Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 39—Yeroo Dhiphinaa

“Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a; yeroon rakkinaas in ta'a; sanyiin rakkinichaas erga sabni jiraachuutti ka'ee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee kan hin beekne in ta'a; sabni kee warri maqaan isaanii macaaficha keessatti caafame garuu adduma addaan isa jalaa in ba'u.” Dan. 12: 1. WG 448.1

Yeroo ergaan ergamaa sadaffaa lallabamee xumuramu, cubbamoota biyya lafaa kana irra jiraatan irratti araarri Waaqayyoo ni cufama. Sabni Waaqayyoo hojii isaanitti kenname raawwataniiru. Isaan “Bokkaa booddee” fi “Haara’umsa Waaqayyo biraa” fudhatanii yeroo qorumsaa isa fuula isaanii dura jiruuf qophaa’aniiru. Ergamoonni saffisa olaanaadhaan samii keessa asii fi achi ni fiigu. Ergamaan lafa kana irraa gara samiitti ol deebi’e tokkos hojiin isaa sirnaan xumuruu isaa; qormaanni xumuraa addunyaa irratti diriirfamuu isaa fi warri seera Waaqayyoof amanamoo ta’uu isaanii mirkaneessan hundinuu “Mallattoo Waaqa jiraata fudhachuu” isaanii ni gabaase. Sanaan booda Yesuus Kiristoos mana qulqullummaa samii keessaa hojii araarsuu Isaa ni dhaaba. Harka Isaas ol qabee sagalee guddaadhaan “Raawwatameera” jedhee ni dubbata. Yeroo “Inni waan jal'aa hojjetu, jal'aadhuma isaa haa hojjetu; inni xuraa'aan, ittumaa of haa xureessu; inni waan qajeelaa hojjetu, qajeelaadhuma isaa haa hojjetu; inni Waaqayyoof qulqullaa'e, isumaaf haa qulqullaa'u!” jedhee labsii ulfaataa labsu, tuutni ergamoota samii martinuu gonfoo isaanii of irraa baasanii kaa’u. Mul. 22: 11. Dhimmi nama hundumaa jireenya yookaan du’a ta’uun isaa murtaa’eera. Kiristoos saba Isaatiif araara buusee cubbuu isaaniis haqee dhabamsiiseera. Lakkoofsi warra mootummaa Isaa jalatti bitamanii adda ba’ee beekameera. “Mootummaan, mo'uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii” saba warra dhaaltuu fayyinaa ta’uuf jiraniif kennamuuf jedha, Yesuus Kiristoosis mootii moototaa fi Gooftaa Gooftotaa ta’ee ni moosifama. WG 448.2

Yeroo Inni mana Qulqullummaa samii gad-dhiisu dukkana guddaatu jiraattota lafaa uwwisa. Yeroo sodaachisaa sana keessa warri qajeelonni araarsaa malee fuula Waaqa isa qulqulluu dura jiraatu. Ittisni yookaan golgaan inni warra cubbamootaa irra ture waan isaan irraa fuudhameef seexanni warra qalbii isaanii jijjirrachuu didan mara guutuummaa guutuutti to’ata. Obsi Waaqayyoo inni dheeraan xumurameera. Biyyi lafaa araara Isaa fi jaalalaa Isaa tuffattee, seera Isaa irra ejjetteetti. Cubbamoonni daangaa araaraaf isaaniif kenname irra darbuu isaanii irraan kan ka’e, Hafuurri Waaqayyoo inni walitti fufiinsaan mormamaa ture amma guutummaa guutuutti isaan irraa fudhatameera. Isaan ayyaana Waaqayyootiin hin golgamne waan ta’eef isa hamaa sana irraa waan isaan eegu hin qaban. Sanaan booda, seexanni jiraattota dachee mara rakkina guddaa fi isa xumuraa keessa isaan galcha. Yeroo ergamoonni Waaqayyoo qilleessota miira jibbaa isa onnee namoota keessa jiru ittisuu dhiisanii gad-lakkisan, humneetiin lolaa fi jeequmsaa gad-dhiifamu. Biyyi lafaa kun badiisa isa bara durii Yerusalemitti dhufee ture irra caalee keessatti kufti. WG 448.3

Biyya Gibxii keessatti ilmaan angafaa hunda kan ajjeesee fi biyyichi gaddaa fi boo’ichaan akka inni guutamu kan godhe ergamaa tokko qofa ture. Yeroo Daawwit saba isaa lakkofsisuudhaan Waaqayyoon yakke sana, adaba suukanneessaa waa’ee cubbuu isaatiif isatti dhufe sana kan raawate ergamaa tokko qofa ture. Akkuma ergamoonni Waaqayyoo yeroo Waaqayyo isaan abboomu humna guddaatiin badiisa olaanaa raawwatan, ergamoonni seexanaas yeroo Waaqayyo heyyama kennu badiisa wal-fakkaataa raawwachuu danda’u. Har’a humnoonni iddoo hundumaatti badiisa guddaa qaqqabsiisuuf qophaa’anii heyyama Waaqayyoo qofa eeggachaa jiran jiru. WG 449.1

Warri seera Waaqayyoo kabajan akka wanta biyya lafaatti firdii (abaarsa) fidaniitti himatamu, akkasumas, akka wanta balaawwan uumamaa sodaachisoon, lollii fi dhangala’uun dhiigaa inni ilmaan namootaa gidduutti uumamee biyya lafaa bo’ichaan guutee jiru sababa isaaniitiif raawwatamaa jiruutti ni hammeeffamu. Humni akeekkachiisa isa xumuraa wajjin ture baay’ee isaan aarseera waan ta’eef, aariin isaanii namoota ergaa kana fudhatan hundumaa irratti ni boba’e. Seexannis hafuura jibbaa fi ari’annaa baay’ee olaanaa ta’een hojii isaa itti fufa. WG 449.2

Yeroo argamuun Waaqayyoo si’a xumuraaf saba Yihudotaa irraa fagaate, luboonnii fi namoonni hin hubanne turan. Guutummaa guutuutti to’annaa seexanaa jalatti kufanii fedha hamaa fi sukanneessaa ta’een asii fi achi oofamaa kan turan yoo ta’an illee, isaan ammallee akka saba Waaqayyoof fo’amaniitti of ilaalaa turan. Tajaajilli mana qulqulluummaa itti fufee geggeeffamaa ture; aarsaanis iddoo aarsaa isa xuraa’e irratti aarfamaa ture. Guyyaadhaa gara guyyaatti namoota dhiiga Ilma Waaqayyoo dhangalaasuu isaanii irraan kan ka’e itti gaafatamummaa jala jiranii fi warra tajaajiltootaa fi ergamoota Gooftaa ajjeesuu barbaadan irratti Eebbi Waaqayyoo dhangalaa’aa ture. Kanaaf iyyuu, yeroo murtiin haqamuu hin dandeenye mana Qulqullummaa samii keessatti labsamuu fi yeroo xumurri nama hundumaa ala tokkoo fi ala dhumaaf baraa hamma bara baraatti murtaa’u, jiraattotni dachee homaa tokko illee hin beekan. Namoonni Hafuurri qulqulluun guutummaa guutuutti isaan irraa fudhatame, bifa amantii qofa qabatanii jiraachuu itti fufu. Kaayyoo isaa akka isaan fiixaan baasaniif jecha gooftichi hammeenyaa hafuura seexanummaa isaaniif ni kenna. Isaanis hafuura kana akka hinaaffaa Waaqayyootti lakkaa’anii fudhatu. WG 449.3

Yeroo waa’een Sanbataa Kiristiyaanota guutummaa addunyaa keessa jiran gidduutti tuqaa wallansoo isa guddaa ta’u fi yeroo abbootiin taayitaa biyya lafaa fi mana amantii kabaja guyyaa Dilbataa humnaan hojii irra olchuuf jecha tokkummaa uuman, namoonni lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqoo ta’an seera kana walitti fufiinsaan moormuu isaanii irraan kan ka’e guutummaa addunyaa keessatti jibbamoo ta’u. Namoonni muraasi faallaa dhaabbata waldaa fi seera mootummaa dhaabbatanii mormii geggeessan hundumaaf akka hin obsamneef dhiibbaan ni godhama; kunis immoo “Guutummaan biyyaa burjaaja’ee (joonja’ee) seera maleyyummaa keessatti kufuu irra, isaan [warri Sanbata eegan] dhiphachuu wayya” jedhamee dubbatama. Waggoota kuma tokkoo fi dhibba saddeet fuul-dura, falmii wal-fakkaataatu “geggeesitoota sabaatiin” Kiristos irratti dhi’aate ture. Qayyaafaan haxxummaa garaa isaatiin guutame: “Sabni guutummaatti dhumuu mannaa, namni tokko sabaaf du'uun akka isiniif wayyus hin hubattan” jedhe dubbate. Yoh. 11: 50. Falmiin kun yaada xumuraa ta’ee ni dhi’aata; ergasii booda namoota guyyaa Sanbataa isa abboommii afuraffaa keessatti caafamee jiru qulqullinatti eegan hundumaa irratti labsiin xumuraa ni ba’a. Adabni baay’ee cimaa ta’e kan isaaniif malu ta’uun isaa fi yeroo murtaa’e booda immoo adaba du’aa fudhachuuf jecha harka sabaatti dabarfamanii kan kennaman ta’uun isaanii labsicha keessatti ni caqafama. Sirni Roomaa inni kan addunyaa durii fi sirni Pirooteestaantii ishee gantuu inni kan addunyaa haaraa warra guutummaa seera Waaqayyoo eegan irratti tarkanfii wal-fakkaataa fudhatu. WG 449.4

Sanaan booda sabni Waaqayyo yeroo dhiphinaa fi gidiraa, isa karaa raajicha Ermiyaasin “Yeroo dhiphina Yaaqob” jedhamee ibsame keessa seenu. “Waaqayyo, “Isin, ‘Sodaanii fi naasuun akka jiru dhageenyeerra, nagaanis hin jiru’ jettaniittu. mee iyyaafadhaatii ilaalaa! Dhugumaan dhiirri da'uu in danda'aa ree? Maaliif dhiirri hundinuu akka dubartii ciniinsfattuu harka isaatiin dugda isaa qabata ree? Maaliifis hundumti isaanii fuula badu ree? Wayyoo! Guyyaan sun guyyaa guddaa sodaachisaa dha; kan akka isaatii ta'ee hin beeku; inni sanyii Yaaqoobiif guyyaa rakkinaa in ta'a; isaan garuu kanuma keessaa in baraaramu.” Erm 30:5-7. WG 450.1

Halkanni dhiphina Yaaqob, yeroo Yaaqob harka obbolleessa isaa Eesawuu jalaa baraaramuuf jecha halkan guutuu karaa kadhannaa wallansoo gochaa dabarse sun (S/Uum 32:24-30), shaakala sabni Waaqayyoo guyyoota dhiphinaa keessa darbuuf jiran bakka bu’a. Yaaqob eebba abbaa isaa isa silaa Eesawuuf yaadamee ture argachuuf jedhee gowwomsaa hojjechuu isaa irraan kan ka’e, doorsisa du’aa obbolleessa isaa irraa isatti xiyyeeffate ture jalaa lubbuu isaa oolfachuuf jecha baqatee ture. Yaaqob baroota hedduu baqataa ta’ee erga jiraatee booda, ajaja Waaqayyootiin geggeeffame, hadha manoota isaa fi ijoollota isaa, akkasuma, bushaayeewwaanii fi karra horii isaa hundumaa fudhatee gara biyya dhaloota isaatti deebi’uuf karaa irra bu’e. Daangaa biyyichaa bira yeroo ga’etti, Eesawuun gurmuu loltootaa of -duukaa buusee gara isaaniitti dhi’aachuu isaa oduun isa qaqqabe. Yaaqobis shakkii tokko malee akka Eesawuun haaloo isa irratti ba’uuf dhufe hubatee naasuu guddaadhaan marfame. Namoonni Yaaqobii wajjin turan, hidhannoo kan hin qabnee fi ofii isaanii irraa diina ittisuu kan hin dandeenye waan turaniif, gargaarsa tokko malee ajjechaa fi gochaa gara jabinaatti kan saaxilaman fakkaatu. Jireenyi isaa naasuu fi sodaa ba’aa ulfaataadhaan gadi qabamee kan ture yoo ta’e illee, cubbuu isaatu rakkoo kana hundumaa isatti fide waan ta’ef, ceephoon sammuu isaatii ba’aa ulfaataa dabalataa isatti ta’e. Abdiin isaa tokkichi araara Waaqayyoo, humni ittisa isaatii tokkichis kadhannaa qofa ta’uutu irra ture. Haa ta’u iyyuu malee yakka obboleessa isaa irratti dalage sanaaf araara argachuu fi balaa sodaachisaa qarqara isaa ga’e sana hambisuuf jecha, gama isaatiin wanta hin godhin tokko illee hin qabu. Duuka buutotni Kiristoosis yeroo guyyoota dhiphinaatti dhi’aachaa adeeman akkuma kana gochuu qabu; ifa dhugaa fi sirrii ta’e qabatanii namoota fuul-duratti mul’achuudhaaf, himata sobaa fashaleessuu fi wantota birmaddummaa sammuu balaa irra buusan hundumaa dhaabsisuuf (ittisuuf) dhama’insa isaaniif dandaa’ame mara gochuu qabu. WG 450.2

Dhiphinaa fi gadda jireenya isaa qabatee ture sana akka isaan hin argine waan barbaadeef, Yaaqob maatii isaa gara iddoo kan biraatti erga ergee booda ofii isaatii immoo Waaqayyoon kadhachuu dhaaf qofaatti hafe. Inni cubbuu isaa ni himate, itti dabalees, kakuun Waaqayyo abboota isaaf gale, waadaan karaa mul’ata halkanii iddoo Beetel jedhamuu fi biyya itti baqatee ture sana keessatti isaaf galame akka isaaf raawwatamuuf gad of deebisee ni kadhate. Waaqayyos akka Inni araara isaaf kennu ni amanate. Amma rakkinni guddaan jireenya isaatti dhufee wanti hundinuus balaa sodaachisaa keessa bu’eera waan ta’eef, Yaaqob halkan dukkanaa’aa fi yeroo qofummaa isaa sana keessa Waaqayyoon kadhachuu fi fuula Waaqayyoo duratti gad-of deebisuu itti fufe. Gidduu kanaan harki tokko gatiittii (saggoo) isaa irra buufate. Yaaqobis wanta diinni lubbuu isaa balleessuuf isatti dhufe waan isatti fakkateef, humna qabu hundumaan wallansoo gochuu eegale. Lafti bari’uuf jedhee booruun ba’uu yemmuu eegale, keessummaan sun humna isaa isa humna namummaan oliitti fayyadamee isa qabe. Kana irratti namtichi jabaan kun akka nama laasha’aa, dadhabaa fi gargaarsa hin qabnee ta’uudhaan imimman isaa lolaasaa morma keessummaa isaa irratti kufe. Sanaan booda keessummaan wallansoo isa qabaa ture ergamaa kakuu ta’uu isaa ni hubate. Hammam illee dadhabee kan butute fi dhukkubbii guddaan isatti dhaga’amaa kan ture yoo ta’ellee, Yaaqob kaayyoo isaa gad- hin dhiifne. Yeroo dheeraadhaaf burjaaji, ceephoo sammuu fi rakkina sababii cubbuu isaatiif isa irra ga’e baachaa ture waan ta’eef, ragaa dhiifamuu cubbuu isaatii gonfachuu barbaada ture. Akka keessummaan samii sun achitti isa dhiisee adeemuuf yeroo jedhetti, Yaaqob garuu jabeesse itti cichuudhaan eebba kadhachaa ture. Ergamichi Yaaqobin: “Halkanichi bari’uuf jedha waan ta’eef gad-na dhiisi, anis nan adeemaa!” ittiin jedhe. Abbaan amantii kun immoo [Yaaqob] “Yoo ati na eebbiste malee gad-sin dhiisu” jedhee deebiseef. Iddoo kana irraatti amantii, jabinaa fi obsa guddaa akkamiitu calaqqise! Kadhannaan Yaaqob utuu kadhannaa of-tuulummaa fi koormaa ta’eera ta’eetii, silaa battalumatti balleeffama ture; Yaaqob garuu dadhabaa fi kan waa’ee hin baafne ta’uu isaa beekee araara Waaqayyoo isa kakuu Isaa naamaaf eeguutti amanachuudhaan kadhannaa isaa dhiheesse. WG 450.3

“Ergamaa Waaqayyoo ofitti qabee gad dhiisuu dide, in danda'es.” Hos. 12: 4. Namtichi cubbamaanii fi foon du’u uffatee jiruu kun, gad-of-deebisuudhaan, qalbii jijjirrannaa fi mataa isaa dabarsee kennuudhaan ergamaa samii surraa guddaa qabu injifate. Harka isaa isa raafamaa ture sanaan abdii samii jabeessee qabate. Waaqni Inni jaalalli onnee isaatii dhuma hin qabne kadhata nama cubbamaa kana irraa achi hin garagalle. Ragaa mo’icha isaa akka ta’uu fi namoonni kan biroon fakkenyummaa isaa akka fudhataniif jecha, maqaan isaa inni yaadachiiftuu cubbuu isaatii ture gara yaadachiiftuu mo’icha isaatti jijjirame. Waaqayyoon wallansoo qabee injifachuun isaa namootas mo’chuu kan danda’u ta’uu isaa isaaf raggaasise. Guyyaa sanaa kaasee Waaqayyo golgaa isaa waan tureef jecha dheekkamsa obboleessa isaatti adeemuu hin sodaanne. WG 451.1

Seexanni, Yaaqob cubbuu hojjechuudhaan mootummaa koo jalatti kufeera waan ta’eef, ani mirga isa balleessuu qaba jedhee ergamaa Waaqayyootti isa himatee ture; akka Eesawuun isa irratti ka’uuf garaa Eesawuu kakaasee ture, akkasumas, halkan dheeraa wallansoodhaan dabarse sana abdii isaa kutatee akka inni Waaqayyoon gadi dhiisu gochuuf jecha miira yakkaa olaanaa ta’een sammuu isaa waraanaa ture. Yaaqob guutummaa guutuutti gara abdii kutannaatti oofamee ture; haa ta’u iyyuu malee yoo gargaarsi samiidhaa isaaf dhufe malee akka badu beeka ture. Inni cubbuu isaa isa guddaa sanaaf garaa isaa guutuu qalbii isaa jijjiirratee araara Waaqayyoo ni kadhate. Yaaqob kaayyoo isaa irraa gara booddeetti hin deebine. Isa duraa caalaa jabeessee ergamaa Waaqayyoo wallansoo qabe, hanga gaafa injifatuuttis kadhannaa isaa onnee guutuu fi bo’icha gaddaan guutamee dhi’eesse. WG 451.2

Seexanni akkuma Yaaqob irratti Eesawuu kakaase, yeroo dhiphinaa keessa immoo warra jal’oota saba Waaqayyoo irratti kakaasa. Itti dabalees, akkuma Yaaqobiin hammeesse, saba Waaqayyoo irrattis himannaa ni dhiheessa. Biyyi lafaa akka wanta isheen daangaa bittaa isaa taateetti ni lakkaa’ata, haa ta’u iyyuu malee gartuun muraasi abboommii Waaqayyoo eegan olaantummaa inni falmatu kanaan ni mormu. Utuu biyya lafaa irraa isaan balleessuu danda’ee, silaa mo’ichi isaa guutuummaa guutuutti akka inni fiixaan isaaf ba’u ni beeka. Yeroo ergamoonni Waaqayyoo isaan eegan ni arga, cubbuun isaaniis akka isaaniif dhiifame ni hubata; haa ta’u iyyuu malee dhimmi isaanii mana qulqullummaa samii keessatti kan murtaa’e ta’uu isaa hin beeku. Cubbuu ittiin isaan qoree fi yakka karaa gowwomsaa isaa isaan hojjechiise mara sirritti waan beekuuf, yakka isaanii baay’ee guddisee Waaqayyotti agarsiisuudhaan, akkuma isaa akka isaan ayyana Waaqayyoo argachuu hin qabne ni falma. Waaqayyo isaan kanaaf cubbuu isaanii isaaniif dhiisee, isaa fi ergamoota isaatti faraduun Isaa haqa qabeessa akka hin taane dubbata. Isaan qaama mootummaa isaatii ta’uu isaanii falmachuu qofa osoo hin taane, akka isaan balleessuu danda’utti harka isaatti dabarfamanii akka isaan kennaman barbaadan. WG 451.3

Yeroo seexanni waa’ee cubbuu isaaniif jecha saba Waaqayyoo hammeessu, Waaqayyo immoo hanga isaaf dandaa’ame akka inni isaan qoruuf ni eyyama. Amananna isaan Waaqayyo irratti qaban, amanitii fi jabinni isaanii baay’ee qorama. Dugda duuba deebi’anii gara jireenya isaanii isa darbee yeroo ilaalan, abdii kutannaadhaan liqimfamu; sababiin isaa guutummaa jireenya isaanii keessatti gaarummaa muraasa qofa argu waan ta’ef. Dadhabootaa fi kan waa’ee hin baafne ta’uu isaanii sammuun isaanii sirriitti ni hubata. Dhimmi isaanii akka wanta abdii tokko illee hin qabneetti, akkasumas, mudaanii fi xuraa’ummaan isaanii akka wanta tasa dhiqamuu hin dandeeyeetti akka isaan yaadan godhee isaan sodaachisuuf dhama’a. Qoramsaan mo’amanii amanamummaa Waaqayyoof qaban irraa akka isaan kufan gochuuf jecha amantii isaanii balleessuuf ni tattaafata. WG 452.1

Sabni Waaqayyoo, diinota isaan balleessudhaaf hidhatanii ka’aniin kan marfaman yoo ta’an illee, wanti isaan yaaddessuu fi isaan dhiphisu ari’atamuu sababii dhugaadhaaf isaanitti dhufu osoo hin taane; tarii cubbuu isaanii hundumaaf qalbii hin jijjiirratin hafaniiru yoo ta’ee fi dogoggora mataa isaanii irraa kan ka’e abdii Fayyisaan “Yeroo qoramsi guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufutti isa jalaa akka baatuuf sin eega” jedhee dubbate bira utuu hin ga’in hafnaa laata kan jedhu dha. Mul. 3: 10. Shakkii tokko malee cubbuun isaanii guutummaa guutuutti akka isaaniif dhiifame utuu beekaniiru ta’ee, silaa dhiphinaa fi du’a hin sodaatan ture. Garuu sababii hir’ina amala isaanii irraan kan ka’e namoota waa’ee hin baafne ta’uu isaanii raggaasisanii utuu jiranii jireenya isaanii aarsaa godhanii yoo kennan maqaa Waaqayyoo isa qulqulluutu arrabsama. WG 452.2

Iddoo hundumaatti mareen gantummaa utuu mari’atamuu ni dhaga’u, akkasumas, gochaan fincilaa haala si’a’aa ta’een yeroo inni geggeeffamu ni argu. Gantummaa guddaan kun dafee akka dhaabbatuu fi jal’inni warra cubbamootaa dafee gara dhumaatti akka dhufu onneen isaanii ni hawwa. Gama tokkoon Waaqayyo akka Inni hojii fincilaa kana dhabamsiisuuf kan kadhatan yoo ta’an illee, gama biraatiin immoo dambalii jal’inaa humna jabaa qabu kana ittiisuu fi booddeetti deebisuudhaaf humna dhabuu isaaniitiif of-ceepha’u. Utuu dandeetti qaban mara tajaajila Kiristoosiif hojii irra oolchanii jabinaa gara jabinaatti guddachaa gara fuul-duraatti socho’aniiru ta’eeti, silaa humni seexanaa isaan irratti mo’icha argachuudhaaf jabina ga’aa kan hin qabne ta’uu isaatu isaanitti dhagaa’ama. WG 452.3

Cubbuu isaanii isa baay’eetiif dursanii qalbii jijjirachuu isaanii caqasaa, waadaa Fayyisaan: “Yookiis immoo anatti kooluu haa galan, anaa wajjinis nagaa haa buusan!” jedhee abdachiise sun akka inni isaaniif raawwatamuuf Waaqayyo duratti onnee isaa dhiphisanii ni kadhatu. Isa. 27: 5. Kadhannan isaanii dafee deebi’uu yoo dide illee amantiin isaanii hin kufu. Dhiphinni, sodaanii fi gidiraa jabaan hammamii yoo isaan irra ga’e illee kadhata isaanii fuula Waaqayyoo duratti dhi’eeffachuudhaaf boodatti hin deebine. Akkuma Yaaqob jabeessee ergamaa qabate, isaanis itti cichanii jabina Waaqayyoo qabatu; jechi keessa onnee isaaniitii dhagaa’amu: “Hamma Ati na eebbistutti gad-sin dhiisu” kan jedhu dha. WG 452.4

Yaaqob karaa gowwomsaa angafummaa obbolleessa isaa fudhachuu isaatiin cubbuu dalage sanaaf utuu dursee qalbii isaa hin jijjiirranne ta’ee, silaa Waaqayyo kadhannaa isaa dhaga’ee araaraan jireenya isaa hin oolchu ture. Akkuma kana, sabni Waaqayyoo yeroo dhiphina isa guddaa sana keessa, yeroo sodaa fi dhiphinaan gidirfaman, cubbuu hin himatamne yoo qabaatan salphaatti diina isaaniitiin mo’amu; abdi kutannaan jireenya amantii isaanii Waaqayyo irraa gargar kuta, Waaqayyos akka Inni isaan oolchuuf kadhachuudhaaf ija jabina hin qabaatan turan. Namoota waa’ee hin baafne ta’uu isaanii sirriitti ni beeku, garuu dogoggorra dhokataa bakkeetti baafame tokko illee hin qaban. Cubbuun isaanii dursee gara firdiitti dhi’aatee balleeffameera waan ta’eef, deebi’ee hin yaadatamu. WG 453.1

Dhimmoota jireenyaa sasalphaa ta’an irratti amanamoo ta’uu dadhabuun isaanii Waaqayyoon kan hin gaddisiifne ta’uu isaa akka amananiif seexanni namoota baay’ee geggeessa. Waaqayyo Gooftaan garuu karaa kamiin illee cubbuudhaaf heyyama kan hin kennine yookaan cubbuu wajjin kan walii hin galle ta’uu isaa dhimma Yaaqob irratti agarsiiseera. Warri cubbuu isaaniif sababa addaa addaa kennanii fi cubbuu isaanii dhoksan, akkasumas, warri yakka isaaniitiif qalbii jijjiirratanii dhiifama argachuu didanii akka cubbuun isaanii galmee samii irraa utuu hin haqamin iddoo isaa qabatee hafuuf heyyaman hundinuu seexanaan injifatamu. Hammuma nuyi amantiidha jedhanii ol kaasanii dubbatanii fi hammuma sadarkaan hojii isaan qabatanii jiran kabajamaa ta’e, hammasuma immoo hojiin isaanii Waaqayyo duratti cimaa in ta’a, akkasumas mo’ichi diina isaanii inni jabaan caalmaatti kan mirkanaa’e ta’a. Warri guyyaa Waaqayyootiif qophaa’uu dhiisanii guyyaafatan hundinuu yeroo dhiphinaattis ta’e yeroo dhiphinaa sana booddee yeroo qophaa’ummaa hin argatan. Dhimmi namoota akkanaa karaa hundumaan iyyuu abdii hin qabu. WG 453.2

Warri Kiristiyaanota ofiin jechaa utuu hin qophaa’in hanga wallansoo isa xumuraa fi sodaachisaa sanaatti dhufan hundinuu, abdii kutannaa keessa taa’anii aariidhaan cubbuu isaanii himatu. Warri cubbamoonni immoo muddama isaanii arganii isatti bohaaru. Qalbii jijjiirrannaan akkanaa gosa qalbii jijjiirrannaa Esawuu fi Yihudaa wajjin amala wal fakkaataa qaba. Namoonni qalbii jijjiirrannaa akkana taasisa, waa’ee cubbuu isaaniif osoo hin taane waa’ee adaba sababii cubbuu isaaniitiif isaanitti dhufuuf wawwaatu. Isaan waa’ee cubbuu isaaniif gadda dhugaa onnee irraa madde hin gaddan, cubbuus hin balaaleffatan. Cubbuu isaanii kan isaan amananii fudhatan adaba sodaataniiti; garuu akkuma Fara’on dur godhe, yeroo adabni isaan irraa ka’u, gara fincilaatti achi deebi’u. WG 453.3

Kana qofa osoo hin taane, seenaan Yaaqob namoota kanaan dura gowwomsaadhaan, qoramsaan, akkasumas, fedha isaaniitiin cubbuutti dabarsanii of kennanii turan, garuu immoo qalbii jijjiirrannaa dhugaadhaan gara Isaatti deebi’an mara Waaqayyo kan hin ganne ta’uu isaaf ragaadha. Seexanni jarreen akkasii kana balleessuuf baay’isee kan dhama’u yoo ta’e illee, Waaqayyo Gooftaan immoo guyyaa rakkinaatti isaan jajjabeessuu fi isaan eeguudhaaf ergamoota Isaa isaaniif erga. Haleellaan seexanaa jabaa qofa osoo hin taane gara kuteenyaan kan darbatamuu dha, gowwomsaan isaas hammataadha; haa ta’u iyyuu malee iji Gooftaa saba irra jira, gurri isaa boo’icha isaanii ni dhaga’a. Gidiraan isaanii guddaadha, ho’i ibiddichaa boba’aa jiruus waan gubee isaan balleessuf jedhu fakkaata; garuu Waaqni Inni qulleessu akka warqee ibidda keessatti qoramee ilaalamuudhaan qullaa’ee darbeetti keessaa isaan baasa. Jaalalli Waaqayyoo yeroo dhiphina hammaataa sana keessa ijoollee Isaatiif qabaatu akkuma isa yeroo badhaadhummaa isaanii jaalala jabaa fi gara-laafinaan guutame dha; garuu biyya lafummaan jireenya isaanii keessaa akka badutti, fakkaattiin (amalli) Yesuusis guutummaa guutuutti akka isaan keessaan calaqqisutti ibidda boba’aa keessa darbuun isaan in barbaachisa. WG 453.4

Tibbi dhiphinaa fi gaddaa fuula keenya dura jiran, amantii dadhabbii, barfannaa fi beela damdamatee darbuu danda’u — amantii hammam illee qoramee yoo ilaalame hin kufne qabaachuu nu gaafata. Namni hundinuu guyyaa sanaaf akka qophaa’uuf jecha yeroon araaraa kennameera. Yaaqob nama gara kuteessaa fi obsaan jabaatee dhabbatu ture waan ta’eef ni injifate. Mo’ichi isaa jireenya kadhannaa humna guddaa of-keessaa qabuuf raga dha. Namoonni warri akkuma isaa kakuu Waaqayyoo jabeessanii qabatanii fi akkuma inni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbate, jabaatanii dhaabbatan hundinuu, akkuma inni injifate isaanis ni injifatu. Warri eebba Waaqayyoo argachuuf jecha mataa isaanii ganuu, Waaqa fuul-duratti waa’ee cubbuu isaaniif gadduu, akkasumas, yeroo dheeraa fudhatanii onnee isaanii guutuu kadhachuudhaaf fedha hin qabne eebba hin argatan. Waaqayyoo wajjin wallansoo wal-qabuun maal akka ta’e namoota muraasa qofatu beeka! Fedha gad-fagoo ta’een humna qaban hundumaatti fayyadamanii karaa kadhannaa Waaqayyoo wajjin kan adeeman namoota muraasa qofa! Yeroo dambaliin abdii kutannaa jecha afaan namaatiin ibsamuu hin dandeenye jireenya isaaniitti bu’u, abdii Waaqayyo kenne irraa osoo hin mixxiqin amantiidhaan jabaatanii kan dhaabatan namoota muraasa qofa. WG 454.1

Warri amma amantii xiqqoo qofa shaakalan humna gowwomsaa seexanaa fi labsii yaada sammuu namaa dirqisiisuuf ba’u keessatti kufuudhaaf balaa olaanaa keessa jiru. Yooma qormaaticha dandamatan illee, kanaan dura Waaqayyotti amanachuu sirriitti hin amaleeffanne waan ta’aniif, yeroo dhiphina guddaa sana yaaddoo fi cinqii baay’ee gad-fagoo ta’e keessatti kufu. Barumsa amantii isa kanaan dura dagatanii dhiisan amma dhiibbaa abdii kutannaa isa ulfaataa keessa ta’anii barachuuf dirqamu. WG 454.2

Nuti har’a abdii Inni nuuf kenne dhimmamnee barbaaduudhaan ofii keenya Waaqayyoo wajjin wal-barsiisuu qabna. Ergamoonni Waaqayyoo kadhannaa onnee guutuu kadhatamu mara ni galmeessu. Qooda walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu dhiisnu, gochaalee mataa keenya gammachiisuuf goonu mara dhiisuu wayya. Waaqayyoon ala badhaadhummaa, ulfina, jireenya mijataa fi michummaa gaarii namootaa wajjin qabaachuu irra heyyama Waaqayyootiin hiyyummaa hammaataa fi of-ganuu guddaa qabaachuutu caala. Waaqayyoon kadhachuuf yeroo fudhachuu qabna. Sammuun keenya wantoota fedhii biyya lafaatiin akka inni liqimfamuuf yoo heyyamne, Waaqayyo warqee, manneetii fi lafa keenya isa xaa’omaa waaqa tolfamaa nutti ta’ee jiru nurraa fuudhuudhaan yeroo nuuf kenna ta’a. WG 454.3

Karaa ittiin eebba Waaqayyoo kadhatan irraan kan hafe karaa kan biraa keessa seenuu dhiisuudhaaf utuu murteessanii, silaa dargaggoonni gowwomfamii qoramsatti hin kufan turan. Utuu tajaajiltootni warri akeekkachiisa isa xumuraa biyya lafaatti himan diilalla’ummaa fi dhibaa’ummaadhaan osoo hin taane amantii fi dammaqinaan akka Yaaqobitti kadhatanii, silaa iddoo itti “Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge, garuu lubbuun koo ooleera” jedhanii dubbatan baay’ee ni argatu turan. Uuma. 32: 30. Fuula samii duratti, ilmaan mootii warra Waaqayyoo fi nama wallansoo qabanii mo’achuudhaaf humna qaban jedhamanii ni lakka’amu. WG 454.4

“Yeroon rakkinaa, kan sanyiin isaa takkaa argamee hin beekne” yeroo dhiyootti nurratti banamuuf jedha; kanaaf iyyuu muuxannoo (shaakala) yeroo ammaa kana hin qabnee fi namoonni baay’ee qabaachuudhaaf dhibaa’oo ta’anii jiran nu barbaachisa. Yeroo baay’ee rakkinni ni ta’a jedhamee yeroo eegamu, rakkinni eegame sun immoo qabatamaadhaan yeroo raawwatamu hanga sodaadhaan eegamaa ture hin ga’u; garuu waa’ee rakkina isa fuula keenya dura jiru ilaalchisee dhugaan jiru akka kana miti. Ibsi baay’ee ifaadha jedhame kam illee hammamtaa yookaan safara rakkinichaa ibsuu hin danda’u. Yeroo dhiphinaa sana keessa, tokkoon tokkoon namaa mataa isaatiif fuula Waaqayyoo duratti dhi’aachuu qaba. “Ani jiraataa dha! Nohii fi Daani'el Iyoobis biyyicha keessa yoo jiraatan iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin ofuma isaanii duwwaadhaa oolu malee, ilmaan isaanii yookiis intaloota isaanii oolchuu hin danda'an turan” jedha Waaqayyo gooftaan.” His. 14: 20. WG 455.1

Har’a, utuu angafni lubaa keenya Inni guddichi nuuf araarsaa jiru Kiristoos keessatti guutuu (mudaa kan hin qabne) ta’uudhaaf dhama’uu qabna. Fayisaan keenya yaada isaatiin illee humna qorumsaatti harka hin kennine. Seexanni onnee namaa keessaa tuqaa tokkittii bakka Miilla isaa irra dhaabbatu barbaada; amalli cubbuu mararsiifatamee ururfamu hundinuu humni qorumsa seexanaa akka inni nama irratti jabaatuuf haala mijeessa. Yesuus Kiristoos garuu waa’ee ofii isaatii yeroo dubbate akkana jedhe: “…. Inni biyya lafaa kana seerratu dhufuutti jira; haa ta'u iyyuu malee, inni ana irratti aboo hin qabu.” Yoh. 14: 30. Seexanni Ilma Waaqayyoo irratti mo’icha addaa isaaf argamsiisu kan danda’u mudaa tokko illee hin arganne. Inni abboommii Abbaa Isaa mara eegeera sababa ta’eef, seexanni bu’aa mataa isaaf jecha daandii godhatee kan itti fayyadamuu danda’u cubbuu tokko illee Isa irratti argachuu hin dandeenye. Yeroo rakkinaa isa dhufaa jiru keessa dhabbatanii kan darban hundinuu haala akkanaa keessatti argamuu qabu. WG 455.2

Cubbuu of irraa adda baasuu kan nuti qabnu jireenya isa har’a jiraannu kana keessatti. Kana gochuu kan nuti dandeenyu immoo dhiiga Kiristoos isa araara nuuf buusutti amanachuudhaani. Fayisaan keenya Inni gati-jabeessi, akka nuti jireenya keenya jireenya Isaatti daballu, dadhabina keenya jabina Isaatti, wallaalummaa keenya ogummaa Isaatti, akkasumas, waa’ee kan hin baafne ta’uu keenya ayyaana Isaa wajjin walitti tokkummeessinu nu afeera. Kennaan Waaqayyoo mana barumsaa nuti gaarummaa fi gad-of-deebisuu Yesuusiin keessatti barannu dha. Gooftaan guyyaadhaa gara guyyaatti kaayyoo jireenyaa isa dhugaa nu dura ka’a malee, karaa gaarii fi gammachiisaa nutti fakkaate irra filannoo mataa keenyaan akka adeemnuuf nun afeeru. Bakka buutota samii warra akka fakkeenya amala Waaqayyootti amala keenya tottolchuudhaaf (sirreessuudhaaf) hojjetanii wajjin walii gallee hojjechuun dirqama keenyadha. Nama jireenya isaa balaa guddaa keessaatti callisee dhiisuudhaaf murteese irraan kan hafe, namni hojii kanatti dugda gatu hin jiru. WG 455.3

Ergamaan Yohaannis mul’ata isaa keessatti sagalee guddaa akkana jedhu samii keessaa dhaga’e: “Yaa lafaa yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu'eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!” jedhe. Mul. 12: 12. Dhugaadhumatti, ta’umsi inni sagaleen guddaa akkanaa samii keessaa akka inni dhagaa’amu kan taasise taatee sodaachisaa dha. Yeroo yeroon isaa gabaabbachaa adeemu dheekkamsi yookaan aariin seexanaa guddachaa adeema. Itti dabalees, yeroo rakkinaa keessa hojiin badiisaa fi gowwomsaa isaatii dangaa isa dhumaa irra ga’a WG 455.4

Yeroo dhiyootti wantootni sodaachisoon humna uumamaan ol- ta’an samii keessatti mul’achuu eegalu. Isaanis humnoota hafuura hammeenyaa warra dinqiiwwan garaa garaa hojjetan kan agarsiisanii dha. Wallaansoo xumuraa, isa mootummaa Waaqayyoo irratti adeemsisaa jiru keessatti gowwomfamanii akka isaan isaa wajjin gamtaa uumuudhaan hirmaatan gochuuf jecha, hafuuronni hamoonni gara moototaa ni dhaqu, addunyaa irrattis ni bobba’u. Geggeessitootnii fi sabni hundinuu bakka buutota seexanaa kanaan ni gowwomfamu. “Nuti Kiristoosi dha” kan ofiin jedhan, akkasumas, maqaa fi waaqeffannaa Fayisaa addunyaa qofaaf male fudhachuudhaaf kan carraaqan namoonni ni ka’u. Isaan dinqii ajaa’ibsiisaa hojjetanii namoota ni fayyisu, akkasumas, mul’ata Macaafa Qulqulluu wajjin wal-faallessu kan qaban ta’uu isaaniis ni odeessu. WG 455.5

Diraamaa seexanni gowwomsaa isa guddicha keessatti hojjetu keessaa gochaa inni hundumaa irra caalu, seexanni Kiristoosiin fakkaatee qaamaan mul’achuu isaa ti. Waldaan dhufaatii Kiristoos isa lammaffaa abdii ishee isa guddaa fi xumuraa gootee eeggachaa turteetti. Amma gowwomsituu inni guddichi akka wanta Kiristoos dhufe fakkeessee dhi’eessa. Kutaa biyya lafaa iddoo garaa garaa keessatti, seexanni akkaata Yohaannis macaafa mul’ataa keessatti bifa Kiristoosiin ibsetti, ifa calaqqisaa uffatee namoota gidduutti mul’ata. Mul 1:13-15. Ulfinni isa marsee jiru wanta iji nama foonii hanga ammaatti argee ajaa’ibsiifate hundumaa irra ni caala. Sagaleen mo’ichaa “Kiristoos dhufeera! Kiristoos dhufeera!” jedhu ni dhagaa’ame. Namoonnis isaaf sagaduudhaaf fuula isaa duratti kukkufan. Inni immoo, akkuma Yesuus yeroo lafa kana irra ture bartoota Isaa eebbise, harka isaa ol-fuudhee isaan eebbise. Sagaleen isaa qabbanaa’aa fi laafaa, akkasumas, yeedaloo (qooqa) gaarii of keessaa qaba. Sagalee gaarii fi o’a qabeessa ta’een dhugaalee samii ayyaanaan guutuu ta’anii fi warra Fayisaan yeroo biyya lafaa kana irra ture barsiise irra deebi’ee dubbata. Dhukkuba namootaa ni fayyisa. Amala Kiristoosiin uffatee guyyaa Sanbataa gara guyyaa Dilbataatti (jalqaba torbaniitti) jijjiiruu isaa ni dubbata, guyyaa ofii isaatii eebbise kanas qulqullinatti akka eeganiif isaan abbooma. Namoonni guyyaa torbaffaa qulqulleessanii eeguutti jabaatan hundinuu, ergamoota isaa warra dhugaa fi ifa baatanii gara isaaniitti ergaman dhaga’uu diduudhaan maqaa isaa akka arrabsan dubbata. Kun gowwomsaa baay’ee jabaa fi hundumaayyuu mo’achuuf humna guddaa qabu dha. Akkuma namoonni Samaariyaa Simoon Maagoosiin gowwomfamanii turan, sabni hundinuu, isa xiqqaadhaa kaasee hanga isa guddaatti, hojii tolchaa kanaaf gurra kennuudhaan: “Humna Waaqayyoo isa guddaadha” jedhanii dubbatu. H/Erg. 8:10. WG 456.1

Haa ta’u iyyuu malee sabni Waaqayyoo hin gowwomfaman. Barsiisni Kiristoos isa sobaa kanaan barsiisfamu Macaafa Qulqulluu wajjin wal-hin fudhatu waan ta’eef. Eebbi isaa warra bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf sagadanii fi warra “Dheekkamsa Waaqayyoo isa makaa hin qabaanne” fudhatu jedhamee waa’ee isaanii Macaafa Qulqulluu keessatti caqafame irratti dhangala’a WG 456.2

Itti dabalees, seexanni akkaataa yookaan haala Yesuus Kiristoos ittiin deebi’ee dhufu fakkeessee (akkeessee) dhiheessuudhaaf eyyamni hin kennamneef. Sabni Isaa tuqaa kana irratti akka isaan hin gowwomfamneef jecha, fayisaan keenya waa’ee akkaataa dhufaatii Isaa isa lammaffaa ilaalchisee duraan dursee dubbateera. “Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu…Kanaafis, ‘Kunoo, lafa onaa keessa jira’ yoo isiniin jedhan gad hin ba'inaa; ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ yoo isiniin jedhanis hin amaninaa! Akka bakakkaan ba'a-biiftuutii bu'u hamma lixa-biiftuutti ibsu, dhufni ilma namaas akkasuma in ta'a.” Maat. 24:24-27, 31; 25:31; Mul 1:7; 1Tas. 4:16, 17. Dhufaatii akkanaa irratti gowwomsaan kam illee hojjetamuu hin danda’u. Inni biyya lafaa guutummaatti beekama-guutummaan biyya lafaas ijaan argitee dhugaa baati. WG 456.3

Gowwomsaa humna guddaa of keessaa qabuu fi guutummaa biyya lafaa boojuu isaa jala galfachuuf jiru kana jalaa golgamanii kan oolan, qorattoota Macaafa Qulqulluu warra dammaqoo fi warra dhugaa jaalalan onnee isaanii keessatti fudhatan qofa. Namoonni akkasii kun dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluutiin gowwomsaa seexanaa saaxilu. Yeroon qorumsaa nama hundumaatti ni dhufa. Kiristiyaanotni warri dhugaan humna qorumsaa isa namoota gingilchu kanaan adda baafamanii beekamu. Ragaa miirri isaanii isaanitti dhageessisu jalatti akka hin kufnetti sabni Waaqayyoo har’a sagalee Waaqayyoo irratti bu’uura isaanii jabeeffataniiruu? Seexanni utuu isaaf dandaa’amee, akka isaan guyyaa sana keessa jabaatanii hin dhaabbanne gochuuf jecha qophee irraa isaan daangeessa. Dhimmoota gufuu ta’uu dandaa’an garaa garaa bifa gaarii ta’een mijeessee karaa isaanii dura ka’uudhaan, badhaadhummaa biyya lafaatiin akka isaan hudhaman taasisuudhaan, onneen isaanii yaaddoo jireenyaatiin akka inni bututu gochuuf jecha ba’aa ulfaataa fi dadhabsiisaa akka isaan baatan godhee, guyyaan dhiphinaa akka hattuutti akka isaan irra ba’u taasisa. WG 457.1

Yeroo geggeessitootni Kiristiyaanota addunyaa garaa garaa warra abboommii Waaqayyoo eegan irratti labsii baasuudhaan eegumsi mootummaa isaan irraa waan fuudhamuuf harka warra isaan balleessuu barbaadaniitti dabarfamii kennamudhaan sabni Waaqayyo magaalotaa fi gandeen (araddaa) gadi dhiisanii ba’uudhaan iddoo baay’ee fagoo fi duwwaa ta’e keessa walitti gurmaa’anii jiraatu. Baayyonni tulloota gurguddoo irratti iddoo baqannaa argatu. Isaan akkuma Kiristiyaanota dachaa Peeyidimont, mana qulqullummaa isaanii gaarreen ol-ka’oo irra godhatanii “Kattaawwan yookaan dhagoota jajjaboo iddoo kooluu isaaniif ta’an sanaaf” Waaqayyoon galateeffatu. Isa 33:16. Garuu sabaa fi gita hundumaa keessaa, guddaa fi xiqqaan, sooressii fi hiyyeessi, gurraachii fi adiin baay’een isaanii hidhaa gara jabinaan guutamee fi haqa-maleessa ta’e keessatti gatamu. Sabni Waaqayyoo warri jaallatamoon guyyoota dadhabsiisoo keessa darbu, fuuncaadhaan ni hidhamu, cufaa sibiilaan mana hidhaa keessatti ni hidhamu, gorra’amanii (qalamanii) akka du’aniif itti faradama, kaan isaanii beelaan dudu’anii akka dhumaniif jecha mana hidhaa boollaa fi dukkanaa’aa keessatti ni gatamu. Gurri dhala namaa boo’icha isaanii dhaga’uuf banamu tokko illee hin jiru; harki isaan gargaaruudhaaf diriiru tokkos hin argamu. WG 457.2

Yeroo qormaata hammaataa akkanaa keessatti Waaqayyo ijoollee Isaa ni irraanfataa? Yeroo murtiin saba bishaan badiisaa fuul-dura turan qaqqabe Waaqayyo Nohiin irraanfateeraa? Yeroo ibiddi magaalaa Sodoomii fi Gomooraa balleessuuf dhufe Waaqayyo Looxiin dagateeraa? Yooseef isa biyya Misiritti namoota waaqa tolfamoo waaqessaniin marfamee ture irraanfateeraa? Wanta raajota Baa’al irra ge’eef jecha yeroo Izaabel maaqa waaqayyoolii isheetiin kakattee isa doorsifte Waaqayyo Eliyaasiin dagateeraa? Mana hidhaa boollaa fi dukkana’aa keessatti Ermiyaasiin irraanfateeraa? Daani’eliinis ta’e boolla leencaa keessatti, dargaggoota sana sadan immoo arraba ibiddaa keessatti isaan irraanfateeraa? WG 457.3

“Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera, gooftaan koo na irraanfateera” in jette. Waaqayyo immoo, “Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu! Kunoo, ani barruu harka koo irratti si caaffadheera, kellaan kee inni dhagaadhaan ijaarame yeroo hundaa fuula koo dura jira.” Isa 49:14-16. Waaqayyo Gooftaan maccaa akkana jedhee dubbateera: “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa.” Zak. 2: 8. WG 457.4

Dinnonni isaanii mana hidhaa keessatti yoo isaan darbatan iyyuu, keenyanni mana hidhaa walitti dhufeenya onnee isaanii fi Kiristoos gidduu jiru gargar hin kutu. Inni tokkichi dadhabbii isaanii mara argu, Inni rakkina hundumaas dhandhamatee argee beeku, humna dachee kana irra jiran hundumaan gararraadha; ergamoonni Waaqayyoo mana hidhaa iddoo qofummaa sana keessatti nagaa fi ifa samii isaaniif fidu. Namoota amantiitti dureessota (sooreessoota) ta’antu achi keessa jira waan ta’ef, manni hidhaa akka masaraa mootummaa isaaniif ta’a. Akkuma gaafa mana hidhaa warra Filiphisiiyus keessatti yeroo Phaawuloosii fi Siilaas kadhatanii faarfachaa turan ta’e, keenyanni mana hidhaa inni dukkanaa’an ifa samiitiin ifa. WG 458.1

Firdiin Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo gad-qabuu fi balleessuu barbaadan hundumaatti ni dhufa. Cubbamootaaf yeroo dheeraa obsuun Isaa akka namoonni seera malee jiraachuudhaaf ija jabaatan taasise. Haa ta’u iyyuu malee, adabni isaanii kan hin oollee fi guddaa hammaataadha. Sababiin isaa obsa yeroo dheeraa booddee dhufa waan ta’eef. “Waaqayyo tulluu Pheraaziim irratti, dachaa Giibe'on keessattis akkuma hojjete, ammas hojii isaa isa takkaa hin beekamin hojjechuudhaaf, gochaa isaa isa kanaan dura hin ta'in raawwachuudhaaf in ka'a.” Isa. 28: 21. Waaqa keenya Isa araara qabeessaaf hojiin adabuu hojii keessuummaadha. “Ani jiraataa dha! ‘Namni jal'aan karaa isaattii akka deebi'uu fi akka jiraatu malee, ani du'a nama jal'aatti hin gammadu.” His. 33: 11. Waaqayyo Gooftaan: “Isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha…yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa.” Haa ta'u iyyuu malee, “isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu.” “Waaqayyo aangoo guddaa qaba, dheekkamuuf hin ariifatu, isa yakke immoo adabuu hin dhiisu.” S/Ba’uu 34:6, 7; Naho. 1: 3. Aboo seera Isaa isa irra eejjetame agarsiisuuf jecha Waaqayyo qajeelummaadhaan hojii suukanneessaa hojjeta. Obsa Waaqayyo cubbamootaaf obsaa jiru ilaaluudhaan, adabni warra cubbamootaa eeggachaa jiru hammam jabaa akka ta’e hubachuun ni dandaa’ama. Sabni Waaqayyoo yeroo dheeraadhaaf isaaniif obsee fi hanga xoofoo jallina isaanii guuttatanittis warri Waaqayyo hin rukunne, xumura irratti xoofoo dheekkamsa Waaqayyoo isa araarri keessa hin jirre dhugu. WG 458.2

Yeroo Kiristoos mana Qulqullummaa samii keessaa hojii araarsuu Isaa dhaabu, namoota bineensichaa fi bifa fakkeenya isaaf sagadanii fi warra mallattoo isaa fudhatan irratti dha’icha makaa hin qabnetu rooba. Mul 14:9, 10). Utuu sabni Waaqayyoo si’a xumuraatiif hurrii hin ba’in fuul-dura, dha’ichonni baay’ee ulfaatoo ta’anii fi bal’ina olaanaa qaban biyya lafaatti dhufuuf jiru. Dha’ichoonni kun dha’ichoota warra yeroo Waaqayyoo Israa’eloota biyya Misirii baasuuf jedhe Gibxi irratti fidee wajjin amala wal-fakkaataa qabu. Yohaannis abbaan mul’ataa waa’ee dha’ichoota ulfaatoo kanaa yeroo ibse akkana jedhe: “Madaan sodaachisaanii fi dhukkubsaan, namoota gubaa bineensichaa of irraa qabanitti, warra bifa fakkeenya isaatiif sagadanittis in nam'e.” Galaanni “akka dhiiga nama du'u keessaa dhangala'ee ta'e; wanti lubbuu qaban galaana keessa jiraatan hundinuus in du'an.” Lagoonni “immoo dhiiga in ta'an.” dha’ichoonni kun ulfaatoo yoo ta’an illee, Waaqayyo waaqa haqa qabeessa ta’uun isaa isaan keessaan ni mul’ata. Ergamaan Waaqayyoo akkana jedhee labse: “Ati, yaa isa qulqulluu, inni jirtu, inni turtes, firdii kana kennuun kee qajeelaa dha! Namoonni dhiiga warra siif qulqullaa'anii, kan raajotaas dhangalaasaniiru; ati immoo dhiiga akka dhuganiif isaaniif laatteetta; kun wanta isaaniif ta'uu dha!” jedhe.” Mul 16:2-6. Saba Waaqayyootti murtii du’aa murteessuu isaanii irraan kan ka’e, akka wanta harka isaaniitiin ajjeesaniitti itti gaafatamummaa dhiiga isaanii of-irratti fudhatan. Haaluma wal-fakkatuun, dhiiga namoota qulqullaa’oo bara Abeelii kaasee dhanga’alaa ture hundumaaf kan itti gaafataman Yihuudota bara Isaa [Yesuus] akka ta’an Yesuus Kirirstoos isaanitti [Yihuudota bara Yesuus keessa turan] dubbateera; sababiin isaa, isaan hafuura wal-fakkaataa qabu waan ta’eef namoota raajoota ajjeessan kanaa wajjin hojii wal-fakkaataa hojjechuu dharra’aa turan. WG 458.3

Dha’icha isa itti aanu keessatti, aduudhaaf humni ni kenname: “inni immoo ibidda isaatiin namoota waxaluun in kennameef.” Lakk 8, 9. Yeroo sodaachisaa kana keessa haalli biyya lafaa maal akka isheen fakkaattu yeroo ibsan raajonni Waaqayyoo akkana jedhan: “Midhaan waan badeef lafti in gadde; mukkeetiin maasii keessaa hundinuu in gogu; gammachuun ilmaan namootaas in bada.” “Sanyiin kaboota jalatti tortoree… gombisaan in one…Saawwan waan dheedan waan dhabaniif, in mar'atu! Bushaayeen in joonja'u; hoolonni karri baay'eenis in dhiphatu… burqaan bishaanii waan gogeef, ibiddis iddoo dheedumsa horii waan fixe.” “Guyyaa sanatti warri mana mootummaa keessaa weeddisan in boo'u, reeffi warra du'anii in baay'ata; calluma jedhaniis iddoo hundumaatti in gatu” naan jedhe; Waaqayyo gooftaan akkas jedhee dubbateera.” Yoel 1:10-12, 17-20; Amos 8: 3. WG 459.1

Dha’ichi kun nama hundumaa kan rukutu miti. Utuu akkana hin taane ta’ee silaa namoonni lafa kana irra jiran hundinuu ni dhumu turan. Haa ta’u iyyuu malee, dha’ichoota baay’ee jibbisiisoo sanyiin namaa tasa arganii hin beekne dha. Cufamuu balbala araaraa fuul-dura dha’ichoonni ilmaan namootaatti dhufaa turan hundinuu araaraan kan makamanii dha. Cubbamaan adaba cubbuu isaa wajjin wal-gitu akka hin fudhannetti dhiigni Kiristoos inni araarsu isaan golgee ture. Garuu yeroo xumuraatti dha’icha araaraan hin makamnetu rooba. WG 459.2

Guyyaa sana, namoonni baay’een araara Waaqayyoo isa kanaan dura yeroo dheeraadhaaf itti qoosaa turan keessatti eegumsa argachuu barbaadu. “Waaqayyo gooftaan, “Kunoo, barri ani itti biyya kana irratti beela ergu dhufuuf jira; beelichis isa namoonni dubbii Waaqayyoo dhaga'uu dhabanii beela'an malee, beela buddeenaa fi dheebuu bishaanii miti. Isaan dubbii Waaqayyoo barbaaddachuudhaaf galaana isa gara tokkootii hamma galaana isa gara kaaniitti, gara bitaatii hamma ba'a-biiftuutti in tiratu; garuu argachuu hin danda'an.” Amos 8:11, 12. WG 459.3

Sabni Waaqayyoo gidiraa irraa bilisa hin ta’an; haa ta’u iyyuu malee, ari’atamuunii fi dhiphinni yeroo isaan irra ga’u, rakkina keessa obsaan yeroo darbanii fi waan nyaatan dhabanii yeroo dararaman, isaan akka badaniif qofaatti hin dhiifaman. Waaqni Inni Eliyaasiif eeggannaa godhe ijoollee Isaa keessaa kan aarsaa godhee of dhiyeesse kamiin iyyuu cal jedhee bira hin darbu. Inni lakkoofsa rifeensa mataa isaanii beeku kunuunsa isaaniif godha, isaanis yeroo beela isaanii ni quufu. Yeroo warri cubbamoonni beelaa fi dha’ichaan dhuman, ergamoonni Waaqayyoo warra tolootaaf gaachana ni ta’u, fedha isaaniis isaaniif guutu. Nama qajeelummaadhaan adeemuuf waadaan kun kennameera: “Nyaatni isaaf ni kennama, bishaan argachuun isaas amansiisaadha.” “Yommuu warri rakkatoo fi gadadamoonni bishaan barbaadanii dhaban, yommuu arrabni isaanii dheebuudhaan gogu, ani Waaqayyo kadhata isaanii nan dhaga'aaf; ani Waaqayyo inni kan Israa'el isaan hin gatu.” Isa. 33: 15, 16; 41: 17. WG 459.4

“Mukti harbuu yoo daraaruu dhabaate iyyuu, mukti waynii, mukti ejersaas yoo ija godhachuu dhaabaatan iyyuu, maasiin midhaan yoo baasuu dhaabaate iyyuu, hoolonni goorantoo keessa, saawwanis dallaa keessa yoo jiraachuu dhaabaatan iyyuu, ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada.” Anb 3:17, 18. WG 459.5

“Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira. Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu. Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega.” “Waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa'e, dha'icha nama balleessu irraas si oolcha; harka isaatiin si golbooba, bobaa isaa jalatti kooluu in galta, amanamummaan isaa gaachanaa fi marsaa siif in ta'a. Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin! Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin! Kumni tokko si bukkeetti kumni kudhanis gara mirga keetti yoo kufan iyyuu, wanti namatti dhufu kun sitti hin dhi'aatu; ati garuu ija keetiin ilaaltee, gatii warra jal'ootaaf baafamu in argita. Ati, “Yaa Waaqayyo, ati isa ani kooluu itti galuu dha” jetteetta; isa hundumaa gararraa jirus iddoo kooluu itti galtu godhatteetta. Wanti hamaan sitti hin bu'u, dha'ichis mana keetti hin dhi'aatu.” Faar 121:5-7; 91:3-10. WG 460.1

Haa ta’u iyyuu malee, sabni Waaqayyoo akkuma gootota amantii warra darbanii dhuga ba’umsa isaanii yeroo dhihoo keessatti dhiiga isaaniitiin waan mallatteessan fakkaatee namootatti mul’achuu ni danda’a. Isaanumti mataan isaaniillee akka wanta Waaqayyoo harka diina isaaniitti akka kufaniif isaan dhiiseetti sodaachuu eegalu. Yerichi yeroo gadadoo sodaachisaadha. Waaqayyo akka Inni isaan oolchuuf jecha halkanii fi guyyaa Isatti ni boo’u. Cubbamoonni gammachuu irraan kan ka’e “Amantiin keessan meerreree? Yoo isin dhuguma saba Isaa taatan maaliif Inni harka keenya keessaa hin fururee?” jedhanii wacu. Haa ta’u iyyuu malee namoonni warri qoramsa keessatti obsaan eegggatan hundinuu du’a Yesuus Kiristoos fannoo Qaraaniyoo irratti du’ee fi ceephoo lubootnii fi geggeesitootni: “Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u. Inni mootii Israa'el erga ta'ee, mee amma fannoo irraa gad haa bu'u nus isatti in amanna” jedhanii isa ceepha’ani ni yaadatu.” Maat. 27: 42. Hundumti isaanii iyyuu akkuma Yaaqobiin Waaqayyoon wallaansoo qabu. Fuulli isaanii wallaansoo keessa onnee isaanii ibsa. Fuulli hunda isaanii daalachaa’ee addaata; ta’us garuu kadhannaa onnee irraa madde kadhachuu hin dhiisan. WG 460.2

Namoonni utuu mil’ata samiitiin arguu dandaa’anii, silaa naannoo warra sagalee obsa Kiristoosiin eeganii kan ilaalaa jiran gurmuun ergamoota samii humna guddaa qaban naannaa’anii buufatanii jiraachuu isaanii ni argu turan. Isaan gara-laafina guddaadhaan, dhiphina isaan keessa darban arganiiru, kadhannaa isaaniis dhaga’aniiru. Gidiraa isaanii keessaa butanii isaan baasudhaaf ajaja ajajaa isaanii qofa eeggachaa jiru. Haa ta’u iyyuu malee ammas yeroo xiqqoof eeguu qabu. Sabni Waaqayyoo xoofocha keessaa dhuguu qabu, cuuphichas cuuphamuu qabu. Turuun yerichaa hammam dhukkubsachiisaa yoo ta’e illee, kadhannaa isaaniif deebii gaariin kana dha. Waaqayyo hojii Isaa akka Inni hojjetu amananii obsaan Isa eeguudhaaf yeroo dhama’an, amantii, abdii fi obsa isa bara jireenya Kiristiyaanummaa isaanii isa darbe keessatti akka gaariitti hin shaakalin hafan shaakaluutti geggeeffamu. Haa ta’u iyyuu malee, warra fo’amaniif jecha guyyichi ni gabaabbata. “Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasuufii ree? …. Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf.” Luq 18:7, 8. Xumurri hanga namoonni yaadaniin olitti saffisaan raawwatama. Qamadiin gombisaa Waaqayyootti galfamuuf jecha walitti sassaabamee bissii bissiidhaan walitti hidhama; inkirdaadi immoo ibiddaan gubamuuf walitti qabama. WG 460.3

Eegdonni samii warri itti gaafatamummaa isaanitti kennametti amanamoo ta’an ammas hojii eegumsa isaanii itti fufu. Yeroo adabni du’aa warra abboommii Waaqayyoo eegan irratti hojii irra oolu labsii walii galaatiin murtaa’ee kan jiru yoo ta’ellee, diinonni isaanii garuu utuu yerichi hin ga’in labsicha hojii irra oolchuu fi ijoollee Waaqayyoo balleessuuf dhama’iinsa godhu. Haa ta’u iyyuu malee eegdota jaboo naannoo lubbuu amanamtuu tokkoo tokkoo ishee buufatanii jiran bira darbuu hin dandaa’an. Kaan isaanii yeroo magaalaa fi mandaroota keessaa baqatanii ba’anitti ni gidirfamu. Garuu billaan isaan irratti luqqifamu ni caccaba, akka cidiis humna dhabee kukkufa. Kaan isaaniif immoo ergamoota Waaqayyootu loltuu fakkaatee ittisa isaaniif godha. WG 460.4

Baroota hundumaa keessatti, Waaqayyo saba Isaa oolchuu fi gargaaruuf qulqulloota ergamoota Isaa meeshaa godhatee ittiin hojjeteera. Jiraattotni samii dhimma ilmaan namootaa keessatti si’a’inaan hirmaataniiru. Isaan uffannaa akka balaqqeessaa ifu uffatanii mul’ataniiru; akka nama karaa dheeraa adeemuuttis yeroo isaan itti mul’atan tureera. Ergamoonni nama fakkaatanii namoota Waaqayyootti mul’ataniiru. Yeroo saafaa, akka waan dadhabaniitti yeroo isaan gaaddisa mukaa jala boqotan tureera. Afeerraa namoonni isaaniif godhan fudhatanii mana namootaatti keessumsiifamaniiru. Kara adeemaa aduun itti dhihetti daandii agarsiisuudhaan geggeessaa ta’aniiru. Harka isaaniitiin iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisaniiru. Balbala mana hidhaa harka isaaniitiin bananii garboota Gooftaa hiikanii gadi dhiisaniiru. Uffata raayyaa samii uffatanii awwaalcha Fayisaa irraa dhagaa garagalchuu dhufaniiru. WG 461.1

Ergamoonni si’a baay’ee nama fakkatanii wal-ga’ii qajeelotaa keessatti ni argamu; hojii isaanii galmeessuu fi safara obsa Waaqayyoo irra darbuu fi dhiisuu isaanii adda baasuuf jecha akkuma biyya Sodoomiin dhaqan, har’as wal-ga’ii jal’ootaa keessatti ni argamu. Waaqayyo araaratti gammada waan ta’eef, sababa namoota muraasa warra dhugaadhaan isa tajaajilaniif jedhee badiisa ittisuudhaan nageenya sabaa dheeressa. Cubbamoonni warri Waaqayyoon morman, qusatamanii jiraachuun isaanii sababa namoota amanamoo muraasa warra isaanumti itti ga’isuu fi hacuucutti gammadaniif ta’uu isaa waa muraasa qofa hubatu. WG 461.2

Geggeessitootni addunyaa kana hin beekan yoo ta’e illee, ergamoonni Waaqayyoo si’a baay’ee wal-ga’ii isaanii irratti argamanii haasaa godhaniiru. Iji namaa isaan ilaaleera; gurri namaa kadhaa isaanii dhaga’eera; arrabni (hidhiin) namaa yaada isaaniitiin mormee gorsa isaaniitti ga’iiseera; harki namaas miidhaa isaan irraan ga’uudhaaf yaalii geggeesseera. Ergamoonni samii kun mana maree fi mana murtii keessatti waa’ee seenaa dhala namaa sirriitti kan beekan ta’uu isaanii agarsiisaniiru; dhimma warra hacuucamaniif faccisuudhaaf (falmuudhaaf) abukaattoo ta’anii dhaabbachuudhaan, moorkattoota isaanii warra dandeettii dubbachuu guddaa qaban irra kan caalan ta’uu isaanii agarsiisaniiru. Kaayyolee hedduu hojii Waaqayyoo dadhabsiisanii fi saba Waaqayyoo irratti gidiraa guddaa fiduu dandaa’an fashaleessaniiru. Yeroo dhiphinaa fi gidiraatti “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas.” Faar. 34: 7. WG 461.3

Sabni Waaqayyoo hawwii onnee isaanii keessaa maddeen dhufaatii mootii isaanii ni eeggatu. Eegduun “Halkan kun bari'uuf hammamtu hafe?” jedhamee yeroo gaafatame, shakkii tokko malee “Ganamni, galgallis in dhufa, wanta gaafattu yoo qabaatte garuu deebi'ii kottuutii gaafadhu!” jedhee deebise. Isa. 21:11, 12. Roggee gaarotaa gubbaa fi duumessa buufatee jiru irratti ifni ni ifa. Ulfinni Gooftichaa utuu hin turin ni mul’ata. Yeroo aduun qajeelummaa itti ba’u ga’eera. Ganamnii fi galgalli, lachanuun isaanii iyyuu as dhihaataniiru — qajeelotaaf ifa guyyaa dhuma hin qabnetu banama, jal’oota irratti immoo aduun barabaraan dukkanoofti.” WG 461.4

Yeroo sabni Waaqayyoo warri wallansoo irra jiran jabeessanii kadhannaa isaanii fuula Waaqayyoo duratti dhiheessan, golgaan addunyaa hafuura ijaan hin mul’anne irraa gargar isaan baasee ture wanta fuudhame fakkaata. Samiin ifa guyyaa bara baraan deebi’ee hin dhaamneen ife, jechi “Amanamummaa keessanitti jabaadhaa! Garagaarsi dhufaa jiraa!” jedhus akka sagalee faaruu ergamootaatti gurra isaanii keessatti dhaga’ame. Kiristoos, Inni hundaa danda’aa fi mo’aa ta’e, loltoota Isaa warra bututanii jiraniif gonfoo ulfina qabeessa barabaraan hin badne ni kennaaf; sagaleen Isaas karaa balbala banamaa sanaa akkana jedhee utuu dubbatuu ni dhagaa’ama: “Kunoo, Ani isinii wajjin jira. Hin sodaatinaa. Ani gadda keessan hundumaa beeka; boo’icha keessanis baadheera. Diinonni isin wajjin wal-lolaa jirtan diinota Ani kanaan dura hin beekne miti. Ani bakka keessan bu’ee lolicha loleera, isin maqaa kootiin warra mo’e ni caaltu.” WG 462.1

Fayisaan keenya Inni gati jabeessi yeroo barbaachisaa ta’e hundumaatti gargaarsa nuuf erga. Dandiin gara samiitti geessu faana miilla Isaatiin qulleeffameera. Qoraattiin miilla keenya waraananii madeessan hundinuu miilla Isaa waraananii madeessaniiru. Inni fannoo nuti baachuudhaaf itti waamamne mara dursee baateera. Gooftaan lubbuu keenya nagaadhaaf qopheessuuf jecha wal-dhabdee eyyama. Yeroon dhiphinaa saba Waaqayyootiif yeroo sodaachisaa dha; haa ta’uu iyyuu malee yerichi yeroo amantootni dhugaa gara olii ilaaluu qabanii fi yeroo isaan sabbata kakuu isaan marsee jiru amantiidhaan ilaalaniidha. WG 462.2

“Warri Waaqayyo isaan fure deebi'anii, faarfannaadhaan gara Xiyoonitti ol in ba'u; gammadanii in ililchu, gammachuu bara baraatiin in gonfamu, gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata. Waaqayyo isaaniin, “Anuma, anuma inni isin jajjabeessu! Isin garuu nama bor du'u, ilmaan namootaa warra akka margaa darbuuf jiran maaliif sodaattu? Ana Waaqayyoon isa isin uume… irraanfattanii warra isin balleessuudhaaf qophaa'anii taa'anii, sodaachaa jiraattu? Egaa dheekkamsi warra isin cunqursuu meerree ree? Inni hidhaa keessa jiru, mana hidhaa keessatti akka hin duunetti, buddeena nyaatus akka hin dhabnetti, dafee in hiikama. Ani Waaqayyo gooftaan keessan, galaana nan sochoosa, dha'aan isaas akka huursu nan godha; ani inni kana godhu, maqaan koo Waaqayyo gooftaa maccaa ti. Ani bantiiwwan waaqaa diriirsee, hundee lafaas jabeessee nan dhaabe; Xiyooniin, ‘Ati kan koo ti, dubbii koo afaan kee keessa nan kaa'a, gaaddisa harka kootiinis sin golbooba’ nan jedha jedhe.” Isa 51:11-16. WG 462.3

“Ati isheen daadhii wayniitiin utuu hin ta'in dhiphinaan machoofte, kanatti fufee kan jiru dhaga'i! Gooftaan kee inni Waaqayyo siif ta'e, si saba isaa gargaaree, “Kunoo, ani xoofoo dhugaatii isa mataa nama naannessu harka kee keessaa nan fuudha, deebitees akka ati isa hin dhugne nan godha; isas harka warra si dhiphisanii fi warra si cunqursanii keessa nan kaa'a, warra ‘Gad jedhi, nuyi si irra adeemnaa’ jennaan, ati immoo akka lafaatti akka karaa namni irra yaa'uuttis dugda kee irra akka adeeman goote sanatti nan kenna in jedha.” Lakk 21-23. WG 462.4

Iji Waaqayyoo, inni baroota hundumaa jalqabaa kaasee asii gad ilaalaa ture, yeroo humneetiin biyya lafaa saba Isaa irratti ka’an rakkinni akkamii akka saba isaatti dhufu xiyyeeffatee ilaalaa ture. Akka booji’amtoota imala baqannaa irra jiraniitti, beelaa fi miidhaa garaa garaatiin ni duunaa laata jedhanii sodaa jala ni jiraatu. Garuu Inni Qulqulluun Saba Israa’el fuul-duraa galaana Diimaa hire, humna Isaa isa guddaa mul’isee boojuu isaanii ni galagalcha. “Waaqayyo gooftaan maccaa, “Guyyaa ani murtoo godhe sanatti isaan qabeenya dhuunfaa koo in ta'u; akkuma abbaan ilma isaaf hojjetuuf oo'u akkasuma anis isaaniif nan oo'a.” Mil. 3: 17. Yoo yeroo kana keessa dhiigni dhuga baatota Kiristoos dhangala’e, akka dhiiga gootota amantii warra kanaan dura aarsaa ta’anii darbanii, akka sanyii guyyaa makara Waaqayyootiif ija akka godhatuuf facaafameetti hin ilaalamu. Amantiitti jabaatanii dhaabbachuun isaanii dhuga ba’umsa ittiin warra kaan dhugaa fudhachiisan hin ta’u; sababiin isaa, onnee rincicaan hanga tuqaa qalbii jijjiirrachuu hin dandeenye irra ga’utti dambalii araaraa rukutee of-irraa deebiseera waan ta’eef. Utuu qulqulloonni harka diinota isaaniitti akka kufaniif dabarfamanii kennamaniiru ta’ee, silaa goofticha dukkanaa sanaaf mo’icha guddaa ta’a ture. Daawit abbaan faarsaa akkana jedhe: “Inni guyyaa wanti hamaan ana irra ga'utti mana isaa keessa na kaa'ata, suuqa godoo isaa keessa na dhoksa, nagaattis kattaatti ol na baasa.” Faar. 27: 5. Yesuus akkana jedhee dubbateera: “Yaa saba koo as kottu! Kutaa mana keetti ol gali, balbala kees cufadhu; dheekkamsichi hamma darbutti, iddoo baqaa tolfadhu! Kanaafis kunoo, Waaqayyo iddoo isaatii as ba'ee sababii yakka isaaniitiif warra lafa irra jiraatan in adaba; laftis dhiiga ishee irratti dhangala'e in mul'ifti, si'achis warra ajjeefaman dhoksuu hin dandeessu” kan jedhuu dha.” Isa 26: 20, 21. Furamuun warra guyyaa dhufa Isaa obsaan eeganii fi warra maqaan isaanii galmee jireenyaa irratti caafamee baay’ee ulfina qabeessa ta’a. WG 462.5