajjin tokkummaa uuman baay’een lola dhiigaa dirree Kaapel jedhamu irratti geggeeffametti wareegaman. O’ikolampadiyus balaa hamaa Kanaan waan mo’ameef utuu hin turin du’e. Roomaan ni injifatte, bakka baay’eettis waan dhabdee turte hundumaa bakkatti waan deebifatte fakkaatte. Garuu inni gorsaa barabaraa ta’e saba isaa yookiin kaayyoo isaa hin daganne. Harki isaa oolfamuu (baraaramuu) isaaniif fide. Biyya kan biraa keessatti hojjettoota haara’umsa taarkaanfachiisan kaase. WG 179.1

Biyya Faransaayitti maqaan Luuter akka akka geggeessaa haara’umsaatti utuu hin dhaga’amin dura lafti bari’uu ga’ee ture. Ifa sana kan argate keessaa tokko Lefevrii isa dulloomaa, nama barumsaa guddaa qabaachuu isaa irraa kan ka’e profeeserii Yunivarsitii Paaris kan turee fi duuka buutuu phaaphaasotaa keessaa nama dhugaa fi hinnaaffaa qabu ture. Qorannoo barreeffamoota bara durii geggeesse keessaan xiyyeefannoon isaa gara Macaafa Qulqulluutti kan qajeele ta’ee qo’annoo isaa kanas bartoota isaaf qoodee ture. WG 179.2

Lefevriin nama onnee isaa irraa qulqulloota waaqessu waan tureef, himtee afaanii waldaan qabdu irratti hundaa’uudhaan, seenaa qulqullootaa fi kitimamtootaa (wareegamtootaa) qopheessuuf murteesse. Kunis hojii dadhabbii guddaa qabu ture; haa ta’u malee isa irratti dursee hojjetee ture, Macaafa Qulqulluu qorachuu kan innii eegales isa irraa gargaarsa barbaachisaa nan argadha jedhee yeroo yaadetti dha. Isa keessattis qulqulloonni kan mul’atan yoo ta’an illee akka dhahaa guyyaa (kalandeerii) Roomaa keessa kaa’amanitti hin turre. Ifti waaqayyoo akka lolaa bishaaniitti sammuu isaatti dhangala’e. Dinqifannaa fi jibbaan dirqama duraan ofii isaa irratti fudhate irraa deebi’ee sagalee Waaqayyoof ofii isaa kenne. Dhugaa gati- jabeessa argate dafee barsiisuu eegale. WG 179.3

Utuu Luuter yookiin Ziwingili hojii haareffamaa hin jalqabin fuula dura, bara 1512 keessa Lefevriin akkas jedhee barreessee ture: “qajeelummaa isa karaa ayyaanaa qofa jireenya barabaraaf tolaa nama taasisu kennuu kan danda’u Waaqayyoodha.” —Wylie, b. 13, ch. 1. Inni dhoksaa fayyinaa irratti xiyyeeffachuudhaan akkas jedhe: “Oh, guddinni wal jijjiirraa Sanaa hin dubbatamu, - inni cubbuu hin qabne itti faradamee, inni yakkamaan immoo biliisa ba’uun isaa; eebbi abaarsa ta’ee, abaaramaan immoo eebbaaf ta’e; inni jiraataan in du’a; du’aan in jiraata; ulfinni dukkanaan haguugame, inni joonja’aan homaa tokko hin beekne immoo ulfina uffata.” —D’Aubigne, London ed., b. 12, ch. 2. WG 179.4

Ulfinni fayyinaa kan Waaqayyoo qofa ta’uu isaa utuma barsiisuu dirqamni abboomamuu immoo ga’ee namaa akka ta’e dubbate. “miseensa waldaa kiristos yoo taate, ati miseensa dhagna isaati; dhagna isaa yoo taate immoo ati guutummaa amala waaqummaa isaati…. utuu namoonni carraa kana hubachuu keessa seenuu danda’aniiru ta’ee hammam qulqullummaatti, kabajaa fi qajeelummaatti jiraatu turanii, akkasumas, ulfina iji foonii arguu hin dandeenye isa isaan keessa jiruu wajjin walbira qabanii yeroo ilaalan hammam ulfina biyya lafaa isa gadeebi’aa adeemuu tuffatu turanii.” —Ibid., b. 12, ch. 2. WG 180.1

Bartoota Lefevri keessa, hawwiidhaan sagalee isaa kan dhaggeefatanii fi erga sagaleen isaa cal jechisiifamee illee dhugaa labsuu akka itti fufu kan hawwan turaniiru. Wiiliyaam Faarel nama akkasii ture. Innis ilma maatii amantii keessaa kan dhalate, barsiisa waldaas amantii dhugaatiin fudhachuuf kan barate ture. Innis waa’ee ofii isaa ergamaa Phaawulosii wajjin akkas jechuu danda’eera: “akka kan warra Fariisotaatti, jiraachuu koo dhugaa ba'uu in danda'u.” H/Erg. 26:5. Hordoftuu Roomaa isa of kenne waan tureef waldaadhaan mormuuf kan ka’an hundumaa balleessuuf hinnaaffaa gubaa nama qabu ture. Waa’ee jireenya isaatii isa yeroo kanaa ilaalchisee booda yeroo dubbate “namni tokko fallaa phaaphaasii dubbachuu isaa yeroon dhaga’u, akka yeeyyii aareettan ilkaan koo walitti qara” jedhe. —Wylie, b. 13, ch. 2. Inni Lefevrii wajjin waldoota Paaris irra naanna’uu, iddoo aarsaa irratti sagaduu, qoolloo (mana qulqullummaa) qulqulootaaf ijaarame kennaa isaatiin miidhagsuu fi qulqulootatti sagaduu kan hin nuffine ture. Haa ta’u malee sirni ayyaanota kanaa lubbuu isaaf nagaa fiduu hin dandeenye. Cubbuu qabaachuun isaa guddaa isatti dhaga’ame, dhiifama cubbuu argachuuf gochaan inni shaakalaa ture cubbuu isaa balleessuu dadhabe. Akka sagalee waaqa irraa dhufeetti sagalee haaressaa isa “fayyinni ayyaanaan” jedhu dhaga’e. “Inni qulqulluun itti faradame, inni yakkamaan immoo gad dhiifame.” “Balbala samii banuu fi balbala Gahaannam cufuu kan danda’u fannoo Kiristos qofa.” —Ibid., b. 13, ch. 2. WG 180.2

Faarel dhugicha gammachuudhaan fudhate. Akkuma Phaawulosiin jijjiiramee gabrummaa aadaa irraa gara birmaddummaa ijoollee Waaqayyootti deebi’e. “Qooda onnee yeeyyii hamaa isa nama nyaatu qabaachuu, suuta akka hoolaa garraamii isa nama hin miinee ta’e, onneen isaas guutummaatti phaaphaasii ganee Yesus Kiristosiif kenname.” —D’Aubigne, b. 12, ch. 3. WG 180.3

Yeroo Lefevri baratoota isaa gidduutti ificha tamsaasuu itti fufe turee, Faarel immoo akkuma isa yeroo phaaphaasota gidduu tureetti hojii Kiristosiif hinnaaffaa qabaachuudhaan sabaaf dhugaa labsuuf adeeme. Lubni Mee’uksi inni waldaa keessatti kabaja guddaa qaba ture utuu hin turiin isaanitti makame. Barsiisonni biroon warri dandeettii fi barnoota isaaniitiin sadarkaa olaanaa irra jiran wangeela lallabuuf isaanii wajjin tokko ta’an, innis mana warra ogummaa harkaa qabanii fi mana qotee bulaa irraa jalqabee hamma mana moototaatti gita hundumaa keessaa deggertoota argate. Obboleettiin Fransis 1 ffaa, isa bara sana mootii ta’ee bulchaa turee, amantii haara’umsaa fudhatte. Mootiin mataan isaa fi haati isaa giiftiin yeroodhaaf faara tolaadhaan waan ilaalan fakkaatan, haaressitoonnis yeroo itti biyyi Faransaayi waangeelaan mo’amtu abdii guddaadhaan eeggachaa turan. WG 180.4

Garuu abdiin isaanii bakka hin geenye. Bartoota Kiristosiin qorumsaa fi ari’atamuutu eeggate. Haa ta’u malee, kun ija isaanii duraa haguugamuun isaa gaarummaadhaafi. Bubbee sana quunnamuuf jabina akka isaan argataniif yeroon nagaa gidduu seene, haareffamnis saffisaan guddate. Lubni Mee’uksi kutaa (buufata) ofii isaa keessatti sabaa fi luboota barsiisuuf hinnaaffaadhaan hojjete. Luboonni warri doofaa fi sona amilee hin qabne hojii irraa ari’amanii, hamma danda’ametti namoota baratanii fi Waaqayyoon sodaataniin bakka buufaman. Lubichi akka sabni isaa mataa isaaniitiin sagalee Waaqayyoo bira ga’anii qorataniif fedhii guddaa qaba ture, kunis utuu hin turiin fiixaan ba’e. Lefevri kakuu haaraa afaan isaatti hiike; yeroo Macaafni Qulqulluun inni kan Luuter afaan Jarmaniitiin maxxanfamee mana maxxansaa Witenbergi keessaa ba’e, Mee’uksiitti immoo kakuun haaraan afaan Faransaayiin maxxanfamee ba’e. Lubichi humna yookiin horii utuu hin qusatiin buufata (kutaa) isaa isa jala jiranitti akka tamsa’u waan godheef, qotee bultoonni Mee’uksi keessa jiran utuu hin turiin Macaafa Qulqulluu qabaachuu danda’aniiru. WG 180.5

Akkuma kara adeemtonni dheebuu bishaaniitiin rakkatan burqa bishaanii arguutti gammadan, lubbuun kun ergaa samiidhaa dhufe gammachuun fudhatan. Qotee bultoonni maasii keessaa, ogeeyyiin mana hojii isaanii keessaa hojjetan, yeroo hojii isaaniitti waa’ee dhugaa Macaafa Qulqulluu isa gati jabeessa walitti dubbachaa gammachuudhaan hojii isaanii hojjetu turan. Yeroo galgalaa’u qooda mana daadhiitti bashannanuu sagalee Waaqayyoo dubbifachuuf isaan keessaa mana nama tokkootti walitti qabamanii kadhataa fi galataan dabarsu turan. Utuu hin turin hawaasa sana keessatti jijjiirama guddaatu mul’ate. Gita warra gadii, warra hin baratinii fi qotee bulaa dafqanii jiraatan keessaa yoo ta’an illee humni ayyaana Waaqayyoo inni haaressuu fi inni ol isaan qabu jireenya isaanii keessatti mul’atee ture. Kan gad of deebisan, kan jaallatanii fi kan qulqullaa’an ta’anii dhaabbachuudhaan Warra dhugaatti isa fudhataniif wangeelli maal akka godhu dhugaa ba’an. WG 181.1

Ifni inni Mee’uksitti qabsiifame ifa isaa fagootti tamsaase. Guyyaa gara guyyaatti lakkoobsi warra qalbiii jijjiirratanii dabalaa adeeme. Aariin warra caasaa olaanaa irra jiranii yeroof mooticha isa ilaalcha dhiphummaa moloksootaa tuffateen daangeffame, garuu xumuratti, geggeessitoonni phaaphaasii caalanii argaman. Amma wanta rakkisaatu argame. Lubni Mee’uksi inni ibiddaa fi amantii isaa ganuu keessaa tokko akka filatuuf dirqisiifame, karaa isa salphaa fo’ate; geggeessaan isaanii yoo kufe illee hoolonni jabinaan dhaabbatanii hafan. Baay’een isaanii boba’aa ibiddaa keessatti dhugaaf dhugaa ba’an. Kiristiyaanonni warri gad of deebisan kun, jabinaa fi amanamummaadhaan ibidda keessatti gubachuudhaan namoota kumaatama warra yeroo nagaatti dhuga ba’umsa isaanii hin dhaga’in turanitti dubbatan. WG 181.2

Dhiphinaa fi ga’isuu keessatti Kiristosiif dhugaa ba’uuf kan ija jabaatan warra gad deebi’oo fi warra hiyyeeyyii qofa hin turre. Gimbii galma gooftolii fi mana moototaa keessa dhugaan qabeenya yookiin sadarkaa yookiin lubbuu caalaa gati jabeessa ta’uu isaa kan dubbatan lubbuun mootummoolee turaniiru. Isa uffannaa fi gonfoon phaaphaasii godhe caalaa meeshaan lolaa mootichaa hafuura jabaa fi oliiqaa sana dhoksuu danda’eera. Luwiis De Berkuwiin namni jedhamu sanyii moototaa keessaa dhalate. Jagnummaa fi gara laafina kan qabu ajajaan waraanaa kun; barumsa kan jaallatu, nama miidhagaa fi amalli isaa mudaa kan hin qabne ture. Akka barreessaan tokko waa’ee isaa dubbatetti, “inni sirna phaaphaasii jabinaan kan hordofuu fi sirna irbaata qulqulluu fi lallaba kan dhageefatu ture; gaarummaan kan biraan inni gonfate immoo jibba addaa warra Luuteraaniif qabaachuudhaan ture.” Garuu, akkuma baay’oota warra kaanii gara macaafa Qulqulluutti geggeeffame, isa keessatti barsiisa Roomaa utuu hin taane, barsiisa Luuteriin” argachuu isaa dinqifatee ture. —Wylie, b. 13, ch. 9. Sana booda hojii wangeelaaf guutummaatti mataa isaa kennuuf murteesse. WG 181.3

“Gurguddoota Faransaayi keessaa baay’ee kan barate qaroo sammuu fi dandeettii dubbannaa kan qabu, jagnummaan isaa inni hin mo’amnee fi hinnaaffaan jalala biyyaa inni qabu, akkasumas mootii biratti sababa jaallatamuuf dhiibbaan inni mana murtii irratti geggeessu hundumtuu namoota baay’ee biratti akka inni biyya sana keessatti geggeessaa haara’umsaa ta’ee filametti akka isa lakkaa’an taasise. Beezaan akkas jedhe: “Utuu kan Firansis 1 ffaa keessatti filachiisaa lammaffaa ta’ee argameera ta’e Berkuwiin Luuter lammaaffaa ta’uu in danda’a ture.” Warri Phaaphaasii immoo “inni Luuter caalaatti gadheedha” jedhanii iyyan. —Ibid., b. 13, ch. 9. Innis warra Roomaa biyya Faransaayi keessa jiraniin guddaa doorsifame. Isaan akka gantuutti mana hidhaa keessatti isa darbatanii turan, inni garuu mootiidhaan biliisa ba’e. Waggoota dheeraaf wallaansoon itti fufe. Warra Roomaa fi haara’umsa gidduutti Fransis murtoo dhabee yoo raafame illee, hinaaffaa moloksootaa obsaan daangessuu danda’eera. Berkuwiin aanga’oota Phaaphaasiitiin si’a sadii hidhame. Mootii isa dandeettii fi amala isaa isa kabajamaatiin dinqifatamuu fi haxxummaa warra aanga’ootaatiin aarsaa ta’uu isaa kan hin heyyamne sana qofaadhaan walaba ba’e. WG 182.1

Berkuwiin balaa Faransaay keessatti isa mudatu ilaalchisee irra deddeebi’amee akeekkachiifamee ture, akkasumas faana warra fedhii isaaniitiin biyyaa ba’anii iddoo nagaatti baqatanii akka hordofuuf gorfamee ture. Jireenyii fi kabaji dhugaaf kan bitaman ta’uu isaa kan mirkaneefate, ulfina barnooti isaa isa argachiisuu male kan dhabe, Errasmas inni sodaataa fi inni yeroo eeggataa jiru akkas jedhee Berkuwiinitti barreessee ture: Biyya ormaatti qondaalaa biyyaa (ambaasaadara) taatee akka ergamtuuf gaaffii dhi’eefadhu; gara biyya Jarman adeemi. Ati Bedaa fi warra isa fakkaatan beekta; inni kallattii hundumaan summii kan facaasu bulguu mataa kumatti lakkaa’amu qabuudha. Diinonni kee legi’oon (danuu) jedhamanii waamamu. Utuu kaayyoon kee kan Yesus Kiristos irra in caala ta’ee illee hamma miidhaa gadheetiin si balleessanitti gadi si hin dhiisan. Eegumsa mootiitti baay’ee of hin amanin. Waan ta’u hundumaatti dandeetti qo’annoo amantii wajjin walitti nan fidin (hin araarsin).” —Ibid., b. 13, ch. 9. WG 182.2

Haa ta’u malee balaan itti caalaa yeroo adeeme hinaaffaan Berkuwiin itti dabalaa adeeme. Gorsa Errasmas isa siyaasaa fi of oolchuudhaan guute irraa fagaachuudhaan tarkaanfii jabaa fudhachuuf murteesse. Inni dhugaaf falmuu qofa utuu hin taane dogoggora haleeluufis jabaatee dhaabbate. Himata gantummaa warri Roomaa ittiin yakkamaa isa gochuuf yaalan gara mataa isaaniitti deebisaa ture. Mormitoonni isaa warri jaboo fi hadhaa’oon warra yunivarsitii Paaris isa guutummaa magaalaa fi biyyichaa keessatti aangoo waldaa olaanaa qabu keessaatti damee qo’annoo amantii (theological department) baratanii ba’an dokteerotaa fi moloksoota turan. Berkuwiin barreeffama dokteerota kanaa keessaa yaada qabxii kudha lama qabu baafate, yaadni kunis “macaafa Qulqulluu kan mormuu fi gantumaadha” jedhee mul’inatti ittiin dubbate; falmii kana keessatti akka murtii kennuuf gara mootiitti ol iyyannoo dhi’eeffate. WG 182.3

Mootichi, jabinaa fi humna morkattoota wal falmanii wal bira fidee ilaaluuf fedha utuu hin dhabin, oftuulummaa moloksootaa gadi qabuufis carraa argatetti gammadee, warri Roomaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’uudhaan kaayyoo isaanii akka ibsan gaafate. Meeshaan kun isaaniif bu’aa xiqqoo akka qabu baraniiru; meeshaan isaan itti fayyadama isaa beekan hidhaa, gidirsuu fi ajjeesuu ture. Amma haalli in garagale, boolla isa Berkuwiiniin keessatti kuffisuuf abdatan keessatti ofii isaaniitii kufuuf akka jiran argan. Haala dinqisiisaatiin karaa ittiin kana jalaa baqatan barbaaddatan. WG 182.4

“Battaluma sanatti fakkiin Maariyaam durbaa inni cinaa daandii keessa jiru kukkutamee argame.” Kana irraa kan ka’e magaalaa keessa naasuu guddaatu ture. Sabni baay’eenis miira gaddaa fi aariitiin bakka sanatti yaa’an. Mootichis onneen isaa baay’ee tuqame. Warri molokseen kana gara waan gaariitti naanneessanii akka carraatti dhimma itti ba’uudhaan dafanii fooyyeffatan. “kun firii barsiisa Berkuwiini” jedhanii iyyan. Hammina korachuu warra protestaantiitiin amantiin, seerri, teessoon mootii mataan isaa hundumtuu baduuf jedha.” —Ibid., b. 13, ch. 9. WG 183.1

Berkuwiin ammas in qabame. Mootichi Paarisiin gadi dhiisee waan adeemeef warri moloksee waan barbaadan hojjechuuf biliisummaa argatan. Geggeessaan haara’umsaa kun mana murtiitti qoratamee murtiin du’aa itti murtaa’e, akka Fransiis gidduu seenee isa hin oolchineef jecha guyyuma murtiin kenname sana oolee utuu hin bulin murtichi hojii irra oole. Waareetti Berkuwiin gara iddoo itti ajjeefamuutti geeffame. Waan ta’u ilaaluuf saba danuutu achitti walitti qabame, duuti kan itti murtaa’e kun sanyii moototaa biyya Faransaayi keessaa nama filatamaa fi goota ta’uu isaa shakkanii baay’een dinqifannaadhaan ilaalaa turan. Dinqifannaan, aariin, qoosaa fi jibbi hadhaa’aan fuula saba walitti dacha’ee sana dukkaneessee ture; garuu fuula nama tokko irraa illee fuula gurraachessuun (nyaara guuruun) hin turre. Yaadni kitimamaa (wareegamaa) kanaas jeequmsa irraa kan fagaate ture; inni kan inni beeku Gooftaan isa bira jiraachuu isaa qofaadha. WG 183.2

Gaariin (Konkolaataan fardaa) tortoraan kan warra hidhamtootaa irra taa’uun isaa, fuula ari’attoota isaa isa gurraacha, du’a jibbisiisaan inni itti adeemaa jiru hunda dhimma hin qabaanne ture; inni jiraataan takka du'ee ture, inni baraa hamma bara baraatti jiraatu; inni du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qabu isa cina jira. Fuulli Berkuwiin ifaa fi nagaa samiitiin in ifa ture. Inni uffata miidhagaa, kootii kafayii, waan callaqisaa fi kaalsii bifa warqee qabu uffatee ture.” —D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 2, ch. 16. Inni fuula mootii moototaa fi yunivarsii isa ilaalu fuula duratti amantii isaaf dhugaa ba’uuf jedha, gammachuu isaa soba kan taasisu mallattoon boo’ichaa isa irra hin turre. WG 183.3

Namoota hedduu daandii irratti walitti qabaman gidduu hiriirri sun suuta jedhee yeroo socho’u nageenya isaa isa hin dukkanoofnee fi gammachuu mo’ichaa fuula isaa irratti namoonni argan dinqifannaadhaan guutaman. “Inni akka nama mana qulqulummaa keessa taa’ee waan qulqulla’aa irratti yaaduudhaan liqimfame fakkaata” ittiin jedhan. —Wylie, b. 13, ch. 9. WG 183.4

Ajjeefamuutti yeroo dhi’aates Berkuwiin waan muuraasa sabatti dubbachuuf dhama’e; firii dubbannaa isaatii kan sodaatan moloksoonni iyyuu yeroo isaan jalqaban, loltoonni sagalee dhukaasaa dhageessisan; iyyi isaaniis sagaleen kitimamaa Sanaa akka hin dhaga’amne taasise. Akkasitti bara 1529 keessa barreessaan guddaa fi beekaan aangoo mana sagadaa Paaris “saba bara 1798 sagalee nama utuu du’aa jiruu ukkaamsameef fakkeenya bu’uuraa argisiise.” —Ibid., b. 13, ch. 9. WG 183.5

Berkuwiin kan inni ajjeefame hudhamuudhaan yeroo ta’u, dhagni isaa ibiddaan akka gubatu taasifame. Oduun du’a isaatii michoota haara’umsaa biyya Faransaayi hunda biratti gadda guddaa uume. Fakkeenyummaan isaa garuu hin badne ture. Dhuga baatota dhugaa kan ta’anis “ija keenya jireenya isa dhufu irra ka’aachuudhaan nuyis du’a gammachuudhaan simachuuf qophoofneerra” jedhanii dubbatan. —D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 2, ch. 16. WG 183.6

Mee’uksi keessa ari’annaan yeroo ture barsiisonni amantii haara’umsaa heyyamni isaan ittiin lallaban isaan harkaa fuudhamee waan tureef gara dirree biraa adeemanii turan. Leefevri immoo yeroo muraasa booda karaa isaa gara Jarmanitti qajeelfate. Faarel immoo gara magaalaa dhaloota isaatii ishee gara Baha Faransaayitti argamtutti ifa tamsaasuuf deebi’e. Wanti Mee’uksi keessa adeemsifamaa ture dursee odeeffamee waan tureef dhugaan inni hinaaffaadhaan barsiise dhageeffattootaa argate. Utuu hin turiin warri aanga’oonni isa callisiisuuf yaalan, magaalattii keessaas ari’amee baafame. Mul’inatti hojjechuu yoo hin dandeenye ta’e illee, gandeenii fi mandaroota gidduu qaxxaamuree mana jireenyaa namoota dhuunfaa fi bakka dheedicha horii qoba galeessa ta’etti barsiisaa, bosonaa fi holqa dhagaa yeroo mucummaa isaa keessa taphataa ture keessatti da’oo argate. Waaqayyos qorumsa guddaaf isa qopheessaa ture. “Fannoon, ari’annaa fi haxxummaan seexanaa inni ani dursee akeekkachiifame hin dhibamne, kan ani baachuu danda’u caalaatti iyyuu guddaa hamaa ture; garuu Waaqayyo abbaa kooti; jabina ani isa gaafadhu naaf kenneera, yeroo hundas naaf kenna.” —D’Aubigne, History of the Reformation of the Sixteenth Century, b. 12, ch. 9. WG 184.1

Akkuma bara ergamootaa ari’annaan “irra ga'e kun wangeela bal'isuuf ba'eessa godhee hojjete.” Fili.1:12. Paarisii fi Mee’uksi keessaa ari’amanii “warri bittimmaa'an biyya keessa naanna'anii, dubbicha in lallaban.” H/Erg.8:4. Akkasitti gara godinaalee fagoo biyya Faransaayi baay’ee isaaniitti ifni karaa argatee tamsa’e. WG 184.2

Waaqayyo hojii isaa babal’isuuf amma illee hojjettoota isaa qopheeffachaa ture. Mana barumsaa Paaris keessa jiru keessa dargaggeessi qalbi qabeessi, tasgabbaa’aa, sammuu jabaa fi gadi fageessee yaadu qabaachuu isaa mirkaneesse, fedhii beekumsa sammuu fi of kennuu amantii malee mudaa ittiin komatamuu kan hin qabne tokkotu ture. Dandeettii fi akkataan hojii irra oolchuu isaatii utuu hin turin kolleejjii sana kan boonsu ta’e. Dargaggeessi Joon Kalviin jedhamu kun nama kabajamaa fi dandeetii qabu ta’ee waldaaf warra falman keessaa isa tokko akka ta’uuf amantaan irratti gatamee ture. Haa ta’u malee carallaan ifa waaqaa, keenyaan (gimbii) mana barumsaa fi tolchatti amanuu isa Kalviin keessatti hidhamee ture sana uree keessa seene. Barsiisa haaraa yeroo dhaga’e in roqome, gantoonni ibidda isaaniif qophaa’e keessa buufamuun akka isaaniif malu shakkii tokko illee hin qabu ture. Haa ta’u malee, barsiisa gantummaa wajjin akka tasaa fuulaa fi fuulatti wal quunname, barsiisa protestaantii loluuf humna qo’annoo amantii Roomaa qorachuuf dirqame. WG 184.3

Durbiin Kalviin tokko Paarisi keessatti amantii haara’umsaa fudhatee ture. Firoonni kun lamaan yeroo yerootti wal arganii dhimma kiristiyaanummaa jeequ kana irratti mari’atu turan. Olivetaan namni protestaantii sun “addunyaa irra amantii lamatu jira” jedhe. “Gareen amantii inni tokko isa namoonni uumaniidha, innis isa namni sirna ayyaanaa eeguu fi hojii gaarii hojjechuudhaan mataa isaa keessatti fayyisu yeroo ta’u; inni kaan immoo amantii tokkicha Macaafa Qulqulluu keessatti mul’atee fi namni fayyuuf ayyaana Waaqayyoo isa tola kennamu qofa akka ilaaluu kan barsiisuudha.” WG 184.4

“Ani barsiisa kee isa haaraa keessaa homaa tokko hin qabu” jedhe Kalviin; “umurii koo guutuu dogoggora keessa akkan ture yaaddaa?” —Wylie, b. 13, ch. 7. WG 184.5

Garuu yaadni inni samuu isaa keessaa balleessuu dadhabe tokko isa keessaa ka’ee ture. Bakka bultii isaa yeroo qofaa isaa jiru jechoota durbii isaa sana gadi faggeessee itti yaade. Cubbuutti qabamee akka jiru hubate; fuula isa qulqulluu fi isa firdii qajeelaa faradu dura araarsaa malee jiraachuu isaa of arge. Araarsuun qulqulootaa, hojiin gaariin, sirni ayyaanota waldaa hundumtuu, cubbuu dhiisuuf humna hin qaban. Ofii isaa duratti kan inni arguu danda’u waan biraa utuu hin taane, dukkana gadda barabaraa sana qofa. Beektonni waldaa boo’icha isaa irraa tasgabbeessuuf akkasumaan dhama’an; isaan lubbuu, Waaqayyootti araarsuu hin dandeenye. WG 184.6

Kalviin wallaansoo bu’aa hin qabne kana keessa utuu jiruu, guyyaa tokko carraa argatee bakka hawaasi itti baay’aatee jiru daawwate, achittis gantuun tokko utuu gubamuu arge. Nagaa fuula kitimamaa (wareegamaa) kana irraa mul’atu yeroo arge in ajaa’ibsiifate. Du’a dhiphinaa isa jibbisiisaa fi murtii waldaa isa cimaa jalatti, amantii fi jabina dargaggeessi barataan tokko utuu waldaaf abboomamuu gaddaa fi dukkana inni keessa galee wajjin wal bira qabee ilaale. Warri gantoonni amantii isaanii Macaafa Qulqulluu irra akka ka’atan ni beeka ture. Inni madda gammachuu isaanii erga ta’ee, innis isa qorachuu fi gammachuu argachuuf murteesse. WG 185.1

Inni Macaafa Qulqulluu keessatti Kiristosiin argate. Innis akkas jedhee boo’e, “Yaa abbaa, aarsaan isaa dheekkamsa kee qabbaneesseera; dhiigni isaa xurii koo dhiqeera; fannoon isaa abaarsa koo baateera; duuti isaa anaaf araarseera. Nuyi mataa keenyaan gowwummaa bu’aa hin qabne baay’ee uummanne, garuu ati akka ani araara Yesus irraa kan hafe araarsuu kan biraa hunda akka xuraa’ummaatti lakkaa’uuf sagalee kee akka gucaatti (xombooraatti) ana dura keessee onnee koo tuqxe.” —Martyn, vol. 3, ch. 13. WG 185.2

Kalviin lubummaadhaaf baratee ture. Yeroo umuriin isaa waggaa kudha lama ta’e, waldaa xiqqoo tokko keessatti lallabuuf filatame, mataan isaas akka seera waldaatti phaaphaasiidhaan murame. Inni lubummaatti hin eebbifamne, ulaagaa lubummaaf ta’uus hin guutne, garuu aankii wajjira isaa qabatee durgoo isaaf malu fudhachuudhaan miseensa lubootaa ta’e. WG 185.3

Amma luba ta’uu akka hin dandeenye isatti dhaga’amee gara seera barrachuutti deebi’e, xumuratti garuu kaayyoo kana gadi dhiisee jireenya isaa wangeelaaf kennuuf murteesse. Garuu lallabaa ta’ee gara ummataatti ba’uuf shakkee ture. Uumamumaan sodaataa waan tureef ittigaafatamummaan ulfaataan gita Sanaa itti dhaga’amee ammas qorannaaf of kennuu hawwe. Haa ta’u malee kadhaan michoota isaatii xumuratti yaada isaa mo’ate. “Namni achii as dhufi isaa sanyii gadii keessaa ta’e ulfina guddaa akkasiitti ol kaafamuun isaa dinqiidha” jedhee dubbate. —Wylie, b. 13, ch. 9. WG 185.4

Kalviin utuu sagalee isaa hin dhageessisiin hojii isaa eegale, sagaleen isaas akka fixeensa isa gadi bu’ee lafa haaressuuti. Inni Paarisiin dhiisee amma magaalaa godinaa eegumsa intala mootii Margaareti jedhamtu, ishee wangeela jaallattuu, ishee eegumsa ishee bartootaaf diriirsite jala ture. Kalviin amma illee dargaggeessa tasgabbaa’aa, dhaabbannaan isaa itti fakkeessuu hin qabne ture. Hojii isaa kan inni jalqabe namootaa wajjin mana isaanii keessatti ture. Miseensota manichaa isatti naanna’anii Macaafa Qulqulluu isaaniif dubbisee dhugaa fayyinaaf barbaachisu isaaniif ibsa ture. Warri ergaa isaa dhaga’an oduu gammachiisaa gara biyya biraatti geessan, barsiisichi utuu hin turin magaalicha irra darbee magaalota itti aananii fi mandarootatti darbe. Gimbii gurguddaa fi godoo gadi aanaa keessa seenuuf balbala argate, akkasumas, hundee waldoota dhugaaf soda malee dhugaa ba’an dhaabuuf fuula duratti adeeme. WG 185.5

Ji’oota muraasa booda gara Paarisitti deebi’e. Achitti naannoo namoota baratanii fi hayyoota gidduu tuttuqaan hin barbaachifne tureera. Qo’annoon afaan durii namoota gara Macaafa Qulqulluutti geggeessee ture, warri onneen isaanii dhugaa isa keessa jiruun hin tuqamin baay’een hamma warra Roomaatiin wallaansoo qabanitti hawwiidhaan isa irratti mari’atu turan. Kalviin dirree qo’annoo amantii irratti falmii geggeessuuf dandeettii kan qabu yoo ta’e illee, barattoota kanaa wajjin wacuu irra kan caalu ergama guddaa raawwatu qaba ture. Sammuun namootaa dammaqee ture, yeroon dhugaan itti isaaniif banamu amma. Galmi Yunivarsiitii waca falmii qo’annoo amantiitiin yeroo guutame, Kalviin manaa gara manaatti adeemee Macaafa Qulqulluu isaaniif banuudhaan waa’ee Kiristos isa fannifamee fi isa du’aa ka’ee isaanitti himaa ture. WG 185.6

Gaarummaa Waaqayyootiin Paaris wangeela akka fudhattuuf waamichi kan biraan ergameefi ture. Waamichi karaa Lefevrii fi Farel godhame fudhatama dhabee ture, garuu ammas ergichi magaalaa guddoo sana keessatti gita nama hundumaa biratti dhaga’amuu qaba. Mootichi ilaalcha siyaasaatiin dhiibamee haara’umsa mormuudhaan guutummaatti Roomaa hin deggerre ture. Margaaret amma illee protestaantummaan Paaris keessatti ni injifata abdii jedhutti qabamtee jirti. Isheen amantiin haara’umsaa Paaris keessatti lallabamuu akka qabu murtoo goote. Yeroo mootichi hin jirretti tajaajilaan Protestaantii tokko waldaa magaalaa keessaatti akka lallabuuf abboomte. Kun gurguddoota Phaaphaasiitiin waan dhorkameef intalli mootii kun hojii kanaaf mana mootummaa bante. Achi keessatti kutaan tokko mana waaqefannaatiif akka oolu godhame, guyyaa guyyaattis sa’aatii murtaa’eef lallabni akka ta’uu fi namoonni sadarkaa kami fi hojii kam irra jiran hirmaachuuf akka affeeramniif beeksisi ba’e. WG 186.1

Namoonni sonaan baay’eenis gara tajaajila kanaatti yaa’e. Kutaa sagadaa sana qofa utuu hin taane manni keessummaa fi galmi, namootaan guute. Gurguddoonni, aanga’oonni mootummaa, abbootiin seeraa, daldaltonnii fi warri ogummaa harkaa qaban kumaatamatti kan lakkaa’aman guyyaa guyyaatti walitti qabamaa turan. Qooda walitti qabama kana dhorkuu, mootichi waldaan Paaris keessa jiru lama banamuu akka qabu abboome. Magaalaan kun takkaa Kanaan dura akka kanatti sagalee Waaqayyootiin sochootee hin beektu. Hafuurri jireenyaa samii irraa namoota irratti waan hafuura baafate fakkaate. Of qabuun, qullaa’ummaan, tasgabbiin fi dhimmanii hojjechuun bakka machii, ejjummaa (seepharuu), wal loluu fi dhibaa’ummaa fudhate. WG 186.2

Garuu warri sadarkaa olii irra jiran hin dhiboofne. Mootichi amma illee gidduu seenee lallabamuu wangeelaa waan hin daangessineef, isaan gara sabaatti deebi’anii tuttuquu jalqaban. Sodaa, jibba sababa hin qabnee fi mankaraarsummaa saba doofaa fi waaqefannaa tolchaatti qabamee jiruu kakaasuuf tooftaan dhimma itti hin ba’amin hin turre. Paaris jaamummaa barsiisota sobaa isheetti of kennuudhaan akkuma Yerusaalem ishee durii bara Waaqayyo itti ishee fayyisuu dhufee fi nagaadhaaf kan isheedhaaf ta'u hin beekne. Waggoota lamaaf sagaleen Waaqayyoo magaalaa ishee keessatti lallabamee ture; garuu wangeela kan fudhatan baay’ee yeroo ta’an, harki caalaan saba Sanaa mormanii turan. Fraansis kaayyoo mataa isaatii galmaan ga’achuuf jecha obsaan danda’uu argisiisee ture, phaaphaasonnis olaantummaa isaanii deebisanii argachuuf milka’anii turan. Waldoonnis in cufaman, bakki ajjeechaan hamaan itti raawwatamus deebifamee hundeeffame. WG 186.3

Kalviin amma illee Paaris keessa jiraachuudhaan qorannaadhaan, gadi fageenyaan sagalee Waaqayyootti yaaduu fi kadhannaadhaan hojii fuula isaa duraaf of qopheessaa ture, ifa wangeelaa tamsaasuus itti fufee ture. Haa ta’u malee gara xumuraatti shakkiin itti hammaatee ture. Aanga’oonni ibiddaan isa gubuuf murteessan. Yeroo michoonni isaa gara kutaa isaa ariitiidhaan dhufanii qondaaltonni isa qabuuf karaa irra akka jiran isatti himan, inni bakka qofaa jiraatu sanatti balaatu dhufa jedhee waa’ee mataa isaatii hin yaadne ture. Battaluma sana balballi kellaa humnaan rukutame. Yeroo warri kaan akka haaressaan kun karaa foddaa utaalu isa gargaaranii akka inni battalatti gara qarqara magaalaatti sokku godhan, michoonni isaa muraasi immoo qondaaltota sana kellaa irra tursan. Achitti michuu haareffamaa kan ta’e godoo hojjetaa tokkoo keessatti da’oo argate, uffata namicha isa keessumeessee uffatee eenyummaa isaa dhoksuudhaan gasoo ittiin lafa soqan gatiittii isaa irra ka’aatee adeemsa jalqabe. Adeemsa isaa gara kibbaatti qajeelfachuudhaan ammas bulchiinsa Margaaret jalatti da’oo argate. (See D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 2, ch. 30.) WG 186.4

Ji’oota muraasaaf as ture, eegumsa michoota isaatii warra jajjaboo jalatti nagaadhaan jiraachuudhaan akkuma duraa qorannaa itti fufe. Haa ta’uu malee Faransaayiin wangeelaan misoomsuu irra garaa isaa waan ka’aateef, hojii malee yeroo dheeraa turuu hin dandeenye. Akkuma bubbeen hamma tokko hir’iseen Potiyeer bakka yunivarsitiin turee fi bakka yaadni haaraan duraan jallatamee turetti dirree hojii haaraa barbaade. Namoonni gita hundumaa irra jiran gammachuudhaan wangeela dhageeffatan. Bakkeetti mul’isanii lallabuun hin turre, garuu mana abbaa seeraa keessatti, iddoo bultii isaatti, yeroo tokko tokko immoo bakka bashannanaatti Kaviin warra isa dhageeffachuu fedhaniif sagalee jireenya barabaraa hira ture. Yeroo booda erga lakkoobsi dhageefattootaa baay’atee, magaalaa keessaa bakkeetti ba’anii walitti qabamuun nageenya isaaf gaarii akka ta’etti yaadame. Dachaa qarqara galaanaa gadi fagoo fi bal’aa ta’e, bakka mukeetii fi kattaawwan diriiroo qofaatti dhokachuun danda’amutti bakka walitti qabamaa akka ta’uuf filatame. Gurmuun muraasi magaalicha keessaa kallattii garagaraatiin bakka sanatti argaman. Iddoo qofa — galeessa kanatti Macaafni Qulqulluun sagalee guddaan dubbifamee in ibsama ture. Achitti irbaatni qulqulluun protestaantota Faransaayiin yeroo jalqabaaf ayyaaneffame. Waldaa xiqqoo kana keessaa hojjettoonni wangeelaa amanamoon baay’een in ergaman. WG 187.1

Kalviin ammas gara Paarisitti deebi’e. Amma illee Faransaayi akka biyyaatti haareffama fudhachuu ishee abdii hin kutanne. Haa ta’u malee, bakki inni itti hojjechuuf yaade hundumtuu balballi cufamee arge. Wangeela barsiisuun kallattiidhaan karaa gara ibiddaan gubachuutti geessu waan ta’eef, xumuratti Jarman dhaquuf murteesse. Yeroo protestaantota irratti bubbeen dho’e, inni Faransaayiin gadi lakkiseera, utuu achitti hafeera ta’e badiisa waliigalaa sana keessatti in hirmaata ture. WG 187.2

Haaressitoonni Faransaayi warri biyyi isaanii akkuma Jarmanii fi Siwiizerlaandi tarkaanfii wal qixaa akka fudhattu barbaadan guutummaa biyyaa kakaasanii amantii tolchaa isa kan Roomaa ija jabinaan rukutuuf murteeffatan. Haaluma kanaan, beeksisi sirna waaqessuu (qiddaasee) mormu halkan tokkotti Faransaayi guutummaa keessatti maxxanfame. Hinaaffaan dogoggoraan godhame kun qooda haareffama babal’isuu, warra haareffama babal’isan irratti qofa utuu hin taane, michoota haarefamaa guutummaa biyya Faransaayi keessa jiran irratti badiisa caalu fide. Gantoonni kun tasgabbii teessoo mootummaa fi nageenya biyyaaf sodaachisoodha sababa jedhuun akka isaan badaniif karaa ta’uudhaan warra Roomaatiif waan isaan baroota keessatti hawwaa turaniif karaan baname. WG 187.3

Michuu of hin eegganneen yookiin diina abshaalaan godhamuun isaa kan hin beekamne gabateen beeksisi irratti maxxanfamu tokko harka dhokataatiin balbala mana ciisichaa dhuunfaa mootichaatti maxxanfamee ture. Mootichis kana argee naasuudhaan guutame. Waraqaa sanatti tolchi bara dheeraaf itti waaqeffamaa ture harka oo’aa hin qabneen balaaleffatame. Barreefamni sodaachisaan ija jabina fakkeenya hin qabneen mana mootummaatti akka maxxanfamu gochuun dheekkamsa mootichaa kakaase. Guddaa dnqifachuudhaan utuu roqomuu yeroo xiqqoof utuu hin dubbatin dhaabbate. Kana booda aariidhaan guutamee akkas jedhe: “Luuterummaatti (hordoftoota Luuter) kan shakkaman hundumtuu abalu jedhamee utuu adda hin basin haa qabaman. Ani hunda isaanii nan balleessa.” —Ibid., b. 4, ch. 10. Du’aatu tarree gale. Mootichis Roomaa cina dhaabbachuuf murteeffate. WG 187.4

Luuteraaniin (Hordoftoota Luuter) Paaris keessatti argaman si’a tokkoon akka qabamaniif tarkaanfiin fudhatame. Amantii haareffamaa kan deggeru hiyyeessi ogummaa harkaa qabu tokko, waaqefannaadhaaf amantoota iddoo dhokataatti waamuu kan amaleefate qabamee du’aan doorsifamuudhaan mana protestaantotaa magaalaa sana keessa jiran hundatti ergamaa phaaphaasii akka geessuuf abboomame. Yaada xura’aa kana yeroo dhaga’e naasuudhaan walitti gale. Xumuratti garuu sodaan ibiddaa itti jabaatee gantuu obbolota isaatii ta’uuf itti walii gale. Mooriin inni basaastuu mootichaa ta’e nama isa geggeessu faana bu’ee luboota toora galan, ixaana aarsituu, moloksootaa fi loltootaan marfamee, gantuu wajjin suuta jedhee callisaan daandii magaalatti keessa darbe. Hiriirichi “kabaja irbaata qulqulluu” isa mormitoonni sirna waaqefannaa arrabsaniif araarsuudhaaf kan ba’ame fakkaata. Garuu hiriira kana jala kaayyoo hadha’aatu dhokfamee jira. Fuullee mana Luuteraanii tokkoo ga’anii gantuun kun utuu sagaleedhaan hin dubbatin milikkita itti argisiise. Hiriirri sun in dhaabbate, mana keessa seenanii maatii mana Sanaa gadi gototuudhaan fuuncaadhaan hidhan. Gurmuun sunis diina haaraa sakkata’uuf gara fuula duraatti adeeme. Isaanis mana hundumaa, xiqqaas guddaas, kolleejjii fi yuniversitii Paaris keessa jiran ilee bira hin darbine…. Moorin magaalatti guutummaa rommisiise…. Sodaanis in mo’ate.” —Ibid., b. 4, ch. 10. WG 188.1

Warri harka isaanii keessatti kufanis gara jabinaan dhiphifamuudhaan ajjeefaman, dhiphina isaanii dheeressuuf jechas humni ibiddichaa akka hir’atuuf abboommiin addaa in kenname. Isaan garuu akka warra mo’aniitti du’an. Qajeelummaan isaanii hin raafamne, nagaan isaanis hin boorofne. Ari’attoonni isaanii warri amantii isaanii irraa isaan mixxiqsuuf humna dhaban ofii isaaniitii akka mo’aman hubatan. “Paaris keessatti bakka namoonni itti wal ga’an hundumaatti waltajjiin irratti ajjeefaman qopheefamee ture, hojiin ibiddaan gubuus guyyoota itti aanan keessa ittuma fufe, kunis ajjeechaa babal’isuudhaan gantummaa sodaachisuuf godhame. Haa ta’u malee xumuratti bu’aan isaa kan wangeelaa ta’ee argame. Yaadni haaraan kun namoota attamii argamsiisuu akka danda’u guutummaan Paaris arguu danda’eera. Iddoon aarsaa tuullaa kitimamtootaa (wareegamtootaa) fakkaatu hin turre. Yeroo isaan iddoo itti ajjeefamanitti hiriiraan darban nagaan gammachiisaan fuula namoota kanaa ibsee ture…ibidda hollataa keessa yeroo isaan dhaabbatan gootummaan isaanii, warra isaan miidhaaniif gad of deebisanii dhiifama gochuun isaanii aarii gara gar-laafinaatti, jibba immoo gara jaalalaatti jijjiiree dandeettii dubbannaa ittiin mormuun hin danda’amneen qooda wangeelaa ta’ee dubbate.” —Wylie, b. 13, ch. 20. WG 188.2

Luboonni aarii isaanii isa beekamaatiin hammeessuu isaanii isa hamaa tamsaasuudhaan protestaantota irratti jabaatanii hojjechuu isaanii itti fufan. Kaatolikoota fixuuf, mootummaa garagalchuu fi mootii ajjeesuuf gamtachaa jiru jechuudhaan isaan himatan. Himata kana kan deggeru garuu gaadidduun ragaa tokko illee hin turre. Haa ta’u malee, raajiin hamminaa kun amala faallaa irraa yoo madde illee haala garagaraatiin raawwatamuun isaa hin oolu. Gara jabinni kaatolikoonni protestaantota qulqulluu irratti raawwatan kun mooticha, mootummaa isaa fi saba isaa irratti raajii isaan raajan raawwachiisuudhaan ijaa baasuu ulfaataa walitti kuufame fiduu danda’eera. Garuu Guyyaan ijaa baasuu kun gantootaa fi phaaphaasota mataa isaaniin dhufe. Waggoota dhibba sadii booda Faransaayi irratti dha’icha sodaachisaa kan fide hacuucamuu (cinqurfamuu) protestaantummaati malee hundeefamuu isaa miti. WG 188.3

Yeroo kana shakkiin, amanamummaa dhabuu fi gooliin hawaasa gita hundumaa weeraree ture. Naasuu walii galaa kana keessatti barsiisni Luuteraanii sammuu warra barumsa olaanaa, dhiibbaa gaarii geggeessuu fi amala kabajamaa qabaachuu barbaadanii keessatti hagam gadii fagaatee akka adeeme argamee ture. Wal amantaa fi wal kabajuun akka tasaa badee argame. Ogummaa harkaa kan qaban, barreessitoonni, barsiisonni yuniversiitii fi abbootiin seeraa illee utuu hin hafin in badan. Dhibbatti kan lakkaa’aman biyya isaanii Paarisiin dhiisanii baqatan. Adeemsi kun namoonni amantii haareffamaa deggeruu isaanii argisiisa. Yeroo ganuun amantii hin eegamne gidduu isaanitti obsaan bira darbame yaadamuu isaa phaaphaasonni dinqifannaadhaan ilaalaa turan. Dheekkamsi isaanii namoota danuu warra gad of deebisoo humna isaanii jalatti kufan irratti dhangala’e. Manni hidhaa in dhiphate, qilleensis aara ibiddaa lallabdoota wangeelaaf qabsiifameen waan dukkanaa’e fakkaate. WG 189.1

Fraansis 1ffaa n geggeessaa sochii guddaa kan daddamaqina barumsaa jalqaba jaarraa kudha ja’aaffaa ta’uu isaatiif ulfina argatee ture. Biyya hundumaa keessaa galma mootummaa isaatti namoota baratan walitti qabuutti gammadee ture. Yoo guutuummaatti ta’uu baate illee gar tokkeen haareffamaa fudhatama sababni inni argate barumsa jaallachuu fi doofummaa fi tolchatti amanuu moloksootaa tuffachuu isaa irraa kan ka’eedha. Deggeeraan barumsaa kun garuu gantummaa balleessuuf hinnaaffaadhaan kakaafamee guutummaa Faransaayi keessaa hojii maxxansaa balleessuuf labsii baase! Firaansis 1ffaa n aadaan ogummaa wal danda’uu dhiisuu dhimma amantii fi ari’annaaf ittisa ta’uu kan hin dandeenye ta’uu isaa galmee mul’isan keessaa fakkeenya tokko ta’ee dhi’aate. WG 189.2

Faransaayi ayyaana sabaa fi kabajamaatiin protestaantummaa balleessuuf guutummaatti mataa ishee kennite. Sirna waaqefannaa balaaleffachuudhaan arrabsoo Waaqa guddaa irra ga’eef araarri dhiigaan akka ta’uu fi mootichis saba bakka bu’ee gochaa jibbisiisaa kana irra, mul’inatti dhorkaa akka kaa’uuf luboonni gaafatan. WG 189.3

Amajji 21/1535 sirni jibbisiisaan sun akka raawwatamuuf beellamamee ture. Sodaan tolchatti amanuu irratti hundaa’ee fi jibbi dhiphummaa biyya hundumaa kakaafamee ture. Paaris daandiin ishee namoota danuu biyyoota ollaatii dhufaniin dhiphate. Guyyaan sun hiriira bal’aa fi ulfaataatiin geggeefame. “Manneetiin toora hiriiraa cina jiranitti huccuun gaddaa fannifamee ture, iddoon aarsaas darbee darbee dhaabbatee ture.” Balbala hundumaa duratti ulfina “sirna qulqulluuf” jecha xomboorri qabsiifamee ture. Hiriirri sun utuu lafti hin bari’iin galma mootummaatti argame. “Jalqaba alaabaa fi fannoo iddoo buufataa dhufe; itti aanee jiraattonni biyyaa toora lamaan xomboora qabatanii ba’an.” Gareen amantii afur hundumti isaanii uffata addaa kan mataa isaanii uffatanii itti aanuudhaan dhufan. Kana booda hambaaleen waaqa tolfamaa beekamoon garaagaraa in dhufan. Toora kanatti aananii luboonni gooftummaa qaban uffata bifa dhiilgee fi baayyée diimatu, akkasumas callee gati jabeessaan kan miidhage, kan callaqisee ija namaa harkisu uffatanii dhufan. WG 189.4

“Geggeessaan ayyaanichaa firoota dhiigaa ilmaan moototaa afuriin deggeramee gaaddisa miidhagaa jalatti karaa phaaphaasii Paaris raawwatame…. Erga sabni adeemee booda mootichi … Firaansis 1 ffaa n guyyaa sana gonfoo mataa isaa irra hin keenye, uffata mootummaas hin uffanne. Mootiin Faransaayi utuu “mataa hin haguuggatin, boquu buusee amala nama cubbuu isaa gaabbeen gara lafaa ilaalaa dungoo qabsiifamaa harkatti baatee mul’ate.” —Ibid., b. 13, ch. 21. Iddoo aarsaa hundumaatti gugguufee sagadaa ture. Kana kan inni godhes hammina lubbuu isaa xureesseef, dhiiga qulqulluu harka isaa xureesseef gaddee utuu hin taane, cubbuu warri mootummaa isaa jala jiran ajjeechaa tuutaa raawwachuudhaan hottetan balaaleffachuuf ija jabaataniif jedheeti. Isa faana immoo giiftii fi aanga’oonni mootummaa lama lamaan guca baatanii dhufan. WG 189.5

Akka kutaa sagantaa tajaajila guyyaa sanaatti, mootichi mataan isaa galma mootummaa phaaphaasotaa isa guddaa keessatti qondaaltota mootummichaa warra olaanaaf dubbii taasise. Fuula gaddaan guutameen isaan duratti dhi’aatee dandeettii dubbannaa onnee namaa tuquun “yakka raawwatameef, maqaa waaqaa arrabsameef, guyyaa gaddaa fi salphinaa” sabatti dhufeef boo’e. Badiisa Faransaayiif summii sodaachisaa kan ta’e gantummaa hundeedhaan buqqisuuf mootummaa isaa jala kan jiran hundumtuu gargaarsa akka godhaniif waamicha isaaniif dabarse. Innis akkas jedhe, “Ani mootii keessan isa dhugaadha, utuun harki koo tokko waan kosii kanaan qabame yookiin waan jibbisiisaa tortoraa kanaan faalamuu isaa beekee akka isin kuttanii gattaniif isinittan dabarsee kennan ture…. Akkasumas ijoollee koo keessaa tokko kanaan xuraa’uu isaa utuun argee isa hin hambisun ture…. Ani mataan koo dabarsee isa kenneen Waaqayyoof aarsaa godha.” Immimmaaniin hudhamaa dubbi isaa yeroo dubbate yaa’iin hundumtuu in boo’e, “nuyi amantii kaatolikiif jiraanna, in duunas!” jedhanii sagalee tokkoon dubbatan. —D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 4, ch. 12 WG 190.1

Biyya ifa dhugaa fudhachuu diddeetti dukkanni dhufaa jiru rakkisaa ture. Ayyaanni inni “fayyina fidu” isaanitti mul’atee ture. Haa ta’u malee, Faransaayi humnaa fi qulqullummaa isaa erga argitee booda, kumaatamni miidhagina waaqummaa isaatiin erga harkifamanii booda, magaalonnii fi mandaroonni ishee carallaa isaatiin erga ifanii booda, ifa caalaa dukkana filachuudhaan isa irraa garagalte. Yeroo kennaan samii isaaniif kenname isaan ofirraa dhiiban. Isaan of gowwomsuu fedha isaaniitiin uummatan keessatti hamma kufanitti isa hamaadhaan gaarii jedhan, isa gaariidhaan immoo hamaa jedhan. Saba isaa ari’achuu isaaniitiin hojii Waaqayyoo hojjechaa jirra jedhanii yoo amanan illee, qajeelummaadha jedhanii inni isaan amanan yakka irraa biliisa isaan hin goone. Ifa silaa gowwomsaa fi lubbuu isaanii dhiigaan faalamuu keessaa isaan oolchu, isaan fedha isaaniitiin fudhachuu didan. WG 190.2

Gantummaa hundeedhaan buqqissuuf mana sagadaa guddaa, isa jaarraa sadii booda waaqayyitiin humna sammuu /yaadaa/ (Goddess of Reason) jedhamtu biyya waaqa jiraataa dagataniin teessoo irra ka’amte keessatti kakuun galamee ture. Ammas hiriirri in geggeefame, bakka buutoonni Faransaayi hojii hojjechuuf kakatan jalqabuuf adeemsa itti fufan. “Walirraa fageenya gabaabaatiin waltajjiin kiristiyaanonni protestaantii muraasi utuu lubbuun jiranii irratti gubaman in ijaarame. Yeroo mootiin achitti dhi’aatu dungoon qabsiifamee hiriirri sun immoo dhaabbatee ajjeechaa raawwatamu sana akka ilaalutti qindeeffame.” —Wylie, b. 13, ch. 21. Dhiphina dhuga baatonni Kiristos keessa darban kana irra deebi’anii gad fageenyaan dubbachuun kan nama dhukkubsuudha. Garuu warra du’atti kennaman bira raafamuun hin turre. Akka gananiif yeroo dirqisiifaman isaan keessaa tokko akkas jedhee deebise: “Ani isa raajonnii fi ergamoonni duraan barsiisan, isa qulquloonni itti amananii turan qofaattan amana. Amantiin koo Waaqayyo isa humnoota Gahaannam hundaan mormu amanuudha.” —D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 4, ch. 12. WG 190.3

Hiriirichi iddoowwan nama itti dhiphisan sanatti ammas ammas in dhaabbate. Bakka hiriirri sun itti jalqabamee ture galma mootummaa cina ga’anii sabni sonaan baay’een in tamsa’an, mootii fi luboonni waan guyyaa sana ta’etti bohaaranii mataa isaanii galateeffachuudhaan hojiin amma jalqabame kun hamma gantoota raawwatanii balleessanitti akka itti fufuu qabu walii galanii achii adeeman. WG 191.1

Wangeelli nagaa inni Faransaayii jibbite baduun isaa mirkana’aa yoo ta’e illee, bu’aan isaa baay’ee hamaa ture. Faransaayii Haaresitoota irratti ari’annaa raawwattee waggoota dhibba lamaa fi shantamii saddeeti booda, Amajji 21/1793 hiriirri kaayyoo biraa qabu tokko daandii magaalaa Paarisiin kutee darbe. “Ammas mootichi geggeessaa hiriira kanaa ta’ee ture. Ammas wacii fi iyyi ta’ee ture. Ammas magaalichi iyya ajjeechaa dabalataa dhageesisee ture. Ammas waltajjii gurraachaa ajjeechaan irratti raawwatamutu ijaarame. Ammas guyyichi ajjechaa jibbisiisaatiin cufame. Luwiis 16 ffaa n hidhamtootaa fi warra ajjeechaa raawwatanii wajjin qabamee yoo wallaansoo godhe illee, gara fuula duraatti harkifamee waltajjii irratti darbatame, hamma qottoon isa irra ga’utti humna cimaatiin achittis gad qabame, mataan isaa inni irraa cites waltajjii irra konkolaate.”—Wylie, b. 13, ch. 21. Guyyaa sana kan ajjeefame mooticha qofa hin turre; guyyaa shororkaa sanatti naannoo mootichi ajjeefametti namoota kuma lamaa fi dhibba saddeettu qottoodhaan mormi irraa citee ajjeefamuudhaan dhuman. WG 191.2

Haara’umsi qajeelfama seera Waaqayyoo biyyaa lafaatiif ibsee waan inni gaafatus sammuu namootaa keessa kaa’uudhaan Macaafa Qulqulluu biyya lafaatiif dhi’eesse. Jaalaalli Waaqayyoo inni daangaa hin qabne samii irraa abboommii fi qajeelfama isaa namootatti mul’isee ture. Waaqayyo akkas jedhee ture, “Kun saba hundumaa duratti ogummaadhaa fi hubannaa keessan waan ta'uuf, isaan seerrata kana hundumaa yeroo dhaga'an, ‘Dhuguma sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha’ isiniin in jedhu; kanaaf isin kana duukaa bu'aa eegaa!” K/Deeb.4:6. Faransaayi kennaa Waaqayyoo fudhachuu yeroo didde sanyii seera maleessummaa fi badiisaa facaafte, hojiin kunis bu’aan isaa warraaqsaa fi shororkeessummaa keessatti mul’ate. WG 191.3

Gabatee beeksisatiin inni kakaafame ari’annaan utuu hin jalqabin yeroo dheeraan dura Faarel inni ija jabeessi fi qajeelaan sun biyya dhaloota isaatii akka baafamuuf dirqamee ture. Inni gara Siwiizerlaanditti deebi’uudhaan hojii Ziwingiliin deggeraa akka yaadni namootaa gara haara’umsaatti deebi’uuf dhama’eera. Waggoota isaa gara xumuraa asitti kan dabarse yoo ta’e illee hojii haareffamaa Faransaayi keessatti hojjetamuuf dhiibbaa murteessaa godhee ture. Waggoota ari’atama isaa gara jalqabaa keessaa kallattiin dhamaasuu isaatii wangeela biyya dhaloota isaatti bal’isuu irratti kan xiyyeefate ture. Namoota biyya isaatii warra daangaatti dhihoo jiran, bakka inni mormii jiru dadhabbii malee dammaqinaan hordofaa turee fi bakka sagalee isaatiin namoota gorsaa fi jajjabeessaa turetti lallabuuf yeroo dheeraa fudhate. Gargaarsa ari’atamtoota biraatiin barreeffamni Haaressitoota Jarman gara afaan Faransaayitti hiikamee Macaafa Qulqulluu afaan Faransaayiin barreeffamee wajjin baay’iinaan maxxanfame. Macaafonni kun karaa warra mana irra adeemanii kitaaba gurguranii Faransaayi keessatti bal’inaan gurgurame. Warra mana irra naanna’anii gurguraniif gatii gadaanaatiin waan kennameef bu’aan isaan argatan hojichi akka itti fufu taasise. WG 191.4

Faarel Siwizerlaandi keessatti barsiisaa mana barumsaa gad of deebise fakkaatee hojii isaa jalqabe. Gara iddoo (buufata) qofa galeessa ta’e tokko dhaqee, daa’imman barsiisuuf mataa isaa kenne. Inni damee barumsaa isa beekamaatti dabaluudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu of eeggannoodhaan jalqabsiisee ture, innis karaa mucoolii maatii bira ga’uu abdachuudhaan kana godhe. Kan amanan tokko tokko turaniiru, luboonni garuu hojicha dhaabuuf in ka’an, namoonni biyyichaa warri tolchatti amanan hojicha mormuuf ka’anii turan. Luboonni “lallabni isaa lola malee nagaa akka hin fidne arganii kun wangeela Kiristos ta’uu hin danda’u” jedhan. --- Wylie, b. 14, ch. 3. Akkuma bartoota warra jalqabaa magaalaa tokko keessaa yeroo ari’atamu gara magaalaa biraatti baqata ture. Beela, qorraa fi dadhabbii hundumaa danda’uudhaan bakka hundumaatti lubbuu isaa balaaf saaxilee mandaraa gara mandaraatti, magaalaadha gara magaalaatti miilla isaatiin adeeme. Inni bakka gabaatti, waldaa keessatti, yeroo tokko tokko iddoo aarsaa mana qulqulummaa keessa jiru irratti lallabaa ture. Yeroo tokko tokko waldaa keessaa namni isa dhageefatu dhibee argata; yeroo akkasii lallabni isaa wacaa fi ga’iisuudhaan gargar cita ture; humnaan gototamees iddoo aarsaa irraa alatti baafamee ture. Si’a tokko caalaa hamma du’aatti reebamee ture. Haa ta’u malee hojii isaa ittuma fufe. Yoo humnaan duubatti deebifame illee nuffii malee gara mormiitti deebi’ee hojjete; mandaroonnii fi magaalonni phaaphaasiidhaaf gimbii jabaa turan irraa jalaan wangeelaaf utuu isaan balbala bananii arge. Parishiin xiqqoon bakki inni duraan itti hojjechaa ture utuu hin turin amantii haara’umsaa fudhatte. Magaalonni Mooratii fi Niwuchaatal sirna Roomaa mormuudhaan bifa fakkeenya waaqa tolfamaa mana sagadaa isaanii keessaa baasan. WG 192.1

Faarel sirna amantii protestaantii Jenevaa keessatti hundeessuuf hawwii isaa yeroo dheeraa ture. Magaalaan kun mo’amuu dandeenyaan Faransaayiif, kan Siwiizerlaandii fi kan biyya Xaaliyaaniif wiirtuu Haara’umsaa taati turte. Kaayyoo kana of dura kaa’achuudhaan hamma mandaronnii fi magaalonni naannoo isaatii amantii fudhatanitti hojii isaa itti fufe. Kana booda michuu karaa tokkoo wajjin Jenevaa seene. Garuu lallaba lama qofa akka lallabuuf isaaf heyyamame. Luboonni warri aanga’oota lafaatiin itti murteessuuf akkasumaan dhama’aa turan, lubbuu isaa balleessuuf murteefatanii koportaa isaanii jala meeshaa waraanaa dhoksuudhaan maree lubootaa gidduutti isa waaman. Yoo inni yaa’ii sana keessaa biliisaan gadi dhiifamee ba’uuf milkaa’e, du’a isaa mirkaneessuuf galma sanaan alatti sabni aaree ulee fi billaa qabatee dhaabbatee ture. Haa ta’u malee, aanga’oonni seeraa fi humnoonni waraanaa achitti argamuun isa oolcheera. Guyyaa itti aanu ganama obboroodhaan michuu isaa wajjin bakka nagaa itti argatutti galaana ce’ee adeeme. Jenevaa keessatti wangeela lallabuuf yaaliin inni jalqaba godhe akkasitti xumurame. WG 192.2

Yaalii itti aanuuf meeshaa kana irra gadaanaa ta’etu filatamee ture — innis nama dargaggeessa gad of deebisuun dhi’aannaa isaa irraa kan mul’atu, michoota haara’umsaa biratti illee kan hin beekamne ture. Haa ta’u malee bakka Faarel fudhatama dhabetti namni kun maal hojjechuu danda’a? Bubbee namni jabaa fi gooti duraa baqachuuf dirqame namni muuxannoo fi jabina hamma isaa ga’u hin qabne immoo attamitti dura dhaabbachuu danda’a? “Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti.” Zekk.4:6. “Waaqayyo warra jaboo yeellaasisuudhaaf waan biyyi lafaa dadhabaatti lakkaa'u fo'ate.” “Wanti gowwummaa Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala, wanti dadhabbii Waaqayyoo fakkaatus jabina namaa irra in caala.” 1Qor.1:27, 25. WG 192.3

Froomenti akka barsiisaa mana barumsaatti hojii isaa jalqabe. Ijoolleen barsiisa inni mana barumsaatti isaan barsiise manatti galanii irra deebidhaan dubbatan. Utuu hin turin hamma kutaan mana barumsaa dhaggeeffattoota dammaqoo kanaan guututti maatiin wangeela dhaggeeffachuuf dhufan. Kakuun Haaraa fi barreefamoonni xixiqqoon (tracts) tola hiraman, isaanis warra mul’inatti dhufanii barumsa haaraa kana dhaggeeffachuuf ija jabaachuu dadhaban bira in ga’an. Yeroo booda hojjetaan kunis iddoo Sanaa baqachuuf dirqame; garuu dhugaan inni barsiise sammuu namootaatti qabatee hafe. Haareffamnis hundeeffamee jabaachuu fi babal’achuu itti fufe. Lallabdoonis deebi’anii dhufanii dhamaasuu isaaniitiin Jenevaa keessatti waaqefannaan protestaantii guutuummaatti hudeeffame. WG 192.4

Yeroo Kalviin joormaa fi bu’aa ba’ii jireenyaa hedduu booda gara balbala isheetti seene magaalatiin dursitee haareffama labsitee turte. Yeroo xumuraaf biyya dhaloota isaa daawwatee utuu deebi’uu karaa Basalitti geessu qabatee karichi immoo loltoota Charles 5 ffaa tiin qabamuu isaa yeroo arge, karaa Jenevaa naannaa’ee dhaquuf dirqame. WG 193.1

Faarel daawwannaa kana keessatti harka Waaqayyoo hubate. Jenevaan amantii haara’umsaa yoo fudhatte illee hojiin guddaan achitti raawwatamuu qabu jira ture. Namoonni gara Waaqayyootti kan deebi’an akka dhuunfaatti malee akka sabaatti hin turre. Hojiin lammaffaa dhalachuu onnee fi sammuu nmootaa keessatti kan raawwatamu labsii mana mareetiin utuu hin taane humna Hafuura Qulqulluutiini. Sabni Jenevaa aangoo Roomaa of irraa darbatee yoo gate illee hammina sirna ishee jalatti dagaage dhiisuuf hin qophoofne ture. Qajeelfama wangeelaa isa qulqulluu iddoo kanatti hundeessuu fi bakka Waaqayyo saba sana itti waameef ga’aa isaan taasisuun hojii salphaa hin turre. WG 193.2

Faarel hojii kana keessatti Kalviin isa waliin akka ta’uu danda’u hubateera. Hojjetaan wangeelaa dargaggeessi kun asitti hafee akka hojjetuuf maqaa Waaqayyootiin isa abboome. Kalviinis naasuudhaan duubatti deebi’e. Kalviin inni sodaataa fi inni nageenya jaallatu, hafuura warra Jenevaa isa ija jabeessa, ofitti amanaa fi aarii baay’iisuu wajjin wal quunnamuu dhiisee ture. Fayyummaan isaa inni miidhamee fi amalli qorannaa isaa walitti dabalamee gara boqonnaa barbaaduutti isa geessee ture. Qalama isaatiin hojii haara’umsaa caalaatti deggeruu akka danda’u amanuudhaan, qorannaadhaaf iddoo callisaa argachuudhaan achi taa’ee karaa maxxansaa, waldaa barsiisuu fi ijaaruu barbaade. Haa ta’u malee gorsi Faarel inni kabajamaan akka waan waamichi samiidhaa isaaf dhufee waan itti ta’eef, isa diduuf ija hin jabaanne. Innis akkas jedhee ture, “harki Waaqayyoo samiidhaa hiixatee na tuquudhaan bakkaan gad dhiisuuf obsa dhabee kanaa akkan hin sochooneef jabeessee waan na qabe natti fakkaate.” —D’Aubigne, History of the Reformation in Europe in the Time of Calvin, b. 9, ch. 17. WG 193.3

Yeroo kana kaayyoo protestaantotaa balaa guddaatu marsee ture. Abaarsi phaaphaasii Jenevaa irratti in qaqawweessa’e, biyyoonni gurguddoonis ishee balleessuuf doorsisan. Magaalaan xiqqoon kun aangoo humna qabeessa yeroo hunda moototaa fi mootumoota gugguufsisu dura attamitti dhaabbatti? Loltoota addunyaa gurguddoo injifatan duras attamitti dhaabbachuu dandeessi? WG 193.4

Guutuummaa addunyaa kiristiyaanaa keessatti protestaantummaan diinota rakkisootiin doorsifamaa ture. Injifannoon haara’umsaa inni duraa erga darbee booda Roomaan gochaa ishee isa balleessu xumuruuf humnoota haaraa waammatte. Yeroo kanaadha amantiin warra Jeswiiti, warri loltoota sirna phaaphaasii baay’ee gara jabeeyyii, maal naan jedhuu kan hin beeknee fi humna qaboonni kan uumaman. Isaan hidhaa lafaa fi fedhii ilmaan namaa irraa kan citan, jaalalli uumamaa isaan keessatti kan du’e, yaaduu fi sammuun isaanii guutuummaatti kan callise, sirna amantii isaanii malee seera fi hidhaa kan biraa kan hin beekne, aangoo isaanii bal’ifachuu malee hojii biraa kan hin qabne turan. Wangeelli Kiristos warra itti amanan balaa dandamachuu fi dhiphina baachuu, qorra, beela, dadhabbii fi hiyyuma keessatti abdii utuu hin kutatin hidhaa fi du’a dura dhaabbatanii alaabaa dhugaa ol qabuu isaan dandeesiseera. Jesuwiitummaan humnootii kanaan loluuf hordoftoonni isaa balaa akkasii danda’anii meeshaa gowwomsaa hundumaan humna dhugaa akka mormaniif makaraarsummaadhaan isaan kakaase. Isaan raawwachuuf kan isaanitti cimu yakki, dhugoomsuu kan isaaniif dadhabamu gowwomsaan, fudhachuuf kan isaanitti ulfaatus walaalchisuun hin jiru. Jesuwiitonni hiyyuma walirraa hin cinnee fi gadeebi’uuf kakuu kan galan, kaayyoon qorannaa isaanis qabeenyaa fi aangoo argachuu, protestaantummaa garagalchuu fi aangoo phaaphaasii hundeessuuf ture. WG 193.5

Akka miseensa amantii isaaniitti yeroo ilaalaman uffata qulqulummaa uffatanii mana hidhaa fi hospitaalatti namoota dubbisaa, dhukkubsatootaa fi hiyyeesota tajaajilaa, biyya lafaa akka dhiisan himachaa, akkasumas maqaa Yesus isa naanna’ee hojii gaarii hojjete baatanii naanna’u turan. Haa ta’u malee isa duubaan mudaa kan hin qabne ta’ee mul’atu kana jala yakkaa fi kaayyoo ajjeechaa dubbatamuu hin dandeenyetu dhokatee jira. Xumurri haala raawwii qajeelaa godha (the end justifies the means) kan jedhu qajeelfama bu’uuraa turte. Akka yaada kanaatti, fedhii waldaaf yeroo hojjetan sobuun, hanni, sobaan kakachuun, ajjeesuun dhiifama kan isaan argachiisu qofa utuu hin taane kan galateefachiisuudha. Jesuwiitonni gowwomsaa garagaraa akkasii jalatti karaa isaanii hamma waajjira mootummaatti kan qajeelfatan, hamma gorsitoota mootummaatti kan adeemanii fi himaamata biyyaa hamma bocanitti kan ga’an turan. Aangafoota isaanii basaasuuf akka garbootaatti hojjetaniiru. Ijoollee ilmaan moototaa fi angafotaaf koolleejjii, saba warra kaaniif immoo mana barumsaa dhaabaniiru, ijoolleen maatii protestaantotaa sirna phaaphaasii akka kabajan taasisaaniiru. Waaqefannaan Roomaa inni duubaan of argisiisuu qabuu fi guddaa ta’ee mul’atu sammuu joonjessuu fi bita galchuuf, akkasumas yaada namaa garboomsuuf, biliisummaa isa abbootiin isaaf hojjechaa fi dhiigaa turan irratti gantummaan karaa ijoollee isaanii akka raawwatamuuf godhame. Jesuwiitonni ariitiidhaan guutuummaa Awuroophaa weeraran, bakka isaan dhaqan hundattis sirna phaaphaasummaatu dadammaqfame. WG 194.1

Isaaniif aangoo guddaa kennuuf yaadamee keewwati qorannaa murtii irra deebi’amee akka hundeefamuuf labsiin ba’e. Biyyoota kaatolikii keessatti illee mana murtii rakkisaa sana irra akka walii galaatti jibbi utuma jiruu ammas karaa geggeesitoota phaaphaasii hundeeffame, mana hidhaa iddoo dhoksaa keessattis ajjeechaan jibbisiisaan ifa guyyaa keessatti hin godhama jedhamee hin yaadamne irra deebi’ee raawwatame. Biyyoota baay’ee keessaa abaaboo biyyaa kan turan, kan qulqulla’anii fi kan kabajaman, sammuu gaarii fi barnoota guddaa kan qaban, paasteroonni of kennaanii fi Waaqayyoon sodaatan, lammiileen hojiif dhimmanii fi biyya isaanii jaallatan, barsiisonni sammuu qaban, dandeettii aartii kan qaban, ogummaa harkaan kan beekaman kumni kumaatamni in ajjeefaman, yookiin biyya biraatti baqachuuf dirqaman. WG 194.2

Ifa sochii haara’umsaa dhaamsuuf, Macaafa Qulqulluu namoota harkaa fuudhuuf, akkasumas doofummaa fi tolchatti amananii Jaarraa Dukkanaa deebisuuf malli Roomaan itti gargaaramte kana ture. Haa ta’u malee eebba Waaqayyoo fi dhamaasuu namoonni kabajamoon Luuteriin akka bakka bu’aniif inni kaaseen godhan jalatti protestaantummaan utuu hin badin hafe. Innis jabina kan inni argate oolmaa gaarii yookiin irree moototaan hin turre. Biyyoonni xixiqqoon, mootumoonni gadeebi’oo fi humna hin qabne isaaf da’oo ta’an. Jenevaan xiqqoon isheen diinota cimoo ishee balleessuuf gamtatan gidduu turte isaan kana keessaa tokkoodha; yeroo sana mootummoota hundumaa keessaa baay’ee sooromtee hundaa ol taatee kan guddatte Ispee’inii wajjin tuullaa cirrachaa galaana kaabaa irratti wallaansoo qabaa kan turte Hoolandis isaan keessaadha. Siwiidin isheen hiyyeettiinis akka sochiin haara’umsaa injifannoo gonfatu gooteetti. WG 194.3

Kalviin Jenevaa keessatti gara waggoota soddomaaf kan hojjete yeroo ta’u, dursee waldaa sona amilee Macaafa Qulqulluu deggertu dhaabuuf, sana booda immoo guutuummaa Awuroophaa keessatti haara’umsa babal’isuuf ture. Akka geggeessaa sabaatti hojiin isaa dogoggora kan hin qabne hin turre, barsiisni isaas dogoggora irraa biliisa miti. Haa ta’u malee dhugaa addaa yeroo isaaf barbaachisaa ta’e babal’isuuf, danbalii sirna phaaphaasummaa ariitiidhaan deebi’ee of ijaaraa jiru irraa qajeelfama protestaantummaa eeguuf, akkasumas bakka of tuulummaa fi manca’insaa barsiisa Roomaa jalatti guddatee gad of deebisuu fi qullaa’ummaa jireenyaa waldaa haarooftee babal’isuuf qodaa ta’ee hojjete. WG 195.1

Kana irraa kan ka’e maxxansaan garagaraa fi barsiisonni barsiisa haareffamaa tamsaasan Jenevaa keessaa in burqan. Hanga yeroo kanaatti biyya hundumaa keessaa ari’atamaa kan turan barsiisa, gorsaa fi jajjabina eeggachaa turan. Magaalaan Kalviin keessa ture haaresitoota Lixa Awuroophaa keessaa adamsamaa turaniif da’oo taate. Bubbee ari’annaa jibbisiisaa jaarraa hedduuf itti fufe jalaa kan baqatan gara balbala Jenevaa dhufan. Beela’anii, madaa’anii, manaa fi firoota dhabanii kan turan simannaa ho’aa argatanii kunuunsas argatan. Achitti iddoo jireenyaa argachuudhaan dandeettii isaaniitiin, beekumsa isaanii fi amantii isaaniitiin magaalaa isaan simatte sana eebbisan. Achi keessatti da’oo kan argatan baay’een gara jabina Roomaatiin mormuuf gara biyya isaaniitti deebi’an. Joon Noksi, gooti haaressaan biyya Iskootilaandi, lakkoobsi isaanii yertuu kan hin taane protestaantonni Ingilizii, protestaantonni Hoolandii fi Spain, akkasumas Faransaayi keessatti immoo Huugunootis kan jedhaman dukkana biyya dhaloota isaanii ibsuuf Jenevaa Keessaa guca dhugaa qabsiifatanii adeeman. WG 195.2