Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 31—Bakka Buutota Hafuurota Hamootaa

Hariiroon addunyaa ijaan argamuu fi ijaan hin argamnee gidduu jiru, tajaajilli ergamoota Waaqayyoo, fi bakka butootni hafuurota xuraa’oo, Macaafa Qulqulluu keessatti bifa ifaa ta’een mul’ifameera, akkasumas seena dhala namaa wajjin bifa gargar ba’uu hin dandeenyeen wal-hidhee jira. Ergamoonni Qulqulloonni warri “warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman” (Ibr. 1: 14) namoota baay’ee biratti akka hafuura warra du’anitti lakka’amanii utuu jiranii, gama biraatiin immoo waa’ee jiraachuu hafuurota hamootaa ilaalchisee shakkii (amanuu dadhabuu) guddaan babal’achaa jira. Haa ta’u iyyuu malee, Macaafni Qulqulluun jiraachuu ergamoota Qulqullaa’oo fi hamoo qofa osoo hin taane, ergamoonni kun qaama kan hin qabne hafuura namoota du’anii akka hin taane ragaa gaaffii hin kaafne kennee barsiisa. WG 375.1

Ergamoonni utuu namni hin uumamin jiru turan; sababiin isaas yeroo hundeen lafaa ka’ame (dhaabame) “urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.” Iyo. 38: 7. Erga namni kufee booda ergamoonni muka jireenyaa eeguudhaaf ergamani turan, kunis immoo kan inni ta’e utuu namni hin du’in fuula dura ture. Ergamoonni uumaman ilmaan namootaa irra ni caalu; sababiin isaa Daawit abbaan Faarfannaa waa’ee kanaa ilaalchisee namni “xinnoodhuma ergamootaan gad” ta’ee uumame jedhee dubbateera waan ta’eef. Faar. 8: 5. WG 375.2

Waa’ee lakkofsa, humnaa fi ulfina jiraattota samii, akkasumas, waa’ee hariiroo isaan mootummaa Waaqayyoo wajjin qabanii fi walitti dhufeenya isaan hojii fayyinaa wajjin qabanii ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessaa odeefannoo arganneerra. “Waaqayyo teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera, mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba.” Isin ergamoonni isaa warri waaqa irraa, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! Isin macci isaa hundinuu, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!” Raajichi immoo akkana jedha: “Kana booddee ani ergamoota baay'ee teessichatti… naanna'an nan arge.” Teessoo mootii mootootaa full-duratti “ergamoota jagnoota humnaan jajjaboo ta’an,” “hojjetoota isaa warra fedha isaa goodhan,” “warra sagalee dubbii isaa dhaggeeffattanii, ajaja isaa raawwattantu,” argama. Faar 103: 19-21; Mul 5:11. Ergamoonni samii warri Daani’el mul’ata isaa keessatti arge kuma kumaatamatti, miliyoonii baay'eetti lakkaa'amu. Ergamaan Phaawuloos immoo “Tuuta lakkoofsa hin qabne” jedhee dubbateera. Dan. 7: 10; Ibr 12:22. Isaan “akka ifa balaqqeessaa asii fi achi” fiiguutti (Hisq 1:14) saffisa olaanaa fi surraa calaqqisaadhaan ifaa gara fuul-duratti socho’u. Ergamaa inni bakka awwaalcha fayisaatti mul’ate “Bifni isaa akka balaqqeessaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture” waan ta’eef, egdonni awwaalichaa sodaadhaan hurgufamanii (rom’anii) “akka waan du’anii ta’an.” Maat 28:3, 4. Seenaheriib mootiin Sooriyaa, yeroo koormaadhaan guutamee Waaqayyoon arrabsee fi Waaqayyon salphise, akkasumas, Israa’eloota balleessuudhaaf yeroo isaan doorsise, “Halkanuma gaafasii ergamaan Waaqayyoo ba'ee, buufata loltuu warra Asor keessaa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese.” Iddoo buufata mootii Asor keessaa “loltoota, geggeessitootaa fi gurguddoota in ficcisiise.” “kana irratti Senaaheriib mootichi yeella'ee gara biyya isaatti in deebi'e.” 2Moot. 19: 35; 2Sen. 32: 21. WG 375.3

Ergamoonni ergama araaraa baatanii gara ijoollee Waaqayyootti ergamanii turan. Kakuu eebbaa qabatanii gara Abrahamiitti; Loox isa qajeelaa badiisa sodaachisa jalaa baraaruuf jecha gara kellaa Sodomitti; yeroo inni lafa onaa keessatti dadhabbii fi beelaan du’uu ga’ee ture gara Eliyaasitti; yeroo magaalatti ishee inni keessa jiraachaa ture diinootan marfamtee turte konkolaataa ibiddaa fi fardeeniitiin gara Elsaayiitti; mana mootummaa mootii waaqa hin beeknee keessatti yeroo inni ogummaa Waaqayyoo barbaade yookaan leencotaan akka nyaatamuuf boolla Leencatti yeroo gatame gara Daani’eeliitti; Yeroo mana hidhaa Heerodis keessatti du’i itti faradame gara Pheexiroositti; gara adabamtoota warra Filiphisiyuus keessa turaniitti; yeroo halkan walakkaa galanaa irratti dha’aan isaan irratti ka’e gara Phaawuloos fi michoota isaatti; sammuun isaa banamee waangeelaa akka inni fudhatu gochuuf jecha gara Qorneeliyoositti; akka inni ergaa fayyinaa fudhatee gara ormootaa dhaqu gochuuf jecha gara Pheexiroositti ergamuudhaan ergamoonni Waaqayyo baroota hundumaa keessatti saba Waaqayyoo tajaajilaniiru. WG 376.1

Tokkoo tokkoo duuka buutota Kiristoosiif ergamaan eegu ramadameera. Humna isa hamaa sanaa warra qajeelota irraa golgee kan ittisu eegdota samii kana dha. Seexanni mataan isaa yeroo “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree? Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree? Hojii harka isaatii in eebbifteef; qabeenyi isaas biyyicha keessatti in baay'ate” jedhee dubbate kan hubateera. Iyoob 1:9, 10. Bakka buutotni Waaqayyo karaa isaanii saba Isaa eegu dubbii Daawit abbaa faarfannaa keessatti ibsameera: “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas.” Faar. 34: 7. Waa’ee warra Isatti amananii ilaalchisee Fayisaan akkas jedhee dubbate: “Isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa! Ani isinittan hima, waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula abbaa koo isa waaqa irraa durattiin argamuwo.” Maat. 18: 10. Ergamoonni warri ijoollee Waaqayyoo tajaajiluuf ramadaman gaafa hundumaa fuula Waaqayyoo duratti argamu. WG 376.2

Kanaaf iyyuu sabni Waaqayyoo, humna gowwomsituu sanaa fi hammeenya gooftummaa dukkaanaa isa yeroo kam illee hin rafne sanaatti yeroo saaxilaman, akkasumas, wallansoo humna hammeenyaa wajjiin taasisan hundumaa keessatti eegumsi ergamoota Waaqayyoo utuu wal-irraa hin citin akka isaaniif godhamu raggasifameera. Wabiin akkasii utuu hin barbaachisin hin kennamne. Waaqayyo waadaa ayyaanaa fi eegumsaa ijoollee Isaatiif kan inni kenne, sababa raayyaan hammeenyaa humnaan jaboo ta’an, lakkoofsi isaanii danuu ta’e, hammenya hojjechuuf kutatoo fi booddeettis kan hin deeebinee fi kan hin dadhabnee (hin nuffine) isaan mudataniifi. Waa’ee humnaa fi hammeenya isaanii ilaalchisee beekumsa dhabuudhaan yookiin of-eeggannoo gochuu dhiisuudhaan utuu hin miidhamin kan hafu hin jiru. WG 376.3

Hafuuronnii hamoonni jalqaba irratti cubbuu malee uumaman; isaan uumama samii Warra amma Waaqayyooof ergamanii wajjiin uumamaan, humnaa fi ulfinaan wal qixa turan. Garuu cubbuudhaan waan mo’amaniif Waaqayyoon ulfina dhowwachuu fi ilmaan namootaas balleessuuf walii wajjin gamtaa uuman. Fincila isaa keessatti seexaaa wajjiin tokkummaa uumanii samii keesaa waan darbatamaniif, baroota dhufanii darban hundumaatti olaantummaa (aangoo) Waaqayyo irratti lola geggeessuuf isaa wajjin walii galan. Waa’een gamtoominaa fi mootummaa isaanii, waa’een toora isaanii addaa addaa, waa’een beekumsa fi haxxummaa isaanii, akkasumas, nagaa fi gammachuu ilmaan namootaa diiguuf jecha saxaxa jal’aa isaan diriirsanii Macaafa Qulqulluu keessatti nutti himameera. WG 377.1

Macaafni kakuu moofaa waa’ee jiraachuu hafuurota hamoo fi bakka bu’oota isaanii darbee darbee caqasa; garuu hafuuronni hamoon yeroo Kiristoos biyya lafaa kana irra ture haala ajaa’ibsiisaa ta’een humna isaanii mul’isan. Kiristoos karoora fayina ilmaan namootaaf kenname keessa seenuuf kan dhufe yeroo ta’u, seexanni immoo biyya lafaa to’annaa isa jala galfachuuf garaa kutate dhufe. Biyya Filisxeem irraan kan hafe guutummaa biyya lafaa keessaatti waaqaeffaanna waaqa tolfamaa bu’uressee (hundeessee) milkaa’eera. Kiristoos immoo ifa samii namootaaf kennuuf jecha gara biyyattii ishee guutummaa guututti humna seexanaatti harka hin kennin jirtuu dhufe. Iddoo kana irratti humna waliin morkatan lamatu mirga olaantummaa falmate. Warri Isa fedhan hundinuu karaa Isaa nagaa fi araara akka argataniif jecha, Yesuus barruu Isaa isa jaalalaa dirirsee isaan waamaa ture. Macci dukkanaa immoo to’annaa daangaa hin qabne harka keessa galfachuu akka dadhaban waan beekaniif ergamni Kiristoos yoo bakka ga’e mootumman isaanii dafee akka gara dhumaatti dhufu hubatan. Seexanni akka Leenca fuuncaadhaan hidhamee jiruutti ni dheekkame, mul’inattis humna isaas lubbuu fi foon namootaa irratti ni agarsiise. WG 377.2

Namoonni hammam hafuura hamoodhaan qabamanii akka turan Macaafa Kakuu haaraa keessatti ibsameera. Namoonni haala sanaan dhiphachaa turan hundinuu dhukkuba karaa uumamaa namatti dhufu qofaan dhiphachaa hin turre. Kiristoos eenyuu wajjin wal-lolaa akka ture hubannoo guutuu qaba ture; akkasumas, jiraachuu hafuurota hammeenyaa fi bakka buutota isaanii sirritti hubateera. WG 377.3

Waa’ee baay’ina lakkoofsa isaanii, humnaa fi miidhaa isaanii, akkasumas, waa’ee humnaa fi araara Kiristoosiin ilaalchisee hojii fayyinaa biyya Gergeesaatti namoota hafuuroota hamoodhaan qabamaniif godhame irratti fakkeenyi dinqisiisaan barreefana Macaafa Qulqulluu keessatti kennamee jira. Namoonni seexanaan qabamanii qalbii dabarsan kun gadadamoo fi rakkatoo, dhorkaan kamiin iyyuu kan gadi isaan hin qabamne, asii fi achi kan wixxifatan, homacha afaaniin kan dhangalaasan, aariidhaan kan danfan, iyyi (waci) isaanii qilleensa naannoo sanaa guutee kan jeequ, ofii isaa irratti miidhaa kan geessisanii fi nama isaaniitti siqu yaalu maras balaadhaaf kan saaxilan turan. Dhagni isaanii inni dhiiguu fi boca kan gadi dhiise, akkasumas, sammuun isaanii inni qalbii dabarse gooftummaa dukkanaa sanaaf gammachuu guddaa ture. Hafuuroota hamoo haala kanaan namoota dhiphisaa turan keessaa inni tokko: “Maqaan koo duula (Leegi’oon), nuyi baay’ee dha” jedhee dubbate. Maar 5:9. Waraana Roomaa keessatti Leegi’oon tokko loltuu kuma sadii hamma kuma shanii of keessatti qabata. Loltoonni seexanaas ajajaa waraanaa jalatti kutata kutataan kan gargar qoqodaman yeroo ta’an, hafuuronni hamoonni kun kutata keessatti ramadaman keessatti lakkoofsi isaanii Leegi’oonii gadi miti. WG 377.4

Yeroo Yesuus isaan abboome, hafuuronni hamoonni sun namoota sana gadi dhiisanii adeeman, namoonni fayyan sunis maraatummaa keessaa gara yaada sammuu isaanitti deebi’anii, tasgabbii fi of-kennuu guddaadhaan callisanii miilla Yesuus jala taa’an. Haa ta’u iyyuu malee hafuuronni hamoonni sun hoomaa Booyyee haranii galanatti akka naqaniif heyyamni isaaniif kenname; jiraatonni Geergeesaa garuu eebba Kiristoos isaaniif kennu irra caalaa qisaasama karaa badiisa booyyee isaanitti dhufe caalchifachuu isaanii irraan kan ka’e, fayisaan samii magaalaa sana gadi dhiisee akka adeemuuf cimsanii Isa kadhatan. Kayyoon seexanaa bu’aan isaa kana ture. Akka wanta qisaasamni ta’e kun sababii Isaatiif uumameetti Yesuus irraa ceephoo kaa’uudhaan, sodaa ofittummaa isaan keessaa kakaase sagalee Isaa dhaggeffachuu isaan dhorke. Seexanni qooda ceephoo hundumaa gara qaama dhimmi isaa ilaallatuu — gara ofii isaa fi bakka buutota isaatti fudhatu, akka wanta Kiristiyaanonni madda qisaasama (dhabiinsaa), kan carra gadhee fi dhiphina ta’aniitti walitti fufinsaan isaan hammeessaa jira. WG 378.1

Garuu kaayyoon Kiristoos hin gufanne. Hafuuronni hamoon sun hoomaa booyyee sana akka isaan balleessaniif eyyamuun Isaa Yihuudota warra bu’aa barbaachaaf jecha bineensota qullaa’oo hin taane horsiisaa turan sana ifachuuf jedheeti. Utuu Kiristoos hin daangessine ta’ee, silaa Hafuuronni hamoonni sun hoomaa booyyee sana qofa osoo hin taanee, tiksoota fi abbootii qabeenyaa hoomaa booyyee sanaa mara haree galaanatti naqa ture. Baraaramuun tiksoota fi abbootii qabeenyaa sanaa sababa humni Kiristoos oolfamuu isaaniif jecha araaraan gidduu seeneef qofa ture. Hundumaa caalaa immoo, taateen kun kan inni eeyyamameef, gara jabinni humna seexanaa ilmaan namootaa fi bineesota irraatti hammam olaanaa akka ta’ee bartootni arganii akka dhugaa ba’aniif ture. Fayisaan keenya, akka duuka buutonni Isaa meeshaa seexanaatiin gowwomfamanii hin mo’amneef jecha, waa’ee eenyummaa diina isaanii ilaalchisee beekumsa sirrii akka isaan qabaatan barbaade. Itti dabalees, humni Isaa hidhaa seexanaa cabsee warra booji’aman gadi dhiisisuu kan danda’u ta’uu isaa namoonni naannoo sanaa akka isaan argan gochuun fedha Isaa ture. Yesuus ofii isaatii bakka sana gadi dhiisee yoo adeeme illee, namoonni dinqii Isaatiin furaman sun waa’ee araara Isaa dhugaa ba’uudhaaf achitti hafan. WG 378.2

Fakkenyoonni amala wal-fakkaataa qaban kan biroonis Macaafa Qulqulluu keessatti caafamaniiru. Intalli dubartii biyya Finiiqee Sooriyaa tokko seexanaan qabamtee gidirfamaa yeroo turtetti, Yesuus dubbannaa afaan Isaan hurrii ishee baaseera. Maar 7:26-30. “Namicha hafuurri hamaan keessa” ture, isa “iji isaa jaamaa, arrabni isaas didaa tokko” ture. Maat. 12: 22. Dargaggeessa hafuura didaan itti galee sun “Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas” in buusaa ture. Mar. 9: 17- 27. Namicha “hafuura xuraa’aadhaan” (Luq 4:33-36) qalbii dabarsee gidirfamaa turee fi isa mana sagadaa Qifirnaahom keessatti wal-ga’ii guyyaa sanbataa jeeqaa turee Fayisaa Isa oo’a qabeessaan fayye sanas yaadachuu ni dandeenya. Taatewwan kana hundumaa keessatti, Kiristoos hafuurota hamoo namoota dhiphisaa turanitti dubbatee akka isaan ba’anii fi lammaaffas deebi’anii akka isaan hin dhiphifneef isaan abboomaa ture. Waaqeffattoonni Qifirnaahomiis humna Isaa isa guddaa arganii: “na'anii dinqifatanii, “Maal dubbiin akkasii? Hafuurota hamootas aboodhaa fi humnaan abbooma; isaanis in ba'u waliin jedhan.” Luq. 4: 36. WG 378.3

Si’a baay’ee namoonni Hafuura hamootaan qabamanii jiran akka wanta dhiphina guddaa keessa jiraniitti ilaalamu; haa ta’u iyyuu malee kaan isaanii haala akkaan keessatti hin haamataman. Namoonni tokko tokko humna uumaman olii argachuuf jecha humna seexanaa simatanii fudhatu. Namoonni akkasii kun humnoota hafuura hamoo (seexanaa) wajjiin lola hin qaban. Simoon Maagos, Eliimaas inni qoricha namatti godhu, xomboree isheen hafuura hooda dubbachiisu of keessa qabdu fi isheen biyya Filiphisiyuusitti Phaawuloosii fi Siilaas duukaa buute namoota hafuura fagdummaa (hafuura dubbachiisu) qaban kana keessatti ramadamu. WG 379.1

Waa’ee jiraachuu seexanaa fi bakka buutota isaa, akkasumas, waa’ee ergamoota isaa ilaalchisee dhuga ba’umsa bal’aa Macaafa Qulqulluu keessatti caafamee jiru fudhachuu warra didan caala dhiibbaa fi balaa hafuura hameenyaatiif saaxilamoo kan ta’an hin jiran. Hanga nuti tooftaa gowwomsaa isaanii hin beeknetti, isaan carraa tilmaamamuu hin dandeenye qabu; baayonnis ogummaan mataa isaanitiin geggeefamaa waan jiraan isaanitti fakkaatee yaada (asaasa) seexanaa duukaa bu’u. Sababa kana ta’eef, yeroo gara xumura baraatti dhiyaachaa dhufnuu fi yeroo seexanni hojii badiisaa fi gowwomsaa hojjechuuf jecha humna isaa isa olaanaatti fayyadamu, amantii seexanni hin jiru jedhu hamajaajiin bakka hundumaatti tatamsaasa. Ofii isaa fi tooftaa hojii isaatii dhoksee socho’uun imammata seexanaati. WG 379.2

Waa’ee meeshaa fi tooftaa hojii isaa beekuu keenya irra caalaa wanti gowwomsituu isa guddicha kana sodaachisu hin jiru. Amala isaa isa dhugaa fi kaayyoo isaa ba’eessa godhee dhoksuuf akka isaaf mijatutti, ceephoo fi tuffii calaqqisisuu irra kan darbe miirri jabaan akka isaa irraan hin mul’aneetti of-to’atee dhiyaata. Fakkii nama kolfisiisuu yookiin boca gad-dhiisee kan nama jibbisiisu, akkasumas, walakkaa isa nama walakkaa isaa immoo bineensa fakkeessanii yeroo namoonni isaa kaasaan seexanni ni gammada. Yeroo namoonni warri hubannaa fi beekumsa qabna jedhanii ofii isaanii lakka’an iddoo Ispoortii fi qoosaa garaagaraa keessatti maqaa isaa dha’an, seexanni in gammada. WG 379.3

Gaaffiin: “Dhuguma uumamni akkasii jira?” jedhu kan inni bal’inaan gaafatamuuf, sababii seexanni ogummaa hanqina hin qabneen ofii isaa dhoksee jiruufi. Guutummaa amantii biyya lafaa keessatti barsiisni (tiiyoriin) sobaa iddoo barsiisa Macaafa Qulqulluu isa dhugaa fudhatama argachuun isaa ragaa milkaa’ina isaati. Macaafni Qulqulluun waa’ee hojii badiisaa isaa ilaalchisee fakkeenyaa hedduu kan inni nuuf kennuf, humneetii isaa warra dhokatoos kan inni nutti mul’isuu fi haleellaa isaa irraa akka nuti ofii keenya eeggannuuf kan inni nu akeekkachiisu, sababa seexanni sammuu namoota warra waa’ee dhibbaa isaa sirriitti hin beeknee salphaatti to’achuu danda’uufi. WG 379.4

Utuu humna Fayisaa keenyaa Isa guddaa keessatti da’oo fi birmaddummaa argachuu hin dandeenyu ta’ee, silaa humni seexanaa fi raayyaa isaa, akkasumas, jal’innii fi hammenyii isaa guutummaa guutuutti nu miidhuu danda’a ture. Qabeenyii fi jireenyi keenya namoota hamoodhaan akka inni hin badneef eeguumsa gochuuf jecha mana keenya sirritti of eeggannoodhaan jabeessinee cufanna; haa ta’u iyyuu malee, waa’ee ergamoota hamoo warra gaafa hundumaa nu balleessuf yaalii godhanii fi warra humna mataa keenyaa fi tooftaa mataa keenyaan of-irraa ittisuu hin dandeenyee kan nuyi yaadnu muraasa (darbee darbeeti). Utuu isaaniif eyyamamee, sammuu keenya toora gadi dhiisisuu, qaama keenya dhukkubsachiisuu fi dhiphisuu, qabeenyaa fi jireenya keenya dhabamsiisu ni danda’u. Gammachuu kan isaan argatan hojii gidirsuu fi dhiphisuu hojjechuu keessatti qofaadha. Hanga gaafa Waaqayyo harka seexanaatti dabarsee isaan kennutti waamicha Waaqayyoo dhaga’uu didanii warri qormaata seexanaatti harka kennan haalli isaanii guddaa sodaachisaadha. Warri Kiristoos duukaa bu’an garuu eegumsa Isaa jalatti nageenyi isaanii amansiisaadha. Ergamoonni warri humnaan isaan irra caalaam isaan eeguudhaaf samii irraa ni ergamu. Inni hamaan sun eegduu (waardiyaa) Waaqayyo naannoo saba Isaatii dhaabe sana cabsee darbuu hin danda’u. WG 379.5