Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 20—Dammaqina Amantii isa Guddaa

Labsii dafee dhufuu Kiristos ilaalchisee dammaqinni amantii guddaan Mul’ata 14 keessatti ergaa ergamaa tokkoffaatiin dursee raajiidhaan himame. Ergamaan tokko “wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra taa'anitti, saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis labsuudhaaf bantii waaqaa walakkaa utuu balali'uu nan arge. Innis sagalee guddaadhaan, Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa! Jedhe.” Lakk 6, 7. WG 271.4

Ergaa kana kan labsu ergamaa ta’uun isaa dhugaadhumatti hiikkaa addaa akka qabaatu godha. Amalli hojii inni kabajamaan karaa ergaa, humnaa fi ulfina isaa wajjin jiruun raawwatamuu qulqullummaa, ulfinaa fi humna ergamaa waaqaatiin bakka buufamuu isaatti ogummaan samii in gammada. Ergamaan “bantii waaqaa walakkaa” balali'uu nan arge. Innis sagalee guddaadhaan, Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa! WG 271.5

Ergichi mataan isaa yeroo itti sochiin kun ta’u ifa godhee kaa’a. Ergichi kutaa “wangeela barabaraa” ta’uun isaa labsameera, akkasumas banamuu firdii labsas. Ergaan fayyinaa bara hundumaa keessa lallabameera; garuu ergaan kun kutaa wangeela isa guyyaa xumuraa qofa labsamuu danda’uuti, yeroo firdii dhufuun kan inni dhugoomu sana booda waan ta’eef. Raajiin kun taatewwaan gara firdiitti geessaan tartiibaan kaa’a. Kun immoo addumaan macaafa Daani’eeliin ilaalchisee dhugaadha. Garuu kutaa raajii isa guyyaa xumuraa wajjin wal qabatu ilaalchisee “hamma bara dhumaatti” mallattoodhaan akka cufu Daani’eelitti himamee ture. Hamma nuyi yeroo kana geenyutti ergaan murtii inni raawwatama raajii kanaa irratti hundaa’uu lallabamuu hin danda’u. Garuu yeroo xumuraatti “Baay'een isa bira ga'uudhaaf in dhama'u, beekumsis baay'achuuf jira” jedhe raajichi. Daan.12:4 WG 271.6

Ergamaan Phaawulos waldaan dhufaatii Kiristosiin bara isaa keessa ta’a jettee akka hin eegganneef akeekkachiisee ture. Innis akkas jedhe, “Waaqayyoon mormanii isa irratti ka'uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatus ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin, guyyaan sun hin dhufu; kanaaf namni tokko karaa kam illee isin hin walaalchisin!” 2Tas.2:3. Gantummaan guddaan sun hamma dhufuttii fi barri dheeraan itti “namni cubbuu” sun mo’u hamma ta’utti dhufaatiin gooftaa keenyaa in ta’a jennee eeggachuu hin dandeenyu “Ilmi badiisaa” inni dhoksaa cubbuu” jedhamee waamame phaaphaasii isaa waggoota 1260 f aangoo qabachuu isaa raajiin dursee dubbate bakka bu’a. Yeroon kun bara 1798 keessa xumurame. Dhufaatiin Kiristos yeroo sana dura ta’uu hin danda’u. Phaawulos hamma bara 1798 akka hin taane kiristiyaanota hunda akeekkachiise. Ergaan deebi’ee dhufuu Kiristos inni lallabamuu qabu kutaa yeroo isa kanaadha. WG 272.1

Ergaan kana fakkaatu bara darbe keessa kennamee hin beeku. Akkuma arginee turre Phaawulos kana hin lallabne; inni dhufaatii gooftaa fuula duratti fageessee obboloota isaatti argisiise. Haaresitoonnis kana hin lallabne. Maartiin Luuter guyyaa firdii bara keessa jiru irraa waggaa dhibba sadii achi fageessee kaa’e. Garuu erga bara 1798 macaafni Daani’eel cufamaa miti, beekumsi raajii dabaleera, baay’eenis ergaa dhiyaachuu murtii isa kabajamaa labsaniiru. WG 272.2

Akkuma haara’umsa isa guddaa jaarraa kudha ja’aaffaa, sochiin dhufaatii lammataa yeroo tokkichatti biyyoota kiristiyaanaa garagaraatti mul’ate. Awuroophaa fi Ameriikaa keessatti namoonni amantii fi kadhannaatti cimoo ta’an gara qorannaa raajiitti geggeefamaniiru; barreefama kaka’umsa hafuura Waaqayyootiin barreefamee argachuudhaanis dhumni waan hundumaa akka dhiyaate ragaa amansiisaa argatanii turan. Qaamni kiristiyaana garagaraa warri biyyoota adda addaa keessa jiraatan Macaafa Qulqulluu qofa qorachuudhaan dhufaatiin fayyisaa akka dhiyaate amanuu irra ga’anii turan. WG 272.3

Bara 1821 keessa, Miiler raajii yeroo firdii argisiisu ibsuu erga jalqabee waggaa sadii booda, Dr. Yoseef Wolfi, inni “ergamaa wangeela addunyaa” ta’e dhufti gooftaa dhiyaachuu isaa labsuu jalqabe. Wolfi maatii warra Ibrootaa keessaa ta’ee biyya Jaarmaanitti dhalate, abbaan isaas barsiisaa seeraa Yihudootaa ture. Dargageessa ta’ee utuu jiruu dhugaan amantii kiristiyaanaa isa amansiisee ture. Inni sammuu dammaqee qoratu waan qabuuf yeroo Yihudoonni amantiif of kennan guyyaa hundumaa mana abbaa isaatti walitti qabamanii waa’ee abdii fi waan fuula duratti sabni isaanii eeggatan, waa’ee ulfina Masihii dhufaa jiruu fi deebi’ee haareffamuu Israa’eliin yeroo isaan irra dedeebi’anii dudubbatan fedhii guddaadhaan dhageefachaa ture. Guyyaa tokko waa’een Yesus nama Naazireet caqafamnaan, macaan kun inni eenyu akka ta’e gaafate. Deebii inni argates “inni nama Yihudii dandeettii guddaa qabuudha! Kan jedhu ture; “garuu Masihiitti waan of fakkeesseef manni murtii Yihudootaa du’a itti murteesse.” Mucaan kunis, “Yerusaalem maaliif bade? Nuyis maaliif boojuu jala jiraanna? jedhee irra deebi’ee gaafate. Abbaan isaas “sababa Yihudoonni raajota ajjeesaniif” jedhee deebiseef. Akkuma deebii kana argateen mucichaaf yaadni akkas jedhu dhufe: “tarii Yesusis raajii ture, Yihudoonnis balleessaa malee isa ajjeesaniiru.” --Travels and Adventures of the Rev. Joseph Wolff, vol. 1, p. 6. Miirri isaa guddaa jabaa ture, waldaa kiristiyaanaa akka hin seenneef yoo dhorkame illee bakkee nannaa’ee lallaba dhaggeeffata ture. WG 272.4

Yeroo umuriin isaa waggaa torbaa jaarsa kiristiyaana ollaa isaatti waa’ee mo’icha Israa’el isa fuula duraa yeroo Masihiin dhufuu of jaja ture, namni dulloomaan kunis gad of deebisuudhaan “mucaa jaallatamaa nana, Masihiin inni dhugaan eenyu akka ta’e ani sittan hima; inni Yesus nama Naazireet ture … akkuma raajota durii gochaa turan sana inni immoo isa abaabiliin kee fannisaniidha. Gara manaatti galii Isaayaas boqonnaa shantamii sadii dubbisi, Yesus Kiristos ilma Waaqayyoo ta’u isaa atis in amanta” ittiin jedhe. -- Ibid., vol. 1, p. 7. Si’a tokkichaan amanitin isa keessa bule. Gara manaatti galee macaafa dubbise, Yesus nama Naazireet irratti raawwatamuu isaas argee dinqifate. Dubbiin kiristiyaanotaa dhugaa turee? Mucichi ibsa raajii abbaa isaa gaafate, abbaan isaas deebii hin kennineef, mata duree kana kaasuuf lammaffaa akka ija hin jabbanneef akeekkachiise. Haa ta’u malee, haalli kun waa’ee amantii kiristiyaanaa caalaatti beekuuf fedha inni qabu dabale. WG 273.1

Beekumsa kana irraa argachuu nama inni fedhe irraa maatii isaa warra Yihudootaatiin ittifame; garuu umuriin isaa waggaa kudha tokko yeroo ga’e mataa isaatiin beekumsa argachuu, amantii ofii isaatii fi hojii mataa isaatii filachuuf mana abbaa isaa dhiisee gara addunyaatti ba’e. Mana fira isaa tokkoo yeroof iddoo bultii argate, garuu utuu hin turiin akka gantuutti ilaalamee manaa ari’ame, innis qofaa isaa qarshii tokko utuu hin qabaatin orma keessa jiraachuu jalqabe. Dammaqee qorachuu fi afaan Ibrootaa barsiisuuf bakkaa gara bakkaatti adeemuudhaan mataa isaa deggere. Dhiibbaa barsiisaa Kaatolikii tokkoon amantii warra Roomaa fudhatee saba isaatiif ergamaa wangeelaa ta’uu kaayyefate. Kaayyoo Kanaan waggoota muraasa booda kollejjii Roomaatti barnoota isaa itti fufuuf adeeme. Amalli isaa inni yaada hirkattummaa hin barbaannee fi dandeettiin dubbannaa isaa gantummaadhaan akka inni ilaalamu isa taasise. Miidhaa gar malee waldaan geggeesitu ifatti mormuudhaan barbaachisummaa haara’umsaa labse. Yeroo jalqabaa aango qaboota Roomaa biratti ilaalcha addaa kan argate yoo ta’e illee yeroo booda Roomaa irraa akka adeemu taasifame. Garbummaa Roomaatti of kennuu akka inni hin dandeenye hamma beekamutti to’annaa waldaa jala ta’uudhaan bakkaa gara bakkaatti adeeme. Nama fooyya’uu hin dandeenyeedha jedhamee himamee bakka barbaade dhaquuf biliisummaa argate. Adeemsa isaa gara biyya Ingilizitti qajeelfatee amantii pirotestaantii fudhachuudhaan waldaa Ingilizitti makame. Qorannaa waggaa lamaa booda, bara 1821 ergama isaatiif ka’e. WG 273.2

Wolfi dhugaa guddaa waa’ee dhufaatii Kiristos isa jalqabaa akka “nama dhiphinnii fi muddamni itti baay'ateetti” kan fudhate yeroo ta’u, inni raajiin dhufaatii isaa isa lammaffaa humnaa fi ulfinaan dhufuu ibsa wal qixaatiin bakkeetti akka baasu arge. Saba isaa gara isa abdachiifame Yesus nama Naaziretitti geggeessuu fi gara dhufa isaa isa jalqabaa inni gad of deebisee aarsaa cubbuu namootaa ta’etti isaan agarsiisuuf utuu barbaaduu mootii fi fayyisaa ta’ee lammata deebi’ee akka inni dhufus barsiiseera. WG 273.3

Inni akkas jedhee dubbate, “Yeus namni Naazireti, Masihiin dhugaan inni harkii fi miilli isaa waraaname, inni akka hoolaa gara qalmaatti geeffame, nama dhiphachaa fi muddamaa ture, yeroo jalqaba dhufe, uleen mootummaa Yihudaa keessaa ba’e, aangoo murteessuus miilla isaa gidduudha dhufe; innis duumessa waaqaa fi malakata angafa ergamootaatiin lammaffaa deebi’ee in dhufa.” (Joseph Wolff, Researches and Missionary Labors, page 62) “innis gaara Ejersaa irra in dhaabbata; mootummaan si’a tokko uumama hundumaa irratti Addaamiif kennamee deebi’ee harkaa fuudhamee ture (Uumama 1:26; 3:17) deebi’ee Yesusiif in kennama. Aaduu fi boo’ichi uumamaa in dhaabbata, hooqubaa fi faarfannaan galataas in dhaga’ama… Yeroo Yesus ulfina abbaa isaatiin ergamoota qulqullootaa wajjin dhufu … amantoonni warri du’an dura in ka’u. 1 Tasa. 4:16; 1 Qor. 15:32. Kun isa nuyi kiristiyaanonni du’aa ka’uu isa duraa jennee waamnuudha. Sana booda uumamni bineensotaa in jijjiirama (Isa. 11:6-9), Yesusiifis in bitamu. Faar.8. Guutummaa lafaa irrattis nagaan in ta’a. --Journal of the Rev. Joseph Wolff, pages 378, 379. “Gooftaanis deebi’ee gara lafaa ilaalee ‘ilaalaa, attam gaarii dha’ jedha.” -- Ibid., page 294. WG 273.4

Wolfi dhufaatiin gooftaa akka dhiyaate amane, yeroo raajii waa’ee xumurri guddaan dhiyootti ta’a jedhamee yeroo hiike isa Miiler dubbate amane. “Guyyaa Sanaa fi yeroo sana eenyu illee hin beeku” isa jedhu Macaafa Qulqulluu keessaa caqasuudhaan dhufaatiin isaa hammam akka dhiyaate namni beekuu hin danda’u warra jedhaniin Miiler akkas jedhe: “gooftaan keenya Guyyaan sunii fi yeroon sun tasa beekamuu hin danda’u jedhee? Akkuma Muki arbuu Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhiyaate namni hubatu, Yoo xiqqate dhufti isaa akka dhiyaate beekuuf gooftaan milikkita yeroo nuuf hin kenninee? Maat.24:32. Inni mataan isaa raajii Daani’eeliin akka dubbifnu qofa utuu hin taane, akka hubannuufis kan nu jajjabeesse yeroo ta’u, yeroo sana raawwannee beekuu hin qabnu jechuudhaa? Daani’el keessatti inni amma bara isa dhumaa (yeroo ilaalchisee) sanatti dubbicha cufii jedhamee dubbatame, Baay'een isa bira ga'uudhaaf in dhama'u kan jedhu (ibsa afaan Ibraa’isxiitiin qoruu fi waa’ee yeroo yaaduu) fi (waa’ee yeroo ilaalchisee) beekumsi akka baay’aatu dubbachuu isaati.’’ Daan.12:4. Itti dabalees, gooftaan keenya yeroo kana jedhe ‘yeroo fi guyyaa isaa isa sirrii namni beekuu hin danda’u’ jechuu isaati malee, dhiyaachuun yerichaa beekamuu hin danda’u jechuu isaa miti. Akkuma Nohii dursee bidiruu qopheesse, dhufa isaatiif nu qopheessuuf jecha milikkitoota yerootiin Guyyaan sun akka beekamu godheera. —Wolff, Researches and Missionary Labors, pages 404, 405. WG 274.1

Tooftaa Macaafa Qulqulluu hiikuu yookiin dogoggorsanii hiikuu namootaa isa beekamaa ilaalchisee Wolfi akkas jedhee barreesse: “waldoonni kiristiyaanaa garri caalaan hiikkaa Macaafa Qulqulluu iftoominaan ka’aaman dhiisanii gara sirna amantii Buudistootaa isa adoochaa, gammachuun sanyii namaa inni fuula duraa qilleensa keessa asii fi achi adeemuudha jedhee amanutti jijjiirame, tarii waa’ee Yihudootaa yeroo dubbisan ormoota kan jedhu qofaatu isaaniif galuu qaba; Yerusaalem kan jedhu yeroo argan waldaa kan jedhu hubatu; lafa yoo jedhe immoo samii jechuu isaati; jecha dhufa gooftaa jedhu guddina hawaasa ergama qabuu jedhuun hubatu; gara tulluu mana Waaqayyoo dhaquun kutaa Meetodistiin itti walitti qabaman argisiisa jedhu.” -- Journal of the Rev. Joseph Wolff, page 96. WG 274.2

Waggoottan digdamii arfan bara 1821-1845 tti jiru keessatti Wolfi Afriikaa keessa, Gibxii fi Abisiiniyaa ilaaluudhaan adeemsa dheeraa godheera; Isiyaa keessa, Filiisxem, Sooriyaa, Bokhaaraa fi Indiyaa keessa naanna’eera. Inni Yunaa’itid Istetiinis ilaalee ture, utuu achi adeemaa jiruu oddoola Helenaa Qulqulluu irratti lallabeera. Inni Hagayya 1837 Niwu Yoorkiin Ga’e; magaalaa keessatti erga dubbatee booda Filadelfiyaa fi Baltimooritti lallabe, xumuratti gara Waashingitonitti adeemsa qajeelfate. Asitti akkas jedha, “karaa presidaantii isa duraa, Joon Quwinsi Adamisi isa miseensa kongiresii keessaaa tokko ta’een yaada dhiyaateen manni kongresii akkan barsiisa guyyaa Sanbata duraa kennuuf itti dhimma ba’uuf naaf heyyamame, barsiisa sana irrattis miseensi mana maree, phaaphaasiin Varjiniyaa, luboonnii fi lammileen biyya Waashingiton kabaja guddaatiin hirmaatan. Niwu Jeresiii fi Pensilvaniyaa keessatti waa’ee qorannaa ani Isiyaa irratti geggeessee fi waa’ee mootummaa Yesus Kiristos irratti barsiisa ani kenne miseensonni qaama mootummaa irratti argamuudhaan kabaja wal fakkaataa anaaf kennaniiru.” -- Ibid., pages 398, 399. WG 274.3

Dr. Wolfi aango qaboota Awuroopaa kamiin biraa illee eegumsi tokko utuu isaaf hin godhamiin dhiphina lakkoofsa hin qabneen utuma marfamuu rakkina baay’ee danda’ee biyyoota hamoo ta’an keessa adeemaa ture. Inni reebamee, beelaanis dararamee, akka garbaattis gurguramee ture; si’a sadii duutis itti murtaa’eera. Inni hattootaan saamamee ture, yeroo tokko tokkos dheebuudhaan dhiyaachuuf wanti isa hafe hin turre. Yeroo tokko wanti inni qabu utuu hin hafin irraa fudhatamee maayilii dhibbaan lakkaa’amu gaarota gidduu miilla isaa qullaa utuu adeemuu cabbiin fuula isaa reebaa, miilli isaas lafa diilallaa’een adoodee ture. WG 275.1

Utuu hidhannoo hin qabaatin saboota gar jabeeyyii fi hamoo gidduu akka hin adeemneef yeroo akeekkachiifame, akkas jedhe, “ani meeshaa lolaa qaba” isaanis kadhannaa, inaaffaa isa kan Kiristosii fi gargaarsa isaa amanachuudha.” “Jaalalli Waaqayyoo fi jaalalli ollaa kootii onnee koo keessatti naaf kennameera, Macaafni Qulqulluunis harka koo keessa jira.” —W.H.D. Adams, In Perils Oft, page 192. Macaafa Qulqulluu afaan Ibirootaa fi Ingiliffaan barreefame lafa dhaqu hundumaatti fudhatee adeema ture. Adeemsa isaa gara boodaa tokko keessatti akkas jedha: “Macaafa Qulqulluu baneen harka kootti baadha. Humni koo Macaaficha keessa akka jiru anatti dhaga’ama, humni isaas na jiraachisa.” -- Ibid., page 201. WG 275.2

Akkaataa kanatti amma ergaan murtii jiraatota lafaa bira ga’utti hojii isaa keessatti in eegame. Yihudoota keessatti, Tuurkoota, Paarisoota, Hindoota, sabootaa fi sanyiiwwaan garagaraa baay’ee gidduutti afaan garagaraatiin bakka hundumaatti sagalee Waaqayyoo facaasuudhaan mo’ichi Masihii akka dhiyaate labse. WG 275.3

Adeemsa gara Bokhaaraatti godhe keessatti barsiisni waa’ee dafee dhufuu gooftaa saba kopha galeessummadhaan fagaatanii jiran biratti fudhatamee akka jiru arge. Araboonni biyya Yemen “waa’ee lammaffaa dhufuu Kiristosii fi ulfinaan mo’uu isaa kan dubbatu kitaaba Seeraa kan jedhamu tokko qabu; taateen guddaan kunis bara 1840 keessa raawwata jedhanii abdatu” jedha. —Journal of the Rev. Joseph Wolff, page 377. “Yemen keessatti … ijoollee reekabii wajjin guyyaa ja’aan dabarse. Isaan daadhii hin dhugan, muka wayiniis hin dhaaban, sanyiis hin facaasan, isaan godoo keessa jiraatu, isaan Yonaadaabi ilma Reekab isa dulloomaa nama gaarii sana in yaadatu; ijoollee Israa’el keessaa qomoo Daan, warra ijoollee Reekabii wajjin dafee duumessa samiitiin dhufuu Masihii eeggatan isaan keessatti nan arge. —Ibid., page 389. WG 275.4

Ergamaa wangeelaa biyya Taatarii keessa jiru tokko keessatti amantiin wal fakkaatu argamee ture. Lubni Taataarii tokko ergamaa wangeelaa kanaaf Kiristos yoom deebi’ee akka dhufu gaaffii dhi’eesseefii ture. Ergamaan wangeelaa kun waa’ee kana waan tokko illee akka hin beekne yeroo deebise, lubni kun wallaalummaa barsiisaa wangeelaa kanatti guddaa dinqifatee, amantii isaa isa raajii irratti hundaa’e Kiristos bara 1844 keessa akka dhufu ibseef. WG 275.5

Ergaan dhufaatii lammaffaa biyya Ingiliiz keessatti lallabamuu kan jalqabe bara 1826 gara jalqabaatti ture. Sochiin kun biyya kana keessatti akka isa biyya Ameeriikaa boca kan qabate hin turre; yeroon dhufaatii inni sirriin adda baafamee hin barsiifamne ture, garuu dhugaan guddaan waa’een humnaa fi ulfinaan dafee dhufuu Kiristos bal’inaan barsiifameera. Kun immoo kan inni ta’e namoota yaada namaa irraa adda ta’e qabanii fi haawaasaa wajjin walii hin galle keessatti qofa miti. WG 275.6

Barreessaa Ingilizi kan ta’e namni mo’uraanti Brooki jedhamu tajaajiltoonni waldaa Ingilizi naannoo namoota dhibba torbaa kan ta’an lallabbii “wangeela mootummaa” keessatti akka hirmaatan ibsa. Bara 1844 akka yeroo gooftaan itti dhufuutti kan argisiisu ergaan Biritaaniyaa Guddittii keessattis kennamee ture. Dhufaatii lammaffaa kan ibsu maxxansaan garagaraa biyya Yunaa’itid Steti keessaa ba’e bal’inaan naannefamee ture. Kitaabonnii fi barruuleen garagaraa biyya Ingilizi keessatti irra deebi’anii maxxanfamanii turan. Dhalootaan nama biyya Ingilizi kan ta’e Rooberti Winter, amantii dhufaatii lammataa Ameriikaa keessatti kan fudhate, bara 1842 keessa dhufaatii gooftaa labsuuf gara biyya isaatti deebi’ee ture. Hojicha keessatti baay’een isaa wajjin ta’uudhaan ergaa firdii biyya Ingilizii kutaa garagaraa keessatti lallabame. WG 276.1

Lukanzaan dhalootaan nama biyya Ispeen, miseensa amantii Jesi’uuti kan ta’e Ameriikaa Kibbaa keessatti, namoota hamoota safuu hin beeknee fi ogummaa lubummaa kan qaban gidduutti karaa isaa gara Macaafa Qulqulluutti qajeelfachuudhaan dhugaa waa’ee dafee deebi’uu Kiristosiin fudhate. Akeekkachiisa kana kennuuf utuma dirqamuu garuu adaba warra Roomaa jalaa ooluuf jecha akka amantii Yihudootaa keessaa deebi’ee of fakkeessuudhaan yaada isaa maqaa “Rabbi Ben Ezira” jedhuun maxxansiise. Lukanzaan jaarraa kudha saddeettaffaa keessa jiraate, garuu kitaabni isaa gara biyya London dhaqee gara afaan Ingiliziitti kan hiikame naannoo bara 1825 ture. Mata duree dhufaatii lammaffaa ilaalchisee maxxanfamuun kitaaba isaatii kun daddamaqina duraan Ingilizi keessa ture itti dabalee fedhiin guddaan akka itti kennamu taasise. WG 276.2

Biyya Jarman keessatti barsiifni kun jaarraa kudha saddeettaffaa keessa karaa nama Bengel jedhamuu, tajaajilaa waldaa Luteraanii kan ta’ee fi beekaa Macaafa Qulqulluu kennamee ture. Bengel barnoota isaa akkuma xumureen “gara qo’annoo amantii isa ulfaataa fi ilaalcha amantii sammuu isaa keessa turetti kan isa leenjisuu fi barumsa isaa duriitti gadi fageessu barachuuf mataa isaa kenne. Akkuma dargaggoota biroo warra qalbii qabanii, ammas ta’e duraan dhimma amantii ilaalchisee shakkii fi rakkoo wajjin wallaansoo qabuun isa irra tureera, innis xiyya hedduu warra onnee isaa waraananii ba’aa jireenya dargaggummaa cimaa itti taasisanii in caqasa ture.” Miseensa yaa’ii luboota Wurtembergi ta’uudhaan dhimma biliisummaa amantii falmeera. “Mirgaa fi aangoo waldaa utuma iddootti eeguu, biliisummaa sammuu ilaalchisee hiidhaa jala waan jiran isaanitti fakkaatee olaantummaa waldaa irraa adda ba’uu kan barbaadan hundumaaf birmadummaan kennamuu akka qabus falmeera.” —Encyclopaedia Britannica, 9th ed., art. “Bengel.” Bu’aan himaammata gaarii kanaa biyya isaa keessatti har’a illee ol ka’ee mul’ata. WG 276.3

Ifti waa’ee deebi’ee dhufuu Kiristos sammuu Bengel keessatti kan ife utuu inni Mul’ata 21 keessaa Dilbata dhufuuf lallaba qopheessuu ture. Raajiin Mul’ata keessaa bifa Kanaan dura ta’ee hin beekneen hubannaa isaatiif baname. Ulfina guddaa fi taatee dinqisiisaa raajii Kanaan dubbatameen mo’amuudhaan yeroof mata duree Kanaan liqimfamuu irraa of qusatee ture. Gara iddoo aarsaatti yeroo ba’e raajiin kun ammas ifee humna qabeessa ta’ee itti mul’ate. Yeroo Sanaa jalqabee raajii qorachuuf, addumaan immoo raajii yeroo xumuraa qorachuuf mataa isaa kenne, isaanis dhufti Kiristos dhihoo akka ta’e amanuu irra ga’e. Guyyaan inni dhufaatii Kiristos isa lammaffaatu ta’a jedhee murteesse isa Miiler booda fudhatee turee wajjin waggoota muuraasa qofa wal gata. WG 276.4

Barreefamni Bengel kiristiyaanota hundatti tamsa’e. Ilaalchi inni raajii irratti qabu biyya dhaloota isaa Witembargitti fudhatama argatee ture, akkasumas kutaa biyya Jarman kan biro keessattis fudhatameera. Sochiin kun du’a isaa booda itti fufe, ergaan dhufaatii lammaffaa biyya Jarman keessatti kan dhaga’ame yeroodhuma biyyoota biroo keessatti xiyyeefannoo namootaa harkisetti ture. Guyyoota gara jalqabaa amantoonni muraasi gara Raashiyaa dhaqanii garee uummachuu isaaniitiin biyya sana kan jiran waldoonni Jaarmaan har’a illee dafee dhufuu Kiristosiin amanuu isaaniitti qabamanii jiru. WG 276.5

Biyya Faransaayii fi siwiizerlaanditti ifichi in ife. Faarelii fi Kalviin dhugaa haara’umsaa facaasanii bakka turan magaalaa Jenevaatti Gaa’useen ergaa dhufaatii lammaffaa lallabe. Gaa’useen yeroo mana barumsaa ture hafuurri tiyoorii inni wanti hundumtuu ragaa qabatamaa irratti hundaa’uu qaba jedhu (spirit of rationalism) inni xumura jaarraa 19 ffaa fi jalqaba jaarraa 18 ffaa keessa guutummaa Awuroophaa weeraree ture isa quunname; yeroo gara tajaajilaa keessa seene amantii dhugaa wallaaluu qofa utuu hin taane gara shakkiitti luucca’ee ture. Bara dargaggummaa isaa keessa raajii qorachuuf fedhii qaba ture. Seenaa durii isa Rooliin barreesse erga dubbisee booda xiyyeefannoon isaa gara raajii Daani’eel boqonnaa lammaffaatti harkifamee ture, akka galmee seenessaa kana irraa ilaalametti raajiin kun haala dinqisiisaatiin sirriitti raawwatamuu isaa yeroo arge garaan isaa in xuqame. Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreefamuu isaaf ragaa kan ta’u asitti argate, kun immoo dhiphina waggoota muraasa booda isatti dhufu keessatti akka qofoo bidiruutti isa gargaare. Inni barsiisa tiyoorii isa wanti hundumtuu ragaa qabatamaatiin deggeramuu qaba (rationalism) jedhutti quufee taa’uu hin dandeenye, Macaafa Qulqulluu qorachuu fi ifa dhugaa barbaaduudhaan yeroo booda gara amantii dhugaatti deebi’uu danda’eera. WG 277.1

Qorannaa raajii akkuma itti fufeen amantii isa gooftaan dhiyootti dhufa jedhe bira ga’e. Ulfinaa fi barbaachisummaa dhugaa guddaa kanaan tuqamee isa sabaaf dhi’eessuuf hawwe; garuu amantiin namootaa inni beekamaan raajiin Daani’eel dhoksaa hubatamuu hin dandeenyeedha jedhu karaa isaa irratti gufuu cimaa ta’e. Akkuma isa dura Faarel Jenevaatti wangeela lallabee ture, innis karaa isaanii maatii bira ga’uu abdachuudhaan mucooliidhaan jalqabe. WG 277.2

Hubannaa kana ilaalchisee waa’ee kaayyoo isaatii booda akkas jedhee dubbate. “kun akka hubatamuuf nan hawwa, kan ani daa’immanitti dubbadhee haala Kanaan dhi’eesseef sababa barbaachisummaan isaa yarateef miti, garuu faallaa Kanaan sababa inni gatii guddaa qabuufi. Akka inni dhaga’amuuf hawweera garuu yoo ani dursee ofii kootii warra ga’eesotatti dubbadhe hin dhaggeeffatamu jedhee sodaadheen ture. Kanaaf gara dargaggootaa dhuquuf nan murteesse. Mucoolii dhaggeeffattoota ta’anan walitti qabe; gareen kun yoo bal’ate, dhaggeeffachuun isaanii yoo argame, mata dureen kun isaaniif galee ibsuudhaaf yoo isaan itti gammadan, yeroo dhiyootti marsaa lammataa qabaachuun mirkana’aadha, namoonni gurguddoonis dabaree isaanii ta’anii qorachuun gatii akka qabu in hubatu. Yeroo kun ta’ee argamu hojichi bu’a qabeessa ta’eera.” -- L. Gaussen, Daniel the Prophet, vol. 2, Preface. WG 277.3

Yaaliin kun milkaa’era. Mucooliitti yeroo inni dubbatu namoonni gurguddoonis dhageefachuuf dhufan. Goleen mana sagadaa isaa dhageeffattootaan guute. Isaan keessas namoonni sadarkaa guddaa irra jiranii fi namoonni baratan turaniiru, keessumoonnii fi namoonni biyya alaatii Jenevaa daawwachuuf dhufanis keessatti argamaniiru, ergichis akkasitti kutaa biyya biraatti darbe. WG 277.4

Gaa’useen milkaa’insa Kanaan jajjabaatee waldoota afaan Faransaayi dubbatan keessatti qorannoon macaafa raajii akka babal’atu abdatee barsiisa isaa kana maxxansiise. Gaa’useen kana ilaalchisee akkas jedhe, “barsiisa daa’immaniif kenname maxxansuu jechuun namoota gurguddoota dubbii sobaa isa macaafonni akkasii dhokatoodha jedhuun garaa jabaatanii dhiisanitti dubbachuu jechuudha, ‘mucooliin keessan hubachuu erga danda’anii attamitti dhokatoo ta’uu danda’u?” Itti dabales akkas jedhe “yoo danda’ame saba keenya gidduutti beekumsa raajii isa beekamaa kennuuf hawwii guddaan qaba.” “Gaaffii yeroo gaafatuu fi barbaadu deebisuuf qorannoon kan biraan waan jiru anatti hin fakkaatu.” “Qorumsa dhiyootti ta’uuf qophaa’uu fi Yesus Kiristosiin eeggachuu kan dandeenyu isaani.” WG 277.5

Gaa’useen lallabdoota afaan Faransaayiin barsiisan keessaa baay’ee kan kabajamee fi kan jaallatame yoo ta’e illee yeroo muraasa booda tajaajila irraa dhorkame, balleessaan isaa inni guddaan barsiisa amantii, qajeelfama waldaa fi amantii qajeelaa dhiisee qooda isaa Macaafa Qulqulluutti fayyadamee mucooliif barsiisa kenne kan jedhu ture. Guyyaa Dilbataa bifa gaaffii fi deebiitiin Macaafa Qulqulluu mucoolii barsiisuu itti fufee utuu jiruu booda immoo mana barumsaa qo’annoo amantii keessatti barsiisaa ta’e. Hojii inni raajii wajjin wal qabsiisee hojjete fedhii hedduu kakaase. Teessuma barsiisummaa irraa karaa mana maxxansaa, fi hojii isaa isa jaallatamaa mucoolii barsiisuu fudhatama argachuudhaan waggoota baay’eedhaaf itti fufe. Qorannaa raajii isa dhufaatiin gooftaa dhiyoo ta’uu isaa argisiisu irratti xiyyeefannoo namoota baay’ee harkisuuf meeshaa ta’ee hojjete. WG 278.1

Biyya Iskandanaaviyaa keessattis ergaan dhufaatii lammaffaa lallabamee fedhii namootaa bal’inaan sochoosee ture. Baay’eenis cubbuu isaanii himatanii qalbii jijjiirachuudhaan maqaa Kiristosiin dhiifama cubbuu argachuuf dhibaa’ummaa isaanii keessaa dammaqanii turan. Garuu luboonni waldaa mootummaa sochii sana in morman, dhiibbaa isaaniitiinis warri ergaa kana lallaban mana hidhaa keessatti darbataman. Iddoo baay’eetti lallabdoonni dafee dhufuu gooftaa barsiisan akkasitti callisiifaman, Waaqayyos karaa mucoolii xixiqqoo haala dinqisiisaatiin ergaa dabarsuu barbaade. Umuriin isaanii waan isaan hin gaafachiifneef seerri biyyichaa isaan daangessuu hin dandeenye, isaanis utuu miidhamni isaan irra hin ga’in akka dubbataniif in heyyamameef. WG 278.2

Sochiin kun irra guddaa namoota hawaasa keessaa sadarkaa gadii irra jiran gidduutti kan ta’e waan ta’eef namoonni akeekkachiisa kana dhaga’uuf kan isaan walitti qabaman mana namoota gadi deebi’oo dafqanii bulanii keessatti ture. Lallabdoonni daa’immanii kun garri caalaan isaanii hiyyeeyyii mana citaa keessa jiraatan turan. Muraasi isaanii umuriin isaanii waggaa ja’a yookiin saddeeti hin caalu; gooftaa jaallachuu isaanii jireenyi isaanii kan dhugaa ba’uu fi hojii qulqulluu Waaqayyo isaan irraa barbaaduuf abboomamanii jiraachuuf kan yaalan yeroo ta’an, beekumsaa fi dandeetti mul’isuu keessatti garuu ijoolleen umurii sana keessa jiran kan argisiisuu danda’an irraa adda hin turre. Namoota dura yeroo dhaabbatan garuu dhiibbaa kennaa uumamaa oliitiin akka sochoofamantu hubatama. Sagalee fi haalli isaanii in jijjiirame, humna kabajamaatiinis akeekkachiisa firdii isa Macaafa Qulqulluu keessatti, “Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jedhu hojii irra oolchan. Isaan manca’insa amilee fi hamminatti murtii kennuu qofa utuu hin taane, biyya lafummaa fi duubatti deebi’uu hundumaa ifataa, namootas cubbuu isaaniitiif ceepha’aa dheekkamsa dhufu jalaa akka baqataniif dhageeffattoota isaanii akeekkachiisan. WG 278.3

Namoonnis sodaa guddaadhaan dhageeffattan. Hafuurri Waaqayyo inni isaan amansiisu onnee isaaniitti dubbate. Baay’eenis fedhii haaraa fi gadi fagootiin Macaafa Qulqulluu qorachuutti deebi’an, warri of to’achuu dadhabanii fi sona amilee gaarii hin qabne ni haara’an, warri kaanis amanamummaa dhabina isaanii in dhiisan, tajaajiltoonni waldaa mootummaa illee utuu hin hafin harki Waaqayyoo sochii kana keessa akka jiru beeksisuuf in dirqaman. WG 278.4

Oduun gammachiisaan waa’een dhufaatii fayyisaa biyyoota Iskandanaaviyaa keessatti kennamuun isaa fedha Waaqayyoo ture; yeroo sagaleen garboota isaatii callisiifame hojiichi akka xumuramuuf jecha inni hafuura isaa mucooliif kennee ture. Yeroo Yesus tuuta namoota gammadaniin sagalee isaanii ol fudhachuudhaan damee baala qabu firfirsanii ilma Daawit ta’uu isaa labsan, fariisonni hinaafanii callisaa ittiin jedhan; garuu Yesus kun hundumtuu raawwatama raajii akka ta’ee fi yoo isaan callisan dhagoonni in iyyu jedhee isaaniif deebise. Sabni doorsisa lubootaa fi geggeesitootaa sodaatanii akkuma kellaa Yerusaalemitti seenaaniin sagalee gammachuu dhageessisuu dhiisan; garuu mucooliin obdii mana qulqullummaa keessa jiran damee muka meexxii afarsanii “Hosaa'inaa ilma Daawitiif” (Maat.21:8-16) jedhanii sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan. Faarisoonni warri waan ta’e kanatti hin gammadiin “Waan isaan kun jedhan dhageessaa? jedhaniin. Yesus immoo deebisee, Eyyee, ‘Mucooliinii fi daa'imoonni afaan isaaniitiin akka si galateeffatan goote’ isa jedhu takkaa hin dubbifnee ree? isaaniin jedhe. Waaqayyo yeroo dhufaatii Kiristos isa jalqabaa akkuma karaa mucoolii hojjete, ergaa dhufaatii lammaffaa kennuufis karaa isaanii hojjete. Labsiin dhufaatii fayyisaa saba, qomoo fi afaan hundumaatiif akka kennamutti sagaleen gooftaa raawwatamuu qaba. WG 279.1

Wiiliyaam Miilerii fi warra isaa wajjin hojjetaniif Ameerikaa keessatti akeekkachiisa lallabuutu kenname. Biyyi kun wiirtuu sochii dhufaatii isa guddaa taate. Raajiin ergaa ergamaa tokkoffaa kallattiidhaan kan raawwatame achi keessatti ture. Barreefamni Miilerii fi warra isaa wajjin hojjetanii biyyoota fagootti ergame. Misiraachoon dafee deebi’uu Kiristos biyyoota addunyaa ergamoonni wangeelaa seenan hundumaa keessatti in ergame. Ergaan wangeela barabaraa inni “Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jedhu fagaatee bal’inaan tamsa’e. WG 279.2

Dhuga ba’umsi raajii inni ji’a birraa bara 1844 dhufaatiin Kiristos akka ta’u waan argisiisu fakkaatu gadi fageenyaan sammuu namootaa qabate. Akkuma ergaan kun biyyaa gara biyyaatti darbeen bakka hundumaatti fedhii guddaatu kakaafame. Falmiin waa’ee yeroo raajii sirrii ta’uu isaa baay’een in amansiifaman, yaada oftuulummaa qaban aarsaa godhanii gammachuudhaan dhugichas fudhatan. Tajaajiltoonni muraasi ilaalcha nama gargar qooduu fi itti dhaga’ama miira isaanii of duubatti gatanii, waldaa fi miindaa isaanis dhiisanii dhufaatii Yesusiin labsuu keessatti hirmaatan. Haala hojichaa wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu tajaajiltoonni ergaa kana fudhatan muraasa, kanaaf, hojichi irra caalaa hojjetoota fedhaa warra gad of deebisanitti kenname. Qonnaan bultoonni maasii isaanii, makaanikoonni meeshaa isaanii, daldaltoonni mi’a daldala isaanii, hojii ogummaa kan qaban taayitaa isaanii dhiisan; haa ta’u malee hojii raawwatamuu qabuu wajjin yeroo wal bira qabamu lakkoofsi hojjattootaa muraasa ture. Haalli waldaa Waaqayyoon hin beeknee fi biyya lafaa cubbuu keessatti kuftee lubbuu eegdota dhugaatti ba’aa ta’e, kanaaf namoota fayyinaaf gara qalbii jijjiirannaatti waamuuf jecha dadhabbii, hiyyumaa fi gidiraa obsaan baatan. Seexanaan kan mormame yoo ta’e illee hojichi jabinaan fuula duratti adeeme, dhugaan dhufaatii lammaffaas kumaatama hedduu biratti fudhatama argate. WG 279.3

Bakka hundumaatti dhuga ba’umsi inni nama madaalu dhaga’amee, warri biyya lafaa fi miseensonni waldaa dheekkamsa dhufu jalaa akka baqataniif cubbamoota akeekkachiise. Akkuma Yohannis cuuphaa, isa Kiristosiif karaa haraa turee, lallabdoonni qottoo isaanii hidda mukeetii irra kaa’anii hundumtuu ija qalbii jijjiirannaa akka godhataniif jajjabeessan. Waamichi isaanii inni nama kakaasu wabii nagaa fi nageenyaa iddoo aarsaa sabaa isa beekamaa irraa dhaga’amuu wajjin faallaa ture; ergaan kunis bakka kenname hundumaatti saba sosochoose. Dhuga ba’umsi Macaafa Qulqulluu inni salphaa fi kallattiidhaan kennamu humna Hafuura Qulqulluutiin mana namaa bira ga’e, amantii ulfaataa namoonni muraasi qofti mormuu danda’an isaaniif fide. Barsiisonni amantii nageenya saba isaanii keessaa ni dammaqan. Isaanis duubatti deebi’uu isaanii, biyya lafummaa fi amanti dhabina isaanii, oftuulummaa fi ofittummaa isaanii keessaa ni ka’an. Baay’een isaanis qalbii jijjiirannaa fi gad of deebisuudhaan gooftaa barbaadan. Yaada isaanii isa duraan waan lafaa irra ka’aanii turan, amma waan waaqaa irra godhatan. Hafuurri Waaqayyo isaanirra bu’e, garaa tumamee fi gad of deebiseen “Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jedhanii lallabuuf itti walii galan. WG 279.4

Cubbamoonni “akkan fayyuuf maal gochuutu anaaf ta'a? jedhanii boo’ichaan gaafatan. Warri jireenyi isaanii amanamummaa dhabiisaan beekame waan fudhatan deebisanii kaffaluuf ni ariifatan. Kiristos keessatti nagaa kan argatan hundumtuu warri kaan eebba utuu hiranii arguuf ni hawwan. Garaan maatii gara ijoollee isaaniitti deebi’e, garaan ijoollees gara maatii isaaniitti. Daangaan oftuulummaa fi of qusachuu haxaa’amee bade. Cubbuu himachuu onnee irraa ka’etu ta’e, miseensonni maatii fayyina warra isaanitti dhiyoo fi warra jaallatamoof ni hojjetan. Yeroo baay’ee kadhannaa araaraa onnee irra ka’etu dhaga’ame. Lubbuun Waaqayyoon kadhachuuf dhiphina gad fagoo keessa jiran bakka hundumaatti argaman. Baay’een cubbuun isaanii akka isaaniif dhiifame mirkaneefachuuf yookiin jijjiirama fira yookiin ollaa isaaniif halkan guutuu kadhannaadhaan turan. WG 280.1

Gita hunda irra kan jiran gara walga’ii Adventistootaatti yaa’an. Soorressii fi hiyyeessi, guddaa fi xiqqaan, sababa garagaraa irraa ka’uudhaan barsiisa dhufaati lammaffaa dhaga’uuf dhufan. Yeroo garboonni isaa amantii isaaniif sababa kennan gooftaan hafuura mormii in daangesse. Yeroo tokko tokko meeshaan dadhabaa ta’a; garuu Hafuurri Waaqayyoo dhugaa isaaf humna kenne. Walga’ii sana keessatti argamuun ergamoota qulqulluu in dhaga’ame, guyyaa guyyaadhaanis namoonni baay’een amantootatti ni dabalaman. Akkuma ragaan dafee dhufuu Kiristos irra dedeebi’amee dubbatameen tuuti sonaan baay’een callisa hafuura baafannaa hin qabneen sagalee kabajamaa dhaggeeffatan. Samii fi lafti waan walitti dhiyaate fakkaate. Humni Waaqayyoo jaarsolii, dargagootaa fi warra umurii giddu galeessaatti ni dhaga’ame. Namoonni hidhiin isaanii galataan guutamee gara mana isaaniitti deebi’an, sagaleen gammachuus qilleensa halkanii isa gab jedhe keessatti in dhaga’ame. Walga’ii kana kan hirmaatan keessaa taatee fedhii gadi fagoo of keessaa qabu kana kan irraanfatu hin jiru. WG 280.2

Yeroo Kiristos itti dhufu murteessanii lallabuun gita hundumaa keessaa, tajaajiltoota iddoo aarsaa jalqabee hanga nama isa of eeggannoo hin qabne, cubbamaa samiitti garaa jabaatuutti mormii guddaa kaase. Sagaleen raajii akkas jedhus in raawwatame, “guyyoota gara dhumaatti ga'iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan ka'uuf akka jiran, duraan dursaatii beekaa! Isaan isinitti ga'isuudhaaf, Deebi'ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du'anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata in jedhu.” 2 Phex. 3:3, 4. Fayyisaa in jaallanna kan jedhan baay’een barsiisa dhufaatii lammaffaa akka hin mormine dubbatan; isaan yeroo murteessanii kaa’uu qofa morman. Garuu Waaqayyo inni waan hunda argu garaa isaanii in dubbisa. Isaan Kiristos dhufee biyya lafaatti tolaan faraduu isaa dhaga’uu hin barbaadan. Isaan garboota hin amanamne turan, hojiin isaanii to’annaa Waaqayyo isa garaa qoruu of irraa hin qabu, kanaaf gooftaa arguu sodaatan. Akkuma Yihudoota yeroo dhufaatii Yesus isa jalqabaa isaanis Yesusiin simachuuf hin qophoofne. Isaan falmii Macaafa Qulqulluu keessatti ife dhaga’uu diduu qofa utuu hin taane, warra gooftaa eeggatanittis ni ga’isu turan. Seexannii fi ergamoonni isaa ol qabaman, sabni kan isaati ofiin jedhan jaalala xiqqoo isaaf qabaachuudhaan mul’achuu isaa akka hin hawwinetti fuula Kiristosii fi ergamootaa duratti tuttuqanii isaan aarsan. WG 280.3

“Guyyicha sanaa fi yericha sana namni tokko illee hin beeku” kan jedhu falmii mormitoota amantii dhufaatii lammaffaatiin dhiyaate ture. Macaafni Qulqulluun “Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan” jedha. Maat. 24:36. Ibsi walii galee fi ifaa ta’e heertuu kana irratti kan kenname warra gooftaa eeggataniin, itti fayyadamni dogoggoraa mormitoota isaaniitiin isa irratti kennames ifatti mul’ate. Jechi kun haasaa yaadannoo yeroo mana qulqullummaa irraa isa xumuraa adda ba’e gaara Ejersaa irratti bartootaa wajjin godhe dubbatame. Bartoonni gaaffii akkas jedhu gaafatan: “Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” Yesus milikkita isaaniif kennee akkas isaaniin jedhe: “Akkasuma isinis immoo, kana hundumaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhi'aate beekaa!” Lakk. 3, 33. Jechi fayyisaa inni tokko isa kan biraa dhabamsiisuu hin qabu. Guyyaa fi yeroo inni itti dhufu namni tokko illee hin beeku yoo ta’e illee yeroo inni dhiyaatu beekuuf gaafatamneerra, barsiifamneerras. Akkuma warra bara Nohi keessa utuu isaan hin beekin bishaan badiisaa itti dhufee, nuyis akeekkachiisa isaa dagachuun yookiis fudhachuu diduun yookiis dhufaatiin isaa akka dhiyaate beekuu dagachuun balaa akka nuuf qabu itti daballee barsiifamneerra. Fakkeenyi boqonnaa kana keessaa garbicha amanamaa fi hin amanamne wal bira qabee dhiyeessa, isa garaa isaa keessatti “gooftaan koo dhufuu in tura” jedhu sanatti firdii kennamus warra utuu isa eeggatanii isaan argatu Sanaa fi dhufa isaa kan barsiisanii fi isa kan ganan ifa attamiitiin Kiristos akka isaan ilaaluu fi attamitti akka isaan badhaasu argisiisa. “Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa! Egaa hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba.” Lakk. 42, 46. “Yoo dammaqaa ta'uu dhaa baatte garuu, ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, yeroo ani sitti dhufus matumaa hin beektu!” Mul. 3:3. WG 281.1

Phaawulos waa’ee warra utuu isaan hin beekin gooftaan isaanitti dhufuu akkas jedhee dubbata. “Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu. Namoonni, Nagaa dha, gabii dhas utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru.” Garuu itti dabalee waa’ee warra akeekkachiisa fayyisaa dhaga’anii dubbata: “Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u.” 1 Tas 5:2-5. WG 281.2

Dhufti Kiristos dhiyoo ta’uu isaa ilaalchisee namoonni walaalummaa keessatti akka hafaniif Macaafni Qulqulluun sababa tokko illee akka hin kennine akkasitti argisiifame. Garuu warri dhugaa diduu isaaniif waan itti qabatan barbaadan jecha isa “guyyicha sanaa fi yericha sana namni tokko illee hin beeku” jedhu irratti ibsa kenname akka hin dhageenyeef gurra isaanii cuqqaallachuudhaan jecha ga’istoonnii fi warri nuyi tajaajiltoota Kiristosi ofiin jedhan irra deebi’anii dhageesisuu itti fufan. Akkuma sabni dammaqee daandii fayyinaa iyyaafachuu jalqabeen barsiisonni amantii sagalee Waaqayyoo sobaan hiikuudhaan sodaa isaanii tasgabeessuu barbaaduun isaanii fi dhugicha gidduu seenan. Eegdonni amanamummaa hin qabne hojii gowwomsituu guddaa Sanaa wajjin walii galanii utuu Waaqayyo waa’ee nagaa hin dubbatin nagaa dha, nagaa dha jedhanii labsan. Akkuma faarisota bara Kiristos keessaa, baayyoonni ofii isaaniitii mootummaa Waaqayyootti galuu in didan, warra itti galuu barbaadanis in dhorkan. Dhiigni lubbuu kanaa harka isaanii keessa barbaadama. WG 281.3

Yeroo hunda ergaa fudhachuuf warra jalqabaa kan ta’an namoota gad of deebisanii fi wrra of kennaniidha. Warri Macaafa Qulqulluu ofii isaaniitiin qoratan raajii irratti ilaalchi sabaa inni beekamaan faallaa amala Macaafa Qulqulluu ta’uu isaa arguu hin dandeenye turan; bakka sabni dhiibbaa lubootaatiin hin to’atamnetti, bakka isaan ofii isaaniitiin sagalee Waaqayyoo qoratanitti, barsiisa dhufaatii lammaffaa aangoo waaqummaa irratti bu’uuressuuf Macaafa Qulqulluu wajjin wal bira qabamee ilaalamuu qaba ture. WG 282.1

Baay’een obbooloota isaanii warra hin amanneen ari’ataman. Taayitaa waldaa keessaatti qaban turfachuuf jecha baay’een isaanii waa’ee abdii isaanii dubbachuu dhiisanii callisuutti walii galan; haa ta’u malee, dhugaa inni isaanitti kenne akka hin dhoksineef amanamummaan isaan Waaqayyoof qaban akka isaan dhowwu kan itti dhaga’ame gareen biraan turaniiru. Sababa kan biraa utuu hin qabaatin dhufaatii Kiristositti amanuu isaanii waan mul’isaniif qofa tokkummaa waldaa irraa kan kutaman yertuu hin turre. Qorumsa amantii isaanii obsaan kan baatan kanaaf sagaleen raajii inni gati jabeessi akkas jedha: “Isin warri sagalee isaa dhageessanii hoollattan, dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Waaqayyo, Obboloonni keessan warri maqaa kootiif jedhanii isin jibbanii, tokkummaa isaanii keessaa isin baasan, warri, ‘Mee Waaqayyo haa galateeffamu! Nus gammachuu keessan in argina’ jedhanii isinitti ga'isan in yeellaasifamu.” Isa 66:5. WG 282.2

Ergamoonni Waaqayyoo bu’aa akeekkachiisa kanaa fedhii guddaatiin ilaalu turan. Yeroo waldoonni akka walii galaatti ergaa morman ergamoonni gaddaan duuba deebi’an. Garuu dhugaa dhufaatii lammataa ilaalchisee amma illee kan hin qoramiin baay’een turaniiru. Baay’een isaanii abbaa manaatiin, haadha manaatiin, maatiidhaan, yookiin mucooliidhaan dogoggorfamanii karaa irraa kaachifamuudhaan gantummaa warri dhufaatii lammataa eeggatan barsiisan dhaggeeffachuun cubbuu akka ta’etti amanan. ifti kan biraan teessoo Waaqayyoo biraa isaan irratti amma illee ba’uuf waan jiruuf lubbuu akkasii kana amanamummaatti akka eeganiif ergamoonni Waaqayyoo isaaniif ajajamanii turan. WG 282.3

Ergicha kan fudhatan dhufaatii fayyisaa isaanii fedhii dubbatamuu hin dandeenyeen eeggatan. Yeroo isaan itti isa simatan ga’eera. Yeroo kanatti tasgabbii fi kabajaan dhi’aatan. Wal quunnamtii miyaawaa Waaqayyoo wajjin qabanii fi nagaa qabatamaa kana booda kan isaanii ta’utti in boqotan. Abdii fi amanannaa kana kan shaakalan yeroo gati jabeessa itti eeggachaa turan kan irraanfachuu hin dandeenye. Torbanoota muraasa yeroo Kanaan dura jiran keessatti daldalli biyya lafaa garri caalaan isaa ni dhiifame. Amantoonni dhugaan akka waan siree du’aa irra ciisanii jiranii fi yeroo yertuu keessatti taatee lafa irratti ta’u akka hin argineef akka waan ija isaanii cufachuuf jedhaniitti yaadaa fi miira onnee isaanii hundumaa of eeggannoodhaan sakatta’an. “Uffata ittiin ol butaman” tolfachuun hin jiru, garuu fayyisaa simachuuf ragaan qophaa’ummaa keessaa barbaachisaa akka ta’e hundumatti dhaga’amee ture; uffanni isaanii inni adiin qullaa’ummaa lubbuu isaanii ture — innis amala isaanii isa dhiiga Kiristosiin cubbuu irraa qullaa’ee dha. Amma illee saba Waaqayyooti kan ofiin jedhan gidduu hafuurri onnee ofii sakatta’uu akkasii, kutannoon akkasii fi amantiin murteeffate akkasii utuu jiraatee! Utuu gooftaa duratti gad of qabuu isaanii fi kadhannaa isaanii teessoo araaraa duratti dhiyeessuu isaanii akkasumatti itti fufaniiru ta’ee, isa amma qaban irra caalaa muuxannoo guddaa argatu turan. Kadhannaan jiru yertuudha, cubbuu ofii dhugaatti himachuun jirus yertuudha, amantii jiraataa dhabuun badhaadhummaa ayyaana isa karaa fayyisaa ga’aatti kenname namoota baay’ee dhabsiiseera. WG 282.4

Waaqayyo saba isaa qoree ilaaluuf karoorse. Yeroo raajii shallaguu keessa dogoggora jiru harki isaa haguugeera. Adiveentistoonni dogoggora sana bira hin geenye (hin arganne), yookiis inni garee mormitootaa barumsa guddaa qabaniinis bira hin ga’amne. Booda akkas jedhame: “shaallaggiin yeroo raajii keessanii sirriidha. Taateen guddaan ta’u tokko jira; garuu inni isa obbo Miiler dursanii dubbatan miti; innis qalbii jijjiirannaa biyya lafaati malee, dhufaatii Kiristos isa lammaffaa miti.” WG 283.1

Yeroon isaan itti eeggatan in darbe, Kiristos immoo saba isaa furuuf hin mul’anne. Warri amantii fi jaalala dhugaatiin fayyisaa isaanii eeggatan abdii kutannaa hadha’aa shaakalan. Haa ta’u malee kaayyoon Waaqayyoo fiixaan ba’e; inni onnee namoota mul’achuu isaa eeggataa jirra jedhanii qoraa jira. Isaan keessaa sodaa irraa kan hafe ka’umsa yaada garaa kabajamaa kan hin qabne baay’eedha. Amantii qabaachuun isaanii onnee yookiin jireenya isaanii irratti dhiibbaa hin geggeesine. Wanti isaan eeggatan ta’uu yeroo hafe namoonni kun abdii hin kutannu jedhanii dubbatanii turan; isaan dura iyyuu Kiristos akka dhufu hin amanne turan. Isaan kun gadda amantoota dhugaatti ga’isuuf warra jalqabaa turan. WG 283.2

Garuu Yesusii fi macci samii hundumtuu gara warra qoramanii fi amanamoota abdii kutatanii jaalalaa fi o’aan ilaalaa turan. Utuu golgaan addunyaa mul’atu daangessee jiru saaqame, ergamoota lubbuu jabaatanii jiranitti dhiyaatanii fi bowwaa seexanni isaaniif qopheesse irraa isaan eeguuf golboobanii jiran in argu turan. WG 283.3