Boqonnaa 22—Raajiin Ni Raawwatame.
Boqonnaa 22—Raajiin Ni Raawwatame.
Yeroo dhufti gooftaa itti yaadame inni jalqabaa ji’a birraa keessa bara 1844 yeroo darbe, warri mul’achuu isaa amantiidhaan eeggachaa turan yeroos shakkii fi abdii kutannaa keessa galanii turan. Biyyi lafaa akka waan isaan raawwatanii mo’amaniitti yoo isaan ilaalee fi gowwomfamuu isaanii yoo mirkaneesse illee amma illee maddi jajjabina isaanii sagalee Waaqayyooti. Baay’een isaanii ifa dabalataa argachuuf jecha ragaa amantii isaanii irra deebi’anii sakatta’uu fi of eeggannoodhaan raajii qorachuudhaan Macaafa Qulqulluu sakatta’uu itti fufan. Ejjennoo isaanii deggeruu ilaalchisee dhuga ba’umsi Macaafa Qulqulluu ifaa fi murteessaa fakkaate. Milikkitoonni dogoggoruu hin dandeenye dhufti Kiristos akka dhiyaate argisiisaniiru. Eebbi gooftaa inni karaa qalbii jijjiirannaa cubbamootaa fi daddamaqina jireenya hafuuraa amantootaa mul’ate ergaan kun samii irraa dhufuu isaa dhugaa ba’eera. Yoo amantoonni abdii kutannaa isaanii ibsuu dadhaban illee muuxannoo darbe keessa akka Waaqayyo isaan geggeesse mirkaneefataniiru. WG 293.2
Barsiisi isaan yeroo amansiisaa hin taanee fi bita galummaa kana keessa fudhatanii fi waan hubannaa isaaniitti dukkanaa’ee yeroo isaatti isaaniif ifuuf jiru amantiidhaan obsanii akka eeggataniif isaan jajjabeessu raajii wajjin walitti hidhatee jira. WG 293.3
Raajii kana keessaa inni tokko isa Anbaaqom 2:1-4 keessa jiruudha: “Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega, koobii sana irras nan ijaajja; kunoo, dubbii inni anatti dubatu nan dhaga’a, wanta ani isa komadheefis waan inni deebisu nan ilaala. Yommus Waaqayyo anaaf deebisee, Mul'ata argite kana, akka namni rakkina malee dubbisuu danda'utti, mul'isii gabatee irratti caafi! Mul'anni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf ta'u in eega, waa'ee guyyaa booddee in dubbata, garuu soba miti; yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus’‘ jedhe. Kunoo, namni afuufamu nama yaada qajeelaa miti, namni qajeelaan garuu amantii isaatiin in jiraata.” WG 294.1
“Mul'ata argite kana, akka namni rakkina malee dubbisuu danda'utti, mul'isii gabatee irratti caafi!” jechuudhaan qajeelfamni raajii kana keessatti kenname, jalqaba bara 1842 Mul’ata Yohannisii fi Daani’eeliin ibsuuf gabatee raajii akka qopheessuuf Charles Fichitti himamee ture. Gabatee kana maxxansuun ajaja karaa Anbaaqomiin kenname akka raawwachuutti ilaalamee ture. Haa ta’u malee raawwatamni raajii Sanaa akka turu --- yeroon turtii --- raajiidhuma sana keessa akka jiru namni hubate hin turre. Abdii kutannaa sana booda heertuun kun barbaachisaa ta’ee argame: Mul'anni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf ta'u in eega, waa'ee guyyaa booddee in dubbata, garuu soba miti; yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus’‘ jedhe…. Namni qajeelaan garuu amantii isaatiin in jiraata.” WG 294.2
Kutaan raajii Hisqeelis amantootaaf madda abdii fi jajjabinaa ture: “Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, Yaa mucaa namaa! Fakkeenyi inni waa'ee biyya Israa'eliif, ‘Yeroon achi in dheerate, mul'annis tokko illee hin raawwatamu’ jedhan kun maali? Egaa ati isaaniin, ‘Waaqayyo gooftaan … Yerichi, dubbiin mul'atichaa hundinuus raawwatamuun dhi'aateera’ jedhii isaanitti himi! … Ani Waaqayyo waanan ta'eef, nan dubbadha, wanti ani dubbadhus dafee in raawwatama; isin yaa mana warra didanii ka'anii! Ani bara keessan keessa nan dubbadha, innis in raawwatama jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera. Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, Yaa mucaa namaa! Kunoo, manni Israa'el ‘Mul'anni inni argu kan yeroo dheeraa booddee ti, raajiin inni dubbatus kan bara fagoo ti’ in jedhu. Kanaafis akkuma Waaqayyo gooftaan jedhe, ati isaaniin, ‘Wanti ani dubbadhu in raawwatama malee, si'achi lafa irra hin harkifamu’ jedhee dubbateera Waaqayyo gooftaan jedhi!” Hisq’el 12:21-25, 27, 28. WG 294.3
Warri eeggatan inni jalqabaa amma xumuraatti beeku baroota hundumaa fi abdii kutannaa isaanii akka argu, sagalee abdii fi jajjabinaas akka isaaniif kenne amananii gammadaniiru. Kutaan Macaafa Qulqulluu kun obsaan akka isaan eeggatanii fi amanachuu isaanii sagalee Waaqayyo irra akka godhataniif utuu isaan hin jajjabeesine ta’e, silaa amantiin isaanii yeroo qorumsaa kana keessa kufee hafa ture. WG 294.4
Fakkeenyi durboota kurnanii inni Maatewos 25 keessaa muuxannoo saba Adventistootaa argisiisa. Maatewos 24 keessatti gaaffii bartoonni milikkita dhufa isaatii fi kan dhuma biyya lafaa gaafatan deebisuu keessatti, Kiristos taatewwaan barbaachisoo seenaa addunyaa fi waldaa yeroo dhufa isaa jalqabaa kaasee hamma dhufa isaa isa lammaffaatti argisiisee ture; isaan keessaa kan akka badiisa Yerusaalem, ari’annaa karaa warra Waaqayyoon hin beeknee fi karaa phaaphaasii rakkina waldaatti dhufu, dukkanaa’uu aduu fi ji’aa, fi harca’uu urjootaa ture. Kana booda fakkeenya garboota garee lamaa warra mul’achuu isaa eeggatanii wajjin wal qabsiisee dhufaatii mootummaa isaatii dubbate. Boqonnaan 25 jecha akkas jedhuun banama: “Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata.” Akkuma xumura boqonnaa 24 keessatti argisiifame, waa’een waldaan yeroo xumuraa keessa jirtuu as keessattis ifatti ba’eera. Fakkeenya kana keessatti muuxannoon isaanii ta’umsa cidha warra Baha Biiftuutti fakkeefamee dhiyaateera. WG 294.5
“Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata. Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo abshaalota turan. Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne. Warri abshaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan. Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan. Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, ‘Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!’ jedhutu dhaga'ame.” WG 295.1
Akkuma ergaa ergamaa tokkoffaatiin himamee ture, dhufaatiin Kiristos dhufaatii dhirsa misirrootti fakkeefamee hubatameera. Haara’umsi bal’aan dafee dhufa isaa lallabuudhaan argame durbata dhufa isaa simachuuf ba’anitti fakkeefame. Akkuma Maatewos 24 keessaa fakkeenya kana keessatti garee lamatu dhiyaate. Hundumti isaanii qodaa ibsaa isa ittiin dhirsa misirroo simachuuf ba’an, Macaafa Qulqulluu of harkaa qabu. “Durboonni abshaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti kan fudhatan” yeroo ta’an,” “Warri gowwoonni” garuu “ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne.” Warri abshaalonni ayyaana Waaqayyoo, isa uumama haaraa taasisu, humna Hafuura Qulqulluu isa sagaleen isaa ibsaa miillaa fi ifa daandii akka ta’uuf gargaaru fudhataniiru. Dhugaa baruu fi qullaa’ummaa garaa fi jireenyaa argachuu barbaadanii sodaa Waaqayyootiin Macaafa Qulqulluu qoratan. Isaan kun Waaqayyoo fi sagalee isaa irratti shaakala amantii dhuunfaa qabu turan. Warri kaan “qodaa ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne.” Isaan miiraan kakaafaman. Sodaan isaanii ergaa ulfaataa sanaan sochoofame, garuu amantii obbolota isaanii irratti hirkatan, hubannaa dhugaa yookiin hojii dhugaa ayyaana onnee keessatti hojjetu utuu hin qabaatiin ifa miira gaarii dimimmisutti quufan. Isaan kun badhaasa dhiyootti isaaniif kennamu guutummaatti abdachuudhaan gooftaa simachuuf ba’an; garuu yeroo turtii fi abdii kutannaaf hin qophoofne turan. Qorumsi yeroo dhufe amantiin isaanii in kufe, ibsaan isaanis in dhaame. WG 295.2
“Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan.” Yeroo gooftaan in dhufa jedhamee itti eegame darbuun isaa, abdii kutannaa fi turuun sun turuu dhirsa misirrootti fakkeefame. Yeroo amansiisaa hin taane kana keessa fedhii warra fakkeessaan jiraataa turanii fi garaa hir’uudhaan adeemanii raafamuu jalqabe, dhamaasuun isaanis in qabbanaa’e; garuu kan warra amantiin isaanii beekumsa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa irratti bu’ureffamee miilla isaanii jalatti akka dhagaa jabaa isa bubbee abdii kutannaatiin fudhatamuu hin dandeenyee ta’e. WG 295.3
“Hundumti isaanii muganii rafan;” gareen tokko maal dhibdiidhaan amantii isaa dhiise, gareen kan biraan immoo hamma ifti qulqulluun kennamutti obsaan eeggate. Galgala qormaataa sana warri garee lammaffaan of kennuu fi inaaffaa isaanii waan dhaban fakkaatan. Warri fakkeessaan jiraataanii fi garaa hir’uudhaan adeemaa turan kana booda amantii obboloota isaanii irratti hir’achuu hin dandeenye. Hundumtuu mataa isaatiin dhaabbachuu yookiis kufuu qaba. WG 295.4
Yeroo sana keessa mankaraarsummaan amantii mul’achuu jalqabe. Namoonni muraasi amantoota inaaffaa qabaniidha kan ofiin jedhan sagalee Waaqayyoo akka geggeessaa hin dogoggoreetti fudhachuu didan, hafuuraan geggeefamne utuma ofiin jedhanii to’annaan miiraa itti dhaga’amuun yaada mataa isaanii jala of galchan. Adeemsa isaanii isaa wajjin kan hin godhatiin kan balaaleffatan inaaffaa jaamummaa fi wal danda’uun keessa hin jirre kan qaban namoonni muraasi turaniiru. Yaadni mankaraarsummaa fi shaakalli isaanii qaama Adveentistii isa guddaa irraa deggersa tokko illee hin arganne; kun ta’ee utuma jiruu dhugaa irratti ceephoo fiduuf hojjetan. WG 295.5
Seexanni karaa Kanaan hojii Waaqayyoo mormuu fi balleessuu barbaade. Sabni sochii dhufaatii lammaffaatiin baay’ee daddammaqfamee ture, cubbamoonni kumaatamatti lakkaa’aman jijjiiramanii turan, yeoo inni dhufuu ture sana keessa illee namoonni amanamoonni hojii lallabbii dhugaaf of kennanii turan. Mootiin hamminaa warra isaaf bitamanii turan dhabaa jira; kanaaf, hojii Waaqayyoo irratti ceephoo fiduuf jecha warra amanticha fudhatan muraasa gowwomsee gara mankaraarsummaatti isaan geessuu barbaade. Kana booda bakka buutonni isaa Adveentistootaa fi amantii isaanii nama duratti jibbisiisuuf dogoggora hundumaa, hanqina hundumaa, gochaa hin taane hundumaa namoota duratti ol kaasanii dhiyeessuuf kan qophaa’an turan. Akkasitti utuu humni isaa onnee isaanii to’atee jiruu hammuma lakkoobsi namootaa inni dhufaatii lammaffaa akka amananiif walitti qabe guddataa adeemeen mataa isaanii bakka buutota guutummaa amantootaa godhanii akka of yaadaniif carraa argate. WG 296.1
Seexanni “hammeesituu obbolotaa” waan ta’eef hojiin isaanii inni gaariin utuu hin hubatamiin bira darbamee, dogoggoraa fi mudaa saba gooftaa barbaadanii akka ol qabaniif namoota kan kakaasu hafuura isaati. Yeroo Waaqayyo fayyina lubbuuf hojjetu hundumaa inni dammaqee hojjeta. Yeroo ijoolleen Waaqayyoo fuula gooftaatti of dhiyeessan seexannis gidduu isaanii in dhufa. Inni warra onneen isaanii hin qulqulloofnee fi sammuun isaanii madaallii hin eegne dadammaqina hundumaa keessa fiduuf qopha’aadha. Yeroo isaan kun dhugaa muraasa fudhatanii fi amantoota keessatti iddoo argatan warra hubannaa gadi fagoo hin qabne tiyoorii sobaatiin gowwomsuuf karaa isaanii hojjeta. Namni kam illee ijoollee Waaqayyo gidduu ta’uu isaatiin, mana Waaqayyoo keessa jiraachuu isaatii fi maaddii Waaqayyoo irraa nyaachuu isaatiin kiristiyaana dhugaadha jedhamee hin mirkanaa’u. Seexanni karaa bakka bu’oota isaa warra itti fayyadamuu danda’uu yeroo baay’ee sirna kabajamaa akkasii irratti argama. WG 296.2
Mootiin hamminaa adeemsa ijoolleen Waaqayyoo gara magaalaa samiitti godhan inchii tokkoo tokkoo isaa irratti danqaa uuma. Seenaa waldaa hundumaa keessatti gufannaan cimaan utuu hin mudatiin haara’umsi geggeefame hin turre. Yeroo Phaawulos keessas akka kana ture. Bakka ergamoonni waldaa hundeessan hundumaatti muraasi amantii kan fudhatan fakkaatanii, kan gantummaa fidanii dhufan turaniiru, gantummaan kunis yoo fudhatama argate jaalala dhugaa iddoo dhabsiisa ture. Luuteris namoota mankaraarsitoota Waaqayyo kallattiidhaan nutti dubbate jedhanii yaadaa fi ilaalcha mataa isaanii dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluu gararraa ka’aaniin bita galummaa guddaa fi dhiphina argaa ture. Baay’een amantii fi muuxannoo kan hin qabne, garuu ofitti kan quufanii fi waan haaraa dhaga’uu fi dubbachuu kan jaallatan fakkeessuu barsiisota sobaatiin gowwomfamanii isa Luuter ajaja Waaqayyootiin ijaaraa ture diiguudhaan bakka buutota seexanaa wajjin walii galanii hojjetan. Dhiibbaa fi amantii isaaniitiin biyya lafaa kan eebbisan Wisiliyii fi kan biroon baay’een, bakka adeeman hundumaatti inaaffaa keessa ba’aa kan qaban, madaallii kan hin eegnee fi kan hin qulqulloofne baay’een haxxummaa seexanaatiin gara mankaraarsummaatti utuu dhiibamanii arguun isaan mudatee ture. WG 296.3
Wiiliyaam Miiler dhiibbaa gara mankaraarsummaatti geessu kanaaf o’a hin qabu ture. Innis akkuma Luuteriin hafuurri hundumtuu sagalee Waaqayyootiin qoramuu qaba jedhee dubbate. Miiler akkas jedhe, “Diyaabilos yeroo ammaa sammuu namoota muraasaa irratti humna guddaa qaba. Hafuura attamii akka ta’an attamitti beekuu dandeenya? “Ija isaaniitiin isaan beektu” jedhee deebisa Macaafni Qulqulluun. Hafuurota baay’eetu gara biyya lafaatti ba’ee jira; nuyi immoo hafuurota akka qorruuf nutti himameera. Hafuurri biyya lafaa kana keessatti qulqullummaatti, qajeelummaa fi Waaqayyoon fakkaachuutti akka jiraannu nu hin goone inni hafuura Kiristos miti. Sochii to’annaa hin qabne baay’ee keessaa seexanni harka caalu akka qabu ani amaneera…. Qulqullummaa guutuu arganeerra jennee kan dubbannu keessaa baay’een keenya aadaa namootaa hordofaa jirra, akkuma warra akkas jedhanii hin dubbanneetti immoo wallaalummaa dhugaa keessa jirra.” —Bliss, pages 236, 237. “Hafuurri dogoggoraa dhugaa irraa nu fageessa; hafuurri Waaqayyoo immoo gara dhugaatti nu geessa. Kanaaf maaltu ta’a? Deebiin keenya, hafuurichii fi sagalichi walii gala kan jedhuu dha. Yoo namni sagalee Waaqayyootiin ofitti murteesse, guutummaa sagalichaa wajjinis yoo walii gale, inni dhugaa qabaachuu isaa in amanna; garuu hafuurri inni ittiin geggeefamu seera Waaqayyoo yookiin Macaafichaa wajjin walii hin galu yoo ta’e, kiyyoo seexanaa keessatti akka hin qabamnetti of eeggatee haa adeemu.” —The Advent Herald and Signs of the Times Reporter, vol. 8, No. 23 (Jan. 15, 1845). “Ani waca guutummaa kiristiyaanummaa irra caalaa, fuula ifaa, maddii gammadaa fi sagalee dubbachuu hin dandeenye irraa ragaa qajeelummaa keessa garaa yeroo baay’ee argadheera.” —Bliss, page 282. WG 297.1
Bara haara’umsaa hundumaa keessatti diinonni isaa hammina makaraarsummaa hundumaa warra isa dhabamsiisuuf hojjetanitti deebisanii ittiin hammeessaa turan. Mormitoonni sochii dhufaatiis eejjennoo kana fakkaatu fudhatan. Isaan dogoggora ol kaasanii dhiyeessuu makaraarsitootaa fi leellistootaatti quufuu dadhabanii oduu sobaa dhugaan xiqqoon illee keessa hin jirre tatamsaasan. Namoonni kun wal qooduu fi jibbaan kan kakaafaman turan. Nagaan isaanii lallaba isa Kiristos dhufuuf balbala irra ga’eera jedhuun jeeqame. Isaan kun dhugaa ta’uu in danda’a jedhanii sodaatan, haa ta’u malee akkas miti jedhaniis abdataniiru, iccitiin lola isaan Adventistootaa fi amantii isaanii irratti kaasanis kana ture. WG 297.2
Isa bara Phaawulosii fi Luuteriin makaraarsitoonnii fi gowwomsitoonni waldaa keessa turan irra caalaa, makaraarsitoonni muraasi tarree Adventistootaa keessa seenuun isaanii sochiin kun Waaqayyo biraa miti jedhanii hojii isaaniitti murtii kennuuf sababa ga’aa hin ta’u. Mee sabni Waaqayyoo hirriba isaanii keessaa ka’anii hojii qalbii jijjiirannaa fi haara’umsaa onnee irraa ka’e haa jalqaban; mee dhugaa isa Yesus keessa jiru baruuf Macaafa Qulqulluu haa qoratan; mee guutummaatti mataa isaanii Waaqayyoof haa kennan, yeroo sana seexanni amma illee dammaqee akka hojjetu ragaan hin dhabamu. Yeroo sana mootummaa isaa jala kan jiran ergamoota kufan gargaarsaaf waammatee gowwomsaa danda’amu hundumaan humna isaa in mul’isa. WG 297.3
Makaraarsummaa fi wal qooduu kan fide lallabbii dhufaatii lammaffaa hin turre. Kun kan mul’ate ji’a bonaa bara 1844 yeroo Adveentistoonni waa’ee eejjennoo isaanii ilaalchisee haala shakkii fi bita galummaa keessa galan ture. Lallabbiin ergaa ergamaa tokkoffaa fi “iyya halkan walakkaa” kallattiidhumaan makaraarsummaa fi wal qoodinsa gad qabuuf karoorfame. Sochii murteessaa kana keessatti kan hirmaatan tokkummaa qabu turan; onneen isaanii walii isaanii fi Yesus isa dhiyootti arguuf abdatan jaallachuudhaan kan guutame ture. Amantiin inni tokkichi, abdiin eebbifamaan tokkichi dhiibbaa nama kamiif bitamuu gararraa isaan taasise, miidhaa seexanaa keessattis gaachana isaaniif ta’e. WG 297.4
“Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan. Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, ‘Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!’ jedhutu dhaga'ame. Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan.” Maat.25:5-7. Ji’a birraa 1844, isa yeroo jalqabaa Guyyaan 2300 achi irratti xumurama jedhamee yaadamee fi hamma giddu galeessa ji’a arfaasaa waggaa sanaatti akka dheeratu boodaan bira ga’amee sagaleen Macaafa Qulqulluu inni “Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa” jedhu lallabame. WG 298.1
Gara sochii kanaatti kan geggeesse haareffamuu Yerusaalemiif labsiin Artashaastaan baase guyyaa 2300 itti jalqabamu, akka duraan itti amanamee turetti jalqaba waggaa 457 Dh.K.D. utuu hin taane, arfaasaa 457 Dh.K.D ta’uun isaa bira ga’ame. Ji’a arfaasaa 457 irraa ka’ee waggaan 2300 yeroo shallagamu ji’a arfaasaa 1844 irratti xumurama. WG 298.2
Fakkeenyi kakuu moofaa yeroo fudhatamus ji’a arfaasaa isa yeroon “mana qulqullummaa itti qulqulleefamu” argisiisa. Yeroo Kiristos jalqaba dhufe haala raajiin ittiin raawwatame irratti yeroo xiyyeeffatamu kun ifa ta’ee mul’ateera. WG 298.3
Qalamuun hoolaa Faasikaa gaadidduu du’a Kiristosi. Phaawulos akkas jedha: “Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta'eera.” Bissiin jalqabaa inni yeroo ayyaana Faasikaa gooftaa duratti sochoofamu fakkeenya du’aa ka’uu Kiristos. Phaawulos waa’ee du’aa ka’uu gooftaa fi saba isaa hundaa yeroo dubbatu akkas jedha: “Kristos jalqabatti ka'ee jiraataa akkuma ta'e, warri kan Kristos ta'anis yeroo inni deebi'ee dhufutti in jiraachifamu.” 1 Qor. 15:23. Akkuma bissiin midhaanii inni jalqaba bilchaatu makara dura walitti qabamu, Kiristos makara warra hin duunee isa warri furaman du’aa ka’uu fuula duratti ta’u keessatti gombisaa Waaqayyootti sassabamaniif ija isa jalqabaati. WG 298.4
Isaan kun akka taateetti utuu hin taane yeroo sirrii keessatti raawwataniiru. Ji’a warra Yihudootaa isa tokkoffaa guyyaa kudha afuraffaa irratti hoolaan Faasikaa jaarraa kudha shaniif qalamaa ture, Kiristosis bartoota isaa wajjin faasikaa nyaachuudhaan “hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” akka ta’e beeksisuuf ayyaana sana dhaabe. Halkanuma sana ajjeefamuu fi aarfamuuf harka cubbamootaatti kenname. Akka bissii sochoofamu isa dhugaatti gooftaan keenya guyyaa sadaffaatti “warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba” ta’ee warra du’an keessaa kaafame. “Bifa dhagna keenyaa isa gad deebi'aa diddiiree, akka dhagna isaa isa ulfina-qabeessaa gochuuf” qajeelota du’aa ka’aaniif fakkeenya ta’e. Lakk. 20; Filip.3:21. WG 298.5
Haaluma wal fakkaatuun fakkeenyonni dhufaatii lammaffaa wajjin wal qabatan yeroo itti tajaajila gaadidduu ta’e keessatti argisiifametti raawwatamuu qabu. Seera Musee keessatti mana qulqullummaa qulqulleessuun, yookiin guyyaan araaraa inni guddaan ji’a Yihudotaa isa torbaffaa guyyaa kurnaffaa isa yeroo angafni lubaa guutummaa Israa’eliif araarsuudhaan, cubbuu isaanii mana qulqullummaa keessaa baasee erga baasee gadi ba’ee saba eebbisu ta’a (Leew. 16:29-34). Kanaaf Kiristos, angafni lubaa keenya inni guddaan cubbuu fi cubbamoota balleessuudhaan lafa qulqulleessuuf akka mul’atuu fi saba isaa warra isa eeggatanis jireenya hin badneen akka eebbisuuf dhufutti itti amaname. Ji’i torbaffaan galee Guyyaan kurnnaffaan, Guyyaan araaraa inni guddaan, yeroon qulqulleessuu mana qulqullummaa inni 1844 ta’u, Onkoloolessa 22 irra bu’e, innis akka guyyaa gooftaan dhufuutti ilaalame. Kunis Guyyaan 2300 sun arfaasaa keessa akka xumuramu dhugaa Kanaan dura kennamee wajjin kan walii galu waan ta’eef goolabbiin isaa waan hin mormamne fakkaate. WG 298.6
Akka fakkeenya Maatewos 25 keessatti kennametti yeroon eeggatanii fi yeroon irribaa dhufaatii dhirsa misirootiin hordofame. Kun dhugaa isa raajii fi fakkeenya isa gaadidduu ta’e keessatti kenname lamaanuu wajjin walii gala. Isaan dhugummaa isaa jabeessanii amanan; kanaaf “iyyi halkan walakkaa” amantoota kumaatamaan lallabame. WG 299.1
Sochiin kun akka bubbee qilleensaatti lafa guutummaa wal ga’e. Hamma sabni Waaqayyoo warri eeggachaa jiran guutummaatti kakaafamanitti magaalaa gara magaalaatti, mandaraa gara mandaraatti, biyya fagootti illee utuu hin hafin adeeme. Akka fixeensa barii biiftuu duraa baduutti makaraarsummaan lallabbii kana duraa in bade. Amantoonnis shakkii fi bita galummaan isaanii akka bade in argan, abdii fi jajjabinnis onnee isaanii qabbaneesse. Hojichi isa sagalee fi hafuura Waaqayyootiin utuu hin to’atamin miira namaa qofaatiin sochoofame gochaa leellistummaa irraa walaba kan ta’e ture. Ergaa ifataa garboota isaatiin kennametti aanee kan dhufe yeroo gad of deebisuu fi gara Waaqayyootti deebi’uu isa Israa’el durii keessatti ta’ee wajjin amalaan kan wal fakkaatu ture. Inni amala hojii Waaqayyoo isa baroota hundumaa keessatti mul’ate qaba ture. Gammachuun miiraa xiqqoo ture, garuu irra guddaa onnee ofii gadi fageesanii qoruu, cubbuu himachuu fi biyya lafaa dhiisuutu mul’ate. Gooftaa simachuuf qophaa’uun ba’aa hafuuraa isa dhiphisaa ture. Kadhannaa walirraa hin cinnee fi qusannaa malee Waaqayyoof of kennuutu ture. WG 299.2
Hojii sana ibsuudhaan Miiler akkas jedhe: “gammachuun guddaan jiraachuu isaa wanti ibsu hin jiru; gammachuun sun laftii fi samiin gammachuu dubbatamuu hin dandeenyee fi ulfina guutuudhaan waliin ta’anii haala fuula duraa keessatti gammadaniif ukkaamamee ol ka’amee jira. Iyyi hin jiru, innis iyya isa waaqa irraa dhufuuf ka’aamee jira. Farfattoonni sagalee hin dhageessifne; isaan kuwaarota samii macca ergamoota waaqaa wajjin faarfachuuf eegan…. Miirri wal rukutus hin turre; hundumtuu garaa tokkoof yaada tokkoon turan.” —Bliss, pages 270, 271. WG 299.3
Sochii sana keessa kan ture kan biraan akkas jedhee dhugaa ba’e: “bakka hundumaatti garaa ofii qoruu isa gadi fagoo fi Waaqayyo isa samii duratti gadi of deebisuutu lubbuu argamsiise. Waan biyya lafaa jaallachuuttii hiikamuu, mormii fi jibba dhabamsiisuu, cubbuu himachuu, Waaqayyoon duratti gadi jedhanii garaa cabaatiin cubbuu ofiif gaabbuu fi araaraa fi dhiifama gaafachuu argamsiisera. Mataa ofii salphisuu fi lubbuu ofii gadi buusuu takkkaa arginee hin beeknetu argame. Akkuma Waaqayyo karaa Yo’eliin abboome, Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan yeroo ga’u, uffata ofii utuu hin taane garaa ofii akka tarsaasanii fi soomaan, boo’ichaa fi gaddaan gara gooftaatti akka deebi’an godhe. Akkuma Waaqayyo karaa Zakkaariyaasiin dubbatee ture, hafuurri ayyaanaa fi kadhannaa ijoollee isaa irratti ni dhangala’e; isaanis gara isa waraananii in ilaalan, lafa irrattis boo’icha guddaatu ta’e … warri gooftaa eeggataa jiranis isa duratti lubbuu isaanii dhiphisan.” —Bliss, in Advent Shield and Review, vol. I, p. 271 (January 1845). WG 299.4
Erga bara ergamootaa kaasee kan ta’e sochii amantii gurguddaa hundumaa keessaa kan akka isa ji’a arfaasaa bara 1844 hanqina namaa fi haxxummaa seexanaa irraa bilisa kan ta’e hin turre. Amma illee, waggaan baay’een erga darbee booda, sochii sana keessatti kan hirmaatanii fi waltajjii dhugaa irra jabaatanii kan dhaabbatan hundumtuu dhiibbaan qulqulluu gochaa eebbifamaa Sanaa isaanitti dhaga’ama, hojichis Waaqayyo biraa ta’uu isaa dhugaa ba’u. WG 299.5
“Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!” jedhamee waamichi yeroo ta’e, warri eeggataa jiran “ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan;” isa bifa kanaan dura hin beekamneen fedha guddaatiin sagalee Waaqayyoo qoratan. Warra abdii kutatan jajjaabeessuu fi ergicha fudhachuuf isaan qopheessuuf ergamoonni samii irraa ergamanii turan. Hojichi ogummaa fi beekumsa namaan utuu hin taane humna Waaqayyootiin hojjetame. Waamicha sana dhaga’uu fi abboomamuuf warra jalqabaa kan turan warra dandeettii guddaa qaban utuu hin taane warra baay’ee gadi of deebisanii fi mataa isaanii kennaniidha. Qotee bulaan midhaan maasii irraa qabu dhiisee, warri ogummaa harkaa qaban mi’a ittiin hojjetan gatanii immimaanii fi gammachuudhaan akeekkachiisa kennuuf ba’an. Warri yeroo duraa dhimma kana geggeessaa turan sochii kana keessatti hirmaachuuf warra boodaa ta’anii argaman. Waldoonni akka walii galaatti ergaa kanatti balbala cufatan, sabni baay’een warri isa fudhatanis hariiroo qaban in kutan. Gaarummaa Waaqayyoo irraa kan ka’e lallabni kun ergaa ergamaa lammaffaa wajjin tokkummaa uumuudhaan hojichaaf humna kenne. WG 300.1
Dhugaan Macaafa Qulqulluu ifaa fi amansiisaa waan tureef ergaan inni “dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!” jedhu dhimma guddaa falmisiisaa hin turre. Sagalee kanaa wajjin humni dirqisiisee lubbuu sochoosu tureera. Shakkii fi gaaffiin hin turre. Yeroo Yesus mo’ichaan Yerusaalemiin seene namoonni ayyaanicha kabajuuf kutaa biyya hundumaa keessaa walitti qabamanii turan gara Gaara Ejersaatti ya’aanii tuuta Yesusiin marsanii jiranitti makamuudhaan sagalee isaanii ol fudhatan “Inni maqaa Waaqayyo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha” Jedhanii iyyan. Maat.21:9. Haaluma wal fakkaatuun warri hin amanin— muraasi fedhii irraa kan ka’e, muraasi immoo ga’iisuu qofaaf jedhanii gara walga’ii Adventistii dhaqanii — ergaa isa “dhirsi misirroo kunoo ti!” jedhu duukaa humni amansiisaan akka jiru isaanitti dhaga’ame. WG 300.2
Yeroo sana amantii kadhannaa kadhatameef deebii fidu — amantii gatii isaanii isaaniif kennutu ture. Akka tiifuu bokkaa lafa dheebotaa irratti, hafuurri ayyaanaa warra isa barbaadan irratti gadi bu’ee ture. Isaan warri yeroo dhiyootti fuulaa fi fuulatti fayyisaa isaanii dura dhaabbachuuf eeggatan gammachuu guddaa dubbatamuu hin dandeenyetu isaanitti dhaga’ame. Humni Hafuura Qulqulluu inni bulleessu, akkuma eebbi isaa safara malee warra amanamoota irratti dhangala’een onnee isaanii baqse. WG 300.3
Warri ergicha of eeggannoo fi kabajaan fudhatan gara yeroo itti gooftaa isaanii simachuuf abdataniitti dhufan. Guyyaa hundumaa ganama Waaqayyoon biratti fudhatamuu isaanii mirkaneefachuun hojii isaanii isa jalqabaa akka ta’e isaanitti dhaga’ame. Onneen isaanii tokkummaadhaan walitti dhiyaate, walii wajjinii fi walii isaaniif baay’ee kadhatan. Yeroo baay’ee Waaqayyoon quunnamuuf iddoo dhokataatti wal ga’u turan, sagaleen kadhannaas dirree fi bosona keessaa gara samiitti ol ba’a ture. Fayyisaa biraa fayyina isaanii mirkaneefachuun nyaata isaanii guyyaa guyyaa irra caalaa barbaachisaa ta’ee isaanitti argame; amma duumessi inni sammuu isaanii dukkaneesse haxaa’amee baduutti boqotanii hin taa’an. Ayyaana dhiifamaa argachuun isaanii akkuma isaanitti dhaga’ameen, isa lubbuun isaanii jallaate arguuf dharra’an. WG 300.4
Ammas garuu gara abdii kutannaatti adeeman. Yeroon eeggatan in darbe, fayyisaan isaanii garuu hin mul’anne. Isaan amantii hin sochooneen fuula duratti dhufa isaa eeggatan, isaanis akka Maariyaam yeroo gara awwaalcha fayyisaa dhuftee duwwaa ta’ee argitee boo’aa “Gooftaa koo fudhataniiru; ani iddoo isa kaa'an hin beeku” jetteetti isaanitti dhaga’ame. Yoh.20:13. WG 300.5
Itti dhaga’amni sodaachisaan, sodaan ergichi dhugaa ta’uu in danda’a jedhu, yeroof addunyaa hin amanne akka ittisaatti gargaare. Erga yerichi darbees kun si’a tokkoon hin badne; jalqabatti warra abdii kutatan irratti akka waan mo’anitti of ilaaluuf ija hin jabaanne; garuu milikkiti dheekamsa Waaqayyoo waan hin mul’anneef sodaa isaanii irraa bayyaanatanii ceephoo fi ga’isuu jalqaban. Dafee dhufuu gooftaatti in amanna jechaa kan turan sabni danuun amantii isaanii balaaleffatan. Baay’ee of amanaa kan turan akka waan biyya lafaa irraa godaananiitti oftuulummaa isaanitiin guddaa madaa’an. Akka Yonaasiin Waaqayyoon komatanii jireenya irra du’a filatan. Warri amantii isaanii sagalee Waaqayyo irra utuu hin taane yaada namaa irratti hundeessan amma ilaalcha isaanii jijjiirachuuf qopha’an. Ga’istoonni warra dadhaboo fi sodaatoo of bira hiriirsanii amma si’achi sodaa fi dhufa isaa eeggachuun hin jiru jechuudhaan walii galan. Yerichi in darbe, gooftaanis hin dhufne, biyyi lafaas akkuma Kanaan duraa waggoota kumaatamaaf jiraattee hafuu dandeessi. WG 301.1
Amantoonni dhugaa, warri kutatoon waan hudumaa Kiristosiif kennanii turan, isa yeroo kamii irra caalaas argamuu isaa kan biraaf qoodanii turan. Akkuma ofii isaanitii amananitti akeekkachisa isaanii isa dhumaa kennanii turan; yeroo dhiyootti tokkummaa ergamootaa fi kan Waaqayyo gooftaa keessatti akka fudhataman abdachuudhaan hawaasummaa warra ergaa fudhachuu didanii keessaa baafaman. Fedhii guddaadhaan “kottu gooftaa Yesus, dafii kottu jedhanii kadhatan. Garuu inni hin dhufne. Amma yaaddoo jireenyaa isa ulfaataa deebi’anii baachuu fi arrabsoo fi ceephoo addunyaa ga’iftuu danda’uun qormaata obsaa fi amantii ta’e. WG 301.2
Haa ta’u malee abdii kutannaan kun akka kan bartoota yeroo dhufaatii Yesus isa jalqabaa cimaa hin turre. Yeroo Yesus mo’ichaan Yerusaalemiin seene hordoftoonni isaa teessoo Daawwititti ol ba’ee Israa’eliin cunqursaa jalaa baasa jedhanii amanan. Abdii guddaa fi gammachuudhaan ulfina mootii isaanii argisiisuuf jecha walii isaaniitti dhaadatan. Baay’een uffata isaanii isa duubaa baasanii akka afataatti karaa irra hafan, yookiin damee muka meexxii isa dura diriirsan. Inaaffaa gammachuutiin “Hosaa'inaa ilma Daawitiif!” jedhanii dubbatan. Yeroo fariisonni sagalee gammachuu sanaan jeeqamanii aaruudhaan akka Yesus bartoota isaa ifatu barbaadan, Yesus “isaan kun calluma utuu jedhanii, dhagoonni kun in iyyu turan jedhee” deebiseef. Luq. 19:40. Raajiin raawwatamuu qaba. Bartoonni kaayyoo Waaqayyoo fiixaan baasaa jiru; haa ta’u malee abdii kutannaa hadha’aa keessa galan. Garuu fayyisaan du’a salphinaa du’uu fi awwaalcha keessa ka’amuu fuula dura guyyoonni muraasi darbaniiru. Wanti isaan eeggataa turan hundumtuu utuu hin ta’in hafee abdiin isaanii Yesusii wajjin du’e. Hamma gooftaan isaanii mo’ichaan awwaalcha keessaa ka’uutti wanti hundumtuu dursee raajiidhaan akka dubbatamee fi “Kiristos dhiphachuun; warra du'an keessaas ka'uun, isaaf in ta'a akka ture” hin hubanne turan. H/ Erg. 17:3. WG 301.3
Waggoota dhibba shan fuula dura gooftaan karaa raajicha Zakkaariyaas akkas jedhee dubbate: “Isin yaa namoota Xiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo, mootiin keessan inni qajeelaan, inni mo'aan, gad of deebisee, harree yaabii keessaa ilmoo harree irra taa'ee gara keessan in dhufa.” Zakk.9:9. Ergaan ergamaa tokkoffaa fi lammaffaa yeroo sirriitti kennaman, akkasumas hojii Waaqayyo karaa isaanii raawwachuuf karoorse raawwatan. WG 301.4
Biyyi lafaa yerichi yoo darbee fi Kiristosis mul’achuu yoo hafe seerri amantii Adventistii guutummaan isaa in hafa jedhanii hordofaa turan. Garuu yeroo baay’een isaanii dhiibbaa qorumsa cimaa jalatti amantii isaanii dhiisan, cimanii kan dhaabbatan muraasi turaniiru. Firiin sochii Adventistii inni hojicha keessatti mul’ate hafuurri gadi of deebisuu fi garaa ofii qoruu, biyya lafaa dhiisuu fi haarefFama jireenyaa hojichi Waaqayyo biraa ta’uu isaa dhugaa ba’e. Isaan lallaba dhufaatii lammaffaa humni Hafuura Qulqulluu akka geggeesse ganuuf ija jabaachuu hin dandeenye, yeroo raajii shallaguu keessatti dogoggora tokko arguu hin dandeenye. Mormitoota isaanii keessaa warri dandeettii guddaa qabanis mala isaan raajii ittiin hiikan harkatti kufFisuuf hin milkoofne. Ejjennoo amantii isaanii isa of eeggannoodhaan, qorannaa Macaafa Qulqulluu kadhannaa qabuun, sammuu Hafuura Waaqayyootiin ifee fi onnee humna isaa isa jiraataatiin boba’een bira ga’ame utuu ragaan Macaafa Qulqulluu isaan dhiisisu hin jiraatIin ejjennoo isaanii dhiisuuf itti walii galuu hin dandeenye. Ejjennoon isaanii ceephoo namoota baratanii fi mormii hadha’aa barsiisota amantii beekamoo fi ogeesota lafaa dura kan dhaabbate, humnoota gamta’aan kan namoota baratanii fi dandeettii dubbannaa qabanii, arrabsoo fi ceephoon warra kabajamoo fi namoota sadarkaa gadii irra jiranii dura cimee kan dhaabbate ture. WG 301.5
Dhugaadhumatti, taateen in ta’a jedhamee eegame hin raawwatamne, haa ta’u malee garuu kun amantii isaan sagalee Waaqayyoo irratti qaban raasuu hin dandeenye. Yeroo Yoonaas magaalaan kun guyyaa afurtama booda garagaggalti jedhaa karaa Nannawwee irratti lallabe gooftaa gadi of deebisuu warra Nannawwee fudhateefii yeroo araara isaanii dheeresse; ergaan Yoonaas Waaqayyo biraa kan dhufe yoo ta’e illee Nannaawween akka fedha Waaqayyootti ilaalamteetti. Haaluma wal fakkaatuun akeekkachiisa firdii akka kennaniif Waaqayyo akka isaan geggeesse Adventistoonni amananiiru. Isaanis akkas jedhanii dubbatan “inni garaa namoota isa dhaga’an hundumaa qore, akkasumas mul’achuu gooftaaf jaalala isaanii kakaase; yookiin immoo haa xiqqatuu yookiis haa guddatu jibba isaanii sochooseera, garuu waa’een dhufaatii isaatii Waaqayyootti beekamaadha. Warri onnee ofii isaanii qoran toora isa kam irra akka jiran akka beekaniif inni sarara kaa’era. Utuu gooftaan dhufeera ta’ee “Ilaa inni Waaqayyo keenya! Inni nuyi, ‘Nu fayyisa’ jennee eeggachaa turre isa; inni nuyi amanannes isa; kottaa fayyisuu isaatti in gammannaa, in ililchinas” jedhu moo yookiis “tullootaa fi kattaawwanis waammatanii, Nu irratti jigaa, fuula isa teessoo irra taa'uu duraa, dheekkamsa hoolichaa duraas nu dhoksaa!” jedhu. Akka nuyi amanutti, Waaqayyo akkasitti saba isaa qore, inni amantii isaanii qoree ilaale, eenyummaa isaanii mirkaneefateera. Yeroo qorumsaatti iddoo dhaabbannaa inni irra isaan kaa’e irraa akka isaan mixxiqan; yookiin immoo biyya lafaa dhiisanii amantii sagalee isaa irratti qaban akka jabeessan isaan ilaaleera.” —The Advent Herald and Signs of the Times Reporter, vol. 8, No. 14 (Nov 13, 1844). WG 302.1
Warri amma illee shaakala darbe keessatti kan nu geggeesse Waaqayyoodha jedhanii amanan miirri isaanii sagalee Wiiliyaam Miiler keessatti ibsameera: “utuun irra deebi’ee jireenya koo jiraadhee, ragaa isa ani yeroo sana qaba ture sanaan akkuma ani duraan hojjedhe sanatti Waaqayyoo fi nama duratti amanamee jiraachuun qaba.” “Uffata koos dhiiga lubbuu irraa miicee qulleeffachuuf nan abdadha. Hamma humni koo danda’e adaba miira yakkaattii biliisa of gochuuf nan yaada.” “Si’a lama abdii kanan kutadhe yoon ta’e illee” jedha namni Waaqayyoo kun “kanan gatame yookiis humna kanan dhabe miti…. Dhufaatii Kiristositti abdii ani qabu akkuma duraa cimaadha. Wanti ani godhe hojii koo isa kabajamaadha jedhee kanan yaadudha. Yoon dogoggoreera ta’es gaarummaaf, jaalala namoota akka kootii fi hojii Waaqayyoof jedheeti.” “Waan tokko nan beeka, wanti ani lallabe isa ani amaneedha malee kan biraa miti; Waaqayyos anaa wajjin ture; humni isaa hojicha keessatti mul’ateera, bu’aan gaariin baay’eenis argameera.” “Kumaatamni baay’een lallabbii yerootiin Macaafa Qulqulluu qorataniiru; karaa isaas amantii fi facaafamuu dhiiga Kiristosiin Waaqayyootti araaramaniiru.” —Bliss, pages 256, 255, 277, 280, 281. Fuula ifaa warra of tuultuu argadhee yookiin yeroo biyyi lafaa muddamus sodaadhee hin beeku. Ani amma jaalala isaanii bitachuu yookiis jibba isaanii kakaasuufis waan ta’uu qabuu olitti gochuu hin barbaadu. Jireenyi koo harka isaanii keessa akka ta’u raawwadhee hin barbaadu, Waaqayyo gaarummaa isaa irraa kan ka’e yoo abboome ani isa dhabuu nan abdadha, duubattis hin deebi’u.” —J. White, Life of Wm. Miller, page 315. WG 302.2
Waaqayyo saba isaa hin dhiifne; Hafuurri isaa amma illee warra ariifatanii ifa fudhatan hin ganinii fi sochii dhufaatii hin balaaleffatiin wajjin jira. Ergaa gara Ibrootaatti ergame keessa warra yeroo rakkinaa kana keessa qoramanii fi eeggataniif sagalee jajjabinaa fi akeekkachiisaatu jira: “Ammas amanachuu keessan isa gatii guddaa qabu hin gatiinaa! Jaalala Waaqayyoo gootanii, isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf obsaan danda'uun isin in barbaachisa. Caaffanni qulqullaa'aan, Yeroo xinnoo isheetu jira inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turu. inni qajeelaan kan kootii, amatiidhaan jireenya dhugaa in argata; namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu in jedha. Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee warra badiisaaf dugda isatti gatan miti.” Ibr.10:35-39. WG 303.1
Akeekkachiisi waldaa guyyoota xumuraa keessa jirtuuf barreefame inni “Yeroo xinnoo isheetu jira inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turu” jedhu dhufaatiin gooftaa akka dhiyaate mirkaneessa. Mul’achuun gooftaa waan turuu fi xinnoon ishee hafee akka jiru akka fakkaatu ifatti argisiifameera. Barsiisni asitti kenname addumaan shaakala Adventistoota mudatee wajjin wal sima. Sabni ergaan kun isaaniif ergame balaa amantii isaanii akka caccabaa doonii gochuu keessatti kufanii jiru. Qajeelfama Hafuura Qulqulluu fi sagalee isaatii hordofuu isaaniitiin jaalala Waaqayyoo godhaniiru; haa ta’u malee garuu, shaakala isaanii isa darbe keessatti kaayyoo isaa hin hubanne, karaa fuula isaanii duraas adda hin baafne, kanaaf, kan isaan geggeessaa ture Waaqayyoon ta’uu isaa yookiin isa ta’uu dhiisuu isaa shakkuuf qoramaniiru. Yeroo kanatti sagaleen inni “namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhu isaan ilaallata. Ifti “iyya halkan walakkaa” karaa isaanii irratti akkuma ifeen, raajiin mallattoodhaan akka hin cufamnii fi milikkitoonni dhufaatiin Kiristos dhiyoo ta’uu isaa himan raawwatamaa akka jiran arganii ka’anii adeeman. Amma garuu abdii isaanii kutatanii mataa buusan, kan isaan dhaabbachuu danda’anis amantii Waaqayyotti qabanii fi sagalee isaa qofaadhaani. Biyyi lafaa isheen ga’istuunis “isin gowwomfamtaniittu. Amantii keessan dhiisaa, sochiin deebi’ee dhufuu seexana biraati jedhaa dubbadhaa” isaaniin jetti turte. Garuu sagaleen Waaqayyoo “namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu” jedha. Amma amantii isaanii dhiisuu fi Hafuura Qulqulluu isa ergicha geggeesse ganuun badiisaaf dugda itti gatuudha. Isaan sagalee Phaawulosiin isa “Ammas amanachuu keessan hin gatinaa!” “Obsaan danda'uun isin in barbaachisa.” “Yeroo xinnoo isheetu jira inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turu.” Jedhuun jajjabeefaman. Fayyinni isaanii ifa Waaqayyo biraa fudhatanitti qabamuu, macaafa Qulqulluu qorachuu itti fufuu, obsanii eeggachuu fi ifa dabalataa fudhachuuf dammaquu qofaadha. WG 303.2