Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 18—Geggeessaa Haara’umsaa Nama Biyya Ameerikaa

Qotee bulaan qajeelaan, garaan isaa amanamaa ta’e tokko Macaafni Qulqulluun aangoo Waaqayyoo qabaachuu isaa shakkuutti geggeefamee ture, haa ta’u malee dhugaa beekuuf onnee isaa irraa kan hawwu waan ta’eef labsii dhufaatii Kiristos isa lammaaffaa geggeessuuf nama Waaqayyo addumaan fo’ate ture. Wiiliyaam Miiler akkuma haaressitoota warra kaanii ijoollummaa isaa keessa jireenya hiyyummaa wajjin wallaansoo wal qabaa waan tureef barumsa guddaa dhamaasuun jiraachuu fi mataa ofii ganuu baratee ture. Miseensi maatii inni keessaa dhalate hirkannaa malee jiraachuu kan baran hafuura bilisummaa jaallatuun kan beekaman, rakkina obsaan danda’uu fi jaalala biyyaa ho’aa qabaachuudhaan kan beekaman yeroo ta’an, amaloonni kun isa keessattis kan mul’atan turan. Abbaan isaa hoogganaa raayyaa waraanaa isa inni yeroo qilleensa jabaa sun haala cimaa jireenyi miiler ijoollummaadhaan keessa ture argisiisuu danda’u dha. WG 248.2

Inni jabina qaamaa ijaarsa tokkee kan qabuu fi yeroo mucummaa isaa keessa illee dandeettii cimaa umurii isaa olii qabaachuu isaa kan mirkaneesse ture. Guddachaa yeroo inni adeeme kun ifatti mul’ate. Sammuun isaa kan dammaqee fi sirriitti kan guddifame ture. Carraa barumsa kolleejjii hin arganne yoo ta’e illee, fedhiin qorannaa isaatii, fi amala ilaalchaa of eeggatu qabaachuu fi itti dhiyeenyaan waa qeequu danda’uun isaa nama murtii qajeelaa kennuu fi ilaalcha walii galaa qabu isa taasise. Inni sona hamilee mudaa hin qabnee fi, haqaa gaarii nama inaafsisu kan qabu, walumaa galatti amanamummaa, qusannaa fi arjummaadhaan nama kabajame ture. Amalli qo’annaa isaatii akkuma jirutti ta’ee dhama’uun isaa fi dandeettii duraan qabu hojii irra oolchuudhaan waan barbaade argateera. Inni waajjira hawaasaa garaagaraa fi waraana keessatti maqaa gaariidhaan kan beekame waan tureef qabeenyiif ulfinni guddaan isaaf banamee ture. WG 248.3

Haati isaa dubartii sodaa Waaqayyoon qabdu turte, kana irraa kan ka’e mucummaa isaatti jireenyi isaa amantiidhaan kan tuqame ture. Haa ta’u malee yeroo dargaggummaa isaa keessa hawaasa jiraachuu Waaqayyoo hin amanne (deists), keessatti kufe. Namoonni kun harki caalaan isaanii lammii gaarii, gara laafummaa fi arjummaa isaaniin kan beekaman waan turaniif dhiibbaan isaan gochuu danda’an guddaa ture. Dhaabbilee kiristiyaanaa gidduu gochaadhuma isaanii kanaan jiraatanii amalli isaanii hamma tokko waan naannoo isaaniitiin beekame (ijaarame) ture. Kabajaa fi ofitti amantaa kan isaan argachiise keessaa tokko Macaafa Qulqulluuf gatii kennuu isaanii ture; haa ta’u malee kennaan gaariin kun jallifamee sagalee Waaqayyoo irratti dhiibbaa hamaa geessisuutti ga’ee ture. Miiler namoota akkasii wajjin quunnamtii gochuudhaan gara yaada isaanii fudhachuutti geggeeffamee ture. Hiikkaan Macaafa Qulqulluu yeroo sana ture rakkoo inni mo’achuu hin dandeenye isatti waan fide fakkaata ture; haa ta’u malee amantiin haaraan inni Macaafa Qulqulluu dhiisuudhaan fudhatee ture waan fooyya’aa bakka isaa bu’u tokko illee isaaf hin fidne, kunis isaaf waan quubsaa ta’ee hin argamne. Haa ta’u malee naannoo waggoota kudha lamaaf ilaalcha kana qabatee itti fufe. Garuu umurii isaa waggaa soddomii afuritti miira cubbuu keessa utuma jiruu hafuurri qulqulluun onnee isaa tuqe. Amantii isaa duraa keessatti awwaalchaa olitti wabii gammachiisaa hin arganne. Egereen isaa kan dukkanaa’ee fi kan abdii kutachiisu ture. Miira isaa yeroo sanaa ilaalchisee booda akkas jedhee dubbate: WG 249.1

“Badiisa yaadaa diilallaa’aa fi adoodaa ture, itti gaafatamummaan hundumaaf badiisa dhugaa fida. Bantiin waaqaa mataa koo irratti akka sibiila diimaa laftis miilla koo jalatti akka sibiilaa turte. Jireenyi barabaraa maal ture? Duuti immo maalif argame? Akka ani caalaatti waa’ee kanaa yaadeen, caalaatti immoo obsa isaa irraa fagaachaan adeeme. Guddisee akkuman yaadeen goolabbii ani irra ga’e caalaatti na harkaa faca’e. Yaaduu dhiisuu yaaleen ture. Garuu yaadni koo to’atamuu hin dandeenye. Dhugaadhumatti gadadameen ture (nama bo’aniif) garuu sababii isaa baruu hin dandeenye. Nan gunguma, nan komadhas, garuu eenyu irratti akka ta’e hin beeku. Dogoggorri tokko akka jiru beeka, garuu attamitti yookiin eessatti akkan waan qajeelaa argadhu hin beekun ture. Nan boo’e garuu abdiin hin turre.” WG 249.2

Haaluma kanaan ji’oota muraasaaf itti fufe. Akkas jedha: “akka tasaa amalli fayyisaa sammuu koo keessatti dhaga’ame. “Jiraataan oo’a qabeessi fi gaariin cubbuu keenyaaf aarsaa kan of godhee fi adaba cubbuu jalaa nu furuuf kan dhiphate tokko waan jiru fakkaatee anatti mul’ate battaluma sanatti jiraataan kun hammam jaallatamaa ta’uu akka qabu nan yaade, harka isaa keessatti of gatuu fi araara isaa amanachuu akkan qabu anatti dhaga’ame. Garuu jiraataan kun akka jiru attamitti mirkaneeffachuun danda’ama? kan jedhu gaaffiin in ka’e. Jiraachuu fayyisaa akkasii yookiin fuula durattis jiraachuu isaa Macaafa Qulqulluun alatti ragaa argachuu akkan hin dandeenye nan hubadhe… WG 249.3

“Macaaafni Qulqulluun fayyisaa ani barbaade akka anatti agarsiise nan arge; macaafni geggeessaa hafuura Waaqayyootiin hin barreeffamne fedhii addunyaa kuftee biratti qajeelfamoota mudaa hin qabne kan fudhatamu arguu koof bita anatti gale. Macaafni Qulqulluun mul’ata waaqa biraa kenname ta’uu isaa amanuu nan dirqame. Innis kanan itti gammadu ta’e, Yesuus kessattis michummaan argadhe. Fayisaan namoota kuma kudhan keessatti isa hunda irra caalu anaaf ta’e, macafni qulqulluun inni dur dukkanaa’aa fi kan wal faallessu anatti fakkaate, amma ibsaa miilla kootii fi ifa karaa kootii anaaf ta’e. Sammuun koo hin tasgabbaa’e, boqonnaas in argate. Waaqayyo gooftaan kattaa dambalii galaana jireenyaa keessa dhaabate anaaf ta’e. Amma Macaafni Qulqulluun qo’annoo koo isa hundumaa caalu anaaf ta’e. Dhugumaan gammachuu guddaadhaanan isa qoradhe jedhee dubbachuu nan danda’a. Kanaan dura walakkaan isaa illee anatti hin himamiin akka ture bira ga’eera. Miidhaginaa fi ulfina isaa duraan maalif hin argin akkan ture na dinqee, utuun hubadheera ta’ee fudhachuuf duubatti hin deebi’un ture. Wanta onneen koo hawwe fi dhukkuba lubbuu koof qoricha ta’u hundumaa akka natti mul’ate nan arge. Dubbisa kan biraaf fedhiin dhabe, ogummaa waaqa biraa argachuufis garaa koo nan kenne.” -- S. Bliss, Memoirs of Wm. Miller, pages 65-67. WG 249.4

Miiler amantii duraan fudhatee turetti amanuu isaa namoota duratti mul’ise. Garuu hiriyoonni isaa warri amantii hin qabne isa inni Macaafni Qulqulluun hafuura waaqayyoo hin qabu jedhee falmaa ture fiduuf oolanii hin bulle. Inni yeroo sana isaanii deebisuuf hin qophoofne ture; garuu Macaafni Qulqulluun mul’ata waaqayyoo yoo ta’e, kan inni dubbatu wal fudhachuu akka qabuu fi nama barsiisuuf kan kenname ta’ee inni sadarkaa hubannaa namaatti kennamuu qaba jedhee yaade. Macaafa Qulqulluu mataa isaatiin qoorachuuf murteesse. Kanas kan inni godhe wanti waan wal faalleessu fakkaatee argame hundumtuu akka inni wal hin fudhanne ilaaluu jechaa ture. WG 250.1

Ilaalcha duraan yaada isaa keessa ture of duubatti gatuuf dhama’uudhaan yaada Macaafa Qulqulluu irratti kennamanitti (commentaries) fayyadamee gargaarsa kitaabilee wabiitiin Macaafa Qulqulluu Macaafa Qulqulluu wajjin wal bira qabee qorate. Qorannaa isaa haala idilee fi tooftaa qabuun itti fufee seera uumamaa irraa jalqabee lakkoofsa lakkoofsaan qorachaa hiikkaan isaa dafee hubatamuufiidhaan heertulee duraan hin hubataminiif turaniin dhiphachuu irraa hiikame. Waan ifa hin taane tokko yeroo argu dhimma qoratamaa jiru heertuu kan biraa dhimma kana irratti barreeffamee wajjin wal bira qabee ilaaluun amala isaa ture. Jechi hundumtuu mata duree barreeffame jalatti hiika sirrii akka qabaatuuf karaan in kennamaaf. Yoo ilaalchi isaa heertuu kennamee wajjin walii gale hubannoof rakkisaa ta’uun isaa ni dhaabbata. Yeroo heertuu hubannaan isaa cimu argatu kutaa Macaafa Qulqulluu kan biraa keessaa ibsa argata. Hubannaa Waaqayyoo argachuuf kadhannaan yeroo qoratu wanti duraan hubannaa isaatti dukkana fakkaatee mul’atu ifa ta’a. Inni dhugaa isa sagalee abbaa faarfannaa keessa jiru shaakaleera. “Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa.” Faar. 119:130 WG 250.2

Inni macaafota Daani’eelii fi mul’ata miira ho’aatiin qoratee qajeelfamoota ittiin kutaa Macaafa Qulqulluu kan biraa hiike hojii irra oolche fakkeenyi raajii isa keessa jiru isaaf hubatamuu danda’uu isaatiif guddaa gammade. Sagaleen raajii duraan raawwatame jecha jechaan (literally) akka raawwataman, lakkoobsonni garaagaraa, fakkaataa (metaphors), fakkeenyota (parables), jechoonni wal fakkaatan (similitudes) fi kkf. Kan walitti hidhamanii jiran keessatti kan ibsaman yookiin macaafota biraa keessatti yeroo caqafaman jechoonni isaanii hiikkaa kan argatan ta’uu isaanii hubate. Macaafni Qulqulluun dhugaa haala salphaatiin mul’ateedha, namni kara adeemaan gowwaa yoo ta’e illee isa keessatti dogoggoruun hin barbaachisu.” “Anis akkasittan itti quufe.” -- Bliss page 70. Akkuma toora raajii guddaa sadarkaa sadarkaadhaan qorateen dhamaasuu isaatiif fuuncaa dhugaa isa tokko irraa gara isa kaaniitti badhaafame. Ergamoonni samii sammuu isaa geggeessaa, hubannoo Macaafa Qulqulluus isaaf banaa turan. WG 250.3

Haala yeroo darbe keessa raajiin ittiin raawwatame akka ulaagaa ittiin raawwii raajii fuula duraa ittiin murtaa’utti fudhachuudhaan, mootummaan hafuura kiristoos inni xumura biyya lafaa dura boqonnaa waggaa kumootaa lafa irratti ta’a jedhu ilaalchi sabaa inni beekamaan sagalee waaqayyootiin kan hin deggermne akka ta’e itti quufe. Barsiifni utuu gooftaan qaamaan hin dhufiin fuula dura waggaa kuma tokkoof tolli (qajeelummaa) fi nagaan lafa kana irratti ta’a jedhu naasuu guyyaa gooftaatti ta’u achi fageessee kaa’eera. Garuu kan nama gammachiisu yoo ta’e illee, inni faallaa barsiisa kiristoosii fi ergamootaa isa hamma yeroo midhaan sassaabamutti lachuu walumaa wajjin haa guddatan jedheeti. Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu;” “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu!” Mootummaan dukkanaa hamma gooftaan dhufutti itti fufa, Kana booddees Yesus gooftaan immoo hafuura afaan isaa keessaa ba'uun isa in ajjeesa; mul'inatti deebi'ee dhufuu isaatiinis isa in barbadeessa.” Maat 13:30, 38-41: 2Xim 3:13, 1; 2Tas 2:8 WG 250.4

Barsiifni waa’ee jijjiiramuu biyya lafaa fi waa’ee kiristoos hafuuraan mo’uu waldaa ergamootaa keessatti beekamaa hin turre. Hanga jalqaba jaarraa kudha saddeettaffaatti kiristiyaanota biratti akka walii galaatti kan fudhatame hin turre. Akkuma dogoggora kan biroo hundaa bu’aan isaa hamaadha. Kun akka namoonni dhufaatii gooftaa fageessanii fuula duratti eegan barsiise. Milikkita dhiyootti dhufuu isaa akka namoonni yaadaan hin qabne godha. Amanannaa fi nageenya wabii bu’uuraa hin qabne miirri isaanii akka gowwomfamu godhe gooftaa simachuuf baay’ee qophee barbaachisaa akka hin qabaanne dagachiisa. WG 251.1

Miiler qaamaan dhufuun kiristoos Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee akka barsiifame argatee ture: phaawuloos akkas jedha. “Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a;” 1Tas 4:16. Fayyisaanis akkas jedhe: “ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru Akka bakakkaan ba'a-biiftuutti bu'u hamma lixa-biiftuutti ibsu, dhufni ilma namaas akkasuma in ta'a.” Maat 24:30, 27. Inni macca samii hundumaa wajjin dhufa. “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a.” Maat 25: 31. “Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga isaan immoo warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu jedhe.” Maat. 24:31 WG 251.2

Yeroo dhufa isaa toloonni du’an in kaafamu, toloonni jiraatti hafan immoo in jijjiiramu. “Nuyi hundumti keenya in geddaramna malee, hin duunu; dhoksaan ani isinitti himuuf jedhes isa kana. Malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti in geddaramna; malakanni in afuufama, warri du'an immoo bifa hin badneen in kaafamu. Wanti hin badne, iddoo wanta badu kanaa, wanti hin duune iddoo wanta du'u kanaa bu'uutu ta'a.” 1 Qor 15:51-53. Xalayaa isa gara warra Tasaloonqee keessatti waa’ee dhufa gooftaa erga ibsee booda, akkas jedhe: “Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu. Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.” 1 Tas. 4:16, 17 WG 251.3

Kiristoos qaamaan hamma dhufutti sabni isaa mootummaa fudhachuu hin danda’an. “Yesus ammoo, Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re'ootattii akka gargar fo'u, innis namoota sana gargar in fo'a. Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re'ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba. Ergasii mootichi warra mirga isaa jiraniin, ‘Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa'etti galaa!” Maat. 25 31-34. Yeroo ilmi namaa dhufu warri du’an badiisa malee akka ka’an warri jiran immoo akka jijjiiraman heertuu Macaafa Qulqulluu nuuf kenname irraa ilaalleerra. Isaan jijjiirama kanaan mootummaa fudhachuuf kan qophaa’an ta’u; Phaawuloos akkas jedha: “Obboloota ko, namni foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuu yookiis wanti badu wanta hin badne keessaa hirmaachuu, akka hin dandeenye isinittan hima.” 1 Qor 15:50. Namni haala amma jiru kanaan du’eessa, kan baduudha kan tortoruudhas. Garuu mootummaan Waaqayyoo kan hin badneedha, barabaraanis jiraata. Kanaaf namni haala amma jiru kanaan mootummaa waaqayyoo seenuu hin danda’u garuu Yesus yeroo dhufu namummaa hin duune saba isaatti uwwisa; kana booda mootummaa dhaaluun kan isaaniif malu qofa waamee isaan dhaalchisa. WG 251.4

Taatewwan akka walii galaatti dhufa kiristoos dura raawwatamu jedhamanii eegaman, kan akka nagaan addunyaa irratti in mo’a kan jedhuu fi mootummaan Waaqayyoo lafa irratti ni hundeeffama kan jedhu dhufaatii lammaffaa booda mirkaneessaniiru. Itti dabalees, milikkitootni yeroo hundumtuu fi haalli biyya lafaa ibsa raajii bara xumuraa agarsiisu. Qorannaa Macaafa Qulqulluu irraa qofa ka’uudhaan biyyi lafaa haala amma irra jirtu kanaan itti fuftee jirachuuf yeroon isheef heyyamame cufamuutti akka dhiyaate goolabbii irra ga’uuf dirqisiifamee ture. WG 252.1

“Ragaan biraan sammuu koo qabate tartiibaan ta’uu seenaa Macaafa Qulqulluuti jedhe. Taateen duraan raajamanii bara darbe keessa raawwataman yeroo kenname keessatti raawwatamuu isaaniin arge. Waggaa 120 bishaan badiisaaf kenname (Uum 6:3); isa dura kan turan guyyaa torbanii fi rooba guyyaa 40 raajame (7:4); sanyiin Abraham waggoota 400 iddoo tokko jiraachuu (15:13), abjuu daadhii dabarsaa fi buddeen tolchaa guyyaa sadii (40:12-20); waggoota torban Fara’oon (41:28-54); waggoota 40 lafa onaa keessaa (Seera Lakk. 14:34) beela waggaa sadii fi walakkaa (1Mot 17:1) [Luq 4:25] ,--- boojuu waggaa 70 (Er 25:11), yeroo torban kan Nebukadineezar (Dan 4;13-16) fi torban torba, torban 60 fi torban lamaa fi torban tokko isa yeroo saba Yihudaaf murtaa’ee torban torbaatama taasisu (Dan 9:24-27), taateen yeroodhaan daangeffaman kun hundumtuu si’a tokko raajii turanii akkaataa raajiidhaan dubbatamanitti kan raawwatamaniidha.” Bliss, page 74, 75. WG 252.2

Kanaaf, qo’annoo Macaafa Qulqulluu isaa keessatti wayita yeroo garagaraa tooraan ka’amanii hamma dhufaatii Kiristositti jiran akka hubannaa isaatti yeroo ilaale akka isa yeroo Waaqayyo garboota isaatti mul’iseetti ilaaluu hin dandeenye. Museen akkas jedha: Itti dabalees Gooftaan karaa raajicha Amosiin akkas jedhe: “Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul'isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.” “Wanti dhoksaan kan Waaqayyoo Gooftaa keenyaati, wanti mul’ifame immoo nuyi dubbii seera isaa hundumaa akka eegnuuf barabaraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaati.” Amos 3:7; K/Deebii 29:29. Sababa kanaaf, baratoonni Macaafa Qulqulluu dhugaa ibsamee macaafa keessa ka’ame seenaa dhala namaa keessatti taateen dinqisiisaan kun akka ta’u amantiidhaan eeggachuu in danda’u. WG 252.3

Miiler akkas jedha, “Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame” (2 Xim.3:16); “Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” (2 Phex.1:21); Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa'oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa'oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” (Room.16:4); inni jedhu akkuma na amansiiseen kutaan Macaafa Qulqulluu inni tooraan kaaáme sagalee Waaqayyoo akka ta’ee fi nuus akkuma kutaa Macaafa Qulqulluu isa kaaniitti eeguu akka qabnu itti amanee fudhadheera. Kana yeroo ta’u immoo isa Waaqayyo araara isaatiin nutti mul’ise hubachuuf yeroon dhama’u yeroo raajii (prophetic periods) akkuma jirutti irra darbuuf mirga akkan hin qabnetti natti dhaga’ame.” — Bliss, page 75. WG 252.4

Raajiin yeroo dhufaatii lammaffaa adda baasee ibsee kaa’u isa Daani’eel 8: 14ti. “Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama jedhe.” Qajeelfama ofii isaatii isa Macaafni Qulqulluun ofii isaa haa hiiku jedhu hordofuudhaan, Miiler Guyyaan tokko wagga tokko akka bakka bu’u hubate (S/Lakk.14:34; His.4:6); raajiin guyyaa 2300, yookiin, jecha jechaan waggoota hangasii cufiinsa yeroo Yihudoonni ka’aan caalaa dheerata, kanaaf mana qulqullummaa bara isaan ka’aaniin lakkaa’amu hin ilaalatu. Miiler yaada bara kiristiyaanummaa keessa akka waliigalaatti fudhatame isa lafti mana qulqullumaati jedhu fudhachuudhaan, mana qulqullummaa qulqulleessuun inni Daani’eel 8:14irratti dursee dubbatame isa lafti yeroo dhufaatii Kiristos isa lammaffaa ibiddaan qullooftu bakka bu’a jedhee amane. Erga akkas ta’ee, yeroon Guyyaan 2300 itti jalqabu argamuu dandeenyaan Guyyaan dhufaatii lammaffaa kan mirkanaa’e ta’uu in danda’a. Akkasitti guyyaa xumura guddaa haalli ammaa “oftuulummaa fi aangoo isaa, koormaa fi bilaashummaa, hamminaa fi cinqursaa isaa wajjin gara xumuraatti in dhufa.” Yeroo abaarsi lafa irraa balleeffamu duuti garboota Waaqayyoo raajotaa fi qulqullootaaf in bada, warra maqaa isaa sodaataniif badhaasi in kennama, warri lafa balleessanis in balleefamu.” -- Bliss, page 76. WG 253.1

Miiler kutannoo addaa fi gadi fagootiin halkanii fi guyyaa of kennee raajii qoruu itti fufe. Inni waa’ee guyyaa 2300 ilaalchisee raajii Daani’eel boqonnaa 8 keessatti yeroo inni itti jalqabu argachuu hin dandeenye; ergamaan Gabreel Daani’eel mul’aticha akka hubatuuf yoo abboome illee ibsa gar-tokkee qofa kenne. Akkuma ari’annaan cimaan waldaatti akka dhufu himameen raajichichi jabina qaama isaa dhabe. Haala sana damdamachuu waan dadhabeef ergamaan yeroof isa dhiisee adeeme. Kana irratti ani Daani'el bututee dhukkubsadhees guyyaa baay'ee nan ciise; mul'aticha immoo ani waanuma isaa nan wallaale, hin hubannes.” WG 253.2

“Namni kun mul’aticha akka hubatu godhi” jedhee Waaqayyo ergamaa isaa abboome. Ergamni kunis raawwatamuu qaba. Ergamaan ajaja kana fudhachuudhaan yeroo muraasa booda gara Daani’eelitti deebi’ee “ani amma si qalbifachiisuudhaaf, si hubachiisuudhaafis ba'ee nan dhufe.” “Kanaaf isa yaadatti qabadhu, mul'atichas hubadhu!” Daan.8:27, 16; 9: 22, 23, 25-27. Muláta Daani’eel boqonnaa 8 keessatti utuu hin ibsamin kan hafe qabxii barbaachisaa tokkotu jira, innis waa’ee guyyaa 2300 ti; kanaaf ergamaan kun ibsa isaa itti fufuudhaan dhimma yeroo kanaa irratti xiyyeefate: WG 253.3

“Waggoonni torba si'a torbaatamni saba kee irratti mandara kee ishee qulqullooftu irratti akka darban murtoo ta'eera.” ... “Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba'ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti waggaa torba si'a torba in ta'a; yeroon isaa yeroo rakkinaa yoo ta'e iyyuu, mandarattiin waltajjii ishee fi qotaa ishee wajjin deebitee ijaaramtee, waggaa torba si'a jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti; egaa kana beeki hubadhus! Dibamee kan moosifame tokkos waggaa torba si'a jaatamii lamaa sana booddee firdii malee lafa irraa in balleeffama;” “Inni utuu jiruu waggaa torbaaf namoota ciccimoo wajjin kakuu isaa in jabeessa; waggoota sana erga walakkeessee immoo qalmi, kennaan midhaaniis akka hafu in godha.” WG 253.4

Ergamaan gara Daani’eelitti kan inni ergameef qabxii isa mul’ata Daani’eel boqonnaa saddeet keessaa isa inni hubachuu dadhabee waa’ee “Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama jedhe” isaaf ibsuuf jedheeti. “Kanaaf isa yaadatti qabadhu, mul'atichas hubadhu” jedhee Daani’eeliin erga gorse booda, sagaleen ergamaan kun jalqaba dubbate “waggoonni torba si'a torbaatamni saba kee irratti mandara kee ishee qulqullooftu irratti akka darban murtoo ta'eera” kan jedhu ture. Jechi “murtoo ta’eera” jedhu “murameera” kan jedhuudha. Torban torbaatamni inni waggoota 490 bakka bu’u addumaan Yihudootaaf muramee kennamuu isaa ergamaan dubbate. Garuu maal irraa murama? Boqonnaa 8 keessatti kan caqafame yeroon guyyoota 2300 waan ta’eef torban torbaatamni kan inni muramu isa irraati; kanaaf torban torbaatamni kutaa guyyaa 2300 waan ta’eef yeroon raajii kun lamaan yeroo tokkicha jalqabuu qabu. Akkuma ergamaadhaan dubbatame, torban torbaatamni Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba'ee jalqaba. Guyyaan abboommiin kun ba’e yoo beekame jalqabbiin guyyaa 2300 mirkanaa’adha. WG 253.5

Labsiin kun Izraa boqonnaa torba Lakk. 12-26 keessatti argama. Bara 457 Dh.K.D kan ture Artashaastaan mootiin Faares labsii kana guutummaatti labsee ture. Garuu, Izraa 6:14 irratti kan barreefamee jiru manni Waaqayyoo inni “akka ajaja Qiiros, Daariyosii fi Artashaastaa mootota Faaresittis ijaaranii in raawwatan” jedha. Mootonni sadan kun labsii kana baasuudhaan, jabeessuudhaan, raawwachuudhaanis jalqabbii waggaa 2300 argisiisuudhaan wanta raajii kana keessatti gaafatame fiixaan baasaniiru. Labsiin kun kan itti raawwatame bara 457 DH.k.D akka guyyaa ajaji kun ba’eetti yoo fudhanne torban torbaatama ilaalchisee wanti raajii keessa kaa’ame raawwatamuu isaa argina. WG 254.1

Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba'ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti waggaa torba si'a torba in ta'a; waggaa torba si'a jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti” kun immoo torban jaatamii sagal, yookiin waggaa 483 ta’a. Labsiin egaa kana beeki hubadhus! 26 Dibamee kan moosifame tokkos waggaa torba si'a jaatamii lama Artashaastaan hojii irra kan oole Arfaasaa 457 Dh.K.D ture. Guyyaa kanaa kaasee waggaan 483 hamma Arfaasaa 27 Dh.K.B tti kan dheeratu ta’a. Raajiin kun yeroo sana raawwatame. Jechi “Masihii” jedhu “kan dibame” jechuudha. Arfaasaa 27 Dh.K.B. Kiristos karaa Yohannisiin cuuphamee dibata hafuuraa fudhate. Ergamaan Pheexros akkas jedhee dhugaa ba’a: “Waaqayyo, Yesus nama Naazireet kana hafuura qulqulluudhaan dibee humnaan akka isa guute” H/Erg.10:38. Fayyisaan mataan isaa akkas jedhee dubbatee ture: “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera;” Luq.4:18. Cuuphaa isaa booda gara biyya Galiilaa dhufee “wangeela Waaqayyoo lallabe. Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera jedhe.” Maar.1:14, 15. WG 254.2

“Inni utuu jiruu torban tokkoof namoota baay’ee wajjin kakuu isaa in jabeessa.” “Torban” jedhamee kan dubbatame kun torbaatama sana keessaa isa xumuraati; inni immoo waggoota torban xumuraa Yihudootaaf kennameedha. Yeroo kana keessa, Dh.k.B. bara 27- 34 tti Kiristos jalqaba ofii isaatii, sana booda immoo karaa bartoota isaatii waamicha wangeelaa addumaan Yihudootaaf dabarsee ture. Yeroo ergamoonni misiraachoo mootummaa Waaqayyoo fudhatanii ba’an qajeelfamni “Karaa saba Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra Samaariyaa tokko illees hin lixinaa! Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badanii dhaqaa! “Kan jedhu ture. Maat.10:5, 6. WG 254.3

“Walakkeessa torbanichaatti immoo qalmi, kennaan midhaaniis akka hafu in godha.” Cuuphamee waggaa sadii fi walakkaa booda bara 31 Dh.K.B. Gooftaan keenya in fannifame. Qaraaniyyoo irratti aarsaa guddaa ta’uu isaatiin sirna aarsaa waggoota kuma afuriif fuulduratti hoolaa Waaqayyoo argisiisaa ture sana xumuratti fide. Inni fakkeenya ture bifa dhugaa wajjin wal arge, aarsaa fi sirni kennaa hundumtuu in dhaabbate. WG 254.4

Akkuma ilaalle torban torbaatamni yookiin waggoonni 490 Yihudootaaf kenname in raawwatame. Yeroo sana karaa gochaa angafa lubootaa warra Yihudota ta’anii Isxifaanosiin ajjeesanii hordoftoota Kiristosiin immoo ari’achuudhaan akka biyyaatti wangeela fudhachuu diduu isaanii mirkaneessan. Kana booda ergaan fayyinaa saba fo’aman qofaaf kan daangefame utuu hin taane biyya lafaa guutummaaf kenname. Ari’annaa sana irraa kan ka’e Yerusaalem keessaa baqachuuf kan dirqisiifaman bartoonni “iddoo hundumaatti wangeela lallabuuf adeeman. “Filiphos gargaartota keessaa tokko, mandara Samaariyaa tokkotti gad bu'ee, namoota mandarichaatti Kristosin lallabe.” Pheexros hafuura Waaqayyootiin geggeefamee angafa dhibbaa warra Qiisaariyaa, Qorneelewos isa Waaqayyoon sodaatutti wangeela lallabe; Amantii isaa Kiristositti kan jabeefate Phaawulos “fagootti, warra saba koo hin ta'initti sin erga” kan jedhu oduu gammachiisaa fudhatee ergame. H/Erg. 8:4,5; 22: 21. WG 255.1

Akkaataa Kanaan wanti raajiidhaan dubbatame hundumtuu haala ifaa ta’ee mul’atuun raawwatame, jalqabbiin torban torbaatamaas bara 457 Dh.K.D., xumurri isaa immoo bara 34 Dh.K.B ta’uun isaa gaaffii hin qabu. Akka herrega kanaatti xumurri guyyaa 2300 yoom akka ta’e argachuun rakkisaa miti. Torban torbaatamni (guyyaa 490) guyyoota 2300 irraa yoo cite guyyoota 1810 hafa. Guyyoonni 490 erga xumuramanii booda guyyoonni 1810 hamma illee raawwatamuu qabu. Dh.K.B. 34 tti 1810 yeroo ida’amu 1844 tti geessa. Kanaaf, Guyyaan 2300 inni Daani’eel 8:14 irratti dubbatame 1844 xumurame. Akka ergamaan Waaqayyoo dhugaa ba’etti xumura yeroo raajii guddaa kanatti “manni qulqullummaa in qulqulla’aa.” Akkaataa kanatti yeroon manni qulqullummaa itti qulqullaa’u yeroo dhufaatii lammataa ta’uun isaa guutummaatti kan itti amaname ta’uun isaa hubatameera. WG 255.2

Miilerii fi michoonni isaa jalqabatti guyyoonni 2300 bara 1844 ji’a birraa keessa xumurama jedhanii kan amanan yeroo ta’u, raajiin kun garuu waggaadhuma sana keessa ji’a arfaasaa argisiisa. Hubannaan dogoggoraa qabxii kana irra jiru warra yeroo dhufa gooftaa guyyaa isa jalqaba caqafame irra ka’anitti abdii kutannaa fi bita galummaa fide. Garuu taateen guddaan kun mana qulqullummaa qulqulleessuutti fakkeefame fi guyyaan 2300 bara 1844 xumuramuu isaa argisiisuu irratti falmii fiduuf bu’aan isaa xiqqoo hin turre. WG 255.3

Miiler Macaafni Qulqulluun mul’ata Waaqayyoo ta’uu isaa mirkaneessuuf qorannaa yeroo jalqabe goolabbii amma irra ga’e kana irraan ga’a jedhee hin yaadne. Inni mataan isaa bu’aa qorannaa isaatti gatii guddaa itti hin kennine. Garuu ragaan Macaafa Qulqulluu ifaa fi amansiisaa waan ta’eef dhiifamuu hin dandeenye. WG 255.4

Miiler bara 1818 keessa Kiristos saba isaa fayyisuuf naannoo waggoota digdamii shanii keessatti dhufa jedhee yeroo of amansiise Macaafa Qulqulluu qorachuudhaan waggoota lama dabarseera. Miiler akkas jedha, “abdii fuula duraa ilaalchisee gammachuu onnee koo keessa guutes ta’e gammachuu warra fayyanii keessatti hirmaachuu keessatti fedhii lubbuun koo qabdu dubbachuun na hin barbaachisu”. Amma Macaafni Qulqulluun anaaf kitaaba haaraa ta’e. Inni dhuguma iyyuu dhangaa sababa qabu ture; inni barsiifni isaa anaaf dukkana, iccitii yookiin dhokataa ture hundumtuu, sammuu koo keessaa haxaa’amee bade fuula isaa isa qulqulluu irraa ifni anaaf ba’e akka ifa barii naaf ta’e; dhugaan isa keessaa mul’ates attam ifaa fi ulfina qabeessa! Sagalicha keessatti duraan argadhee kanan ture wanti wal mormuu fi walii hin galle hundumtuu in bade; hubannaa guutuu argachuu dhabuudhaan kanan itti hin quufin kutaan baay’een isa keessa yoo jiraatan illee, sammuu koo isa duraan dukkaneefameef ifa guddaatu isa irraa naaf ife; Barsiisa isaa irraa hin argama iedhee kanan hin yaadne qorannaa Macaafa Qulqulluu irraa gammachuu guddaatu anatti dhaga’ame.” -- Bliss, pages 76, 77. WG 255.5

“Taatee kabajamoo jedhamanii Macaafa Qulqulluu keessatti dursanii dubbataman yeroo gabaabaa keessatti akka raawwataman erga na amansiisee booda ragaa sammuu koo amansiise ilaalchisee wanti ani biyya lafaatiif gochuu qabu maal? Kan jedhu gaaffiin humna cimaadhaan gara sammuu kootii dhufe.” -- Ibid., page 81. Garuu inni ifa fudhate warra kaaniif hiruun hojii isaa akka ta’etti itti dhaga’amuu hin dandeenye ture. Inni warra amantii hin qabne biraa mormiitu natti dhufa jedhee yaade, garuu abdii fayyisaa isa jaallataniitti kiristiyaanonni in gammadu jedhee amane. Gammachuu furamuu ulfina qabeessa dhiyootti xumuramu kanaa wajjin sodaan inni qabu garuu baay’oonni dhugaa isa keessa jiru mul’isuuf qorannaa Macaafa Qulqulluu ga’aatti utuu hin geggeesin barsiisa kana fudhatu kan jedhu ture. Kanaafuu, dogoggora keessa seenee kan biro dogoggorsuuf karaa akka hin taanetti isa namootaaf dhi’eessuuf shakkeera. Akkasitti goolabbii irra ga’ee jiru akka deggeru mirkaneefachuuf ragaa jiru irra deebi’ee ilaaluu fi wantoota rakkisoo fakkaatanii sammuu isaatti mul’atan of eeggannaadhaan xiinxaluutti adeeme. Akkaataa Kanaan mormiin jiru hundumtuu ifa sagalee Waaqayyootiin akka fixeensa ho’a aduutiin baduu ta’e. Waggoonni shanan akka kanatti darban ejjeennoon isaa sirrii ta’uu isaa guutummaatti isa amansiise. WG 256.1

Egaa amma wanta Macaafa Qulqulluu irraa ifatti barachuu danda’e warri kaanis akka beekan gochuuf humni haaraan isa irra bu’e. innis akkas jedhee dubbate, “yeroon hojii koo hojjedhu ‘balaa isaan eeggatu warra biyya lafaatti dhaqii himi’ kan jedhu sagaleen yeroo hundumaa gurra kootti dhaga’ama.” Heertuun kun yeroo hundumaa gara koo dhufa: “Ani nama jal'aadhaan, Yaa nama jal'aa! Ati dhugumaan in duuta yommuun jedhu, ati immoo inni jal'aan sun karaa isaa irraa akka deebi'uuf of hin eeggachiiftu yoo ta'e, inni jal'aan sun yakka isaatiin in du'a; ani immoo dhiiga isaa harka kee keessaa nan barbaada; ati garuu isa jal'aa sana karaa isaa irraa akka deebi'uuf utuma of eeggachiiftuu, inni isa irraa deebi'uu yoo dhiise, inni yakka isaatiin in du'a; ati garuu of in oolchita” His. 33:8,9. Cubbamoonni yoo sirriitti akeekkachiifaman baay’een isaanii qalbii jijjiirachuu in danda’u kan jedhu anatti dhaga’ame; yoo akeekkachiifamuu baatan garuu dhiigni isaanii harka koo keessa barbaadama.” -- Bliss, page 92. WG 256.2

Akka carraa argatetti yaada isaa dhuunfaatti namootaaf hiruu jalqabe, tajaajiltoonni tokko tokko isaanitti dhaga’amee akka of kennaniif in kadhate. Garuu akeekkachiisa kennuun hojii dhuunfaa isaa ta’uu isaa amantii qabu dhiisuu hin dandeenye. “Dhaqii biyya lafaatti dubbadhu; dhiiga isaanii harka kee keessa nan barbaada” sagaleen jedhu sammuu kootti dubbachuu hin dhiifne. Hanga bara 1831 yeroo jalqabaaf amantii isaa ifa baasee beeksisetti, lubbuun isaa ba’aa kana baattee waggoota sagaliif dhiphachaa turte. WG 256.3

Akkuma Elsaay qonnaa isaa keessatti qotiyyoo isaa dhiisee hojii lubummaa fudhachuuf waamame, Wiiliyaam Miiler dhoksaa mootummaa Waaqayyoo namootaaf ibsuuf qonnaa isaa akka dhiisuuf waamame. Innis gara hojii isaatti sodaa guddadhaan seene, dhaggeeffattoota isaas irraa jalaan gara yeroo raajii waa’ee dhufa Yesusitti geesse. Sagalee inni dubbatuun fedhiin namoota hedduu akka socho’e yeroo arge dhamaasuu godheen humnaa fi jabina argate. WG 256.4

Miiler amantii isaa gara sabaatti kan inni baasuuf murteesse karaa obboloota isaa warra waamicha Waaqayyoo isa irraa dhaga’anii isa waamanii ture. Yeroo kana inni nama waggaa shantamaa yoo ta’e illee sabatti dubbachuu kan hin amaleeffannee fi hojii fuula koo duraaf ga’umsa hin qabu miira jedhuun nama miidhame ture. Haa ta’u malee hojiin fayyina lubbuu inni jalqaba hojjete eebbifamaa ta’e. Barsiisa isaa jalqabaatin daddammaqinni amantii ta’ee, namoota lama irraa kan hafe miseensa maatii kudha sadiitu qalbii jijjiirrate. Battaluma sana bakka biraattis akka dubbatuuf waamamee hojii inni iddoo hundumaatti hojjate bu’aa daddamaqina hojii Waaqayyoo argamsiise. Cubbamoonni qalbii jijjiiratan, kiristiyaanonni qulqullummaa guddaadhaaf of kennan, jiraachuu Waaqayyoo warri hin amannee fi gantoonnis dhugaa Macaafa Qulqulluu fi amantii kiristiyaanaa fudhachuutti geggeeffaman. Warri inni isaan keessatti hojjete akkas jedhanii dhugaa ba’an: “kan namoota biraatiin bira ga’amuu hin dandeenye kutaan sammuu namoota baay’ee karaa isaa bira ga’ame.”—Ibid., page 138. Lallabni isaa sammuu namootaa gara dhimma amantiitti kakaasuu fi haala jireenya biyya lafummaa isa guddachaa adeemee fi gammachuu miiraa bara Sanaa to’achuu irratti kan xiyyeefate ture. WG 257.1

Magaalaa hundumaa keessaa namoonni jaatamni, iddoo muraasa keessaa immoo hamma dhibbaatti namoonni lallaba isaatiin jijjiiraman turaniiru. Iddoo baay’eetti waldoonni pirootestaantii isaaf balbala bananiiru, akka inni tajaajiluuf tajaajiltoota saba biraa irraa waamichi yeroo hunda isa qaqqaba ture. Bakka hin afeeramne kamitti illee akka hin hojjenneef qajeelfama hin sochoone qaba ture, haa ta’u malee waamicha isaaf ta’e keessaa walakkaa isaa illee raawwachuu akka hin dandeenye dafee arge. Yeroo dhufaatii Kiristosiin ilaalchisee yeroo murteessuu isaa kan hin fudhanne baay’een dhugummaa fi dafee dhufuu Kiristosiin, akkasumas qopheen akka isaan barbaachisutti amananiiru. Magaalota gurguddoo muraasa keessatti hojiin isaa bu’aa guddaa argisiise. Warri dhugaatii nama macheessu daldalan hojii isaanii dhiisanii mana dhugaatii isaanii bakka walga’iin hafuuraa itti geggeefamu godhan; bakki darboon /qumaara/ itti taphatamu in bade; warri amantii hin qabne, Waaqayyo hin jiru kan jedhan, lafti akkasumatti fayyiti jedhanii kan amananii fi warri afoleessitoonni waggootaaf mana waaqeffannaa hin seenin turan hedduun in haareffaman. Dhaabbattoota garagaraa keessatti walga’iin kadhannaa hundeeffamee yeroo garagaraatti hojii isaanii itti fufan, daldaltoonni guyyaa keessaa kadhataa fi galataaf walitti qabaman. Isa keessa gammachuun miiraa hin turre, garuu sammuu namootaa keessa ulfina guddaatu ture. Akkuma haaressitoota warra jalqabaa hojiin isaa namoota keessatti hubannoo amansiisaa uumuu fi qalbii sammuu isaanii banuuf malee miira gammachiisuuf miti. WG 257.2

Bara 1833 Miiler mana sagadaa Baaptistii isa keessatti miseensa ta’ee ture irraa heyyama lallabuu fudhate. Tajaajiltoonni dhaabbata isaatii lakkoobsaan baay’ee ta’an hojii isaa in mirkaneessan, inni heyyama isaan irraa argateen hojii isaa itti fufe. Hojiin isaa biyya Niwu Ingilaandii fi Midil Istetii keessatti kan daangefame yoo ta’e illee utuu Kanaan hin daangeffamiin adeemee lallabaa ture. Waggoota hedduuf baasiin isaa kanuma ofii isaa ture, sana boodas baasii adeemsaa warra lallabaaf isa afeeran biraa ga’aatti argatee hin beeku ture. Akkasitti hojiin inni hojjetu bu’aa lafaa argachuu irraa kan fagaate ta’ee qabeenya dhuunfaa isaa irratti miidhaa geessisuudhaan suuta suuta jireenya isaa isa lafa irraa haphisaa adeeme. Inni abbaa maatii baay’ee ture, haa ta’u malee maatiin isaa hojiif kan dhimmanii fi qusannoodhaan kan jiraatan waan turaniif qonnaan isaa isaanii fi isa jiraachisuuf ga’aa ture. WG 257.3

Miiler ragaa dafee dhufuu Kiristosiin sabaaf dhi’eessuu erga jalqabee waggoota lama booda bara 1833 milikkiti dhufaatii isaa inni fayyisaan xumuratti dubbatee ture raawwatame. Yesus akkas jedhe: “urjoonni waaqa irraa in harca'u” Maat.24:29. Yohannis taatee guyyaa Waaqayyoo labsu Mul’ataan yeroo arge akkas jedhe: “Akka ija harbuu qilleensi jabaan raasee harcaasuutti, urjoonni waaqa keessaa lafatti gad harca'an.” Mul. 6:13. Raajiin kun yeroo sadaasa 13/ 1833 urjoonni bifa dinqisiisaatiin akka bokkaa roobaan raawwatame. Innis harca’uun urjootaa dinqisiisaa fi guddaan takkaa galmaa’ee hin beekne yeroo itti raawwate ture; “yeroo sana biyya Yunaa’itid Isteet keessatti yeroof guutummaan samii in raafame! Erga namoonni biyya sana qubatanii asitti taateen akkasii samii keessatti takkaa ta’ee hin beeku. Taateen kun hawaasa gar tokkoo biratti dinqifannaa guddaa, hawaasa kan biraa biratti immoo sodaa fi naasuu fide.” “Guddiinnii fi sodaachisuun miidhagina isaatii amma illee sammuu namoota baay’ee keessa naanna’a… Akka urjoonni sun gara lafaatti gad harca’anitti bokkaan yabbuun roobee hin beeku; Bahaatti, lixatti, kaabaa fi kibbatti wanuma walfakaataa ture. Guutummaan samii jecha tokkoon waan socho’e fakkaate. …Wanti barruulee profeeser Silmaan keessatti addeefame Kaaba Ameriikaatti mul’ateera. Halkan keessaa sa’a sadeetii eegalee hanga ifa guyyaatti samiin qulqulluu fi duumessa kan hin qabne turte, samii guutummaa keessa utuu walirraa hin citiin ifni miidhagaan fuula namaa dura ture.” —R. M. Devens, American Progress; or, The Great Events of the Greatest Century, ch. 28, pars. 1-5. WG 258.1

“Jechi taatee dinqisiisaa sana ibsuu danda’u hin jiru; … Isa kan hin argiin tokko illee ulfina isaa ga’aatti qabachuu kan danda’u hin argamu. Guutummaan urjoota samii keessaa waan iddoo tokkotti walitti qabaman fakkaatanii humnaan ballaqisuun wal faana kallattii hundumaan si’a tokkicha dhuka’an darbatamanii turan, akka waan guyyaa sana qofaaf uumamaniitti kumaatamni kumaatama faana bu’anii yeroo ariitiidhaan harcaa’an hin dadhaban turan.” —F. Reed, in the Christian Advocate and Journal, Dec. 13, 1833. “Akka ija harbuu qilleensi jabaan raasee harcaasuu irra caalaa fakkiin sirriin kana ibsuu danda’u hin argamu.” —The Old Countryman,” in Portland Evening Advertiser, Nov. 26, 1833. WG 258.2

Barruu Niwu Yoorki “Journal of commerce” jedhamu sadaasa 14, 1833 barreefame, taatee dinqisiisaa kana ilaalchisee akkas jedhee ba’ee ture: “Akkan yaadutti akka taatee kaleessa ganamaatti falaasfaan yookiin hayyuun kam illee dubbatee yookiin barreessee hin beeku. Waggoota kuma tokkoo fi dhibba saddeeti fuula dura raajiin tokko sirriitti dubbatee ture. Urjoonni harca’uu hubachuun isaa yoo nu rakkise harca’uu urjootaa jechuudha … miirri kana ittiin hubachuu dandeenyu dhugaadhumatti ta’uu isaatiin. WG 258.3

Milikkinni dhufa isaa inni xumuraa, inni Yesus waa’ee isaa bartoota gorse akkasitti mul’ate: “Isin bofoota, ijoollee mar'ataa nana! Qilillee keessatti adabamuu jalaa attamitti baatu ree?” Maat.24:33. Milikkita kana booddee taatee guddaa kanatti aanee dhufu arge, innis samiin akka macaafaa utuu maramuu, lafti utuu socho’uu, gaaronnii fi biyyi bishaan keessaa iddoo isaanitii utuu hiiqanii fi cubbamoonni fuula ilma Waaqayyoo duraa sodaadhaan utuu baqachuu barbaadanii arge. Mul.6:12-17. WG 258.4

Harca’uu urjootaa kan argan baay’een akka labsii firdii dhufuutti isa ilaalan, “waan sodaachisaa, karaa hartuu isa dhugaa, mallattoo araaraa guyyaa guddaa fi sodaachisaa sanaati.” -- “The Old Countryman,” in Portland Evening Advertiser, Nov. 26, 1833. Akkasitti xiyyeefannoon namootaa raawwii raajiitti qajeelfamee baay’oonnis akeekkachiisa dhufaatii lammaffaa dhaggeeffatan. WG 259.1

Bara 1840 keessa immoo raawwiin raajii kan biraan miira namootaa bal’inaan kakaasee ture. Adda duree tajaajiltootaa ta’anii waa’ee dhufaatii lammataa kan lallaban keessaa tokko kan ture namni Josiyaa Liichi jedhamu waggoota lama fuula dura ibsa Mul’ata boqonnaa 9 isa waa’ee kufaatii mootummaa Otomaan (Ottoman Empire) maxxansee ture. Akka herrega isaatti, aangoon kun “1840 Dh.K.B ji’a Hagayyaa” keessa kufa. Kun utuu hin raawwatamiin guyyoota muraasaan dura akkas jedhee barreesse: “kutaa yeroo jalqabaa isa utuu Di’aakozes heyyama warra Turkiitiin gara teessootti ol hin ba’in raawwatamuuf waggoota 150 yoo kennine, fi waggoonni 391 fi guyyoota 15 xumura kutaa yeroo isa jalqabaa irratti eegalame jennee yaaduudhaan, humni Otomaan inni Konstantinoopilitti argamu in kufa jedhamee kan inni eegamu Hagayya 11, 1840 raawwatama. Kunis sirrii ta’ee akka argamu nan amana.” —Josiah Litch, in Signs of the Times, and Expositor of Prophecy, Aug. 1, 1840. WG 259.2

Yeroodhuma caqafame kana keessatti Turki karaa ambaasaddaroota isheetii humna ittisaa gamtaa Awuroopaa fudhattee harka mootummoota kiristiyaanaa jala of galchite. Taateen waan duraan raajamee kun sirriitti raawwate. Yeroo kun beekame qajeelfama hiikkaa raajii Miilerii fi michoota isaatiin fudhatame sirrii ta’uu isaa baay’oonni in amanan, sochii dhufaatii lammataaf deggarsi dinqisiisaanis in kenname. Namoonni baratanii fi aangoo kan qaban lallabuudhaanis ta’e yaada isaa maxxansanii baasuudhaan Miilerii wajjin ta’uun bara 1840-1844 tti hojichi ariitiidhaan babal’ate. WG 259.3

Wiiliyaam Miiler nama sammuu cimaa qabu, nama yaadaa fi qorannoodhaan leenji’e ture; kanatti dabalees mataa isaa burqaa ogummaa isa ta’ee wajjin wal quunnamuudhaan ogummaa samii kan dabalate ture. Inni nama gati jabeessa sirrii, bakka amalli amanamummaa fi safuun gatii guddaa qabu hundumaatti nama kabajamaa fi nama dhugaa ture. Garraamummaa isa dhugaa onnee irraa madde gad of deebisuu kiristiyaanummaa fi humna mataa ofii to’achuu wajjin walitti fidee wal fudhachiisuudhaan, yaada namoota biroo dhaggeeffachuu fi falmii isaanii madaaluuf kan qophaa’e nama hunda biratti fudhatama qabu ture. Fedhii kan biraa yookiin gammachuu miiraa irraa adda ta’uudhaan falaasamaa fi barsiisa hundumaa sagalee Waaqayyootiin qoree, hubannaan isaa inni guddaa fi beekumsi gadi fagoon inni Macaafa Qulqulluu irratti qabu dogoggora gatii dhabsiisuu fi soba saaxiluuf isa dandeessise. WG 259.4

Haa ta’u malee garuu hojii isaa mormii hadha’aa malee hin geggeessine. Akkuma haaressitoota warra jalqabaa dhugaan inni dhi’eesse barsiisota amantii beekamoo biratti jaallatamee hin fudhatamne. Taayitaa qaban irraa Macaafa Qulqulluudhaan of tursuu waan hin dandeenyeef bu’aa isaanii eeggachuuf jecha gara jechaa fi barsiisa namootaatti, gara aadaa abbootaatti deebi’an. Garuu dhugaa deebi’ee dhufuu warra lallaban biratti dhuga ba’umsi fudhatama argate sagalee Waaqayyoo qofa ture. Dhaadannoon isaanii “Macaafa Qulqulluu fi Macaafa Qulqulluu qofa” kan jedhu ture. Mormitoonni warri Macaafa Qulqulluu irratti hunda’anii falmuu dadhaban qoosuu fi ga’isuudhaan dhi’aatan. Warra deebi’ee dhufuu gooftaa isaanii hawwaan eeggatanii fi jireenya qulqullaa’aa jiraachuuf dhama’anii mul’achuu isaatiif warra kaan qopheessan maqaa balleessuudhaan gufachiisuuf jecha yeroo, qabeenyaa fi dandeettii isaanii hojii irra oolchanii ittiin yakka hojjatan. WG 259.5

Sammuu namootaa yaada dhufaatii lammaffaa irratti akka hin xiyyeefanne taasisuuf yaaliin godhamaa ture kan onnee irraa madde dha. Raajii dhufaatii Kiristosii fi xumura biyya lafaa wajjin wal qabatu qorachuun cubbuu akka ta’ee fi namoonnis itti qaana’uu akka qabanitti ilaalamaa ture. Akkasitti tajaajiltoonni hawaasa bal’aa sagalee Waaqayyoo irratti amantii qaban xiqqeessanii ilaalan. Barsiifni isaanii namoota warra amantii hin qabne taasise, baay’oonnis kajeellaa isaanii isa hamaa hordofuuf biliisummaa argatan. Kana booda warri hammina kana maddisiisan badii kana Adventistoota irra ka’an. WG 260.1

Galmi walitti qabama yeroo Sanaa beektootaa fi dhaggeeffattoota qalbii qabaniin guutamee utuu jiruu maxxansa amantii yeroo sanaa keessatti maqaan Miiler yeroo baay’ee kan caqafamu ceephoo fi balaaleffannaa malee homaa hin qabu ture. Namoonni warri dhimma hin qabnee fi Waaqayyoon hin waaqessine dhiibbaa hadha’aa taayitaa barsiisota amantiitiin jajjabeefamanii isaa fi hojii isaa irratti bubbee ceephoo dhangalaasuuf yaalii gochuudhaan qoosaadhaan maqaa addeessa isaaf kennan. Firdiin biyya lafaatti akka dhiyaate akeekkachiisuuf jecha mana isaa isa mijataa dhiisee magaalaadhaa gara magaalaatti, mandaraa gara mandaraatti dadhabbii malee kan jooru namicha mataa harrii, sobduu, kan hin amanamne, mankaraarsaa amantii jedhamee itii qoosuudhaan balaaleffatame. WG 260.2

Ga’iisuun, sobnii fi miidhaan isa irratti ta’e maxxansaa kan amantii hin taanee biraa illee mormii aariidhaan guute kakaase. “Dhimma bu’aa kabajamaa fi sodaachisaa ta’e salphaa fi qoosaatti ilaaluun” namoota biyya lafaa biratti “miira warra isa tamsaasanii fi abukaattoo isaa ta’anii miidhuu qofa utuu hin taane, guyyaa firdiitti qoosuun Waaqayyo mataa isaatti ga’iisuu fi sodaa firdii isaatii gatii dhabsiisuutti lakkaa’ama.” -- Bliss, page 183. WG 260.3

Hojii hamminaa kana warri kakaasan bu’aa ergaa dhufaatii mormuu qofa utuu hin taane ergamaa isaas balleessuuf yaalan. Miiler cubbuu isaanii ifataa, ofitti quufuu isaanii jeequudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu gochaadhaan waan argisiiseef sagaleen isaa inni ifaa ta’ee fi muruu danda’uu diinummaa isaanii kakaase. Mormiin miseensonni waldaa ergaa Miiler irratti argisiisan hawaasi gita gadii jiran tarkaanfii jabaa akka fudhataniif jajjabeesse; diinonnis yeroo inni bakka walga’iiti ba’u lubbuu isaa balleessuuf mari’atan. Garuu ergamoonni qulqulloonni tuuta namootaa sana gidduu turan. Isaan keessaa inni tokko nama fakkaatee irree garbicha gooftaa qabee saba aare sana keessaa gara iddoo inni eegumsa argatuutti isa geese. Hojiin isaa amma illee hin raawwatamne ture. Seexannii fi macci isaa garuu danqamuu karoora isaaniif abdii kutatan. WG 260.4

Mormiin kun hundumtuu utuma jiruu fedhiin sochii deebi’ee dhufuu ittuma fufee guddate. Lakkoofsi namoota walitti qabamanii digdamaa fi dhibba irraa gara kumaatama baay’eetti ol guddate. Waldoota garagaraa keessatti walitti qabama gurguddaatu ta’e, yeroo booda garuu warra jijjiiraman irratti hafuurri mormii in ka’e, Waldoonnis warra ilaalcha amantii Miileriin fudhatan irratti tarkaanfii adabaa fudhachuu jalqaban. Gochaan kun akka inni barreefamaan deebii kennu isa godhe, barreefama isaa keessatti, barsiisi isaa yoo soba ta’e dogoggorri isaa Macaafa Qulqulluutiin itti argisiifamuu akka qabu dhaabbata kiristiyaanaa hundumaaf barreesse. WG 260.5

Akkas jedhee barreesse, “akka itti amannuuf sagalee Waaqayyootiin kan hin ajajamin maalitti amanne? Sagaleen Waaqayyoo isuma qajeelfama amantii fi shaakala keessanii akka ta’uuf fudhattan mitii? Iddoo aarsaa fi hojii maxxansaa irraa balaalefannaa cimaa kana fakkaatu nutti gadi roobsuu fi nuun (warra deebi’uu lammataa eeggatan) waldaa fi tokkummaa keessan keessaa nu baasuuf sababni ga’aan nuyi goone maaltu jira?” Yoo dogoggorreerra ta’e dogoggorri keenya eessatti akka ta’e akka nutti argiisiftan isin kadhanna. Dogoggora keessa akka jirru sagalee Waaqayyoo keessaa nutti argisiisaa; hamma ga’utti nutti ga’isameera; kun immoo dogoggora keessa jiraachuu keenya nu amansiisuu hin danda’u; ilaalcha keenya jijjiiruu kan danda’u sagalee Waaqayyoo qofa dha. Goolabbii irra geenye kana kan goone ragaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaa fi kadhannaadhaan erga ilaallee booda.” --- Ibid., pages 250, 252. WG 260.6

Barootaa gara barootaatti akeekkachiisi Waaqayyo karaa garboota isaa biyya lafaatiif erge amantii dhabinaa fi ceephoodhaan fudhatame. Cubbuun saba bishaan badiisaa dura turanii akka inni bishaan badiisaa lafa irratti erguuf yeroo isa kakaase karaa isaanii isa hamaa irraa deebi’uuf carraa akka isaan argataniif karoora isaa dursee isaanitti beeksise. Dheekkamsi Waaqayyoo badiisa akka isaanitti hin fidneef qalbii akka isaan jijjiirataniif waggoota dhibba tokkoo fi digdamaaf gurra isaanii irratti akeekkachiisa dhageessise. Cubbuu isaaniitiin garaa jabaatanii ergamaa Waaqayyootti qoosan, waamicha isaas ni salphisan, akka gowwomsituuttis isa hammeessan. Namni tokkichi attamitti namoota gurguddoo biyya lafaa hunda dura ija jabinaan mormee dhaabbachuu danda’a? Ergaan Nohii dhugaa yoo ta’e biyyi lafaa guutummaan attamitti isa hubatee amanuu dide? Jechi dhugaa nama tokkoo faallaa ogummaa namoota kumaatamaati! Isaan akeekkachiisaaf gatii hin kennine, bidiruu keessattis dahoo argachuu hin barbaanne. WG 261.1

Warri ga’istoonni gara uumamaa, - gara waqtiilee osoo hin jijjiiramin waggaa guutuu walitti fufuu, gara samii isa cuquliisa takkaa roobee hin beeknee, gara dirree magariisa isa fixeensa halkaniitiin dheebuu ba’uu argisiisanii “inni fakkeenya odeessa mitii?” jedhanii iyyan. Jibba qaban irraa ka’anii lallabaa qajeelaa sana akka nama akkasumaan waa jajuutti ilaalan; isa duraa irra caalaas qannoo barbaaduu fi karaa hamaa irra adeemuu isaanii itti fufan. Garuu amantii dhabinni isaanii taatee raajame hin daangessine. Waaqayyo carraa qalbii jijjiirannaa ga’aa isaaniif kennuudhaan hammina isaaniif yeroo dheeraa obse; garuu yeroon firdii isaa yommuu ga’e murtoon isaa warra araara didanitti dhufe. WG 261.2

Dhufaatiisaa isa lammaffaa ilaalchisee amanti dhabinni wal fakkaataan akka jiru Kirstoos dubbatee ture. Akkuma saba bara Nohiin “Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta'a.” Maat.24:39. Yeroo warri nuyi saba Waaqayyooti ofiin jedhan akka isaaniitti jiraachuudhaan, gammachuu dhorkame keessatti isaanii wajjin hirmaatan biyya lafaa wajjin tokkummaa uuman; qannoon biyya lafaa qannoo waldaa yeroo ta’u; yeroo bilbilli cidhi gaa’elaa sagalee dhageessisu, yeroo namni hundumtuu milkaa’insa biyya lafaa waggoota dheeraa keessatti fuula duratti ilaalan, yeroo sana akka bakkakkaan dingata samii irraa ibsuutti abjuu fi abdiin isaanii inni gowwomsaan akka tasaatti gara dhumaatti in dhufa. WG 261.3

Waaqayyo akkuma bishaan badiisaa dhufaa jiraachuu addunyaa akeekkachiisuuf garboota isaa ergee ture, firdiin xumuraa dhiyaachuu isaa beeksisuuf ergamoota isaa ergeera. Akkuma sabni bara Nohii raajii lallabaan qajeelaan dubbatetti kolfanii ga’isan, bara Miileriin sabni baay’een, warri saba Waaqayyoo ofiin jedhan illee utuu hin hafiin sagalee akeekkachiisaatti qoosaniiru. WG 261.4

Barsiisii fi lallabni dhufaatii Kiristos isa lammataa waldaa biratti maaliif hin fudhatamne? Dhufaatiin gooftaa cubbamootaaf boo’ichaa fi badiisa kan fidu yeroo ta’u, tolootaaf (qajeelotaaf) gammachuu fi abdii fida. Dhugaan guddaan kun saba Waaqayyoo warra amanamootaaf baroota hundumaa jajjabina ture; saba warra nuyi kan isaati ofiin jedhaniif immoo maaliif “dhagaa gufannaa fi kattaa kufaatii” ta’e? “Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha” jedhee kan abdachiise gooftaa mataa isaati. Yoh.14:3. Gaddaa fi qofummaa hordoftoota isaatii argee akkuma gara waaqaatti ol ba’eetti abdii deebi’ee qaamaan dhufuu isaatiin isaan jajjabeessuuf ergamoota kan erge fayyisaa o’a qabeessa kana ture. Yeroo bartoonni gooftaa isaanii isa jaallatan hamma inni argaa isaanii duraa dhokatutti qalbii guutuun ilaalan xiyyeefannoon isaanii sagalee “Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa jedhaniin” hatame. H/Erg.1:11. Sagalee ergamaa Kanaan abdiin isaan keessatti qabsiifame. Bartoonnis “gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an; gaafa hundumaas mana qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo galateeffachaa turan.” Luq.24:52, 53. Isaan kan isaan gammadan Yesus qorumsaa fi rakkina lafaatiin wallaansoo akka qabaniif kophaatti waan isaan dhiisee adeemeef utuu hin taane sababa ergamoonni deebi’ee dhufuu isaa isaaniif mirkaneessaniif malee. WG 262.1

Labsiin dhufaatii Kiristos akkuma yeroo oduun gammachiisaa guddaan karaa ergamootaa tiksoota Betliheemitti himamee ta’e. Warri fayyisaa isaanii dhugaatti jaallatan labsii sagalee Waaqayyoo irratti hundaa’e isa abdiin isaanii jireenya barabaraa dhufaa jiru wiirtuu godhate gammachuudhaan fudhachuu malee waan biraa gochuu hin danda’an. Dhufti isaa kunis akka dhufa isaa isa jalqabaa arrabsamuu, tuffatamuu fi jibbamuuf utuu hin taane saba isaa furuuf isa inni humnaa fi ulfiunaan dhufuudha. Warri turuu isaa hawwan warra fayyisaa hin jaallannedha, waldaan Waaqayyo irraa fagaachuu isheetiif ragaan quubsaan ergaa samii dhufe irratti aarii fi jibbaan ka’uu irra kan caalu hin jiru. WG 262.2

Barsiisa dhufaatii lammaffaa kan fudhatan barbaachisummaa qalbii jijjiirannaa fi fuula Waaqayyoo duratti gad of deebisuu hubataniiru. Baay’een yeroo dheeraaf Kiristosii fi biyya lafaa gidduutti dhaabbachaa turan; amma garuu ejjennoo qabaachuu akka qaban isaanitti dhaga’ame. “Dhimmi jireenya barabaraa waan hin amansiifne isaanitti fakkaatee ture. Samiin isaanitti dhiyaateera, kanaaf fuula Waaqayyoo duratti yakkamtoota akka ta’an isaanitti dhaga’ame.” -- Bliss, page 146. Kiristiyaanonni jireenya hafuuraa haaraatiif daddammaqan. Yeroon waan gabaabbateef namoota akka isaaniif waan gochuu qaban dafanii gochuun akka isaan irra jiru isaanitti dhaga’ame. Biyyi lafaa duuba isaaniitti hafee, jireenyi barabaraa fuula isaanii duratti waan baname fakkaate, lubbuun isheen boo’icha yookiin gammachuu qabattee yeroo dheeraaf jiraatte wanti yeroo hundumtuu gaadiddeeffamuu akka qabu hubatte. Hafuurri Waaqayyoos isaan irratti dhufee guyyaa gooftaaf isaan qopheessuuf jecha waamicha isaan obboloota isaaniifis ta’e cubbamootaaf godhanitti humna kenne. Dhuga ba’umsi jireenya isaanii guyyaa guyyaa miseensota waldaa warra hin qulqullaa’inii fi bifa waaqessuutti jiraataniif ifata wal irraa hin cinne ture. Isaan qananiitti jiraachuun isaanii, horii kuufachuun isaanii fi ulfina lafaatiif fedhiin isaan qaban akka isaan duraa jeeqamu hin barbaadan turan. Kanaaf amantii dhufaatii lammaffaa fi warra isa labsan irratti diinummaa fi mormii kakaasee ture. WG 262.3

Yeroo raajii ilaalchisee falmii kaasuun tasa kan hin mo’amne ta’uu isaa hubatanii mormitoonni raajiin cufameera jedhanii barsiisuudhaan mata dureen kun akka hin qoratamneef abdii kutachiisuuf yaalan. Akka kanatti pirootestaantonnis faana Roomaan irra adeemte irra adeeman. Waldaan phaaphaasii saba irraa Macaafa Qulqulluu kan daangesse yeroo ta’u, waldoonni pirootestaantii immoo kutaa sagalee qulqullaa’aa isa barbaachisaa isa dhugaa yeroo keenyaa hojii irra ooluu qabu hubatamuun isaa hin danda’amu jedhanii dubbatan. WG 263.1

Tajaajiltoonnii fi sabni raajiin Daani’eelii fi mul’ati dhoksaa hubatamuu hin danda’amneedha jedhanii dubbatan. Garuu Kiristos taatee bara isaanii keessa ta’u ilaalchisee bartoota isaatti yeroo dubbate gara sagalee raajicha Daani’eelitti isaan qajeelchee, akkas isaaniin jedhe: “namni kana dubbisu haa hubatu!” Maat.24:15. Jechi inni Mul’atni dhoksaadha, hubatamuu hin danda’u jedhu maqaa kitaabichaaf kennamee wajjin kan wal faallessuudha: “Kun mul'ata Yesus Kristos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiiuuf Waaqayyo biraa argate dha; … Barri kun itti raawwatamu waan dhiyaateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan.” Mul.1:1-3. WG 263.2

“Kan dubbisu galateefamaadha” jedha raajichi; kan hin dubbifne jiru, eebbi kun isaaniif hin ta’u. “Warri dhaga'anii” — kaan immoo waan raajiin jedhu dhaga’uu kan hin barbaanne jiru; garee kanaaf eebbi hin ta’u. “Wanta isa keessatti caafames kan eegan” — baay’een akeekkachiisaa fi barsiisa Mul’ata keessa ka’ame dhaga’uu hin barbaadan; isaan kana keessaa eenyu illee eebba abdachiifame hin fudhatu. Mata duree raajii kan ga’iisanii fi fakkeenya isa keessatti kennametti kan qoosan hundumtuu, dhufaatii ilma namaaf of qopheessuuf jireenya isaanii haaressuu kan didanii hundumtuu eebba malee in hafu. WG 263.3

Dhuga ba’umsi hafuuraan kenname akkasii utuu jiruu namoonni attamitti Mul’atni dhoksaa hubannaa namaatiin oliiti jedhanii barsiisuuf ija jabaatu? Inni dhoksaa mul’ifamedha, macaafa banamaadhas. Qorannaan macaafa Mul’ataa gara raajii Daani’eelitti sammuu qajeelcha, dhimmoota taatee cufamuu seenaa biyya lafaa wajjin walqabatuun lamaan isaanii iyyuu barsiisa barbaachisaa Waaqayyo namootaaf kenne dhi’eessu. WG 263.4

Yohaannisitti wanti mul’ifame shaakala waldaa keessatti taatee gadi fagoo fi fedhii addaa kakaasu ture. Inni dhaabbannaa, balaa, mormii fi furamuu saba Waaqayyoo isa xumuraa arge. Inni ergaa xumuraa isa makara lafaa bilcheessee, bissii gombisaa waaqaatti galuuf qopheessuu yookiin duroo ibidda badiisaatti gatamuuf qopheessuutti barreesse. Balaa fi mormii fuula isaanii dura jiru ilaalchisee dogoggora keessaa gara dhugaatti warra deebi’aniif, addumaan immoo waldaa xumuraaf, mata duree bal’aatu isatti mul’atee ture. Waan biyya lafaatti dhufu ilaalchisee eenyu illee dukkana keessatti hafuu hin qabu. WG 263.5

Erga akkas ta’ee, barreefama Qulqullaa’aa keessaa kutaa baay’ee barbaachisaa kana tuffachuun maaliif argame? Barsiisa waa’ee kanaa qorachuuf diddaan walii galaa maaliif ta’e? Kun waan mootiin dukkanaa gowwomsaan isaa akka hin mul’anetti namoota jalaa dhoksuuf bu’aa qorannoo inni godhe dha. Sababa kanaaf, Kiristos inni mul’ata kana kenne lola qorannaa Macaafa Mul’ataa irratti ka’u dursee waan argeef warra isa dubbisan, kana dhaga'anii, fi sagalee raajii kan eegan irratti eebba labse. WG 263.6