Boqonnaa 1— Diigamuu Yerusaalem
Boqonnaa 1— Diigamuu Yerusaalem
“Har’uma illee, ati nagaadhaaf kan siif ta’u utuu beektee, attam gaarii ture; amma garuu wanti kun ija kee duraa dhookatee jira. Guyyoonni itti diinonni kee dallaa sitti ijaaran, si marsan, karaa hundumaanis si cunqursan, sitti dhufuuf jiru. Bara Waaqayyo itti si fayyisuu dhufe waan hin beekneef si, ijoollee kee warra masaraa kee keessa jiranis lafatti isin dabalu, dhagaa wal irra kaa’ame hundumaas wal irratti siif hin dhiisan” jedhe. Luuqaas 19:42-44. WG 18.1
Fiixee Gaara Ejersaa irraa, Yesuus Yerusaalemiin asii gad ilaale. Qajeelummaa fi nagaan ija isaa dura buufatanii turan. Yeroon isaa yeroo ayyaana Faasikaa ture, ilmaan Yaaqoob kan ta’an hunduu biyya jiranii walitti qabamanii ayyaana biyyoolessaa kana kabaju turan. Maasii fi iddoo dhaabaa wayinii keessatti, gaarrewwanii fi lafti ol ka’aan dunkaana imaltootaatiin miidhagfamanii, lafa magaalaa guddoo Israa’eliin haguuganiiru. Intalli Xiyoon koormaa siheetiin, ani teessoo mootittii irra taa’eera, kana boodas gadda hin argu waan jette fakkaatti; akkuma isa jaarraa hedduun dura faarfataa beekamaan “Tulluun Xiyoon inni ol ka’inni isaa miidhagaan, guutummaa lafa kanaaf gammachuudha, inni mandara mootii guddichaati” jedhee faarfate, samii duratti fudhatama argachuun ishee amansiisaadha jettee amanteetti (Faarsaa 48:2). Gamoon mana qulqullummaa miidhagina isaa guutuutin mul’ata. Qarri aduu lixaa jirtuu addeenya dhagaa adii manichi ittiin ijaaramee, balbala, utubaa fi gubbee warqee irraa tolfame irratti calaqqee uumee argama. “Guutummaan Miidhaginaa” inni Yihuudonni ittiin boonan dhaabatee mul’ata. Ijoollee Israa’el keessaa kana ilaalee kan hin gammadnee fi hin ajaa’ibsiifanne maaltu jira! Haa ta’u malee sana irra darbee yaada kan biraatu sammuu Yesuusiin qabate. “Yesuus itti dhiyaatee mandara Yerusaalemiin yemmoo arge, ni boo’eef” Luuqaas 19:41. Gammachuu seensa moo’ichaaf utuma dameen meexxii raafamuu, utuma sagaleen guddisee hosaa’inaa jedhu garren rukutanii achii as deebi’anii dhaga’amanii, sagaleen kumaatamaan lakka’aman utuma mootii jedhanii isa waamanii, gidduumatti fayyisaan biyya lafaa tasuma gadda jabaa iccita ta’een liqimfame. Inni Ilma Waaqayyoo ta’e, inni Abdii Israa’el ta’e, inni du’a mo’ee warra du’an keessaa boojuu booji’ee ka’e, imimmaan gadda salphaa utuu hin taane gadda jabaa fi gadi fagoo ta’e irraa dhufu coccobse. WG 18.2
Bakka miilli isaa isa geessaa jiru sirriitti kan beeku yoo ta’e iyyuu, ofii isaatiif miti kan inni boo’e. Bakki dhiphifamuu guddaan dhiyootti irra ga’u, Geetesemaaneen fuula isaa dura ture. Balballi hoolotaa, kan hoolotni, carraan aarfamuu isaan irra bu’e, jaarraa hedduudhaaf keessa oofamanii darbaa turan, kan isaafis “akka hoolaatti haa gorraa’amuuf” banamuuf jiru sun fuulleetti ni argama ture (Isaayyaas 53:7). Bakki itti fannifamu, Qaraaniyoon isarraa fagoo hin turre. Karaan Yesuus irra ijjechuuf jiru kun gaafa Yesuus cubbuudhaaf aarsaa ta’ee dhiyaatu dukkana sodaachisaadhaan haguugamuuf jira. Haa ta’u malee yeroo gammachuu kana gidduutti wantota kana miti kan isa gaaddiddeesse. Hafuura isaa isa ofittummaa hin qabne dhiphifamuun humna namaatiin ol ta’e kan irra ga’uuf jiru gaaddiddeessuu hin danda’u. Inni kan boo’e jiraattota yerusaalem kumaatamaan lakka’amanii fi abdii malee ta’aniif ture — warri inni eebbisuu fi fayyisuudhaaf dhufe jaamaa fi kan badii isaaniif hin gaabbine ta’uu isaaniif boo’eef. WG 19.1
Seenaan sabni Waaqayyo fo’ate kun waggoota kumaaf Waaqayyo biraa faara tolaa fi kunuunsa guddiftuu adda ta’e argachuun isaanii, ija Yesuus duratti banamee ture. Bakki itti ilmi abdii, kan of irraa hin faccifne, hidhamee iddoo aarsaa irra ciibsame, tulluun Mooriyaa tureera — fakkeenya aarfamuu ilma Waaqayyoo. Achitti ture kan kakuu eebbifamaa kan ta’e abdiin Masihichaa inni ulfina qabeessi abbaa amamootaa kan ta’eef kan mirkanaa’e. Uumama 22:9, 16-18. Achitti oobdii midhaanii isa kan Ornaan keessaa arrabni ibidda aarsaa gara samiitti ol ba’uudhaan billaa ergamaa isa balleessuuf dhufee man’eetti deebise (1 Seenaa Baraa 21) -- sunis isa fayyisaan keenya irra daddarbaa ilmaan namootaaf aarsaa ta’ee fi araarse agarsiisa. Yerusaalem guutummaa lafaa keessaa bakka Waaqayyo duratti ulfina argatte turte. Waaqayyo “Xiyooniin filatee, ishee keessa jiraachuudhaaf” hawwe. Faarsaa 132:13. Bara baayyeedhaaf raajonni achitti ergaa akeekkachiisaa dubbachaa turaniiru. Achitti Luboonni qodaa ixaana itti aarsan urgufuudhaan, duumessi ixaanaa kadhannaa waaqeffattootaa wajjin gara samiitti ol ba’aa tureera. Achitti guyyaa hundumaa dhiigni hoolaa gora’amanii, hoolaa Waaqayyoo isa gora’amuuf jiru agarsiisan, dhiyaachaa turaniiru. Achitti teessoo araaraa gubbaadhaan, duumessa Keessaan Waaqayyo argamuu isaa mul’iseera. Achitti Riqaan dhoksaa guddaa qabu kan samii fi ardii wal qabsiise mul’ateera (Uumama 28:12; Yohaannis 1:51) -- riqaa isa ergamoonni Waaqayyoo irra ol ba’aa fi gadi bu’aa turan, isa biyya lafaatiif karaa ittiin iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu ta’eetti geessu bane. Utuu Isiraa’el akka sabaatti samiidhaaf amanamuu ishee itti fufteetti ta’ee, silaa Yerusaalem bara baraan kan Waaqayyoon filatamte taatee itti fufti turte. Ermiyaas 17:21-25. Haa ta’u malee seenaan sama ayyaana argatee sun Waaqayyo irraa deebi’uu fi fincilaan galmaa’ee jira. But the history of that favored people was a record of backsliding and rebellion. Ayyaana Samiitiin ni mormani; carraa gaarii argatanitti gar malee fayyadaman; carraa qabanis ni saphisan. WG 19.2
Yoo sabni Israa’el ergamoota Waaqayyootti ga’isanii, dubbii Waaqayyoos tuffatanii, raajota Isaatti qoosan iyyuu (2 Seenaa Baraa 36:16), Waaqayyo ammas akka “Waaqayyo gooftaatti, isa ho’a qabeessaatti, isa araara qabeessaatti, isa aariitti suuta jedhaa, isa gaarummaan isaa fi amanamummaan isaa guddaa” ta’eetti ofii isaa isaanitti mul’ise (Ba’uu 34:6); irra deddeebi’anii mormuun isaanii utuu isa hin ittisin araarri isaa isaaniin sossobachuu ittuma fufe. Kan abbaan ilma isaa jaallatuuf gudhu caalaatti “Waaqayyo inni kan abboota isaanii saba isaatiif, mana qulqullummaa isaatiifis waan ho’eef, si baayyee ergamoota isaa gara isaaniitti ergee isaan akeekkachiisee ture” 2 Seenaa Baraa 36:15. Yeroo falmuun, sossobachuun, fi dheekkamuun hojjechuu didetti, Waaqayyo kennaa samii isa hundumaa caalu isaaniif erge; dhugaadhumatti, kennaa tokkicha sana keessaan samii guutummaa isaaniif dhangalaase. WG 20.1
Ilmi Waaqayyoo ofuma isaatii magaalaa qalbii hin jijjiirranne sossobachuudhaaf ergame. Kan Israa’eliin biyya Misirii Wayinii filatamtuu godhee baase Kiristoos ture. Faarsaa 80:8. Harka ofii isaatii ture ormoota isaan dura turan kan balleesse. Inni “tulluu coomaa” irra isaan dhaabee ture. Kunuunsi guddistummaa Isaatii isaan marsee ture. Hojjetaan isaa haa kunuunsuuf ergamee ture. “Iddoo dhaabaa wayinii kootiif kana caalaa wanti gochuun narra ture maali,” “kana ani hin gooneef maaltu jira?” jedha. Isaayyaas 5:1-4. Yoo ija gaarii naqachuun utuu irra jiruu ija hadhaa’aa naqatee arge iyyuu, ammas ija godhachuu isaatiif abdii guddaa godhachuudhaan qaamaan iddoo dhaabaa wayinichaa dhufe; yoo gammachuudhaan fudhatteef diigamuu irraa akka isheen baraaramtuuf dhufeef. Wayinichatti naannessee ni soqe, akka deebisee latutti irraa mure. Wayinii ofii isaatii dhaabe kana oolchuudhaaf waan godhamuufii qabu hunda gochuutti hin laafne. WG 21.1
Waggaa sadii guutuudhaaf Gooftaan Ifaa fi Ulfinaa saba isaa gidduu olii fi gadi adeemaa ture. Inni isaan gidduu deddeebi’ee “waan gaarii gochaa, warra seexanni isaan miidhe fayyisaa, warra garaan isaanii cabe dhidhiibaa, warra qaroo isaanii dhabaniif iaja banaa, warra hidhaman hiikaa, warra okkolan deemsisaa, warra hin dhageenye gurra banaa, warra lamxaa’an qulleessaa, warra du’an kaasaa, fi hiyyeessotatti Wangeela lallabaa ture. Hojii Ergamootaa 10:38; Luuqaas 4:18; Maatewoos 11:5. Namota sadarkaa hunduma irra jiraniifis waamichi araaraa wal fakkaataa ta’e dhiyaateera: “Isin dadhabootni, ba’aan keessan kan isinitti ulfaate, gara koo kottaa; anis isinan boqochiisaa.” Maatewoos 11:28. WG 21.2
Yoo gaarummaa godheef hammeenyi, jaalala isaatiif jibbi deebi’eef iyyuu (Faarsaa 109:5), inni ergama araaraa isaa cimsee itti fufe. Isaan sun hundinuu Ayyaana agarsiisuu irraa isa hin ittifne. Kan mana itti galu hin qabne, kan dheekkamsi itti bu’e fi kan hiyyumni qooda isaa guyyaa maraa ta’e, warra rakkina keessa jiran tajaajiluu fi gadadoo ilmaan namootaa salphisuufiidhaan, kennaa jireenyaa haa fudhataniif isaan sossobachaa ture. Dha’aan araaraa, inni warra garaan isaanii kooraan guute rukutee as deebi’u caalaatti ho’aa fi jaalala akka itti agarsiisu godha. Isiraa’el jaalallee ishee isa hundumaa caaluu fi gargaaraa ishee tokkichatti dudda gate. Inni inni jaalalaan isaan sossobatu ni tuffatame, gorsi isaa harkatti didame, akeekkachiisa isaatti ni qoosame. WG 21.3
Yeroon abdii fi araara argachuu ariifatee darbuu ga’eera; Xoofoon dheekkamsa Waaqayyoo inni yeroo dheeraadhaaf kuufame guutuu ga’eera. Duumessi gantummaa fi fincilaa barootaaf kuufamaa ture, gadadootiin gurraacha’ee, cubbamoota irratti tarsa’ee gadi jiguudhaaf jira; inni tokkichi silaa badiisa balbaal ga’e kana irraa isaan baraaruu danda’u salphifamee, miidhamee, mormamee, dhiyootti aarfamuuf jedha. Gaafa Yesuus fannoo irratti fannifamu, gaafa sana Waaqayyon duratti ayyaana argachuu fi filatamuun saba Isiraa’eel xumura argata. Badiisi lubbuu tokkittii badiisa qabeenyaa guutummaa biyya lafaa irra jiruu calaatti isa gaddisiisa; Garuu gaafa Kiristoos Yerusaalemiin fuulleetti ilaale, badiisini guutummaa magaalattii, guutummaa saba Sanaa, isa dura ture -- magaalaa sana, sab asana, warra Kanaan dura saba Waaqayyoof filatame ture, qabeenya dhuunfaa isaa. WG 22.1
Raajonni gadda gantummaan Israa’el isaanitti fideef bo’aa turaniiru. Ermiyaas “Halkanii fi Guyyaa utuun wal irraa hin kutin, saba koo warra qalamanii dhumaniif, sabni Waaqayyoo waan booji’amaniifis, akkan boo’utti, maaloo mataan koo iddoo bishaan jalaa, iji koos burqituu imimmaanii utuu ta’ee!” jedhee hawwee ture. Ermiyaas 9:1; 13:17. Inni Mul’ata waaggootaa qofa utuu hin taane baroota hundaa mil’uu tokkoon argu immoo ammam haa gaddu! Inni Ergamaa billaa baatee magaalaa ishee Kanaan dura iddoo buufata Waaqayyoo turte balleessuudhaaf billaa ol fudhate arge. Gubbee tulluu Ejersaa, bakkuma yeroo muraasa booda Tiitoo fi Loltoota isaatiin qabamuuf jiru, irra dhaabatee, sulula irraa fuulleetti iddoo fi balbaloota qulqullaa’oo ilaalee, dallaan ishee loltoota ormootaatiin marfamuuf akka jiran ija imimmaaniin guuteen arge. Sagalee loltoota ormaa lolaaf shaakalaa jiranii dhaga’e. Sagalee boo’icha haadhotii fi ijoollee magaalaa beelaan gidirfamtee keessaa boo’anii dhaga’e. Manneen ishee mimmiidhagoon, masaraan mootummaa siheetii fi gamoowwan ishee, ibiddaaf kennamanii bakki isaan yeroo tokko dhaabachaa turan daaraa fi ambaa ibiddaa ta’uuf akka jiran arge. WG 22.2
Baroota dhufuuf jiran asii achi yeroo ilaale, sabni kakuu “akka caccabaa daarii gammoojjii” biyya hunda keessa faca’anii arge. Gatii cubbuu isheetiif adabbii yeroo gabaabaa ijoollee isheetti amma kufaa jiru yeroo ilaalu, kun dhandhama xoofoo dheekkamsaa ta’uu isaa fi guyyaa murtii isa dhumaatti amma siicoosaa keessaa fixxee xoofoo sona keessaa dhuguuf kan jirtu ta’uu ishee arge. Waaqni Yerusaalemiif abdii kutate kun, inni dheebuu jaalalaa dheebote, akkas jedhee sagalee gaddaa dhageessise: “Yaa Yerusaalem, Yaa Yerusaalem, Yaa ishee raajota ajjeeftee, fi warra sitti ergaman dhagaadhaan rukuttee, yeroo meeqan akka lukkuun cuucota ishee baallee ishee jalatti walitti qabattu, ijoollee kee walitti qabuudhaaf yaale, atii fi ijoolleen kee garuu tole hin jenne!” Yaa saba filatamtee, waan hundumaa calaa “Har’uma illee, ati guyyaa yaadatamuu keetii fi nagaadhaaf kan siif ta’u utuu beektee, attam gaarii ture! Ergmaa tarkaanfii fudhatu nan turse, siinis gara qalbii jijjiirrannaatti nan waame, garuu kun hundi akkasumaan ta’e. Kan ati ittiin mormite tajaajiltoota, bakka buutotaa fi raajota qofa miti, Isa birmadduu si baasu, Isa qulqulluus sanas malee. Badiisa keetiif itti gaafatamummaa si mataa keetu fudhata. “Jireenya akka qabaattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan.” Maatewoos 23:37; Yohaannis 5:40. WG 23.1
Kristoos Yerusaalem keessatti mallattoo gara jabinaa fi amanuu diduu fi fincila biyya lafaa isa murtii ijaa baafannaa Waaqayyoo ariifachiisu arge. Wayyoon sanyii kufee lubbuu isaa irratti fe’amuudhaan boo’ichi hadha’aan afaan isaa irraa akka ba’uuf isa dirqisiise. Seenaa ilmaan namaa geessatti kan cubbuun galmeesse gadda, imimmaan, fi dhiiga arge; saba biyya lafaa kana irratti dhiphinaa fi leeyyoo dhuma hin qabne kana keessa bu’an ilaaluudhaan garaan isaa ni raafame. Hunda isaanii oolchuudhaaf dharra’e. Haa ta’u malee harki isaa wayyoo amma isaanitti dhufe kana deebisuu hin danda’u; namoota muraasa qofatu akka burqaa gargaarsaa tokkichaatti isa barbaada. Fayyina isaan qaqqabsiisuudhaaf lubbuu isaa amma du’aatti dabarsee kennuudhaaf fedhii isaa ture; haa ta’u malee jireenya qabaachuudhaaf kan gara isaa dhufu namoota muraasa qofa turan. WG 23.2
Ulfina qabeessi samii imimmaan lolaase! Ilmi Waaqa bara baraa hafuurri isaa jeeqamee, gadda jabaadhaan mataa isaa gadi qabate! Taateen kun samii hunda ajaa’ibsiise. Taateen sun cubbuun ammam ulfaataa akka ta’e mul’ise; seera Waaqayyoo irra darbuudhaan waan itti dhufe irraa isaan baraaruun humna isa bara baraa sanaaf illee ammam hojii ulfaataa akka ta’e argisiise. Yesuus dhaloota warra xumuraa achi dabarsee yeroo ilaaletti, biyyi lafaa gowoomsaa isa badiisa Yerusaalemiin fidee wajjin kan wal fakkaatu keessatti hirmaachuu ishee arge. Cubbuu guddaan Yihuudotaa Kristoosiin fudhachuu diduu isaaniiti; cubbuu guddaan hawwaasa Kiristaanotaa ammo seera isaa, isa bulchiinsi isaa inni samii fi lafaa ijaarame, fudhachuu diduu isaanii ta’a. qajeelfamni Waaqayyoo jibbamee akka waan gatii hin qabneetti lakka’ama. Miliyoonaan kan lakka’aman guyyaa yaadatamuu isaanii keessayyi sagalee isaa isa dhugaa dhaga’uu diduudhaan waanjoo cubbuutiin qabamnaii, seexanaaf garboota ta’uudhaan du’a isa lammaffaatiin dhiphifamuudhaaf adeemu. Jaamummaa hamaa! Dhukkuba addaa! WG 24.1
Faasikaan ga’uudhaaf guyyaan lama yeroo hafetti, erga Yesuus geggeessitoota Yihuudotaa oftuulmaa isaaniitiif cee’phaee, yeroo xumuraatiif mana qulqullummaatii ba’ee deemee booda, ammas bartoota isaa wajjin gaara ejersaa irratti ol ba’ee irraan gadee marga uffatee jiru irra bartoota isaa wajjin taa’ee magaalattii asii gad ilaale. Ammas dallaa ishee, gamoo ishee fi masaraa mootummaa ishee iaj guutee ilaale. Ammas irra deebi’ee mana qulqullummaa fi ulfina addaa inni qabu, gonfoo miidhaginaa ta’ee tulluu qulqulla’aa sana miidhagsuu isaa ilaale. WG 24.2
Waggoota kumaan dura abbaan faarsaa Waaqayyo Isiraa’eliin filatee mana qulqulla’aa keessa jiraatu ishee gochuu Isaa jajatee ture: “godoon isaa mandara Saalem keessa, iddoon buufata isaas Xiyoon keessa ni dhaabate. Tulluu Xiyoon isa jaallate sanas ni fo’ate. Mana qulqullummaa isaa akka iddoowwan ol ka’ootti ni ijaare” Faarsaa 76:2; 78:68, 69. Manni qulqullummaan inni jalqabaa kan ijaarame yeroo itti Israa’eel seenaa keessatti baayyee soorettii turte keessa ture. Qabeenyaan kanaaf barbaachisu baayyeen isaa mooticha Daawwitiin walitti kan qabame yeroo ta’u akkaataa inni itti ijaaramu immoo Waaqayyotu mul’ise. 1 Seenaa Baraa 28:12, 19. Solomoon inni Mootota Israa’el hundumaa keessaa caalaa ogeessa ta’e hojicha ni xumure. Manni qulqullummaa kun ulfina miidhaginaa biyyi lafaa arigtee hin beekne qaba. Haa ta’u malee Waaqayyo karaa raajicha Haagee waa’ee mana qulqullummaa isa lammaffaa dubbate: “ulfinni mana isa ammaa kanaa ulfina mana isa durii irra ni caala; saba lafa irraa hunda nan sochoosa, badhaadhummaan saba lafa irraa hundinuus as ni fidama; ani mana kana ulfinaan nan guuta; jedha Waaqayyo.” Haagee 2:9, 7. WG 25.1
Erga manni qulqullummaa sun Naabuukadinaaxoriin diigamee booda, dhalachuu Kristoosiin waggaa dhibba shan dura, namoota bara jireenya isaanii guutummaa boojuu jala turanii biyya barbadaa’ee fi gammoojjii fakkaatetti deebi’aniin ijaarame. Namoota sana keessaa namootni umurii dheeraa jiraatan, warri miidhagina mana qulqullummaa isa kan Solomooniin argan, yeroo dhagaan bu’uuraa kan mana qulqullummaa isa lammaffaa ka’ametti akka isa jalqabaa miidhaguu hin danda’u jedhanii kan boo’antu ture. Miirri akkamii akka ture raajichaan akka ibsamu godhameera: isin keessaa namni manni kun dur attam ulfina qabeessa akka ture yaadatu jiraa? Amma immoo inni maal fakkaata? Inni akkuma waan hin jirreeti mitiiree? Haagee 2:3; Iziraa 3:12. Sana booda ture kan ulfinni mana qulqullummaa inni boodaa kan isa duraa irra akka caalu kan abdiin kenname. WG 25.2
Haa ta’u malee manni qulqullummaa inni lammaffaa ulfinaan amma isa jalqabaa hin geenye; yookiin akka mana qulqullummaa isa jalqabaas argamuu Waaqayyootiin hin eebbifamne. Sirna eebbaa isaa irratti humni Waaqaummaa mul’ate tokko illee hin jiru. Duumessi ulfina Waaqayyoo dhufee mana qulqullummaa ijaarame kana keessa hin guutne. Aarsaa dhiyeeffame nyaachuudhaaf ibiddi samii irraa gadi hin buune. Ulfinni Waaqayyoo akka durii kirubeelota lamaan gidduutii hin mul’atu; Bidiruun kakuu Waaqayyoo, teessoon araaraa, gabateen dhugabaatotaa deebi’anii achi keessatti hin argaman. Luba jaalalli Waaqayyoo maal akka ta’e gaafachuutti jiruuf mirkaneessuudhaaf sagaleen samiidhaa dhaga’amu hin jiru. WG 26.1
Jaarraa baayyeedhaaf abdiin Waaqayyo karaa raajicha Haagee kenne raawwachuu isaa mul’isuudhaaf akkasumaan dhama’aa turan; haa ta’u malee koormaa fi amanuu dadhabuun hiikkaa dhugaa abdii raajichi haageen kennee akka hin hubanneef isaan jaamsee ture. Manni qulqullummaa inni lammaffaan duumessa ulfina Waaqayyootiin hin guutne, qooda sanaa, isa Waaqayyo abbaan guutummaatti isa keessaan mul’atee fi isa ofii isaatii iyyuu Waaqa ta’etu qaamaan foon uffatee mul’ate. Yeroo Namichi Naazireet bakka qulqulla’aa sanatti barsiisaa fi fayyisaa turetti “Hawwa Saba Hundumaatu” dhugaamatti gara mana qulqullummaa Isaatii dhufe. Argamuu Kiristoosii fi aragamuu isaa qofaan dha kan manni qulqullummaa inni lammaffaa kan ulfinni isaa mana qulqullummaa isa jalqabaa irra caalu. Isiraa’el garuu kennaa Samii irraa isheedhaaf kenname kana of irraa deebifte. Guyyaa barsiisaan gadi of deebise sun balbala isa warqee irraa tolfame sana keessa darbee ba’ee adeeme ture kan ulfinni sun bara baraan mana qulqullummaa sana irraa adda ba’e. Inni fayyisaan: “Ilaa manni keessan one ni hafa” jedhe ni raawwatame. Maatewoos 23:38. WG 26.2
Bartootni isaa isa inni manni qulqullummaa kun ni diigama jedhe baayyee ajaa’ibsiifachuudhaan caalaatti hiikkaa dubbii isaatii baruudhaaf hawwani. Wagga afurtamaaf qabeenyi, humni namaa, fi oogummaan ijaarsaa manicha miidhagsuudhaaf hojii irra ooleera. Heroodis guddichi qabeenya warra roomaa fi kan Yihuudotaa irratti dhangalaasuu irra darbee bulchaan guutummaa addunyaa kan ta’e kun kennaa adda addaatiin badhaaseera. Dhagaa adiin gurguddoo ta’an baayyinaan dhimmuma kanaaf Roomaa irraa ergaman miidhagina isaa keessaa qooda qabu; bartootni isaa gara kanatti xiyyeeffannaa barsiisaa isaanii harkisuudhaaf akkas jedhan: “Mee dhagaa gurguddaa kana, ijaarsa babba’eessa kanas mee ilaali!” Maarqos 13:1. WG 26.3
Jechoota kanaaf Yesuus deebii jabaa fi ajaa’ibsiisaa kenne: “dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu ni diigama malee.” Maatewoos 24:2. WG 27.1
Diigamuu Yerusaalemii wajjin wal qabatee ta’insa kana bartootni isaa akka waan Yesuus ulfina yerootiif Yihuudota warra qalbii hin jijjiirranne adabee teessoo mootummaa kan biyya lafaa qabachuudhaan sab asana waanjoo warra Roomaa jalaa baasutti fudhatan. Gooftaan yeroo lammaffaaf akka deebi’ee dhufu itti himee ture. Erga inni waa’ee murtii Yerusaalem irratti dhufuu dubbatee booda sammuun isaanii gara dhufaatii sanatti deebi’e; sana booda gaara Ejersaa irra fayyisaa isaaniitti naanna’anii utuu ta’anii gaaffii isa gaafatan: “Nutti himi kun yoom ta’a? mallattoon dhufaatii keetii, kan dhuma barichaas maali?” Lakk. 3. WG 27.2
Fuula duratti waanti ta’u bartootatti araaraan golgamee jira. Utuu wanta qabatamaa ta’uuf jiru lamaan (dhiphinaa fi du’a fayyisaa; diigamuu mana qulqullummaa fi magaalaa isaanii) sirriitti beekaniitii silaa sodaa guddaatu isaan qabata ture. Yesuus cufamuu yerichaatiin dura waan amma dhiyootti raawwachuuf jiru isaanitti hime. Jechisaa yeroo sana guutummaatti hin hubatamneef ture; yoo sabni isaa qajeelfama achi keessa jiran beekuudhaaf barbaadan hiikkaan isaa isaaniif ibsama ture. Raajii inni dubbate hiikkaa dachaa qaba ture; waa’ee diigamuu Yerusaalemiin dursee yeroo himu, dhiphina bara dhumaatti ta’us dursee dubbateera. WG 27.3
Yesuus bartoota isaa warra isa dhaga’aa jiranitti murtii Israa’el ishee gantuu irratti dhufaa jiru hime. Keessattuu dheekkamsa ijaa baafannaa Masiihicha simachuu diduu fi fannisuu isaaniitiif isaanitti dhufuuf jiru itti dubbate. Mallattoolee hin dogoggoramnetu xumura gaddisiisaa sana dursee dhufa. Yeroon sodaachisaan sun tasa ariifatee dhufa. Kanaaf fayyisaan duuka buutota isaa akeekkachiise: Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa’aa xureessu sun, inni Daani’el raajichi waa’ee isaa dubbate, iddoo qulqulla’aa dhaabatee arguuf jirtu (namni kana dubbisu haa hubatu!); yemmus warri Yihuudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.” Maatewoos 24:15, 16; Luuqaas 21:20, 21. Yeroo safartuun waaqolii tolfamoo warra roomaa inni dallaa Yerusaalem irraa fagootti eegamu iddoo qulqulluu irra kaa’amu, yeroo sana duuka buutotni Kristoos bakka itti baqatan barbaaddatu. Yeroo mallattoon akeekkachiisaa mul’atutti warri miliquu qaban boodatti hin harkifatin. Guutummaa lafa yihuudaa fi Isiraal keessatti illee mallattoon baqannaa battaluma fudhatamuu qaba. Warri mana gubbaa jiran qabeenyaa isaanii oolchuudhaaf achi irraa gadi hin bu’in. warri maasii keessa yookiin iddoo dhaabaa Wayinii keessa hojjetan uffata isa yeroo ho’a aduu guyyaa keessa hojjetan of irraa baasanii lafa kaa’an fudhachuudhaaf boodatti hin deebi’in. Badiisa walii galaa keessatti akka hin dabalamnetti, yeroo xiqqoof illee hin mamin. WG 28.1
Bara mootummaa Heroodis keessa Yerusaalem miidhegafamuu qofa utuu hin taane, ijaarsi gamoo isheetii, dallaa ishee bakki da’annaa ishee jabina isheen uumamaan qabdutti dabalamee kan weeraramuu hin dandeenye ishee taasiseera. Namni amma waa’ee badiisa isheetii dubbatu kun akkuma bara nohiin akka nama qalbii dabarseetti ilaalamuu mala. Haa ta’u malee Yesuus “laftii fi samiin ni darbu, dubbiin afaan koo keessaa ba’e garuu hin darbu” jedhe. Maatewoos 24:35. Sababii cubbuu isheetiif dheekkamsi Yerusaalemitti dhufe. Sababii oftuulmaa fi amanuu dhabuu isheetiin badiisni ishee qabatamaa ta’e. WG 28.2
Gooftichi karaa raajicha Miikiyaas akkas jedhe: “Isin warri mana Yaaqobiif dura buutuu taatan, warri mana Israa’el geggeessitan kana dhaggeeffadhaa! Wanti qajeelaa ta’ee fudhatame isin ni jibbisiisa, wanta qajeelaa hundumaas ni jal’iftu. Isin Xiyooniin dhiiga dhangalaasuudhaan Yerusaalemiinis jal’inaan ni ijaartu. Warri dura buutuu ishee ta’an gabbarsuu fudhatanii firdii ni kennu, lubootni ishee gatii fudhatanii nama ni gorsu, raajonni ishee horii fudhatanii hooda ni hoodatu; kanuma irratti iyyuu, ‘Waaqayyo nu gidduu jira mitiiree? Wanti hamaan nu hin argatu’ jedhanii ana Waaqayyoon abdatu.” Mikiiyas 3:9-11. WG 29.1
Dubbiin kun amanamummaadhaan jiraattota Yerusaalem warra faalamanii fi qajeelummaa mataa isaaniitti amanan ibse. Seera Waaqayyoo jabeessinee eegna haa jedhan iyyuu malee qajeelfamoota isaa hunda irra daddarbaa jiraatu. Kristoosiin kan isaan jibbaniif qulqullummaan isaa hanqina isaan qaban waan mul’iseef dha; rakkoo cubbuu isaanii irraa kan ka’e isaanitti dhufuuf isa himachaa turan. Akka inni cubbuu hin qabne yoo beekan illee, akka sabaatti nagaa isaanii mirkaneeffachuudhaaf garuu du’uu qaba jedhanii labsan. “Akkasumatti yoo isa dhiifne” jedhan geggeessitootni yihuudotaa, “namootni hundinuu isatti ni amanu: warri Roomaas dhufanii mana qulqullummaa keenya, saba keenyas nu duraa fudhatu.” Yohaannis 11:48. Yoo Kiristoos fannifame deebi’anii saba tokkichoomee fi jabaa ta’u jedhanii yaadan. Kana irratti mari’achuudhaan, murtii angafa lubaa isaanii isa sabni guutummaan baduu irra namni tokko iddoo saba hundaa bakka bu’ee baduu isaa wayya jedhutti walii galan. WG 29.2
Kanaaf geggeessitootni warra Yihuudotaa “Xiyooniin dhiiga dhangalaasuudhaan, Yerusaalemiinis jal’inaan ni ijaaran.” Mikiiyas 3:10. Sababa inni cubbuu isaaniif isaan ifateef fayyisaa isaanii erga gorra’anii booda illee qajeelummaa mataa isaanii irraa kan ka’e akka waan Waaqayyo duratti saba fudhatama argate ta’aniitti Gooftaan harka diina isaanii jalaa akka isaan oolchu abdatan. “Kanaaf” jedha raajichi itti fufee, “ammas sababii keessaniif Xiyoon lafa qotiisaa taatee ni qotamti, Yerusaalem lafa tuullaa dhagaa caccabaa ni taati, tulluun manni qulqullummaa irra jirus lafa ol jedhaa bosonni dhaale ni ta’a.” lakk 12. WG 29.3
Kiristoos ofuma isaatii waa’ee badiisa magaalattii fi saba isheetii erga dubbatee boooda illee murtii kana waggaa afurtamaaf akka turu godhe. Warra wangeelaan mormee fi ilma isaa ajjeese kanaaf obsi Waaqayyoo ajaa’ibsiisaa ture. Fakkeenyi muka ija hin godhatinii sun akkaataa Waaqayyo saba Yihuudotaa wajjin dabarse agarsiisa. Ajaji darbe “Muri, maaliif lafa mancaasa?” kan jedhu ture (Luuqaas 13:7) haa ta’u malee araarri Waaqummaa xinnoo akka inni turu godhe. Amma yeroo sanaatti Yihuudota keessaa kan amalaa fi hojii Kiristoosiin hin hubanne baayyee turan. Ijoolleen isaaniis carraa kanatti hin fayyadamne, yookiin ifa warri isaanii of irraa deebisan kana hin fudhanne. Karaa barsiisa bartootaa fi warra isaan gargaaranii, Waaqayyo ifa isaan irratti ibseera; dhalootaa fi jireenya kiristoos irratti qofa utuu hin taane, du’uu fi du’aa ka’uu isaa dabalatee akkamitti raajiidhaan kan dubbatamee ture akka raawwii argate hubachuun isaaniif heyyamamee ture. Ijoolleen isaanii cubbuu maatii isaaniitiif hin ifatamne; garuu, ifa maatii isaaniitiin didametti, ifa dabalataa isaaniif kenname fudhachuu diduu isaaniitiin, cubbuu maatii isaanii keessaa hirmaattuu ta’an, xoofoo isaaniis jal’inan guutan. WG 30.1
Obsi Waaqayyo Yerusaalemiif qabaate Yihuudotni ammam oftuultotaa fi kan qalbii hin jijjiirranne ta’uu isaanii mirkaneesse. Jibbaa fi gara jabina bartoota Yesuus irratti agarsiisaniin carraa araaraa yeroo dhumaaf isaaniif kenname fudhachuu didan. Sana booda Waaqayyo eegumsa isaa fi humna ittisa isaatii isa ittiin seexanaa fi ergamoota seexanaa irraa ittisu ishee irraa waan kaaseef, sabni sun geggeessaa filatte sanaan akka bultuuf gad dhiifamte. Ijoollotni ishees ayyaana Kiristoos isa jal’ina isaanii kana qabbaneessu fudhachuu waan didaniif warra mo’aman ta’an. Seexanni gara jabinaa fi hammeenya guddaa lubbuu keessatti kakaase. Namootni waa hubachuu dadhabe; isaan hubannaadhaa ala ta’uudhaan ---- dharraa hamaa fi dheekkamsa jaamummaatiin to’ataman. Hammeenya isaaniitiin ni seexanooman. Maatii keessattis ta’e akka sabaatti, warra ol’aanoo fi warra gad-aanoo hundumaa biratti haala wal fakkaatuun shakkiin, inaaffaan, jibbi, qoccolloon, fincili, wal ajjeechaan iddoo fudhate. Bakki amansiisaan eessayyuu hin turre. Hiriyyootnii fi michuuwwan wal ganan. Maatiin ijoollee, ijoolleenis maatii wajjin wal gorra’an. Geggeessitootni uummataa ofii isaaniitii geggeessuuf aangoo hin qaban. Dharraan isaanii inni to’annaan ala ta’e warra nama hacuucan isaan taasise. Yihuudotni isa qulqulluu ta’e ilma Waaqayyoo yakkuudhaaf ragaa sobaa fudhatan. Amma dabaree isaanii ragaan sobaa jiraachuu isaanii gaaffii jala galche. Afaaniin utuu hin taane gochaadhaan “waa’ee Waaqayyo isa qulqulluu kan Israa’el sana nutti hin himinaa” jechaa turan Isaayyaas 30:11. Amma fedhiin isaanii isaaniif kennameera. Sodaan Waaqayyoo kana booda isaan hin jeequ. Seexanni mataa saba kanaa irra taa’eera; geggeessitootni amantaa fi sabaa hundi isa jala jiru. WG 30.2
Geggeessitootni warra mormituus yeroo yerootti tokkummaa uumuudhaan warra isaanii gadi jiran miidhaa fi dhiphisaa turan, walii isaaniittis deebi’anii gara laafina tokko malee wal ajjeesu turan. Qulqullummaan mana qulqullummaa illee gara jabina isaanii isa hamaa ta’e kana irraa isaan ittisuu hin dandeenye. Warri waaqeffachuutti turan ulaa aarsaa duratti lafatti gadi ni rukutaman. Manni qulqullummaas reeffa warra ajjeefamaniitiin ni faalame. Akkasuma ta’ee utuu jiruu, warri hojii hammeenyaa fi gara jabinaa kana kakaasan, tilmaama isaanii isa ga’isuudhaan guuteen, Yerusaalem magaalaa dhuunfaa Waaqayyoo waan taateef wanti ishee balleessa jedhamee sodaatamu hin jiru jedhanii labsu. Aangoo isaanii jabeessanii turfachuudhaaf, utuma waraanni Roomaa mana qulqullummaa marsee jiruu illee, raajota sobduu horiidhaan bituudhaan akka isaan saba sanaan oolchuu Waaqayyoo cal jedhanii eegan itti himsiisaa turan. Amma dhumaatti, sabni sun inni hundumaa gararraa jiru gidduu seenuudhaan diinota isaanii irratti moo’icha nuuf kenna jedhanii eeggatan. Haa ta’u malee Israa’el eegumsi Waaqummaa irraa fudhatameera waan ta’eef, amma ittisa hin qabdu. Yerusaalem Gaddituu! Wal-dhabdee keessoo irraa kan ka’e dhiigni ijoollee isheetii walii isaanii ajjeesuu isaanii rraa kan ka’e daandii ishee hundumaa irratti dhangala’ee jira. Loltuun warra ormaa immoo loltoota ishee mo’achuudhaan isaan ajjeesan. WG 31.1
Diigamuu Yerusaalem ilaalchisee wanttotni Yesuus dursee dubbate qubeen tokko utuu hin hafin raawwate. Yihuudotni akeekkachiisa inni isaaniif kenne dhugaa ta’uu isaa hojiidhaan argan: “Safartuu itti safartaniin, isiniifis ni safarama.” Maatewoos 7:2. WG 32.1
Badiisni sun akka ga’e mallatoolleen adda addaa ni mul’isan. Halkan walakkaa ifni argamee hin beekne mana qulqullummaa irraa fi iddoo aarsaa irraa mul’ate. Duumessa gara galgalaa irraan loltuu fi konkolaataan lolaa lolaaf walitti qabamuun isaanii ni mul’ate. Lubootni dabaree halkanii tajaajilaaf mana qulqulummaa keessa jiran sagalee dhaga’aniin sodaan isaan qabate; lafti ni raafamte, sabni lafa irraa utuu boo’uu dhaga’ame: “Baqannee haa baanu.” Balballi ishee guddichi, inni kara baha biiftuu, inni harka namaatiin cufamuun isaa hin yaalamne, inni cufaa sibiilaa lafa keessatti dhagaadhaan gadi fageeffamee hidhameen cufame, qaama ijaan hin mul’anneen, halkan walakkaa banamee argame --Milman, The History of the Jews, book 13. WG 32.2
Namni tokko waggaa torba guutuudhaaf daandiiwwan Yerusaalem irra olii fi gad adeemee wayyoo isa Yerusaalemitti dhufuuf jiru labsaa ture. Halkanii fi guyyaa faaruu gaddaa kana irra deddeebi’aa ture: “Sagalee karaa baha biiftuu! Sagalee karaa dhiha biiftuu! Saglee qilleensota arfanii! Sagalee Yerusaalemii fi Mana Qulqullummaatiin mormu! Sagalee dhirsa misirroo fi misirrootiin mormu! Sagalee saba hundumaan Mormu!” — kitaaba olitti caqasame irraa kan fuudhame. Namni keessummaa ta’e kun hidhamee doorsifame, haa ta’u malee, jechi hamaan tokko illee afaan isaa keessaa hin bane. Arrabsoo fi miidhama isa irra ga’uuf deebii inni kenne: “Siif wayyoo yaa Yerusaalem!” “Wayyoo yaa warra ishee keessa jiraattanii!” Bo’ichi akeekkachiisaa isaa hanga inni bakka dursee dubbatametti ajjeefamuetti addaan hin citne. WG 32.3
Badiisa Yerusaalem keessatti Kiristaanni tokko hin badne. Kiristoos bartoota isaatiif akeekkachiisa kenneefii ture. Warri dubbii isaatti amanan mallattoo kenname eeggachaa turan. “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yeroo argitan garuu, diigamuun ishee akka dhiyaate beekaa. Yommus Yihuudaa kan jiraatan gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba’anii haa deeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin.” Luuqaas 21:20, 21. Loltootni Roomaa magaalattii marsanii erga turanii booda, tasa bakka haleellaa geessissuuf isaaniif mijatu hunda weeraranii qabatan. Of irraa ittisuun akka hin danda’amne baranii lafa abdii kutatanii harka kennuuf jedhanitti ajajaan waraana warra Roomaa sababa xinnoon ishee illee utuu hin jiraatin loltootni isaa akka dhiisanii ba’aniif ajaje. Haa ta’u malee, Kennaan Waaqayyoo inni araaraan guutuun haalota jiran akka inni saba dhuunfaasaatiif bu’aa buusutti geggeessaa ture. Mallattoon abdachiifame Kiristaanota warra eeggachaa jiraniif amma kennameera, amma akeekkachiisa gooftichaaf abboomamuudhaaf fedha qaban hundumaaf carraan kennameera. Taateen kana booda ta’e kan to’annaa warra Romaas ta’e warra Yihuudotaan ol ta’e waan tureef baqatanii ba’uu warra Kiristaanotaa kan ittisuu danda’u hin turre. Yeroo Sestiyas dhiisee ba’aa jirutti, Yihudootni warri Yerusaalemiin gad dhiisanii ba’aa turan waraana warra Roomaa warra gad dhiisanii ba’aa jiran aleeluuf faana bu’an. Yeroo lamaan isaanii guutummaatti wal waraanuu jalqaban kana gidduutti warri Kiristaanotaa baqatanii ba’uudhaaf carraa argatan. Yeroo kanatti magaalattiin diinota isaanii warra baqaa isaaniitiif gufuu ta’uu danda’an hundumaattii ni qulloofte. Yeroo danqaan uumametti, warri Yihuudotaa ayyaana Godoo dhuga baatuu kabajuudhaaf walitti qabamnaan kiristaanotni guutummaa biyyattii keessa jiran danqaa tokko malee baqatanii ba’an. Utuu hin qaqqabatin bakka amansiisaa taate — magaalaa Pellaa, yordaanos gama, biyya Periyaa keessatti argamtutti baqatan. WG 33.1
Yeroo Yihuudotni loltoota Sestiyas duukaa bu’anii ari’anitti dheekkamsa akka ibiddaa sodaachisutu akka waan guutummaatti isaan balleessuuf dhufeetti isaan cinatti bu’ee isaan sodaachise. Loltootni Roomaa kun rakkoo guddaadhaan baqatanii ba’uu danda’an. Warri Yihuudotaa homaa tokko utuu hin ta’in oolaniiru jechuun ni danda’ama. Faalama isaanii wajjin moo’ichaan gara Yerusaalemitti deebi’an. Haa ta’u malee milkaa’inni kun jal’ina qofa isaaniif fide. Warra Roomaa of irraa deebisuun isaanii hafuura of tuulmaa isaanitti fiduu isaa irraa kan ka’e wayyoo baayyee hamaa ta’e ariitiidhaan magaalattiitti fide. WG 33.2
Yeroo magaalattiin deebitee Taayitasiin qabamtetti badiisa hamaa ta’etu Yerusaalem irratti kufe. Magaalattiin kan qabamte ayyaana faasikaatti yeroo Yihuudotni miliyoonaan lakka’aman dallaa Yerusaalem keessatti walitti qabamanitti ture. Kuusaan midhaanii isaanii inni utuu sirriitti ol kaa’amee jiraattota ishee waggoota hedduuf jiraachisu inaaffaa fi ijaa baafannaa garee warra mormitootaatiin barbadaa’ee ture. Kanaaf amma beelli hamaa ta’e biyyicha qabateera. Qamadiin safartuun tokko meetii tokkotti gurguramaa ture. Beelli baayyee hammaachuu isaa irraa kan ka’e warri dhiiraa qabattoo isaanii isa gogaa irraa hojjetame, barabaasii miilla isaanii fi haguuggii gaachana isaanii nyaachuu jalqaban. Baayyeen isaanii halkaniin dhookatanii ba’uudhaan biqiltoota bakkee dallaatii ala jiran funaanu, yeroo dallaatii ba’an sanatti baayyeen isaanii reebichaa fi dhiphifamuudhaan ajjeefamu. Warri utuu hin du’in gara dallaatti deebi’anis waan sodaa guddaa keessa funaannatanii of harkaa qaban hunda saamamanii harka duwwaa galu. Dhiphinni gara laafina hin qabne kun kan geessifamu warra aangoo irra jiraniin yeroo ta’u, warri homaa tokko illee hin qabne tarii waan dhokfatan yoo qabaatan akka baasaniif dhiphina guddaa irraan ga’u. Dhiphina kana kan geessisu warra nyaatee quufe qofa utuu hin taane warra wanta ga’u fuula duraaf ol keewwatee qabuunidha. WG 34.1
Kumaatamaan kan lakka’aman beelaa fi dha’ichaan dhuman. Jaalalli uumamaa waan bade fakkaata. Abbaan manaa haadha manaa, haati manaas abbaa manaa, walii isaanii saaman. Daa’immanni maatii isaanii warra dullooman nyaata afaan isaanii keessaa butatanii duraa nyaatan. Inni raajichi: “Haati mucaa ishee deesse dagachuu dandeessiiree?” jedhee gaafate dallaa magaalattii badde sana keessatti deebii argate: “dubartootni gara laafeyyiin iyyuu mucoolii isaanii harka isaaniitiin affeelanii ni nyaatan” Isaayyaas 49:15; Lamentations 4:10. Akkasumas kan raajichi jaarraa kudha afur dura dubbate raawwii argate: “Isin keessaa dubartii baayyee garraamiinii fi qananiituun qananiitti jiraachuu ishee irraa kan ka’es faana miilla isheetiin illee lafa ejjechuu hin jaallanne, abbaa manaa ishee isa jaallattu, ilma ishee fi intala ishee ija hamaadhaan ni ilaalti. Isheen yeroo diinni mandaroota keessan marsee isin rakkisu sana …obbaatii isa gadameessa ishee keessaa ba’uu fi ijoollee ishee warra deessu dhoksaatti ni nyaatti.” Keessa Deebii 28:56, 57. WG 34.2
Geggeessitootni Roomaa akka isaan harka kennanitti warra yihuudotaatti sodaa gadi dhiisan. Warri yeroo qabamanii hidhaman mormii kaasan doorsifamanii, dhiphifamanii, dallaa magaalattii duratti aarfaman. Guyyaa guyyaatti akkasitti dhibbaan kan lakka’amantu ajjeefamaa sulula yoosaafax amma Qaraaniyootti fannoon lakkoofsaan baayyee ta’ee dhaabatee amma keessa deemuun dadhabamutti itti fufe. Inni isaan “dhiigni nama kanaa nuuf ijoollee keenya irratti haa ta’u” jedhanii teessoo murti kan Philaaxos duratti dubbatan haala hamaadhaan isaan irratti raawwate. Maatewoos 27:25. WG 35.1
Taayitas taateen sodaachisaan kun fedhii isaatiin akka hafu gochuudhaan guutummaatti baduu Yerusaalemiin hambisuu ni danda’a ture. Reeffa namoota du’anii sulula sana keessa guutanii jiranii yeroo arge baayyee suukannaa’e. Karra magaalichaa karaa tokko irraan seenee gaara Ejersaa irra dhaabatee mana qulqullummaa isa ulfina qabeessa sana yeroo ilaale, namni tokko illee dhagaa isaa tokkittiitti akka hin buune jedhee ajaje. Utuu iddoo waraanaa jabaa ta’e qabatee rukutuudhaaf hin yaalin dura inni geggeessitoota Yihuudotaatiin iddoo qulqulla’aa dhiigaan akkan xureessu ana hin dhiibinaa jedhee kadhatee ture. Utuu isaan achi keessaa ba’anii bakka biraatti lola kana geggeessan ta’eetii namni Roomaa kam iyyuu manna qulqullummaa sana hin xureessu ture. Joosefas mataan isaa illee harka kennuudhaan akka isaan ofii isaanii, magaalaa isaanii, bakka sagadaa isaanii akka oolchan waamicha isaaniif dhiyeessee ture. Haa ta’u malee jechoota isaa kanaaf abaarsa hadha’aatu isaaf deebi’e. Akka namaatti kan isaan araasuuf isa dhumaa ta’e kana utuma inni dhaabatee isaan kadhatuu xiyyee itti darbatan. Warri Yihudotaa akkuma araarsuu Ilma Waaqayyoo didan, ammas amma dhumaatti diduudhaaf murteeffachuu isaanii mul’isan. Yaaliin Taayitas mana qulqullummaa sana oolchuuf godhe akkasumaan ta’e; dhagaan tokko illee akka wal irratti hin hafne jedhee jabeessee labse. WG 35.2
Oftuulmaan jaamummaadhaan guute kan geggeessitoota Yihuudotaa fi yakki magaalattii keessa guute doorsisaa fi gad deebisuu warra Roomaa keessa buuse. Dhuma irrattis taayitas mana qulqullummaa sana dambaliidhaan barbadeessuuf murteesse. Haa ta’u malee inni yoo danda’ameef mana qulqullummaa sana oolchuudhaaf murteessee ture. Garuu ajajni isaa ni tuffatame. Halkan erga inni dunkaana isaatti deebi’ee booda Yihuudotni mana qulqullummaa keessaa baa’anii waraana isaa irratti haleellaa banan. Utuu wal’aansoo waliin qabanii, guci ibiddaa waraana tokkoon gara karaa banaa mana qulqullummaatti darbatame. Battalumatti mukeetiin mana qulqullummaa sanatti naanna’anii jiran boba’uu jalqaban. Taayitas jeneraalotaa fi loltoota warra isaa wajjin jiranii wajjin gara ibiddichaatti fiigee, akka loltootni ibiddicha dhaamsaniif ajaje. Ajaji isaa hin fudhatamne. Aariidhaan kan ka’e loltootni isaa ibiddichi mana qulqullummaa sanaa wajjin akka wal qabatu taasisuudhaan billaa isaaniitiin warra achi keessa dhookatanii turan kumaatamaan kan lakka’aman ajjeesan. Dhiigni akka bishaaniitti sadarkaa mana qulqullummaa irra asii gadi dhangala’e. Yihuudotni kumaatamaan lakka’aman ni dhuman. Dirree lolaa sana gubbaadhaa sagaleen ni dhaga’ame: “Ikaabood!” -- Ulfinni irraa fuudhame. WG 36.1
“Taayitas aarii waraana isaatii kana qabbaneessuun kan hin danda’amne ta’uu isaa arge; hooggantoota isaa wajjin jiranii wajjin ol seenee caasaalee qulqullaa’oo sana ilaale. Ulfinni inni qabau isaan ajaa’ibsiise, ibiddi amma illee iddoo qulqulluu jedhamu sana bira hin ga’in waan jiruuf, ammas oolchuudhaaf yaalii isa dhumaa taasise; fuula duratti darbee, ibiddichi kana caalaa akka hin adeemneef akka dhaamsaniif loltoota isaa gaafate. Geggeessaan waraana Roomaa beekamaan sun hooggantoota warra kaan waliin ta’uudhaan akka isaan ajaja kanaaf abboomaman gochuuf yaalii godhe; dirree waraanaa ibidda buuse kana keessatti ulfinni mootichaa diinummaa hamaa warra Yihuudotaaf qabaataniif waan karaa gad dhiiseef, humna qaban fayyadamanii qabeenyaa isaanii barbadeessuuf abdii isaan qaban dhaabsisuun hin danda’amne. Loltootni sun warqee qulqulluu ibiddaa boba’u sana keessaa calaqqee ulfina qabeessa uumu argan; sun qabeenya ammana jechuun hin danda’amne kan mana qulqullummaa keessa tuulamee turedha jedhanii yaadan. Loltuu eenyummaan isaa adda hin baafamne guca ibiddaa sana jalqaba banaa balbala mana qulqullummaa sana gidduutti darbateen: guutummaan gamoo sanaa battalumatti boba’uu eegale. Aarrii fi ibiddi mana sana irraa ba’u hooggantootni sun akka gad dhiisanii ba’an godhe; ijaarsi beekamaan sunis dhumni isaa kana ta’e. WG 36.2
“Ta’umsi kun erga hooggantoota Roomaa akkas gaddisiisee -- warra Yihuudotaaf immoo akkam haa ta’u laata? Guutummaan gaara magaalattii geggeessaa ture akka dhagaa ibiddaa lafa keessaa ol burquutti boba’e. gamoon mana qulqullummaa sun tokkouma tokkoon utuu ibidda keessatti kufuu guutummaatti ibiddaan nyaatamee dhume. Saanqaan ittiin guutuu manichaa ijaarame saanqaa ibiddaa fakkaate; bakki ol ka’oon warqee irraa hojjetaman akka qara ibiddaa diiimatan. Gamoon balbala isaatii utubaa ibiddaa fi haara ta’ee mul’ate. Gaarri naannoo sana jiran hundi ni ifani; namootni dukkana keessa turan xumura badiisa sanaa sodaa guddaadhaan utuu ilaalanii mul’atan; dallaa fi olka’insi magaalattii guutummaan fuula aariidhaan gurraacha’ee fi fuula dheekkamsa ijaa baafannaatiin jijjiirameen guute. Waci Loltootni Roomaa asii fi achi fiiganii wacanii fi wawwaannaan warra ibiddichaan gubatanii badaa jiranii, sagalee ibiddaa fi sagalee mukeetii ibiddicha keessatti kufanii wajjin wal makeera. Boo’ichi warra lafa ol ka’aa irra jiranii gaarren rukutee achii as deebi’ee dhaga’ama; dallaa sana guutummaa keessaa boo’ichaa fi wawwaannaa wal irraa hin cinnetu dhaga’ama; namootni warri beelaan dhumaa jiran illee humna ishee dhumaa walitti qabachuudhaan sagalee boo’ichaa isa dhumaa dhageessisan. WG 37.1
“Ajjeechaan keessa jiru isa bakkeedhaan mul’atu irra ulfaataa ture. Dhiirrii fi dubartiin, ijoollee fi jaarsolii/ jaartoliin, finciltootnii fi lubootni, warri lolanii fi warri araara kadhatani utuu wal hin caalchisin ajjeefaman. Lakkoofsi warra ajjeefamanii kan warra ajjeesanii ol ta’e. loltootni sun reeffa warra du’ee irra dhaabachuudhaan warra hafanii jiran darbanii ajjeesu turan. ”--Milman, The History of the Jews, book 16. WG 38.1
Erga manni qulqullummaa guutummaatti bade booda magaalattii guutummaan harka warra Roomaa keessatti kufte. Geggeessitootni Yihuudotaa gamoo isaanii warra amansiisoo dhiisanii waan baqataniif Taayitas duwwaatti isaan argate. Ija ajaa’ibsiifannaadhaan fajajee erga ilaalee booda, Waaqayyotu harka kootti dabarsee isin kenne jedhe; ammam illee jabaa haa ta’u malee, dallaa fi gamoo ajaa’ibsiisoo sana irraa kan ittsuu danda’e hin jiru ture. Manni qulqullummaas ta’e magaalattiin, lachuu lafatti gadi dabalaman, bakki manni qulqullummaa irra dhaabatee ture “akka maasii midhaaniitti qotame” Ermiyaas 26:18. Yeroo warri ajjeesan sun magaalicha gad dhiisanii ba’anitti, warri du’a irraa hafan boojuudhaan fudhatama, garbummaaf gurguraman, moo’icha warra Roomaa mirkaneessuudhaaf harkifamanii deeman, bakka namootni arguu danda’anitti bineensa bosonaatiif darbataman, warri kaanis kan mana hin qabnee fi joortuu ta’anii biyya lafaa keessa tamsa’an. WG 38.2
Yihuudotni fuuncaa ofii isaaniitti jabeessan; xoofoo dheekkamsaa ofuma isaaniitii guutan. The Jews had forged their own fetters; they had filled for themselves the cup of vengeance. Guutummaatti baduu akka sabaatti isaan irra ga’e kana keessatti, akkasumas wowwaannaa sababa badiisa kanaa dhufe keessatti, isaan ija hojii isaanii isa harka isaaniitiin facaasanii haammatan. Raajichis akkas jedhe: “yaa Israa’el, ati badiisa of irratti fiddeetta”, “yakka keetiin gufattee kufteetta.” Hose’a 13:9; 14:1. Dhiphinni isaan irra ga’e yeroo baayyee akka waan labsii kallattiidhaan Waaqayyo isaan irratti labseen adabbii isaanitti dhufeetti ilaalama. Kana gochuudhaan gowoomsituu guddichi hojii ofii isaatii dhokfata. Yihuudotni jaalalaa fi araara Waaqummaa of tuulmaa isaaniitiif fudhachuu waan didaniif, eegumsi Waaqayyoo akka isaan irraa fudhatamuu godhan, akkasumas seexannis akka fedhii isaatiitti akka isaan geggeessuuf heyyamame. Badiisa Yerusaalem keessatti gara jabinni mul’atte humna badiisaa seexanni warra isa jalatti bulan irratti qabu mul’isa. WG 38.3
Nagaa fi eegumsa har’a itti gammadnu kanaaf Kiristoos gatii ammamii akka nurraa qabu beekuu hin dandeenyu. Humna eegumsa Waaqayyooti kan akka namni to’annaa seexanaa jala guutummaatti akka hin galleef kan ittisu. Warri hin abboomanee fi galata hin qabneen utuu gara jabinaa fi humna hammeenya seexanaa arganiitii araaraa fi obsa Waaqayyo isaanitti agarsiisee galata dhiyeessuudhaaf sababa akka qaban ni hubatu. Garuu, yeroo namni daangaa obsa Waaqummaa ce’utti humni ittisaa sun irraa fudhatama. Waaqayyo adabbii warra seera irra daddarbanii raawwachiisuudhaaf cubbamoota dura hin dhaabatu; garuu, warra jaalalaa fi araara isaa fudhachuu dide akka isaan isa harka isaaniitiin facaasan haammatanitti ofii isaaniitti isaan gad dhiisa. Tokkoon tokkoon ifa hin fudhatamin hafee, akeekkachiisa hin dhaga’amin hafee, dharraa faalamee fi tokkoon tokkoon seerri irra darbamee, sanyii facaafamee ija malee hin hafnedha. Hafuurri Waaqayyoo itti fufiinsaan didamee jennaan dhuma irratti cubbamaa irraa adda ba’a; sana booda humni ittiin fedhii hamaa lubbuun qabdu irraa of deebisuu danda’u hin jiru, humni ittiin jibbaa fi diinummaa seexanaa jalaa ittiin of baasus hin jiraatu. Warra ayyaana Waaqayyo biraa isaaniif dhiyaate xinneessanii ilaalanii fi warra araara Waaqayyoo isaaniif dhiyaataa jiruun mormaniif diigamuun Yerusaalem akeekkachiisa sodaachisaa fi jabaadha. Waaqayyo amma akka cubbuu jibbuu fi adabbiin badiisaa cubbamoota irratti dhufuun isaa qabatamaa akka ta’e kana caalaa ragaan mul’ise hin jiru. WG 39.1
Badiisni hamaan Yerusaalem irra ga’e sun gaaddidduu qofadha; inni fayyisaan badiisa Yerusaalem irratti dhufuuf jiru dursee raaje raawwii kan biraa qaba. Badiisni magaalaa filatamtuu sana irra ga’e badiisa biyya lafaa ishee araara Waaqayyoo tuffattee seera isaa irra daddarbitee fuula duratti akka ilaallu nu godha. Galmeen ilmaan namootaa yakka jaarraa hedduudhaaf lafa irratti raawwateen gurraacha’ee jira. Yeroo qorannaatti, onneen ni dhukkubsata, sammuunis of wallaala. Aangoo samii tuffachuun bu’aa sodaachisaa fide. Taateen kana caalaa dukkanaa’u fuula duratti akka dhufuuf jiru mul’ata keessatti himameera. Galmee yeroowwan darbanii. --iyyi wal irraa hin citne, fincilli, fi warraaqsi “kopheen warri loltuu yeroo lolaatti ittiin lafa dhidhiitan hundinuu, qoloon dhiiga keessa gangalfame hundinuus …” (Isaayyaas 9:5). --Sodaa isa yeroo Hafuurri Waaqayyoo inni humna ittisaa qabu sun cubbamaa irraa guutummaatti yeroo fudhatamee dharraa hamaa namni qabuu fi dheekkamsa seexanaa irraa wanti ittisu dhibu sanaa wajjin wal bira qabamu, warri ammaa kun homaattuu hin lakka’aman! Yeroo sanatti biyyi lafaa bu’aan geggeessaa seexanaa maal akka ta’e yeroo kamiin caalaa ifatti arga. WG 40.1
Guyyaa sanatti garuu, akkuma yeroo badiisa Yerusaalem, sabni Waaqayyoo, warri maqaan isaanii warra jiraatoo keessatti barreeffame, ni baraaramu. Isaayyaas 4:3. Kiristoos warra isaaf amanaman fudhachuudhaaf yeroo lammaffaa akka deebi’ee dhufu dubbateera: “yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu bo’uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota samii irraa humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru. Inni ergamoota isaa samii irraa sagalee malakataa guddaa wajjin ni erga isaan immoo warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara bantii samii gara tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti niqabu” jedhe. Maatewoos 24:30, 31. Yeroo sanatti warri wangeelaaf hin aboomamne hafuura afaan isaa keessaa ba’uun ni nyaatamu, ifa dhufa isaatiinis ni balleeffamu. 2 Tasaloonqee 2:8. Akkuma Israa’eloota durii, cubbamootni ofii isaanii ni balleessu; yakka isaaniitiin gufatanii ni kufu. Jireenya cubbuu jiraataniin, Waaqayyo irraa waan adda of baasaniif, namummaan isaanii jal’ina irratti hundaa’eera, kanaaf dha kan ulfinni isaa ibidda isaan balleessu kan itti ta’u. WG 40.2
Namootni barnoota dubbii Kiristoos keessatti isaanitti himame dagachuu irraa of haa eeggatan. Akkuam yeroo badiisni Yerusaalem dhiyaate jalaa baqatanii haa ba’aniif bartoota isaatiif mallattoo kenne; akkasuma badiisa biyya lafaatti dhufuuf jiru keessatti dheekkamsa isaa jalaa baqatanii ooluu akka danda’aniif mallattoo kennee jira. Yesuus akkas jedhe: “aduu irratti, ji’a irratti, urjoota irrattis mallattoon ni ta’a; lafa irratti sabni hundinuu ni muddama.” Luuqaas 21:25; Maatewoos 24:29; Maarqos13:24-26; Mul’ata 6:12-17. Warri mallattoo dhufdumaa aragan “akka inni balbala irra ga’e beekaa.” Maatewoos 24:33. “Egaa dammaqaa” kan jedhu akeekkachiisa isaati. Mark 13:35. Warri akeekkachiisa kana hubatan guyyaan sun tasa akka isaan irra hin baanetti, dukkana keessatti hin dhiifaman. Warra hin dammaqneef garuu “guyyaan Gooftaa sun halkaniin akka hattuutti isaanitti dhufa” 1 Tasaloonqee 5:2-5. WG 41.1
Kan warri Yihuudotaa akeekkachiisa badiisa Yerusaalem fudhachuuf qopha’oo ta’uu dadhaban irra kan caalu biyyi lafaa har’a ergaa akeekkachiisaa kana fudhachuudhaaf qophooftuu miti. Namoota Waaqayyoon hin sodaannetti guyyaan Gooftaa akka tasaa isaan irra ba’a. Yeroo jireenyi marsaa adda hin citneen itti fufu; yeroo namootni gammachuudhaa, daldalaan, sardamaan, horii argachuudhaan liqimfamutti; yeroo geggeessitootni amantaa guddina biyya lafaa ol qabanitti, yeroo namootni abdii nagaa soba ta’e abdatanitti --yeroo sanatti, akkuma hattuun halkaniin mana eegumsa hin qabne seentee hattu, akkasuma badiisni akka tasaa warra maal dhibdeedhaan jiraatanii fi Waaqayyoon hin sodaanne irratti ni dhufa; “baqataniis jalaa ba’uu hin danda’an.” Lakk. 3. WG 41.2