Boqonnaa 3—Jaarraa Dukkana Hafuuraa
Boqonnaa 3—Jaarraa Dukkana Hafuuraa
Phaawulos xalayaa isa lammaffaa warra Tasaloonqeef barreesse keessatti barsiisni sobaa guddaan akka dhufuudhaan sirni phaaphaasummaa akka hunda’uuf jiru dursee dubbatee ture. “Waaqayyoon mormanii isa irratti ka’uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatus ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin, guyyaan sun hin dhufu; kanaaf namni tokko karaa kam illee isin hin wallaalchisin! Inni bakkeetti baafamuuf jiru sun ol of qabuudhaan Waaqayyo kan jedhamuun, waanuma namni itti sagaduunis ni morma; ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa kan Waaqayyoo keessa taa’umsa ni dhaabbata. Hamminni inni dhookataan sun kanumaan dura iyyuu hojii irra jira; garuu inni amma isa ittisu hamma karaa isaa duraa fuudhamutti hin mul’atu.” 2 Tasaloonqee 2:3, 4, 7. Baruma gara jalqabaa sana irratti illee dogoggorootni sirna phaaphaasummaa uumuuf daandii saaqan akka waldaatti suuta jedhanii seenaa jiran argee jira. WG 53.1
Suutuma suuta, jalqaba gabii fi cl’isuudhaan, booda immoo akkuma humna dabalataa fi sammuu namootaa to’ataa adeemeen, “dhoksaan jal’inaa” sun hojii isaa isa gowoomsaa fi ga’isaan guute sana fuula duratti tarkaanfachiise. Suuta suuta barmaatotni warra Waaqayyoon hin beeknee waldaa Kiristaanaatti seenuudhaaf karaa argatan. Dhugaa mareedhaaf dhiyeessuudhaaf biyya lafaa wajjin walii galuun ari’annaadhaan hin danda’amne. Erga ari’annaan dhaabatee fi kiristaanummaan masaraa mootummaa seenee booda garuu, waldaan gad of deebisuu Kiristosii fi bartoota Isaatii moggaatti achi dhiibdee agarsiisaa fi of tuulmaa lubootaa fi geggeessitoota warra ormaatiif iddoo kennuu eegalte; akkasumas ulaagaalee Waaqayyoo kaa’es falaasamaa fi barmaata namootaatiin bakka buufte. Jaarraa arfaffaa gara jalqabaatti Qonxenxinoos jijjiirama maqaaf qofa ta’e jijjiiramuun isaa gammachuu guddaa uume; yeroo kanatti biyyi lafaa bifa qajeelummaa uffattee waldaa keessa seente. Amma hojiin malaammaltummaa ariitiidhaan guddate. Waaqa malee jiraachuun waan badaa jiru utuma fakkaatuu mo’achaa adeeme. Hafuurri ishees waldattii ni to’ate. Barsiisni ishee, ayyaaneffannaan ishee fi falaasamni ishee amantii fi waaqeffannaa warra duuka buutota Kiristoos jedhamanii wajjin wal make. WG 53.2
Waliigalteen ormootaa fi Kiristaanummaa gidduutti taasifame kun “nama cubbuu” isa duraan dursee akka inni Waaqayyoon mormuu fi ol of qabu dubbatame sana argamsiise. Sirni amantii sobaa guddichi kun wixinee ol’aanaa humna seexanaati — teessoo irra taa’ee akka fedhii isaatiitti biyya lafaa hoogganuudhaaf yaali inni godhuuf raga baatuudha. WG 54.1
Seexanni yeroo tokko ilma Waaqayyoo wajjin walii galtee uumuudhaaf yaalee ture. Lafa onaa keessatti Yesuusiin qoruudhaaf dhufee, guutummaa biyya lafaa fi miidhagina ishee erga itti mul’isee booda, mootii dukkanaa kan ta’e kanaaf yoo beekamtii kennite, isaan kana hundumaa siifan kenna jedhe. Kiristoos gowoomsituu ga’istuu kana ifachuudhaan akka irraa fagaatu dirqisiise. Haa ta’u malee qorumsuma wal fakkaatu gara namaatti fiduudhaan Seexanni milkaa’ina guddaa argate. Bu’aa fi ulfina biyya lafaa argachuudhaaf jecha, waldaan deggersa gaafachuudhaaf gara nama guddicha biyya lafaa dhaqxe; Kiristoosiin dhiisuudhaan, bakka bu’aa seexanaa kan ta’e, luba Roomaatiif, kabaja dursu akka kennituuf jajjabeeffamte. WG 54.2
Phaaphaasiin, geggeessituu ol’aanaa waldaa Kiristoos kan guutummaa addunyaa, fi kan lubootaa fi soortuwwan biyya lafaa hundumaa irratti aangoo qabu ta’uun isaa barsiisa warra Roomaa keessaa tokkodha. Kana malees phaaphaasiidhaaf maqaa waaqummaatu kennameef. “Phaaphaasichi Waaqayyo Gooftaadha” jedhamee barreeffameef, akkasumas kan hin badne yookiin hin jijjiiramnedha jedhamees labsameef. Nama hundumaa irraa kabaji kennamuufii akka qabu himame. Gaaffiima lafa onaa iddoo qorumsaa sanatti seexanaan gaafatametu, ammas waldaa Roomaatiin itti fufamee gaafatame, namni baayyeenis kabaja kana kennuuf ni qophaa’e. WG 54.3
Warri Waaqayyoon sodaatanii fi kabajan garuu akkuma Yesuus godhe, qorumsa diinaa sanaaf deebii samiin eegu kennan: “Waaqayyoon Gooftaakeef qofa waaqessi, isa qofaafis sagadi.” Luuqaas 4:8. Waaqayyo iddoo kamittillee taanaan, jecha kamiin iyyuu, bakka itti namni mataa waldaa Kiristaanaati jedhe hin qabu. Barsiisni olaantummaa phaaphaasii barsiisu kallattiidhaan faallaa barsiisa kitaaba qulqulluuti. Humnumaan fudhachuuf yoo ta’e malee, phaaphaasiin waldaa Kiristos irratti aangoo tokko iyyuu hin qabu. WG 55.1
Warri Roomaa mormitoota (protestants) akka barsiisota sobduu fi warra ofiin waldaa dhugaa irraa of foxxoqseetti himachuu itti fufan. Himannaan kun garuu mataama isaaniif mala ture. Isaanidha kan alaabaa kiristoosiin gadi buusee “amantii isa altokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqulla’anitti dabarfame” sana irraa adda of baase. Yihuudaa 3. WG 55.2
Kitaabni qulqulluu namootni gowoomsaa isaa adda baafatanii humna isaatiin mormuu danda’an akka gochuu danda’u seexanni ni beeka ture. Sagalee kanaan ture kan Fayyisaan biyya lafaa haleellaa isaatiin kan morme. Haleellaa tokkoo tokkoo isaatiif, kiristoos gaachana dhugaa bara baraa ol kaasuudhaan “barreeffamee jira” jechaa ture. Yaada diinichi dhiyeesse hundumaaf Kiristoos oogummaa fi aangoo biyya lafaatiin ni morme. Seexanni karaa ittiin namoota to’annaa isaa jala galchee aangoo phaaphaasummaa humnaan hundeessuudhaaf akka ta’uufitti akka namootni itti fufiinsaan Kitaaba Qulqulluu dagatan godhe. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon ol kaasee nama isa biyyoo ta’e immoo bakka isaaf malu irra ka’a ture; kanaaf dhugaa inni qulqulla’aan gadi dhokfamee irra ijjetame. Yaad-rimeen kun waldaa Roomaatiin hojii irra oole. Namootni akka hin dubbifnee fi manaa akka hin qabaanne taasisuudhaan lubootni qajeelfama isaatiif hin bitamne qofti akka yaada isaanii kana mirkaneessuufitti itti fakkeessuudhaan akka hiikanii barsiisan godhame. Yeroo sana ture kan phaaphaasiin akka guutummaa addunyaatti bakka bu’aa Waaqayyoo fi kan waldaa fi mootummaa irratti aangoon kennameefidha jedhamee kan beekamtiin kennameef. WG 55.3
Inni cubbuu mul’isu waan balleeffameef, seexanni akka fedha isaatiitti hojjete. Akka phaaphaasichi “yeroo fi seera jijjiiruudhaaf yaadu” dursee raajiidhaan dubbatamee ture. Daani’eel 7:25. Kana hojiirra oolchuudhaaf yaaluudhaaf suuta hin jenne. Warra Waaqa dhugaa hin beekne, garuu immoo maqaadhumaaf kiristaanummaa fudhatan gammachiisuudhaaf jecha wantota waaqolii tolfamoo isaanii bakka bu’an waaqeffannaa keessa galchuudhaan bifa fakkeenyaa fi ambaaleedhaaf sagaduu jalqabame. Walga’iin walii galaa godhame dhuma irratti waaqolii tolfamoo kanneen waaqessuu labse. Hojii amantii tuffachuu ishee fiixaan baafachuudhaaf, Roomaan, abboommii isa lammaffaa, bifa fakkeenyaatiif akka hin sagadne kan dhowwu sana, keessaa haqxee, bakka isaa abboommii isa kurnaffaa iddoo lamatti qoodde. WG 56.1
Haafuurri Waaqa malee ta’uu jajjabeessu kun aangoo samii kan ta’e kan biroos akka tuffatamu godheera. Seexanni geggeessitoota jal’oota ta’anitti fayyadamuudhaan, abboommii isa arfaffaa irrattis haleellaa geggeesse; sanbata isa bara duriitii kaasee kabajamu, isa Waaqayyo eebbisee qulqulleesse (Uumama 2:2, 3), iddoodhaa kaasee, bakka isaa guyyaa warri waaqatolfamaa waaqessan sun “guyyaa aduu kabajan” bakka buuse. Jijjiiramni kun jalqabatti ifatti hin mul’ifamne. Jaarraa jalqabaa keessa guyyaan Sanbataa kiristaanota hundumaan eegamaa ture. Isaan ulfina Waaqayyoof inaaftota waan turaniif, akkasumas seerri Waaqayyoo kan hin jijjiiramnedha jedhanii waan amananiif, qulqullina qajeelfamoota Isaatii inaaffaa guddaadhaan iddootti eegaa turan. Haa ta’u malee, seexanni bakka buutota isaatti fayyadamuudhaan karaa baayyee hin mul’anneen dhimmoota isaa gara waldaatti fide. Akka xiyyeeffannaa namootaa argachuu danda’utti ayyaaneffannaan guyyaa Dilbataa sun kan du’aa ka’uu Kiristoosiin ilaallatu godhee dhiyeesse. Guyyoota kanatti tajaajilli amantii ilaalchisu hundi ni kennama; ammayyuu guyyaan Sanbataa qulqullummaatti utuma eegamuu, guyyaan inni Dilbataa kunimmoo akka bashannanaatti ilaalama ture. WG 56.2
Seexanni karoora isaa galmaan ga’achuuf karaa qopheessuudhaan, dhufaatii Yesuus isa jalqabaa dura, geggeessitoota warra Yihuudotaatti fayyadamee akka isaan seerota hundumaa keessaa isa baayyee ulfaataa godhanii ilaalanitti, ba’aa godhanii akka isaan namoota irratti fe’an godhe. Sana booda, ifa isa kanaan dura isaaniif baasetti fayyadamuudhaan, guyyaan sanbataa akka guyyaa warri Yihuudotaa hundeessanitti qofa akka ilaalamu taasise. Kiristaanotni guyyaa Dilbataa akka guyyaa gammachuutti ayyaaneffachuu yeroo itti fufan, warra Yihuudotaa irratti jibba akka isaan qabaatan gochuudhaaf guyyaa Sanbataa immoo akka guyyaa laguu, gaddaa fi guyyaa dukkanaatti akka fayyadaman gochuu eegale. WG 57.1
Jaarraa afuraffaa gara jalqabaatti mootii Roomaa kan ta’e Qonxenxinoos, guutummaa bittaa Roomaa jala kan jiraniif guyyaan Dilbataa akka guyyaa ayyaaneffannaa ta’utti labsii baase. Guyyaan Dilbataa inni warra Waaqayyooon hin beekneen kabajamuu jalqabe, kiristaanotaanis kabajamuu itti fufe; kunsis seera mootichi wal dhabdee warra Waaqa hin beeknee fi Kiristaanota gidduu jiru gara tokkummaatti fiduuf baasedha. Yoo guyyaa adda addaa waaqeffachuu irra guyyaa tokko waaqeffachuutti dhufame inni warri waaqa hin beekne maqaadhumaaf qofa kiristaanummaa fudhatan hafeetu aangoo fi ulfinni waldaa ol kaafama jedhanii yaaduudhaan, mootichi akka labsii kana baasuuf kan ariifachiise geggeessitoota waldaa warra aangoodhaaf dheebuu guddaa qaban turan. Haa ta’u malee, kiristaanotni Waaqayyoon sodaatan baayyeen isaanii suuta suuta gara qulqullummaa guyyaa dilbataa fudhachuutti haa geggeeffamaniyyuu malee, ammayyuu guyyaa Sanbataa isa dhugaa qulqullinaa fi akka abboommii isa afuraffaatti eeguu isaanii itti fufanii jiru. WG 57.2
Abbaan sobaa hojii isaa hin xumurre. aangoo isaa kara bakka bu’aa isaatii isa ani bakka bu’aa Kiristoos jechuudhaan ol of qabu sanaa hojii irra oolchuudhaaf kiristaanota hundumaa alaabaa tokko jalatti walitti makuudhaaf murteesse. Warra waaqa tolfamoo waaqessuu irraa kiristaanummaa gar-tokkeedhaan deebi’an, geggeessitoota warra kaka’umsa qabanii fi, namoota waldaa warra biyya lafaa jaallatanitti fayyadamuudhaan kaayyoo isaa galmaan ga’ate. Yerootii gara yerootti wal gahii gurguddoon warri waldoota keessatti beekamoo ta’an guutummaa addunyaa irraa walitti qabaman geggeeffamaa turan. Walgahii tokkoo tokkoo isaa irratti Sanbatni inni Waaqayyo hundeesse suuta suuta gadi qabamaa, Dilbati immoo faallaa isaa ol qabamaa adeeme. Akkasitti guyyaa ayyaaneffannaa warra waaqa hin beeknee kan ta’e Dilbatni akka sanbata Waaqayyootti kabajamuu fi Sanbatni inni kan Kitaaba qulqulluu immoo akka barmaata warra Yihuudaatti ilaalamee warri isa kabajanis himatamuu jalqaban. WG 57.3
“Waanuma Waaqayyo jedhamu hundumaa fi waanuma sagadamuuf hundumaa” olitti ol of qabuudhaan gantummaa guddaan sun fiixaan ba’e. 2 Tasaloonqee 2:4. Qajeelfama tokkicha seerota Waaqaa keessaa karaa shakkii hin qabneen namoota hundumaatti Waaqa isa dhugaa agarsiisu jijjiiruudhaaf ija jabaate. Abboommii afuraffaa keessatti Waaqayyo samii fi ardii kan uume ta’uu isaa ibsuudhaan waaqolii sobaa irraa adda baafame. Guyyaan torbaffaan akka guyyaa boqonnaatti qulqulleeffamee kan boqonnaaf namootaaf kenname, hojii uumuu Waaqayyo hojjeteef yaadannoo akka ta’uuf dha. Waaqayyo burqaa jireenya hundumaa fi kan kabajii fi waaqeffamuun maluuf akka ta’e yeroo hundumaa sammuu namaa keessatti akka eeguuf yaadamee sanbatni kenname. Seexanni namoota hundumaa amanamummaa Waaqayyoof qaban irraa fi seera Isaatiif abboomamuu irraa deebisuudhaaf dheebota; kanaaf jecha karaa adda ta’een abboommii isa Waaqayyo uumaa ta’uu isaa dubbatu haleeluu irratti xiyyeefata. WG 58.1
Warri pirotestaantotaa guyyaan Yesuus du’aa ka’e guyyaa sanbataa kiristaanotaati jedhanii fuula duratti dhiibaa jira. Garuu ragaa kitaaba qulqulluu hin qabu. Kabajini akkasii guyyichaaf Kiristoosiinis ta’e bartoota isaatiin hin kennamne. Guyyaa dilbataa akka sanbata Kiristaanotaatti kabajuun bu’uura “dhoksaa seera malee jiraachuu” isa bara Phaawuloosfaatti iyyuu mul’achuu jalqabe sana qaba. (2 Tasaloonqee 2:7.) Waaqayyo yoomii fi eessatti mucaa phaaphaasii kana mirkaneesse? Jijjiirama Kitaabni qulqulluun hin deggerre kanaaf sababni ga’aan kennamu maali? WG 58.2
Jaaraa jahaffaa keessa phaaphaasiin jabaatee hundeeffame. Teessoo aangoo isaatii magaalaa gudditti mootummaa keessa godhachuudhaan geggeessaa amantaa warra Roomaa mataa waldoota hundumaa akka ta’etti labsame. Waaqa tolfamaa waaqessuun phaaphaasiif karaa gad dhiise. Jawwichi, “humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaa bineensichaaf ni kenne.” Mul’ata 13:2. Yeroo kana ture kan waggootni 1260 dursanii raajicha Daani’elii fi Mul’ata keessatti hojiin phaaphaasichaa dubbataman kan jalqabe. Daani’eel 7:25; Mul’ata 13:5-7. Kiristaanotni filannoo lama keessaa tokko qofa filachuudhaaf dirqaman: sagantaa fi waaqeffannaa phaaphaasiif dursa kennuu, yookiin immoo fannifamuu, ibiddaan gubachuu fi, mataan irraa muramuudhaan du’uu. Inni Yesuus, “warri isin hore, obboloonni, aantiin keessanii fi firri keessan illee dabarsanii isin kennu; isin keessaas kaan ni ajjeesu. Hundinuu anaaf jedhanii isin ni jibbu.” jedhe sun asitti raawwii argate. Luuqaas 21:16, 17. Warra amanamoota irratti ari’annaan dheekkamsa guddaadhaan waan ka’eef yeroo kam irra caalaa dacheen kun dirree lolaa taate. Waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif waldaan Kiristoos gara moggaa fi iddoo gadi aanaatti baqatte. Raajichi kanaaf akkas jedhe: “dubartittiin immoo lafa onaatti ni baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf qopheesseef, qabdi turte.” Mul’ata 12:6. WG 59.1
Waldaan Roomaa gara aangootti ol ba’uun ishee jalqabbii jaarraa dukkanaa eegalsiise. Ammuma aangoon ishee dabalaa adeeme dukkanni isaas jabaataa adeeme. Amanitin Kiristoos isa bu’uura dhugaa ta’e irraa fuudhamee gara phaaphaasii Roomaatti darbe. Dhiifama cubbuu fi fayyina bara baraatiif qooda ilma Waaqayyootti amanuu, namootni gara phaaphaasichaa fi luboota warra phaaphaasichi bakka buutota isaa godhee muudee ilaaluu jalqaban. Phaaphaasichi lafa irratti araarsaa tokkichaa fi karaa isaa malee eenyu illee gara Waaqayyootti dhiyaachuu akka hin dandeenye barsiifaman; boodas, inni bakka Waaqayyoo fudhatee namni hundinuu mamii tokko malee akka isaaf abboomamuu qabu barsiifaman. Waan phaaphaasichi isaan irraa barbaadu raawwachuu irraa jal’ifnaan sun adabbii qaamaa fi lubbuu nama sana dhiphisu itti fiduudhaaf saba quubsaa ta’a. Akkasitti sammuun namootaa Waaqayyo irraa gara nama isa kufaa, dogoggoraa fi hamaa ta’eetti deebi’e; kara sanaa gara mootii dukkanaa isa karaa namoota kanaa hojii isaa raawwatuutti deebi’e. Cubbuun qulqullummaa offate. Yeroo kitaabni qulqulluun gadi qabamee, namni ofii isaa muummee ol’aanaa godhee dhiyeessu, wanti argamu wal’iin dha’uu, gowoomsuu fi jal’ina hamaadha. Seeraa fi barmaata namaa olkaasuudhaan faalamni guddaan seera Waaqayyoo moggaatti achi dhiibu raawwate. WG 59.2
Guyyoonni sun waldaa Kiristoosiif yeroo hamaa ture. Amanamtootni safartuu dhugaa iddootti eegan lakkoofsaan muraasa. Yooma dhugaan raga baatota malee hin hafne ta’e iyyuu, yeroo sanaaf waan sobni mo’icha argatee, amanitin dhugaan immoo lafa irraa bade fakkaatee ture. Wangeelli ija duraa dhookate, bifi waaqessuu immoo ni baayyifame, gatiin namoti baasuu qabanis akka ba’aa ulfaataatti itti fe’ame. WG 60.1
Phaaphaasicha akka araarsaa isaaniitti qofa akka ilaalaniif utuu hin taane, wanti isaan hojjetanis cubbuu isaanii isaaniif dhiisuudhaaf akka gargaarutti barsiifaman. Akka waan Waaqayyo akka namaa ta’ee, salphaamatti aaree, kennaadhaan yookiin namni ofiisaa adabuu isaa arguudhaan immoo qabbanaa’uutti lakkaa’uudhaan; karaa dheeraa deemuun, of adabuun, warra du’aniif sagaduun, waldaa, siidaa fi iddoo aarsaa ijaaruun, maallaqa guddaa waldaaf kennuun -- kanaaf kana kan fakkaatan baayyeen akka waan aarii Waaqayyoo isaaniif qabbaneessuutti yookiin faara tolaadhaan isaan ilaalchisuutti barsiifaman. WG 60.2
Sadarkaa argatte kanaan iyyuu utuu hin dhaabatin, waldaan Roomaa, geggeessitoota ishee hunda dabalattee, aangoo ishee ol kaafachuu ittuma fufte. Dhuma jaarraa saddettaffaa jala, phaaphaasiin akka waan lubootni ishee hundinuu jaarraa jalqabaatii kaasee hafuuruma aangoo amma qabaniin wal fakkaatu kan fudhatanii turan ta’uu isaanii labse. Kana dhugoomfachuudhaaf akka isaaniif malutti; abbaan sobaa sun mala isaaniif dha’e. Barreeffamootni duraan turan warra moloksee jedhamaniin akka wal fakkaatee barreeffamu godhame. Labsii fi gorsi kanaan dura dhaga’amee hin beekne, aangoon phaaphaasichaa kan addunyaa hunda hammatu ta’uun isaa jalqabumaa kaasee himamee ture kan jedhu argameera jechuun jalqabame. Waldaan isheen mamiidhaan dhugaa gantee turte gowoomsaa kana ni fudhatte. WG 61.1
Ijaartotni dhugaa muraasni warri dhugaa irratti ijaaran (1 Qorontoos 3:10, 11) akka barsiisota sobduu fi gufuu hojichaatti lakka’amanii jibbaman. Akkuma ijaartota dallaa Yerusaalem bara Nahimiyaa keessa turan tokko tokkoo “humni namoota warra ba’aa baatanii dadhabeera, caccabaan jirus immoo baayyee waan ta’eef, dallicha ijaaruu hin dandeenyu” jechuudhaaf qopha’anii turan. Nahimiyaa 4:10. Ijaartotni hundee dhugaa amanamoota ta’an muraasni, ari’atama, gowoomsaa, jalli’na, fi gufuu seexanni guddina isaanii gufachiisuudhaaf karaa isaanii dura kaa’u kanaa wajjin itti fufiinsaan wal’aansoo qabuu irraa kan ka’e dadhabanii abdii kutatan; qabeenyaa isaanii fi jireenya isaanii oolfachuudhaaf jecha, hundee dhugaa sana irraa gara galan. Warri gara kuteeyyiin kaan immoo sodaa tokko malee diinota isaaniitiin akkas jedhan: “isaan hin sodaatinaa! Waaqayyo isa guddaa isa sodaatamaa yaadadhaa!” (lakk. 14); hundumtuus billaa mudhiitti hidhatanii hojii isaanii itti fufan. Efesoon 6:17. WG 61.2
Baroota hundumaa keessa hafuura jibbaa fi mormii wal fakkaataatu diinota Waaqayyoo biraa dhufa, Garboota Waaqayyoo irraas xiyyeeffannaa fi amanamummaa wal fakkaataatu eegama. Dubbiin Kiristoos bartoota isaa warra jalqabaatti dubbate duuka buutota Isaa warra bara xumuraa keessa jiraataniifis hojii irra oola: “kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!” Maarqos 13:37. WG 61.3
Dukkanni caalaatti jabaate. Bifa fakkeenyaaf sagaduun beekamaa dhufe. Dungoon qabsiifamee bifa fakkeenyaa dura ka’amuudhaan isaaniin kadhachuun raawwatamaa ture. Wantotni gadi aanoo fi tuffatamoon iddoo fudhachaa adeeman. Sammuun namootaa amma yaaduu waanti jedhamu iddoodhaa buqqa’uutti gowoomsaadhaan guute. Luboonni ishee ofii isaaniitiiyyuu qannoo kan jaallatan, albaadhotaa fi kan xura’an waan ta’aniif namootni isaan irraa qajeelfamu barbaadan hundinuus kan hin abboomamnee fi xura’ota ta’an. WG 62.1
Phaaphaasii ilaalchisee tarkaanfiin biraan kan fudhatame, jaarraa kudha tokkoffaa keessa yeroo phaaphaasiin Gregory VII jedhamu waldaan Roomaa kan mudaa hin qabne ta’uu ishee labsedha. Labsii inni dabarse keessaa tokko, akka kitaaba qulqulluutti waldaan Roomaa takkaa dogoggortee hin beektu, fuula durattis hin dogoggortu kan jedhu ture. Kitaabni qulqulluu garuu akka labsii kana hin hordofne mirkaneessa. Phaaphaasii of tuulaan mootota iyyuu akka aangoo irraa kaasuu danda’u labsuudhaan, jecha inni jedhe namni tokko illee jijjiiruu akka hin dandeenyee fi inni garuu jecha nama kami iyyuu akka jijjiiruu danda’u hime. WG 62.2
Abukaattummaa kan hin dogoggorre ta’uu isaa ol’antummaadhaan dubbate kana kan fayyadame dhimma mootii biyya Jarman, Henry IV wajjin qabu irratti ture. Mootiin kun aangoo phaaphaasiif abboomamuu waan dideef akka qoqqobamuu fi aangoo irraa darbatamutti yaadame. Mootichi geggeessitoota biyya isaa keessaa warra dubbii phaaphaasichaa fudhatanii isa irratti ka’uuf hamilee argatan sodaachuudhaan Roomaa wajjin walii galtee uumuudhaaf murteesse. Haadha manaa isaa fi hojjetoota isaa keessaa warra amanamoota fudhatee walakkeessa waqtii cabbie keessa ofii isaa kan gad of deebise ta’uu isaa agarsiisuudhaaf gara Roomaatti ce’e. Yeroo bakka phaaphaasichi jiraatu ga’etti, qofaa isaa, loltootni utuu bira hin jiraatin, bakkee keessa, yeroo cabbii sana keessa, mataa duwwaa, morma duwwaa fi miilla qullaa uffata tuffatamaa uffatee dhaabatee seenuudhaaf heyyama phaaphaasichaa eegaa ture. Guyyaa sadii guutuu laguudhaan amma inni achi dhaabataa turutti phaaphaasii of tuulaan sun dhiifama isaaf hin goone. Mallattoo mootummaa isaatii yookiin uffata mootummaasaatii deebisee uffachuudhaan dura phaaphaasii irraa deebii eeggachuu qaba ture. Kanaaf Gregoryiin moo’icha isaa lakka’achuudhaan aangoon mootota teessoo isaanii irraa buusuu kan kooti jedhee caalaatti iyyuu aangoo isaatiin dhaadate. WG 62.3
Koormaa phaaphaasii of bokoksituu kanaa fi gad of deebisuu fi gaarummaa Kiristoos wal bira qabanii ilaaluun akkam nama rifachiisa; Kiristoos isa balbala onnee nama cubbamaa irra dhaabatee, seenee cubbuu isaa qulleessuu fi nagaa kennuufiif kadhatu; isa bartoota isaatiin: isin keessaa eenyullee dura ta’uu kan barbaadu yoo jiraate, garbicha isiniif haa ta’u.” jedhe Maatewoos 20:27. WG 63.1
Jaarraan darban hunndinuu barsiisa dogoggoraa Roomaa irraa dhiyaatu keessummeessaa turteetti. Utuma sirni phaaphaasii hin hundeeffamin dura illee, falaasamni warra ormootaa xiyyeeffannaa guddaa argachuudhaan waldaa keessatti dhiibbaa geggeessuu eegalee ture. Ormootni warri maqaadhaaf qofa kiristaana taaneerra jedhan ammayyuu dunkaana falaasama ormootaa jalaa hin bane, falaasama sana ofii isaaniitii qorachuu irra darbanii karaa ittiin warra Waaqa hin beeknetti dhugaa baanu nuuf saaqa jechuudhaan warri kaanis akka qorataniif sardaa turan. Yeroo sanadha kan dogoggorri hedduun isaa amantii kiristaanotaa keessa seene. Isaan keessaa tokko isa namni uumamaan kan hin du’uu hin dandeenyee fi du’eera erga jedhamee booda illee kan of beeku ta’uu isaa amanuudha. Kun immoo barsiisa amantaa Roomaa isa maqaa qulqullootaan kadhatanii fi Maariyaamiif sagadaniif bu’uura ta’e. Akkasumas inni lubbuun qalbii hin jijjiirrannne bara baraan dhiphifamaa jiraatti jedhu baruma gara jalqabaa sana keessa amantaa Roomaatti dabalame. WG 63.2
Kun immoo ammas dabalee barsiisa ormootaa kan biraadhaaf karaa qopheesse; namni samiitti galuun kennameef qaamaan erga du’ee booda bakki itti lubbuun isaa dhiphifamuudhaan akka samiitti galuun ta’uufitti dhiphifamtu jira kan jedhu dha; kunis barsiisa Roomaa isa duuka buutota ishee lakkoofsaan hedduu ta’an sodaachisuudhaaf qophaa’edha. Barsiisi sobaa kun akka bakki itti erga du’anii booda sababii cubbuutiif dhiphifamanii fi dhiphifamuu sanaan erga cubbuu irraa qulla’anii booda gara samiitti akka darbaniif kan heyyamamu ta’uu isaa kan barsiisudha. WG 63.3
Ammas akka Roomaan sodaa fi jal’ina duuka buutota isheetii irraa fayyadamtuuf barsiisi sobaa kan biraan ishee barbaachise; kunis barsiisa cubbuu qulleessuu jedhuun dhiyaate. Warra yeroo Phaaphaasii uftuulaan sun daangaa isaa balifachuuf lolutti yookiin diinota isaa adabutti yookin warra ol’aantummaa hafuuraa isaa fudhachuu didan yeroo adabautti isaa wajjin iriiraniif cubbuun isaan kanaan dura hojjetan, kan isaan amma hojjetanii fi cubbuun fuula duratti hojjechuuf jiran hundi guutummaatti akka isaaniif dhiifamu abdachiifame. Kana malees namootni cubbuu isaanii irraa qullaa’uudhaaf yookiin fira isaanii warra du’anii gara dhiphina bara baraatti darban achi keessaa baasuudhaaf qarshii kaffaluu akka danda’an barsiifaman. Akkasittidha kan Roomaan kan maallaqa walitti qabachuudhaan ulfina, qannoo fi jal’ina kan walitti qabatte; inni isheen sobdee bakka bu’aa Isaati jette garuu Isa gaaddisa mataa isaa jala qabatu iyyuu hin qabu ture. WG 64.1
Irbaatni qulqulluun inni kitaaba qulqulluu keessatti caqasame aarsaa waaqa tolfamaaf dhiyaatuun bakka bu’e. Lubootni phaaphaasichi ka’ate waanuma hiikkaa hin qabne raawwachuudhaan maxinoo fi wayinii qulla’aa sana gara foonii fi dhiiga Yesuusitti dhugumaan akka jijjiiran himuu jalqaban. (--Cardinal Wiseman, The Real Presence of the Body and Blood of Our Lord Jesus Christ in the Blessed Eucharist, Proved From Scripture, lecture 8, sec. 3, par. 26.) Yaada isaanii isa Waaqayyoon arrabsuutti lakka’amuun, akka waan humna Waaqayyo isa ofii isaatiiyyuu waan hundumaa uume uumuu akka qabanitti dhiyeessan. Kiristaanotni yeroo du’uuf wixxifatanitti illee jecha isa samiidhaaf arrabsoo ta’e kana amananii ifatti akka dhugaa ba’aniif dirqisiifamu turan. WG 64.2
Jaarraa kudha sadaffaa keessa ture kan mootora phaaphaasichaa keessaa inni baayyee hamaa ta’e kan hundaa’e -- mana murtii dhimmoota hafuuraa. Mootiin dukkanaa sun sammuu geggeessitoota phaaphaasichaa hunda ni micciire. Wal gahii dhoksaatti godhatan keessatti seexanni sammuu namoota jal’oota ta’anii hunda ni to’ate; ergamaan Waaqayyoo inni ijaan hin mul’anne garuu isaan gidduu seenuudhaan galmee qorannaa fi murtii akkasumas kan seenaa baayyee jibbisiisaa ta’an isaan barreessan fuudhee akka ija namaatti mul’atu taasise. “Baabiloon guddittiin dhiiga qulqullootaatiin machoofte.” Dhiigni qulqulloota wareegamanii humna gantummaa sana irratti akka inni ijaa baasuuf gara Waaqayyootti iyye. WG 65.1
Phaaphaasiin abbaa hirree guutummaa addunyaa ta’e. Moototnii fi bulchitootni, Roomaa of tuulaa sanaaf sagadan. Xumurri dhala namaa kan yeroos ta’e kan bara baraa akka waan harka phaaphaasichaa keessa jiruutti lakka’ame. Waggoota dhibbaan lakka’amaniif barsiifni Roomaa ballinaa fi kallattii hundumaan ni fudhatame, barmaatni isaa kabajaan hojii irra oole, ayyaaneffanaan isaas akka walii galaatti ni kabajame. Lubummaan isaa kabajamee biliisummaadhaan itti fufiinsa argate. Waldaan Roomaa akka baroota sanaa kabaja, ulfinaa fi aangoo guddaa akka sanaa argattee hin beektu. WG 65.2
Haa ta’u malee, “Yeroon phaaphaasiif guyyaa saafaa ta’e kun biyya lafaatiif halkan walakkaadha.” --J. A. Wylie, The History of Protestantism, b. 1, ch. 4. Kitaabni qulqulluun saba biratti mitii luboota biratti iyyuu sadarkaa hin beekamne irra ga’e. Akkuma bara fariisotaa, ifti cubbuu isaanii mul’isu geggeessitoota phaaphaasichaatiinis ni jibbame. Seerri Waaqayyoo inni safartuu qajeelummaa ta’e iddoodhaa kaafamee, aangoo isaanii daangaa malee fi jal’inas dhowwaa tokko malee raawwatan. Waliin dha’uun, kajeellaa hamaa fi albaadhummaan ol aantummaa argate. Namoota yakka hin qabne gad deebisuun karaa isaan ittiin aangoo fi qabeenyaa argatan ta’e. Buufatni namootaa fi lubootaa da’oo jal’inaa jibbisiisaa ta’e. phaaphaasotni muudaman tokko tokko yakki isaanii baayyee hamaa waan ta’eef amma geggeessitootni warri kiristaanummaatii ala jiran gocha hamaa kana dhaabsisuudhaaf yaalii godhanitti isaan geessisee ture. Jaarraa hedduudhaaf biyyi Awuroophaa barumsa, aartii fi qaroomina irratti guddina hin agarsiifne. Kirisaanummaa keessatti dandeettii gaarii fi ahamaa adda baasuu fi beekumsi ni lamshaa’e. WG 65.3
Harka Roomaa jala yeroo turtetti haalli biyyi lafaa keessa turte haala sodaachisaa isa raajichi Hose’an dubbate raawwachuu isaa argisiisu ture: “Sabni koo karaa ittiin na beeku waan dhabeef balleeffame; ati ana beekuu tuffattee waan dhiifteef, anis luba anaaf ta’uu kee tuffadheen si dhiise; erga ati seera koo seera Waaqayyoo keetii irraanfattee, anis immoo ilmaan kee nan irraanfadha. … biyyicha keessa amanamummaan, jaalalli, Waaqayyoon beekuun waan hin jirreef, … kakatanii haaluun, ajjeesuun, hatuun, ejjuun, humnaan nama irratti ka’uun, dhiiga dhangalaasuun, dhiiguma dhangalaasuu itti ni dabala.” Hose’a 4:6, 1, 2. Dubbii Waaqayyoo balleessuun bu’aa akkasii argamsiise. WG 66.1