Boqonnaa 6—Haasii fi Jeroom
Boqonnaa 6—Haasii fi Jeroom
Biyya Boheemiyaa keessatti wangeelli lafa kan qabate jalqaba jaarraa salgaffaa keessa ture. Macaafni Qulqulluun hiikamee, waaqeffannaanis afaan saba sanaatiin mul’inatti geggeeffamaa ture. Haa ta’u malee akkuma aangoon phaaphaasii dabalaa adeemeen sagaleen Waaqayyoos dhokachaa adeeme. Girgoorii 7 ffaa n inni oftuulummaa moototaa gad-deebisuu hojii isaa godhee fudhate saba garboomsuuf wanti isa hafe hin turre, akkasumas waaqefannaan afaan Boheemiyaatiin mul’inatti akka hin geggeeffamneef labsii dhorkaa baase. Phaaphaasiinis akkas jechuudhaan dubbate “Waaqeffannaan isaaf godhamu afaan hin beekamneen gaggeeffamuutti Waaqayyo gammadeera, seera kana kabajuu dhiisuunis immoo hamminnii fi gantummaan baay’een akka ka’u godheera.” —Wylie, b. 3, ch. 1. Akkasitti ifti sagalee Waaqayyoo dhaamee namoonni dukkana keessatti akka itti cufamuuf Roomaan seera baafte. Haa ta’u malee samiin eegumsa waldaaf bakka buutota kan biraa qopheesse. Woldensoonnii fi Albijensoonni biyya Faransaayii fi biyya Xaaliyaanii keessaa mana isaaniitii ari’atamanii baafaman baay’een gara Boheemiyaa dhufan. Isaan mul’inatti lallabuuf yoo ija jabaachuu baatan illee, dhoksaatti hinaaffaadhaan guutamanii hojjetan. Akkasitti amantiin dhugaan jaarraa tokkoo gara jaarraa biraatti eegame. WG 106.1
Bara Haasiin fuula dura, manca’iinsa waldaa keessaa fi gadi dhiisiitti jiraachuu sabaa mul’inatti namoonni ceepha’an Boheemiyaa keessatti ka’anii turan. Hojiin isaanii bal’inaan fedhii namootaa kakaasee ture. Warra aanga’ootas sodaan qabatee ture, kana irraa kan ka’ees bartoota wangeelaa irratti ari’annaan ni jalqabe. Waaqeffannaadhaaf gara bosonaa fi tullootaatti yoo baqatan illee baay’een isaanii loltootaan adamsamanii ajjeefaman. Yeroo booda waaqeffannaa sirna Roomaa kan dhiise gubachuu akka qabu labsiin ba’e. Haa ta’u malee kiristiyaanonni jireenya isaaniitiin yoo mo’aman illee fiixaan ba’umsa kaayyoo isaanii fuula duratti ilaalaa turan. “Fayyinni kan argamu fayyisaa isa fannifametti amanuu qofaadhaan akka ta’e” warra barsiisan keessaa tokko utuu du’aa jiruu akkas jedhe: “Dheekkamsi diinota dhugaa amma nutti jabaateera, garuu barabaraan akkas hin ta’u. Billaa fi aangoo utuu hin qabatiin saba sadarkaa gadii keessaa namni tokko in ka’a, isa mo’uu garuu hin danda’an.” “—Ibid., b. 3, ch. 1. Barri Luuter amma illee fagoo dha; haa ta’u malee mormiin dhuga ba’umsaa inni Roomaa irratti kennu mootummoota kan sochoosu namni tokko ka’aa jira. WG 106.2
Joon Haas hiyyummaan kan dhalatee fi mucummaa isaatti abbaa isaa du’aan kan dhabe nama abbaa hin qabne ture. Barumsaa fi sodaa waaqaa akka qabeenya gati jabeessaatti kan lakkooftu haati isaa isheen Waaqayyoon sodaattu, dhaala kana mucaa isheef dabarsuu barbaadde. Haas mana barumsaa godinaatti baratee, sana booda carraa gargaarsaa argatee Yunivarsitii Piiragitti fudhatame. Gara Piiragiin yeroo adeeme haati isaa isheen gursummaan fi hiyyeettiin isaa wajjin dhaqxe. Isheen qabeenya lafaa akka kennaatti mucaa ishee kanaaf kennitu waan hin qabneef, magaalaa guddaa sanatti yeroo dhi’aatan mucaa ishee isa dargaggeessa abbaa hin qabne cina jilbeenfattee eebba Abbaa Isaanii isa Waaqa irraa isaaf kadhatte. Kadhannaan ishee attamitti deebii akka argatu haati sun muraasa qofa beekti. WG 106.3
Jireenyi isaa inni mudaa hin qabne, inni tasgabbaa’aa fi inni nama hawwatu guddina isaa kan tilmaamsise yeroo ta’u, Haas Yunivarsitii keessatti dadhabbii malee dhama’uu fi guddina ariifachiisaa gochuu isaatiin addatti of beeksisee ture. Inni deggertuu waldaa Roomaa fi eebba hafuuraa isheen nan kenna jettu kutannoodhaan nama fedhu ture. Ayyaana Iyobeeliyu (waggaa shantammaffaa) irratti bakka cubbuu itti himatan adeemuudhaan korojoo isaa keessaa kan qabu qarshii xiqqoo kaffaleera, dhiifama cubbuu abdachiifame keessaa hirmaachuuf jechas hiriira keessa galee adeemee ture. Barnoota kolleejjii erga xumuree booda hojii lubummaa keessa seeenee mana mootummaa wajjin dafee firooma uumuudhaan beekamtii argate. Yunivarsitii keessatti barate keessatti profeeserii (barsiisaa) fi booda immoo diinii ta’ee hojjete. Barataan hiyyeessi gargaarsaan barate kun waggoota muraasa keessatti kan biyyi isaa ittiin boontu ta’uudhaan maqaan isaa Awuurooppaa hundatti beekame. WG 106.4
Haa ta’u malee garuu Haas hojii haara’umsaa dirree biraa irratti eegale. Lubummaa erga fudhatee waggoota hedduu booda lallabaa mana sagadaa Beetaliheem ta’ee muudame. Bu’uuressaan lallaba kanaa lallabni Macaafa Qulqulluu afaan (qooqa) sabaatiin ta’uun isaa baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa in falma ture. Shaakala akkasii Roomaan kan mormitu yoo ta’e illee, Boheemiyaa keessatti kan gargar hin cinne ture. Garuu wallaalummaa Macaafa Qulqulluu guddaa fi hojii hammina jibbisiisaatu saba sadarkaa hunda irra jiran qabatee ture. Qajeelfama dhugaa fi qulqullummaa jabeessuuf jecha Haas sagalee Waaqayyoo dhi’eessuudhaan gochaa hamminaa kana jabeessee balaaleffate. WG 107.1
Jeerom inni lammii biyya Piiraagi, inni turtiin booda Haasii wajjin hariiroo jabaa uume, biyya Ingilizii yeroo deebi’e barreefama Wikiliifiin qabatee dhufee ture. Mootuun biyya Ingilizii isheen barsiisa Wikiliifiin fudhattee turte, giiftii biyya Boheemiyaa waan turteef karaa ishee hojiin haara’umsaa biyya dhaloota isheetti babal’atee ture. Haas barreeffama kana fedha guddaatiin dubbise; barreessaan isaa kiristiyaana dhugaa ta’uu isaa amanuudhaan haara’umsa inni deggeree ture ija gaariitiin ilaale. Haas utuu hin beekin karaa Roomaa irraa isa fageessu keessa seene. WG 107.2
Yeroo kana kessummoonni baratan lama biyya Ingilizii gara biyya fagoo, Piiragiin keessatti ifa fudhatan tamsaasuuf dhufanii turan. Olaantummaa phaaphaasii irratti akkuma isaan haleellaa jalqabaniin warri aango qaboonni dafanii callisiisan; garuu kaayyoo isaanii dhiisuu waan hin barbaanneef, tarkaanfii biraa fudhatan. Isaan dandeettii fakkii kaasuu fi lallabuu waan qabaniif dandeettii isaanii hojii irra oolchuu jalqaban. Bakka namoonni arguu danda’anitti fakkii lama kaasan. Inni tokko isa Kiristos “gad of deebisee, ilmoo harree irra taa'ee” (Maat.21:5) Yerusaalemiin dhaqee fi isa bartoonni isaa uffata karaa irratti xuraa’een miilla isaanii qullaa isa hordofaa turan argisiisa. Fakkiin inni kaan immoo adeemsa phaaphaasii isa inni uffata gati jabeessaan of miidhagsee, gonfoo sadii gonfatee, farda miidhaginni ishee dinqii ta’e irra taa’uudhaan malakata of dura afuufsisaa phaaphasotaa fi luboota uffata callaqisaan hordofamuu isaa kan argisiisu ture. WG 107.3
Lallabni kun xiyyeefannoo nama sadarkaa kam irra jiruu harkise. Fakkii kana ilaaluuf namoota hedduutu dhufe. Sona amilee fakkii kana irraa dubbifamu kan dubbisuu hin dandeenye hin turre; fuggina (faallaa) garraamummaa fi gad of deebisuu Kiristosii fi oftuulummaa fi of bokooksuu phaaphaasii isa ani garbicha isaatii ofiin jedhu gidduu jiruun namoota baay’eetu tuqame. Piiragi keessatti jeequmsi guddaan waan ka’eef yeroo booda keessummoonni sun fayyummaa ofii isaaniitiif jecha bakka sana gadi lakkisuun akka barbaachisu hubatan. Garuu wanti isaan barsiisan kan irranfatamu miti. Fakkiin kun sammuu Haas keessatti bocamuudhaan gara Macaafa Qulqulluu fi barreefama Wikiliifiin qorachuutti isa geesse. Haara’umsa Wikiliif deggere hunda fudhachuuf kan hin qophoofne yoo ta’e illee amala phaaphaasii isa dhugaa sirriitti arguu danda’eera, oftuulummaa, kajeellaa hamaa fi manca’iinsa warra aangoo irra jiraniis hinnaaffaa guddaadhaan ceepha’eera. WG 107.4
Yunivarsitii Piiragi keessatti jeequmsi ka’e baratoonni biyya Jarman akka isaan barumsa gadi dhiisanii galan waan godheef ifti Boheemiyaadhaa gara Jarmanitti babal’ate. Baay’een isaanii beekumsa Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa Haas irraa waan argataniif biyya isaaniitti yeroo deebi’an biyya abbaa isaaniitti wangeela babal’isan. WG 108.1
Wanti Piiragitti ta’e oduun isaa Roomaa yeroo ga’e Haas attatamaan fuula phaaphaasiitti waamame. Abboomamee dhaquun du’aaf kan isa saaxiluudha. Mootii fi giiftii Boheemiyaa, Yunivarsitiin, sanyiin moototaa fi qondaaltonni mana mootummaa Haas Piiragitti hafee karaa bakka bu’uumsaa Roomaadhaaf deebii kennuun akka isaaf heyyamamuuf waliin ta’aanii gara phaaphaasitti iyyata dhi’eessan. Haa ta’u malee qooda gaaffii kanaaf deebii kennu phaaphaasiin Haasiin qoratee murtii itti kennuu itti fufe, magaalaan Piiragi immoo qoqqobbii hafuuraa jala akka galtuuf labsii baase. WG 108.2
Bara sana keessa murtiin akkasii yeroo darbu naasuu bal’aa uumaa ture. Phaaphaasiin bakka bu’aa Waaqayyoo akka ta’etti, furtuu samii fi Gahaannamiin of harkaa kan qabuu fi murtii hafuuraa fi foonii kennuuf aangoo akka qabutti namoota amanan sanaaf, sirni (qoqqobbii irra kaa’uudhaaf) gaggeeffamu sun rifannaa guddaa uumuudhaan beekama ture; hamma dhorkaa kana irraa kaasuuf phaaphaasiin fedhii hin agarsiifnetti, warra du’aniif iddoon gammachuu akka cufameetti ilaalama. Balaa hamaa kana irraa kan ka’e tajaajilli waaqefannaa hundumtuu in dhaabbate. Waldoonnis in cufaman. Sirni ga’eelas foona (balbala dura) waldaatti geggeefame. Warri du’an bakka qulqulluutti akka hin awwaalamneef dhorkamanii sirni awwaalchaa utuu hin godhamin bo’ii bishaanni keessa yaa’u (ditches) yookiin dirree keessatti awwaalaman. Akkasitti Roomaan tarkaanfii miira namaa tuquutti dhimma ba’uudhaan sammuu namootaa to’annaa jala galchite. WG 108.3
Magaalaan Piraagi gooliidhaan guutamtee turte. Gareen ballaan Haas ka’umsa rakkina kanaa akka ta’etti balaalefachuudhaan ijaa baafannaa Roomaaf dabarfamee akka kennamuuf gaafatan. Bubbee kana callisiisuuf jecha Haaressaan kun yeroof gara mandara itti dhalateetti adeeme. Michuu isaa isa Piraagitti dhiiseef barreessuudhaan akkas jedhee ture, “gidduu keessanii kanan adeeme yaadaa fi fakkeenya Kiristosiin hordofuuf jedheeni; kunis immoo warri sammuun isaanii rakkina qabu firdii barabaraa mataa isaanii irratti fiduuf karaa akka hin arganne gochuu fi warra soda Waaqayyo qabaniif immoo sababii gidiraa fi ari’annaa akkan hin taaneef jedheeni. Hojii kanan dhaabe luboonni waaqa hin sodaanne sagaleen Waaqayyoo gidduu keessanitti yeroo dheeraaf akka hin lallabamneef dhorkuu itti fufuu danda’u jedhee waanan sodaadheefi; haa ta’u malee dhugicha isan, gargaarsa Waaqayyootiin, du’uufii barbaadu ganuuf jedhee hin callisne.” Bonnechose, The Reformers Before the Reformation, vol. 1, p. 87. Haas biyyoota naannoo isaa keessa adeemee saba fedhii qabanitti lallabaa ture malee hojii isaa hin dhiifne. Akkasitti tarkaanfiin phaaphaasiin wangeela ukkaamsuuf fudhate caalmaatti isa babal’ise. “Nuyi dhugichaaf hojjenna malee, dhugicha irratti hojjechuu hin dandeenyu.” 2Qor.13:8. WG 108.4
“Sadarkaa hojii isaatii kanatti sammuun Haas lola hamaatiin waan miidhame fakkaata. Yoo waldaan bakkakkaa ishee itti ergitee isa cabsuu barbaadde illee inni aangoo isheen qabdu hin mormine. Amma yeroo kanaatti waldaan Roomaa isaaf akka haadha manaa Kiristos, phaaphaasiinis bakka bu’aa Waaqayyooti. Wanti Haas lolaa jiru qajeelfama bu’uuraa utuu hin taane aangootti gar malee dhimma ba’uudha. Kun immoo hubannaa inni itti amanee fi gaaffii sammuu isaa gidduutti lola cimaa kaase. Akka inni amanetti aangoo qajeelaa fi kan hin dogoggorre yoo ta’e, isaaf abboomamuu diduuf dirqamuun maaliif itti dhaga’ame? Inni abboomamuun cubbuu akka ta’etti ilaaleera; haa ta’u malee waldaa hin dogoggorreef abboomamuun gara dhimma kanaatti kan inni geessuuf maaliif? Kun rakkoo inni furuu dadhabe ture; shakkiin yeroo gara yerootti isa dhiphises kana ture. Furmaati dhi’oon inni tilmaamaan kaa’es akkuma kanaan dura ta’ee ture bara fayyisaa keessa luboonni waldaa warri hamoonni aangoo seeraan isaaniif kenname seeraan ala akkuma itti gargaaraman haalli kun ammas akka irra deebi’amuudha. Kun immoo akka inni sagaleen Macaafa Qulqulluu inni gara sammuu namootaa seenu hubannaa isaaniif lallabamuu fi sammuu qajeelchuu akka qabu qajeelfama mataa isaatii hojii irra oolchutti isa geesse. Jecha biraatiin, qajeelfamni hin dogoggorre isa waldaan karaa lubootaa dubbattu utuu hin taane isa Waaqayyo karaa Macaafa Qulqulluu dubbatuudha. “—Wylie, b. 3, ch. 2. WG 108.5
Yeroo booda erga gooliin Piraagi keessaa tasgabaa’e Haas lallabbii sagalee Waaqayyoo hinnaaffaa guddaadhaan itti fufuuf gara mana sagadaa Betlihemitti deebi’e. Dinoonni isaas dammaqoo fi humna qaboota turan; haa ta’u malee giiftii fi aangafoonni hedduun michoota isaa turan, akkasumas lakkoobsaan hedduu kan ta’anis garee isaa turan. Barsiisa isaa isa qulqulluu fi kabajamaa, akkasumas jireenya isaa isa qulqulluu barsiisa roomaa isa nama salphisuu fi shaakala jireenya isaanii isa sasataa fi waliin dha’aadhaan guute wal bira qabanii ilaaluudhaan baay’een isa cina dhaabbachuu akka ulfinaatti lakkaa’an. WG 109.1
Hamma yeroo kanaatti Haas hojii isaa kana keessa qofaa isaa dhaabbate. Amma garuu biyya Ingilizii yeroo jiraate barsiisa Wikilifiin kan fudhate Jeerom hojii haara’umsaa keessa seene. Lamaan isaanii kana booda jireenyaan waliin ta’an, du’a keessattis gargar hin bane. Jeroom kennaa namoota duratti fudhatama isa qabaachise kan akka dandeettii cimaa, dandeettii dubbannaa fi beekumsaa guddaa qaba ture. Haa ta’u malee cimina amalaa isa dhugaa qabaachuutti Haas in caala ture. Murtiin tasagabbaa’aan Haas qabu Jeroom isa hafuura aariidhaan socho’uu irratti ittisa gochaa ture, innis gorsa isaatti walii gala ture. Walii wajjin tokkummaan hojjechuu isaanii jalatti hojiin haareffamaa saffisaan babal’ate. WG 109.2
Waaqayyo dogoggora Roomaa baay’ee isaa itti mul’isuudhaan sammuu namoota fo’amanii kanaaf ifa guddaa baasuu fo’ate. Isaan garuu ifa biyya lafaaf kennamuuf male hunda hin fudhanne. Waaqayyo karaa garboota isaa kana dukkanaa’ummaa Roomaa keessaa baasuuf geggeessaa ture. Garuu gufuu guddaa fi baay’ee isaan bira darbuu qabantu isaan quunname, Innis hamma isaan baachuu danda’anitti tarkaanfii tarkaanfiidhaan isaan geggeesse. Isaan ifa hundumaa si’a tokkotti fudhachuuf hin qophoofne. Akkuma warra yeroo dheeraaf dukkana keessa turaniif ulfinni guutuummaa qara aduu saafaa itti ulfaatu, utuu akkasitti isaaniif dhi’aate isaanitti ulfaachuudhaan akka isaan irraa garagalan taasisa. Kanaaf akka inni namoota biratti fudhatama argachuu danda’utti xiqqoo xiqqoodhaan geggeesitootatti mul’ise. Jaarraa tokkoo gara jaarraa biraatti namoota karaa haareffamaa isa caaluutti geggeessuuf hojjetoonni amanamoon biraan daandii kana faana bu’aniiru. WG 109.3
Amma illee waldaa keessatti wal qooduun itti fufe. Phaaphaasonni sadii aangoodhaaf wal dorgomuu turan, lolli isaan gidduu jirus addunyaa kiristiyaanaa yakkaa fi jeequmsaan guute. Walii isaanii abaaruun isaanitti xinnaannaan meeshaa lolaa isa kan biyya lafaatti gargaaraman. Hundumti isaanii meeshaa waraanaa bitachuu fi loltoota argachuuf sochii gochaa turan. Horii kana argachuuf kennaan, waajjirrii fi eebbi waldaan qabdu gurgurtaaf dhi’aate. Luboonnis warra isaaniin morman gadeebisanii aangoo ofii isaanii jabeessuuf aanga’oota isaanii akkeessuudhaan lolatti fayyadamuu barbaadan. Guyyaa guyyaatti ija jabinni dabalaa yeroo adeeme gochaa jibbisiisaa maqaa amantiitiin obsaan bira darbametti Haas in dheekkame. Namoonnis rakkinni addunyaa kiristiyaana mudate maddi isaa geggeesitoota Roomaa akka ta’e mul’inatti balaaleffatan. WG 109.4
Magaalaan Piraagi ammas waan qarqara lola dhiiga dhangaalasu irra jirtu fakkaatte. Akkuma baroota darbe keessa ta’ee ture garbichi Waaqayyoo “Edaa, sii inni Israa'elin rakkisu?” (1Moot.18:17) jechuudhaan hammeeffame. Magaalattiin ammas dhorkaa jala galte, Haas immoo achi dhiisee gara mandara isaatti deebi’e. Dhuga ba’umsi inni amanamummaadhaan mana sagadaa Batlihemitti kennaa ture ni raawwatame. Akka dhuga baatuu dhugaatti lubbuu isaa dabarsee utuu hin kennin dura waltajjii bal’aa irratti kiristiyaanota hundatti dubbachuu qaba ture. WG 110.1
Hammina Awuroophaa balleessaa jiru irraa oolchuuf jecha manni maree walii gala Konstansitti waamamee ture. Walga’iin kun fedhii mootii Sigzimundiin karaa Yohannis 23 ffaa isa phaaphaasota wal morkatan keessaa tokko ta’een waamame. Waamamuun walga’ichaa phaaphaasii Yohannis isa amallii fi imaamati isaa qoratamuu hin barbaannee fi luboota warra akka saba yeroo Sanaa sona amilee gadi dhiisii qaban biratti fudhatama hin arganne. Haa ta’u malee inni fedha Sigzimuundiin mormuu ija hin jabaanne. WG 110.2
Kaayyoon guddaan manni maree kun raawwachuuf waamame wal dhabdee waldaa keessa jiru fayyisuu fi gantummaa hundeen buqqisuuf ture. Kanaafis phaaphaasonni waliin faallaa lamaanii fi geggeessaa yaada haaraa kan ta’e Joon Haas mana maree sana duratti akka dhi’aataniif waamamanii turan. Warri jalqabaa (phaaphaasonni lamaan) nageenya isaanii ilaalcha keessa galchuudhaan bakka buutota ergatan malee qaamaan hin dhi’aanne. Mana maree sanaaf waamicha mormaa olii kan taasise phaaphaasiin Yohannis gochaa gadhee inni ittiin gonfoo warqee mataa isaa irraa salphisee fi isa argachuuf jecha yakka inni dalageef jedhee mootichi dhoksaatti aangoo irraa na buusa jedhee sodaachuudhaan utuu itti hin tolin gara walga’ii dhufe. Haa ta’u malee luboota sadarkaa guddaa irra jiranii fi baabura geggeesitootaatiin hordofamee kabaja guddaatiin magaalaa Konstaansi seene. Luboonnii fi aanga’oonni magaalichaa lammiilee hedduu wajjin isa simachuuf ba’an. Aanga’oonni namni afur mataa isaa gararraatti dibaabee warqee qabaniifii turan. Kan isa keessummeessan isa fuula dura turan, akkasumas uffati lubootaa fi qondaaltotaa inni gati jabeessi agarsiisa dinqisiisaa ture. WG 110.3
Yeroodhuma kana imaltuun biraanis gara Konstaansitti dhi’aachaa ture. Haas balaa isatti dhufuuf jiru in beeka ture. Michoota isaa irraas akka waan deebi’ee isaan arguu hin dandeenyetti adda ba’e, akkasumas akka waan du’atti adeemuutti karaa isaa itti fufe. Adeemsa isaa keessatti mootii Bohemiyaa fi mooticha Zigsimuundi irraa waraqaa ittiin nageenyaan darbu kan fudhate yoo ta’e illee du’a isaa shakkuudhaan qophee hundumaa godhee ture. WG 110.4
Michuu isaa Piraagiin jiru tokkoof xalayyaa barreesse keessatti akkas jedhee ture: “obboloota Koo, … diinota koo warra hedduu fi araarri hin malleef quunnamuuf waraqaa ittiin nageenyaan darbu fudhadhee adeemeera…. Waan hundumaaf humna waaqa hundumaa danda’uu isa fayyisaa koo ta’en amanadha. Isaaniin dura dhabbachuudhaaf Kadhannaa keessan isa cimaa dhaga’ee hubannaa fi ogummaa isaa afaan koo keessa akka kaa’u, akkasumas qorumsi, hidhaa fi duuti illee yoo barbaachise jabinaan quunnamuu akkan danda’utti isa dhugaa isaatti na jabeessu hafuura isaa isa qulqulluu akka naaf ergu nan amana. Kiristos warra jaallatuuf dhiphate; fayyina keenyaaf jennee waan hundumaa obsuuf fakkeenya isaa nuuf dhiisuun isaa nu dinqifachiisuu qabaa? Inni Waaqayyoodha, nuyi immoo uumama isaati; inni Gooftaa dha nuyi immoo garboota isaati; inni Gooftaa biyya lafaati, nuyi immoo du’eeyyii tuffatamoodha — kun ta’ee utuu jiruu garuu in dhiphate. Dhiphinni kan nu qulleessu erga ta’ee egaa nuyi maaliif hin dhiphannuree? Kanaaf michootaa, duuti koo ulfina isaaf kan gumaachu yoo ta’e dafee akka naaf dhufu, akkasumas dhiphina koo garaa qulqulluun fudhachuuf akka na dandeesisuuf naaf kadhadhaa. Garuu gara keessanitti deebi’uun koo kan naaf heyyamamu yoo ta’e, mudaa malee akkan deebi’uuf naaf kadhadhaa. Kunis obboloota koof fakkeenya gaarii dhiisuuf dhugaa wangeelaa keessa xuqaa xiqqoo illee akkan hin hir’ifneefi. Tarii kana booda Piraagiin keessatti fuula koo arguu hin dandeessan ta’a; garuu jaalaalli waaqa hundumaa danda’uu gara keessanitti yoo na deebise onnee keenya jabeessinee beekumsaa fi jaalala seera isaa fuula duratti haa deemsifnu.” —Bonnechose, vol. 1, pp. 147, 148. WG 110.5
Xalayyaa kan biraa luba bartuu wangeelaa ta’e tokoof barreesse keessatti “uffata lubummaa isa gati jabeessaan faayyaamuutti gammaduu isaaf, yeroo isaas hojii waa’ee hin baafne irratti balleessuu isaaf dogoggora godhe Haas gad of deebisuudhaan dubbatee ture. Ifata onnee namaa tuqus itti dabaluun dubbatee ture: “sammuun kee madda galii fi qabeenyaaf utuu hin taane ulfina Waaqayyoo fi fayyina lubbuuf haa bitamu. Mana kee lubbuu kee gararraatti miidhagsuu irraa of eeggadhu. Hunda caalaa ijaarsa hafuuraaf xiyyeefannoo kenni. Hiyyeesota biratti nama amantii fi kan gad of deebifte ta’i, waan qabdan dhangaatti hin fixini. Jireenya kee yoo sirreessuu baattee fi waan hin barbaachifne irraa yoo of qusachuu baatte akkuma koo adabni jabaan si qaqqaba jedheen sodaadha…. Mucummaa keetii jalqabdee barsiisa koo waan fudhatteef barsiisa koo beekta. Kanaaf dabalee siif barreessuun anaaf bu’aa hin qabu. Garuu bilaashummaa ani keessatti kufe keessaa tokko illee akka hin akkeesine araara Gooftaa keenyaaf jedhee sin kadhadha.” Itti dabaluudhaan dugda xalayyaa Sanaa irratti akkas jedhee barreesse, “yaa michuu koo hamma du’uu koo mirkaneeffattutti cufaa xalayyaa kanaa akka hin banne si kadhadha.” —Ibid., vol. 1, pp. 148, 149. WG 111.1
Haas adeemsa isaa keessatti milikkita babal’achuu barsiisa isaatii fi deggeramuu kaayyoo isaatii bakka hundatti argee ture. Sabni isa arguuf yaa’ee ture, magaalota tokko tokko keessa yeroo inni karaa irra darbu aanga’oonni isa waliin ta’anii turan. WG 111.2
Konstansiin yeroo ga’e biliisummaa guutuun Haasiif kennamee ture. Waraqaa heyyamaa mootichi kenneefitti dabalamuudhaan wabiin eegumsaa dhuunfaatti phaaphaasii biraa kennameefi ture. Haa ta’u malee utuma wabiin kabajamaa fi amansiisaan akkasii irra dedeebiin jiruu yeroo gabaabaa keessatti ajaja phaaphaasii fi lubootaatiin qabamee haaressaan kun mana hidhaa iddoo dukkanaatti darbatame. Booda masaraa jabaa Rahin gama jirutti dabarfamee hidhamee achitti eegame. Phaaphaasiin haxxummaa isaatiin bu’aa hin arganne kun utuu hin turin ofii isaatis mana hidhaa sanatti galfame. . Ibid., vol. 1, p. 247. Innis ajjeechaa, waajjira waldaa gurguruu fi eejja (seebaruu) dabalatee “cubbuu maqaa hin dha’amne” kan biraa wajjin fuula mana maree sanatti itti mirkana’ee murtii fudhatee ture. Kana irraa kan ka’e manni maree sun dhimmi kana irratti labsii baasuudhaan gonfoo warqee irraa fuudhee mana hidhaatti isa darbate. Farra phaaphaasii kanaa kan ta’anis aangoo irraa bu’anii phaaphaasiin haaraan filame. WG 111.3
Phaaphaasichi yakka isa Haas ittiin luboota komatee turee fi isa inni ittiin haarefamni akka ta’uuf gaafatee ture caalaa yakka kan dalage yoo ta’e illee, manni maree inni phaaphaasii kana gad qabe haaressaa kanas balleessuuf hojii isaa itti fufe. Hidhamuun Haas Boheemiyaatti dheekkamsa guddaa kaasee ture. Angafoonni warri aangoo qaban gara jabina kanaaf mormii isaanii mana mareetti dhi’eessanii turan. Waraqaan ittiin nageenyaan darban kabajamuu dhiisuu isaaf kan gadde mootichi miidhaa isa irratti geggeefamaa jiru mormeera. Diinonni haaressaa kanaa garuu haxxootaa fi murteefatoo turan. Gar tokko deggeruu mootichaa, hinnaaffaa waldaaf soda inni qabu gaafatanii turan. Yoo moototaan yookiin mootumichaan waraqaan ittiin nageenyaan darban kennameef illee “gantoota yookiin namoota gantummaatti shakkaman irratti amantiin gatamuu hin qabu” jedhanii qabxii falmii bal’aa dhi’eessan. —Jacques Lenfant, History of the Council of Constance, vol. 1, p. 516. Isaanis yaada kana jabeessan. WG 112.1
Dhukkubaa fi mana hidhaatiin dadhabee, — jiidhii fi qilleensi faalamaan mana hidhaa keessaa dhagna gubaa jireenya isaa du’aan ga’u itti fidee utuma jiruu Haas xumuratti yaa’ii duratti dhi’aate. Innis fuuncaadhaan hidhamee bakka mootichi inni ulfinaa fi amantii guutuudhaan isa eeguuf waadaa isaaf gale jirutti argame. Qorannaa dheeraa isa irratti dhi’aate keessatti dhugaa jabeessee qabatee ture, walitti qabama aanga’oota waldaa fi mootummaa keessatti yeroo argames manca’iinsa caasaa waldaa keessa jiru amanamummaadhaan mormuudhaan sagalee isaa dhageesise. Barsiisa isaa dhiisuu (yaada kaasuu) fi du’uu keessaa kamiin akka filatu yeroo gaafatame carraa kitimamtootaa (wareegamtootaa) akka fudhatu dubbate. WG 112.2
Ayyaanni Waaqayyoo isa hirkise. Murtii xumuraan dura kan turan torbanoota dhiphinaa sana keessa nagaan lubbuu isaa keessa guutee ture. Michuu isaatiif akkas jedhee barreesse: “xalayyaa kana kanan caafu mana hidhaa keessa taa’ee, harkii koo fuuncaadhaan hidhamee utuu jiruuti. Bor murtii du’aa eeggachaan jira…. Gargaarsa Yesus Kiristosiin jireenya dhufu keessatti nagaa minya’aatiin deebinee yeroo wal arginu, qorumsaa fi gidiraa koo keessatti Waaqni araaraa attamitti ofii isaa akka anatti mul’isee fi attamitti akka na hirkisee arguuf jirta.” —Bonnechose, vol. 2, p. 67 WG 112.3
Mana hidhaa dukkanaa sana keessa taa’ee amantiin dhugaan mo’uu isaa arge. Abjuudhaan gara mana sagadaa Piraagi, bakka itti wangeela lallabetti deebi’ee utuu phaaphaasonnii fi luboonni fakkii Yesus isa inni keenyan mana sagadaa irratti kaase haxa’anii balleessanii arge. “Mul’ati kun isa gaddisiise. Haa ta’u malee guyyaa itti aanutti namoonni fakkii kaasan baay’een fakkii kana baay’isanii, ifaa gochuudhaan bakkatti deebisanii utuu kaasanii arge. Akkuma hojiin isaanii xumurameen saba danuutiin marfamanii kan jiran fakkii kaastonni sun akkas jedhan, “Mee amma phaaphaasonnii fi luboonni haa dhufan; kana booda balleessuu hin danda’an.” Haaressaan kun abjuu isaa kana yeroo hiikkate akkas jedhe, “fakkiin Kiristos raawwatee baduu akka hin dandeenye ani mirkaneeffadheera. Isaan balleessuu barbaadanii turan, garuu inni lallabdoota ana irra caalaniin onnee nama hundumaa keessatti haaraa ta’ee in bocama.” —D’Aubigne, b. 1, ch. 6 WG 112.4
Haas yeroo xumuraaf mana maree duratti dhi’eeffame. Mootonni, ilmaan moototaa, bakka buutonni mootummaa, kardinaalonni, phaaphaasonnii fi luboonni, akkasumas taatee guyyaa Sanaa ilaaluuf kan dhufan sabni sonaan baay’een waan turaniif walga’ii bal’aa dinqisiisaa ture. Wallaansoo guddaa biliisummaan sammuu ittiin argamu aarsaa isa jalqabaa guddaa kana ilaaluuf kiristiyaanonni kutaa hundumaa keessa jiran dhufanii turan. WG 112.5
Haas murtii isaa isa xumuraa akka kennuuf yeroo waamame ganuu (waakkachuu) akka hin qabne dubbate. Mooticha isa waadaa isaaf seenee leeyyoo malee yaada isaa kaase sana ija keessa ilaaluudhaan “ani eegumsa moototaa fi mootumoota asitti argaman irra amantii kaa’een fedhii mataa kootiin mana maree kana duratti dhi’aachuuf murteesse” jedhee dubbate. —Bonnechose, vol. 2, p. 84. Iji namoota yaa’ii sana keessa jiran hundi gara isaa yeroo ilaale fuulli sigzimuundi akka dhiigaa diimate. WG 113.1
Murtiin in labsame, sirni salphisuus in jalqabame. Luboonnis akka amala waldaa isaanitti hidhamaa isaanitti uwwisan, uffata lubummaa yeroo uffate innis akkas jedhe: “Gooftaa keenya Yesus Kiristosiin Herodis Philaaxos duratti yeroo dhi’eesse akka arrabsootti uffata adii itti uwwisanii turan.” —Ibid., vol. 2, p. 86. Yaada isaa akka kaasuuf jabeessanii yeroo isa gaafatan gara sabaatti garagalee akkas jedhe: “Fuula maaliitiinaan samii ilaaluu danda’a? Wangeela qullaa’aa kanan itti lallabee namoota hedduu attamittan ilaaluu danda’a? Hin ta’u. Qaama koo isa gadadamaa du’aaf qophaa’e kana irra caalaa fayyina isaaniifan kabaja kenna.” Uffati sun tokko tokkoon irraa baafame, tokkoon tokkoon phaaphaasis ga’ee isaa yeroo raawwatu in abaara ture. Xumuratti qoobii waraqataa boca bircciqqoo qabu yookiin asii ol qallatu fuula duraan “angafa gantootaa” jedhuun barreefamee, fakkiin seexanaa sodaachisaan itti kaafamee mataa isaa irra kaa’ame. Haas akkas jedhe, “Yaa Yesus ati anaaf jettee gonfoo qoraatti baatteetta, anis maqaaa keef jedhee gonfoo salphinaa kana gammachuu guddaan nan baadha.” WG 113.2
Erga kana godhanii booda “luboonni akkas jedhan, ‘amma lubbuu kee seexanaaf laatna.’ Joon Haas immoo ija isaa gara waaqaatti ol fudhachuudhaan, ‘Gooftaa Yesus ati waan na fayyifteef, ani lubbuu koo harka keettan kennadha” jedhe. —Wylie, b. 3, ch. 7. WG 113.3
Inni amma aanga’oota lafaatti dabarfamee kennamee bakka itti ajjeefamutti geeffamaa jira. Namoota loltoota dhibbatti lakkaa’aman, lubootaa fi phaaphaasota uffata gati jabeessa uffatanii fi jiraattota Konstaansiin dabalatee hiriira hammam hin jedhamnetu isa hordofaa ture. Akka hin sochooneef mukatti hidhamee ibiddi qabsiifamuudhaaf wanti hundumtuu qophaa’ee yeroo turetti kitimamaan kun dogoggora isaa himatee akka of oolchuuf yaadachiisi dabalataa isaaf kenname. “Dogoggora kamiinan sirreefadha” jedhe Haas. “Akkan badii tokko hin qabne nan beeka. Wantin barreessee fi lallabe hundumtuu lubbuu cubbuu fi badiisa keessaa oolchuuf akka ta’e Waaqayyo ragaadha. Kanaafuu dhugaan barreessee fi lallabe gammachuu guddaadhaanan dhiiga kootiin mirkaneessa.” —Ibid., b. 3, ch. 7. Yeroo ibiddi naannoo isaatti qabsiifame “Yesus Ilma Daawit, araara anatti argisiisi” jedhee faarfachuu jalqabe, hamma sagaleen isaa barabaraan callisuttis itti fufe. WG 113.4
Gootummaa inni argisiisetti diinonni isaa illee indinqifatan. Garee phaaphaasiif hinaafan keessaa tokko wareegama Haasii fi Jeerom isa utuu hin turin ajjeefamee ilaalchisee akkas jedhe: “Lamaan isaanii yeroon isaanii isheen xumuraa yeroo dhi’aatte utuu hin socho’in mataa isaanii to’ataniiru. Akka nama cidha gaa’elaaf adeemuutti ibiddatti qopha’an. Isaan iyya dhiphinaa hin dhageesifne. Bobaan ibiddaa yeroo ol ka’e isaan faarfannaa jalqaban. Arrabni ibiddaa faarfannaa isaan dhaabsisuu hin dandeenye.” —Ibid., b. 3, ch. 7. WG 113.5
Dhagni Haas ibiddaan nyaatamee yeroo dhume daaraan isaa biyyoo achi jiruu wajjin duguugamee walitti qabamuudhaan bishaan Rahiin irra tamsaafame, achi irras gara garbaatti ce’e. Ari’atoonni isaa dhugaa inni lallabee hundeedhaan buqqifnee gatne jedhanii akkasumaan yaadan. Daaraan gaafa sana galaana irra tamsaafame biyyoota lafa irra jiran hundumaatti sanyii ta’ee faca’uudhaan biyyoota hin beekamnetti illee ija danuu godhatee dhugaaf akka dhugaa ba’u isaan hin abjoonne. Sagaleen inni galma mana maree keessatti dhaga’amee ture baroota itti aananii dhufan hundumaa keessatti sagalee awwaataa dhaga’amu dhiisee darbe. Haas hin jiru, dhugaan inni du’eef garuu baduu hin dandeenye. Fakkeenyummaan amantii fi cimina isaa akka baay’oonni dhiphinaa fi du’a keessatti dhugaaf jabaatanii dhabbataniif jajjabeessa. Ajjeefamuun isaa haxxummaa gar jabinaa Roomaa guutummaa biyya lafaaf saaxile. Diinonni dhugaa kaayyoo isaa balleessuuf akkasumaan dhama’an, utuu hin beekin caalaatti akka tarkaanfatu godhan. WG 113.6
Haa ta’u malee Konstaansitti balaan kan biraanis argamee ture. Dhiigni dhuga baatuu kan biraa dhugaaf dhugaa ba’uu qaba. Jeerom yeroo Haas gara mana maree adeeme nagaa itti dhaamee yoo inni balaa keessa bu’e balali’ee gargaarsaaf akka isa biratti argamu dubbachuudhaan akka inni cimuu fi jabaatu jajjabeesse ture. Bartuun amanamaan kun hidhamuu haaressaa kanaa dhaga’ee waadaa isaa raawwachuuf battalumatti qophaa’e. Waraqaa ittiin nageenyaan darban malee imaltuu tokkoo wajjin gara Konstaansi adeeme. Achi yeroo ga’e Haasiin oolchuu akka hin dandeenyee fi balaaf akka of saaxile hubate. Innis magaala keessaa baqatee ba’e, garuu utuu gara manaa adeemuu karaatti qabamee eegumsa gurmuu loltootaa jalatti fuuncaadhaan hidhamee deebisanii fidan. Yeroo jalqabaaf mana mareetti dhi’aatee waan ittiin himatameef deebii kennuu yeroo yaale waca “gara ibiddaatti darbadhaa haa gubamuu! Gara ibiddaatti darbadhaa! Kan jedhu isatti fidee ture. —Bonnechose, vol. 1, p. 234. Kana booda mana hidhaa dukkanaa bakka dhiphina guddaa itti dhiphatee fi daabboo fi bishaan qofaan sooramutti funcaadhaan hidhamee darbatame. WG 114.1
Ji’oota muraasa booda hidhaan gara jabinaa inni keessa jiru jireenya Jeeromiin balaa irraan kan ga’u dhukkuba itti fide. Diinonni isaa nu harkaa ba’a jedhanii sodaatanii dhiphina isaa salphisaniif, innis hidhaa sana keessa waggaa tokkoof ture. Duuti Haas bu’aa phaaphaasonni abdatan isaaniif hin fidne. Waraqaan ittiin nageenyaan darban isaaf kenname kabajamuu dhiisuun isaa bubbee aarii sochoosee ture. Kanaaf kana qabbaneessuuf jecha Jeeromiin qooda gubuu yoo danda’ame gara amantii isaa gansiisuutti dhiibuuf manni maree murteeffate. Innis yaa’ii duratti dhi’aatee yaada isaa gedderachuu yookiin ibiddaan gubatee du’uu keessaa tokko akka filatuuf carraan isaaf kenname. Dhiphina cimaa inni yeroo jalqabaa mana hidhaa keessatti argee wajjin yeroo wal bira qabamu duuti akka ayyaanaatti ilaalama. Amma garuu dhukkubaan, gidiraa mana hidhaa fi ijaajjiitti hidhamee dhiphifamuudhaan kan dadhabee fi michoota isaa irraa adda ba’uu fi du’a Haasiin abdii kan kutate Jeerom jabinni isaa hundumtuu dhumee mana mareef bitamuutti walii gale. Amantii kaatolikii deggeruu fi “dhugaa qulqulluu” isaan barsiisan irraa kan hafe mana mareetiin balaaleffatamuu barsiisa Wikilifii fi Haasiin akka gochaa sirriitti fudhachuuf waadaa seene. —Ibid, vol. 2, p. 141. WG 114.2
Tarkaanfii kanaan Jeerom sagalee sammuu isaa keessaa callisiisuu fi murtii isatti dhufe jalaa ooluuf dhama’e. Garuu mana hidhaa qofaa keessa jiru keessa taa’ee waan godhe ifatti ilaale. Jabinaa fi amanamummaa Haasiin in yaade, fallaa kanaan immoo dhugaa ganuu ofii isaatti gadi fageenyaan yaade. Isa tajaajiluuf waadaa seenee turee fi isa isaaf jedhee du’a fannoo obse Gooftaa waaqaa yaadate. Ganuu isaan fuula dura dhiphina isaa hunda keessatti wabii jaalala Waaqayyootiin jajjabina argatee ture. Amma garuu gaabbii fi shakkiin lubbuu isaa dhiphise. Roomaa wajjin nagaatti jiraachuu utuu hin danda’in fuula dura ganuu kan biraan amma illee raawwatamuu akka qabu in beeke. Karaan inni adeemuuf itti seenee jiru gantummaa guutuudhaan xumuramuu kan danda’uudha. Dhiphina yeroo gabaabaa keessaa ooluuf jecha Gooftaa isaa ganuu akka hin qabne murteeffate. WG 114.3
Utuu hin turin ammas mana maree duratti dhi’eeffame. Harka kennuun isaa abbootii murtii hin quubsine. Dheebuun dhiigaa isaanii du’a Haasiin dheebuu ba’uu kan jalqaban diina haaraa ajjeessuuf iyya dhageessisan. Jeerom jireenya isaa oolfachuu kan danda’u qusannaa malee dhugaa dabarsee kennuu qofaadhaani. Inni garuu amantii isaa jabeessee wareegama obboolessa isaa hordofuudhaan gara ibiddaa dhaquuf murteeffate. WG 115.1
Amantii isaa ganuu isa jalqabaa mormuudhaan akka nama du’eessatti carraan faccisaa akka isaaf kennamuuf gaafate. Luboonni bu’aa sagalee isaatii sodaatanii dhugaa ittiin himatame amanuu yookiin ganuu (waakkachuu) qofa akka dubbatu jabbeessanii yaadachiisan. Jeerom gara jabinaa fi haqa maleessummaa akkasii irratti mormii dhageesise. “Guyyoota dhibba sadii fi afurtamaaf mana hidhaa sodaachisaa, kosii gidduutti, waan jibbisiisaa, kan ajaa’uu fi waan tokko hin qabne keessatti anatti cuftaniittu; kana booda immoo isa keessaa na baaftanii diina keessan isa araarri hin taaneef irraa dhaga’uuf immoo gurra keessan naaf ergisuu hin barbaanne…. Dhuguma namoota ogeeyyii fi ifa biyya lafaa yoo taatan haqa irratti cubbuu akka hin hojjenneef of eeggadha. Ana yoo ta’e dadhabaa fi du’eessa; barbaachisummaan jireenya kootis muraasa. Murtii haqa hin qabne akka hin kennineef yeroon isinitti dubbadhu waa’ee kootiif jedhee utuu hin taane irra caalaa waa’ee keessaniifi.” —Ibid., vol. 2, pp. 146, 147. WG 115.2
Gaaffiin isaa xumuratti deebii argatee ture. Faallaa dhugaa fi waan Gooftaa isaaf hin taane akka hin dubbanneef Hafuurri Qulqulluun yaadaa fi jechoota isaa akka to’atuuf Jeerom bakka abbootiin seeraa jiranitti jilbeenfatee kadhate. Guyyaa sana abdiin Waaqayyo bartoota warra jalqabaaf kennee ture isaaf in raawwate: “Isaanitti warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis dhugaa ba'uudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu. Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaadda'inaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniifin kennama. Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti.” Maat.10:18-20. WG 115.3
Jechoonni Jeerom diinota isaa biratti illee dinqifannaa fi ajaa’ibsiifannaa uume. Waggaa tokko guutuu arguu fi dubbisuu irraa daangeffamee rakkina qaamaa guddaa fi dhiphina sammuutiin rakkachaa argaa mana hidhaa keessatti itti cufamee ture. Haa ta’u malee akka waan jeequmsa malee dubbisuuf carraa argateetti falmiin isaa baay’ee ifaa fi humna qabeessa ta’ee dhi’aate. Inni seenaa namoota qulquloota warra abbootii seeraa haqa hin qabneen murtiin jal’aan itti murtaa’e dhageeffatoota isaatiif caqase. Dhaloota hundumaa keessatti warri saba yeroo isaanii ol kaasuu barbaadan ceepha’amuu fi ari’atamuun isaan irra ga’aa tureera, yeroo booda garuu kabaji akka isaaniif malu mul’ifameera. Kiristos mataan isaa mana murtii haqa hin qabne duratti dhi’aatee akka yakkamaatti murtii fudhatee ture. WG 115.4
Jeerom yeroo amantii isaa ganee ture sana murtiin Haasitti kennamee ture haqa akka ta’e amanee ture, amma garuu akka qalbii jijjiirate dubbachuudhaan qajeelummaa fi qullaa’ummaa kitimamaa (wareegamaa) Sanaa dhugaa ba’e. Innis akkas jedhe, “Ani mucummaa isaatii kaaseen isa beeka. Inni baay’ee nama gaarii, qajeelaa fi qulqulluudha. Qajeelaa yoo ta’e illee garuu itti faradame…. Anis du’uuf qopha’aadha. Dhiphina isa diinotaa fi dhuga baatota sobaa warra guyyaa tokko Waaqa dhugaa isa wanti tokko isa gowwomsuu hin dandeenye duratti waliin dha’aa isaaniif deebii kennuuf jiraniin qophaa’e irraa duubatti hin deebi’u.” —Bonnechose, vol. 2, p. 151. WG 115.5
Jeerom isa si’a tokko dhugaa ganee (waakkatee) ture sanaaf mataa isaa ceepha’uudhaan itti fufee akkas jedhe: “Cubbuun mucummaa kootii jalqabee hojjedhe hunda keessaa isa ani bakka balaa qabu sanatti Wikilifii fi barsiisaa fi michuu koo Joon Haas isa kitimamaa qulqulluu sana irratti murtii kenname sirrii ta’uu isaa mirkaneesse caalaa sammuu kootti kan ulfaatuu fi garaa koo kan gaddisiisu hin jiru. Eeyyee! Isa ani du’a sodaachuudhaan barsiisa isaanitti murteesse onnee koo irraa cubbuu koo himadha, qaaniidhaanan dubbadhas. Kanaaf, cubbuu koo, addumaan immoo isa hunda irra caalu kana, Waaqayyo inni jabaan akka naaf dhiisu nan kadhadha.” Gara warra murtii isatti kennanii ilaaluudhaan utuu hin socho’in akkas jedhe, “Wikilifii fi Joon Haasitti kan isin murteessitan sababa isaan barsiisa waldaa raasaniif utuu hin taane, sababa isaan leeyyoo lubootaa — oftuulummaa isaanii, of jajuu isaanii fi hammina phaaphaasotaa fi lubootaa irratti ceephoo dubbataniifi. Anis waan isaan mirkaneessanii fi soba ta’uu hin dandeenye nan yaada, akka isaanittis nan dubbadha,” WG 116.1
Sagaleen isaa gidduutti gargar cite. Phaaphaasonni aariidhaan guutamanii “si’achi raga dabalataa maal barbaachisa? Gantuu boqu jabeessa ija keenyaan argineerra” jedhanii iyyan. WG 116.2
Jeerom dheekkamsa sanaan utuu hin socho’in akkas jedhe: Maaliidha? Du’a waanan sodaadhu isinitti fakkaataa? Waggaa tokko guutuu mana hidhaa sodaachisaa, du’a caalaa nama dhiphisu keessa na tursitaniittu. Isin gar jabina warri Turkii Yihudootaa yookiin Ormoota irratti hojjetan irra kan caalu ana irratti hojjettan. Foonni koos jiraaatti ana irratti tortoreera jechuun in danda’ama, haa ta’u malee nama onnee fi hafuuraan dhukkubsate ta’uu koof komee hin dhageesifneen ture. Garuu hammeenya jabaa kiristiyaana tokko irratti geggeeffameef dinqifannaa koo ibsuu hin danda’u.” -- Ibid., vol. 2, pp. 151-153. WG 116.3
Bubbeen aarii ammas ka’ee akka Jeerom mana hidhaatti darbatamu godhe. Haa ta’u malee sagaleen dubbii isaa onnee isaaniitti kan qabatee fi lubbuu isaa oolchuu kan barbaadan yaa’ii sana keessa namoonni muraasi turaniiru. Aanga’oonni waldaa dhaqanii isa ilaaluudhaan mana mareetiif akka bitamuuf isa kadhatanii turan. Mormii Roomaa irraa qabu yoo dhiisee abdiin ifaa ta’e fuula isaa dura akka jiru bifa badhaasaatiin fuula isaa duratti dhi’eessan. Garuu akkuma Gooftaa isaa isa ulfina lafaatiif hin bitamnee Jeeromis utuu hin socho’in dhaabatee hafe. WG 116.4
“Dogoggora keessa jiraachuu koo Caafata Qulqulla’aatiin anaaf mirkaneessaa, anis nan ganaa (nan waakkadha)” isaaniin jedhe. WG 116.5
Warra isa qoratan keessaa tokko “wanti hundumtuu caaffata Qulqulla’aatiin murta’aa?” jedhee gaafate. Yoo waldaan hiikte malee eenyutu isa hubachuu danda’a?” WG 116.6
“Aadaan namootaa dhimma amantii irratti wangeela fayyisaa keenyaa caalaa gatii qaba jechuudhaa?” jedhee deebise Jeerom. Phaawulos namoota isaaniif barreesseen ‘Macaafota qoraa’ jedhe malee aadaa namootaa dhageefadha isaaniin hin jenne.” WG 116.7
“Gantuu!” kan jedhu ture deebiin isaa. “Yeroo dheeraa hammanaa si kadhachuu koof nan gaabba. Ati Seexanan hafuufamuu kee nan arga.” —Wylie, b. 3, ch. 10. WG 116.8
Utuu hin turin murtoon badiisaa isa irratti darbe. Innis bakka Haas lubbuu isaa kennetti geeffame. Karaa irra yeroo adeemus ni faarfata ture, fuulli isaas gammachuu fi nagaadhaan kan ife ture. Ija isaas Kiristos irra kaa’e ture, duutis isa hin sodaachifne ture. Inni ajjeechaa isaa raawwatu ibidda qabsiisuuf dhufee dugda isaa duuba yeroo dhaabate wareegamaan (kitimamaan) kun akkas jedhe, “ija jabaadhuutii karaa fuula duraa kottu; ibiddichas fuula koo duratti qabsiisi. Utuun nan sodaadha ta’ee asitti hin argamun ture.” WG 117.1
Bobaan ibiddaa naannoo isaatti yeroo qabsiifame sagaleen isaa inni xumuraa kadhannaa ture. “Gooftaa, Abbaa Hundaa dandeessuu,” naaf oo’ii, cubbuu koos anaaf dhiisi; ani yeroo hunda dhugaa kee akkan jalladhu beekta waan ta’eef” jedhee iyye. —Bonnechose, vol. 2, p. 168. Sagaleen isaa in callise, hidhiin isaa garuu kadhannaadhaan socho’uu itti fufe. Ibiddichi hojii isaa erga xumuree booda, daaraan wareegamaa Sanaa biyyoo irratti harca’e wajjin duguugamee akkuma kan Haasiin bishaan Raahinitti darbatame. WG 117.2
Amanamoonni warri ifa Waaqayyoo baatan akkasitti dhuman. Garuu ifti dhugaa isaan lallaban — ifti fakkeenya gootummaa isaan argisiisanii dhaamuu hin dandeenye. Inni namoonni bari’uu lafaa addunyaaf dhufaa jiru daangessuuf yaalan aduun akka hin ifneef ol dhowwuuf yaaluu fakkaata. WG 117.3
Ajjeefamuun Haas Boheemiyaa keessatti ibidda aarii fi jibbaa qabsiisee ture. Inni haxxummaa lubootaa fi gantummaa moototaatiin harka diinotaa keessatti akka kufe guutummaa sabaatti dhaga’amee ture. Inni barsiisaa dhugaa isa amanamaa akka ta’e dubbatamuudhaan manni maree du’a itti murteesse yakka ajjeechaatiin akka himatamu ta’eera. Barsiisni isaa amma yeroo duraa caalaa xiyyeeffannoo guddaa argate. Barreeffamoonni Wikiliif labsii phaaphaasiitiin akka gubamuuf murtoon darbee ture. Garuu badiisa keessaa kan baraaraman bakka dhokfamanii turanii fidamanii Macaafa Qulqulluu wajjin yookiin kutaa isaa keessaa kan namoonni argachuu danda’anii wajjin wal bira qabamee qoratame; baay’onnis akkasitti amantii haara’umsaa fudhatan. WG 117.4
Warri Haasiin ajjeesan kaayyoon isaa injifachuu isaa callisanii ilaaluu hin dandeenye. Phaaphaasii fi mootichi sochii kana dhabamsiisuuf walii galan, loltoonni Sigzimuundi gara Boheemiyaatti socho’an. WG 117.5
Garuu oolchaan tokko ka’ee ture. Ziskaa inni lolli sun banamee utuu hin turin iji isaa lamaan jaamee ture sun, inni ancibraalota bara Sanaa keessaa dandeettii guddaa qabu geggeessaa warra Boheemiyaa ta’ee ture. Gargaarsa Waaqayyoo amanachuu fi qajeelemmaa kaayyoo isaanii hubachuudhaan sabni lola jabaa isaanitti dhufe dura dhaabbachuuf ka’e. Mootichi ammaa amma irra dedeebi’ee loltoota haaraa ergee Boheemiyaa yoo weerare illee bu’aan isaa leeyyoodhaan deebi’uu ta’e. Hordoftoonni Haas sodaa du’aan ol ta’anii argaman, isaan dura dhabbachuu kan danda’us hin turre. Lolli sun jalqabamee yeroo muraasa booda Ziskaan inni jagni sun in du’e. Bakki isaa garuu Pirokopi’uus isa goota akka isaatii fi ancibitraala dandeettii qabu, akkasumas haala tokko tokko keessatti geggeessummadhaan isa irra kan caaluun bakka bu’e. WG 117.6
Diinonni Boheemiyaa loltuun isaanii inni jaamaan akka du’e baranii waan duraan dhabanii turan deebisanii argachuuf carraa akka qabanitti ilaalan. Phaaphaasiin amma warra Boheemiyaa irratti lola fannoo (crusade) labse, humni guddaanis Boheemiyaatti duule, garuu in injifatame. Ammas lola fannoo (crusade) kan biraatu labsame. Biyyoota Awuroophaa phaaphaasiin bulchu hundumaa keessatti namni, horii fi meeshaan lolaa hundumtuu walitti qabamuu jalqabe. Gantoota hordoftoota Haas irratti xumuratti dhumiisi akka ta’u mirkaneeffachuudhaan hedduun gara phaaphaasii goran. Waraana isaanii duubatti deebisuuf sabni hiriiree ture. Loltoonni garee lamaan hanga bishaanni tokko gidduu isaanii goree gargar isaan baasutti walii isaaniitti dhi’aatanii turan. “Loltoonni fannoo sun humnaan guddaa isaan irra caalu turan, garuu qooda bishaan ce’anii hordoftoota Haas warra loluuf dhufan loluutti dhi’aatan, callisanii dhaabbachuudhaan loltoota sana ilaalu turan.” —Wylie, b. 3, ch. 17. Kana booda naasuun dhokataan macca loltuu sanatti dhufe. Loltuun jabaan sun rukkuttaa tokko malee cabee humna hin argamneen diigamee tamsa’e. Lakkoobsi hedduun loltoota garee Haas warra isaan ari’aniin qalaman, boojuun guddaanis harka injifattootaa keessa gale. Kanaaf lolli sun qooda isaan hiyyoomsu warra Boheemiyaa in badhaase. WG 117.7
Waggoota muraasa booda ammas lolli fannoo kan biraan phaaphaasii haaraatiin labsamee ture. Akkuma yeroo jalqabaa biyyoota Awuroophaa phaaphaasiidhaan bulan hunda keessaa namnii fi qabeenyi walitti qabamee ture. Gochaa gadhee kanatti kan hirmaataniif wanti godhamu waan guddaa ture. Yakka ulfaataa tokkoon tokkoon loltuun fannoo raawwateef dhiifamni guutummaatti akka kennamu abdachiifame. Lola sana keessatti kan du’an hundumtuu waaqa irratti badhaasa isaanii akka fudhatan, warri jiraatti hafan immoo ulfinaa fi badhaadhummaa dirree lolaa sana akka argatantu abdachiifame. Ammas loltuun danuun walitti qabamee daangaa ce’uudhaan Boheemiyaa seene. Humni waraana hordoftoota Haas duubatti deebi’uudhaan akka weerartoonni sun biyyicha keessa baay’inaan seenan godhee, gara injifatamuu duraan tureetti isaan geessan. Xumuratti loltoonni Prokupi’uusiin geggeeffamu isaan dura dhaabbate, gara diina isaatti garagalee lole. Loltoonni fannoo amma dogoggora isaanii hubatanii iddoo buufata isaanii turuudhaan haleellaa isaan irra ga’uu eeggachuu jalqaban. Hordoftoonni Haas ijaan utuu hin argamin dhi’aachuun isaanii qofti yeroo dhaga’ame loltoota fannoo naasuun qabate. Angafoonni, ancibiraalonnii fi loltoonni gaachana isaanii gatanii kallattii hundumaan baqatan. Bakka bu’aan phaaphaasii inni loltoota sana geggeessu loltoota na’anii fi faca’an walitti qabuuf akkasumaan dhama’e. Dhamaasuu guddaa yoo godhe illee inni mataan isaa bubbee baqannaatiin fudhatamuu danda’eera. Baqannaan sun erga xumuramee booda boojuun guddaan ammas harka injifattootaa keessa gale. WG 118.1
Akkasitti macci goototaa, namoonni lolaa, warri lolaaf leenji’anii fi hidhatanii Awuroophaa keessaa biyyaa aangoo guddaa qabduun ergaman biyya xiqqoo fi dadhabduu duratti rukutamanii baqatan. Kun mul’achuu humna waaqaa ture. Wereertoonni kun humna uumamaan oliitiin rukutamanii mo’aman. Inni loltoota Fara’ooniin galaana diimaa keessatti fixe, inni karaa Giidewoonii fi karaa loltoota isaa warra dhibba sadiitiin loltoota Midiyaaniin lole, inni loltoota Asor warra of tuultota halka tokkotti gadi qabe ammas humna cinqursitootaa busheessuuf harka Isaa diriirseera. Kunoo, isaan sun naasuu guddaadhaan, naasuu takkaa ta'ee hin beekneenis in liqimfamu; in bittimse, ati akka isaan yeellaasifaman in goota.” Faar. 53:5. WG 118.2
Geggeesitoonni phaaphaasii isa humnaan mo’achuu dadhabanii abdii kutatan hariiroo uumuudhaan argachuu barbaadan. Yaada araaraa tokkotu dhi’aate, innis warra Boheemiyaatiif biliisummaa sammuu kennuu yommuu ta’u, dhugaan isaa aangoo Roomaa jala isaan galchuufi. Warri Boheemiyaa Roomaa wajjin nagaa buusuuf qabxii afur haal duree godhanii dhi’eessan. Innis biliisummaa lallabbii wangeelaa, yeroo kennaa irbaata qulqulluu guutummaan waldaa mirga daabboo fi wayinii irraa hirmaatu argachuu, Waaqayyoon waaqessuun afaan dhalootaatiin akka geggeeffamuu fi luboonni aangoo fi waajjira biyya lafaa keessaa akka baafamanii fi yakka irratti luboonnis akkuma miseensotaa dhaddacha lafaatti murtiif akka fudhataniif gaafatan. Xumuratti aanga’oonni phaaphaasii “keewwati hordoftoota Haas fudhatama argachuu akka qabu walii galan, garuu mirgi ibsuu keewwata Sanaa, qabxii ijoo ta’e irratti murtii kennuun kan mana maree Sanaa ta’uu qaba — jecha biraatiin kan phaaphaasii fi kan mootii jechuudha.” —Wylie, b. 3, ch. 18. Bu’uura kana irratti walii galtee uumamuudhaan Roomaan isa lolaan argachuu dadhabde dhoksaa fi gowwomsaadhaan argatte. Akkuma isa Macaafa Qulqulluu irratti goote keewwata warra hordoftoota Haasitti hiikkaa dogoggoraa kennuudhaan kaayyoo mataa ishee wajjin akka walii galu goote. WG 118.3
Boheemiyaa keessaa garri caalaan kun birmaddummaa isaanii dabarsanii kennuu akka ta’e hubachuudhaan karoora kanatti walii galuu didan. Isaan gidduutti lolaa fi dhiigaa dhangala’uu guddaatti kan geessu wal dhabdee fi gargar ba’uutu uumame. Lola kana keessatti Prokopi’uus inni beekaman in kufe, biliisummaan Boheemiyaas in bade. WG 119.1
Sigzimuundi inni Haasii fi Jeeromiin gane sun mootii Boheemiyaa ta’e, mirga Boheemiyaa eegsisuuf yoo waadaa seene illee sirna phaaphaasii hundeessuu itti fufe. Garuu Roomaadhaaf bitamuu isaatiin bu’aa hin arganne. Waggoota digdamaaf jireenyi isaa dadhabbii fi muddamaan kan guute ture. Waraana dheeraa bu’aa hin qabneen loltoonni isaa dhumanii qabeenyi isaas duguugamee ture. Waggaa tokko erga bulchee booda mootummaa isaa qarqara lola waliinii keessatti gatee, dhaloota dhufu maqaa gadhee dhaalchisee du’e. WG 119.2
Gooliin, lollii fi dhiigaa dhangala’uun in babal’ate. Ammas loltoonni biyya alaa Boheemiyaa weeraran, lolli walii isaanis mootummaa sana raase. Warri wangeelaaf amanamanii dhaabbatan hamma dhiigaa dhangala’uutti ari’ataman. WG 119.3
Warri amantii durii deggeran akkuma obboloota isaanii darbanii maqaa “obbolotaa gamtooman” jedhuun of moggaasanii waldaa addaa dhaabaan. Gochaan kun gita hundumaa irraa abaarsa isaan irratti roobse. Haa ta’u malee ciminni isaanii kan hin sochoone ture. Mukeetii fi holqa keessa dhokachuuf yoo dirqaman illee sagalee Waaqayyoo qorachuu fi walii wajjin waaqessuuf walitti qabamaa turan. WG 119.4
Karaa ergamoota dhoksaadhaan biyyoota garagaraatti ergamanii “lallabdoonni dhugaa nama irraa adda ba’an muraasi magaalaa kana keessa, muraasi immoo magaalaa sana keessa akkuma isaanii ari’atamaa akka jiranii fi tulloota Alpis keessa immoo bu’uura Macaafa Qulqulluu irratti kan hundooftuu fi manca’iinsa waaqa tolfamaa Roomaa kan mormitu waldaan durii tokko akka jirtu hubatan.”—Wylie, b. 3, ch. 19. Oduun kunis gammachuudhaan fudhatame, kiristiyaanota warra waldensotaa wajjinis ergaa waliif dabarsuun jalqabamee ture. WG 119.5
Warri Boheemiyaa wangeelatti jabaatanii dhaabbachuudhaan halkan ari’annaa sana keessa akka nama bari’uu lafaa eeggatuu ija isaanii gara giraabaatti (horizon) deebisanii eeggachaa turan. “Carraan isaanii guyyoota gadhee irra bu’ee ture; haa ta’u malee jecha isa utuu lafti hin bar’iin jaarraa tokko in fudhata jedhee dursee Haas dubbatee fi Jeeromis irra deebi’ee jedhe sana yaadataniiru. Jechoonni kun warra Taaboriif (warra hordoftoota Haasiif) akka sagalee isa Yoseef qomoo isaa warra mana gabrummaa jiraniin “Ani du'uufan jedha; Waaqayyo garuu isin in yaadata, biyya kana keessaa isin in baasa” jedhee dubbateeti. —Ibid., b. 3, ch. 19. Yoo suuta ta’e illee waldaan obbolootaa dabalaa akka adeeme Cufamuun jaarraa kudha shannaffaa dhugaa ba’eera. Miidhamuu irraa fagoo yoo ta’uudhaa baatan illee garuu boqonnaa muraasa argataniiru. Jalqaba jaarraa kudha ja’aaffaa keessa biyya Boheemiyaa fi Moraaviyaa keessa waldaan isaanii lakkoobsaan dhibba lama ga’ee ture.” —Ezra Hall Gillett, Life and Times of John Huss, vol. 2, p. 570. “Hafaan sabaa billaa fi ibidda balleessu duraa ba’anii ooluudhaan bari’uu lafaa isa Haas dursee dubbatee ture arguu danda’uun isaanii waan gaariidha.” —Wylie, b. 3, ch. 19. WG 119.6