Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 41—Onuu Biyya Lafaa

“Cubbuun ishee hamma bantii waaqaatti ol tuulameera, Waaqayyoos jal'ina ishee hundumaa yaadateera; waan isheen nama irratti fidde, ishee irratti deebisaa, wanta isheen gooteefis, dachaa lama godhaa dugda baasaaf! Xoofoo isheen itti namaaf bulbultetti harka lama kan hammaatu bulbulaaf! Akkuma isheen ulfina ofiif laattee, qannoo keessa-ba'aattis jiraatte, safaruma isaatiin dhiphinaa fi gadda kennaaf! Isheen garaa isheetti, ‘Ani mootuun addana nan taa'a, ani haadha hiyyeessaa miti, gaddas matumaa hin argu’ ofiin jetteetti. Waaqayyo gooftaan inni isheetti faradu aango-qabeessa waan ta'eef, dha'ichi garaa garaa, dhukkubni adeemaan, gaddi, beelli, guyyaa tokkichatti isheetti dhufuuf jiru; ibiddaanis gubamuuf jirti!” jedhe. Mootonni biyya lafaa warri ishee wajjin ejjanii, qannoo keessa-ba'aatti jiraatan, aara gubachuu ishee yommuu argan, isheedhaaf boo'anii wawwaachuuf jiru. Dhiphina ishee sodaataniis irraa fagaatanii dhaabatanii, “Yaa Baabilon ati mandara guddittii! Wayyoo kaa, yaa mandara humna-qabeettii, firdiin kee sa'aatii tokko keessatti dhufe'o, wayyoo kaa!” in jedhu. Mul 18:5-10. WG 476.1

“Naggaadonni biyya lafaa…warri ishee irraa sooruma argatanii turanis, dhiphina ishee sodaachuu irraa kan ka'e irraa fagaatanii dhaabatanii in boo'u in gadduuf…Mandara guddittii, ishee uffata quncee talbaa qullaa'aa, uffata dhiilgee fi bildiimaa uffachaa turteef, ishee warqeedhaa fi dhagaa gati-jabeessa, callees naqachaa turteef wayyoo! Wayyoo! Sa’aatii tokko keessatti badhaadhummaan kun hundinuu waan bade ta'eera!” Mul 18:11, 3, 15-17. WG 476.2

Guyyaa Baabiloon dheekkamsa Waaqayyootiin yaadatamtu murtiin (firdiin) isheetti dhufu kana fakkaata. Safara jal’ina isheetii guuttatteetti; yeroon ishee dhufeera; badiisaafis bilchaatteetti. WG 476.3

Yeroo sagaleen Waaqayyoo saba Isaatiif boojuu deebisu, warra wallaansoo jireenyaa isa guddaa keessatti waan hundumaa dhaban irratti dammaqina guddaatu ta’a. Yeroon araaraa wayita itti fufee tureetti, gowwomsaa seexanaatiin jaamsamanii waan turaniif hojii cubbuu isa hojjechaa turan akka waan qajeelaatti fudhatanii turan. Warri sooressoonni namoota isaaniin gadii irratti olaantummaa qabaachuu isaanii irraan kan ka’e koormaadhaan oftuulanii turan. Haa ta’u iyyuu malee badhaadhummaa isaanii seera Waaqayyoo irra daddarbuudhaan argatan. Isaan warra beela’an nyaachisuu, warra qullaa ta’an daara baasuu, qajeelummaa hojjechuu fi araara jaallachuu ni dagatan. Isaan mataa isaanii ol ol qabuu fi uumama akka isaanii irraa ulfina argachuu barbaadan. Amma garuu wanti nama guddaa isaan godhe hundinuu isaan irraa mulqamee harka duwwaa fi da’oo kan hin qabne ta’aanii hafan. Yeroo waaqayyooliin tolfamoo isaanii, warri isaan kanaan dura uumaa isaanii caalchisanii filatanii turan barbadaa’an naasuudhaan ilaalan. Isaan gammachuu fi badhaadhummaa lafaa barbaachaaf lubbuu isaanii gurguran malee Waaqayyoon biratti sooreyyii ta’uu hin barbaanne. Bu’aan isaa, kufaatii jireenya isaaniitti fide, gammachuun isaanii qaaniitti jijjiirame, qabeenyi isaanii immoo ni manca’e. Qabeenyi isaan umurii isaanii guutuu walitti qabatan battala tokkotti bade. Warri sooressoonni badiisa manneetii isaanii warra gurguddootiif, akkasumas, bittinnaa’uu warqee fi meetii isaaniif ni boo’an. Haa ta’u iyyuu malee waaqayyoolii tolfamoo isaanii wajjin balleeffamuuf sodaan isaan qaban boo’icha isaanii callisiise. WG 476.4

Cubbamoonni Waaqayyoo fi obbolloota isaanii dagachuudhaan sababa cubbuu hojjetaniif osoo hin taane, sababa Waaqayyo injifateef gaabbiidhaan guutaman. Isaan bu’aan (firiin) hojii isaanii waan akkana ta’eef ni wawaatu, garuu hammeenya isaaniitiif qalbii hin jijjiirranne. Utuu isaaniif dandaa’amee mo’achuuf waanti isaan hin yaalin hafan hin jiru. WG 477.1

Gareen warra isheen kanaan dura itti ga’isaa fi itti qoosaa akkasumas balleessuudhaaf hawwaa turte rakkina, dhukkubaa fi sochii lafaa keessa miidhama tokko malee darbuu isaanii biyyi lafaa ni argiti. Waaqni Inni warra seera Isaa irra daddarbanitti ibidda badiisaa ta’e, saba isaatiif immoo dunkaana nageenyaa amansiisaadha. WG 477.2

Tajaajilaa inni namoota biratti fudhatama argachuuf jecha dhugaa aarsaa gochaa ture, amma amallii fi dhiibbaan barsiisa isaa maal akka ta’e ni hubata. Yeroo inni waltajjii lallabaa irra dhaabbatu, yeroo inni daandii irra adeemuu fi taateewwaan jireenyaa adda addaa keessatti yeroo inni namootaa wajjin walitti makamu, iji Waaqa Isa waan hundumaa beekuu akka isa hordofaa ture beekamaa dha. Miirri lubbuu tokkoon tokkoo ishee, toorri barreeffame tokkoon tokkoo isaa, jechi dubbatame tokkoon tokkoo isaa fi gochaan da’oo sobaa keessa boqochuutti namoota geggeessan hundinuu sanyii facaasaa turan; Amma garuu, lubbuu badanii fi gadadamoo naannoo isaa dhaabbatan keessatti firii hojii isaatii ilaala. WG 477.3

Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Cabni saba kootii akka waan salphaatti fayyuu, ‘Nagaa dha!', ‘Nagaa dha!’ in jedhu, nagaan garuu hin jiru!” “Ani garaa nama qajeelaa hin gaddisiifne; isin garuu garaa nama qajeelaa sobaan in gaddisiiftan, inni jal'aan jireenya isaa fayyifachuudhaaf karaa isaa isa jal'aa irraa akka hin deebineefis isa in toosiftan” Erm. 8: 11; His. 13: 22. WG 477.4

“Waaqayyo, “Tiksoota, hoolonni karra koo keessa jiran akka isaan karaa irraa kaataniif akka isaan tamsa'an godhaniif, wayyoo!” jedha…Kunoo, sababii wanta hamaa akkasii hojjettaniif ani isin nan adaba; kana ana Waaqayyotu dubbate.” “Isin yaa tiksootaa, isin warri saba koo geggeessitan yeroo isin itti tatamsaataniif itti goggora'amtan, yeroo isin akka qodaa suphee miidhagaa lafa dha'ee caccabee itti taatan waan dhiyaateef, boo'aa wawwaadhaa, awwaara keessas gangaladhaa! Tiksoonni iddoo itti baqatan hin qaban, warri saba geggeessanis akka itti jalaa ba'an hin qaban.” Erm. 23:1, 2; 25:34, 35. WG 477.5

Tajaajiltootnii fi namoonni Waaqayyoo wajjin hariiroo qajeelaa qabaachaa akka hin turre ni argu. Madda seera qajeelaa fi qulqullaa’aa hundumaa Isa ta’e Waaqa irratti kan fincilan ta’uu isaanii ni argu. Seera Waaqayyoo dhiisuun, hanga biyyi lafaa dirree lolaa isa bal’aa taatee xuraa’ummaadhaan liqimfamtutti, akka hammeenyi, walii galtee dhabuun, jibbii fi yakki kumaatamaan burqu taasise. Amma warra dhugaadhaan mormanii dogoggora fo’atan hundumaatti kan mul’atu isa kana dha. Warri seera irra daddarbanii fi amanamoo ta’uu didan, jireenya bara baraa isa bara baraan dhaban sanaaf hawwii isaan qabaatan jechoonni ibsuu hin dandaa’an. Namoonni addunyaan sababa makiliitii fi dandeettii dubbannaa isaaniitiif isaanitti sagadaa turte amma waantota kana ifa isaanii isa dhugaa keessatti ilaalu. Sababa irra daddarba isaanii maal-akka dhaban ni hubatu, miilla namoota warra kanaan dura waa’ee amantii isaaniitiif itti ga’isaa, akkasumas tuffachaa turanii jalatti kufanii Waaqayyo kan isaan jaallatu ta’uu isaa dhugaa ba’u. WG 477.6

Namoonni gowwomfamuu isaanii ni argu. Gara badiisaatti wal geggeessuu isaaniitiif walii walii isaanii irratti himata dhageessisu; garuu hundi isaanii iyyuu walii galanii mataa tajaaajiltoota isaanii irratti balaaleffannaa (ceephoo) hadha’aa walitti qabu. Luboonni warri amanamoo hin ta’in wantoota lallaafaa raajaa kan turan qofa osoo hin taane, akka dhaggeeffattootni isaanii seera Waaqayyoo dhabamsiisanii fi seericha qulqullinatti warra eegan mara akka ari’ataniif isaan geggeessaa turan. Amma garuu, barsiisonni kun abdii kutannaa isaanii keessa ta’anii, waa’ee hojii gowwomsaa isa hojjechaa turan sanaa addunyaa fuul-duratti dhugaa ba’u. Sabni hedduun sun aariidhaan guutamanii: “Nuti badneerra! Baduu keenyaaf immoo sababni isini dha!” jedhanii iyyaa tiksoota sobduutti galagalu. Warri kanaan dura baay’isanii ol-ol isaan qabaa turan hundinuu abaarsa sodaachisaa isaan irratti roobsu. Harki kanaan dura gonfoo galataa (kabajaa) isaanitti kaa’e, amma immoo deebisee isaan balleessuuf isaan irratti ol-ka’a. Billaa inni saba Waaqayyoo gorra’uuf ture amma garuu diina isaanii balleessuuf hojii irra oolfame. Iddoon hundinuu walitti bu’iinsaa fi dhiiga walii dhangalaasuudhaan guutaame. WG 478.1

“sagaleen dheekkamsa isaa guutummaa lafaa irratti in dhaga'ama; Waaqayyo balleessaa saba lafa irraa yaa'iitti in baasa, namoota hundumaattis in farada; warra hamootas billaatti dabarsee in kenna’ jedhi!” jedhe.” Erm. 25: 31. Lolichi inni guddaan waggoota kuma ja’aaf adeemsifamaa ture; Ilmi Waaqayyoo fi ergamoonni Isaa warri samii irraa, ilmaan namootaa akeekkachiisuuf, barsiisuu fi fayyisuudhaaf humna isa hamaa sanaa wajjin lola irra turan. Amma namoonni hundinuu murtoo isaanii murteeffataniiru; lola seexanni Waaqayyo irratti banee jiru keessatti gara seexanaa goranii qooda fudhachuuf jecha cubbamoonni guutummaa guutuutti seexanaa wajjin tokkummaa uumaniiru. Yeroon Waaqayyo olaantummaa abboommii Isaatii isa irra ejjetamee tureef dhugaa baasu ga’eera. Amma wallaansichi seexanaa wajjin qofa osoo hin taane namootas dabalateera. “Gooftaan Sabaa wajjin lola qaba,” “Inni warra cubbamoota billaaf dabarsee ni kenna.” WG 478.2

Milikkinni badiisa jalaa ittiin oolfaman “Namoota warra sababii wanta ciiggaasisaa hojjetameef gaddanii bo’aanitti” godhameera. Amma ergamaan du’aa, inni mul’ata Hisqeel keessatti namoota mi’a waraanaa harkatti qabatanii jiranitti fakkeeffame, ajaja: “Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!” jedhu fudhatee gara fuul-duraatti ba’e. Raajichi akkana jedha: “isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.” His. 9: 1- 6. Hojiin badiisaa kun namoota: “Nuti eegduu jireenya hafuuraa namootaati” ofiin jedhan irraa jalqaba. Hundumaa dura kan kufan eegdota sobaadha. Namni oo’a argatuus ta’e kan hilamuuf (harki irra qabamu) hin jiru. Dhiironni, dubartoonni, garboonni (hojjetoonni), fi ijoollonni xixiinnoon hundi isaanii iyyuu walii wajjin in dhumu. WG 478.3

“Kanaafis kunoo, Waaqayyo iddoo isaatii as ba'ee sababii yakka isaaniitiif warra lafa irra jiraatan in adaba; laftis dhiiga ishee irratti dhangala'e in mul'ifti, si'achis warra ajjeefaman dhoksuu hin dandeessu” kan jedhuu dha.” Isa. 26: 21. “Dha'ichi inni Waaqayyo saba warra Yerusaalemin lolan ittiin rukutu kanatti fufee jira; utuma miilla isaaniitiin dhaabatanii dhagni isaanii in tortora, iji isaanii boolluma isaa keessatti in tortora, arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti in tortora. Guyyaa sanatti wanti guddaa isaan naasisu Waaqayyo biraa isaanitti in dhufa; inni tokko isa kaan harkaan in qabata, walis in reebu.” Zak 14: 12, 13. Lola hamaa isaan gidduutti uumamuu fi dheekkamsa Waaqayyoo isa makaa utuu hin qabaatin bifa sodaachisaa ta’een roobu irraa kan ka’e, cubbamoonni lafa kana irra jiran hundinuu — luboonni, geggeesitoonnii fi namoonni hiyyeessonnii fi sooressoonni ni kufu. “Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama; reeffi isaanii lafaaf kosii ta'a malee, namni isaaniif boo'u, namni walitti qabee isaan awwaalus hin jiru.” Erm. 25: 33. WG 479.1

Yeroo Yesuus deebi’ee dhufu cubbamoonni hundinuu hafuura afaan Kiristoos keessaa ba’uu fi ifa ulfina Isaatiin haxaa’amanii fuula lafaa kana irraa badu. Kiristoos saba Isaa gara Magaalaa Qulqulluutti geessa. Laftis jiraattota ishee irra turan hundumaa irraa walaboomtee duwwaa (onaa) taati. “Waaqayyo, kunoo, biyya lafaa onaa fi duwwaa in godha; Inni irra lafaa in geeddara, warra isa irra jiraatanis in tamsaasa.” “Waaqayyo dubbii kana waan dubbateef, lafti guutummaatti duwwaa in ta'a, raawwatees saamamee in ona.” “Warri lafa irra jiraatan abboommii fi seerrata Waaqayyoo irra daddarbanii, kakuu bara baraas cabsuu isaaniitiin lafa in xureessan. Kanaaf abaarsi lafa in balleessa, namoonni isa irra jiraatan yakka oofii isaanii in baatu; kana irraa kan ka'es namoonni lafa irra jiraatan in gubatu, isaan keessaa immoo muraasi in hafa.” - Isa 24:1, 3, 5, 6. WG 479.2

Guutummaan biyya lafaa akka lafa onaa olii fi gadee taati. Sochii lafaa irraa kan ka’e hafteen caccabaa magaalotaa fi mandarootaa, mukeetiin hundee isaaniitti bubuqqa’an, qarri dhagoota galaanaa fi lafa keessaas caccabanii darbatamuudhaan dirra lafaa irra tatamsa’aniin argamu. Bakki tullonni irraa galagalanii ka’an immoo holqa guddaa ta’anii mul’atu. WG 479.3

Taateen amma ta’aa jiru kun, karaa tajaajila murteessaa isa xumuraa guyyaa araaraatti ta’uun gaaddidduun isaa ibsameera. Yeroo tajaajilli iddoo qulqulluu qulqullootaatti geggeeffamu raawwatamuu, fi yeroo cubbuun Israa’elotaa karaa dhiiga aarsaa cubbuu mana qulqullummaa keessaa balleeffamu, korbeessi Reettii inni utuu hin qalamin gad-dhiifamu Waaqa fuul-duratti erga dhiyaatee booda, angafni lubaa bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti: “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sana irra kaa'ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa'el hundumaa beeksisee, mataa korbeessichaa irra erga kaa'ee booddee, korbeessicha nama hojii kanaaf qophaa'ee jirutti kennee lafa onaa keessatti gad akka dhiisu in godha.” Lew. 16: 21. Haaluma wal-fakkaatuun, yeroo hojiin araaraa inni amma mana qulqullummaa samii keessatti geggeeffamaa jiru xumuramu, fuula Waaqayyoo, fuula ergamoota samii fi tuuta fayyanii duratti cubbuun saba Waaqayyoo mataa seexanaa irra ka’ama; inni cubbuu isaan hojjechiise hundumaaf yakkamaa (itti gaafatamaa) ta’uu isaatu labsama. Akkuma korbeessi Reettii inni gad-dhiifamu sun gara lafa onaa, bakka homtinuu hin jirretti geeffamee gad-dhiifamu, seexannis biyya lafaa ishee barbadooftee onaa fi jibbisiisaa namni tokko illee irra hin jirreetti ni gatama. WG 479.4

Yohannis abbaan mul’ataa waa’ee gatamuu seexanaa, akkasumas, haala burjaaja’aa fi onaa (duwwaa) ta’uu biyya lafaa yeroo dursee raaje, haalli kun waggaa kuma tokkoof kan turu ta’uu isaa dubbateera. Taatee dhufaatii Gooftaa isa lammaaffaa fi badiisa cubbamootaa erga dhi’eessee booda, raajichi itti fufee akkana jedhe: “Kana booddees ergamaan banaa iddoo isa lafa jalaa sanaa, fuuncaa guddaas of harkaa qabu tokko, waaqa keessaa gad bu'uu isaa nan arge. Inni bineensa akka jawwee, bofa bara durii, Diiyaabilos, Seexana sana qabee, waggaa kuma tokkoof in hidhe. Waggaan kumni sun hamma raawwatamutti, akka inni deebi'ee saba biyya lafaa hin wallaalchifnetti, iddoo isa lafa jalaa sanatti darbatee, balbala itti cufee mallattoo itti godhe; isa booddee garuu yeroo muraasaaf gad dhiifamuun in ta'aaf.” Mul 20:1-3. WG 480.1

Jechi inni “Iddoo lafa jalaa isa gadi fagoo” jedhamee ibsame, dachee haala waliin dha’amaa fi dukkanaa’aa keessa jiru kan bakka bu’u ta’uun isaa heertulee Macaafa Qulqulluu kan birootiin mirkanaa’eera. Biyyi lafaa “Jalqabatti” haala akkamii keessa akka isheen turte ilaalchisee Macaafni Qulqulluun: “bifa hin qabu, onaas ture; callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture” Uma. 1: 2 jedha. [Jechi afaan Ibrootaa inni iddoo kana irratti ‘Gadi fagoo” jedhamee hiikame, macaafa kakuu moofaa afaan Ibrootaa isa gara afaan Giriikiitti hiikame (Septuagint) keessatti isa Mul’ata 20:1-3 keessatti “Iddoo lafa jalaa isa gadi fagoo” jedhutti hiikamee wajjin hiikkaa wal-fakkaataa qabu.] Yoo xiqqaate walakkaan isaa (biyya lafaa) gara haala kanaatti akka deebi’u raajiin in barsiisa. Raajichi Ermiyaas, guyyaa Waaqayyoo isa guddaa fuul-duratti ilaalee akkana jedhe: “Ani gara lafaa nan ilaale, kunoo, inni bifa hin qabu, onaa tures; gara bantiiwwan waaqaas yommuun ilaale, ifni tokko iyyuu hin turre. Gara tullootaas nan ilaale, kunoo, isaan in socho'u; gaaronni hundinuus in raafamu turan. Ammas yommuun ilaale, namni tokko illee hin jiru; simbirroonni qilleensa keessa balali'an hundinuus in baqatan. Ergasiis yommuun ilaale, kunoo, lafti midhaan baasu lafa onaa ta'uu isaa nan arge; mandaroonni hundinuus fuula Waaqayyoo duraa, dheekkamsa isaa isa boba'aa duraas in jijjigu.” Erm 4:23-26. WG 480.2

Manni jireenya seexanaa fi ergamoota isaa warra xuraa’oo waggaa kuma tokkoof iddoo kana ta’a. Inni biyya lafaa kana irratti daangeffamee waan jiraatuuf, addunyaa kan biroo warra hin kufin jiranitti darbee isaan qoruu fi dallansiisuudhaaf karaa hin argatu. Seexanni haala akkanaatiin hidhama: Aangoo isaa kan inni irratti hojii irra oolchu uumamni tokko illee isaaf hin hafan. Seexanni hojii gowwomsaa fi badiisaa, isa jaarraa hedduuf gammachuu tokkicha ta’eetti guutummaa guutuutti gargar cita. WG 480.3

Raajichi Isaayyaas, waa’ee mo’amuu seexanaa fuul-duratti yeroo arge akkana jedhe: “Ati yaa ilma ganamaa, isa akka bakkalcha barii ibsuu! Attamitti bantiiwwan waaqaa irraa gad darbatamte! Ati inni saba gad qabaa turte, amma immoo attamitti lafatti dabalamte! Ati garaa kee keessatti, ‘Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba'a, urjoota Waaqayyoo gararraas teessoo koo nan dhaabbadha, tulluu iddoo walga'ii isa dhuma gara bitaa jiru irras nan taa'a; duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba'a, isa hundumaa gararraa jiruttis of nan fakkeessa’ in jette. Ati garuu iddoo lafa jalaatti in darbatamte, qilee keessas in buute. Warri achitti si argan dinqisiifatanii, ‘Kun isa lafa rom'isiisaa ture, isa mootummoota raasaa ture, isa biyya lafaa onse, isa mandaroota diigee balleesse, isa warra hidhaman gad hin dhiifnee dha mitii?’ in jedhu.” Isa 14:12-17. WG 480.4

Hojiin fincila seexanaa inni waggoota kuma ja’aaf geggeeffame “biyya lafaa sochooseera (raaseera).” Inni “biyya lafaa onse, mandarootas diigee balleesse.” Inni “warra hidhaman gad-hin dhiifne.” Isa 14:17. Manni hidhaa isaa waggoota kuma ja’aaf saba Waaqayyoo ofitti fudhachaa tureera, bara baraan boojuu isaa isaan godhatee hambifachuunis hawwii isaa ture. Garuu Yesuus Kiristoos fuuncaa garbummaa sana cabsee warra hidhamanii jiran bilisa baase. WG 480.5

Amma garuu warrumti cubbamoonni illee to’annaa humna seexanaa ala ta’anii waan jiraniif, seexanni ergamoota isaa warra hamoo wajjin qofaa isaa hafee bu’aa (firii) abaarsi cubbuu qaqqabsiise mara ilaala. “Reeffi mootota saba lafa irraa hundinuu adduma addaan ulfinaan awwaala ofii isaanii keessa in kaa'ama; kan kee garuu akka damee muramee tuffatamee awwaala kee keessaa baafamee, diidatti gatama malee, hin kaa'amu…Ati biyya kee waan balleessiteef, saba kees gorraatee waan fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu; sanyiin warra hamaa godhanii bara baraan deebi'anii maqaa hin dha'aman.” Isa 14: 18-20. WG 481.1

Seexanni waggoota kuma tokkof biyya lafaa ishee onte keessa asii fi achi jooree firii (bu’aa) seera Waaqayyoo irratti finciluu isaatiin uumame mara ilaala. Yeroo kana keessa dhiphinni isa irra ga’u hammataadha. Guyyaa kufaatii isaatii eegalee dhama’insi inni walitti fufinsaan taasisaa ture bu’aa gaarii isaaf hin argamsiifne; amma garuu humni isaa hundinuu irraa mulqamee (fudhatamee), erga yeroo jalqabaa mootummaa Waaqayyoo irratti fincilee jalqabee waan gochaa ture hundumaa akka xiinxaluuf qofaatti dhiifama. Hammeenya ofii isaatii hojjetee fi cubbuu namoota kan biroo hojjechisiise hundumaaf adaba sodaachisaa isatti dhufuuf jiru fuul-duratti ilaalee yaaddoo fi rom’a guddaadhaan guyyaa firdii isaa eeggata. WG 481.2

Booji’amuun seexanaa saba Waaqayyoof gammachuu guddaa fida. Raajichi akkana jedha: “Ati yaa Israa'el, yommuu Waaqayyo gadda kee, dhiphina kee fi garbummaa ati keessa turte keessaa si baasee boqonnaa siif kennu, mootii Baabilon [iddoo kana irratti seexana bakka bu’a] irratti weedduu mo'ichaa, “Inni nama cunqursaa ture attamitti dhuma argate! Dheekkamsi isaas attamitti dhaabate! Waaqayyo ulee nama jal'aa in hunkuteesse, ulee mootummaa warra nama mo'aniis in hurreesse; inni dheekkamsa isaa irraa kan ka'e, utuu gargar hin kutin, saba lafa irraa in rukute; aariidhaan isaan in mo'e, oo'a malees isaan in ari'e.” Isa 14:3-6. WG 481.3

Du’aa ka’uu isa jalqabaa fi du’aa ka’uu isa lammaaffaa gidduu waggoota kuma jiran keessatti murtii cubbamootaatu geggeeffama. Ergamaan Phaawulos waa’ee murtii kanaa yeroo dubbatu, akka wanta taateen kun dhufaatii Yesuus isa lammaffaa hordofee ta’uutti dubbata: “Kanaafis yeroon utuu hin ga'in, gooftaan utuu hin dhufin isin hin faradinaa! Innoo waan dukkana keessa dhokatee jiru ifatti, yaada garaa namaas bakkeetti in baasa; gaafas adduma addaan Waaqayyo biraa galata argachuuf jiru.” 1Qor. 4: 5. Akka Daani’el ibsutti immoo, Inni bara baay’ee dheeraa jiraate sun yeroo dhufetti: “Warra isa hundumaa gararraa jiruuf qulqullaa’aniif firdiin in kenname.” Daan 7:22. Yeroo sana warri qajeelonni akka moototaa fi lubootaatti Waaqayyoof moosifamu. Yohannis Macaafa mul’ataa keessatti akkana jedhe: “Kana booddees teessotaa fi warra firdii kennuun isaaniif kenname teessota sana irra taa'an nan arge.” “Isaanoo luboota Waaqayyoo, luboota Kristosis ta'anii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof mo'uuf jiru.” Mul 20:4, 6. Akkuma karaa Phaawuloosiin dursee dubbatame, yeroo “Warri Waaqayyoof qulqullaa'an biyya lafaatti faradan” yeroo kana. 1 Qor 6:2. Isaan Kiristoosii wajjin tokko ta’anii gochaa namoonni utuu qaamaan jiranii godhan hundumaa Macaafa Seeraa fi Macaafa Qulqulluu waliin madaalchisanii dhimma hundumaatti murtii (firdii) kennu. Sanaan booda qoodni (ga’een) dhiphina warra hamootaa akka hojii isaanii isa galmee du’aa keessatti maqaan isaanii cinatti galmeeffamee turetti murtii argata. WG 481.4

Kiristoosii fi sabni Isaa seexanaa fi ergamoota isaa warra hamootattis ni faradu. Phaawulos akkana jedha: “Nuyi ergamoota Waaqayyootti faraduuf akka jirru hin beektanii? Hammam caalaa dhimma jireenya biyya lafaatti hin farannu ree!” 1Qor. 6: 3. Yihudaanis akkana jedhee labsa: “Isa Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taa'umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegu yaadadhaa!” Yih. 6. WG 482.1

Xumura waggoota kuma tokkootti du’aa ka’uu isa lammaffaatu raawwatama. Sanaan booda warri cubbamoonni du’aa ka’anii “Murtii isa caafamee jiru” fudhachuudhaaf fuula Waaqayyoo duratti dhi’aatu. Sababa kana ta’eef, Yohaannis abbaan mul’ataa waa’ee du’aa ka’uu tolootaa erga dubbatee booda akkana jedhe: “Kun du'aa ka'uu isa duraa ti; warra du'an keessaa isaan kana malee, warri hafan, waggaan kumni sun hamma raawwatamutti deebi'anii hin jiraanne.” Mul. 20: 5. Isaayyaas immoo waa’ee cubbamootaa ilaalchisee akkana jedhee labse: “Isaan akka namoota booji'amanii walitti qabamanii, boolla keessa in buufamu; mana hidhaatti in galfamu, bara baay'ee booddees isaanitti in faradama.” Isa. 24: 22. WG 482.2