Boqonnaa 38—Akeekkachiisa Xumuraa
Boqonnaa 38—Akeekkachiisa Xumuraa
“Kana booddees ergamaan biraa tokko aboo guddaa fudhatee, waaqa keessaa utuu gad bu'uu nan arge; ulfina isaa irraa kan ka'es biyyi lafaa in ife. Inni sagalee cimaadhaan iyyee, ‘Kufteetti, Baabilon guddittiin kufteetti, iddoo buufata hafuurota hamootaa taateetti; lafa hafuurri xuraa'aan itti deddeebi'u, lafa allaattiin xuraa'onii fi jibbamoon itti deddeebi'an taateetti!’... Ergasiis sagalee biraa tokko waaqa keessaa nan dhaga'e; innis, ‘Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dha'icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa ba'aa!” Mul 18:1, 2, 4. WG 441.1
Heertuun kun, guyyaa gara fuul-duraa, yeroo itti waa’een kufaatii Baabiloon akkuma Mul’ata 14:8 keessatti karaa ergamaa isa lammaaffaa labsamee ture irra deebi’amee labsamu kan ilaallatu yeroo ta’u, ergichi waa’ee xuraa’ummaa isa guyyaa gaafa ergaan kun bara 1844, baatii ji’a bonaa keessa yeroo jalqabaatiif lallabamee kaasee dhaabota garaa garaa kutaa qaama Baabilon ta’an keessa seenaa jiruu dabalataan dubbata. Haalli dhaabbatoonni amantii addunyaa kana irra jiranii inni hamaan heertuu kana keessatti ibsamee jira. Gochaan dhugaadhaan mormuudhaan godhamu hundinuu sammuu namootaa dukkaneessee garaa isaaniis isa duraa caalaa jabeesuudhaan akka isaan amanti dhabina gara jabinaan guute keessatti kufan isaan godha. Akeekkachiisa Waaqayyoon kenname irratti finciluudhaan abboommota Waaqayyo keessaa isa tokko irra ejjechuu itti fufuu isaanii qofa osoo hin taane, hanga namoota warra abboomicha qulqullinatti eegan ari’ataniittis seexanni isaan geggeessa. Yesuus tuffii namootaa fi sagalee Isaa irra ga’u keessatti ni tuffatama. Yeroo barsiifni waa’ee warra du’anii wajjin haasa’uu (Ispiriichu’alizimii) waldoota biratti fudhatama argatu, daangaan (Ittisni) onnee foonii irra kaa’amee jiru ni fuudhama, bifa amantii qabaachuunis kaabbaa ittiin cubbuu dhoksan (aguugan) ta’a. Mul’achuu hafuurota warra du’anii amananii fudhachuun barsiisa seexanaa fi hafuurota nama gowwomsaaniif balbala banuudhaan, akka dhiibbaan ergamoota hammeenyaa waldaa keessa guutan taasisa. WG 441.2
Baabiloon raajii kana keessatti yeroo mul’ifamte akkana jedhamtee ibsamte: “Cubbuun ishee hamma bantii waaqaatti ol tuulameera, Waaqayyos jal’ina ishee hundumaa yaadateera.” Mul’ata 18:5. Isheen safara jal’ina ishee guuttatteetti, badiisis isheetti dhufuuf jedha. Garuu Waaqayyoo amma illee Baabiloon keessaa namoota qaba. Utuu firdiin Waaqayyoo isheetti hin dhufin fuul-dura, namoonni amanamoon kun cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, “dha’icha (dheekkamsa) ishee irraas akka hin hirmaanneetti” Baabiloon keessaa waamamuu qabu. Kanaaf sochiin ergamaa isa samii keessaa gad-bu’ee, lafti kun ifa ulfina isaa irraan kan ka’e iftee fi sagalee guddaadhaan iyyaa waa’ee cubbuu Baabilooniin labseetti fakkeeffame. Ergaa kanaa wajjin wal-qabatee waamicha “Yaa saba koo! Kottaa, ishee keessaa ba’aa” jedhutu dhagaa’ame. Labsiin kun ergaa ergamaa sadaffaa wajjin tokko ta’anii akka akeekkachiisa xumuraatti namoota biyya lafaa kana irra jiraataniif dhi’atuu dha. WG 441.3
Wanti biyya lafaatti dhufaa jiru sodaachisaadha. Humnoonni biyya lafaa abboommii Waaqayyoo irratti lola kaasuudhaaf gamtaa uumaanii, akka “Xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmaduun, garbis” (Mul’ata 13:16) sanbata sobaa kabajuudhaan aadaa waldaa wajjin walii galtee akka uumaniif labsii dabarsu. Warri labsii kanaaf abbomamuu didan hundinuu seeraan adabamu. Xumura irratti duuti kan isaaniif malu ta’uu isaatu labsiidhaan murta’a. Karaa kan biraa immoo, abboommiin Waaqayyoo guyyaa boqonnaa isa kan uumaatiif abboomamuu kan gaafatu yeroo ta’u, warra seericha cabsan irratti immoo abaarsi kan dhufu ta’uu isaa akeekkachiisa. WG 442.1
Waa’een dhimma kanaa ifaa ta’ee fuula isaa dura kaa’amee utuu jiruu namni abboommii namaa kabajuuf jedhee seera Waaqayyoo irra ejjetu kam iyyuu mallattoo bineensichaa fudhata. Qooda Waaqayyoof abboomamuu milikkita humna isa abboomamuufii filate sanaa fudhata. Akeekkachiisni samii akkana jedha: “Ergamaan biraa, inni sadaffaanis isaan duukaa bu'ee sagalee guddaadhaan, ‘Namni bineensichaa fi bifa fakkeenya isaafis yoo sagade, gubaa sanas adda isaatti yookiis harka isaatti yoo fudhate, innis ofii isaatii daadhii waynii dheekkamsa Waaqayyoo, isa utuu makaa hin qabaatin xoofoo dheekkamsa isaatti buufame dhuguuf jira; fuula ergamoota ququllootaatti, fuula hoolichaa durattis ibiddaa fi dhagaa boba'uun dhiphifamuuf jira.” Mul’ata 14:9, 10. WG 442.2
Garuu hanga dhugaan yaadaa fi sammuu isaatti geeffame mormamutti (fudhatamuu didutti) eenyu illee dha’icha Waaqayyootiin akka dhiphatu hin taasifamu. Dhugaa addaa yeroo kanaaf kenname dhaga’udhaaf carraa kan hin argatin namoota hedduutu jiru. Dirqamni abboommii afuraffaa ifa isa dhugaatiin isaan dura hin kaa’amne. Waaqayyo Inni onnee namootaa dubbisuu fi kaka’umsa yaada garaa namootaa qoree ilaalu, nama beekumsa dhugaa barbaadu kamiin illee dhimma wallansoo kanaa ilaalchisee akka inni gowwomfamuuf callisee hin dhiisu. Labsichi callisee jaamummaadhaan namootatti gad hin darbu. Namni hundinuu beekumsa ga’aa argatee filannaa xumuraa akka taasisutti ifa ga’aa ni fudhata. WG 442.3
Sanbatni madaallii (qormaata) amanamummaa isa guddaa ta’a, sababni isaa inni dhugaa addumaan mormameedha waan ta’eef. Yeroo qormaatni xumuraa namootatti dhufu, warra Waaqayyoof hojjetanii fi warra Isaaf hin hojjenne gidduutti sarara gargar ba’umsaatu sararama. Seera mootummaa kabajuuf jecha sanbata sobaa eeguun faallaa abboommii afuraffaa qofa osoo hin taane, humna isa Waaqayyoon mormaa jiruuf bitamuu namootaa kan agarsiisu ragaa yeroo ta’u, seera Waaqayyootiif abboomamanii Sanbata isa dhugaa eeguun immoo Waaqayyoof amanamuu namootaa kan mul’isu ragaa dha. Yeroo gareen tokko milikkita aangoo biyya lafaatiif tole jedhee bitamuu isaa ittiin mul’isu fudhachuudhaan mallattoo bineensichaa fudhatu, garee kan biraan immoo, milikkita aangoo Waaqayyootiif amanamummaa qabaachuu mul’isu fo’achuudhaan mallattoo Waaqayyoo fudhatu. WG 442.4
Hanga har’atti namoonni dhugaa ergaa ergamaa sadaffaa dhi’eessan yeroo baay’ee akka warra akkasumaan namoota naasisaniitti (rifaasisaniitti) fudhatamaa turaniiru. Waliif obsuu dadhabuun amantii dachee Ameerikaa kan to’atu ta’uun isaa fi warra abboommii Waaqayyoo eegan irratti ari’annaa geggeessuuf jecha waldaa fi mootummaan gamtaa uumuuf kan jiran ta’uu isaanii inni isaan dursanii dubbachaa turan akka wanta hundee hin qabnee fi sababa maleessa ta’eetti qeeqamaa ture. Biyyi kun haala kanaan dura irra turte - mirga amantiif ittisa gochuu irraa kaattee- tasa wanta kan biraa hin taatu jedhamee ija jabinaan dubbatameera. Garuu yeroo kabaja guyyaa jalqaba torbanii (Dilbataa) dirqamaan hojii irra oolchuuf gaaffiin bal’inaan ka’u, taateen kanaan dura yeroo dheeraadhaaf amantaa dhabee fi shakkii dhaan ilaalame dhi’aachaa kan dhufe ta’uu isaatu mul’ata. Akkasumas, ergaan ergamaa sadaffaa firii kanaan dura hin argamsiisin argamsiisa. WG 442.5
Dhaloota hundumaa keessatti, cubbuu waldaa keessas ta’e kan biyya lafaa keessa jiru akka ifataniif Waaqayyo garboota Isaa ergeera. Garuu namoonni wanti lallaafaa ta’e qofaan akka isaanitti dubbatamu fedhu waan ta’eef dhugaan qulqullaa’aa ta’ee fi irra dibaa hin qabne fudhatama hin qabaatu. Haaressitootni hedduun cubbuu waldaa fi sabaa balaaleffachuudhaan hojii haraa’umsaa geggeessuutti yeroo seenan of-eeggannoo guddaa taasisuuf kutannoo cimaa fudhachaa turan. Abdiin isaanii, jireenya Kiristiyaanummaa qullaa’aa ta’e fakkeenyaan agarsiisaa namoota gara barsiisa Macaafa Qulqulluu isa sirriitti deebisanii geggeessuu ture. Garuu hafuurri Waaqayyoo akkuma gaafa Eliyaas irratti dhufee akka inni cubbuu mootii xuraa’aa sanaa fi saba gantuu sanaa ifatuuf isa sochoosetti yeroo isaan irratti dhufe, dubbii Waaqayyoo isa ifaa ta’e, — barsiisa isa hanga ammaatti lallabuu dhiisaa turan sana lallabuudhaaf of-ittisuu (Of-dhowwuu) hin dandeenye. Hinaaffaadhaan dhugaa lallabuuf, akkasumas balaa lubbuudhaaf sodaachisaa ta’e labsuudhaaf jajjabina argatan. Balaa isaanitti dhufuu danda’u tokkollee utuu hin sodaatin dubbii Waaqayyoo isaaniif kenne ni dubbatan, namoonnis akeekkachiisa isaan kennan dhaga’uudhaaf ni dirqaman. WG 443.1
Ergaan ergamaa sadaffaa haala akkanaatiin lallabama. Ergichi humna guddaatiin akka inni lallabamuuf yeroo guyyaan isaa ga’u, Gooftaan meeshaalee gad-of deebisoo ta’anii fi namoota sammuu isaanii hojii Isaaf qulleessanii kennaniin hojii Isaa hojjeta. Hojjetootni hojiichaaf madaallii guutanii akka isaan ijaajjan kan godhu leenjii dhaabbata barnootaa keessaa argamu osoo hin taane dibata Hafuura Qulqulluu dha. Namoonni amantii fi kadhannaa dubbii Waaqayyo isaaniif kenne hinaaffaa qulqullaa’aadhaan dubbachuuf ija jabinaan gara fuul-duraattii adeemu. Cubbuun Baabiloon bakkeetti baafama. Bu’aa sodaachisaan aangoo mootummaatti fayyadamanii seerota waldaa dirqamaan hojii irra oolchuu, cabsee seenuun barsiisa Ispiriichu’aalizimii (warra du’anii wajjiin haasa’uun in danda’ama amantii jedhu), humni Phaaphaasii inni bifa dhokataa ta’ee fi saffisa olaanaatiin babal’achaa jiru — isaan kun hundinuu bakkeetti baafamu. Karaa akeekkachiisa barbaachisaa kanaa namoonni ni dadammaqu. Namoonni kumaatamatti lakkaa’amanii fi dubbii akkanaa takkaa dhagaa’anii hin beekne akeekkachiisa kennaman kana ni dhaga’u. Baabiloon waldaa sababii dogoggoraa fi cubbuu isheetiif, akkasumas ergaa dhugaa samii irraa isheedhaaf ergame tuffachuu ishee irraan kan ka’e waldaa kufte ta’uu ishee ilaalchisee dhuga-ba’umsa kennamu dinqisiifannaa guddaadhaan dhaggeeffatu. Yeroo namoonni onnee isaanii guutuu dhugaa beekuudhaaf dhimmamanii gara barsiisota isaanii warra duraa dhaquudhaan “Wantootni kun dhugaa dhaa?” jedhanii gaafatan, lallabdoonni sun sodaa namootaa tasgabbeessuu fi sammuu namootaa isa dammaqe cal-jechisiisuuf jecha oduu durii isaanitti himu, raajii jireenya fooniitiif mijataa ta’es isaanitti dubbatu. Garuu sababii namoonni hedduun aboo namootaatti quufuu didanii deebii salphaa “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha” jedhu gaaftaniif jecha, tajaajiltootni bebbeekamoon kun, yeroo aboon isaanii gaaffii jala galu, akkuma Fariisota durii aariidhaan guutamanii akka waanta ergichi seexana biraa dhufeetti ergicha balaaleffatu. Kana qofas osoo hin taane, namoota ergaa kana labsan akka isaan ari’atanii fi arrabsan (Ceepha’an) gochuuf tuuta cubbuu hojjechuu jaallatan ni kakaasu. WG 443.2
Yeroo wallaansoon kun gara dirreewwan haaraatti bal’atuu fi sammuun namootaa gara seera Waaqayyoo isa gatameetti deebi’u, seexanni aariidhaan ka’a. Humni ergichaa wajjin jiru warra ergichaan morman qofa aarsee maraacha. Luboonni hoolota isaanii irratti ifni akka hin ifne gochuudhaaf dhama’iinsa humna uumamaan olii irra hin xinnaanne taasisu. Karaa isaaniif dandaa’ame mara, ajaja isaaniitti maayii ba’anii maree gaaffii barbaachisaa kana irratti adeemsifamu mara ukkamsuudhaaf dhama’iinsa jabaa godhu. Waldaan hirree mootummaa isa jabaa deggersa kadhatti, Phaaphaasonnii fi Pirootestaantootni hojii kana irratti gamtaa uumu. Yeroo sochiin guyyaan jalqaba torbanii (Dilbata) dirqamaan eegsisuu ija jabinaa fi murtii jabaadhaan geggeeffamaa adeemu, warra abboommii Waaqayyoo eegan irratti seerri ni tumama. Hidhaa fi adaba maallaqaatiin doorsifamu. Amantii isaanii akka dhiisan gochuufis; kaan isaaniif taayitaa olaanaa, kaan isaaniif badhaasa, kaan isaaniif immoo bu’aa garaa garaatu akka sossobbaatti dhi’aataaf. Garuu deebiin isaanii inni iddoodhaa hin sochoone: “Dogoggora keenya sagalee Waaqayyoo keessaa nutti agarsiisaa” kan jedhu dha — kunis immoo gaaffii wal-fakkaataa haala wal-fakkaataa keessatti Luuter gaafatee ture dha. Warri mana murtiitti himatamanii dhi’atan dhugaadhaaf ragaa amansiisaa kennu. Namoonni dhuga ba’umsa isaanii dhaga’an tokko tokkos abboommii Waaqayyoo hunduma isaa eeguudhaaf ejjeennoo fudhatu. Haala kanaanitu namoota karaa kan biraa waa’ee dhugaa kanaa tasa beekuu hin dandeenyeef ifni kennama. WG 444.1
Amanamumaadhaan sagalee Waaqayyootiif abboomamuun akka fincilaatti ilaalama. Seexanaan jaamsamuu isaanii irraan kan ka’e, maatiin ijoollota isaanii warra amanan irratti gochaa gara jabinaan guutamee fi suukkanneessaa ta’e raawwatu, gooftolii fi giiftii kan ta’an immoo hojjetoota isaanii warra abboommii eegan hacuucu. Jaalalli ni qabbanaa’a; ijoollonni dhaala seeraan argachuu qaban sarbamanii manaa ari’amu. Jechi Phaawuloos 2 Ximootiwos 3:12 keessatti, “Akkasuma karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta'ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari'atamuuf jira” jedhee dubbate fuulaa fuulatti raawwatama. Yeroo falmitootni dhugaa sanbata isa guyyaa Dilbataa (Jalqaba torbanii) kabajuu didan, kaan isaanii gara mana hidhaatti oofamu, kaan isaanii baqattoota taa’anii biyyaa baafamu, kaan isaanii immoo akka garbootaatti lakkaa’amu. Har’a ogummaa namaatiin yeroo ilaalamu wanti kun hundinuu kan hin raawwatamne fakkataa. Garuu Hafuurri Waaqayyoo inni ittisa godhee jiru yeroo inni biyya lafaa kana irraa fudhatamu, namoonni to’annaa seexanaa, isa seera Waaqayyoo jibbu jala galfamu. Wanti takkaa ta’ee hin beekne ni raawwatama. Yeroo sodaanii fi jaalalli Waaqayyoo namoota irraa fudhatamu onneen namootaa gara jabeessa ta’a. WG 444.2
Yeroo bubbeen kun dhi’aachaa adeemu, gartuun guddaan ergaa ergamaa sadaffaatti amantii qabaachuu isaanii dubbachaa turan, garuu dhugaadhaaf abboomamuun warri hin qullaa’in hundinuu iddoo isaanii gad-dhiisanii garee warra dhugichaan mormaniitti makamu. Biyya lafaatti makamanii hafuura isaa irraa hirmaachuu isaanii irraan kan ka’e, dhimma hundumaa ifa wal-fakkaataa warri biyya lafaa ittiin ilaalaniin ilaalutti geggeeffamu. Yeroo qorumsi dhufu, gara isa salphaa, garee baay’ota warra beekamaa ta’anii goruu filatu. Namoonni kennaa fi maqaa gaarii qaban, warri kanaan dura dhugaatti gammachuu qabaachaa turan, lubbuu gowwomsuu fi karaa irraa kaachisuuf humna isaanii hojii irra oolchu. Obbooloota isaanii warra kanaan duraafis diinoota warra adda duree ta’u. Yeroo warri Sanbata eegaan amantii isaaniitiif deebii kennuudhaaf mana murtiitti dhi’aatan, isaan hammeessuu fi eenyummaa isaanii jal’isaanii dhi’eessuuf, akkasumas, gabaasa sobaa dhi’eessanii mootota isaan irratti kakaasuudhaaf, warri gantootni kun bakka bu’oota seexanaa warra ga’oo ta’u. Yeroo ari’atamuu kana keessa amantiin hojjetoota Waaqayyoo ni qorama. Gara Waaqayyoo fi gara sagalee Isaa qofa ilaaluudhaan akeekkachiisa kennamuu qabu kennaniiru. Hafuurri Waaqayyoo onnee isaanii dadammaqsee akka isaan dubbataniif isaan dirqamsiiseera. Hinaaffaa qullaa’aadhaan kakaafamuu qofa osoo hin taane fedhiin Waaqayyoo isaan irratti humna jabaa waan godhateef, namootatti dubbachuu isaanii irraan kan ka’e rakkoo isaanitti dhufuu danda’uu shallaggii keessa utuu hin galchin dubbii Waaqayyo isaaniif kenne dubbachuudhaaf hojii isaaniitti seenan. Bu’aa foon isaanii isa yeroodhaaf argatanii wajjin maree hin goone, yookiis, jireenyaa fi ulfina maqaa isaanii eeggachuuf hin dhamaane. Garuu yeroo bubbeen mormii fi ceephoo isaan irratti ka’u, kaan isaanii yaaddoodhaan mo’amanii “Utuu rakkoo dubbiin keenya nutti fidu dursinee hubanneerra ta’ee, silaa afaan keenya qabannee nagaadhaan teenya turre” jedhanii sadarkaa dubbachuu irra ni ga’u. Isaan rakkinaan marfamanii qabamaniiru. Seexanni qorumsa jabaadhaan isaan haleela. Hojii isa duraan hojjetan sana xumuruun dandeettii isaanii gararraa ta’ee isaanitti mul’ata. Du’aan dhabamsiifamuuf ni sodaachifamu. Fedhiin onnee isaanii inni olaanaan humna isaanitti godhe ni dhabama. Haa ta’u iyyuu malee gara booddeetti deebi’uu hin dandaa’an. Sanaan booda, tasa gargaarsa kan hin qabne ta’uun isaanii isaanitti dhagaa’amee jabinaaf gara Isa humna qabeessaatti fiigu. Dubbiin isaan dubbatan dubbii Waaqaa Isa akka isaan akeekkachiisa kennaniif isaan abboomee malee dubbii mataa (dhuunfaa) isaanii akka hin taane ni yaadatu. Sababa Waaqayyo ofii isaatii dhugicha onnee isaanii keessa kaa’eef jecha dhugicha labsuu irraa gara booddeetti deebi’uu hin danda’an. WG 444.3
Qorumsa wal-fakkaataan namoonni Waaqayyoo baroota darban keessa turan biratti shaakalamee ture. Waayikiliif, Haas, Luuter, Tiindel, Baakistar fi Wisiliin, hundi isaanii iyyuu arsiisi amantii hundinuu ifa Macaafa Qulqulluutiin madaalamee (qoramee) ilaalamuu akka qabuu fi wanta Macaafni Qulqulluun balaaleffate hundumaa akka dhiisan dubbatanii turan. Namoota kana irratti ari’annaa wal-irraa hin citnetu boba’e. Haa ta’u iyyuu malee isaan dhugaa labsuu irraa gara booddeetti hin deebine. Seenaa waldaa Kiristiyaanaa yeroo adda addaa keessatti tokkoon tokkoon isaanii dhugaa muraasa adda ta’ee guddachaa adeemu, saba Waaqayyoo warra yeroo sana keessa turaniif bu’a qabeessa ta’e qabatanii as-ba’uudhaan kan beekaman turan. Dhugaa haaraan hundinuu daandii jibbaa fi mormii keessa darban; warra ifa dhugaa sanaan eebbifaman hundumaa irra qormaata cimaatu ga’e. Waaqayyo haala jarjarsaa keessatti dhugaa adda ta’e namootaaf kenna. Eenyutu isa maxxansuu dhiisuudhaaf ija jaabata? Waaqayyo afeerraa araara Isaa isa xumuraa biyya lafaatiif akka dhi’eessaniif garboota Isaa ni ajaja. Hanga gaafa du’aan lafa kana irraa darbaniitti cal-jechuu hin dandaa’an. Ambaasaddaroonni Kiristoos waa’ee rakkoo isa dugda duubaan dhufuu dhimma hin qaban. Ga’ee isaaniif kenname hojjetanii firii isaa immoo Waaqayyootti kennanii dhiisu. WG 445.1
Yeroo mormiin sadarkaa hammaataa irra ga’aa adeemu, jeequmsi kun hundinuu akka wanta sababii isaaniitiif biyya lafaatti dhufeetti waan isaanitti dhagaa’amuuf hojjetootni Waaqayyoo irra deebi’anii burjaaja’u. Haa ta’u iyyuu malee sammuun isaanii fi sagaleen Waaqayyoo akka daandiin isaanii sirrii ta’e isaaniif mirkaneessa. Yoo qoramsichi itti fufellee, baachuu akka dandaa’aniif ni jabeeffamu. Falmichi bifa itti siqeenya qabuu fi hammaataa ta’een ni guddata. Garuu amantii fi jabinni isaanii safaruma rakkina isaan mudateen dabala. Dhuga ba’umsi isaanii: “Biyya lafaa biratti fudhatama argachuu feenee, seera Waaqayyoo isa qulqullaa’aa gargar qooduudhaaf, akkasumas, gar-tokkeen seerichaa akka wanta barbaachisaa ta’eetii, gar-tokkeen isaa immoo akka wanta hin barbaachifneetti dubbannee seera Waaqayyoo jijjiruudhaaf ija hin jabaannu. Waaqni Inni nuti hojjenuuf nu oolchuu ni dandaa’a. Kiristoos humna biyya lafaa injifateera. Egaa biyya lafaa ishee injifatamte sodaannuuree?” WG 445.2
Ari’annaan bifa garaagaraatiin guddatee mul’achuun isaa imaammata hanga seexanni jiraatuu fi Kiristiyaanummaan humna godhatee itti fufutti jiraatudha. Eenyu illee humneetii dukkanaa irraa mormiin utuu isa hin mudatin Waaqayyoof hojjechuu hin danda’u. Ergamoonni hamoonni dhiibbaan garbicha Waaqayyoo lubbuu kiyyoo isaanii keessa jirtu nu harkaa baasa jedhanii waan sodaataniif ni dhiphisu. Fakkeenyi inni agarsiise sammuu isaanii irratti ceephoo uumuu isaa irraan kan ka’e, namoonni hamoonni ergamoota hamootaa wajjin gamtoomanii Waaqayyo irraa gargar isa baasuudhaaf qorumsa hawwataa isaaf dhi’eessu. Yeroo dhama’iinsi kun hudinuu milkaa’uu didu, humnoota sammuu namootaa dirqisiisan fayyadamu. WG 446.1
Garuu hanga Yesuus Kiristoos araarsaa ilmaan namootaa ta’ee mana qulqullummaa samii keessa turutti, ittisni dhiibbaa Hafuura Qulqulluutiin taasifamu moototaa fi namootatti ni dhagaa’ama. Ammallee seera biyyaas hanga ta’e tokko ni to’ata. Utuu akka seerota kanaaf ta’uudhaa baatee, silaa haalli addunyaa kanaa isa ammaa irra baay’ee hammataa ta’a ture. Geggeessitootni keenya baay’een isaanii bakka buutota seexanaa si’aawoo yoo ta’an illee, Waaqayyos geggesitoota biyyaa keessaa bakka buutota qaba. Tarkanfilee haala olaanaa ta’een hojii Waaqayyoo danquuf mijataa ta’an akka isaan dhi’eessaniif diinni garboota isaa ni kakaasa. Garuu geggeesitootni biyyaa warri Waaqayyoon sodaatan ergamoota Qulqullootaan geggeeffamanii falmii tokko illee utuu hin dhageessisin callisuudhaan yaada isaan dhi’eesaniin mormu. Kana irraan kan ka’e namoonni muraasni humna seexanaa isa jabaan hin mo’aman. Ergaan ergamaa sadaffaa hojii isaa akka hin hojjenneef mormiin diina dhugaa danqaa ta’a. Akeekkachiisni xumuraa yeroo kennamu, yaada geggeessitoota warra amma Waaqayyo ittiin hojjechaa jiruu ni to’ata. Kaan isaanii dhugaa kana fudhatanii guyyoota dhiphinaa keessa saba Waaqayyoo wajjin dhaabbatu. WG 446.2
Ergamaan inni lallabamuu ergaa ergamaa sadaffaa keessatti qooda fudhatu ulfina isaatiin guutummaaa addunyaa ibsa. (Mul.18). Heertuu kana keessatti waa’ee hojii bal’aan guutummaa addunyaa irratti hojjetamuuf jiruu fi waa’ee humna takkaa argamee hin beekneetu raajamee jira. Sochiin dhufaatii isa lammaffaa, inni bara 1840-1844tti geggeeffame humna Waaqayyoo isa ulfina qabeessaa kan mul’ise ture. Ergaan ergamaa tokkoffaa bakka buufata ergamaa wangeelaa (Miishinariin) jiran mara ga’ee ture. Biyya tokko tokko keessatti, fedha amantii olaanaa, kan yeroo haara’umsa isa jarraa 16ffaa booddee biyya kam keessattillee argamee hin beeknetu mul’ataa ture. Haa ta’u iyyuu malee sochiin humna qabeessi yeroo akeekkachiisi xumuraa ergaa ergamaa sadaffaa jalatti kennamu mul’atu kan kanaan dura turan hundumaa irra ni caala. WG 446.3
Hojichi isa gaafa guyyaa Pheenxeqosxee hojjetamee wajjin wal-fakkaata. Akkuma banamuu lallaba wangeelaa irratti sanyichi akka inni biqilu gochuuf jecha karaa bu’uu Hafuura Qulqulluu “Bokkaan jalqabaa” kenname, “Bokkaan booddee” immoo makara bilcheesuuf cufamuu lallaba wangeelaa irratti kennama. “Egaa kottaa Waaqayyoon in barraa, isa beekuudhaafis in dhamaanaa! As ba'uun isaa akka ifa barii lafaa dhaabataa dha; inni akka bokkaa, akka bokkaa arfaasaa isa roobee lafa jiisuutti nuuf in dhufa” in jedhu.” Hos. 6: 3. “Isin yaa ijoollee Xiyoon! Waaqayyo qajeelummaa isaa irraa kan ka'e bokkaa isa duraa isiniif kenneera; bokkaa isa duraa, isa booddees akkuma kanaan duraatti waan isiniif kennuuf, Waaqayyo gooftaa keessanitti gammadaa, ililchaas!” Yoe. 2: 23. “Guyyaa gara dhumaatti akkana in ta'a jedha Waaqayyo, foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna, ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu; dargaggoonni keessan mul'ata in argu, maanguddoonni keessanis abjuu in abju'atu. Maqaa gooftaa kan waammatu hundumtinuu immoo in oola’ jedhe.” H/Erg 2:17, 21. WG 446.4
Hojiin wangeelaa inni guddichi humna isa yeroo banamuu isaa mul’atee ture irra gad-xiqqateen hin xumuramu. Raajii inni yeroo banamuu lallabbii wangeelaa karaa bu’uu bokkaa duraa raawwatame, ammas yeroo lallabbiin wangeelaa cufamu karaa bokkaa booddee irra deebi’ama. “Yeroon haara’umsaa” inni ergamaan Pheexiroos abdii rawwatamuu isaa fuul-duratti ilaalee: “Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa. Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesus Masiihicha, isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf deebi'aa!” jedhee dubbatee isa kana dha. H/Erg 3: 19, 20. WG 447.1
Hojjetootni Waaqayyoo, of-kennuu qulqullaa’aadhaan fuulli isaanii ifee calaqqisaa, ergaa samiidhaa dhufe labsuudhaaf iddoo tokkoo gara iddoo biraatti ni sosocho’u. Akeekkachiisi sagalee kumaatamaan lakka’amaniin guutummaa addunyaa irratti ni kennama. Dinqiiwwan garaa garaa ni hojjetamu, dhukkubsattootni ni fayyu. Milikitootnii fi maalaleen adda addaa warra amanan duukaa ni bu’u. Seexannis ija namootaa fuul-duratti ibidda waaqa irraa hanga gad-buusutti dinqiiwwan sobaa agarsiisaa hojii isaa ni hojjeta. Mul 13:13. Haala kanaanitu namoonni lafa kana irra jiraatan gara ejjennaa isaanii fudhachuutti dhufu. WG 447.2
Ergichi irra caalaa kan inni adeemsifamu gad-fagenyaan amansiisuu hafuua Waaqayyootiin malee falmiidhaan miti. Falmiiwwaan garaa garaa dhi’aataniiru. Sanyiinis facaafameera, amma biqilee ija godhata. Kitaabonnii fi barruuleen maxxanfamanii karaa hojjetoota wangeelaa (Miishinarootaa) raabsaman hundinuu dhiibbaa geessisaniiru. Haa ta’u iyyuu malee namoonni sammuun isaanii dhugaa kanaan tuqame baay’een isaanii dhugicha guutummaa guutuutti hubachuudhaaf, akkasumas, dhugichaaf abboomamuudhaaf ittifamaniiru. Amma carallaan ifaa bakka hundumaa cabsee seeneera, dhugaanis qulqullummaa isaatiin ni mul’ata, ijoolleen Waaqayyoo warri amanamoon hidhaa isaanii irraa addaan ni ba’u. Amma walitti dhufeenyi maatiis ta’e hariiroon waldaa qabee isaan tursuudhaaf humna hin qabu. Dhugaan wanta hundumaa caalaa gati — jabeessa. Gareen dhugaadhaan mormuuf gurmaa’an utuma jiranii namoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta’e garee Waaqayyoo ta’anii dhaabbachuuf murtoo fudhatu. WG 447.3