Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 24—Kutaa Qulqulluu Qulqulootaa Keessatti

Mata dureen mana qulqullummaa furtuu dhoksaa abdii kutannaa 1844 hiikedha. Inni sochii dhufaatii isa guddaa harki Waaqayyoo geggeessuu isaa kan argisiisee fi ejjennoo fi hojii saba Waaqayyoo gara ifaatti fidee gocha yeroo kanatti godhamuu malu argisiisuudhaan dhugaan guutuumaatti akka mul’atuuf karaa bane. Akkuma bartoonni Yesus halkan dhiphinaa fi abdii kutannaa sana booda “gooftaa yeroo argan gammadan” warri dhufa isaa isa lammaffaa amantiidhaan eeggachaa turanis amma in gammadan. Isaan garboota isaatiif gatii kennuuf ulfinaan mul’ata jedhanii yaadan. Yeroo abdiin isaanii cite Yesusiin arguu dhabanii akka isa Maariyaam ishee iddoo awwaalchaatti “gooftaa koo fudhataniiru, eessa akka isaan ka’aanis hin beeku” jettee wajjin iyyan. Amma idoo qulqulluu qulqullootaa keessatti angafa lubaa isaanii isa o’a qabeessa, isa akka mootii fi fayyisaa isaaniitti yeroo dhiyootti dhufu deebi’anii argan. Ifti waan darbe, waan ammaa fi waan fuula duraa isaaniif ibsu mana qulqullummaa keessaa isaaniif ba’e. Isaanis Waaqayyo gaarummaa isaa isa hin dogoggorreen akka isaan geggeesse baran. Akkuma bartoota warra jalqabaa ergaa isaa harka jiru hubachuu yoo dadhaban illee, inni kallattii hundumaan sirrii ture. Isa lallabuu isaaniitiin kaayyoo Waaqayyoo fiixaan baasan, dhamaasuun isaanii gooftaa biratti kan akkasumaanii miti. “Abdii jiraataatiin deebi’anii” dhalachuudhaan “abdii guutuu fi gammachuu hin dubbatamneen” gammada. WG 313.1

Raajiin Daani’eel 8:14 inni “Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama jedhe” fi ergaan ergamaa tokkoffaa inni “Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa! Jedhe hojii Kirstos sakatta’umsa murtiif iddoo qulqulluu qulqullootaatti hojjetu argisiisa malee, isa Kiristos saba isaa fayyisuu fi cubbuu balleessuuf dhufu miti. Dogoggorri shallaggii yeroo raajii keessatti utuu hin taane taatee xumura guyyaa 2300 tti raawwatu irratti ture. Dogoggora kanaan abdii kutannaan amantoota mudate, haa ta’u malee wanti dursee raajiidhaan himamee fi ragaan isaan Macaafa Qulqulluu keessaa qaban hundumtuu raawwatameera. Abdiin isaanii utuu hin raawwatamiin hafuu isaaf utuu isaan boo’aa jiranii wanti ergaadhaan dursee himame in ta’e, inni utuu gooftaan garboota isaaf gatii kennuuf hin dhufiin fuula dura raawwatamuu qabus in raawwatame. WG 313.2

Akka isaan eeggatanitti Kiristos gara lafaa hin dhufne, garuu isa tajaajila gaadidduu ta’e keessatti mul’atetti gara mana qulqullummaa Waaqayyoo isa waaqa irraa iddoo qulqulluu qulqullootaa dhufe. Dhufaatiin isaa inni kun gara Jaarsa Barootaa akka dhufutti fakkeeffamee raajii Daani’eeliin dubbatamee ture. Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul'ataan nan arge; yommus inni (gara lafaa hin dhufne) gara isa bara baay'ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi'eeffame.” Daan.7:13. WG 314.1

Dhufaatiin kun raajicha Miilkiyaasiinis dubbatamee ture: “Waaqayyo gooftaan maccaa, Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa jedha.” Miilk.3:1. Gooftichi gara mana qulqullummaa isaa dhufuun utuu sabnisaa itti hin yaadiin akka tasaa ture. Isaan achitti Isa hin eegne. Isaan “Gooftichi ibidda boba'aa wajjin in mul'ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadiin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomamiinis adabuuf” gara lafaa dhufa jedhanii eeggatan. 2 Tasa. 1:8. WG 314.2

Garuu sabni Gooftaa isaanii simachuuf hin qophoofne. Amma illee hojiin qophaa’ummaa isaaniif raawwatamuu qabu hafee jira. Sammuu isaanii gara mana qulqulummaa isa waaqa irraatti qajeelchuuf ifti kennamuu qaba; tajaajila angafa lubummaa achi keessatti inni hojjetu amantiidhaan yeroo isaan hordofan hojiin haaraan isaanitti mul’ifamuu qaba. Ergaan gorsaa fi akeekkachiisaa kan biraan waldaaf kennamuu qaba. WG 314.3

Raajichi akkas jedha: “Garuu guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu danda'a ree? Yeroo inni mul'atus eenyutu dhaabachuu danda'a ree? Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis. 3 Inni akka nama sibiila baqsuutti, akka nama meetii qulleessuuttis taa'ee warra Lewwootaa baqsee akka warqee fi akka meetiitti isaan in qulleessa; isaanis warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhi'eessan in ta'u.” Miilk.3:2, 3. Hojiin araarsuu Kiristos inni mana qulqullummaa isa olii keessatti hojjetamu yeroo dhaabbatu warri lafa irra jiraatan Waaqayyo isa qulqulluu duratti araarsaa malee argamu. Uffanni isaanii mudaa malee ta’uu qaba, amalli isaanii facaafamuu dhiiga Kiristosiin cubbuu irraa kan qullaa’e ta’uu qaba. Ayyaana Kiristosii fi dhamaasuu isaaniitiin lola cubbuu wajjin qaban keessatti warra mo’an ta’uu qabu. Yeroo sakkata’umsi murtii samii keessatti geggeeffamu, yeroo cubbuun amantoota gaabbanii mana qulqullummaa keessaa haqamu, saba Waaqayyoo warra lafa irra jiraatan gidduudhaa cubbuu dhabamsiisuuf hojiin qullaa’ummaa addaa jiraachuu qaba. Hojiin kun ergaa Mul’ata 14 keessa jiru keessatti caalaatti ifee dhiyaateera. WG 314.4

Hojiin kun yeroo raawwatamu hordoftoonni Kiristos mul’achuu isaatiif kan qophaa’an ta’u. “Yommus aarsaan Yihudaa fi aarsaan Yerusaalem akka baroota darbanii, akka waggoota durii sanaattis Waaqayyo duratti fudhatamaa in ta'a.” Miilk.3:4. Kana booda waldaan isheen Gooftaan yeroo dhufa isaa ofitti fudhatus “xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabu” taatee argamti. Efe. 5:27. Kana booda “isheen akka boruu ganamaa ol baatu, akka ji'aa miidhagdu, akka aduu iftu, akka loltoota faajjii baatanii nama sodaachiftu” in taati. W/W/ Caalu 6:10. WG 314.5

Gooftaan gara mana qulqullummaa isaa dhufuutti dabaluudhaan Miilkiyaas waa’ee dhufaatii Isaa isa lammaffaa isa inni dhufee firdii kennus dursee dubbateera: “Waaqayyo gooftaan maccaa, Ani firdii kennuudhaaf isinitti dhi'aadheera; warra qoricha namatti godhan irratti, warra ejjitoota irratti, warra sobaan kakatan irratti, namoota warra hojjetoota, haadha hiyyeessaa fi ijoollee abbaa fi haati irra hin jirre cunqursan irratti, warra nama galaa firdii dhowwatan irratti, warra ana hin sodaanne irrattis dafee dhugaa nan ba'a jedha.” Miilk.3:5. Yihudaanis taatee kana fakkaatu ilaalchisee akkas jedha, “Kunoo, gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa! Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf taa'ee, waan warri Waaqayyo malee jiraatan jireenya akkasii keessatti hojjetan hundumaa dubbii jajjabaa cubbamoonni warri Waaqayyo malee jiraatan isa irratti dubbatan hundumaa, bakkeetti baasee amansiisee, nama adduma addaan in adaba jedhe.” Yihu. 14, 15. Dhufaatiin inni kunii fi inni Gooftaan gara mana qulqullummaa isaa dhufu taatee garaagaraa fi addaddaati. WG 315.1

Kiristos akka angafa lubaa keenyatti mana qulqullummaa qulqulleessuuf iddoo qulqulluu qulqullootaa dhufuun isaa inni Daani’eel 8:14; ilmi namaa gara Jaarsa Barootaa dhufuun inni Daani’eel 7:13 keessaa; fi Gooftaan gara mana qulqullummaa isaa dhufuun inni Miilkiyaasiin dursee dubbatame hundumtuu taatee tokkicha ibsu; kun Maatewos 25 keessatti fakkeenya durboota kurnanii isa Gooftaan ibse keessatti dhufaatii dhirsa misirrootti fakkeeffamee dubbatameera. WG 315.2

‘Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!’ kan jedhu lallabni bara 1844 ji’a bonaa fi birraa keessa kenname. Gareen lamaan durboota afshaalotaa fi durboota gowwootatti fakkeeffaman yeroo sana mul’atan. Isaanis gareen tokko warra mul’achuu gooftaa gammachuudhaan eeggatanii fi dammaqanii isa simachuuf qophaa’an yeroo ta’u, gareen biraan immoo warra sodaadhaan dhiibamanii fi miiraan kakaafaman, warra tiyoorii dhugaa qofatti quufanii garuu ayyaana Waaqayyootti immoo hiri’uu ta’an turan. Fakkeenyicha keessatti, yeroo dhirsi misirroo dhufe “warri qophaa’an isaa wajjin cidhatti galan.” Akka asitti mul’atutti dhufuun dhirsa misirroo cidha sana dura ta’e. Cidhi sun Kiristosiin gara mootummaa Isaatti fudhatamuu bakka bu’a. Magaalaan qulqulluun, Yerusaalem Haaraan, isheen magaalaa guddoo fi mootummaatti fakkeeffamte, “misirroo, haadha manaa hoolichaa” jedhamtee waamamte. Yohannis keessatti ergamichi akkas jedhe: “Kottu, ishee misirroo, haadha manaa hoolichaa sitti nan argisiisaa! jedhe. Hafuuraanis ol fuudhee gara tulluu guddaa dheeraa tokkootti na geesse; Yerusaalem mandara qulqullittii Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa gad buutus anatti in argisiise.” Mul.19:9, 10. Misirroon Magaalaa Qulqulluu sana akka bakka buutuu fi durboonni dhirsa misirroo simachuuf ba’anis fakkeenya waldaa ta’uun isaa ifaadha. Mul’ata keessatti sabni Waaqayyoo keessummoota cidha ga’eelaa jedhamanii waamamaniiru. Mul.19:9. Keessumoota erga ta’anii misirrootti fakkeefamuu hin danda’an. Akka raajii Daani’eel keessatti ibsametti Kiristos Guyyoota Bara durii jalqabee samii keessatti “gooftummaa, ulfina, mootummaa” Yerusaalem Haaraa, Magaalaa Guddoo mootummaa isaatii ishee taatee “akka misirroo dhirsa isheetiif, kuulamtee, qophooftetti” sana in fudhata. Daan.7:14; Mul.21:2. Mootummicha fudhatee saba isaa fayyisuuf mootii moototaa fi gooftaa gooftotaa ta’ee ulfinaan dhufuudhaan cidha hoolichaa keessatti hirmaachuuf mootummaa isaa keessatti “Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobii wajjin” maaddiitti in taa’a. (Maat. 8:11; Luq. 22:30). WG 315.3

Lallabni inni “‘Dhirsi misirroo kunoo ti!” jedhu ji’a bonaa bara 1844 kenname gooftaa dafee dhufa jedhanii gara eeguutti namoota kumaatama geggeesse. Yeroo ka’aametti dhirsi misirroo in dhufe, garuu akka sabni eeggatan gara lafaa hin dhufne, cidhicha, mootummaa Isaa fudhacuuf gara Jaarsa Barootaa isa waaqa irraa dhufe malee. “Warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame.” Isaan gara cidhichaatti qaamaan hin dhiyaanne; sababni isaa utuu isaan lafa irra jiranii kun samii keessatti ta’e waan ta’eef. Hordoftoonni Kiristos “mana eegduu gooftaan isaanii hamaamota dhaqnaan yommuu dhufu akkuma inni balbala rukuteen isaaf banuudhaaf qophaa'an” ta’uu qabu. Luq. 12:36. Garuu hojii isaa hubachuu fi akkuma inni fuula Waaqayyoo dura dhaqeen amantiidhaan isa hordofuu qabu. Gara cidhichaatti galan kan jedhu akkaata kanaani. WG 316.1

Fakkeenya kana keessatti gara cidhichaatti kan galan warra qodaa ibsaa isaanii keessaa dhadhaa nuugii qabaniidha. Isaan warra beekumsa dhugaa Macaafa Qulqulluu wajjin Hafuuraa fi ayyaana Waaqayyoo qabaniidha, warra halkan qorumsa hadha’aa sanattis ifa dabalataa argachuuf Macaafa Qulqulluu qoratanii dhugaa waa’ee mana qulqullummaa waaqa irraa fi jijjiirama tajaajila fayisaa warra arganii fi hojii isaa isa mana qulqulummaa waaqa irraa keessatti amantiidhaan warra isa hordofaniidha. Karaa dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluu dhugaa wal fakkaataa kana fudhachuudhaan yeroo Kiristos hojii araarsuu isa xumuraa raawwachuu fi xumura isaa irrattis mootummaa isaa fudhachuuf gara Waaqayyootti seene amantiidhaan isa kan hordofan hundumtuu gara chidhaatti akka galanitti fakkeeffamaniiru. WG 316.2

Maatewos 22 keessatti fakkeenya cidhaa kana fakkaatutu dhiyaate, cidha sana dura sakkata’umsi murtii akka geggeeffamu ifatti dubbatameera. Cidha sana dura mootichi keessummoota isaa ilaaluudhaaf, uffata cidhaa, uffata amalaa isa dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffatan, hundumtuu uffatanii akka jiran ilaaluudhaaf ol gale. Maat.22: 11; Mul.7:14. Uffata cidhaa kan hin qabne alatti gadi baafame, garuu sakkata’umsa sana keessatti uffata cidhaa uffatee kan argame hundumtuu Waaqayyo biratti fudhatama argatee mootummaa isaa keessatti hirmaachuu fi teessoo isaa irra taa’uuf kan malu ta’ee argame. Hojiin sakkata’umsa amalaa, inni mootummaa Waaqayyoof eenyu akka qophaa’e murteessu, sakkata’umsa murtii isa hojii mana qulqulummaa waaqa irraa gara xumuraatti fiduudha. WG 316.3

Hojiin sakkata’umsa murtii kun yeroo xumuramu, dhimmi namoota bara hundumaa keessatti nuyi hordoftoota Kiristos ofiin jedhanii dubbataa turanii qoratamee yeroo murtaa’u araarri in cufama, balballi araaraas in cufama. Akkasitti jecha gabaabaa, “warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame” jedhuun gara tajaajila fayyisaa isa xumuraa, gara yeroo hojiin fayyina dhala namaa inni guddaan xumuramuu keessa adeemna. WG 316.4

Tajaajila mana qulqullummaa isa jalqabaa irraa gara fakkeenya tajaajila waaqa irraa isa ta’e keessatti angafni lubaa guyyaa araarsuu sanatti gara kutaa qulqulluu qulqulootaatti yeroo seenu, tajaajilli kutaa isa tokkoffaa keessaa ni dhaabbata. Waaqayyo akkas jedhee abboome: “Yommuu Aaron araara buusuudhaaf iddoo qulqullaa'aa sanatti lixu, hamma inni ofii isaatii fi maatii isaatiif, guutummaa waldaa Israa'eliifis araara buusee gad ba'utti, namni tokko illee dunkaana walga'ii sana keessatti hin argamin!” Leew. 16:17. Kanaaf Kiristos yeroo hojii araarsuu isa xumuraa raawwachuuf gara idoo qulqulluu qulqulootaatti seene, tajaajila kutaa tokkoffaa keessaa in dhaabe. Garuu tajaajilli kutaa tokkoffaa yeroo xumurame, tajaajila kutaa lammaffaatu jalqabame. Tajaajila isa gaadidduu ta’e keessatti guyyaa araaraa sana angafni lubaa hojii kutaa isa qulqulluu dhiisee bakka ijoollee Israa’el warra dhugaatti qalbii jijjiiratanii dhiiga horii aarsaa dhiyeessuuf fuula Waaqayyoo dura dhaqa. Akkasumas Kiristos akka araarsaa keenyaatti kutaa hojii isa kan biraatti seenee bakka cubbamootaa fuula Abbaatti dhiyaatee dhiiga ofii isaatii araara kadhachuuf, kutaa hojii isaatii isa tokko xumure. WG 316.5

Mata dureen kun bara 1844 keessa Adventistootaan hin hubatamne ture. Yeroon fayyisaan itti dhufuuf eegame erga darbee booda illee dhufti isaa dhiyoodha jedhanii amanaa turan; rakkina barbaachisaa bira akka ga’anii fi araarsaa namootaa ta’ee fuula Waaqayyootti hojiin Kiristos hojjetu akka dhaabbatetti amanan. Utuu gooftaan duumessa waaqaatiin hin dhufin yeroo xiqqoo fuula dura araarri sanyii namaa akka cufamu Macaafa Qulqulluu keessaa waan baratan isaanitti fakkaate. Yeroo namoonni balbala araaraa dura dhaabbatanii balbala rukutaa, barbaadanii fi iyyaan inni immoo isaaniif banamuu didu isaa Macaafni Qulqulluun kan argisiisu dhugaa isaanitti fakkaate. Guyyaan isaan dhufaatii Kiristos itti eeggachaa turan jalqabbii yeroo kanaa isa laf-jalee dhufaatii isaa ta’innaa kan jedhu gaaffiin isaan keessa ture. Murtiin akka dhiyaate akeekkachiisa kennuu isaaniitiin hojiin isaan biyya lafaatiif hojjechuu qaban akka raawwatametti isaanitti dhaga’ame, fayyina cubbamootaaf ba’aa lubbuu duraan qaban in dhaban, ija jabinnii fi qoosaan arrabsoodhaan guute kan warra Waaqayyoon hin beeknee ragaa Hafuurri Waaqayyoo warra araara isaa jibban irraa fudhatamuu akka ta’e isaanitti fakkaate. Kun hundumtuu araarri xumuramuu isaaf amantii isaan qaban isaaniif mirkaneesse, yookiin “akkuma isaan ibsan “balballi araaraa cufamuu isaa” isaaniif dhugoomse. WG 317.1

Garuu gaaffii dhimma mana qulqullummaa qoruun ifa dabalataa fide. Xumurri guyyaa 2300 bara 1844 keessa milikkita wanta barbaachisaa tokkoo akka ta’e amanuu isaaniif sirrii akka ta’an argan. Balballi abdii fi araaraa inni waggoota kuma tokkoo fi dhibba saddeetiif namoonni ittiin gara Waaqayyootti dhiyaatan cufamuun isaa dhugaa ta’ee utuu jiruu, balballi kan biraan banamee karaa araarsuu Kiristos isa iddoo qulqulluu qulqulootaa keessatti geggeeffamuu dhiifamni cubbuu namootaaf kenname. Kutaan tajaajila isaa inni tokko kan inni cufame isa kan biraaf iddoo kennuuf jecha qofa ture. Mana qulqullummaa waaqa irraa iddoo kiristos cubbammaa bakka bu’ee tajaajilu keessa amma illee “balballi banamaan” tureera. WG 317.2

Sagaleen Kiristos Mul’ata keessatti waldaa yeroo kanaa ilaalchisee dubbate hojii irra ooluun isaa amma in argame: “Ergaan kun isa qulqulluu, isa dhugaa, isa banaa Daawit of harkaa qabu, isa wanta inni banu namni tokko illee cufuu hin dandeenye, wanta inni cufus; namni tokko illee banuu hin dandeenye sana biraa dhufe’ jedhii caafi! Ergichi, Ani hojii kee beeka; Kunoo, ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera.” Mul.3:7, 8. WG 317.3

Yeroo warri ifa morman hojii tajaajilaa karaa isaa mul’ate fayyadamuu dhaban, warri hojii araarsu isa guddaa keessatti amantiidhaan Yesusiin hordofan immoo araara bakka isaanii godhamu fudhatanii itti fayyadaman. Yihudoonni warri ifa yeroo Kiristos jalqaba dhufe kenname morman fi akka fayyisaa biyya lafaatti isatti amanuu dhiisan dhiifama cubbuu karaa isaa kennamu fudhachuu hin dandeenye. Yeroo Yesus gara samiitti ol ba’ee eebba araara isaa bartoota isaa irratti dhangalaasuuf mana qulqullummaa waaqa irraa keessa dhiiga ofii isaatiin seene, yihudoonni aarsaa fi kennaa isaanii isa bu’aa hin qabne itti fufuuf dukkana cimaa keessatti dhiifaman. Tajaajilli inni gaadidduu fi fakkeenya ture sun hafeera. Balballi inni duraan namoonni ittiin gara Waaqayyootti seenan kana booda banamaa hin turre. Yihudoonni karaa tajaajila mana qulqulummaa isa waaqa irraa bakka inni argamuu danda’utti isa barbaaduu hin feene turan. Kanaaf Waaqayyoo wajjin wal quunamuu hin dandeenye. Isaaniif balballi cufameera. Isaan Kiristosiin aarsaa dhugaa fi fuula Waaqayyoo duratti araarsaa tokkicha ta’uu isaa hin beekne; sababa kanaaf araara isaa irraa faayidaa argachuu hin dandeenye. WG 317.4

Haalli Yihudoota amantii hin qabnee haala warra nuyi kiristiyaanota ofiin jechaa dhiba’ummaa fi amantii dhabinaan jiraatanii hojii angafa lubaa keenya isa araara qabeessa hin beekne argisiisa. Tajaajila isa gaadidduu ta’e keessatti yeroo angafni lubaa kutaa qulqulluu qulqullootaa seenu guutummaan Israa’el cubbuu isaanii irraa dhiifama argachuu fi waldaa keessaas akka hin muramneef naannoo mana qulqullummaatti walitti qabamanii lubbuu isaanii fuula Waaqayyoo duratti gadi deebisu. Guyyaa Araarsuu isa dhugaa kanatti hojii angafa lubaa keenya hubachuu fi hojii nurraa barbaadamu beekuun hammam kana caalaa barbaachisa. WG 318.1

Namoonni akeekkachiisa Waaqayyo araara isaatiin gara isaaniitti erge bilisummaadhaan mormuu hin danda’an. Bara Nohii keessa ergaan samiidhaa gara biyya lafaatti ergamee ture, fayyinni isaanis akkaataa isaan ergaa kana ittiin keessummeessan irratti hunda’a. Sababa isaan akeekkachiisa kana mormaniif Hafuurri Waaqayyoo sanyii cubbamaa irraa fagaatee ture, isaanis bishaan badiisaatiin dhuman. Yeroo Abrahaam keessa cubbamoota Sodoom keessa jiraataniif araara kadhachuun in dhaabbate, loox, haadha manaa isaa fi ijoollee durbaa lamaan irraa kan hafe hundumtuu ibidda waaqa irraa ergameen gubatan. Bara Kiristos keessas akkuma kana ture. Ilmi Waaqayyoo Yihudoota amantii hin qabne bara isaatiin akkas jedhe: “manni keessan onee in hafa.” Maat. 23:38. Inni humni Isaa daangaa hin qabne guyyoota xumuraa fagootti ilaalee Waa’ee “Warra fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu didanii” akkas jedhee dubbate, “gowwoomsaa hamminaa hunduma isaanii irratti in fida. Kanaafis Waaqayyo, wanta dhugaa hin ta'iin akka amananiif gochaa nama wallaalchisu isaanitti in erga. Warra jal'inatti gammadanii dhugicha hin amanne hundumaatti akka faradamu in godha.” 2 Tasa. 2:10-12. Yeroo isaan barsiisa sagalee isaatii dhiisan Waaqayyoo Hafuura isaa isaan irraa in fudhata, gowwomsaa isaan jaallatan keessattis isaan dhiisa. WG 318.2

Garuu Kiristos amma illee bakka namaa bu’ee araarsaa jira, warra isa barbaadaniifis ifti in kennama. Kun jalqaba Adventistootaan kan hin hubatamne yoo ta’e illee, yeroo Macaafni Qulqulluun inni ejjennoo isaanii isa dhugaa ibsu fuula isaanii duratti baname booda isaaniif ife. WG 318.3

Darbuun 1844 faana bu’ee yeroo qorumsaa guddaatu warra amma illee amantii Adventistii qabatanii jiranitti dhufe. Ejjennoo isaanii isa dhugaa ilaalchisee wanti isaan boqochiisu ifa isa sammuu isaanii gara mana qulqullummaa isa oliitti qajeelche qofa. Muraasi isaanii shallaggii yeroo raajii isa irratti amantii qaban dhiisaniiru, dhiibbaa Hafuura Qulqulluu isa sochii dhufaatii lammaffaa deggeraa tures akka hojii namaa yookiis hojii seexanaatti lakkaa’an. Gareen kan biroon muuxannoo isaanii isa darbe keessatti gooftaan akka isaan geggeesse jabeessanii qabatan; fedha Waaqayyoo beekuuf yeroo eeggatan, yeroo dammaqanii fi kadhatan angafni lubaa isaanii inni guddaan hojii tajaajila kan biraatti akka seene argan, amantiidhaan isa hordofanii cufamuu hojii waldaa akka arganiif qajeelfaman. Isaan ergaa ergamaa tokkoffaa fi lammaffaa haala ifaa ta’een kan hubatan yeroo ta’an, akeekkachiisa ergaa sadaffaa isa Mul’ata 14 keessa jiru fudhatanii addunyaafis kennuuf kan qophaa’an turan. WG 318.4