Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 42—Wallaansoon Ni Xumurame

Xumura waggoota kumaa sanatti, Kiristoos deebi’ee gara biyya lafaa dhufa. Innis tuuta fayyanii fi ergamoota samii wajjin dhufa. Surraa Isaa isa sodaachisaatiin yeroo gad-bu’u, cubbamoonni du’anii jiran du’aa ka’anii gatii isaanii fudhatu. Isaanis macca sonaan baay’ee, lakkoofsi isaanii akka cirracha galaanaa baay’atu ta’anii as ba’u. Isaanii fi warra du’aa ka’uu isa jalqabaa keessatti du’aa ka’an gidduutti garaa garaummaa guddaatu argama! Toloonni qaama hin duunee fi miidhagina dargaggummaa uffatanii jiru. Cubbamoota irratti garuu mallattoo du’aa fi dhukkubaatu argama. WG 483.1

Iji tuuta bal’aa sanaa hundinuu ulfina Ilma Waaqayyoo ilaaluuf achi garagale. Cubbamoonni hundinuu sagalee tokkoon wal-ga’anii “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu galateeffamaadha!” jedhanii labsan. Humna dhugaatu hidhii (arraba) dubbachuudhaaf fedha hin qabne dirqisiise malee, akka isaan kana dubbatan kan isaan taasise jaalala isaan Kiristoosiif qaban miti. Warri cubbamoonni, akkuma gara awwaalcha isaanii dhaqan sanaatti diinummaa Kiristoosii fi hafuura fincilaa fudhatanii du’aa ka’u. Mudaa jireenya isaanii isa darbe sirreessuuf (fayyisuuf) yeroo araaraa kan biraa hin qabaatan. Kanaanis bu’aan argamu tokko illee hin jiru. Irra daddarbaan (Cubbuun) isaan umurii isaanii guutuu hojjetan onnee isaanii hin laaffifne. Utuu yeroon araaraa si’a lammaffaa isaaniif kennamee, akkuma yeroo jalqabaa sana seera Waaqayyoo cabsuu fi Waaqayyo irratti fincila adeemsisuutti carraa isaanii gubu. WG 483.2

Kiristoos Gaaraa Ejersaa, iddoo irraa gara samiitti ol-ba’ee fi bakka ergamoonni abdii deebi’ee dhufuu Isaa irra deebi’anii dubbatan irratti gad-bu’a. Raajichi akkana jedha: “yommus Waaqayyo gooftaan koo in dhufa, qulqulloonni isaa hundinuus isinii wajjin in dhufu.” “Guyyaa sanatti miilli isaa tulluu ejersaa isa Yerusaalem irraa gara ba'a-biiftuu jiru irra in dhaabata; tulluun ejersaas gara ba'a-biiftuutii gara lixa-biiftuutti, iddoo lamatti gargar in dho'a; walakkaan tullichaa gara bitaatti, walakkaan isaa immoo gara mirgaatti in hiiqa, gidduu isaattis dachaan guddaan in uumama.” “Yommus Waaqayyo guutummaa biyya lafaa irratti mootii in ta'a; gaafas Waaqayyo isuma tokkicha, maqaan isaas tokkichuma.” Zakk 14: 5, 4, 9. Yeroo Yerusaalem isheen haaraa miidhagina ishee isa ulfina qabeessaa fi calaqqisaa uffattee samii keessaa gadi dhuftu, iddoo qulleeffamee fi ishee simachuudhaaf qophee ta’e irra qubatti (boqotti). Kiristoos, saba Isaa fi ergamoota Isaa wajjin magaalattii qulqullooftuutti seena. WG 483.3

Seexanni amma olaantummaa argachuuf jecha wal’ansoo jabaa fi isa xumuraa geggeessuuf qophaa’a. Mootichi hamminaa, yeroo humni isaa irraa mulqamee hojii gowwomsaa isaa akka hin geggeessineef ittifamee turtetti, rakkataa fi gaddaan kan guutame ture; garuu yeroo cubbamoonni warri du’anii turan du’aa ka’anii namoota danuu ofii isaa biratti argudhaan abdiin isaa ni haara’a, wallaansoo isa guddaa keessatti harka kennuu dhiisuudhaaf garaa isaa kutata. Kaayyoo isaa galmaan ga’achuuf jecha raayyaa badan mara alaabaa isaa jala hiriirsa. Cubbamoonni booji’amtoota seexanaa dha. Isaan Kiristoosiin fudhachuu diduu isaanii irraan kan ka’e bulchiinsa (sirna bittaa) geggeessaa fincilaa sanaa fudhataniiru. Isaan yaada (kaayyoo) inni dhi’eessu fudhachuuf, akkasumas, wanta inni isaan abboome hojii irra oolchuuf qophaa’oodha. Ammallee, akkuma haxxummaa isaa isa bara durii sana seexana ta’uu isaa of irratti hin beeksisu. Mootiin biyya lafaa kana irratti mirga abbaa qabeenyummaa sirrii qabu isa ta’uu isaa fi dhaalli isaa seeraa ala kan isa irraa fudhatame ta’uu isaa ni falmata. Humna isaatiin awwalcha isaanii keessaa kan isaan baasee fi si’achitti immoo humna cunqursaa (abbaa hirree) isa hundumaa irra caalu jalaa kan isaan bilisomsuuf jiru ta’uu isaa isaaniif dhugomsuu bira darbee, warra gowwamsaa isaa jalatti kufanii jiran hundumaatti ofii isaa fayisaa fakkeessee dhi’eessa. Kiristoos iddoo sanatti argamee waan hin jirreef falmii isaa deggeruuf jecha dinqiiwwan garaa garaa hojjeta. Warri dadhaboon akka jabaatan godha, namoota warra kaanis hafuuraa fi humna isaatiin dadammaqsa. Gara buufata qulqullootaatti isaan geggeessuu akka danda’uu fi Magaalaa Waaqayyoo to’annaa isaanii jala galfachuu kan danda’an ta’uu isaanii ilaalchisee yaada dhi’eessa. Gara namoota du’aa ka’anii, warra lakkoofsi isaanii miliyoona hedduudhaan illee lakkaa’amuu hin dandeenyeetti quba qabuudhaan, magaalattii garagalchee teessoo isaa fi mootummaa isaa deebifachuu akka danda’u gara jabinaa fi koormaadhaan dubbata. WG 484.1

Tuuta sonaan baay’ee sana keessa qomoo namoota bara bishaan badiisaa dura yeroo dheeraadhaaf jiraachaa turanii hedduutu jiru. Isaaniis namoota qaama gurguddaa fi dandeettii sammuu olaanaa qaban, namoota to’annaa ergamoota kufaniitti harka kennuudhaan beekumsaa fi dandeettii isaanii hunda mataa isaanii ol qabuu irra oolchan; namoota hojiin aartii (hojiin harkaa) isaanii inni dinqisiisaan biyya lafaatiin waaqeffamuutti isaan geggeessee, garuu immoo gara jabinnii fi argannoon isaanii inni hamaan, biyya lafaa xureessee, bifa (fakkaattii) Waaqayyoo sababa balleesseef jecha, Waaqayyo fuula uumama Isaa duraa namoota Inni balleessetu achitti argamu. Namoota sana keessatti, moototaa fi hooggantoota waraanaa (Jeneraalota) biyyoota hedduu irratti injifannoo galmeessisan, gootota dirree waraanaa keessatti tasa injifatamanii hin beekne, koormaadhaan kan guutaman, namoota fedhii lolaa jabaa qabanii fi kan dhi’annaan isaanii mootota roqomsiisaa turantu achitti argama. Muuxannoon isaanii kun du’aan hin jijjiiramne. Yeroo awwalcha keessaa ka’an, yaada isaanii bakka gaafa du’an irratti dhaabanii kaasanii itti fufu. Hawwii mo’ichaa yeroo du’an isaan bitaa ture fudhatanii du’aa ka’u. WG 484.2

Seexanni ergamoota isaa wajjin, akkasumas, mootota, loltootaa fi namoota jajjaboo kanaa wajjin ni mari’ata. Baay’ina lakkoofsaa fi jabina gama isaanii jiru ilaalanii, waraanni magaalattii keessa jiru isa kan isaanii wajjin yeroo wal bira qabamu lakkoofsaan xinnoo akka ta’anii fi salphaattis injifatamuu akka isheen dandeessu labsu. Isaan ulfinaa fi badhaadhummaa Yeruusalemiin dhuunfachuuf karoora ni diriirsu. Hundi isaanii iyyuu battaluma sana tokkummaadhaan waraanaaf qophii gochuu eegalu. Warri tooftaa lolaa beekan tooftaa lolaa baasanii meeshaalee waraanaa sirreessanii iddoo qabsiisu. Geggeessitootni waraanaa, warri kanaan dura waraana keessatti fiixan ba’umsa isaaniitiin beekamoo ta’an, namoota lolaaf malan mara kuma kumaan, akkasumas, dhibba dhibbaan gargar hiranii qopheessu. WG 484.3

Xumura irratti, gara fuul-duraatti akka socho’aniif ajaji ni kenname, macci lakkoobsa hin qabnes fuula duratti socho’an - loltoonni akkasii gootota biyya lafaa irra turaniin takkaa walitti qabamee hin beekne, erga lolli biyya lafaa irratti jalqabamees humni lolaaf walitti dabalame kam illee kan isatti hin qixxaanne gara fuul-duratti socho’an. Seexanni inni loltoota hundumaa irra jabaa ta’e hoogganaa walii galaa ta’ee geggeessa, ergamoonni isaa immoo wallaansoo isa xumuraaf humna isaanii walitti kurfeessu (tokkummeessu). Moototnii fi loltootni konkoolaataa isaa keessa jiru, loltootni lakkoofsi isaanii danuu, warri garee gareetti gargar qoqqoodamanii jiran hundinuu ajajaa waraanaa isaaniif ramadame jalatti isa [seexana] duukaa bu’an. Loltootni hiriira tolanii ijaajjan kun, of-eeggannoo qajeelaa sirna lolaa keessatti barbaachisu eeganii lafa ishee caccabde irra adeemaa gara Magaalaa Waaqayyootti socho’an. Ajaja Yesuusin Karri (Balbaloonni) magaalaa Yerusaalem ishee haaraa ni cufaman, loltootni seexanaas haleellaa geggeessuuf jecha qophaa’anii magaalattiitti marsan. WG 485.1

Yeroo kana Yesuus Kiristoos ammas irra deebi’ee diinota Isaatti mul’ata. Magaalattii gararraadhaan achi fagaatee, teessoo ol-dheeraa hundeen isaa warqeedhaan calaqqisutu jira. Teessoo kana irra Ilma Waaqayyootu taa’ee jira, warri mootummaa Isaa jalatti bulan immoo naannoo Isaa marsanii jiru. Surraa fi humna Kiristoosiin jechi ibsuu danda’u hin jiru, qalamni kam illee barreesssee ibsuu hin danda’u. Ulfinni Abbaa bara baraan Ilma Isaa marsee jira. Ifni argamuu Isaatiin inni calaqqisaan Magaalaa Waaqayyoo guutee calaqqeen isaa balbaloota magaalattii irras darbee calaqqisa isaatiin guutummaa biyya lafaa uwwisa. WG 485.2

Teessicha bira, namoota kanaan dura dhimma hojii seexanaa irratti hinaaffaa qabaataa turanii, garuu akka mukukkula ibidda keessaa fuudhameetti dammaqinaa fi onnee guutuudhaan fayisaa isaanii duukaa warra bu’aa turantu jira. Isaanitti aanee immoo, sobaa fi gantummaa gidduutti amala Kiristiyaanummaa guutuu ta’e warra shaakalan, yeroo Kiristiyaanotni addunyaa seerri Waaqayyoo diigameera jedhanii labsan keessa warra seera Waaqayyoo eeganii fi warra jaarraa hundumaa keessatti amantiidhaaf jedhanii aarfaman namoota miliyoonatti lakkaa’amantu jiru. Teessoo sana irra darbee gara gamaatti “tuuta sonaan baay'ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa'uu hin dandeenye nan arge; isaan uffata adii uffatanii, damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii teessicha dura hoolicha duras in dhaabatu turan.” Mul. 7: 9. Lolli isaanii raawwatameera, injifannoos gonfataniiru. Fiigicha isaanii xumuranii badhaasa bira ga’aniiru. Dameen meexxii inni harka isaanii keessaa mallattoo mo’icha isaaniidha. Uffanni adii isaan uffatan immoo faajjii qajeelummaa Kiristoos isa mudaa tokko illee hin qabne yeroo ta’u, Inni amma kan isaanii ta’eera. WG 485.3

Warri furaman hundinuu sagalee isaanii ol-fuudhanii “Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa'u biraa; hoolicha biraas in argama!” jechaa faarfannaa galataa irra deddeebi’anii faarfatan. Lakk. 10. Ergamoonnii fi Suraafeelonnis jajannaa guddaa dhageessisaa sagalee isaanii warra fayyanii wajjin wal-simsiisan. Warri fayyan humnaa fi hammina seexanaa yeroo ilaalan, isa kanaan duraa caalaa, humna Kiristoos irraan kan hafe humni kan biraan tokko illee injifannoo biraan isaan ga’uu akka hin dandenye hubatan. Saba sonaan baay’ee ifan (calaqqisan) sana keessaa namni fayyina ofii kootinan argadhe jedhu, akkasumas, akka wanta humnaa fi gaarummaa mataa isaatiin mo’icha argateetti kan dhaadatu hin jiru. Waa’ee hojii gaarii isaan hojjetaniis ta’e waa’ee dhiphina isaan dhiphatanii waanti dubbatamu tokko hin turre; faarfannaan tokkoo tokkoo isaanii fi qooqni noottaa muuziqaa tokkoo tokkoo isaa “Fayyinni Waaqa keenyaa fi Hoolichaaf” kan jedhu dha. WG 485.4

Bakka jiraattotni samii fi biyya lafaa wal-ga’anii argamanitti Ilmi Waaqayyoo yeroo xumuraaf ni moosifama. Amma mootiin moototaa Inni surraa fi humna guddaatiin guutame, warra mootummaa Isaa irratti fincilan, akkasumas warra seera Isaa cabsaa turanii fi saba isaa miidhaa turan irratti murtii (firdii) haqa qabeessa ni dabarsa. Raajichi akkana jedha: “Kana booddees teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taa'e nan arge; laftii fi waaqni fuula isaa duraa in baqatan, iddoonis isaaniif hin argamne. Warra du'anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du'an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.” Mul 20:11, 12. WG 486.1

Yeroo macaafonni galmee seenaa namootaa banamanii fi iji Ilma Waaqayyoo gara cubbamootaa ilaalu, cubbamoonni cubbuu bara isaanii guutuu hojjetan yaadatu. Bakka miilli isaanii daandii qulqullummaa fi qajeelummaa irraa itti maqe, akkasumas, koormaa fi fincilli hammam seera Waaqayyoo irra daddarbuutti akka isaan geggeesse ni argu. Cubbuutti gad-of-dhiisuu isaanii irraan kan ka’e qorumsi isaan ofii isaanii irratti jajjabeessan, eebbi kallattiin isaa maqfame, ergamoonni (hojjetootni) Waaqayyoo tuffataman, akeekkachiisni fudhatama dhaban, waamichi araaraa boqu jabinaan rukutamanii booddeetti deebifamanii fi onneen isaanii inni qalbii jijjiirrachuu dide — wantootni kun hundinuu akka caaffata ibiddaan barreeffameetti isaanitti mul’ata. WG 486.2

Teessicha gararraadhaan fannoo Isaatu mul’ata. Qorumsii fi kufaatiin Addaam, akkasumas, adeemsi karoora fayyinaa galmaan ga’uuf adeemame tokkoon tokkoon isaa bifa ifaa ta’een mul’ata. Fayisaan gad-of-deebisee iddoo gad-deebi’aatti dhalachuun Isaa; jireenya salphaa fi abboomamuu Inni umurii mucummaa Isaatti jiraate; Yordaanos keessatti cuuphamuun Isaa; lafa onaa keessatti soomuun Isaa fi qoramuun Isaa; eebba samii gati jabeessa ta’an namootatti mul’isuuf jecha tajaajilli Inni uummata keessatti raawwate; guyyoonni Inni hojii araaraa fi jaalalaa raawwachuuf muddamaan dabarse, halkanoonni karaa kadhannaa dammaqinaan guutamee gaara cal-jedhaa gubbaatti dabarfaman; mareen hinaaffaa fi jibbaa Isa irratti koratamee fi qooda gaarummaa hamminni Isaaf deebifame; sababa ba’aa cubbuu biyya lafaa isa ulfaataaf jecha Geetasamaanee keessatti gadda jibbisiisaa fi dhokataa ta’e gadduun Isaa; harka namoota nama ajjeesaniitti dabarfamee kennamuun Isaa; taatewwaan sodaachisoo halkan naasisaa sanatti godhaman — mormii malee hidhamuun isaa, bartoota Isaa warra Jaallatamootiin qofaatti dhiifamuun Isaa, daandii Yerusaalem irra asii fi achi dadarbatamaa oofamuun Isaa; Ilmi Waaqayyoo Inni ulfina qabeessi fuula Haannaa duratti, galma angafa lubaa fi mana murtii Philaaxos keessatti, fuula mooticha Heerodis isa gowwaa fi gara jabeessa sanaatti himatamee dhi’aachuun Isaa, ceephaa’amuun Isaa, arrabsamuun Isaa, dhiphachuun Isaa fi murtii du’aa fudhachuun Isaa — hundinuu ifaa ta’ee mul’ata. WG 486.3

Amma taateewwan xumuraa warri gaafa fayisaan addunyaa kanaa lubbuu Isaa dabarsee kenne raawwataman — adeemsi fayisaan keenya Inni-obsa qabeessi daandii Qaraaniyoo irra dhiphina olaanaatiin adeeme, fannoo irratti fannifamuun mootii samii, yeroo gidiraa Isaa isa guddaa keessa luboonni warri of-tuultonnii fi wal-ga’iin saboota warra wacanii Isatti ga’isaa turanii, dukkanni seera uumamaa gararraa ta’e lafa uwwisuun isaa, sochiin lafaa fi dadayya’uun dhagootaa, awaalonni danuun banamuun isaanii — fuula saba sodaadhaan roqomaa jiraniitti ni mul’atu. WG 486.4

Taateen sodaachisaa sun akkuma duraan raawwatamee ture sanatti irra deebi’ee mul’ate. Seexanni, ergamoonni isaa fi hordoftootni isaa hundinuu hojii hojjechaa turan sana ilaaluu irraa fuula isaanii achi naannessuuf humna hin qaban. Gochaa sana kan raawwatan hundinuu ga’ee hojii isaanii isa yeroo sana raawwatan ni yaadatu. Heroodis inni mootii Israa’eliin balleessuuf jecha mucoolii qulqullaa’oo biyya Beetliheemiin ajjeesise; Heroodiyaas isheen dhiiga Yohaannis cuuphaatiif itti gaafatamtuu taate; Philaaxos inni dadhabaanii fi dhaabbanna mataa isaatii hin qabne; loltootni warri Yesuusitti ga’isaa turan; luboonnii fi geggeessitootni, akkasumas, tuutni sabaa warri akka nama maraateetti wal-ga’anii “Dhiigni Isaa nu irra, ijoollee keenya irras haa barbaadamu!” jedhanii iyyaa turan hundinuu guddina cubbuu isaanii ni argu. Yeroo warri fayyan gonfoo isaanii miilla Yesuus jalatti gatanii “Inni anaaf du’e” jedhanii dubbatan, isaan kun garuu akkasumaan surraa fuula Waaqayyoo isa ija biiftuu caalaa ifu jalaa dhokachuuf yaalu. WG 487.1

Warri isaan ittiin ari’atamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa turan wanta xuraa’aa fi ciiggaasisaa hundumaa wajjin dallichaan alatti kan dhiifaman yeroo ta’an, ergamoonni Kiristoos, gootichi Phaawulos, Pheexiroos inni hinaaffaa qabu, Yohaannis inni jaallatamaanii fi onnee jaalalaa qabu, obboloonni warri onnee dhugaa qabanii fi namootni warri sababii amantiif jedhanii wareegaman danuun isaanii saba danuu furaman sana keessatti argamu. Neeroon inni gara jabeessii fi gochaa hawaasa keessatti fudhatama hin qabne hojjechuuf hin safeeffanne, inni ijoollee Waaqayyoo irratti hammina daarii darbe hojjechuudhaan gammachuu seexanummaatiin guutamee ture, amma dallaa Yerusaalemiin ala dhaabbatee ulfinaa fi gammachuu warra kanaan dura dhiphisaa turee ilaala. Firiin (bu’aan) hojii isheetii maal akka inni ta’e dhugaa ba’uuf jecha, akkamitti amala ishee isa gadhee mucaa ishee akka dhaalchifte ilaaluuf jecha, fedhii hamaa fakkenyummaa fi dhiibbaa ishee isa jal’aatiin jireenya mucaa ishee keessatti kan jajjabeeffamee fi kan guddate irraa ka’ee yakka biyya lafaa kana raase oomishuu keessatti shoora olaanaa akka inni taphate ilaaluuf haati isaa achitti ni argamti. WG 487.2

Luboonni, Phaaphaasonnii fi aangawoonni mana sagadaa warri Ambaasaaddaroota Yesuus ta’uu isaanii dhaadachaa turan, garuu immoo sammuu saba Waaqayyoo to’annaa jala galchuuf jecha iddoo sabni Waaqayyoo itti dhiphifaman, mana adabaa fi bakka sabni Waaqayyoo itti wareegaman qopheessaa kan turan hundinuu dallichaa alatti argamu. Phaaphaasonni warri garaan isaanii koormaadhaan guutamee Waaqa gararraatti ofii isaanii lakka’aa turanii fi warri seera Waaqa Isa hundumaa gararraa jiruu jijjiiruuf yaalaa turan hundinuu dallichaan alatti argamu. Fakkeessaadhumaaf abbootii waldaa kan turan hundinuu deebii dhiifama hin qabne fuula Kiristoos duratti ni deebisu. Waaqni Inni waan hundumaa beeku seera Isaatiif kan hinaafuu fi cubbamoota utuu hin adabin kan hin dhiifne ta’uu Isaa erga yeroon baay’ee barfatee (guyya’ee) booda hubatu. Dhimmi saba dhiphuutti turee Kiristoosiin kan garaa nyaatuu fi dhimmi isaanii dhimma Kiristoosii wajjin kan wal-qabatu ta’uu isaa gaafas ni hubatu; akkasumas, humni sagalee Isaatii, inni Yesuus “Ani dhuguman isinitti hima, obboloota koo warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan” (Maat. 25: 40) jedhee dubbate gaafa sana isaaniif gala. WG 487.3

Cubbamoonni guutummaa biyya lafaa irra jiran hundinuu gantummaa guddaa mootummaa Waaqayyoo irratti hojjetan sanaaf murtii fudhachuuf jecha fuula Waaqayyoo dura ni dhaabatu. Waa’ee dhimma isaanii ilaalchisee waan ittiin falmatan tokko illee hin qaban; isaan dhiifama hin qaban; firdii du’a bara baraatu isaan irratti labsama. WG 487.4

Gatiin cubbuu bilisummaa fi jireenya bara baraa osoo hin taane, garbummaa, badiisaa fi du’a ta’uun isaa amma nama hundumaaf ni hubatama. Cubbamoonni bu’aa (firii) fincila isaanii ni argu. Gara ulfina bara baraa isa baay’ee guddaa ta’eetti yeroo afeeraman tole jedhanii hin fudhanne; amma garuu baay’ee barbaachisaa ta’ee isaanitti mul’ata. Warri badan hundinuu: “Kana hundumaa qabaachuu nan dandaa’an ture; garuu kana hundumaa of irraa fageessuun filadhe. Oh, jaamummaa akkamiitii! Ani nagaa, gammachuu fi ulfina, gara abaarsa, salphinaa fi abdii kutannaatti jijjiireera” jedhanii boo’u. Isaan adeemsa jireenya isaaniitiin “Namtichi [Yesuus] kun jireenya keenya irratti akka Inni mo’u hin barbaadnu” jedhanii dubbachaa turan waan ta’eef, samiitti akka hin galleef dhorkamuun isaanii haqa qabeessa ta’uu isaa hundumti isaanii iyyuu ni hubatu. WG 488.1

Cubbamoonni hundinuu akka nama ol-seenee jiruutti yeroo Ilmi Waaqayyoo moosifamu ifatti ilaalu. Harka Isaa keessatti gabatee dhagaa isa seerri Waaqayyoo, abboommonni warri isaan kanaan duraa tuffachaa, akkasumas, cabasaa turan irratti caafamee jiru ni argu. Isaan ajaa’ibsiifannaa, gammachuu fi jajannaa warra fayyan biraa ba’u yeroo argan, danbaliin sagalee wara fayyaniis warra Magaalichaan ala jiranitti yeroo dhagaa’amu, hundi isaaniiyyuu sagalee tokkoon wal-ga’anii: “Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas!” (Mul. 15: 3) jedhanii erga labsanii booda adda isaaniitiin gad-gombifamanii Mootii Jireenyaa waaqessu. WG 488.2

Seexanni ulfinaa fi simboo (aangoo mootummaa) Kiristoosin yeroo arge waan laamsha’e fakkaatee dhaabbata. Inni si’a tokko Ergamaa Kiruub isa teessoo Waaqayyoo golgu ture, amma iddoo irraa kufe sana ni yaadata. Suurafel inni calaqqisu, “Ilmi ganamaa,” hammam jijjiirameera! Hammamis manca’ee gad-deebi’eera! Mana maree samii iddoo duraan keessatti kabajamee ture keessaa amma bara baraan ari’ameera. Amma qaamni ulfina Abbaa golguuf bakka isaa buufame kan biraan tokko Abbaa bira dhaabbatee utuu inni jiruu ni arga. Karaa ergamaa ulfinni isaa fi simboon isaa baay’ee guddaa ta’ee tokkoo yeroo gonfoon adda Kiristoos irra ka’amuu ni arge. Aangoon olaanaa ergamaa kanaa kan isaa akka ture ni hubata. WG 488.3

Hanga gaafa Waaqayyo irratti gungumuu fi Kiristoos irratti hinaafuu kaaseetti mana isa yeroo qulqulluu fi amanamuudhaan, nagummaanis keessa jiraachaa ture yaadate. Ergamoota biraa oo’aa fi deggersa argachuuf jecha himati, fincillii, fi gowwomsaa inni adeemsise; yeroo Waaqayyo dhiifama isaaf kennuu danda’utti iddootti of deebisuudhaaf dhama’insa gochuu didee mata jabinaan itti fufee adeemuun isaa — isaan kun hundinuu mul’inatti isatti argaman. Hojii ilmaan namootaa gidduutti hojjechaa turee fi firii isaa — diinummaa namni nama akka isaatii irratti qabaachaa ture, badiisa lubbuu haala suukanneessaatiin raawwatamaa ture, ka’uu fi kufuu mootummootaa, hundeetti garagaluu teessoo moototaa, waca (iyya), lolaa fi warraaqsa sabaa utuu wal-irraa hin citin geggeeffamaa ture hundumaa — keessa deebi’ee ilaale. Hojii Kiristoosiin mormuudhaaf, akkasumas, ilmaan namootaa kufaatii isa caalu keessatti akka isaan gad-liqimfamaniif dhama’iinsa dhaabbataa adeemsisaa ture mara ni yaadate. Shirri seexanummaa isaa warra amanannaa isaanii Kiristoos irra ka’atan balleessuudhaaf humna kan hin qabne ta’uu isaa ni arge. Seexanni firii dadhabbii isaatii gara mootummaa isaa yeroo ilaale, kufaatii fi badiisa qofa ta’uu isaa arge. Magaalaa Waaqayyoo booji’uun salphaa ta’uu isaa saba danuu amansiiseera; haa ta’u iyyuu malee kun soba ta’uu isaa ni beeka. Battala wallaansoo inni guddichi suuta suuta hammaachaa adeemaa ture hundumaatti, ammaa ammaa irra deddeebi’ee injifatamaa tureera, akkasumas, harka akka kennuuf dirqisiifamaa tureera. Seexanni humnaa fi simboo Waaqa Isa bara baraa sirriitti ni beeka. WG 488.4

Kaayyoon fincila isa guddaa kanaa gaafa hundumaa ofii isaa qulqulluu godhee agarsiisuu fi itti gaafatamummaa fincila uumamee kan fudhatu mootummaa Waaqayyoo ta’uu isaa raggaasisuudha. Gara xumuraa kanatti dandeettii isaa isa cimaa haqaaqee guutummaa guutuutti itti fayyadame. Wallaansoo guddicha bara dheeraaf adeemsifamaa ture keessatti sabni danuun gara isaa akka goran gochuuf jecha tooftaa fi of-eeggannoodhaan, akkasumas, milkaa’ina ajaa’ibsiisaa ta’een beekaa itti yaadee hojjechaa ture. Inni hoogganaan fincilaa kun waggoota kumaatamaaf soba bakka dhugaa buuseera. Amma garuu yeroon fincilli isa xumuraaf injifatamee amallii fi seenaan seexanaa bakkeetti baafamee saaxilamu dhufeera. Kiristoosiin aangoo irraa buusuuf, saba Isaa balleessuu fi Magaalaa Waaqayyoo humnaan fudhachuuf dhama’iinsa xumuraa taasisu keessatti amalli (eenyummaan) gowwomsituu guddicha kanaa inni dhugaa bakkeetti baafame. Warri seexanaa wajjin tokkummaa uuman hundinuu kaayyoon isaa guutummaa guutuutti kan kufe ta’uu isaa ni argu. Duuka buutotni Kiristoosii fi ergamoonni warri amanamoon shira seexanni dhoksaadhaan mootummaa Waaqayyoo irratti geggeessaa ture hammam bal’aa akka ta’e guutummaatti argu. Seexannis guutummaa Yuunivarsii keessatti kan jibbame ta’a. WG 489.1

Seexanni, fincila fedha isaatiin geggesse irraan kan ka’e samiitti galuudhaaf ga’aa ta’uu akka dadhabe ni arga. Inni Waaqayyo irratti lola adeemsisuudhaaf humna qabu mara leenjiseera; Qulqullummaan, nagaanii fi waliigalteen samii keessa jiru isaaf dhiphina guddaadha. Himati inni araaraa fi haqa qabeessummaa Waaqayyoo irratti dhi’eessaa ture amma cal-jechisiifameera. Komee inni Waaqayyo irra ka’uuf yaalaa ture amma guutummaa guutuutti isa irra kaa’ame. Seexanni amma gad gugguufee firdiin Waaqayyoo haqa qabeessa ta’uu isaa dhugaa ba’a. WG 489.2

“Yaa gooftaa! Namni si hin sodaanne, maqaa kees kan hin guddifne eenyu? Si duwwaatu qulqulluu dha; sabni hundinuu in dhufu, siifis in sagadu; gochaan kee inni qajeelaan mul'ifameera!” Lakk. 4. Wallaansoo guddicha bara dheeraadhaaf geggeeffamaa ture keessatti waa’ee dhugaa fi sobaa ilaalchisee gaaffiin gaafatamaa ture hundinuu amma ifaa ta’eera. Bu’aan fincilaa, firiin seera Waaqayyoo dhabamsiisuu uumama dandeettii qaban duratti banamee mul’ifameera. Akkaataan qajeelfamni seexanaa ittiin hojii irra oolu faallaa bulchiinsa mootummaa Waaqayyoo akka ta’e wal-bira qabamee guutummaa Yuunivarsiitti ni agarsiifame. Seexanatti hojiima harka isaatu deebi’ee yakka isatti mure. Ogummaan Waaqayyoo, haqa qabeessummaanii fi gaarummaan Isaa guutummaa guutuutti shakkii irraa walaba ta’ee dhaabbata. Wallansoo guddicha kana keessatti haalli (akkaataan) Waaqayyo hojii Isaa itti hojjechaa ture, bu’aa saba isaa fi bu’aa guutummaa Yuunivarsii giddu galeessa kan godhate ta’uun isaa yeroo sana ni mul’ata. “Hojiin harka kee hundinuu galata siif in galchu, yaa Waaqayyo, warri siif of kennan hundinuus ulfinaan si jaju!” Far. 145: 10. Gammachuun uumama inni uume hundinuu jiraachuu seera Waaqayyoo irratti kan hundaa’e ta’uu isaaf dhuga baatuu akka ta’uuf jecha seenaan cubbuu bara baraan jiraata. Macci guutummaa Yuunivarsii keessa jiru hundinuu, warri amanamoonnis ta’e warri finciltootni, dhugaalee wallaansoo guddichaa mara erga ilaalanii booda, “Karaan kee tolaa fi dhugaadha yaa mootii Qulqullootaa!” jedhanii sagalee tokkoon labsu. WG 489.3

Aarsaan guddaan Abbaa fi Ilmi fayyina ilmaan namootaaf baasan guutummaa Yuunivarsii duratti ni mul’ifame. Yeroon Kiristoos iddoo Isaa isa sirri qabatuu fi warra aboo fi gooftummaa qaban, akkasumas, maqaa moggaafamanii jiran hundumaa irratti ulfina argatu amma dhufeera. Gammachuu fuula Isaa dura ka’amee jiru ilaalee, ilmaan danuu gara ulfinaatti fiduuf jecha dhiphina fannoo obsaan danda’ee qaanii Isa irra ga’e hundumaas baate. Qaanii fi gaddi Isaa guddaa akkuma ture, ulfinnii fi gammachuun Isaas akkasuma guddaadha. Warri furaman akkaataa fakkaattii Isaatti haara’anii, onneen hunda isaanii mudaa irraa walaba ta’uu Waaqayyootiin booji’amee, akkasumas, fuulli hunda isaanii bifa mootii isaaniitiin calaqqisanii yeroo isaan ifan Kiristoos ni arga. Isaan keessattis bu’aa dhiphina lubbuu Isaatii argee ni gammada. Sana booda, Yesuus, sagalee tuuta qajeelotaa fi jal’oota walitti qabamanii jiran hundumaatti dhagaa’amuun: “Ilaa warra dhiiga kootiin bitaman! Akka isaan iddoo Ani jiraadhu bara baraan jiraataniif jedheen isaaniif dhiphadhe, isaaniifis du’e” jedhee labsa. Faarfannaan galataas warra uffata adii uffatanii jiran biraa gara teessoo Isaatti ol ni ba’e: “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee dha” jedhan. Mul. 5: 12. WG 490.1

Waaqayyo Waaqa haqa qabeessa ta’uu Isaa amanee akka fudhatuu fi ol-aantummaa Kiristoosiif akka gugguufuuf dirqisiifamaa kan ture yoo ta’e illee, amalli seexanaa tasa hin jijjiiramne. Ammas hafuurri fincilaa akka lolaa bishaanii humna jabaa qabuutti isa keessaa ba’a. Aariidhaanis guutamee, wallansoo guddicha keessatti harka kennuu dhiisuudhaaf ni murteessa. Amma Mootii Samii wajjin wallaansoo isa xumuraa fi baay’ee murteessaa ta’e geggeessuuf yeroon dhufeera. Duuka buutotni isaa miira aariidhaan akka guutamanii fi battaluma sanatti lola akka isaan jalqaban gochuuf jecha, seexanni fiigichaan gidduu isaanii seenee isaan kakaasuuf dhama’insa godhe. Haa ta’u iyyuu malee, namoota miliyoonota lakkaa’amuu hin dandeenye warra inni gowwomsee fincilatti hirmaachise sana keessa, amma namni olaantummaa isaa tole jedhee fudhate hin jiru. Humni isaa gara xumuraatti dhufeera. Haa ta’u malee cubbamoonni jibba wal-fakkaataa seexanni Waaqayyo irratti qabuun guutamaniiru; haa ta’u malee Waaqayyoon injifachuu akka hin dandeenyee fi dhimmi isaanii abdii akka hin qabne ni argu. Aariin isaanii seexanaa fi namoota bakka buutota isaa ta’anii hojii gowwomsaa hojjechaa turan irratti ni boba’e. Aarii seexanummaatiinis guutamanii isaanitti garagalan. WG 490.2

Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Kanaafis Waaqayyo gooftaan, “Ati Waaqayyo isa ogeessa waan of seetuuf, ani immoo kunoo, orma, saba isa baay'ee gara-jabeessa billaa isaa miidhagummaa kee fi ogummaa kee irratti luqqifatee, ulfina kee isa calaqqisaa xureessu si irratti nan fida; isaan boolla keessa si buusu, ati garaa galaanaa keessatti du'a gadhee in duuta.” “kanaaf ani tulluu Waaqayyoo irraa akka wanta xuraa'aatti gad si darbadhee si balleesse. Yaa isa akka Kiruub eegdichaa! Dhagaa ibiddaa sana gidduudhaas sin baase…kanaaf ani lafatti gad si darbadhee, mootonni akka si ilaalan godhe…. kanaafan ibiddi si keessaa ba'ee, akka si fixu godhe, warra si ilaalan durattis, akka ati daaraa taatee lafatti dabalamtu nan godhe…. ati dhuma nama sodaachisu bira geesseetta, deebitees hamma bara baraatti hin argamtu.” His. 28:6-8, 16-19. WG 490.3

“Kopheen warri loltuu yeroo lolaatti ittiin lafa dhidhiitan hundinuu, qoloon dhiiga keessa gangalfame hundinuus ibiddaaf in ta'a; ibiddis isaan in fixa.” “Tokkon tokkon isaanii akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka da'oo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaa'uu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruus in ta'u.” “Inni barbadaa ibiddaa, dhagaa boba'us jal'oota irratti in roobsa, qoodi isaaniis qilleensa gubaa finiinaa dha.” Isa. 9: 5; Isa. 34: 2; Far. 11: 6. Ibiddi Waaqayyo biraa samii keessaa gad ni bu’a. Lafti ni caccabde. Meeshaaleen waraanaa lafa keessa dhokfamanii turanis bakkeetti ba’an. Ibiddi taph godhee fixuus iddoowwan lafa jalaa hundumaa keessaa ni ba’an. Ibiddi dhagoota hundumaa ni qabate. Guyyaan akka ibidda boolla suphee gubu dhufeera. Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu ho'a ibiddaatiin wal in gad dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu. Milk 4:1, 2; 2Phe. 3: 10. Dirri lafaa baqee akka galaana ibiddaa oomacha of-keessa daddarbatuu ta’e. Yerichi yeroo firdiidha, yeroo warri Waaqa hin qabne itti badaniidhas. “Waaqayyo guyyaa itti ijaa baafatu, bara itti Xiyooniif gatii ishee baasus qaba.” Isa. 34: 8. WG 490.4

Warri cubbamoonni gatii isaanii lafa irratti fudhatu. Fak. 11: 31. “Waaqayyo gooftaan maccaa,” isaan “akka cidii in ta'u; guyyaan dhufu sun isaan in guba” jedhee dubbateera. Mil. 4: 1. Kaan isaanii battalummatti badu, kaan isaanii garuu guyyoota baay’ee dhiphatanii du’u. Hundi isaaniiyyuu “akkaataa hojii isaaniitti” adaba isaaniif malu fudhatu. Cubbuun warra qajeelotaa seexanatti waan dabarfameef, seexanni fincila ofii isaatii geggeesse qofaaf osoo hin taane, cubbuu isa warra qajeelotaa hojjechisee hundumaafis ni adabama. Adabni isaa kan warra inni gowwomsee irra caalaa guddaa dha. Warri goowmsaa isaatiin kufan hundinuu erga du’anii booda, seexanni fayyaatti hafee ibiddaan dhiphachuu itti fufa. Xumura irratti hiddii fi dameen - seexanni inni hidda, duuka buutotni isaa immoo damee warri ta’an cubbamoonni hundinuu ibidda qulleessu kanaan in badu. Amma adabni seeraa guutumaatti baafameera; gaaffiin haqni gaafatus deebii argateera; waaqnii fi lafti kana ilaalanii qajeelummaa Waaqayyoo ni labsu. WG 491.1

Hojiin seexanaa inni badiisaa, bara baraan xumurame. Inni waggoota kuma ja’a guutuuf biyya lafaa boo’ichaan guutuudhaan, akkasumas, guutummaa yuunivarsii keessatti gadda uumuudhaan wanta fedha isaa raawwachaa tureera. Uumamni hundinuu waraansa inni fide irraan kan ka’e hanga ammaatti walii wajjin miixuudhaan aadaa dabarsaniiru. Amma garuu uumamni Waaqayyoo hundinuu argamaa fi qorumsa isaa irraa bara baraan furamaniiru. “Amma biyyi lafaa guutummaatti boqonnaa fi gabii in argatte, gammachuudhaanis in ililchite.” Isa. 14: 7. Yuunivarsii amanamoo turan hundumaa keessaa sagaleen galataa fi mo’ichaa gara waaqaatti ol-ni ba’e. “Sagalee tuuta baay'ee, kan akka huursaa bishaan baay'ee fi guungummii qaqawwee humna-qabeessaa tokko nan dhaga'e; innis, “Haaleluyaa! Gooftaan keenya Waaqayyo, inni hundumaa danda'u in mo'a.” Mul. 19: 6. WG 491.2

Yeroo biyyi lafaa ibidda balleessuun marfamtee jirtu, warri qajeelonni immoo nagaadhaan Magaalatti Qulqullooftuu keessa turu. Warra du'aa ka'uu isa duraa keessaa qooda qaban irratti duuni lammaffaan humna hin qabu. Waaqayyo warra cubbamootaaf ibidda taph godhee gubee balleesuudha, saba Isaaf garuu aduu fi gaachana. Mul. 20: 6; Faar 84:11. WG 491.3

“Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu.” Mul. 21: 1. Ibddi inni warra cubbamoota gubee balleessu lafa ni qulqulleessa. Godaannis abaarsaa hundinuu haxaa’amee ni bada. Qajeelonni bu’aa cubbuu isa sodaachisaa yaadachaa akka isaan jiraatan godha sababii ta’eef, ibiddi gaannam bara baraan gubaa hin hafu. WG 491.4

Yaadannoo tokko qofatu hafee jiraata: Fayisaan keenya mallattoo (godaannisa) fannifamuu Isaatii bara baraan baatee jiraata. Mataa Isaa isa madaa’e irratti, cinaacha Isaa irratti, harkaa fi miilla Isaa irratti, mallattoo (godaannisa) hojiin cubbuu gara jabinaan Isa irratti hojjete qofatu yaadannoof hafa. Raajichi, Kiristoosiin ulfina Isaa uffatee utuu Inni jiruu yeroo arge, akkana jedhe: “Ifni ulfina isaatiis akka ifa aduu ti, harka isaa isa humni isaa keessa dhokatee jiru keessaa balaqqeessi as in ba'a.” Anb. 3: 4. Dhiigni inni cinaacha Isaa isa waraaname keessaa dhangala’e ilmaan namootaa Waaqayyoo wajjin walitti araarseera. Achi keessa ulfina fayisaatu jira, achi keessa “humna Isaatu dhokfamee” jira. Karaa aarsaa isa fayinaaf baafamee namoota “fayyisuuf humna waan qabuuf,” warra araara Waaqayyoo fudhachuu didan irratti murtii haqaa raawwachuu ni dandaa’a. Mallattoon gad-deebii Isaatii ulfina Isaa isa guddaadha. Madaan qaraaniyoo baraa hamma bara baraatti galata Isaa agarsiisa, humna Isaas labsa. WG 492.1

“Ati immoo yaa riqaa eegduun hoolotaa irra ijaajjuu, yaa tulluu mandara Xiyoon! Akka duriitti mo'uun harka keetti in deebi'a, mootummaan mandara Yerusaalem in dhufa.” Mik. 4: 8. Addaamii fi Hewaan billaa akka ibiddaa boba’uun Eeden keessaa Erga gaafa baafamanii kaasee guyyaan namoonni qulqulloonni yeroo itti “warri kan Waaqayyo ta’an furaman” (Efe 1:14) hawwiidhaan eeggachaa turan dhufeera. Lafti jalqabuma irratti iyyuu mootummaa ilmaan namaaf kennamte, namummaan harka seexanaa keessatti kan kufte, baroota hedduudhaaf diina jabaatiin qabamtee kan turtee fi amma immoo kara karoora fayyina isa guddaa kan deebite dha. Wanti karaa cubbuu badee ture hundinuu iddootti ni deebi’e. “Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne; inni, “Ani Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru.” Isa. 45: 18. Yeroo biyyi lafaa baraa hamma bara baraatti bakka jireenya warra fayyanii taatu, kaayyoo Waaqayyo jalqaba yeroo uumamaatti kaayyeeffamee ture fiixaan ba’a. “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa'u.” Far. 37: 29. WG 492.2

Dhaala fuula duraa waantota lafaa (waan ijaan argamuu fi harkaan qabamu) fakkeessanii ilaaluudhaan sodaan jiru dhugaa isa akka mana keenyaatti ilaallu nu godhan irraa gara waan hafuuraatti deebisaanii akka ilaalaniif baay’oonni ija isaanii akka deebisan godheera. Mana Abbaa Isaa keessaa iddoo jireenyaa isaaniif qopheessuuf jecha gara samiitti akka ol-ba’e Yesuus bartoota Isaaf mirkaneesseera. Warri barsiisa Waaqayyoo fudhatan hundinuu waa’ee mana jireenyaa isa samii keessaa ilaalchisee wallaalota (hubannaa kan hin qabne) miti. “Caaffata qulqullaa'oo keessatti, “Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, iji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye” in jedha.” 1Qor. 2: 9. Jechi afaan namootaa badhaasa qajeelotni argatan ibsuu hin danda’u. Warra argan qofatu waa’ee isaa dubbachuu dandaa’a. Sammuu daanga’aa ta’een ulfina Jannata Waaqaa hubachuu hin dandeenyu. WG 492.3

Macaafa Qulqulluu keessatti dhaalli warra fayyanii “Biyya” jedhamee waamama. Ibr 11:14-16. Achitti Tiksee samiitu hoolota Isaa gara burqaa bishaan jireenyaatti geggeessa. Mukti jireenyaa ji’a ji’aan ija godhata, baalli isaa immoo tajaajila sabaaf oola. Lagni akka cabbii qulqulluu ta’e bara baraan achi keessa ya’a, mukeetiin lageen sana cina asii fi achi raafaman immoo daandii warra Waaqayyoof fayyaniif qophaa’e irratti ni gaaddiseessu. Achitti dirreewwan bal’atee diriire miidhagina gaarotaa babbareedoo wajjin wal simatee, gaaronni Waaqayyoos fiixee isaanii warra dhedheeroo irraan mul’atu. Sabni Waaqayyoo warri yeroo dheeraadhaaf kara-adeemtuu turanii fi warri olii fi gad-jooraa turan, lageen bishaan jireenyaa sana biratti, dirrewwan diriiroo nageenyaan guutamanii jiran sana irratti mana jireenyaa ni argatu. WG 492.4

“Yommus sabni koo manneen nagaa keessa in jiraata, iddoo sodaanii fi bir'aan hin jirres iddoo boqonnaa isaa in godhata.” “Si'achi sagaleen humnaan nama irratti ka'uu biyya kee keessatti hin dhaga'amu; miidhaan yookiis balleessaan daarii biyya kee keessatti hin argamu; kelloota mandara kee ‘Fayyina', balbaloota kees ‘Galata’ jettee in moggaafta.” “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu. Si'achi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu; sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu, warri ani fo'adhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu.” Isa. 32: 18; 60: 18; 65:21, 22. WG 493.1

Achitti, “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee akka arfaasee in daraara.” “Qooda muka qoraattii birbirsi in biqila, qooda kosorruus hadheessi in biqila; kun hundinuu maqaan koo akka ittiin beekamuuf, milikkita bara baraan hin badneefis in ta'a” jedhe.” “Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata, qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba'u, mucaan xinnoonis isaan in tiksa.” “Tulluu koo isa qulqullaa'aa irrattis nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru; akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.” Isa 35:1; 55:13; 11:6, 9. WG 493.2

Samii keessa waraansi (dhukkubbiin) hin jiru. Imimmaanni tasa deebi’ee hin jiraatu, konkolaataan yeroo sirna awwaalchaa reeffa ittiin baatanii fi milikkinni gaddaa deebi’anii hin jiraatan. “Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!” jedhe.” “Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, “Na dhukkuba” kan jedhu hin jiru.” Mul 21:4; Isa. 33: 24. WG 493.3

Lafa haaraa ishee ulfina qabeettii sanaaf magaalaa guddoo kan taate Yerusaalem isheen haaraa, “akka gonfoo miidhaginaa fi akka marata mootiin mataatti maratuutti harka Waaqayyo Gooftaa… keessatti eegamtu” achi keessa jirti. “Isheen ulfina Waaqayyoo qabdi, calaqqisi ishees akka dhagaa baay'ee gati-jabeessaa, akka Yaasphis, qullaa'aa akka cabbii tis. “Sabni ifa isheetiin in deddeebi'u, mootonni biyya lafaas wanta ulfina qabu isaan bira jiru gara isheetti in fidu.” Waaqayyo Gooftaan maccaa akkana jedha: “Yommus ani mandara Yerusaalemitti saba koottis nan gammada.” “Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, “Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira.” Isa. 62:3; Mul. 21:11, 24; Isa. 65:19; Mul. 21: 3. WG 493.4

Magaalaa Waaqayyoo keessa “Halkanni hin jiraatu.” Namni boqochuu barbaadu yookaan hawwu hin jiru. Fedha Waaqayyoo hojjechuu fi maqaa Isaaf galata dhi’eessuu keessa dadhabbiin hin jiru. Baraa hamma bara baraatti ganama ganama haara’uutu nutti dhagaa’ama, kunis immoo bara baraan nuttii hin fagaatu. “Halkanis deebi'ee hin argamu; Waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta'uuf waan jiruuf, ifni ibsaa, ifni aduus isaaniif hin barbaachisu, isaan baraa hamma bara baraatti mo'uuf jiru.” Mul. 22: 5. Ifni aduu carallaa ifaa takkaa hin dimimmisoofneen, isa ifa guyyaa saafaa harka tilmaama hin qabneen caaluun kan yeroon itti darbe taati. Ulfinni Waaqayyoo fi Hoolichaa ifa hin dimismisoofneen Magaalaa Qulqullittii keessatti lola’a. Warri fayyan ulfina aduu hin qabne keessa guyyoota dhuma hin qabneef deddeebi’u. WG 493.5

“Manni qulqullummaa ishee Waaqayyo gooftaa isa hundumaa danda'uu fi hoolicha waan ta'eef, ani mana qulqullummaa tokko illee mandarattii keessatti hin argine.” Mul. 21: 22. Sabni Waaqayyoo Abbaa fi Ilmaa wajjin fuulaa fi fuulatti haasa’uudhaaf carraa ni argatu. “Nuyi amma akka nama of-ilaalee keessatti waa argee abaluu isaa hin hubatin hafeetti in argina.” 1Qor. 13: 12. Nuti har’a fakkaattii Waaqayyoo akka nama of-ilaallee keessatti ilaallutti, hojii uumamaa fi walitti dhufeenya Inni ilmaan namootaa wajjin qabu keessatti argina; gaafa sana garuu, golgaan dukkaneessu tokko illee osoo hin jiraatin fuulaa fi fuulatti Isa argina. Bakka argama Isaa ijaajjinee ulfina fuula Isaa isa ifu ilaalla. WG 494.1

Achitti warri fayyan akkuma ofii isaaniitii beekaman, isaanis Isa ni beeku. Jaalallii fi gara laafinni onnee isaanii keessatti Waaqayyoon dhaabame (bu’uureffame) achitti shaakala dhugaa fi minyaa’aa argata. Walitti dhufeenyi isaan uumama qulqullaa’aa wajjin qabaatan, jireenya hawaasummaa keessatti tokkummaa isaan ergamotaa fi warra jaarraa hundumaa keessatti uffannaa isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffatanii wajjin qabaatan, hidhaan qulqullaa’aa “Sanyiin waaqa keessa jiraatuu fi sanyiin lafa irra jiraatu” (Efe. 3: 15) walitti hidhu - isaan kun hundinuu gammachuu warri fayyan argatan keessatti hammatamu. WG 494.2

Achitti, sammuun hin duune gammachuu wal-irraa hin cinneen waa’ee humna uumuu Waaqayyoo isa dinqisiisaa fi waa’ee iccita jaalala Isaa isa fayyina namaaf kennu qayyabatu. Achi keessa, akka namoonni Waaqayyoon irraanfataniif kan isaan qoru diinichi inni gara jabeessii fi gowwomsituun sun hin jiru. Kutaan sammuu tokkoon tokkoon isaa ni guddata, dandeettiin hundinuu ni dabala. Beekumsa argachuun (horachuun) sammuu hin dadhabsiisu, humna namaas hin mudhuksu. Achitti hojii nuti hojjennu hundinuu galma ni ga’u, akeeki keenya warri gurguddaan ni raawwatamu, hawwiin keenya warri olaanoonis ni guutamu. Kana hundumaa gochuun kan dandaa’amu yoo ta’e illee, gaafa hundumaa argannoo haaraa arganna, dinqiwwan haaraa dinqisiifanna, dhugaalee haaraa baranna, wantootni haaraan humna sammuu, kan qaamaa fi kan onnee keenyaa nuuf gabbisu. WG 494.3

Sabni Waaqayyoo warri fayyan akka qayyabannaa qabeenyi guutummaa Yunivarsii keessa jiru hundinuu banaa taasifamu. Isaan du’a irraa walaba ba’anii, gara addunyaa achi fagootti — addunyaa warra wawwaannaa ilmaan namootaa miira gaddaatiin ilaalaa turanii, fi warra waa’ee lubbuu fayyanii ilaalchisee oduu gaarii dhagaa’anii gammaduudhaan faarsaa galataa faarfataniitti dadhabbii tokko malee koochoodhaan ni balali’u. Ijoolleen Waaqayyoo warri lafa kana irraa furaman hundinuu gammachuu dubbatamee ibsamuu hin dandeenyeen gammachuu fi ogummaa uumama warra takkaa hin kufiniitti seenu. Waa’ee hojii harka Waaqayyoo ilaalchisee beekumsaa fi hubannaa jaarrawwan dabarsan hundumaa keessatti qalbifatan isaaniif hiru. Mul’ata hin dimismisoofneen ulfina (surraa) uumamaa ilaalu — Aduun, urjoonnii fi pilaanetootni hundinuu sirna yookaan toora isaaniif kenname eeggatanii teessoo Waaqayyoo marsanii yeroo isaan naanna’an ni argu. Isa xiqqaadhaa kaasee hanga isa guddaatti, wantoota jiran hundumaa irratti maqaa Uumaatu katabamee jira. Hunduma isaa keessattis humna Isaa isa badhaadhummaa guddaa of keessaa qabutu ibsamee jira. WG 494.4

Waggoonni bara baraa yeroo naanna’ee dhufu, waa’ee Waaqayyoo fi Kiristoosiin ilaalchisee mul’ata badhaadhummaadhaan guutamee fi ulfina qabeessa ta’e qabatanii as ba’u. Akkuma beekumsi guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa adeemu, jaalalli, kabajii fi gammachuunis oolee bulee dabalaa adeema. Namoonni yeroo waa’ee Waaqayyoo baay’isanii baran, waa’ee amala Isaa ilaalchisee jajannaa isaan qabaatan baay’ee guddaa ta’a. Yeroo Yesuus Kiristoos waa’ee badhaadhummaa fayyinaa fi injifannoo dinqisiisaa wallansoo isa guddaa keessatti gonfatamee isaaniif ibsu, onneen warra furamanii dabarsanii of kennuu fi gammachuu guddaa ta’een Kiraara isaanii isa warqee irraa tofame sana taphatu; Kumni kudhan si’a kuma kudhanii fi kumaatamni si’a kumaatamaa faarfannaa galataa dhageessisuuf jecha sagalee isaanii wajjin wal-simsiisan. WG 494.5

“Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, “Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!” jechuu isaanii, nan dhaga'e.” Mul. 5: 13 WG 495.1

Wallaansoo inni guddichi ni goolabame. Cubbuu fi cubbamoonni tasa deebi’anii hin jiraatan. Guutummaan Yunivarsii amma qulqullaa’eera. Dha’annaan onnee uumama bal’aa gammachuu fi tokkummaadha. Jireenyi, ifnii fi gammachuun Waaqa Isa hundumaa uume biraa guutummaa Yuunivarsii daangaa hin qabne keessatti ni dhangalaa’a. Atoomii ishee baay’ee xiqqoo irraa jalqabee hanga biyya lafaa isa guddaatti, uumamni lubbuu qabus ta’e kan lubbuu hin qabne hundinuu, gammachuu isaanii isa guutuu fi miidhagina isaanii isa hin golgamne uffatanii Waaqayyo jaalala ta’uu Isaa labsu. WG 495.2