Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 2—Ari’atama Jaarraa Jalqabaa

Yesuus, waa’ee badiisa Yerusaalemii fi taatewwan dhufaatii Isaa kan lammataa yeroo bartoota isaatti hime, achumaanis guyyaa inni isaan duraa fudhatamuu kaasee amma inni isaan oolchuudhaaf deebi’ee ulfinaan dhufuutti wantota isaan mudachuuf jiru hunda isaanitti dubbatee ture. Gaara Ejersaa irratti danbalii dhiyootti waldaa bartootaa irratti kufuuf jiru itti hime; fuula duratti waan ta’uuf jirus fageessee ilaaluudhaan, baroota dukkanaa fi ari’atamuu fuula duratti dhufuuf jiran keessatti qorumsa akka ibiddaatti isaan balleessuuf ittiin qoramuuf jiran iji isaa calalee aege. Jechoota muraasaan waantota gaddisiisoo geggeessitootni biyya lafaa waldaa Waaqayyoo irraan ga’uuf jiran dursee dubbate. Maatewoos 24:9, 21, 22. Duuka Buutotni Kiristoos daandii salphifamuu, ceephaa’amuu fi dhiphachuu barsiisaan isaanii keessa darbe kana keessa darbuu qabu. Diinummaan fayyisaa biyya lafaatti agarsiifame warra isatti amanan hundumaattis mul’ifamuun isaa kan hin oolledha. WG 42.1

Seenaan waldaa baroota jalqabaa dubbiin Fayyisaan dursee dubbate raawwachuu isaa dhugaa ba’u. The history of the early church testified to the fulfillment of the Saviour’s words. Humni dachee fi si’ool mul’inatti duuka buutota Kiristoos irratti ka’an. Iddoon aarsaa fi manni sagadaa warra Waaqa dhugaa malee jiraatanii diigamee baduuf akka jiruu fi Wangeelli mo’uuf akka jiru dursitee waan argiteef; kanaaf jecha Kiristaanota guutummaatti balleessuudhaaf humna qadu hunda fayyadamte. Ibiddi ari’annaa ni qabsiifame. Kiristaanotni qabeenya isaanii fi mana isaanii irraa ni ari’ataman. “Lola dhiphisaa sana obsaan danda’an.” Ibroota 10:32. “Ga’oof ta’an, ni reebaman, funyoo sibiilaanis hidhamanii mana hidhaatti ni galfaman.” Ibroota 11:36. Lakkoofsaan hedduu kan ta’an dhuga ba’umsa isaanii dhiiga isaaniitiin chaappessan. Warri beekamoo fi garbootni, sooressii fi hiyyeessi, kan baratee fi kan hin baratin, hundi isaanii haala wal fakkaatuun gara laafina tokko malee qalaman. WG 42.2

Ari’atamni kun kan jalqabe bara Neeroo keessa, naannoo bara ajjeefamuu Phaawuloos keessaa kaasee takka jabaachaa takka laafaa jaarraa hedduudhaaf itti fufe. Kiristaanotni yakka sodaachisoo kanneen beelaa, dha’ichaa, fi kirkira lafaa fidaniif sababa godhamanii himataman. Akkuma jibbii fi shakkiin isaan irra jiru beekamtiin isaa dabalaa deemeen warri bu’aa dalgaa argachuuf jecha sobaan dhugaa ba’an namoota qulqulluu kana irratti dubbachuudhaaf qopha’anii ka’an. Isaan akka finciltoota mootummaatti, akka mormitoota amantii fi akka dhiphistoota hawwaasaatti himataman. Baayyeen isaanii bakka namni taa’ee ilaalutti bineensaaf darbataman, kaan isaaniis jiraatti utuu jiranii ibidda keessa buufaman. Kaan isaanii ni fannifaman; kaan isaanii immoo gogaan bineensaa itti uffifamee akka sareen ariitee isaan nyaattu godhaman. Adabbiin isaan irra ga’u kan yeroo namni nyaachisaaf walitti qabamu ilaalee itti gammadu taasifame. Namootni hedduun walitti qabamanii yeroo isaan iyya dhiphina hafuura ishee dhumaa dhageessisan itti kolfaa fi ittiin bashannanaa turan. WG 43.1

Duuka buutotni Kiristoos bakka da’annoo argatan hundumaatti akka bineensa bosonaatti adamfamu turan. Lafa onaa fi moggaatti baqachuudhaaf dirqaman. “dhagaadhaan rukutaman, iddoo lamatti ni baqaqfaman, billaadhaan ni ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiin re’otaa uffatanii asii fi achi ni deddeebifaman, waan isaan barbaachisu ni dhaban, ni rakkifaman, ni miidhaman. Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu isaan biyya lafaaf kan hin malle ta’anii lakka’amanii lafa duwwaa fi tulloota irra ni jooran, holqaa fi boolla lafaa keessas ni jiraatan.” Lakk. 37, 38. Bakki owwaalchaaf lafa jalatti qotamanii dursanii qopha’an kumaatamaaf iddoo itti baqatanii oolan ta’e. Cinaa tulluuwwan magaalaa Roomaatii ala jiranii keessatti maneen lafa jalatti ijaaraman baayyeetu qorannaa lafa jalaatiin qotamee lafaa fi dhagaa keessaa argamaa ture; karaan dukkana’aa fi wal xaxaan lafa jalatti tolfame dallaa magaalattii irraa kaasee maayila hedduu fagaatee kan deemu tureera. Bakkeewwan lafa jalaa kana keessatti duuka buutotni Kiristoos namoota isaan keessaa ajjeefaman achitti owwaalaa turan; akkasumas yeroo shakkamanii fi jibbamanitti bakka jiraatan isaaniif ta’e. Yeroo inni jireenya kennu isaan dammaqsutti warri lola gaarii lolan, warri Kiristoosiif jecha aarsaa ta’an, qilee gaddaa sana keessaa ni ka’u. WG 43.2

Ari’atamuu hamaa sana keessatti warri Yesuusiif dhugaa ba’an amantii isaanii qulla’ummaatti eeggatan. Gammachuun isaanii yoo sarbame illee, ifa aduu akka hin arginetti iddoo dukkanaatti yoo itti cufame illee, bakki jireenya isaanii bobaa lafaa dukkana ta’e keessa yoo ta’e illee, guungummii tokko illee hin dhageessifne. Dhiphinaa fi haala ulfaataa sana danda’anii keessa darbuudhaaf dubbii amantii, obsaa fi abdii of keessaa qabuun wal jajjabeessaa turan. Qabeenyaa lafa irraa qaban saamamuun isaanii akka isaan amantii Yesuus irratti qaban ganan isaan hin taasifne. Qorumsii fi ari’atamuun isaanitti dhufe boqonnaa fi badhaasa isaanii isaanitti dhiyeesse. WG 44.1

Akkuma garboota Waaqayyoo warra durii, baayyotni, “jireenya isa wayyuuf du’aa akka ka’aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisuutti dhiphatanii du’aniiru.” Lakk. 35. Kun ta’uun isaa isa gooftaan isaanii badhaasi keessan guddaa ni ta’a waan ta’eef guddisaatii gammadaa isaaniin jedhe gara sammuu isaaniitti fide; raajonni isaan dura turanis akkasuma ari’atamaniiru waan ta’eef. Dhugaadhaaf jecha lafa irratti dhiphifamuu isaaniif, faarfannaa moo’ichaa ibidda bo’au keessaa dhageessisaa turan. Amantiidhaan gara samii yeroo ilaalan, Yesuusii fi ergamootni isaa, amantii isaaniitti jabaatanii dhaabachuu isaaniitiif, foddaa samii irraan gara isaaniitti jedhanii fuula ifaadhaan isaan ilaaluu isaanii argan. Sagaleen teessoo Waaqayyoo biraa samiitii ba’e “hamma du’aatti amanamaa ta’i! ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna” kan jedhutu dhaga’ame. Mul’ata 2:10. WG 44.2

Kan seexanni fincila kaasuudhaan waldaa Kiristoosiin balleessuudhaaf yaale akkasumaan ta’e. Yeroo warri baattuu safaruu amanamummaa ta’an kun wareegaman illee wal’aansoon guddichi addaan hin citne. Moo’ amuudhaan mo’an. Warri Waaqayyoof hojjetan ni wareegaman, hojichi garuu jabaatee itti fufe. Wangeelli itti fufiinsaan faca’e, warri isa fudhatanis lakkoofsaan ni baayyatan. Naannoowwan joobirri warra Roomaa qaqqabuu hin dandeenye hunda illee Wangeelli ni qaqqabe. Kiristaanotni, warra ari’atamuu isaan irra ga’e kana ariifachiisuuf geggeessituu ta’aniin mormuudhaan: “Nu dhiphisuu, nu hadheessuu fi nu ajjeesuu dandeessu. . . . waan qajeelaa hin taane nurratti raawwachuun keessan qajeelota akka nuti taane mirkaneessa. . . . Gara jabinni keessanis . . . badhaasa isiniif hin argamsiisu.” Kan warra kaan iyyuu gara isaaniitti dabalamuuf waamicha jabaa godhudha. “ammuma harka keessan keessatti ajjeefamnu, ammasuma lakkoofsi keenya baayyataa deema; dhiigni kiristaanotaa sanyii facaafamudha.” ittiin jechaa turan. --Tertullian, Apology, paragraph 50. WG 44.3

Kumaatamaan kan lakka’aman ni ajjeefaman, warri kaan immoo bakka isaaniitti guutuudhaaf ni burqan. Warri amantii isaaniitiif jecha wareegaman Kiristoos biraa da’oo argachuudhaan warra mo’icha argatanitti lakka’aman. Isaan lola gaarii waan lolaniif, gaafa Yesuus deebi’ee dhufu, gonfoo ittiin jireenya argatan fudhachuuf jiru. Dhiphifamuun Kiristaanota irra ga’e walii isaaniittis ta’e fayyisaa isaaniitti caalaatti akka dhiyaatan taasise. Jireenya fakkeenya ta’u jiraachuun isaanii fi du’uun isaanii kan dhaabbataadhaan dhugaadhaaf raga ba’u ta’e; bakka hedduu irraa hin eegamnetti illee, warri qabaa seexanaa jala turan isa tajaajiluu dhiisuudhaan alaabaa Kiristoos jala iriiraa turan. WG 45.1

Kanaaf jecha Seexanni waldaa Waaqayyoo keessa alaabaa ofii isaatii dhaabbachuudhaan haala milkaa’uu danda’uun mootummaa Waaqayyoo loluudhaaf karoorfate. Yoo duuka buutotni kiristoos gowoomfamanii Waaqayyoon gaddisiisuutti dhufan, jabinni isaanii hundi ni kufa, salphaattis du’aaf saaxilamu. WG 45.2

Diinni guddichi sun kan humnaan gochuu dadhabe sana gowoomsaadhaan argachuudhaaf yaalii godhe. Ari’atamuun ni dhaabate; bakka isaa qabeenyaa fi ulfina lafa irraa isa yeroo gabaabaatiin qoramuu isaanitti fide. Warri waaqa tolfamaa waaqeffatan gara amantii Kiristaanaa fudhachuutti geggeeffaman; garuummoo dhugaa murteessoo ta’an hin fudhatan. Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa, Du’uu fi du’aa ka’uu isaatti ni amanu, garuu cubbuu gooneerra jedhanii qalbii jijjiirrachuun akka isaan irra jiru hin amanan. Kiristaanotni kiristoositti amanuu isaanii qofaan gara tokko ta’uutti akka dhufaniif yaada dhiyeessuu jalqaban. WG 45.3

Amma Waldaan balaa sodaachisaa jala galte. Kanaa wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu hidhaan, dhiphifamuu fi ajjeefamuun eebba turan. Kiristaanotni muraasni dhugaa mareedhaaf hin dhiyeessinu jechuudhaan jabaatanii dhaabatan. Warri kaan garuu amantaa isaanii keessaa waan tokko tokko jijjiiruudhaan warra Kiristaanummaa gar-tokkeedhaan fudhatanii wajjin tokkummaa uumuun karaa isaan ittiin dhugicha guutummaatti fudhatan ta’uu danda’a jedhanii dhimmicha ariifachiisan. Yeroon sun duuka buutota kiristoos warra amanamoodhaaf yeroo gadda jabaa ture. Sammuu isaanii amantii fi dubbii dhgaa irraa deebisuu fi mancaasuudhaaf seexanni marxoo kiristaanummaa itti fakkeessuu sana jalaan waldaa keessa seene. WG 46.1

Kiristaanotni irra caalaan isaanii safartuu isaanii gadi buusuudhaan, kiristaanummaa fi warra Ormootaa giddduutti tokkummaan uumame. Warri waaqa tolfamoof sagadaa turan sun kiristaanota taaneerra jedhanii Kiristaanotaa wajjin tokkumaa yoo uuman iyyuu, waaqota tolfamoo isaanii gara fakkii kan Yesuus, kan Maariyaamii fi kan qulqulloota birootti jijjiiran malee ammayyuu waaqolii tolfamoo isaaniitti qabamanii jiru. Raacetiin xuraa’ummaa waaqa tolfamaa gara waldaatti fidamee hojii isaa isa jibbisiisaa itti fufe. Barsiisni dogoggora, barmaati hiikkaa hin qabnee fi ayyaaneffannaan waaqolii tolfamoof godhaman amantii ishee fi waaqeffannaa ishee keessa seene. Akkuma duuka buutotni kirstoos warra waaqolii tolfamoo waaqeffatanii wajjin tokkummaa uumaa deemaniin, amantaan waldaa kiristaanaa faalamee, waldaanis qulqullummaa fi humna ishee dhabaa adeemte. Haa ta’u malee kan hubannaa dogoggoraa kanaan hin dogoggorfamne muraasni turaniiru. Isaan aanguu dhugaan qabuu fi Waaqayyoon qofa waaqessuutti amanamummaa isaanii jabeessanii jiraatan. WG 46.2

Warra duuka buutota Kiristoos jedhanii of waaman keessa garee lamatu ture. Gareen inni tokko jireenya fayyisaa qorachuudhaan mudaa jireenya isaanii keessa jiru sakatta’anii sirreessuudhaan kan isaa wajjin akka wal fakkaatu gochuuf yeroo yaalan, gareen inni kaan immoo dhugaa ifaa fi qabatamaa dogoggora isaanii saaxilu ukkaamsaa turan. Yeroo baayyee gaariidha jedhamutti illee waldaan yeroo itti dhugaa qulqulluu fi qajeelaa ta’e guutummaatti qabatte hin qabdu. Fayyisaan, warri fedhii isaaniitiin cubbuutti galan waldaatti akka simatamuu hin qabne barsiiseera; haa ta’u malee Inni ofuma isaatiiyyuu warra amala manca’e qaban ofitti fiduudhaan barumsaa fi fakkeenyummaa isaa irraa fayyadamanii akka isaan dogoggora isaanii arganii sirreeffataniif carraa kenneeraaf. Warra kudha lamaanii keessa basaastotni turaniiru. Yihuudaan kan fudhatame sababa amalli isaa mudaa qabuuf utuu hin taane, mudaa isaa wajjin fudhatame. Inni akka barumsa Kiristoos irraa argatutti fayyadamuudhaan wantota amala kiristaanummaa uuman baratee gara dogoggora isaa arguu fi gargaarsa ayyaana waaqummaatiin “dhugaadhaaf abboomamuudhaan” akka lubbuu isaa qulleessutti geggeeffamuuf bartootaa wajjin akka walitti dhufu taasifame. Yihuudaan garuu dhugaa gaarummaadhaan isa irratti ife keessa hin adeemne. Inni cubbuu keessa seenuudhaan qorumsa seexanaa of irratti afeere. Amalli eenyummaa isaatii inni hamaan isa mo’achaa adeeme. Humni dukkannaa akka isa to’atuuf sammuu isaa jal’inaaf gad dhiise. Yeroo badiin isaa ifatamutti aarii guddaa keessa seenuudhaan amma Gooftaa isaa dabarsee kennutti yakka goddaa hojjechuutti geggeeffame. Warri bifa waaqessuu qabaatanii garuu jal’inatti gammadanis akkasuma namoota warra cubbuu isaanii mul’inatti itti himu ni jibbu. Isaanis gaafa carraa argatan akkuma Yihuudaa, namoota isaanumaaf jedhanii cubbuu isaanii ifatti itti himan ganuudhaaf jiru. WG 47.1

Phaawulosis warra bifa waaqessuu qabaatanii garuummoo jal’ina hojjechuutti gammadaa waldaa keessa jiranii wajjin walitti dhufee ture. Anaaniyaa fi Saphiiraan aarsaa dhiyaachuu qabu hunda irraa gar tokko sassata isaanii irraa kan ka’e dhokfatanii utuu jiranii akka waan guutummaatti Waaqayyoof aarsaa dhiyeessaniitti gowoomsaa fi itti fakkeessuudhaan dhiyaatan. Hafuurri qulqulluu bartoota kanatti waa’ee itti fakkeessitoota kanaa isa dhugaa itti mul’isuudhaan Waaqayyo xurii isa qulqullummaa waldaa tureessuttii qulqulleesse. Taateen akka Hafuurri Kiristoos waldaa keessatti warra of tuultotaa fi jallina hojjetan calalee kan adda baasu ta’uu isaaf raga ta’uu isaa gaafa argan sodaa guddaa isaanitti naqe. Isaan warra amalaanis ta’e jireenyaan bakka buutota dhaabbatoo Kiristoos ta’anii wajjin yeroo dheeraa itti fufuu hin dandeenye; gaafa ari’atamuu fi qorumsi duuka buutota Kiristoos irratti dhufe, warra dhugaadhaaf jecha waan qaban hunda dhiisuudhaaf fedhii qaban qofatu bartoota isaa ta’e. Kanaaf, kan yeroo nagaa wajin yeroo wal bira qabamee ilaalamu, waldaan, amma ari’atamuun jiutti, qulqullina qabdi turte. Yeroo ari’atamuun adda citetti garuu, lakkoofsi amantootaa dabalus, namootni dabalaman akka warra yeroo ari’atama keessa amananii ofii isaanii guutummaatti kan kennan waan hin taaneef seexanni karaa waldaa keessa miilla galfatu argate. WG 48.1

Mootii ifaa fi mootii dukkanaa gidduu tokkummaan waan hin jirreef duuka buutota isaanii lamaan gidduus tokkummaan jiraachuu hin danda’u. Yeroo Kiristaanotni warra waaqa tolfamaa irraa gara kiristaanummaa gar-tokkeetti dhufanii wajjin tokkummaa uumuu jalqabanii kaasee dhugaa irraa fagaachaa, fagaachaa deeman. Seexanni duuka buutota kiristoos keessaa baayyee isaanii gowoomsuu waan danda’eef ol of qabe. Humna isaa guutummaa isaan kana irratti fiduudhaan akka isaan warra Waaqayyoof amanamanii dhaabatan ari’atan taasise. Warra kanaan dura dhugaa kanaaf dhaabachaa turanii booda irraa deebi’an caalaa kan akkamitti amantii Kiristaanaa isa dhugaatiin beekee mormu hin jiru; Kiristaanotni gantuu ta’an kun hidhattoota isaanii warra ormoota keessaa gar-tokkeedhaan deebi’an kana wajjin ta’uudhaan meeshaa waraana isaanii gara barsiisa Kiristoos warra baayyee barbaachisoo ta’aniitti naanneffatan WG 48.2

Gowomsaa fi jibbiinsa uffata amantii uffatee waldaa keessa seene kana dhaabatanii mormuun warra dhugaadhaaf dhaabanna jedhanii murteessaniif wal’aansoo hadha’aa ture. Kitaabni qulqulluun akka safartuu amantiitti hin fudhatamu ture. Barsiisni biliisummaa amantaa akka barsiisa sobaatti lakka’amuudhaan warri isa ol qabanis jibbiinsaa fi qoqqobbidhaaf saaxilaman. WG 49.1

Walitti bu’insa hamaa fi yeroo dheeraa fudhate booda, warri amanamoonni, yoo waldattiin sobaa fi waaqa tolfamaa waaqessuu irraa of hin qulleessitu ta’e tokkummaa ishee diiguudhaaf murteeffatan. Dubbii Waaqayyof abboomamuudhaaf ishee irraa adda ba’uun barbaachisaa ture. Dogoggora hamaa lubbuu isaaniif balaa qabuu fi ijoollee isaaniifis ta’e ijoollee ijoollee isaaniif fakkeenya badaa kaa’u cal jedhanii ilaaluu dhiisuudhaaf onneeffatan. Nagaa fi tokkummaa mirkaneessuudhaaf hojii Waaqayyoof amanamuudhaa wajjin walii galu hundumaa hojjechuudhaaf qopha’an; haa ta’u malee nagana iyyuu bitamuu kan danda’u qajeelfama aarsaa gochuudhaan qofa akka ta’e itti dhaga’ame. Yoo tokkummaan kan mirkanaa’u dhugaadhaa fi qajeelummaa mareedhaaf dhiyeessuudhaan qofa ta’e, garaagarummaan turuu fi yoo hammaates waraana keessa galuu wayya. WG 49.2

Utuu qajeelfamni warri jabaatanii dhaabatan kun dhiyeessan warra saba Waaqayooti jedhamanii waamaman kana hundumaa keessatti haara’umsa fideetii silaa waldaadhaafis ta’e addunyaa kanaaf gaarii ture. Barsiisa amantii warra utubaa amantaa kiristaanaa ta’an irratti garaagarummaa guddaatu jira. Isaan kun baayyee barbaachisoo miti kan jedhu yaadni lafa qabachaa dhufeera. Hammeenyi kun harka bakka buutota seexanaa jabeessuudhaan, falaasmni sobaa fi hubannaan dogoggoraa kan warri Waaqayyoof amanaman ittiin mormuudhaan kanaan dura lubbuu isaanii balaaf saaxilaa turan, yeroo kanatti, duuka buutota Kiristoos kan ofiin jedhan kumaatamaan lakka’aman akka yaada gaariitti fudhachuu jalqaban. WG 49.3

Kiristaanotni warri jalqabaa adda turan. Jireenyi isaanii inni mudaa hin qabnee fi amanitin isaanii inni hin raafamne warra cubbamootaaf dheekkamsa nagaa isaanii itti fufiinsaan jeequ ta’e. Lakkoobsaan muraasa, kan qabeenya hin qabne, aangoo yookiin qabiyyee beekamu hin qabne yoo ta’an illee, bakka amalli isaanii fi barsiisini isaanii beekame hundumaatti warra jallootaaf sodaa guddaa turan. Akkuma Aabel, Qaayel isa sodaa Waaqaa hin qabneen jibbame, isaanis cubbamootaan kan jibbaman ta’an. Sababuma Qaayel ittiin Aabeliin ajjeeseen, warri Hafuura Qulqulluu of irraa baasanii gatan, ijoollee Waaqayyoo ajjeesan. Warri Yihuudotaas sababuma kanaan ture kan isaan Yesuusiin fannisan --- qulqullummaa fi amalli isaa mudaa kan hin qabne ta’uun isaa malaamaltummaa fi ofittummaa isaaniitti dheekkamsa wal irraa hin citne waan ta’eef. Bara Kiristoosii kaasee amma yeroo kanaatti bartootni Isaa warri amanamoon jibbaa fi mormii warra daandii cubbuu jaallatuu fi hordofuutiif gammachuu ta’aniiru. WG 50.1

Egaa akkamitti Wangeelli ergaa nagaati jechuun danda’amaree? Isaayyaas yero dursee waa’ee dhalachuu Masihichaa dubbate maqaa “Mootii Nagaa” jedhu kenneef. Ergamootni yeroo akka Kiristoos dhalate tiksitootatti himan, isaan dirree Beeteliheem irraa “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti” jedhanii faarfatan. Luuqaas 2:14. Dubbii Kiristoosii fi kan raajiidhaan dursee dubbatame gidduu walitti bu’insi waan jiru fakkaata: “Ani nagaa fiduuf utuu hin taane billaa fiduudhaafan dhufe.” Maatewoos 10:34. Haa ta’u malee lamaan isaaniiyyuu kan sirriitti walii galan ta’uun isaa ni hubatama. Wangeelli ergaa nagaati. Kiristaanummaan utuu namootaan fudhatamee kan hojii irra oolfamu ta’ee, biyyaa lafaa keessatti nagaa, waliigaltee fi gammachuu facaasa ture. Amanitin Kiristoos warra barsiisa isaa fudhatan hunda obbolummaadhaan tokkummaa jabaatti fida. Nama Waaqayyootti araasuu fi namoota walii isaaniitti araarsuun ergama Yesuus ture. Haa ta’u malee, biyyi lafaa guutummaan harka seexana isa diina Kiristoos guddicha ta’e jala gale. Wangeelli qajeelfama jireenyaa isaaniif kenname amalaa fi kajeellaa isaanii wajjin guutummaatti kan wal mormu waan ta’eef, fincilan irratti ka’an. Qulqullummaa isa cubbuu isaanii saaxiluu fi ifatu ni jibban. Kanaaf warra qajeelummaa fi qulqullummaa isaa deggeranis ni balleessan. Kan wangeelli billaadha jedhamee waamameef kanadha — dhugaan ol qabamuun isaa jibbaa fi lola waan fideef. WG 50.2

Icciti qulqullootni harka warra cubbamootaatti akka dhiphatanii fi ari’atamaniif dabarfamanii kennamuu warra amantiitti dadhaboo ta’anitti bita gale. Warri toora irra hin jirre badhaadhota ta’anii, warri baayyee gaarii fi qulqulloota ta’an immoo harka warra hamootaatti akka ari’atamanii fi dhiphifaman waan godheef tokko tokko amantaa Waaqayyo irratti qaban dhiisuudhaaf qopha’oo turan. Akkamitti jedhamee gaafatama; Waaqni inni qajeelaa fi araara qabeessa ta’e, inni humni isaa hin daangeffamne, jal’inaa fi dhiibaa geessifamu akkamitti cal jedhee ilaala? Gaaffiin kun kan nuti homaa tokko gochuu dandeenyu miti. Waaqayyo jaalala isaa ragaa ga’aa ta’een mul’iseera; akkaataa inni itti hojjetu hubachuu waan dadhabneef qofa gaarummaa Isaa gaaffii jala galchuun nurra hin jiraatu. Yeroo qorumsaa fi dukkanaa fuula duratti isaan mudachuuf jiru keessatti shakkii lubbuu isaaniitti ba’aa ta’u dursee yeroo bartoota Isaatti dubbate, Fayyisaan akkas jedhee ture: “dubbii ani ‘hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu jedhee, isinitti hime yaadadhaa! Na ari’atanii yoo jiraatan, isiniinis ni ari’atu.’” Yohaannis 15:20. Garajabina cubbamootaatiin, Yesuus kan bartootni isaa kam iyyuu dhiphifan caalaa dhiphifame. Warri dhiphifamuu fi ajjeefamuu baachuudhaaf waamaman Ilma Waaqayyyoo isa jaallatamaa faana dha’aa jiru. WG 51.1

“Gooftaan waan abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu.” 2 Phexiros 3:9. Inni ijoollee isaa hin dagatu, yookiin hin irraanfatu; garuu warri jaalala Isaa raawwachuudhaaf fedhii qaban karaa kamiin iyyuu warra cubbamootaa ilaalchisee hubannaa dogoggoraa akka hin qabaannetti, hammeenyi warra cubbamootaa amma jabaa akka ta’e mul’isuudhaaf jecha ni heyyamaaf. Akkasumas, warri qulqullootni kan ibidda qorumsaa keessa kan ka’amaniif, akka isaan caalaatti qulla’aniif dha; amantii fi Waaqayyoon sodaachuun inni sirriin maal akka ta’e warra kaaniif fakkeenya ta’uudhaaf ni heyyama; jireenyi isaanii inni dhaabbataa ta’e warra Waaqayyoon hin sodaannee fi hin amannetti ceephoo akka ta’uufis ni heyyama. WG 51.2

Yeroo guutummaatti isaan balleessutti akka isaan qajeelummaa fi araara Waaqayyoo sirriitti arganiif, xoofoon jal’ina isaanii akka guututti, Waaqayyo akka cubbamotni badhaadhanii fi diinummaa Isa irratti qaban mul’isan ni godha. Guyyaan itti warri seera irra daddarbanii fi jaalala Waaqayyoo irra ejjetan gatii hojii isaanii isa qajeelaa itti argatan; guyyaan itti jal’innii fi gochi gara jabinaa warra Waaqayyof amanaman irratti raawwate akka waan Kiristoos mataa isaa irra ga’eetti adabbii fudhatan, guyyaan ijaa baafannaa sun ni ariifata. WG 52.1

Gaaffiin kan biroo fi baayyee barbaachisaa ta’e kan waldaan har’aa xiyyeeffannaa kennuufii qabdu jira. Phaawulos “nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ni ari’atama” Jedhe. 2 Ximotewos 3:12. Erga akkas ta’ee, ari’atamuun maaliif waan qabbanaa’e fakkaata? Sababi tokkichi jiru, waldaan safartuu biyya lafaa wajjin waan waliif galteef wanti mormii kaasu hin jiru. Amanitin amma jiru akka kan isa bara kiristoosii fi bartoota Isaatii qulqulluu fi kan mudaa hin qabne miti. Hafuurri cubbuu wajjin mareef taa’uu waan jiruuf; dhugaan dubbii Waaqayyoo inni olaanaan garaagarummaadhaan waan hin dhiyaanneef; Waaqayyon sodaachuun waldaa keessaa waan xinnaateef; Kiristaanummaan biyya lafaa keessatti beekamaa fakkaatee waan mul’ateef qofa. Amantii fi humni waldaa jalqabaa sun akka dammaqu godhaa; yeroo sana hafuurri ari’annaas ni dammaqa, ibiddi ari’annaas deebi’ee qabsiifama. WG 52.2