Boqonnaa 11—Mormii Ilmaan Moototaa
Boqonnaa 11—Mormii Ilmaan Moototaa
Dhuga ba’umsa beekamoo haara’umsaaf kennaman keessaa bakka olaanaa qabatee kan jiru isa ilmaan moototaa warri kiristiyaana ta’an biyya Jarman keessaa yaa’ii Ispayiras isa bara 1529 sirna waaqefannaa mari’atame irratti mormii kaasuu isaaniti. Jagnummaan, amantii fi jabinni namoota Waaqayyoo kanaa dhaloota itti aanuuf biliisummaa sammuu fi yaadaa argamsiise. Mormiin isaanii waldaa haarofteef maqaa protestaantii jedhu kennisiise; qajeelfamni isaas “bu’uura protestaantummaati.” —D’Aubigne, b. 13, ch. 6. WG 169.1
Haara’umsaaf Guyyaan dukkanaa fi sodaachisaan kan dhufe yeroo kana ture. Luuter seeraa ala ta’uun isaa fi barsiisii yookiin barsiisi amantii isaa labsii Wormisiin kan dhorkame yoo ta’e illee wal danda’uun amantii mootummaa sana keessatti mo’ee ture. Gaarummaan Waaqayyoo humnoota dhugaa morman daangessee ture. Charles 5 ffaan hojii haara’umsaa dhabamsiisuuf yaade ture, garuu yeroo inni rukkuttaaf harka ol kaasu akka aleellaa isaa dachaafatuuf (deebisuuf) dirqisiifama ture. Warri Roomaadhaan mormuuf ija jabaatan battalatti balleefamuun waan hin oolle fakkaatee irra dedeebi’ee mul’atee ture, garuu yeroo murteessaa akkasii keessa waraanni Turki karaa daangaa Baha biiftuu mul’achuudhaan, yookiin mootiin Faransaayi, yookiin phaaphaasiin mataan isaa guddina mootichaa hinaafuudhaan waraana irratti banaa turan; akkasitti lolaa fi jequmsa biyyootaa gidduutti, haareffamni akka guddatuu fi babal’atuuf karaa argate. Dhuma irratti garuu aanga’oonni phaaphaasii kaayyoo isaanii tokko taasisanii haara’umsa mormuuf wal dhabdee isaan gidduu jiru ukkaamsanii adda tokkummaa uuman. Yaa’iin Ispayires inni bara 1526 geggeefame hamma yaa’iin mana maree walii galaa deebi’ee taa’utti tokkoo tokkoo biyyootaaf dhimma amantii irratti biliisummaa guutuu kennee ture, haa ta’u malee balaan walabummaa kana fide dafee darbe, mootichis utuu hin turin bara 1529 Ispayires keessatti yaa’ii lammaffaa waamuudhaan dhimma gantoota dhabamsiisuu irratti mariisise. Ilmaan moototaa yoo danda’ame faallaa haara’umsaa akka dhaabbataniif karaa nagaa ta’een sossobamanii turan; garuu yoo kun hin danda’amu ta’e Charles billaatti dhimma ba’uuf qophaa’ee ture. WG 169.2
Phaaphaasonni haala kana irratti guddaa gammadan. Isaan gara Ispayiresiin baay’atanii dhufan, haara’umsaa fi deggertoota isaa irrattis diinummaa qaban ifatti mul’isanii turan. Melaankiton akkas jedhe: “nuyi biyya lafaatiif abaarsaa fi kosii taane; Kiristos garuu saba isaa warra rakkatoo in ilaala, isaan in oolchas.” —Ibid., b. 13, ch. 5. Ilmaan moototaa warri amantii wangeelaa hordofan idoo jireenya isaaniitti wangeela akka hin lallabneef dhorkamanii turan. Sabni Ispaayires warri sagalee Waaqayyoo dheebotan garuu dhorkaa kana irra darbanii tajaajila wangeelaa mana sagadaa Saaksoniitti argamu keessatti walitti qabamaa turan. WG 170.1
Haalli kun immoo jeequmsicha ariifachiise. Biliisummaa sammuu kennuuf murtiin darbe toora gadi dhiisuu guddaa waan fideef, murtoon kun akka haqamuuf mootichi yaa’iichatti ergaa dabarse. Gochaan amaleffatame kun kiristiyaanota amantii wangeelaa hordofanitti aarii naqe, isaan naasises. Isaan keessaa tokko akkas jedhe: “Kiristos ammas deebi’ee harka Qayyaafaa fi Philaaxos keessatti kufe.” Warri Roomaa isa duraa caalaa warra humnaan mancaasan ta’an. Phaaphaasiin oftuulaan tokko akkas jedhe: “warri Turkii warra Luuteraan irra caalaa ni wayyu; sababni isaa warri Turki guyyaa tsoomii ni kabaju, warri Luteraanii garuu isa ni cabsu. Macaafa Qulqulluu isa kan Waaqayyoo fi dogoggora durii keessaa tokko filachuu qabna yoo ta’e, isa jalqabaa dhiisuu qabna.” Melankiton akkas jedhe: “guyyaa hundumaa wal ga’ii keessatti nuyi warra wangeelaatti, Feeber dhagaa haaraa nutti darbata.” —Ibid., b. 13, ch. 5. WG 170.2
Wal danda’uun amantiis seeraan hundeeffame, mootumoonni biyya isaanii keessatti wangeelli barsiifamus dhiitamuu mirga isaanii kutannoodhaan morman. Luuter amma illee labsii Wormisii ba’e jalatti daangeffamee waan jiruuf Ispaayiresitti argamuuf hin heyyamamneef ture; garuu bakka isaa warri isaa wajjin hojjetanii fi ilmaan moototaa warri hojii isaaf akka falmaniif yeroo jarjarsaa kanatti Waaqayyo kaase achitti argamaniiru. Duraan Luuteriif eegumsa gochaa kan ture ilmi mootii biyya Saaksonii inni Frederiki jedhamu du’aan fudhatame; garuu obbooleessi isaa inni isa bakka bu’e Dukke Joon namni jedhamu haara’umsa gammachuudhaan simate, nama nagaa jaallatu waan turef dhimma amantii waan ilaallatu hundumaa irratti jabinaa fi fedha guddaa argisiise. WG 170.3
Luboonni kana hubatan biyyoonni hojii haareffamaa kana fudhatan utuu asii fi achi hin gorin aangoo Roomaaf bitamuu akka qaban gaafatan. Haaressitoonni immoo biliisummaa duraan isaaniif kennamee ture gaafatan. Biyyoota gammachuu guddaadhaan sagalee Waaqayyoo fudhatan, Roomaan deebiftee to’annaa ishee jala galchuutti isaan walii galuu hin dandeenye. WG 170.4
Dhuma irratti yaadi araaraa tokko in dhi’aate, innis bakka haareffamni hin bu’uureffamiinitti labsiin Wormis akka cimee raawwatamuuf dubbatame; akkasumas bakka namoonni isa irraa fagaatanii jiranii fi bakka isaan balaan utuu hin ta’in fincila geggeessanii jiraachuu hin dandeenyeetti haareffama haaraa akka hin geggeesine, qabxii falmisiisaa akka hin xuqne, ayyaanefannaa sirna waaqefannaa akka isaan hin mormine miseensi kaatolikii Roomaa amantii hordoftoota Luuteriin fudhachuun akka hin heyyamamne walii galan.” —Ibid., b. 13, ch. 5. Taarkanfiin kun phaaphaasotaa fi luboota akka quubsutti mana mareetiin fudhatame. WG 170.5
Utuu labsiin kun hojii irra ooleera ta’ee “haara’umsi babal’achuu hin danda’u … bakka hin beekamiin jiruttis ta’e bakka duraan dhaabatee jirutti hundee jabaa irra kan hin dhaabbanne ta’a ture.” —Ibid., b. 13, ch. 5. Labsiin kun biliisummaa dubbannaa in dhorka ture. Jijjiiramnis hin heyyamamu ture. Michoonni haara’umsaa ittisaa fi dhorkaa kanaaf akka bitamaniif gaafataman. Abdiin biyya lafaa waan baduuf jedhu fakkaatee ture. “Deebifamee hundeefamuun aangoo Roomaa miidhaa durii deebisee fida;” “hojii isa mankaraarsummaa fi lolaan raafamee ture raawwatee balleessuuf” haalli mijataan ni argama ture. —Ibid., b. 13, ch. 5. WG 171.1
Gareen warra wangeela lallabanii mareef yeroo wal ga’an ija dhiphinaatiin walii isaanii ilaalan. Gaaffiin “maaltu ta’uu qaba?” Jedhu isa tokko irraa gara isa kaaniitti darbe. Dhimmi gurguddaan biyya lafaa ilaallatu balaa irra bu’e. “Hoggantoonni haara’umsaa labsichaaf harka kennanii haa bitamanii? Yeroo dhugaadhumatti rakkina guddaa ta’e kana keessa haaressitoonni hojii dogoggoraa keessatti kufuu akka danda’an walitti falman! Harka kennuutti kan isaan geessu sababii quubsaa fi amansiisaa hammamii himachuu danda’u turan! Ilmaan moototaa warri Luuteriin hordofan amantii isaanii bilisa ta’anii shaakaluuf wabii argatanii turan. Warra utuu tarkaanfiin kun hin fudhatamin fuula dura ilaalcha haareffamaa fudhataniif carraan wal fakkaataan kennamee ture. Kun isaaniin in quubsu turee? Harka kennuun rakkina hedduu hammamii hambisa ture? Mormiin balaa hin beekamnee fi falmii hammamii keessatti isaan kuffisa! Carraan fuula duraa waan inni fidee dhufu eenyutu beeka? Nageenya haa jaallannu; damee ejersaa Roomeen qabdee jirtu haa qabannu, madaa Jarmaniinis haa duuchinu. Haaressitoonni falmii akkasiitiin isa yeroo gabaabaatti hojii isaanii dhabamsiisuu danda’u fudhachuu isaanii sababa godhanii dhi’eessan. WG 171.2
Qajeelfama qindoominni kun irratti hundaa’e gammachuudhaan ilaalan, amantiidhaanis irratti hojjetan. Qajeelfamni kun maal ture? Sammuu dirqisiisuu fi gaaffii bilisaa dhi’eessuun mirga Roomaa ture. Haa ta’u malee, isaan mataan isaanii fi hordoftoonni protestaantii isaanii biliisummaa amantiitti gammaduu hin qabanii? Isa labsuun haareffamni lubbuu deebisuu isaa isa xumuraa taasise jechuudhaa? Bal’ina lafa isaa isa xumuraa daangessee? Bakka Roomaan aangoo olaanaa fudhattetti to’annaan ishee kan itti fufe ta’aa? Warra lafa phaaphaasii irratti haala mijeessuuf jecha lubbuu isaanii kennan dhiiga dhibbaa fi kumaatamaan lakkaa’aman irraa qulqulluu ta’uu isaanii haaresitoonni gaafachuu danda’aniiru? Yeroo kabajamaa sanatti kana gochuun hojii wangeelaa fi biliisummaa addunyaa kiristiyaanaa ganuu ta’a ture.”—Wylie, b. 9, ch. 15. Qooda kanaa isaan mootummaa, gonfoo fi jireenya isaanii hundumaa aarsaa godhu.”—D’Aubigne, b. 13, ch. 5. WG 171.3
“Labsii kana in mormina” jedhan ilmaan moototaa. “Gaaffii sammuu ilaalchisee harki caalaan murteessuuf aangoo hin qabu.” Warri itti aanaa bulchiinsaa ta’an akkas jedhanii dubbatan: “mootummichi nagaa kan argate karaa isaa waan ta’eef labsii bara 1526 ba’eef galatni haa ta’u. isa haquun biyya Jarmaniin rakkinaa fi wal qooduu keessatti kuffissa. Manni maree kun hamma yaa’iin walitti qabamutti biliisummaa amantii eeguu malee waan biraa gochuu hin danda’u.” -- Ibid., b. 13, ch. 5. Biliisummaa sammuu eeguun hojii mootummaati, dhimma amantii ilaalchisee immoo kun daangaa aangoo isaati. Mootummaan biyya lafaa seera ayyaanota amanttii eegsisuuf aangoo lafaatti dhimma ba’uuf yaalu, qajeelfama kabajamaa isa kiristiyaanonni warri wangeelaa isaaf wal’aansoo qabaa turan sana aarsaa godha. WG 171.4
Phaaphaasonni “rincicummaa cimaa” jedhanii isa moggaasan sana buqqisuuf murannoodhaan ka’an. Deggertoota haara’umsaa gidduutti gargar ba’umsa fiduu fi warra isa deggeruu isaanii ifatti hin dubbanne immoo sodaachisuuf dhama’uu jalqaban. Xumuratti bakka buutonni magaalota biliisa ta’anii yaa’ii duratti waamamanii yaada dhi’aate fudhachuu isaaniif ibsa akka kennaniif gaafataman. Waan gaafataman deebisuuf akka yeroon isaaniif kennamuuf yoo kadhatan illee kadhaan isaanii akkasumaan ta’e. Gara sakatta’amuutti yeroo dhufan walakkaan isaanii garee haaressitootaa ta’anii argaman. Biliisummaa sammuu fi mirga murtoo dhuunfaa isaa aarsaa gochuu warri didan ejjennoon isaanii ceephoo, murtii fi ari’annaa fuula duraatiif akka isaan saaxilu gaarii godhanii beeku turan. Bakka buutota keessaa inni tokko akkas jedhe: “sagalee Waaqayyoo ganuu, yookiis gubachuu qabna.” —Ibid., b. 13, ch. 5. WG 172.1
Yaa’ii sanatti bakka buutota moototaa kan ta’e Ferdinaandi mootichi yoo ilmaan moototaa labsii dhi’aate fudhachuuf sossobaman malee, labsiin kun garaagarummaa cimaa isaan gidduutti akka fidu hubate. Kanaaf namoota akkasii quunnamuuf humnatti dhimma ba’uun murannoo caalutti akka isaan geessu hubatee, tooftaa isaan amansiisu fayyadamuuf yaale. Inni “akka mootonni guddaa isaanitti gammadan isaaniif mirkaneessuudhaan akka ilmaan moototaa labsicha fudhatan isaan kadhate.” Haa ta’u malee namoonni amanamoon kun aangoo geggeesitoota biyya lafaa ol ta’e waan beekaniif tasgabbiidhaan akkas jedhanii deebii kennan: “nuyi mootii nageenyaa fi ulfina Waaqayyoo eeguuf waan hundumaan in abboomamna.” —Ibid., b. 13, ch. 5. WG 172.2
Xumuratti, mootichi labsiin sun “bifa labsii moototaatiin akka qophaa’u” fi hojiin isaan hafee jirus harka caalaaf bitamuu qofa akka ta’e bakka manni maree jiranitti qondaaltotaa fi michoota isaatti dubbate. Akkasitti erga dubbatee booda haaressitootaaf carraa maree yookiin carraa deebii kennuu utuu hin laatin walga’ii sana dhiisee adeeme. “Kaayyoo malee akka mootichi gara walga’iitti deebi’uuf kan kadhatan bakka buutota ergan.” Mormii isaaniitiif deebii akkas jedhu qofa deebise: “kun dhimma xumuramee dha; wanti isin hafe bitamuu (harka nennuu) qofaadha.” —Ibid., b. 13, ch. 5. WG 172.3
Gareen warra moototaa kun ilmaan mootii warri kiristiyaana ta’an kun Macaafa Qulqulluu barsiisaa fi seera namaa olitti akka fudhatan amananii turan; bakka qajeelfamoonni kun fudhatama argatan hundumaatti immoo aangoo phaaphaasii akka injifatamu baraniiru. Garuu akkuma namoota kumaatama bara sana turanii “wanta mul’atu qofa ilaaluudhaan” kaayyoon moototaa fi phaaphaasotaa jabaa akka ta’ee fi kan haaressitootaa immoo dadhabaa akka ta’etti ilaalanii mataa isaanii gowwomsan. Utuu haaressitoonni gargaarsa namaa qofaa irratti hirkataniiru ta’e, akkuma phaaphaasonni yaadan dadhaboo ta’u turan. Garuu lakkoobsa yertuu, Roomaa wajjinis kan walii hin galle yoo ta’’an illee isaan jabina qabu turan. Isaan iyyata isaanii gara gabaasa mana maree Sanaatti geessuu irra caalaa, gara sagalee Waaqayyootti, mooticha Charles caalaa gara Yesus Kiristos, isa mootii moototaa, Gooftaa Gooftotaa ta’etti dhi’eefatan.” —Ibid., b. 13, ch. 6. WG 172.4
Akkuma Ferdinaandi waan sammuun isaanii itti amane ilaalcha keessa galchuu dideen achii dhabamuu isaa utuu hin xiyyeefatin ilmaan moototaa mormii isaanii mana maree biyyoolessaatti utuu hin turin dhi’eefachuuf murteeffatan. Kana irraa kan ka’e labsiin kabajamaan ba’ee qama seeraaf dhi’aate: WG 172.5
“Barreeffama Kanaan fuula Waaqayyoo, isa uumaa, eegaa, furee fi fayyisaa keenya ta’ee fi isa guyyaa tokko abba murtii keenya ta’u duratti, akkasumas nama hundumaa fi uumama hundumaa duratti nuyi karaa kamiin illee yoo ta’e ofii keenyaafis taanaan namoota keenyaafis labsii Waaqayyoon, sagalee isaa isa qulqulluu, mirga sammuu keenyaa fi fayyina lubbuu keenyaa kan mormuu wajjin akka walii hin galle yookiin akka hin deggerre iyyata keenya dhi’eeffanna.” WG 173.1
“Maal! Labsiin nuyi raggaasifnu kun! Yeroo Waaqayyo inni hundaa danda’u gara beekumsa isaatti nama waamu, namni kun beekumsa Waaqayyoo fudhachuu akka hin dandeenye in mirkaneessina!” “Wanti akka barsiisa dhugaatti sagalee Waaqayyoo wajjin walii galu hin jiru…. Gooftaan barsiisa kan biraa kamiin barsiisuu dhorkeera…. Macaafni Qulqulluun heertuu kan biraa fi ifaa ta’een ibsamuu qaba; caafanni Qulqulla’aan kiristiyaanoonni hundumtuu salphaatti hubachuu fi dukkana bittimsuuf barbaachisaadha. Nuyi lallaba sagalee isaa isa qulqulluu fi qixxee hin qabne, isa Macaafa Qulqulluu Kakuu moofaa fi Haaraa keessatti argamu wanti isaan mormu utuu itti hin dabalamiin eeguuf ayyaana Waaqayyootiin murteeffaneerra. Dhugaan sagalee kana qofa; inni qajeelchaa barsiisa hundumaa fi jireenya hundumaati, kanaaf inni kufuu hin danda’u yookiis nu hin gowwomsu. Yeroo oftuulummaan namaa inni faallaa isaa dhaabbatu fuula Waaqayyoo duratti kufu, hundee kana irratti kan ijaaru humnoota gahannam dura in dhaabbata. WG 173.2
“Sababa kanaaf waanjoo nurra ka’ame nuyi in mormina.” “Achumaan immoo akka ilmaan moototaa warra kiristiyaanaa waan hunda irra caalaa Waaqayyoon jaallataniitti, mootiin inni kabajamaan akka nu ilaalu abdii qabna; nuyis isin gooftota kabajamootiif seerri kan nu gaafatu dirqama qajeelaa kan ta’e jaalalaa fi abboomamuu keenya kennuuf qophoofneerra.” —Ibid., b. 13, ch. 6. WG 173.3
Ibsi kun mana maree sana miira isaanii tuqe. Baay’een isaanii ija jabina mormitoota kanaa dinqifatanii, na’aniis turan. Haalli fuula duraas jeequmsa kan qabuu fi kan hin amansiifne ta’ee isaanitti argame. Lolli jeequmsii fi dhiiga dhangalaasuun waan hin oollee fakkatee argame. Haaresitoonni garuu qajeelummaa kaayyoo isaanii mirkaneessan, irree isa hundumaa danda’uutti hirkachuudhaan jagnummaa fi ciminaan dhaabbatan. WG 173.4
“Qajeelfamoonni mormii kana keessatti hammataman … bu’uura protestaantummaa turan. Mormiin kun amantii ilaalchisee miidhaa dhala namaa irratti geggeefamu lama morma: inni tokkoffaan, giddu seentummaa aanga’oota lafaa yeroo ta’u, inni lammaffaan immoo aangoo waldaa isa daangaa hin qabnee dha. Bakka miidhaa kanaa, protestaantummaan aangoo sammuun qabu aangoo biyya lafaa ol akka ta’e, aangoon sagalee Waaqayyoo immoo kan waldaa mul’atuu irra akka caalu taasise. Sadarkaa tokkoffaatti, isa raajonnii fi ergamoonni ‘nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira‘ jedhan fudhachuudhaan aangoon biyya lafaa dhimma kan Waaqayyoo keessa akka hin seenne balaaleffatan. Gonfoo Charles 5 ffaa duratti gonfoo Yesus Kiristosiin ol qabe. Garuu kana irra iyyuu kan darbuudha; qajeelfamni barsiisa namaa hundumtuu barsiisa sagalee Waaqayyoo gadi ta’uu isaa jala sarara.” —Ibid., b. 13, ch. 6. Itti dabalaan immoo akka mormitoonni beeksisa amantii isaanii biliisa ta’anii dubbataniif mirga isaanii raggaasise. Isaan amanuu fi abboomamuu qofa utuu hin taane waan sagaleen Waaqayyoo dubbatus in barsiisan, akkasumas mirga giddu seentummaa lubootaa yookiin aango qabootaa in mulqan. Mormiin Ispayiresitti ta’e wal danda’uu (waliif obsuu) amantii keessa jiru mormuuf dhuga ba’umsa kabajamaadha, akkasumas namni hundumtuu akka sammuun isaa isa ajajetti Waaqayyoon waaqessuuf mirga qabaachuu isaa mirkaneesse. WG 173.5
Ibsi ejjennoo in labsame. Innis yaadannoo sammuu namoota kumaatamaa fi macaafa samii isa yaaliin namaa haquu hin dandeenye irratti barreeffame. Biyya Jarman keessaa wangeelatti kan amanan hundumtuu mormii kana akka ibsa amantiitti fudhatan. Bakka hundumaatti namoonni labsii kana keessatti abdii fi boqonnaan haaraa fooyya’aan akka baname hubatan. Ilmaan moototaa keessaa tokko protestaantotaan akkas jedhe: “Waaqni humna qabeessi inni akka isin humnaan, biliisummaa fi soda malee dhugaa baataniif ayyaana isiniif kenne, hamma barabaraatti jabina kiristiyaanummaa keessatti isin haa eegu.” —Ibid., b. 13, ch. 6. WG 174.1
Haareffamni kun sadarkaa fiixaan ba’umsaa erga argatee booda biyya lafaa biratti jaallatamuuf jecha isaa wajjin utuu walii galeera ta’ee, Waaqayyoon durattis ta’e ofii isaafis soba ta’uudhaan badiisa mataa isaatii dhugoomsa ture. Muuxannoon haaressitoota kabajamoo kanaa, baroota dhufuuf barumsa of keessaa qaba. Akkaataan Seexanni ittiin Waaqayyoo fi hojii isaa irratti hojjetu hin jijjiiramne; akkuma isa jaarraa kudha ja’affaa sanaa, Macaafni Qulqulluun qajeelfama jireenyaa ta’uu isaa amma illee in morma. Yeroo keenya keessa barsiisaa fi seera isaa irraa fagaachuu guddaatu jira; kanaaf gara qajeelfama protestaantii isa guddaa — isa Macaafni Qulqulluu fi Macaafni Qulqulluun qofti qajeelfama amantii fi hojiiti jedhutti deebi’uun in barbaachisa. Seexanni biliisummaa amantii balleesuuf karaa isaaf danda’ame hundumaa hojjechaa jira. Humni farra kiristiyaanummaa inni mormitoonni Ispaayires fudhachuu didan amma humna haarawwaatiin aangoo isa dhabee ture deebisee hundeessaa jira. Yeroo haareffamaaf rakkisaa ture sana keessa kan mul’ate deggersi sagalee Waaqayyoo inni hin sochoone har’as abdii haara’umsaati. WG 174.2
Bara sana achitti balaaf saaxilamuun protestaantotaa mallatoo argisiisee ture; akkuma kana harki Waaqayyoo warra amanamoota eeguuf diriiree akka jirus mallattoon argameera. “Melaankitoon michuu isaa Simoon Girayine’uusiin sardee (ariifachiisee) karaa Ispaayires irra geggeessuudhaan akka inni dafee bishaan Rahiniin ce’u kan godhe yeroo sana keessa ture. Booda sardaa sana dinqifatee ture. “Namni dulloomaan ani isa hin beekne qarqara boollaa irra jiruu fi hafuura isa dhumaa baafatu tokko ana duratti dhi’aatee daqiiqaa kana keessatti waajjira haqaa irraa Ferdinaandiin ergamanii Girayine’uusiin qabuuf in dhufu” jedhee anatti dubbate jedhe Melaankitoon.” WG 174.3
Guyyaa sana lallaba Fabeer inni dokteerii beekamaa phaaphaasii ta’e godhetti Girayine’uusiin gaddee ture; xumurattis “dogoggora jibbisiisoo tokko tokkoof” falmuu isaa ittiin mormee ture. “Fabeer aarii isaa in dhokfate, garuu utuu hin turin gara mootii isa profeeserii He’idelbergiif dafee ajaja dabarsu bira dhaqe. Waaqayyo ergamaa isaa isa qulqulluu ergee akeekkachiisuudhaan michuu isaa akka oolche Melaankitoon shakkii hin qabu ture. WG 174.4
“Hamma bishaanni lagichaa sun Girayine’uusiin ari’atoota isaa jalaa baraarutti qarqara bishaan Rahinii utuu hin socho’in dhaabatee eege. Melaankitoon fuulleetti yeroo isa arge ‘yeroo dhumaa tiif’ jedhee iyye, ‘qarriffaa gar — jabootaa warra dhiiga qulqulluu dheebotan keessaa yeroo dhumaatiif butame.’ Melaankitoon gara mana isaatti yeroo deebi’e qondaaltonni Girayine’uusiin barbaaduuf jecha olii hamma gadiitti mana isaa akka sakkata’an isatti himame.” —Ibid., b. 13, ch. 6. WG 174.5
Haareffamni beekamtii guddaadhaan gurgudoota lafaa duratti dhi’aachuuf ture. Ilmaan moototaa warri hojjettoota wangeelaa ta’an, dhimmi isaanii akka hin dhaga’amneef karaa Ferdinaandi mootichaa dhorkamanii turan; garuu bakka mootonni, aangawoonni waldaa fi biyyaa wal ga’anitti dhimma isaanii dhi’eeffachuuf carraan isaaniif kennamee ture. Ispaayiresitti mormiin ka’ee waggaa tokko booda lola biyyicha jeeqe tasgabeessuuf Charles 5 ffaan Awugisburgitti mana maree waame, mana maree kana hogganuuf yaada akka qabus in labse. Achitti geggeesitoonni protestaantiis waamamanii turan. WG 175.1
Balaan cimaan haareffama mudatee ture; garuu deggertoonni isaa amma illee dhimma isaaniif Waaqayyoon amanatan, wangeelatti jabbaachuudhaafis waadaa seenan. Qondaalaan warra Saaksonii gara mana maree qaama seeraa irratti akka hin dhi’anneef gorsitoonni isaa dhiibbaa irraan ga’an. Mootichi argamuu ilmaan moototaa kan inni barbaaduuf kiyyootti isaan galchuufi jedhan. “Keenyan magaalaa keessatti diinaa wajjin balbala ofitti cufuun waan hundumaan balaa keessa bu’uu in fakkaatuu?” warri kaan immoo “mee ilmaan moototaa jagnummaadhaan ofii isaanii haa dhaabbachiisan, hojiin Waaqayyoos in oolfamaa” jedhan. “Waaqayyo amanamaa dha, inni nu hin dhiisu” jedhe Luuter. —Ibid., b. 14, ch. 2. Qondaaltichi hordoftoota isaa wajjin gara A’ugasburgi adeemuuf ka’e. Hundi isaanii balaa isa eeggachaa jiru beeku turan, kanaaf baay’een isaanii fuula gaddaa fi garaa sodaataadhaan isaa wajjin adeemaa turan. Haa ta’u malee Luuter inni hamma Koobargitti isaan geggeesse farfannaa utuu karaa adeemanii barreefame isa “gimbiin jabaan Waaqayyo keenya” jedhu faarfachuudhaan amantii isaanii isa sodaadhaan liqimfamee ture daddammaqse. Sagalee faarfannaa sanaan yaaddoon isaanii inni baay’een in bade, muddami garaa isaanii inni ulfaataanis in salphate. WG 175.2
Ilmaan moototaa warri haareffaman barreeffama ilaalcha isaanii ibsu ragaa Macaafa Qulqulluu wajjin qopheessanii mana mareetti dhi’eessuuf murtoo godhan; hojiin barreeffama kana qopheessuus Luuter, Melaankitonii fi warra isaanii wajjin jiranitti kenname. Barreeffamni kun protestaantota biratti akka ibsa amantii isaaniitti fudhatamee dokumentii barbaachisaa kana irratti maqaa isaanii barreessanii mallattoo itti gochuudhaan mirkaneessuuf walii galanii walitti qabaman. Yeroon kun yeroo murteessaa fi yeroo qormaataa ture. Haaresitoonni kun dhimmi isaanii gaaffii siyaasaa wajjin akka walitti hin buuneef sodaatanii turan; haaressitoonni sagalee afaan Waaqayyoo keessaa ba’uun alatti shaakala dhiibbaa biraa akka hin qabne isaanitti dhaga’amee ture. WG 175.3
Ilmaan moototaa warri kiristiyaana ta’an kun ibsa kana irratti mallateessuuf yeroo dhufan, Melaankiton gidduu seenee akkas jedhe: “dhimma kana kan dhi’eessu warra hayyuu qo’annoo amantii (theologian) fi tajaajiltoota qofa; warra aangoo qaboota lafaa dhimma biraaf haa qusannu.” Yohannis inni Saaksonii deebisee akkas jedhe; “isin anaan keessaa hambisuu Waaqayyo ana haa oolchu. Ani gonfoo kootiif utuun hin dhiphatiin waan sirrii ta’e gochuuf murteeffadheera. Ani gooftaatti amanuu koo beeksisuu nan fedha. Gonfoonii (baarnexaa) fi (ermine) kabaji qondaaltummaa kootii anaaf hamma fannoo Yesus Kiristosiin gatii anaaf hin qabu.” Akkas jedhee erga dubbatee booda maqaa isaa barreesse. Ilmaan moototaa keessa tokko qalama fudhatee yeroo maqaa isaa barreessuuf jedhe akkas jedhe; “ulfinni gooftaa koo Yesus Kiristos isa in barbaada taanaan ani qabeenyaa fi jireenya koo dhiisuuf qopha’aadha.” “Barsiisa amantii kana ibsu isa barreeffama kana keessa kaa’ame dhiisee qooda kan biraa fudhachuu namoota bittaa koo jala bulanii fi mootummaa koo dhiisuu naaf wayya, akkasumas ulee mootummaa biyya abbaa kootii isa harka koo keessa jiru callisee dhiisuun filadha.” Ibid., b. 14, ch. 6. Amantii fi ija jabinni namoota Waaqayyoo yeroo Sanaa akkas ture. WG 175.4
Mootii duratti dhi’aachuuf yeroon murtoo godhame in ga’e. Charles 5 ffaan qondaaltotaa fi ilmaan moototaatiin marfamee teessoo isaa irra taa’uudhaan haaressitoota protestaantiif dhageettii kenne. Ibsi amantii isaaniis in dubbifame. Walitti qabama kabajamaa sana keessatti dhugaan wangeelaa ifatti dubbatamee ture, akkasumas dogoggorri waldaa phaaphaasii ni saaxilame. Guyyaan sun “guyyaa haareffama guddaa fi seenaa kiristiyaanummaa fi dhala namaa keessatti hunda caalaa kabajamuu isaa labse.” —Ibid., b. 14, ch. 7. WG 176.1
Yeroo kun ta’e molokseen Witenbergi Wormisitti mana maree biyyoolessaa dura qofaa isaa erga dhaabbatee waggoonni muraasi darbaniiru. Amma angafoonnii fi ijoolleen moototaa kan biyyichaa warri aango qaboota ta’an isa bakka bu’aniiru. Luuter A’ugisburgitti akka hin argamneef dhorkamee ture, garuu sagalee fi kadhannaa isaatiin bakka sanatti argamaa ture. “hamma yeroo Kiristos dhuga baatota kabajamoo Kanaan yaa’ii guddaa duratti ol qabamutti jiraachuu kootiif gammachuun koo daangaa hin qabu” jedhee barreesse.” —Ibid., b. 14, ch. 7. Wanti Macaafni Qulqulluun dubbate akkasitti fiixaan ba’e: “Abboommii isa siif dhugaa ba'us, mootota duratti nan dubbadha.” Faar.119:46. WG 176.2
Bara Phaawulos keessa wangeelli inni (Phaawuloos) hidhameef, ijoollee moototaa fi ango qaboota magaalaa mootummaa duratti dhi’aatee ture. Yeroo sana inni mootonni iddoo aarsaa irraa akka hin lallabamneef dhorkan mana mootummaa keessaa lallabame; wanti namoonni baay’een garboonni dhageefachuun hin ta’u jedhanii yaadan haala dinqisiisaatiin moototaa fi gooftota mootumicha keessa jiran biratti dhaggeeffatame. Dhaggeeffatoonni yeroo Sanaa moototaa fi gurgudoota yeroo ta’an, lallabdoonni immoo ilmaan moototaa warra gonfoo keewwatan turan, kan lallabamu immoo isa ulfina qabeessa dhugaa Waaqayyoo ture. Kana ilaalchisee barreessaan tokko “erga bara ergamootaa jalqabee hojiin guddaan akkasii yookiin dhuga ba’umsi amantii dinqisiisaan akkasii ta’ee hin beeku” jedhe —D’Aubigne, b. 14, ch. 7. WG 176.3
Lubni phaaphaasii tokko akkas jedhe “wanti warri Luuteraanii dubbatan hundumtuu dhugaadha; nuyi isa ganuu hin dandeenyu.” “Isa ilmaan moototaa fi gareen isaanii wajjinii dhugaa ba’an ragaa quubsaadhaan sobsiisuu in dandeessaa?” jedhee gaafate namni biraan Dr. Eck namni jedhamu immoo. “Barreefama ergamootaa fi raajotaatiin yoo ta’e hin dandeenyu” kan jedhu ture deebiin isaa. “Garuu kan abbootaa fi kan mana mareetiin eeyyee in dandeenya!” inni gaaffii kana dhi’eesse deebisee “ani hubadheera. Akka jecha keetti warri Luuteraan Macaafa Qulqulluu keessa jiru, nuyi garuu isa keessaa baaneerra.” - Ibid., b. 14, ch. 8. WG 176.4
Ilmaan moototaa biyya Jarman muraasi gara amantii haareffamaatti makaman. Mootichi mataan isaa barreeffamni protestaantii dhugaa qofa kan hordofe ta’uu isaa beeksise. Barreeffamni amantii isaanii mul’isu afaan baay’eetti hiikamuudhaan Awurooppaa hunda keessa tamsa’e, baroota itti aanee dhufu keessattis ibsa amantii isaanii ta’uudhaan namoota miliyoonatti lakkaa’aman biratti fudhatama argate. WG 176.5
Garboonni Waaqayyoo warri amanamoonni qofaa isaanii hojjechaa hin jiran. Humnoonni aboo qaban, warri gooftummaa qabanii fi, hafuuronni hamoon warra bantii waaqaa keessaa isaan irratti gamtaa yeroo uuman Waaqayyo saba isaa hin dhiisu. Utuu iji isaanii banamuu danda’ee ragaa argamuu fi gargaarsa Waaqayyoo isa raajota duriif kennamee ture in argu turan. Yeroo garbichi Elsayii loltuu diinotaa naannoo isaanii marsanii jiran gooftaa isaa argisiisuudhaan karaan ba’umsaa cufamuu isaa argisiise, raajichi “Yaa Waaqayyo, akka inni argutti hadaraa ija isaa baniif! jedhee in kadhate;” 2Moot. 6:17. Tullichi fardeenii fi konkolaattota ibiddaatiin guutamanii, loltoonni samii nama Waaqayyoo eeguuf achi buufatanii turan. Akkuma kanatti ergamoonni hojjetoota haara’umsaa eegaa turan. WG 176.6
Qajeelfamoota karaa Luuteriin jabinaan eegaman keessaa inni tokko haareffama deggeruuf jecha aangawoota biyya lafaatti hirkachuu dhiisuu fi eegumsaaf (ittisaaf) humna waraanaa waammachuu dhiisuu ture. Mootumicha keessa kan jiran ijoolleen moototaa wangeelaaf dhugaa ba’uu isaaniitiif gammachuutu isatti dhaga’ama ture; garuu yeroo isaan eegumsaaf (ittisaaf) gamtaa uumuuf yaada dhi’eessan “barsiifni wangeelaa kan inni eegamu Waaqayyo qofaadhaani” jedhee dubbate.…Hammuma hojicha gidduu seenuun namaa xiqqate, hammuma sana dhimmicha gidu seenuun Waaqayyoo guddata. Akka ilaalcha isaatti of eeggannoon siyaasaa dhi’aate soda hundee hin qabnee fi amanti dhabina cubbuun guutame irraa madde.” —D’Aubigne, London ed., b. 10, ch. 14. WG 177.1
Diinonni humna qaban hojii haareffamaa balleessuuf yeroo gamtaa’anii fi billaa kumatti lakkaa’aman isa irratti yeroo luqqifaman Luuter akkas jedhee barreesse: “seexanni aarii isaatiin ka’eera; phaaphaasonni Waaqayyoon hin beeknes gamtaa uumaniiru; nutis lolaan sodaachifamneerra. Diinonni keenya Hafuura Waaqayyootiin injifatamanii gara daandii dhugaatti akka dirqisiifamaniif sabni soda malee amantii fi kadhannaadhaan fuula teessoo Waaqayyoo duratti akka falmataniif jabeessaa yaadachiisaa. Fedhiin keenya inni guddaan, hojiin keenya inni caalaanis kadhannaa dha; qara billaa fi dheekkamsa seexanaaf akka saaxilaman beekanii sabni haa kadhatan.” —D’Aubigne, b. 10, ch. 14. WG 177.2
Ammas yeroo biraa gamtaa karaa ijoollee moototaa yaadame ilaalchisee meeshaan lola kana keessatti hojii irra ooluu qabu “billaa hafuuraa” ta’uu akka qabu Luuter dubbate. Qondaalaa Saksoniif xalayyaa yeroo barreesse: “gamtaa uumuuf yaada dhi’aate kana sammuu keenyaan mirkaneessuu hin dandeenyu. Wangeelli keenya copha dhiigaa dhangalaasuuf sababa utuu ta’uu arguu irra caalaa si’a kudhan du’uu nuuf wayya. Ga’een keenya akka hoolaa qalmaaf dhi’aattee fakkaachuudha. Fannoon Kiristos baatamuu qaba. Guddummaan keessan soda malee haa ta’u. Isa diinonni keenya fakkarsuudhaan hojjetan irra caalaa nuyi kadhannaa keenyaan in goona. Harki keessan garuu dhiiga obboloota keessaniin faalamuu hin qabu. Dhaaddacha isaatti akka dhi’aannuuf mootiin yoo nu gaafate nuyi dhi’aachuuf qophii dha. Isin amantii keenyaaf eegumsa (ittisa) ta’uu hin dandeessan; tokkoon tokkoon namaa balaa fi rakkoo ofii isaatiif amanuu qaba.” —Ibid., b. 14, ch. 1. WG 177.3
Seenaa sochii haara’umsaa guddaa keessatti, humni biyya lafaa raasu bakka kadhannaan dhoksaatti ta’u keessaa ba’e. Garboonni Waaqayyoo tasgabbii qulqulla’aadhaan achitti kattaa abdii isaa irra miilla isaanii kaa’atan. Yeroo Awugisburgi keessatti wal’aansoon guddaan ta’aa ture Luuter “guyyaatti yoo xiqqate sa’a sadiif utuu hin kadhatin oolee hin beeku ture, akkasumas isaan kun yeroo qayyabannaaf mijatoo turan.” Kutaa ciisichaa isaa keessatti sagalee “kabajaan, soda fi abdiidhaan guutameen akka nama michuu isaatti haasa’uutti” utuu lubbuu isaa fuula Waaqayyootti dhangalaafatuu in dhaga’ama ture. “Ati abbaa keenyaa fi Waaqayyo keenya akka ati taate ani beeka, atis nu wajjin balaa keessa waan jirtuuf ari’attoota ijoollee keetii in bittimsita. Dhimmi kun guutummaatti kan keeti, nuyis isa keessa kan nuyi harka galfanne jajjabeessuu kee qofaadhaani. Erga akkas ta’ee yaa abba! Ati nu eegi!” —Ibid., b. 14, ch. 6. WG 177.4
Melaankiton isa amileen isaa gaddaa fi sodaadhaan cabeef yeroo barreesse akkas jedhe: “Ayyaannii fi nagaan karaa Kiristosiin — ani kanan jedhu karaa Kiristosiin malee karaa biyya lafaa miti. Ameen. Yaaddoo guddaa si miidhee ani guddaan jibbe. Hojiin kun qajeelaa miti yoo ta’e dhiisi; yoo qajeelaadha ta’e immoo sodaa malee akka rafnuuf isa nu abboome abdii isaa amanachuu maaf nu barbaachise? … Hojiin qajeelaa fi dhugaan Kiristosiin hin rakkisu. Inni in jiraata, in mo’as; egaa sodaa maal qabna ree?” —Ibid., b. 14, ch. 6. WG 178.1
Waaqayyo iyya garboota isaa dhaga’eera. Inni ijooleen moototaa fi tajaajiltoonni, geggeesitoota dukkana biyya lafaa warra ta’an duratti dhugaaf falmuu akka danda’aniif ayyaanaa fi jabina kenneeraafi. Gooftaan akkas jedhe: “Kunoo, dhagaa mataa golee qajeelchu, isa fo'amaa, isa gati-qabeessas Xiyoon keessa nan kaa'a; inni isatti amanatu immoo hin yeella'u kan jedhu jira.” 1Phex.2:6. Haaressitoonni Protestaantii Kiristos irratti waan ijaaraniif balbaloonni Gahaannam isaanitti jabaachuu hin dandeenye. WG 178.2