Boqonnaa 27—Daddammaqina Ammaayyaa
Boqonnaa 27—Daddammaqina Ammaayyaa
Bakka sagaleen Waaqayyoo amanamummaadhaan lallabame hundumaatti, firiin mul’atu maddi sagalichaa Waaqa biraa ta’uu isaa raggaasisa ture. Hafuurri Waaqayyoo ergaa garboonni isaa lallabanii wajjin waan tureef sagalichi humna qaba ture. Cubbamoonni akka qalbiin isaanii dammaqe hubatan. “Ifni inni nama gara biyya lafaa dhufe maraaf ibsu” gola onnee isaanii isa dhokataa ibsee wantoota dukkana keessa dhokatanii jiran saaxilee bakkeetti baase. Amantii gadi fagoon sammuu fi onnee isaanii qabate. Waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummaa fi waa’ee firdii dhufuu ni hubatan. Waa’een qajeelummaa Waaqayyoo garaa isaaniitti sababa dhagaa’ameef cubbuu fi xuraa’ummaa isaanii wajjin fuula Waaqa isa onnee sakkata’uutti dhihaachuu sodaatan. Gadda guddaatiinis guutamanii “foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasaa?” jedhanii iyyan. Yeroo fannoon Qaraaniyoo, aarsaa cubbuu namootaaf baafame wajjin mul’ifame, tola Kiristoos irraan kan hafe irra- daddarba isaaniif araara buusuu kan danda’u wanti kan biraan tokko illee akka hin jirre hubatan; nama Waaqatti araarsuu kan danda’u kana qofa. Isaan amantii fi gadi of deebisuudhaan Hoolaa Waaqayyoo Isa cubbuu biyya lafaa balleessu fudhatan. Karaa dhiiga Yesuus Kiristoosin “cubbuu isaanii isa darbeef dhiifama” argatan. WG 339.1
Lubbuwwan kun qalbii jijjirrannaaf kan ta’u ija godhatan. Isaan amananii cuuphaman, kajeellaa foonii isa bara durii duukaa akka luucca’aniif osoo hin taane, Ilma Waaqayyoo amanuudhaan faana Isaa duukaa akka bu’aniif, amalasaa akka calaqqisiisanii fi akkuma Inni qulqulluu ta’ee isaanis ofii isaanii qulqulleessanii jireenya haaraa keessa akka deddeebi’aniif du’aa kaafaman. Kiristoositti uumama haaraa ta’an. Wantoota dur jibbaa turan amma ni jaallatan, isa duraan jaallachaa turan immoo ni jibban. Warri oftuultuu fi warri jabina mataa isaaniitti hirkatan warra gad of deebisanii fi warra garaa cabaa qaban ta’an. Warrii waa’ee hin baafnee fi dhimma waan tokkoo illee hin qabne namoota dhimmanii fi warra bu’a qaban ta’an. Warri namootaaf kabaja hin kennine kan namoota kabajan, warri machaa’an kan of-qaban, warri xuraa’onis kan qullaa’an ta’an. Faashinoonni biyya lafaa warri waa’ee hin baafne ni dhiifaman. Kiristiyaanonni “Keessa namummaa isaanii isa dhokataa fi isa hin badneen, hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyoo duratti guddaa gati-jabeessa ta’een” malee “Wanta alaan mul’atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba’eessa uffachuudhaan” of kuuluu hin barbaadne. -1 Phex3: 3, 4. WG 339.2
Dadammaqinni gadi fageenyaan onnee ofii sakkatta’uu fi gad-of-deebisuu fide. Isaanis gaarummaa dhiiga Kiristos isa isaan fureen kakaafamanii cubbamootaaf waamicha dhugaa fi kabajamaa godhan. Dhiironnii fi durboonni fayyina lubbuuf jecha kadhannaadhaan Waaqayyoon wallaansoo qaban. Bu’aan dadammaqina akkanaa lubbuwwan aarsaa of gochuu fi of-ganuu hin sodaanne, warra maqaa Kiristoosiif jedhanii arrabsamuu fi qorumuun gatii akka qabu beekanii gammadan keessatti mul’ate. Namoonni jireenya warra maqaa Kiristoosiin waammatanii keessatti jijjirama argan. Hawaasni dhiibbaa isaan geessisan irraa bu’aa argatan. Jireenya barabaraa haammachuuf jecha hafuuratti facaasanii, Kiristoosii wajjinis walitti qaban. WG 340.1
Waa’ee isaanii ilaalchisee akkana jechuun ni dandaa’ama: “Gaddi keessa yaada garaa keessanii akka geeddarattan isin godhe.” “Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun yaada garaa geddarachuu fida; inni immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu; akka biyya lafaa keessatti fudhatamutti gadduun garuu du'a fida'o. Egaa akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun keessan dhimmamuu attamii, falmachuudhaafis duudhamuu attamii, dheekkamsa attamii, naasuu attamii, ana yaaduu attamii, inaaffaa attamii, adaba attamii akka isin keessaa kaase ilaalaa! Karaa hundumaas isin dubbii kanatti yakka akka hin qabne argisiiftaniittu.”- 2 Qor 7:9-11. WG 340.2
Kun firii hojii Hafuura Waaqayyooti. Yoo haara’umsa fide malee qalbii jijjirannaa dhugaaf ragaan kan biraa hin jiru. Cubbamaan kakuu cabsee ture yoo haaresse, wanta saamee ture deebisee yoo galche, cubbuu isaa yoo himate, Waaqayyoo fi nama akka isaatii yoo jaallatee, Waaqayyo duratti nagaa argachuu isaa mirkaneeffachuu ni danda’a. Waggoottan gara jalqabaa turan keessa yeroo dadammaqina amantiitti ansaanii bu’aaleen argamanii turan kan akkasiiti. Isaan ija hojii isaaniitiin madalamanii, fayina ilmaan namootaa fi ol-qabamuu sanyii namootaa keessatti warra Waaqayyoon eebbifaman jedhamanii beekaman. WG 340.3
Haa ta’u malee, dadammaqinni bara ammayyaa baay’een isaanii argamuu ayyaana Waaqayyoo isa guyyoota duraa keessaa dhama’insa garboota Waaqayyoo wajjin mul’achaa tureen faallaa ta’uun isaanii qabatamaatti argamaniiru. Dhugaadhumatti fedhiin hafuuraa bal’aa ta’e qabsiifameera, baay’onni jijjiramuu isaanii dubbataniiru, namoonni hedduunis gara mana waldaatti yaa’aniiru; haa ta’u malee bu’aan argame haga yaadame jireenyi hafuuraa inni dhugaan guddateera nama jechisiisuuf ragaa qubsaa kan ta’u miti. Ifni yeroodhaaf qabsiifame utuu hin turiin dukkanaa’ummaa isa dura ture sana ittuu dukkana limixii taasisee dafee deebi’ee dhaama. WG 340.4
Daddamaqinni bebbeekamoon yeroo baay’ee waan hin jirre yaaduu irratti, jaalala waan haaraatti gammaduu fi kakaasuudhaan miira gammachiisuun godhama. Namoonni haala kanaan jijjiramanii gara amantii Kiristiyaanaa dhufan hawwiin isaan dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qaban, dhuga ba’umsa raajotaa fi ergamootaa dhaggeeffachuuf fedhiin isaan qaban xiqqoo dha. Tajaajilli amantii amala miira nama sochoosuu of keessaa hin qabu yoo ta’e, ofitti isaan hin harkisu. Ergaan miira gammachuu hin daddamaqsine deebii hin argatu. Akeekkachiisni sagalee Waaqayyoo inni ifaa fi inni kallattiidhaan dhimma jireenya barabaraa isaanii wajjin walitti dhufeenya qabu hin dhageefatamu. WG 340.5
Lubbuu dhugaatti jijjiiraman hundumaaf hariiroon Waaqayyoo wajjinii fi dhimmi wantoota barabaraa wajjin wal qabatan mata dureen jireenyaa isa guddaati. Haa ta’u iyyuu malee waldoolii bebbeekamoo bara har’aa keessa hafurri mataa ofii qulqulleessanii Waaqayyoof kennuu eessa jira? Warri jijjiiraman koormaa isaanii fi jaalala biyya lafaa hin dhiisan. Isaan mataa isaanii ganuudhaaf, fannoo baatanii Yesuus isa garraamii fi gad-of-deebisaa duukaa bu’uudhaaf isa utuu hin jijjiiraminiin duraa caalaa fedha hin qaban. Sababa warri maqaa amantiitti waamaman baay’een isaanii qajeelfama amantii hin hin beekneef amantiin Ispoortii warri Waaqayyotti hin amanne fi warri ceephaatonni ittiin bashannan ta’ee jira. Humni waaqessuu (nama Waaqayyoo ta’uu) keessaa argamuu haala olaanaa ta’een waldoolee baay’ee irraa fagaataa jira. Sagantaan bashannanaa garaagaraa, tiyaatiriin (diraamaan) waldaa, agarsiisni meeshaalee daldalaa waldaa, manneetiin mimmiidhagoo fi mataa ofii agarsiisuun yaada Waaqayyoo namoota keessaa balleesseera. Sammuun namootaa qabeenya, lafaa fi hojii biyya lafaatiin qabamee waan jiruuf, namoonni waa’ee dhimma jireenya barabaraaf iddoo hin kennan. WG 341.1
Kufaatiin amantii fi dhabamuun sodaa Waaqayyoo gar-malee kan babal’ate yoo ta’e illee, waldoolee kana keessa duuka buutonni dhugaatti Kiristoosiin hordofan jiru. Firdiin Waaqayyoo inni xumuraa utuu biyya lafaatti hin dhufin, daddammaqinni Waaqayyoon fakkaachuu inni akka bara durii erga bara ergamootaa kaasee takkaa ta’ee hin beekne ta’uuf jira. Hafuurrii fi humni Waaqayyoo ijoollee Isaa irratti ni dhangala’a. Yeroo sanatti waldoota jaalalli biyya lafaa jaalala isa kan Waaqayyoo fi kan sagalee Isaa irra caale keessaa baay’oonni mataa isaanii adda baasu. Tajaajiltoonnii fi sabni baayy’een dhugaa guddaa dhufaatii Gooftaaf namoota qopheessuuf yaroo kana akka labsaman Waaqayyo taasise gammachuudhaan ni fudhatu. Diinni lubbuu hojii kana gufachiisuuf in hawwa; utuu yeroon sochii akkanaa hin dhufiin dura hojii gowwomsaa hojjetee itti fakkeessuudhaan hojicha hambisuu yaala. Waldoota humna gowwomsaa isaa jala oolfachuu danda’u hundumaa keessatti, akka wanta eebbi adda ta’e Waaqayyoo biraa dhangala’eetti fakkeessee dhiheessa; wantootni akka fedha hafuuraa olaanootti yaadamanis achitti ni mul’atu. Hojichi gochaa hafuuricha isa kan biraa ta’ee osoo jiruu, namoonni baay’een garuu Waaqayyo waan dinqisiisaa nuuf hojjete jedhanii isa leellisu. Seexanni maqaa amantii jala dhokatee addunyaa Kiristiyaanaa keessatti dhiibbaa isaa baballifachuu barbaada. WG 341.2
Daddammaqina hafuuraa walakkeessa jaarraa darbanii keessa geggeeffaman baay’ee isaanii keessatti, yoo guddates yoo xiqqates sochii gara fuul-duraatti ta’uuf jiru keessatti dhiibbaa bifa bal’aa ta’een mul’chuuf jirutu hojii irra oole. Miira gammachuu jabaatu jira, dhugaa fi sobnis nama dogoggorsuudhaaf mijataa akka ta’utti sirriitti walitti makamee qindaa’ee ture. Haa ta’u iyyuu malee homtinuu gowwomfamuu hin qabu. Ifa sagalee Waaqayyoo irraa ifu keessatti amala (eenyummaa) sochiiwwaan akkanaa adda baasanii hubachuun cimaa miti. Yeroo namoonni dhuga ba’insa sagalee Waaqayyoo tuffatan, akkasumas dhugaawwan ifatti mul’atanii onnee namaa sakkatta’an, mataa ofii ganuu fi biyya lafaa dhiisuu kan nama gaafatan irraa fuula isaanii yeroo achi deebifatan eebbi Waaqayyoo kan hin kennamne ta’uu isaa dhibbaa dhibbatti beekuu ni dandeenya. Qajeelfama isa Yesuus “Ija isaaniitiin isaan beektu” (Maat 7:16) jedhe sanaan, sochiin akkanaa kun hojii Hafuura Waaqayyoo akka hin taane mirkanaa’aa dha. WG 341.3
Waaqayyo waa’ee ofii Isaatii ilaalchisee dhugaa sagalee Isaa keessatti mul’ata sirrii kenneera; innis immoo warra isa fudhatan hundumaa gowwomsaa seexanaatiin akka isaan hin gowwomfamneef gaachana isaaniif ta’a. Gochaalee hammeenyaa yeroo ammaa addunyaa amantii keessatti babal’achaa jiran hundumaaf balbala kan bane dhugaa kanatti dugda gatuu dha. Waa’een amalaa fi barbaachisummaa seera Waaqayyoo irra-guddeessa ta’ee ilaalcha sirrii dhabeera. Waa’ee maalummaa seera Waaqayyoo, barabaraan jiraataa ta’uun isaa fi dirqamni inni nama irra barbaadu maal akka ta’ee ilaalchisee ilaalchi dogoogoraa mo’ee jiru; walitti dhufeenya seerichi qalbii jijjirranaa fi qullaa’ummaa wajjin qabu gar-malee dogoggoraan akka inni hubatamuu gochuu bira darbee, sadarkaan ulfina Waaqayyoo waldaa keessatti akka inni gadi bu’u taasiseera. Haara’umsa bara keenyaa keessatti dhoksaan Hafuuraa fi humna Waaqayyoo dhabuu keenyaas kana dha. WG 342.1
Dhaabbilee amantii garaagaraa keessa namoonni Waaqayyoof kabaja kennuu isaanii irraan kan ka’e beekamoo ta’an, dhugaadhumatti rakkoon armaan olitti caqafame jiraachuu isaa kan amananii fi kan balaaleffatan jiru. Piroofeesar Idiiward A. Paark, waa’ee rakkoo amantii bara si’anaa kana yeroo ibsan akkana jedhan: “Maddi balaa kanaa inni tokko waltajjiin lallabaa seera Waaqayyoo jabeessuudhaaf dhimma dhabuu isaa ti. Bara durii keessa waltajjiin lallabaa iddoo yaadni sammuu namaa (qalbiin namaa) sagalee irraa argatu ture… lallabdoonni keenya warri bebbeekamoon fakkeenya Gooftaa hordofuudhaan, akkasumas, seerri Waaqayyoo, qajeelfamni seerichaa, fi akkeekkachisni seericha keessatti caafamee jiru barbaachisaa ta’uu isaa beekamtii kennuudhaan lallaba isaaniif ulfina dinqisiisaa kennaniiru. Isaan dubbii ogummaa gurguddaa lama irra deddeebi’anii dubbatan. Isaanis seerri waraabbii amala Waaqayyoo isa guutuu ta’uu isaa fi namni seera Waaqayyo hin jaallannee wangeela kan hin jaallanne ta’uu isaa ture; Sababiin isaa, wangeellis ta’e seerri, lachanuun isaaniiyyuu daawwitii amalli Waaqayyoo inni sirriin keessan mul’atu waan ta’eefi. Balaan kun immoo balaa kan biraa hordofsiisa. Innis immoo hammeenya guddinaa fi badiisaa cubbuun qaqqabsiisu gadi xiqqeessanii ilaaluutti nama geggeessa. Dogoggorri abboommota Isaaf abboomamuu dhiisuu hammuma abboommonni Isaa sirrii ta’an ga’a… WG 342.2
“Balaawwan armaan olitti caqafamanii wajjin walitti dhufeenya kan qabu balaan kan biraan immoo, qajeelummaa Waaqayyoo salphisanii ilaaluudha. Waltajjiiwwan lallabaa ammayyaa arjummaa Waaqayyoo keessaa qajeelummaa Isaa dhimbiibanii baasaa jiru. Arjumma Isaa akka qajeelfamaatti ol ol kaasuu caalaa gara miiraatti gad buusaa jiru. Qaroominni qo’annoo amantii (Tiiyoolojii) haaraa wanta Waaqayyo walitti hidhe gargar baasa. Seerri Waaqayyoo gaariidha moo gadheedha? Gaarii dha. Erga akkana ta’ee qajeelummaanis gaaridha jechuu dha. Sababiin isaa amalli qajeelummaa seericha hojii irra oolchuudha waan ta’eef. Seeraa fi qajeelummaa Waaqayyoo laaffisanii ilaaluu amaleeffachuun namootaa, safarri abboomamuu diduu sanyii namaa, akka namoonni ayyaana Waaqayyoo isa cubbuu isaaniif araara argamsiise salphisanii ilaaluu keessatti kufan taasisa.” Haala kanaan wangeelli sammuu namootaa keessatti gatii fi barbaachisummaa isaa dhaba. Isaan yeroo dhihoottis Macaafa Qulqulluu gatuuf kan qophaa’an ta’u. WG 342.3
Barsiisonni amantii baay’een isaanii Yesuus Kiristoos du’a Isaatiin seera hambisuusaa fi namoonni seericha eeguudhaaf dirqama tokko illee kan hin qabne ta’uu isaanii barsiisu. Kaan isaanii immoo waanjoo ulfaataa fakkeessanii agarsiisu. Faallaa waanjoo seeraa bilisummaa wangeela jala ta’uu keessaa argamu lallabu. WG 342.4
Garuu raajonnii fi bartoonni seera Waaqayyoo isa qulqulluu akka kanatti ilaalaa hin turre. Daawit akkana jedhe: “Ani ajaja kee argachuudhaaf waanan barbaaddadheef, iddoo bal'aa keessa nan deddeebi'a.” Far. 119: 45. Ergamaan Yaaqob, inni erga Kiristoos du’ee booda ergaa isaa barreesse, abboommonni kurnan “seera mootii” fi “seera birmaddummaa” ta’uu isaanii dhugaa ba’e. Yaaq. 2:8; 1:25. Yesus fannifamee walakkaan jaarraa erga darbee booda, Yohaannis abbaan mul’ataa “Warri abboommii isaa eegan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu” (Mul. 22: 14) jedhee warra abboommi Waaqayyoo eegan eebbise. WG 343.1
Barsiisni Yesuus karaa du’a Isaa abboommii Abbaa Isaatii dhabamsiiseera (balleesseera) jedhu bu’ura Macaafa Qulqulluu hin qabu. Utuu seerri jijjiiramuu yookaan dhiifamuun ni danda’ama ta’ee, silaa adaba cubbuuttii ilmaan namootaa furuudhaaf du’i Kiristoos hin barbaachisu ture. Du’i Kiristoos seera diiguu caalaa, seerichi kan hin jijjiramne (barabaraan kan jiraatu) ta’uu isaa raggaasisa. Ilmi Waaqayyoo “seera isaa guddaadhaa fi ulfina-qabeessa gochuudhaaf” dhufe. Isa. 42: 21. Yesuus akkana jedhe: “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa;” “hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa utuu fiixaan hin ba'iin hin badu.” Maat 5:17, 18. Waa’ee ofiisaa ilaalachisee akkana jedhee dubbate: “yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira.” Far. 40: 8. WG 343.2
Seerri Waaqayyoo uumamumaan kan hin jijjiiramne dha. Inni mul’ina fedhaa fi amala Waaqa Isa seericha kennee ti. Waaqayyo jaalala, seerri Isaas jaalala. Qajeelfamni seerichaa inni guddaan lamaan jaalala Waaqayyoo fi jaalala namaa ti. “Nama jaallachuun seera raawwachuu dha.” Room. 13: 10. Amalli Waaqayyoo qajeelummaa fi dhugaa dha; amalli seerichaas kanuma. Abbaan faarsaa akkana jedha: “seerri kee dhugaa dha;” “abboommiin kee hundinuu qajeelaa dha.” Faar 119: 142, 172. Ergamaan Phaawuloosis akkana jedha: “Seerichi illee ofii isaatii qulqulluu dha, abboommichis qulqulluu, qajeelaa, gaarii dhas.” Room. 7: 12. Ibsituu yaadaa fi fedha Waaqayyoo kan ta’ee seerri akkanaa kun, akkuma Waaqa Isa seericha kennee barabaraan kan jiraatu ta’uu qaba. WG 343.3
Hojiin qalbii jijjiirrannaa fi qulqullummaa, akka namoonni qajeelfama seera Waaqayyoo wajjiin walii-galtee uuman taasisee Waaqayyoo wajjiin walitti isaan araarsuu dha. Namni jalqaba yeroo uumame akka fakkaatti Waaqayyootti uumame. Uumamaa fi seera Waaqayyoo wajjin tokkummaa (walii galtee) guutuu qaba ture. Qajeelfamni qajeelummaas onnee isaa keessatti caafamee ture. Haa ta’u iyyuu malee cubbuun Uumaa isaa irraa gargar isa baase. Sanaan booda fakkaattii Uumaa isaatii hin calaqqisiifne. Onneen isaa qajeelfama seera Waaqayyoo wajjin lola geggeessuu jalqabe. “Akka fedha fooniitti yaaduun diina Waaqayyoo nama godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda'u.” Room. 8: 7. “Waaqayyo” garuu, akka namoonni Isatti araaramuu dandaa’an gochuuf jecha, “akkasumaan biyya lafaa jaallatee Ilma Isaa kenne.” Namni deebi’ee uumaa isaa wajjiin tokkummaa qabaachuu kan inni danda’u karaa hojii araaraa isa Kiristoos hojjateenidha. Onneen isaa ayyaana Waaqayyootiin haara’uu qaba; oliis (waaqa irraas) jireenya haaraa argachuu qaba. Jijjiramni kun lammaffaa dhalachuu yeroo ta’u, Yesuus isa malee “mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’u” jedhee dubbateera. WG 343.4
Waaqayyoo wajjin araaramuudhaaf sadarkaan jalqabaa cubbuu ofii amananii fudhachuudha. “Cubbuun seera irra daddarbuu dha.” “Seerri cubbuun maal akka ta’e nama hubachiisa.” Yoh 3:4; Room 3:20. Namni cubbamaan tokko yakka isaa of-irratti arguu yoo barbaade, amala isaa madaallii qajeelummaa Waaqayyoo isa guddichaa wajjin wal-bira qabee qoruu qaba. Inni of daawitii amalaa qajeelummaa isaa guutuu argisiisuu fi akka inni mudaa isaa hubatu taasisuu danda’uudha. WG 343.5
Seerri cubbuu namaa namatti mul’isa. Haa ta’u iyyuu malee fayyina hin kennu. Warra abboomamaniif jireenya kan abdachiisu yoo ta’e illee, qoodni nama seera irra daddarbee du’a ta’uu isaa dubbata. Firdii yookiin xuraa’ummaa cubbuu irraa bilisa nama baasuu kan danda’u wangeela Kiristoos qofa. Inni gara Waaqa isa seerri isaa cabeetti qalbii jijjiirrannaadhaan deebi’uu qaba; Kiristoosii fi aarsaa isaa isa araara namaaf buusutti amanachuu qaba. Cubbamaan haala kanaan “cubbuu isaa isa darbeef dhiifama” argatee hirmaattuu amala Waaqayyoo ta’a. Inni hafuura guddifachaa (adoption) ittiin “Abbaa, Abbaa” jedhee Waaqayyoon waamu fudhatee mucaa Waaqayyoo ta’a. WG 344.1
Amma egaa inni seera Waaqayyoo irra daddarbuudhaaf bilisa jechuudhaa? Phawuloosa akkana jedha: “Egaa immoo amantii kanaan seera diigna jechuu dha moo ree? Waawuu, kun raawwatee ta'uu hin danda'u, jabeessinee dhaabna malee.” “Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?” Yohannisis immoo akkana jedhee dubbata: “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti.” Room. 3: 31; Room. 6: 2; 1Yoh. 5: 3. Dhaloota haaraa ta’uu keessatti, onneen (garaan) akkuma seera Waaqayyoo wajjin walii galu, Waaqayyoo wajjinis walii galuutti dhufa. Yeroo jijjiiramni jabaan akkasii jireenya cubbamaa keessatti bakka qabatu, cubbamaan sun du’a keessaa gara jireenyaatti, cubbuu keessaa gara qullaa’ummaatti, seera irra daddarbuu fi fincila keessaa gara abboomamuu fi amanamummaatti darba. Jireenyi moofaa inni Waaqattii gargar ba’ee ture xumura argata. Bakka isaa jireenya haaraa isa amantii fi jaalalaan araarametu jalqabama. Sanaan booda “Wanti seerri nu irraa gaafatu, nuyi warra akka fedha hafuuraatti malee fedha fooniitti hin jiraanne keessatti” raawwatama. Room. 8: 4. Dubbannaan (haasaan) lubbuus “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra deddeebi'ee itti nan yaada” kan jedhu ta’a. Faar. 119: 97. WG 344.2
“Seerri Waaqayyoo guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa.” Faar. 19:7. Bakka seerri Waaqayyoo hin jirretti, namoonni waa’ee qajeelummaa fi qullaa’ummaa Waaqayyoo, yookiis waa’ee xuraa’ummaa fi yakka isaanii hubannaa sirrii qabaachuu hin dandaa’an. Cubbuun cubbuu ta’uu isaa sirriitti beekuu hin danda’an. Qalbii jijjiirrannanis kan isaan barbaachisu ta’ee isaaniitti hin dhagaa’amu. Seera Waaqayyoo irra daddarbanii badiisa keessa akka jiran hin argan sababa ta’eef, araarsuun dhiiga Kiristoos akka isaan barbaachisu hin hubatan. Jijjiiramni onnee bu’uuraan utuu hin jiraatin yookiin haara’umsi jireenyaa utuu hin jiraatin abdiin fayinaa fudhatama. Sababa kanaaf jecha, jijjiramni irra keessaa baay’ateera, namoonni lakkoofsa hedduutti lakkaa’amanis Kiristoosii wajjiin utuu tokko hin ta’in waldaatti makamaniiru. WG 344.3
Sochii amantii bara har’aa keessatti waa’ee qulqullummaa ilaalchisee tiyoorii dogoggoraa, seera Waaqayyoo dhiisuu yookiin tuffachuu irraa maddetu beekamtii argatee jira. Tiyooriin kun barsiisa keessattis soba, akkasumas bu’aan shaakala isaas balaa of keessaa qaba; Itti dabalees, barsiisni sobaa kun walumaa galatti fudhatama argachaa kan jiru sababa ta’eef, wanta Macaafni Qulqulluu mata duree kana irratti barsiisu sirritti hubachuun nama hundumaaf barbaachisaa dha. WG 344.4
Qulqullummaa dhugaan barsiisa (doktiriinii) Macaafa Qulqulluuti. Ergaa isaa isa gara Tasaloonqeetti erge keessatti Phaawulos akkana jedhe: “Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha.” kadhata isaa keessatti immoo akkana jedhee kadhate: “Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu. 1Tas. 4: 3; 5: 23. Macaafni Qulqulluun waa’ee qulqullummaa fi akkaataa qulqullummaan itti gonfatamuu ilaalchisee barsiisa ifaa kenna. Fayisaan bartootaa Isaaf akkana jedhee kadhate: “Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi.” Yoh. 17: 17. Phaawuloos immoo amantoonni “Hafuura Qulqulluutiin akka isaan qulleeffaman” barsiisa. Room 15:16. Hojiin Hafuura Qulqulluu maalii dha? Yesuus bartoota isaatti akkana jedhee hime: “Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa.” Yoh. 16: 13. Daawit abbaan faarsaa immoo akkana jedha: “Seerri kee dhugaa dha.” Sagalee fi hafuura Waaqayyootiin qajeelfama qajeelummaa seera Waaqayyoo keessa jirutu namaaf banama. Seerri Waaqayyoo “qulqulluu, qajeelaa fi gaarii,” akkasumas calaqqee guutummaa Waaqayyoo sababa ta’eef, amalli seerichaaf abbomamuudhaan uumamus (bocamus) qulqullaa’aa dha. Kiristos amala mudaa hin qabne (guutuu) akkanaatiif fakkeenya. Inni akkana jedhe: “Ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegeera.” “Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu hojjedha.” Yoh. 15: 10; Yoh. 8: 29. Duuka buutonni Kiristoos ayyaana Waaqayyootiin gargaaramanii amala qajeelfama seera isaa wajjin walii galu horachuudhaan akka isaa ta’uu qabu. Kun qulqullummaa Macaafa Qulqulluuti. WG 344.5
Hojiin kun kan inni fiixaan ba’uu danda’u Kiristoositti amanachuu qofaadhaan yeroo ta’u, innis karaa humna Hafuura Qulqulluu Isa nu keessa jiraatuu galma ga’a. Phaawulos akkana jedhee amantoota gorsa: “Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa! Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta.” Fili 2:12,13. Yeroo cubbuun jireenya namaa keessatti kakaafamu Kiristiyaanotatti ni dhagaa’ama, haa ta’u iyyuu malee Kiristiyaanni lola walirraa hin cinneen cubbuu sanaa wajjin wallansoo qaba. Gargaarsi Kiristoos kan inni barbaachisu iddoo kanatti. Dadhabinni namaa jabina Waaqayyoo wajjin tokkummaa’ee “Waaqayyo isa karaa gooftaa keenya Yesus Kiristos mo'icha nuuf kennuuf immoo galanni haa ta'u” (1Qor. 15: 57) jedhee amantiidhaan dhaadhata. WG 345.1
Hojiin qulqullummaa hojii suuta suuta (irraa jala) guddachaa adeemu ta’uu isaa Macaafni Qulqulluun ibsee agarsiisa. Yeroo cubbamaan qalbii isaa jijjirratee karaa dhiiga araara Waaqayyoo biraa nagaa argatu, jireenyi Kiristiyaanaa battala sana jalqabama. Amma egaa “gara guutuummaatti adeemuu;” akkasumas “gara safara guutummaa Kiristoos bira ga’uutti” guddachuu qaba. Ergamaan Phaawulos akkana jedha: “Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha. Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.” Fili 3:13, 14. Pheexiros immoo sadarkalee qulqullummaan Macaafa Qulqulluu ittiin argamu danda’u fuula keenya dura kaa’a: “Ammas dhama'uu hundumaan dhama'aa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa! Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan danda'uu, obsaan danda'uu keessaan nama Waaqayyoo ta'uu keessan argisiisaa! Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa! Kana yoo gootan matumaa hin kuftan.” 2 Pheex 1:5-10. WG 345.2
Namoonni qulqullummaa Macaafa Qulqulluu shaakalan hafuura gad of deebisuu calaqqisiisu. Isaan akkuma Musee qulqullummaa Waaqayyoo isa surra qabeessaa fi sodaachisaa argu waan ta’eef, qulqullummaa fi guutummaa Waaqa barabaraa isa guddaa biratti kan waa’ee hin baafne ta’uu isaanii of argu. WG 346.1
Raajichi Daani’el fakkeenya qulqulluummaa Macaafa Qulqulluu isa dhugaati. Jireenyi isaa bara dheeraa Gooftaa Isaaf onnee guutuu hojjechudhaan kan guutamee ture. Inni nama samiidhaan “baay’isee jaallatamee dha” (Dan 10:11). Haa ta’u iyyuu malee, raajiin kabajamaa kun yeroo saba Israa’eliif kadhatu qooda qullaa’aa fi tolaa jedhee of waamu, tarree cubbuu saba Israa’elitti ofii isaa ramade: “Nuyi waan qajeelaa isa hojjenneef utuu hin ta'in, oo'a guddaa isa ati argisiiftuuf himata keenya si duratti in dhi'eeffanna. Nuyi cubbuu hojjenneerra, jal'anneerras.” Daani’el akka jedhe dubbate: “Ani dubbii kanaan nan kadhadhe, cubbuu koo fi cubbuu saba koo Israa'el nan himadhe.” Turtii booda yeroo Ilmi Waaqayyoo qajeelfama isaaf kennuuf gara isa dhufe, Daani’el akkana jedhe: “jabinni tokko illees na keessatti hin hafne; bifni koo hamma iddoodhaa badutti in geddarame, humni tokkos anaaf hin hafne.” Daan 9:18, 15, 20; 10:18. WG 346.2
Iyyoob yeroo bubbee keessaan sagalee Waaqayyoo dhaga’e akkana jedhe: “Kanaafis ani of tuffadhee, awwaaraa fi daaraa keessa taa'ee, yaada garaa koo nan geddaradha” jedhe. Iyo. 42:6. Isaayaas yeroo ulfina Waaqayyoo arge, akkasumas utuu Kiruubelonni “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha” jedhanii walitti lallabanii yeroo dhaga’e “Wayyoo kaa! Ani nan bade!” jedhee iyye. Phaawulos erga samii sadaffaatti ol-butamee wanta namni tokkoyyuu dubbachuu hin dandeenye dhaga’ee booda, waa’ee ofii isaa ilaalchisee akkana jedhee dubbate: “Ani warra Waaqayyoof qulqullaa’aan hundumaa irra nan xinnaadha” jedhe. 2Qor 12:2-4; Efe 3:8. Yohannis inni jaallataman qoma Yesusitti hirkatee ulfina isaa ilaalaa ture, ulfinasaa yeroo arge, akka nama du'ee miilla Ergamaa jalatti kufe.” Mul 1:17. WG 346.3
Warra gaaddidduu fannoo Qaraaniyoo keessa adeeman bira cubbuuttii walba baanerra jedhanii dhaadachuu fi mataa ofii ol-ol qabuudhaan of-tuuluuun jiraachuu hin danda’u. Dhiphinni onnee Ilma Waaqayyoo cabse kan inni argamuu danda’e sababa cubbuu isaaniif ta’uu isaatu isaanitti dhagaa’ama. Yaadni kun immoo gara gadi of deebisuutti isaan geggeessa. Waa’ee dadhabinaa fi xuraa’ummaa dhala namaa sirriitti caalchisanii kan hubatan namoota warra Yesuusitti dhi’aatanii jiraatanii dha. Abdiin isaanii tokkichi araara fayisaa isa du’ee du’aa ka’ee qofadha. WG 346.4
Qulqullummaan bara kana keessa addunyaa amantii keessatti iddoo olaanaa argachaa jiru hafuura mataa ofii ol ol qabuu fi seera Waaqayyoo tuffachuu of keessatti kan qabate dha. Kun immoo amantii Macaafa Qulqulluutti keessummaadha. Deeggertoonni kanaa qulqullummaan hojii battala tokkotti raawwatamu ta’uu isaa fi amantii qofaadhaan qullaa’ummaan guutuu ta’e (mudaa hin qabne) kan gonfatamu ta’uu isaa barsiisu. Isaan “amani qofa malee eebbi hundinuu kan keeti” jedhanii dubbatu. Itti dabalees, dhama’insi biraa nama isa fudhate irraa eegamuu kan hin jirre ta’uu isaa barsiisu. Akkasumas immoo, dirqama seera Waaqayyoo eeguu jalaa kan bilisoman ta’uu isaanii yaadachisaa olaantummaa seerri Waaqayyoo qabu ganu. Haa ta’u iyyuu malee, utuu qajeelfamoota warra eenyummaa fi fedha Waaqayyoo ibsanii wajjiin, akkasumas qajeelfamoota warra wantootni Waaqayyoon gammachisaan maal akka ta’an argisiisanii wajjiin walii hin galiin namoonni akka fedhaa fi amala Waaqayyootti qullaa’uu ni danda’uu? WG 346.5
Hawwiin shaakala amantii salphaa inni dhama’insa, of-ganuu, gowwummaa biyya lafaattii hiikamuu hin barbaadne, barsiisa (doktiriinii) amantii isa sirrii, barsiisa isa amantii qofa jedhu beekamaa taasise. Haa ta’u iyyuu malee sagaleen Waaqayyoo maal jedha: “Yaa obboloota ko! Namni tokko, “Ani amantii qaba” jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree … namicha gowwaa nana! Amantiin hojii gaarii yoo argisiisuu dhaabaate, waa'ee kan hin baafne (du’aa) akka ta'e beekuu in barbaaddaa? Abrahaam abbaan keenya ilma isaa Yisihaqin, iddoo aarsaa irratti yeroo dhi'eesse, hojii isaatiin qajeelaatti lakkaa'ame mitii ree? Kana keessatti amantiin isaa hojii isaa isa gaarii wajjin wal gargaaraa akka ture, amantiinis hojiidhaan fiixaan akka baafame in argita…Egaa namni amantii duwwaadhaan utuu hin ta'in, hojii gaariidhaan qajeelaatti akka lakkaa'amu in argitu.” Yaaq. 2: 14-24. WG 347.1
Dhuga ba’umsi Macaafa Qulqulluu barsiisa (doktiriinii) amantii hojii hin qabne Kanaan ni morma. Haal-duree araara Waaqayyo namaaf argamsiisuu wajjiin utuu walii hin galin eebba samii kan gaafatu amantii osoo hin taane fakkeessaa dha. Sababiin isaa, bu’uurrii amantii dhugaa abdii fi kennaa Macaafa Qulqulluu irratti kan ijaarame dha. WG 347.2
Eenyu illee seera Waaqayyoo keessaa tokko illee fedha isaatiin cabsaa utuu jiruu qulqullaa’uu nan danda’a amantaa jedhuun of hin gowwomsin. Cubbuu beekamaa ta’e hojjechuun dhugaa ba’umsa sagalee Hafuura Qulqulluu cal jechisiisee lubbuu Waaqayyottii gargar baasa. “Cubbuun seera irra daddarbuudha.” “Egaa namni isatti qabamee jiraatu hundinuu cubbuu hin hojjetu [seera irra hin dadarbuu]; namni cubbuu hojjetu hundinuu garuu isa hin argine, isa hin beeknes.” 1Yoh. 3: 6. Yohannis ergaa isaa keessatti guutummatti waa’ee jaalalaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’e illee, garee warra utuu seera Waaqayyoo irra daddarbaa jiranii qulqulloofneerra ofiin jedhanii amala isaanii isa dhugaa mul’isuuf duubatti hin deebine. “Namni, ‘Ani isa beeka” jedhee, abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha, dhugaanis isa keessa hin jiru. Namni dubbii isaa eegu Waaqayyoon dhuguma akka jaallatu fiixaan baasee in argisiisa.” 1Yoh 2: 4, 5. Amantiin nama kamiiyyuu kanaan madaalama. Seerri Waaqayyo waaqa irrattis ta’e lafa kana irratti safartuu (madaallii) qulqullummaa dha. Utuu gara safartuu (madaalliii) qulqullummaa kanaatti fidnee hin madaalin, nama kamiif iyyuu aankii qulqullummaa kennuu hin dandeenyu. Ba’aan seeraa safuu namootaatti hin dhaga’amu yoo ta’e, yoo isaan abboommii isaa salphisanii yookiis xiqqeessanii ilaalu ta’e, yoo isaan abboommii keessa isa xiqqa illee cabsanii namoonnis akkasuma akka godhaniif isaan barsiisu ta’e, isaan fuula Waaqayyoo duratti kabaja tokko illee hin qabaatan. Barsiisni isaanis hundee kan hin qabne ta’uu isaa beekuu ni dandeenya. WG 347.3
Jechi ani cubbuu hin qabu jedhu matumti isaa iyyuu, namni akkana jedhu sun qullaa’ummaa irraa fagaatee kan jiru ta’uu isaaf ragaadha. Namni waa’ee qulqullummaa fi muda maleeyyummaa Waaqayyoo isa barabaraa yookiis amala isaa wajjin walii galtee uumuudhaaf waa’ee wantoota guutamuu qabanii ilaalchisee hubannaa sirrii sababii hin qabneef; Akkasumas, waa’ee qulqullummaa fi jaalala Yesuus isa guddaa, waa’ee hammeenyaa fi miidhaa cubbuu ilaalchisee hubannaa sirrii sababii hin qabneef akka waan qullaa’aa ta’eetti of ilaala. Hanguma fageenyi Kiristoosii fi nama gidduu jiru dheeratu, waa’ee amala Waaqayyoo fi ulaagaa inni nama irra barbaaduu ilaalchisee hubannaa namni sun qabus ga’umsa kan hin qabne ta’a, ija ofii isaatiinis yeroo of ilaalus baay’ee qajeelaa ta’ee isatti mul’ata. WG 347.4
Qulqullummaan Macaafa Qulqulluu keessa kaa’ame guutummaa jireenya namaa hafuura, lubbuu fi qaama of keesstti hammata. Phaawulos akka “hafuurri, lubbuunii fi foonni isaanii yeroo dhufaatii Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoosiif fayyaatti mudaa akka hin godhannetti eegamuuf” amantoota Tasaloonqeetiif kadhate. 1Tas. 5: 23. Ammas irra deebi’ee yeroo amantootaaf barreessu akkana jedhe: “Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa...” Room. 12: 1. Bara Israa’el ishee durii keessa kennaan akka aarsaatti Waaqayyoof dhi’aatu hundinuu sirriitti qoratamee (sakkatta’amee) ilaalama ture. Waaqayyo, kennaan dhi’aatu “Mudaa kan hin qabne” haa ta’u jedhee abboomeera sababa ta’eef, yoo horii aarsaadhaaf dhihaate sana irratti mudaan argame hin fudhatamu ture. Akkuma kana, Kiristiyaanonni namummaa (qaama) isaanii “qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu goodhanii dhi’eessuutu” isaan irraa eegama. Kana gochuudhaaf immoo, hanga dandaa’ametti humni isaanii hundinuu haala baay’ee gaarii ta’e irratti eegamuu qaba. Gochaaleen jabina sammuu fi qaamaa dadhabsiisan hundinuu tajaajila Waaqayyoof kan hin malle (ulaagaa kan hin guutne) nama taasisu. Hanga kennuufii dandeenyuun gaditti yoo isaaf kennine Waaqayyo ni gammadaa? Yesuus: “Waaqayyoon Waaqa kee garaa kee guutuudhaan jaalladhu” jedhe. Namoonni onnee isaanii guutuu Waaqayyoon jaallatan tajaajila jireenya isaanii isa olaanaa Waaqayyoof kennuu hawwu. Akkasumas, fedha Isaa raawwachuu akka danda’anitti dandeettiin isaanii akka gabbatu gochuuf, humna jireenya isaanii mara seera Waaqayyoo wajjin tokkummeessuuf carraaqqii taasisu. Fedha nyaataa yookaan fedha foon isaanii gammachiisuutti qabamanii kennaa Abbaa isaanii isa waaqarraaf kennan hin xureessan, yookiis humna hin dhowwatan. WG 348.1
Pheexiroos “fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa!” jedha. 1Phe. 2: 11. Cubbuun mataa ofii gammachiisuuf hojjetamu hundinuu qaama namaa hadoochee hubannaa hafuuraa fi dandeettii sammuu ajjeesa. Kana qofas osoo hin taane, akka sagaleen Waaqayyoo yookiis Hafuurri Qulqulluun onnee namaa irratti dhiibbaa dadhabaa qabaatu taasisa. Phaawulos warra Qoronxoosiif akkana jedhee barreesse: “Yaa michoota ko... kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafannaa.” 2Qor. 7: 1. Ija hojii hafuuraa keessatti immoo “jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of dhowwuu” hammachiise. Gal 5:22, 23. WG 348.2
Qajeelfamni karaa geggeessaa hafuura Waaqayyoo kennaman akkana ta’anii utuma jiranii, Kiristiyaanota meeqatu bu’aa barbaacha yookiis faashinii waaqessuutti humna isaanii dadhabsiisaa jira; namoota meeqatu namummaa isaanii isa akka fakkaattii Waaqayyootti uumame albaadhummaadhaan, daadhii Wayinii dhuguu fi wantoota dhorkaman hojjechuudhaan mancaasaa jira. Waldaanis qooda isaan ifachuu, si’a baay’ee, gara fedha nyaataatti, gammachuu keessa ba’a fi faayidaa horachuu barbaaduutti, qabeenya ishee isa jaalalli Kiristoos guutuudhaaf baay’ee dadhabaa ta’e guuttachuutti namoota hawwachuudhaan hammina jajjabeessiti. WG 348.3
Yesuus utuu waldoolee bara har’aatti ol seenee dhangaalee yookaan ayyaanota fi hojiiwwan xuraa’oo achi keessatti maqaa amantiitiin geggeeffaman argee, silaa akkuma namoota warra horii jijjiiran sana mana qulqullummaa keessaa oofee gadi baase, warra iddoo qulqullaa’aa ulfina dhowwatan kanas oofee gadi hin baasuuree? WG 348.4
Ergamaan Yaaqoob ogummaan olii dhufu “hundumaa dura qulqullaa’aa” ta’uu isaa barsiisa.Yaaq 3:17. Inni namoota hidhii isaanii isa tamboodhaan xuraa’een maqaa Yesuus isa gati jabeessa waaman utuu argee, warra hafuura xuraa’aa baafatanii namoota naannoo isaa faalanii fi qilleensa samii summeessanii akka namoonni naannoo isaanii jiran qilleensa summaa’aa fudhatan taasisan utuu argee, Ergamaan kun utuu amaleeffannaa faallaa qullaa’ummaa wangeelaa ijaajju akkanaa argee, silaa hojii akkanaa kana akka hojii “lafaatti, kan yaada foonii fi kan hafuura hamaatti” hin balaaleffatu turee? Yaaq 3:15. Namoonni wanjoo garbummaa tamboo jalatti hidhamanii jiran, eebba qulqullummaa guutuu ta’e qabna jedhanii falmachaa waa’ee abdii isaanii isa samii dubbatu. Garuu sagaleen Waaqayyoo “wanti xura'aan tokko illee achitti hin galan” jedhee mul’inatti dubbata. Mul 21:27. WG 349.1
“Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiruu ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa!” 1Qor 6:19, 20. Namni qaamni isaa mana qulqullummaa Waaqayyoo ta’e amala xuraa’aadhaaf hin garboomu. Humni isaa hundinuu kan Kiristoos isa dhiiga isaa dhangalaasee isa bitateeti. Qabeenyi isaa kan Gooftaa dha. Qabeenya akka galfataatti isatti kenname kana qisaasessuu isaatiif akkamitti yakkamaa ta’uu dhiisuu dandaa’a? Lubbuu baay’een sagalee Waaqayyoo dhabanii badaa utuu jiranii, namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan danuun isaanii garuu wantoota waa’ee hin baafnee fi qullaa’aa hin taane hojjechuuf jecha waggaatti maallaqa hedduutti lakka’amu baasii godhu. Qooda deeggersa wangeelaa yookaan gargaarsa dadhabootaaf (hiyyeessotaaf) arjoomuu, iddoo aarsaa fedha foonii isa nama balleessu irratti horii isaanii harka caalaa dhangalaasaa utuu isaan jiranii Waaqayyo immoo karaa kurnaffaa fi kennaa sochoofamuu saamama jira. Utuu namni duuka buutuu Kiristoos ta’uu isaa dubbatu hundinuu dhugaadhumatti qulqullaa’eera ta’ee, silaa qabeenyi isaanii qooda wantoota hin barbaachifnee fi amala miidhaa qaqqabsiisaniif baafamu, gara gombisaa Waaqayyootti deebifama ture. Silaa kiristiyaanonnis fakkeenya of-qabuu, mataa ofii ganuu fi mataa ofii aarsaa gochuu calaqisiisanii ifa biyya lafaa ta’u turan. WG 349.2
Biyyi lafaa fedha mataa isheetti dabarfamtee kennamteetti. Namoonni hedduun “Hawwii foonii, hawwii ijaa fi jireenyaan kooruudhaan” to’atamanii jiru. 1Yoh 2:16. Garuu duuka buutonni Kiristoos waamicha qulqullaa’aa qabu. “Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas; wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa!” 2Qor. 6: 17. Akka sagaleen Waaqayyoo ibsutti, qulqullummaan hojii cubbuu fi gammachuu biyya lafaa guutummaa guutuutti hin balaaleffanne qulqullummaa dhugaa akka hin taane himuun keenya qajeelaadha. WG 349.3
Dubbii sagalee Waaqayyoo isa “Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas…. wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa!” jedhu wajjin warra walii galaniif abdiin kennamee jiru isa kana dha: “Ani abbaa isiniif nan ta’a, isinis ilmaan koo intaloota koos in taatu’ jedha gooftaan inni hundumaa danda'u.” 2Qor. 6: 17, 18. Waa’ee dhimmoota Waaqayyoo ilaalchisee muuxannoo (shaakala) danuu fi badhaadhummaadhaan guute qabaachuun dirqamaa fi carraa guddaa Kiristiyaanota hundumaaf kenname dha. Yesuus Kiristoos “Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu” jedhe. Yoh. 8: 12. “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti.”Fakk. 4: 18. Tarkanfiin amantii fi abbomamuu tokkoon tokkoo ishee, akka lubbuun ifa biyya lafaa isa “dukkanni tasa keessa hin jirre” wajjiin hariiroo dhihoo qabaattu taasisa. Carallaan ifaa calaqqisaa ta’e aduu Qajeelummaa irraa garboota Waaqayyoo irratti ni ifa. Isaanis deebisanii ifa Isaa calaqqisisuu qabu. Akkuma urjoonni madda ifa isaanii kan ta’e ifni ulfina qabeessi tokko samii keessa jiraachuu isaa calaqqisiisan, Kiristiyaanonnis Waaqni amalli isaa akkeffamuu fi galateeffamuu qabu teessoo guutummaa Yuunivarsii irra akka Inni jiru mul’isuu qabu. Ayyaanni Hafuura isaatii, qulqullummaa fi muda-maleeyyummaan isaa dhuga baatota isaa keessatti mul’ata. WG 349.4
Phaawulos ergaa isaa isa gara amantoota Qolaasayisitti erge keessatti eebba ijoollee Waaqayyoof kennemee jiru yeroo ibse akkana jedhee dubbate: “nuyi…. Waaqayyoon isiniif kadhachuu hin dhiifne; fedha isaa hubattanii ogummaa hundumaan qalbifannaa hafuurri qulqulluun kennuunis akka guutamtaniif Waaqayyoon isiniif in kadhanna. Jireenya gooftaadhaaf ta'u jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu, hojii gaarii ta'e hundumaatti ija godhachuu, Waaqayyoon beekuuttis akka guddattaniif kadhachuu keenya. Obsa hundumaa fi gammachuudhaan waliif danda'uuf akka aangoo isa ulfina isaa keessaa dhufutti, jabina hundumaan jabeeffamaa!” Qol 1:9-11. WG 350.1
Obboloonni Efeeson waa’ee carraa addaa isa Kiristiyaanummaa keessaa argamuu akka hubataniif hawwii qabaachuu isaa Phaawulos irra deebi’ee barreesseera. Akka ilmaanii fi intaloota Waaqa Isa hundumaa gararraa jiruutti, beekumsii fi humni dinqisiisaa isaan argachuu dandaa’an guddaa ta’uu isaa jechoota hubannaatiin isaaniif ibsee isaan dura kaa’e. “Namummaa isaanii isa keessaan…. karaa Hafuura isaatii humnaan guutamuun, jaalalattis hiddaa fi hundee godhachuun, warra Waaqayyoof qulqullaa’an hundumaa wajjin dhoksaan ogummaa isaa hammam akka bal’atu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus hubachuu danda’uu fi jaalala Kiristoos isa safara beekumsa namaa bira darbu beekuun” isaaniif kennameera. Garuu kadhannaan ergamaa Phaawulos yeroo inni “guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessanitti akka guutamtaniif nan kadhadha” jedhee kadhatee fiixee irra ga’e.” Efe. 3:16-19. WG 350.2
Yeroo nuti ulaagaa Abbaa keenya isa waaqarraa guutnu, abdii inni nuuf kenne keessatti milkaa’inni (galmi) olaanaan nuti amantiidhaan bira geenyu iddoo kana irratti mul’ifameera. Karaa tola Kiristoos gara teessoo Waaqa isa humni isaa daangaa hin qabneetti dhi’aachuu dandeenya. “Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree?” Room. 8:32. Abbaan safara malee Hafuura isaa Ilma isaatiif kenne. Nus guutummaa isaa keessaa hirmaattuu ta’uu ni dandeenya. Yesuus akkana jedhe: “Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” jedhe. Luq. 11:13. “Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha.” “egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fudhattus!” Yoh. 14: 14; Yoh. 16: 24. WG 350.3
Jireenyi Kiristiyaanummaa amala gad of deebisuudhaan uwwifamuu kan qabu yoo ta’e illee, gaddaa fi yaaddoo keessa dhidhimuudhaan kan guutame ta’uu hin qabu. Jireenya Waaqayyotti toluu fi eebba Waaqayyoo isaaf argamsiisu jiraachuun carraa nama hundaati. Abaarsaa fi dukkanaa’ummaa keessa barabaraan jiraachuun keenya fedha Abbaa keenya isa waaqa irraa miti. Onneen yaada ofittummaadhaan guutamee osoo jiruu mataa (boquu) gad qabatanii adeemuu keessa ragaan gad of deebisuu dhugaa hin jiru. Gara Yesuus dhaqnee qullaa’uu, akkasumas seera Waaqayyoo fuuldura qaanii fi ceephoo malee dhaabbachuu ni dandeenya. “Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru.” Room. 8: 1. WG 350.4
Ijoolleen Addaam warrii kufan karaa Yesuus Kiristoos “ijoollee Waaqayyoo” ta’u. “Egaa inni qulqulleessu warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii kanaaf inni qulqulleessu sun “Obboloota koo” jedhee isaan waamuu hin yeella'u.” Ibr. 2: 11. Jireenyi Kiristiyaanummaa jireenya amantii, kan mo’ichaa fi jireenya Waaqayyoon keessatti gammadu ta’uu qaba. “Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo’ amu kunis amantii keenya.”1Yoh. 5: 4. Nahimiyaa garbichi Waaqayyoo dhugaadhumatti akkana jedhee dubbateera: “Gammachuun Inni isiniif kennus jabina keessan.” Nah 8:10. Phaawulosis akkana jedha: “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!” “Yeroo hundumaa gammadaa! Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Yesus Kristos kana gochuu keessan in fedha.” Fili 4:4; 1 Tas. 5:16-18. WG 351.1
Qalbii jijjirannaa fi qulqullummaa isa Macaafni Qulqulluun barsiisu keessaa bu’aan argamu kan akkasii fa’i. Sababa Kiristiyaanonni addunyaa qajeelfama qajeelummaa isa guddaa karaa seera Waaqayyoo kenname maal-dhibdiidhaan ilaalaniif bu’aan akkanaa kun akka gaariitti argamuu dadhabe. Hojiin Hafuura Qulqulluu inni bifa gadi fagoo fi dhaabbataa ta’e haara’umsa baroota darbanii keessatti mul’achaa ture, har’a akka gaariitti kan inni hin mul’anneef sababa kanaafi. WG 351.2
Nuti kan jijjiramnu ilaaluudhaani. Waaqayyoo waa’ee qulqullummaa fi guutuummaa amala isaa kan inni namootaaf ibse seera isaa keessatti dha. Yeroo seeronni qulqullaa’oon warri Waaqayyo isa keessaan amala isaa isa guutuu fi qulqulluu namootaaf ibse kun tuffatamanii fi yeroo sammuun namootaa barsiisaa fi tiiyoorii namaatiin hawwatamu, kana hordofee sodaan Waaqayyoo inni jiraataan waldaa keessaa gadi deebi’aa adeemuun isaa dinqii maaliiti? “Sabni koo jal'ina lama hojjete; ana isa burqaa bishaan jireenyaa ta'e dhiisee, qodaa bishaanii isa urataa bishaan baachuu hin dandeenye in tolfate.” Erm. 2: 13. WG 351.3
“Namni akka gorsa warra jal'ootaatti hin deddeebine, karaa cubbamoonni irra adeeman irra kan hin ejjenne… Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waa'ee seera Waaqayyoo in yaada. Inni akka muka isa bishaan yaa'aa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.” Faar 1: 1-3. Amantii fi Jireenyi qullaa’ummaa bara durii deebi’ee saba Waaqayyoo gidduutti haara’uu kan inni danda’u, yeroo seerri Waaqayyoo iddoo isaa isa sirriitti deebi’u qofa. “Ammas Waaqayyo isin saba isaatti dubbatee, “Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! ‘Daandiin inni durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?’ jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!” jedhe; isin garuu, “Lakkii nuyi isa irra adeemuu hin barbaannu” in jettan.” Erm. 6: 16. WG 351.4