Boqonnaa 32—Kiyyoowwan Seexanaa
Boqonnaa 32—Kiyyoowwan Seexanaa
Wallansoo guddichi inni naannoo waggoota kuma ja’aaf Kiristoosii fi seexana gidduutti geggeeffamaa ture yeroo dhiyootti goolabamuuf jedha; inni hamaan sun hojii Kiristoos ilmaan namootaaf hojjetu gufachiisu fi lubbuu danuu kiyyoo isaatti galchuuf jecha humna isaa dachaadhaan dabalaa jira. Hanga hojiin araarsuu Fayisaa keenyaa xumuramuu fi aarsaan sababii cubbuuf dhiyaatu kan biraan tokko illee dhibamuutti lubbuu dukkana keessatti ittisuu fi akka qalbii hin jijiiranne gochuun kayyoo seexanaa isa guddaa dha. WG 380.1
Yeroo waldaa fi biyya lafaa keessatti maal-nadhibdeen baay’atuu fi humna isaatiin mormuudhaaf dhama’insi addaa hin godhamne, seexanni yaaddoo tokko hin qabu; sababiin isaa, namoota fedha isaatiin gara boojuutti geggeessaa jiru dhabuuf balaan tokko illee hin jiru waan ta’ef. Garuu yeroo dhimma jireenya barabaraatif xiyyeeffannoon kennamuu fi yeroo lubbuun “fayyuudhaaf maal gochuutu narra jira?” jedhttee gaafattu, dhiibbaa Hafuura Qulqulluu daangessuu fi humna Kiristoosiin mormuuf humna isaa qixxeeffatee hirirsuu barbaada. WG 380.2
Yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula gooftaa duratti of dhiyeessuudhaaf dhufan tokko seexannis dhufee isaan gidduutti argame jedhee Macaafni Qulqulluu in dubbata (Iyoob 1:6), Kayyoon achitti argamuu isaa fuula Mootii barabaraa duratti waaqeffannaadhaaf gugguufuuf osoo hin taane, kaayyoo hamminaa isaa isa toloota irratti karoorse galmaan ga’achuuf jecha ture. Har’as kaayyoo wal-fakkaataa qabatee wal-ga’ii warra Waaqayyoon waaqessuuf walitti qabamanii keessatti hirmaata. Ija namootaatti kan hin mul’annee yoo ta’e illee, sammuu namoota Waaqayyoon waaqessanii to’achuuf jecha dammaqina olaanaadhaan hojjechaa jira. Inni akka hogganaa waraanaa (jeeneraala) dandeettii olaanaa qabuutti dursee karoora isaa diriirsa. Yeroo ergamaan Waaqayyoo(namni Waqayyoof ergamu) Macaafa Qulqulluu sakkatta’u itti siqee waa’ee mata duree namootaaf dhi’aatuu sanaa yaadannoo qabata. Sanaan booda, namoota qabxii sana irratti gowwomfamanii jiran bira ergichi akka hin geenye gochuuf haxxummaa fi abshaalummaa isaatti fayyadamee haala hundumaa to’achuuf dhama’insa geggeessa. Namni ergaan akeekkachiisaa kun baay’isee isa barbaachisu, gara hojii (dhimma) kan biraa qaamaan irratti argamuun isa dirqisiisuutti bobbaafama; yookiis immoo, ergaa foolii jireenyaa isaaf ta’uu danda’u sana akka inni hin dhageenyetti tooftaa kan biraatiin irraa daangefama. WG 380.3
Itti dabalees, waa’ee dukkanaa’ummaa hafuuraa namoota marsee jiruuf yeroo garboonni Waaqayyoo dhiphatan seexanni ni ilaala. Abaarsi maal-nadhibdee fi dhibaa’ummaa ayyannaa fi humna Waaqayyootiin akka cabuuf jecha yeroo isaan dhimmanii onnee irraa kadhatan ni dhagggeeffata. Sanaa booda hinaaffaa haara’een kakaafamee hojii haxxummaa isaatii ogummaadhaan saffisiisa. Akka namoonni wantoota jireenya isaaniif baay’isee barbaachisaa ta’e dhagaa’anii hin barannetti miira namootaa hadoochuuf jecha, Seexanni fedha nyaataa fi wantoota fedha foon isaanii gammachiisuutti (bohaarsutti) dabarsanii akka of kennaniif namoota qora. WG 381.1
Kadhannaa fi qayabanna Macaafa Qulqulluu dhiisuutti warri inni geggeessuu danda’u hundinuu haleellaa isaatiin akka isaan mo’aman seexanni gaarii godhee beeka. Kanaaf iyyuu sammuu namootaa booji’uuf jecha mala isaaf dandaa’ame mara uuma. Gareen nuyi amantoota ofiin jedhanii, garuu immoo qooda dhugaa baruudhaaf dhama’insa gochuu, warra faallaa yaada isaanii dhaabbattanii keessa dogoggora amantii yookiin hanqina amala namootaa barbaaduu amantii isaanii godhatan yeroo kamiin iyyuu turaniiru. Namoonni akkasii kun warra harka mirgaa ta’anii seexanaa gargaaranii dha. Hammesitoonni obboolootaa yertuu miti, isaan yeroo Waaqayyoo hojjetuu fi yeroo garboonni Waaqayyoo sagada dhugaa Waaqayyoof dhiyeessan gaafa hundumaa dammaqanii hojjetu. Isaan jechaa fi gochaa warra dhugaa jaallatanii fi dhugaadhaaf abbomamaniitti halluu sobaa dibu. Isaan garboota Kiristoos warra dhimmanii hojjetan, warra hinnaaffaa qabanii fi mataa isaanii ganan akka gowwomsituutti yookiin immoo akka waan isaan mataan isaanii iyyuu gowwomfamaniitti dhiyeessu. Ka’umsa yaada hojii gaarii fi ulfina qabeessaa hundumaa jal’isanii dhiyeessuu fi oduwwan gadhee (hamoo) tatamsaasuudhaan sammuu namoota shaakala amantii hin qabnee keessatti mamii kakaasuun hojii isaaniiti. Wanti qajeelaa fi qullaa’aa ta’e gowwomsaa fi gowwummaa fakkatee akka inni mul’atu gochuuf karaa mijataa fi fudhatama qabu hundumaa ni dhama’u. WG 381.2
Garuu waa’ee eenyummaa isaanii ilaalchisee namni kam iyyuu gowwomfamuu hin qabu. Ijoollee eenyuu akka isaan ta’an, fakkeenya eenyuunis akka isaan hordofanii fi hojii eenyuun akka isaan hojjetan salphaatti adda baasuun ni dandaa’ama. “Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu.” Maat.7:16. Daandiin isaanii summaa’aa, maqaa balleessuudhaan kan guutamee daandii seexana isa “hammeessituu obbollootaa” ta’ee dha. Mul 12:10. WG 381.3
Gowwomsituu inni guddichi bakka buutota jajjaboo barsiisa dogogoraa gosa kamiin iyyuu dhiheessanii lubbuu kiyyeessuuf qophaa’oo ta’an danuu qaba. Namoota balleessuuf karoorse hunda balleessuf akka isaaf mijatutti barsiisa gantummaa dandeettii isaanii madaaluu fi fedha isaanii addaa addaa wajjin wal-simatu qopheessa. Namoota amanamummaa in qabne, warra hin jijjiramne, mamii fi amantii dhabuu kan jajjabeessan, dagaagina hojii Waaqayyoo fi guddina jireenya hafuuraa dhuunfaa isaanii arguu warra barbaadan hundumaatti gufuu kan ta’an waldaatti dabaluun kaayyoo isaa dha. Namoonni baay’een utuu Waaqayyo irrattis ta’e sagalee Isaa irratti amanittii qabatamaa hin qabaatin, qajeelfama dhugaa murtaa’an qofa amanuudhaan akka Kiristiyaanotaatti lakkaa’amu. Haala kanaan barsiisa isaanii isa dogoggoraa barsiisa Macaafa Qulqulluu fakkeessanii dhiheessuuf haala mijataa argatu. WG 381.4
“Namoonni wanta barbaadanitti yoo amanan miidhaa uumu tokko illee hin qabu” yaadni jedhu gowwomsaa seexanaa inni itti milkaa’ina olaanaa argateedha. Dhugaan jaalalaan simatamee fudhatame onnee nama dhugicha simatee fudhatee akka inni qulleessu seexanni sirritti beeka; sababa kana ta’eef, tiiyoorii sobaa, oduu durii garaagaraa fi wangeela kan biraa bakka dhugaa buusuuf jecha walitti fufinsaan hojjechaa jira. Garboonni Waaqayyoo jalqabaa kaasanii barsiisota sobaa wajjin wallansoo gochaa turaniiru. Barsiisonni sobaa kun gara jabeeyyii fi hamoo qofa osoo hin taane, namoota barsiisa sobaa lubbuu ajjeesuu danda’u sammuu namootaa keessatti facaasaa turaniidha. Eliyaas, Ermiyaasii fi Phaawuloos, sodaa tokko malee ejjennoo cimaadhaan namoota dubbii Waaqayyoo irraa saba garagalchaa turaniin mormaniiru. Yaadni barbaachisummaa amantii dhugaa qabachuu fayidaa maleessa godhee ilaalu (liberality) falmitoota dhugaa warra qulqulloota kana biratti bakka hin arganne. WG 382.1
Hiikkaan heertuulee Macaafa Qulqulluu ifaa hin taanee fi dhugaa irratti hin hundoofne, akkasumas dhimma amantii ilaalchisee tiiyooriin garaagaraa wal-falleessu inni har’a guutummaa Kiristiyaanota addunyaa keessatti argamuu hojii diinichi inni guddaan sammuu namootaa burjaajessee akka namoonni dhugaa adda baasanii hin hubanne gochuuf hojjete dha. Sababiin wal-qoqqoodinsaa fi walii galtee dhabuu waldoolee Kiristiyaanaa inni guddaa, tiiyoorii mataa ofii deggeruuf jecha heertuu Macaafa Qulqulluu haqaaquun (micciiruun) amaleeffatamee waan jiruufi dha. Namoonni baay’een fedha Waaqayyoo baruuf qooda gadi of deebisanii sagalee Waaqayyoo qayabatan, waan haaraa yookaan waan adda ta’e bira ga’uu barbaadu. Barsiisi amantii (doktiriniin) dogoggoraa yookaan shaakalli al-Kiristiyaanummaa itti fufanii akka jiraataniif jecha, namoonni tokko tokko heertuu Macaafa Qulqulluu qabiyyee isaa irraa adda ba’e irratti xiyyeefatu, tarii immoo yaada isaanii dhugoomsuuf jecha heertuu tokkicha gargar kutanii walakkaa heertuu sanaa caqasuu, haa ta’u malee, kutaan heertuu sana inni hafee hiikkaa faallaa ta’e kenna. Haxxummaa bofaatiin deggeramanii yaada isaanii isa fedha foonii wajjin akka wal-simutti gargar cicite qophaa’e jala dhokachuu barbaadu. Namoonni baay’een utuu beekanii akkasitti dubbii Waaqayyoo jal’isu. Warri sammuu si’ataa qaban immoo Macaafni Qulqulluu ofii isaa kan hiiku ta’uu isaatiif dhuga ba’umsa kennamee jirutti iddoo utuu hin kennin, fakkeenyota Macaafa Qulqulluu keessaa akka fadha isaaniitti hiikanii yaada isaanii isa keessummaa akka barsiisa Macaa Qulqulluutti dhiheessu. WG 382.2
Qayabannaan Macaafa Qulqulluu kadhannaadhaan, gadi-of-deebisuu fi hafuura barsiifamuuf fedha qabuun itti hin seenamu yoo ta’e, dubbisi Macaafa Qulqulluu ifaa fi salphaa ta’an, akkasumas heertuleen hubatamuudhaaf rakkisoo ta’an hiikkaa isaanii isa dhugaa gad-dhiisu. Geggeesitoonni sirna Phaaphaasii mirga amantoonni ofii isaaniitii Macaafa Qulqulluu dubbisanii dhugaa qulqullaa’aa hubachuuf qabanis utuu sarbanii kutaa Macaafa Qulqulluu hubachuudhaaf rakkisoo ta’an kana fo’atanii bu’aa mataa isaanii wajjin akka wal-simatu godhanii hiikuudhaan namootaaf dhiheessu. Guutummaan Macaafa Qulqulluu utuu keessaa hin hir’atni namootaaf kennamuu qaba. Barumsi Macaafa Qulqulluu waliin dha’amaa ta’ee namootaaf kennamuu mannaa tasa barumsi Macaafa Qulqulluu utuu isaaniif kennamuu dhiisee wayya. WG 382.3
Macaafni Qulqulluun namoota warra fedha Waaqayyoo beekuu barbaadan hundumaaf geggeessaa (qajeelfama) akka ta’uuf karoorfame. Waaqayyo sagalee raajii amansiisaa ta’e namootaaf kenneera; ergamoonni Waaqayyoos ta’e Kiristoosumti mataan isaa illee, wanta yeroo dhiyootti dafee ta’uuf jiru akka beekan gochuuf gara Daani’elii fi Yohaannisin dhufaniiru. Dhimmoonni fayyina keenyaaf barbaachisoo ta’an iccita ta’anii hin hafne. Akkasumas karaa namoota amanamummaadhaan dhugaa baruu barbaadan dogogorsuu fi burjaajessuun hin kennamne. Gooftaan karaa raajicha Ambaaqom akkana jedhee dubbateera: “Mul’ata argite kana, akka namni rakkina malee dubbisuu dandaa’utti, mul’isii gabatee irratti caafi!” Anbaaqom 2:2. Sagaleen Waaqayyoo namoota Onnee kadhannaatiin qayabatan hundumaaf ifaadha. Lubbuun amanamoon hundumtuu gara ifa dhugaa ni dhufu. “Nama qajeelaaf ifni…in ba’a.” Faar 97:11. Miseensonni waldaa akka nama qabeenya dhokataa barbaaduutti dhimmanii dhugaa hin barbaadan yoo ta’e, waldaan kam iyyuu qullaa’ummaatti guddachuu hin dandeessu. WG 382.4
Utuu inni kaayyoo isaa galmaan ga’aachuuf yeroo hundumaa dammaqee hojjechaa jiruu namoonni yaada barbaachisummaa amantii dhugaa fayidaa maleessa godhee ilaaluuf (liberality) utuu iyyaanii kaayyoo diina isaaniif iji isaanii jaamee jira. Macaafa Qulqulluu tilmaama yaada namaatiin bakka buusuu irratti milkaa’ina yeroo inni argatu, seerri Waaqayyoo ni dhiifama, Waldoonnis birmadummaa qabna jedhanii utuuma faarsanii garbummaa cubbuu keessa gangalatu WG 383.1
Qorannaan saayinsii namoota baay’eedhaaf abaarsa ta’eera. Biyyi lafaa argannoo saayinsii fi ogummaa aartiitiin akka isheen guutamtuuf jecha Waaqayyoo ifa kenneera, Haa ta’u iyyuu malee, namoonnumti warri hayyuudha jedhaman illee qorannaa isaanii keessatti sagalee Waaqayyootiin hin geggeefaman yoo ta’e, walitti dhufeenya (firooma) Macaafa Qulqulluu fi saayinsii gidduu jiru baruudhaaf dhama’insa godhan keessatti ni burjaaja’u. WG 383.2
Waa’ee dhimma hafuuraas ta’e waa’ee wanta lafa kana irraa ilaalchisee beekumsi dhalli namaa qaban daanga’aa (gar tokkee) fi hir’uudha; kana irraan kan ka’e baay’onni waa’ee ilaalcha saayinisiif qabanii fi dubbii Macaafa Qulqulluu keessatti caafame wal-simsiisuu hin dandaa’an. Namoonni baay’een Tiiyoorii fi tilmaama waa’ee hin baafne akka saayinsii dhugaatti fudhanii, “Wanta sobaa isa beekumsa” (1Xim 6:20) jedhamee waamame kanaan Macaafni Qulqulluun madaalamee ilaalamuu qaba jedhaii yaadu. Uumaa fi hojiin harka Isaa hubannaa isaanii gararraadha; isaan kanneen kana karaa seeroota uumamaa (natural law) ibsuu waan hin dandeenyeef seenaa Macaafa Qulqulluu akka waan amansiisaa hin taaneetti lakkaa’u. Ragaan Macaafota kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti caafamee jiru amansiisaa ta’uu isaa warri shakkan, yeroo baay’ee tarkanfii caalaatti achi fagoo ta’e fudhatanii jiraachuu Waaqayyoo shakkuutti oofamuu. Kana irraan kan ka’e, humni Waaqayyoo inni daangaa hin qabne uumama keessatti kan argamu ta’uu isaa dubbatu. Qofoo bidiruu (anchor) lubbuu isaanii dhiisuuf waan heyyamaniif kattaa gantummaatti rukutamu. WG 383.3
Namoonni baay’een haala kanaan amantii irraa garagalanii gowwomsaa seexanatti harka kennu. Namoonni uumaa isaanii caalaa ogeessota ta’uudhaaf dhamaa’aniiru; falaasamni namaa iccita barabaraan bira ga’amuun hin dandaa’amne sakkatta’uu fi ibsuuf dhama’insa godheera. Garuu, utuu namoonni wanta Waaqayyo waa’ee ofii Isaa fi kaayyoo Isaa ilaalchisee mul’ise qofa qayabatanii hubatanii, silaa xinneenyummaa isaanii beekanii wanta Waaqayyo isaanii fi ijoollee isaaniitti mul’isetti akka quufanitti hubannaa ulfina, guddina, fi humna Waaqayyoo in argatu turan. WG 383.4
Wantoota Waaqayyo hin mul’isini jiruu fi wanta Inni akka nuti hubannuu hin barbaadne irratti qorannaa geggeessuu fi tilmaama qabatamaa hin taane kennuu irratti sammuun namootaa hidhamee akka inni turu gochuun, gowwomsaa seexanni ittiin milkaa’ina argate keessaa isa olaanaadha. Luusiferiis iddoo olaanaa samii keessaa isaaf kennamee ture kan inni dhabe haala kanaani. Dhoksaa fi kaayyoon Waaqayyoo guutummaa guutuutti isatti hin mul’ifamne waan ta’eef gammachuu dhabe. Kana qofas osoo hin taane, gita hojii isaa isa olaanaa sana irratti ga’een hojii isaa maal akka ta’e ilaalchisee ibsa isaaf kenname guutummaa guutuutti kabaja dhowwate. Onnee ergamoota ajaja (hoggansa) isaa jala turanii keessatti hafuura gita ofiitti quufuu dadhabuu akkanaa kakaasuudhaan kufaatii isaanitti fide. Seexanni har’as hafuura wal-fakkataa sammuu ilmaan namootaa keessatti facaasuu fi gara abboommota Waaqayyoo kabaja dhowwachuutti isaan geggeessuu barbaada. WG 383.5
Dhugaa Macaafa Qulqulluu isa asii fi achi hin jenne fi ifaa ta’ee fudhachuu warri hin barbaadne, oduu durii isa gurra namaatti tolu fi ceephoo sammuu irraa boqonnaa namaaf kennu dhaga’uu barbaadu. Barsiisni wangeelaa sadarkaa hafuuraa isaa hin eegne, gadi of deebisuu fi of-ganuu kan hin gaafanne isaan biratti fudhatama guddaa qaba. Namoonni akkasii kun fedha foon isaanii gammachiisuuf jecha dandeetti sammuu isaanii gadi buusu. Geggeessaa Waaqayyoo beekuuf lubbuu gadi of deebisee fi kadhannaadhaan Macaafa Qulqulluu qayabachuuf ofii isaaniitti qalbi qaboota (ogeeyyii) waan of se’aniif gaachana gowwomsaa irraa isaan eeguu hin qaban. Seexanni wanta fedha isaanii isaaniif kennuudhaaf qophaa’aa waan ta’eef qooda dhugaa soba isaaniif kenna. Sirni Phaaphaasii sammuu namootaa to’achuu irratti kan inni fiixaan ba’umsa argate haala kanaanidha. Dhugaan aarsaa nama gaafata waan ta’eef Pirootestaantonni dhugaa dhiisanii daandii wal-fakkaataa irra bu’aniiru. Garaagarummaan isaanii fi biyya lafaa gidduu akka hin jiraanne hawwanii qajeelfamaa fi wanta dhugaa beekuudhaaf Macaafa Qulqulluu qayabachuutti warri dugda gatan hundinuu, qooda dhugaa barsiisa gantummaa fudhachuutti dabarfamanii kennamu. Barsiisni sobaa hundinuu namoota warra utuu beekanii fedha isaaniitiin dhugaa ganan biratti fudhatama ni argatu. Namni inni gowwomsaa isa tokko balaaleffannadhaan ilaalu, gowwomsaa isa kan biraa immoo salphaatti fudhata. Waa’ee gartuu warra “fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu didanii” ilaalchisee ergamaan Phaawuloos akkana jedhee dubbate: “Warri baduuf jiran hundinuu immoo fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didaniif, gowwoomsaa hamminaa hunduma isaan irratti in fida. Kanaafis Waaqayyo, wanta dhugaa hin ta'in akka amananiif gochaa nama wallaalchisu isaanitti in erga. Warra jal'inatti gammadanii dhugicha hin amanne hundumaatti akka faradamu in godha.” 2Tas. 2:10-12. Akeekkachisi nuuf kenname kun, barsiisa wangeelaa fudhannu irratti of-eeggannoo gochuu akka qabnu nu hubachiisa. WG 384.1
Meeshaa (tooftaa) gowwomsituu inni guddichi bifa olaanaa fi milkaa’ina qabuun itti fayyadamaa jiru keessaa inni tokko barsiisa wallaalchisaa fi dinqiwwaan warri tolchatti amanan (spiritualism) hojjetanidha. Inni ergamaa ifaa fakkaatee bakka namoonni baay’inaan hin shakkinetti dhi’aachuudhaan kiyyoo isaa diriirsa. Garuu, utuu namoonni isa hubachuuf jecha hafuuraa kadhannaa fi onnee dhimmameen Macaafa Qulqulluu qayyabatanii, silaa dukkana barsiisa sobaa addaa baasuuf isaan danqe keessatti hin kufan turan. Garuu dhugaa fudhachuu didanii mormuu isaanii irraan kan ka’e kiyyoo gowwomsaa keessatti kufu. WG 384.2
Gowwomsaan balaafamaan inni kan biraan immoo, barsiisa isa Yesuus utuu gara biyya lafaa kanaa hin dhufin dura hin turre jedhee Waaqummaa Kiristoosiin ganudha. Saba bal’aa Macaafa Qulqulluutti kan amanan ta’uu isaanii odeessan biratti Tiiyooriin kun gammachuudhaan fudhatameera; haa ta’u iyyuu malee, Tiiyooriin kun dubbii fayisaan keenya waa’ee walitti dhufeenya Abbaa Isaa wajjin qabuu, waa’ee amala Waaqummaa Isaa fi utuu gara biyya lafaa hin dhufin fuul-dura jiraachaa kan ture ta’uu Isaa ilaalchisee wanta Inni dubbatee wajjin kallattiidhan wal-faalleessa. Tiiyooriin kun, heertuu Macaafa Qulqulluu gar-malee utuu hin micciriin keesumsiifamuu hin danda’u. Tiiyooriin kun ilaalcha namoonni waa’ee hojii fayinaaf qaban gadi buusuu qofa osoo hin taane, amantii namoonni Macaafa Qulqulluu akka mul’ata Waaqayyo biraa dhufeetti qabanis gatii dhabsiisa. Wanti kun baay’ee balaafamaa ta’uu isaa bira darbee, dhimmichan morkachuun illee ulfaataa akka inni ta’u taasisa. Namoonni waa’ee Waaqummaa Kiristoosiin ilaalchisee dhuga ba’umsa caafata Qulqullaa’aa keessatti caafamee jiruun ni mormu yoo ta’e, tuqa kana irratti isaanii wajjiin falmii geggeessuun yeroo balleessuudha, Sababiin isaa yadni dhi’aatu hammam amansiisaa yoo ta’ellee isaaniif hin liqimfamu. “Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu; kennaan sun isatti gowwummaa dha. Kennicha gargar baasee shallaguudhaaf iyyuu hafuuricha qabaachuu waan barbaachisuuf, isa hubachuu hin danda'u.”1Qor. 2: 14. Namoonni dogoggora kana qabatanii jiran hundinuu waa’ee amalaa fi ergama Kiristoosiin yookiis waa’ee karoora guddicha isa Waaqayyo ilmaan namootaa fayisuuf qabuu ilaalchisee hubannaa dhugaa qabaachuu hin dandaa’an. WG 384.3
Barsiisni dogoggoraa kan biraan, inni haxxummaa fi hammeenya olaanaa of-keessaa qabuu fi safisa olaanaatiin tatamsa’aa jiru, barsiisa isa seexanni uumama qama dhuunfaatiin jiru utuu hin taane, maqaa “Seexana” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti yaadaa fi hawwii namootaa isa jal’aa fi hamaa ibsuuf maayii itti ba’a kan jedhuudha. WG 385.1
Barsiisni inni “dhufaatiin Kiristoos inni lammaffaa yeroo namoonni du’an tokkoo tokkoo namootaaf raawwatama” jedhu yeroo ammaa kanaa iddoo aarsaa bebbeekamoo danuu irraa dhagaa’amaa jira. Barsiisni kun, Yesuus Kiristoos ofiidhuma Isaatii, qaamaan, duumessa samiitiin deebi’ee kan dhufu ta’uu Isaa sammuu namootaa keessaa haquuf jecha kiyyoo itti yaadamee qophaa’edha. Seexanni, “Kunoo, Inni mana keessa gola jira” (Maat 24:23-26) jechaa baroota hedduu dabarseera. Lubbuu danuunis gowwomsaa kana fudhatanii badaniiru. WG 385.2
Ammas, ogummaan biyya lafaa kadhannaan barbaachisaa akka hin taane barsiisa. Qoratoonni saayinisii, deebii kadhanna wanti jedhamu tokko illee qabatamaadhaan hin jiru jedhanii dubbatu; dinqiin hin jiru, dinqiin yoo jiraates immoo seera cabsuudha jedhu. Isaan, yuunivarsiin seera dhaabbaataa yookaan hin jijjiramneen bulti waan ta’eef, Waaqayyoo mataan isaa illee gochaa faallaa seerota kanaa ta’an hin hojjetu jedhanii dubbatu. Haala kanaan, Waaqayyo Waaqa seerota ofii Isaatii hundeesseen daangeffamee fi Waaqa seerri Waaqummaa Isaa mirga Waaqummaa Isaa irratti dhiibbaa geessisu fakkeessanii agarsiisu. Barsiisni akkasii dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluu morma. Kiristoosii fi bartoonni Isaa dinqii hin hojjennee? Har’as fayisaa o’aa - qabeessa yeroo sanaatu jira; Innis, akkuma yeroo qaamaan namoota gidduu mul’atee adeemaa ture sana gochaa ture, kadhanna amantiidhaan kadhatamuu dhaga’uudhaaf fedha qaba. Uumamni human uumamaa olii wajjin waliigalu. Wantoota nuti amantiidhaan kadhannu nuuf kennuun qaama karoora Waaqayyoo yeroo ta’u, wantootni nuti hin argatin hafne hundinuu immoo wantoota nuti hin kadhatin hafne dha. WG 385.3
Har’a barsiisa dogoggoraa fi tilmaama dhugaa irratti hin hundoofne hedduutu waldaa Kiristiyaanaa keessatti babal’achaa jira. Dhagaa sagalee Waaqayyootiin ka’ame keessaa tokko buqqisuun balaa hamaa inni qaqqabsiisu tilmaamuun isaa rakkisa dha. Namoota gochaa akkanaa gochuuf ija jabaatan keessaa muraasni isaanii dhugaa tokkicha qofa gananii dhaabbatu. Baay’een isaanii garuu, hamma gantummaa irra ga’anitti (amantii dhabuu irra hanga ga’aniitti) tokko tokkoon yookaan irraa jalaan qajeelfama dhugaa diiganii gatu. WG 385.4
Dogoggorri qu’annoo amantii (Tiiyoolojii) bebbekamoo baay’een isaanii lubbuu Macaafa Qulqulluu irratti amantii qaban baay’ee isaanii mamtoota taasiseera. Namni tokko waa’ee haqaa, waa’ee araaraa fi waa’ee gaarummaa ilaalchisee barsiisa miira namaa miidhu fudhachuu hin danda’u; kana irratti immoo, yeroo barsiisni akkanaa kun akka barsiisa Macaafa Qulqulluutti dhihaatan, namni dhaga’u sun Macaafa Qulqulluu fudhachuu dida. WG 386.1
Kaayyoo seexanni galmaan ga’uu barbaadus isa kana dha. Waaqayyoo fi sagalee Isaa irratti amantii namoonni qaban balleessuu caalaa wanti seexana hawwisisu hin jiru. Seexanni mataa raayyaa waraana mamtootaa ta’ee dhaabbata, akkasumas, lubbuu gowwomsee toora isaa keessa galchuuf humnaa isaa guutuutiin hojjechaa jira. Mamuun (shakkuun) faashinii ta’aa dhufeera. Akkuma Waaqa Isa madda sagalechaa sagaleen Waaqayyoos cubbuu waan ciigga’uu fi balaalefatuuf garee bal’aa biratti ija mamiitiin ilaalama. Namoonni ulaagaa inni gaafatuuf abboomamuu hin barbaanne aboo isaa dhabamsiisuu barbaadu. Macaafa Qulqulluu kan isaan dubbisanii fi waltajjii qulqullaa’aa irraa barsiisa isaa kan isaan dhaggeeffataniif, heertuu Macaafa Qulqulluu yookiin lallaba lallabamuu keessa dogoggora barbaaduuf qofaadha. Itti gaafatamummaa isaanitti kenname raawwachuu dhiisuu isaaniitiif sababa kennuu barbaaduudhaan yookaan mataa isaanii yakka irra walaboomsuuf gantoota ta’anii kan hafan yertuu miti. Kaan isaanii immoo, koormaa fi dhibaa’ummaa irraan kan ka’e qajeelfama amansiisaa hin taane jireenya isaanii keessatti keessumsiisu. Baay’onni kabaja olaanaa argachuu ni barbaadu; haa ta’u iyyuu malee, jireenya tattaaffii fi of-ganuu isa kabaja namaaf argamsiisu keessa qooda seenuu, Macaafa Qulqulluu irratti qeeqa (ceephoo) dhiheessanii ogummaa olaanaatiin maqaa argachuu barbaadu. Ogummaa Waaqayyootiin yoo geggeefaman malee, sammuu namaa isa daangefamaan hubachuuf humnaan hin qabne wantootni hedduutu jiru; kunis qeeqa isaaniif haalaa isaaniif mijeessa. Daandii mamii, amantii dhabuu fi gantummaa irraa hiriiruun naamuusa gaarii kan isaanitti fakkatu namoota danuutu jira. Garuu bakkee isaani isa amanamaa fakkaatu jala mataa ofiitti amanuu fi koormaatu dhokatee jira. Baay’onni sammuu namoota biroo joonjessuuf heertuu Macaafa Qulqulluu keessaa waa argachuutti gammadu. Kaan isaanii sababiidhuma morkii (falmii) jaallataniif jecha jalqabatti qeeqanii (ceepha’anii) sana booda immoo gama dogoggoraa dhaabbachuu isaaniif sababa dhi’eessu. Kana gochuu isaaniitiin kiyyoo adamsituu isa hamaa keessa ofii isaanii galchaa akka jiran hin hubatan. Garuu, al takkaa amantii dhabina isaanii mul’inatti beeksisaniruu waan ta’eef, ejjanna isaanii irratti cichanii hafuu akka qabantu isaanitti dhagaa’ama. Haala kanaan warra Waaqa maleyyii wajjin tokkummaa uumanii balbala jannataa ofitti cufu. WG 386.2
Waaqayyo waa’ee amala Waaqummaa Isaa ilaalchisee sagaee Isaa keessatti ragaa ga’aa kenneera. Dhimma fayina keenyaa ilaalchisee dhugaan gurguddaan bifa ifaa ta’een dhihaataniiru. Karaa gargaarsa Hafuura Qulqulluu, isa warra onnee isaanii guutuun dhugaa barabaadan abdachiifamee, namni hundinuu dhugaa kana ofii isaatii hubachuu ni dandaa’a. Waaqayyo hundee jabaa namoonni amantii isaanii irratti ijaarratan kenneera. WG 386.3
Haa ta’u iyyuu malee, sammuun namaa inni daangefamaan kaayyoo fi karoora Waaqa Isa daanga hin qabnee guutuummaatti xiinxaluuf ga’aa miti. Hammam illee qorannaa yoo geggeessine eenyummaa Waaqayyoo guutummaa guutuutti bira ga’uu hin dandeenyu. Golgaa Waaqayyoo surraa Isaa jala dhoksee jiru harka ija jabinaatiin guutameen kaasuuf yaalii gochuu hin qabnu. Ergamaan Phaawuloos: “Akka Inni itti murtoo godhu namni qoree bira hin ga’u! karaa Isaas namni faana dha’ee hin hubatu!” jedhe. Room 11:33. Hanga ammaatti wanti nuti qalbifachuu dandeenyu gochaa fi kaka’amsu yaada garaa Isaatiidha. Kanas immoo araaraa fi jaalala Isaa isa dhuma hin qabnee fi isa humna Waaqummaa Isaa wajjin tokko ta’ee jiru akka hubannuuf. Abbaan keenya Inni waaqa irraa waan hundumaa ogummaa fi qajeelummaadhaan waan ajajuuf, nuti immoo namoota na ga’aa hin jennee fi amantii hin qabne ta’uu dhiifnee kabaja guddaadhaan gugguufnee Isaaf bitamuu qabna. Inni akeeka Isaa keessaa, wantoota beekuun nurra jiruu fi yoo beekne immoo gaarummaa keenyaaf bu’a qabeessa ta’an akka beeknuuf nutti ni mul’isa. Kan kana irraa darbe immoo irree Waaqayyoo isa jabaa fi onnee Isaa isa jaalalaan guutuutti amanachuu qabna. WG 386.4
Waaqayyo amantiidhaaf ragaa quubsaa kenneera, haa ta’u iyyuu malee amantii dhabinaaf sababa ta’an gufuu hundumaa hin balleessu. Warri waan irratti mamii isaanii fannifatan barbaadan hundinuu ni argatu. Hanga mormiin hundinuu badee wantoonni mamii kaasan hundinuu dhibamanitti sagalee Waaqayyoo fudhachuu fi isaaf abboomamuu warri didan hundinuu tasa gara ifa hin dhufan. WG 387.1
Waaqayyo irratti amantii dhabuun, onnee hin haara’in jiru isa isaa wajjin diinummaa qabu uumamaan guddata. Amantiin garuu karaa Hafuura Qulqulluu kan namaaf kennamu yeroo ta’u, yeroo kunuunfamu in lalisa. Eenyu illee dhama’insa jabaa gochuudhaa yoo baate amantiitti cimaa ta’uu hin danda’u. Amantii dhabinni yeroo jajjabeefamuu fi deggersa argattu humna godhatee jabaata; ragaa Waaqayyo amantii isaanii jabeessuuf isaaniif kennetti jabaachuu dhiisanii warri gaaffii kaasanii fi guunguman hundinuu, yeroo mamiin isaanii walitti fufinsaan jabaachaa adeemu ni argu. WG 387.2
Garuu warri sagalee abdii Isaa mamani fi wabii ayyana Isaa irratti amantii dhaban Waaqayyoon ulfina dhowwatu; dhiibbaa isaaniis qooda gara Kiristoositti warra kaan fidu Kiristoos irraa isaan fageessa. Isaan akkasii kun, mukeetii ija hin naqanne, warra dameewwan isaanii asii fi achi dagaagfachuudhaan biqiltoota warra kaan irraa ifa aduu gaaddiddeessanii akka isaan gaaddisa dilallaa’aa jalatti coolliganii du’an godhani dha. Hojiin namoonni kun bara jireenya isaanii guutuu hojjetan bara baraan dhuga baatuu isaanitti ta’a. Isaan sanyii mamii fi amantii dhabuu waan facaasaniif ija isaa makarachuun isaanii hin hafu. WG 387.3
Warra dhugaadhumatti mamii irraa walaboomuu barbaadan hundumaaf daandii birmaddummaa tokkicha qofatu jira. Qooda wanta hubachuu dadhaban irratti gaaffii fi guungummii kaasan, ifa isaaniif ba’e duukaa haa bu’an, yeroo sana ifa guddaa in argatu. Waan hubannaa isaaniif ife jiru irratti hojii barbaachisu haa hojjetan, yeroo sana wanta amma mamii isaanitti ta’ee jiru hubachuu fi hojjechuudhaaf dandeetti in argatu. WG 387.4
Seexanni namoota gowwomfamuudhaaf fedha qaban, akkasumas, warra dhugaadhaaf jedhani of-ganuu fi aarsaa of-gochuu hin barbaadne mara gowwomsuuf jecha soba dhugaa fakkaatu qindeessuu ni danda’a; Garuu lubbuu aarsaa barbaachisaa hunda baaftee dhugaa beekuu barbaaddu kamiin illee humna isaa jalatti hidhee tursuu hin danda’u. Kiristoos dhugaa dha, “Ifa namoota biyya lafaa irra jiraatan hundumaaf ibsu dhas.” Yoh 1:9. Hafuurri dhugaa gara dhugaa hundumaatti namoota geggeessuudhaaf ergameera. Itti dabalees, aboo Ilmi Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedhamee dubbatameera: “Barbaadaa ni argattuu.” “Namni fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaade, barsiifni kun Waaqayyo biraa ta'uu isaa yookiis of keessaa fuudhee dubbachuu koo in hubata.” hMaat 7:7; Yoh. 7: 17. WG 387.5
Duuka buutonni Kiristoos maree yookaan shira seexannii fi raayyaan isaa isaan irratti xaxan waan muraasa qofa beeku. Garuu Inni teessoo samii irra taa’ee jiru meeshaalee seexanaa kana kaayyoo Isaa isa gad-fagoo fiixaan baasuuf maayii itti ba’a. Waaqayyo akka sabni Isaa qorumsa jabaatti saaxilamaniif kan inni heyyamu, dhiphina fi gidiraa isaanii ilaalutti waan gammaduuf osoo hin taane, sababa adeemsi kun moo’icha isaanii isa xumuraa keessatti barbaachisummaa guddaa qabuuf dha. Waaqayyo surraa Isaa isa olaanaa sanaan qorumsa irraa walitti fufinsaan isaan hin golgu; Sababiin isaa, kaayyoon qormaata kanaa inni olaanaan akka sabni Isaa kiyyowwaan hammeenyaa hundumaan mormuuf qophaa’oo ta’aniif isan barsiisuudha. WG 388.1
Yoo sabni Waaqayyo garaa cabaa fi gaddaan guutameen gadi of deebisee cubbuu isaa himate, akkasumas, yoo cubbuu yookaan karaa isaa isa hamaa dhiisee deebi’ee waadaa Waaqayyo isaaf seene amantiidhaan gaafate, seexannis taanaan namoonni hamoonni hojii Waaqayyoo gufachiisuu fi argamuu Waaqayyoo isaan gidduudhaa dhabamsiisuu hin dandaa’an. Qormaatni hundinuus ta’e dhiibbaan mormii kam illee, mul’inattis ta’e dhoksaatti yoo namatti dhufe, injifannoo fiixaan ba’umsa qabuun kan inni ittiin mormamuu danda’u: “Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti, kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.” Zak. 4: 6 WG 388.2
“Iji Gooftichaa, gara warra qajeelotaa in ilaala; gurri isaas kadhata isaanii in dhaga'a…. Wanta gaarii gochuudhaaf warra hinaafan yoo taatan, eenyutu hamaa isin irratti hojjeta ree?” 1 Phex 3:12, 13. Yeroo Balaa’aam badhaadhummaa hedduutiin gowwomfamee ijoollee Israa’eliin mormuuf yaalii godhee fi yeroo inni saba Gooftaa irratti abaarsa fiduuf jecha aarsaa dhiheesse Waaqayyoon kadhate, Hafuurri Waaqayyoo wanta inni dubbachuuf yaade akka inni hin dubbanetti isa daangesse. Balaa’amis akkana jedhee dubbate: “Isa Waaqayyo hin abaarin attamittan abaara? Isa Waaqayyo itti hin qorobinitti attamittan itti qoroba?” “Ani akka du'a nama qajeelaatti du'inna, dhumni koos akka kan isaatii haa ta'u!” Erga lammaffaa aarsaa dhiheesse booda, raajiin Waaqayyoon hin beekne kun akkana jedhe: “Kunoo, ani eebbisuudhaaf abboomameera, inni eebbiseera, ani immoo akka inni irraa deebi'u gochuu hin danda'u. Inni Yaaqoob irratti dabaa hin argine, rakkinas Israa'el irratti hin caqafne; Waaqayyo gooftaan isaanii isaanii wajjin jira, sagaleen mootii inni gammachiisaan isaan gidduudhaa in dhaga'ama.” “Yaaqoob irratti hoodni hin dubbatamne, Israa'el irrattis ayyaanni hin hedamne; amma waa'ee Yaaqoobiif yookiis waa'ee Israa'eliif kan dubbatamu, ‘Wanta Waaqayyo godhe ilaalaa!’ kan jedhuu dha.” Haa ta’u malee ammas si’a sadaffaa iddoon aarsaa ni ijaarame. Balaa’amis Israa’elota irratti abaarsa roobsuuf ni akeekkate. Hafuurri Waaqayyoo garuu arraba (hidhii) raajii saba Waaqayyoo eebbisuuf fedha hin qabne kanaa irraa badhaadhummaa saba Isaatii labsuudhaan gowwummaa fi hammenya diina isaanii ifate. “Namni si eebbisu haa eebbifamu! Namni si abaaru immoo haa abaaramu!” S/ Lakk 23: 8, 10, 20, 21, 23; 24:9. WG 388.3
Sabni Israa’el yeroo kana Waaqayyoof amanamoo turan. Hanga isaan amanamummmaadhaan seera Isaaf abbomamuu itti fufanitti, biyya lafaa kana keessas ta’e gaahanam (Si’ol) keessa humni isaan injifachuu danda’u tokko illee hin jiru. Bala’aam yeroo sanatti saba Waaqayyoo abaaruudhaaf heyyama hin arganne yoo ta’ellee, xumura irratti Israa’elota sossobee cubbuu hojjechisuudhaan akka abaarsi sun isaanitti dhufu godhee akeeka isaa fiixaan baafateera. Israa’elonni abboommii Waaqayyoo irraa kaatanii (goranii) Waaqayyottii gargar of baasan. Humna diina isaanii isa isaan balleessuu barbaadu sanaa akka dhandhamataniif jechas dabarfamanii kennaman. WG 388.4
Humni raayyaa dukkanaa lubbuu dadhabduu Kiristoositti qabamtee jiraattu dura dhaabbachuu akka hin dandeenye seexanni sirritti beeka. Ofii isaa mul’isee yoo dhi’aate mormii jabaan akka isa mudatu beeka. kanaaf loltoota fannoo hundumaa daannoo isaanii isa jaba irraa gargar baasuuf dhama’a; lubbuu daannoo jabaa sana keessaa baatu mara miidhuu fi balleessuuf jecha loltoota isaa wajjin riphee eeggata. Nageenyi keenya amansiisaa kan inni ta’uu danda’u, yoo nuti guutuummaa guutuutti amanannaa keenya Waaqayyo irra ka’annee fi abboommota Isaa eegne qofa. WG 389.1
Namni kam iyyuu kadhannaa malee guyyaa tokkoof yookaan sa’atii tokkoof illee nagaa ta’uu hin danda’u. Keesumaa immoo ogummaa ittiin sagalee Isaa hubannu akka Inni nuuf kennuuf karaa adda ta’e kadhachuu qabna. Seexanaa fi meeshaa gowwomsaa isaatiin mormuu keessatti tooftaan fiixaan ba’insa guddaa namaaf kennu Macaafa Qulqulluu keessatti mul’ifameera. Seexanni nu gufachiisuuf jecha heertuu Macaafa Qulqulluu caqasuu fi dubbisa Macaafa Qulqulluu jal’isee hiikkaa mataa isaatii itti kennuutti ogeessa beekamaa dha. Waaqayyotti hirkachuu irraa ija keenya osoo hin kaasin garaa gadi of deebisen Macaafa Qulqulluu qayabachuu qabna. Gaafa hundumaa meeshaalee seexanaa irraa of eeggachaa, “Qorumsatti nun galchin” jennee utuu walirraa hin kutin amantiidhaan kadhachuu qabna. WG 389.2