Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 16—Abboota Warra Baqatoota

Haaresitoonni Ingilizii barsiisa Roomaa yoo balaalefatan illee sirna waaqefannaa isaanii baay’ee akkuma qabatanitti hambifatanii turan. Aangoo fi amanitin Roomaa akkasitti fudhatama kan dhabe yoo ta’e illee waaqefannaa waldaa Ingilizi keessatti kan makame aadaa fi sirni amantii ishee yertuu hin turre. Wantoonni kun immoo dhimma sammuu wajjin kan wal qabatu akka hin taanetti dubbatame; Macaafa Qulqulluu keessatti kan hin ajajamin waan ta’aniif kan hin barbaachifne turan, haa ta’u malee kan dhorkaman waan hin taaneef keessi isaanii hamaa miti. Isaaniin ayyaanefachuun garaagarummaa waldoota haara’anii fi roomaa gidduu jiru dhiphise, amanitin protestaantii Roomaa biratti fudhatama akka argatuuf gargaara jedhames jajjabeefame. WG 230.1

Falmiin kun warra seeratti cichanii fi haa hafu jedhanii dhugaa gara araaraatti fidan birratti gudunfaa fakkaate. Garuu dhimma kana akkasitti kan hin murteesine gareen biraan turaniiru. Akka yaada isaaniitti aadaan kun “halayyaa Roomaa fi haara’umsa gidduu jiru irratti riqicha” (Martyn, volume 5, page 22), ta’anii gargaaru jechuum mataan isaa seerota kana turfachuu dhiisuuf sababa ga’aa ta’a. Isaan aadaa kana akka faajjii garbummaa isa keessaa furamanii fi isaa isaan itti deebi’uuf fedha hin qabneetti ilaalan. Isaan Waaqayyo sagalee isaa keessatti seera waaqefannaa dhaabeera, namoonnis isa irratti waa dabaluu fi isa irras waa hir’isuuf biliisummaa akka hin qabne yaadan. Gantummaan guddaan inni jalqabaa aangoo Waaqayyoo kan waldaatiin bakka buusuu barbaaduudha. Roomaan isa Waaqayyo hin dhowwin gochuudhaan jalqabde, waan ifatti ajajame immoo dhowwuudhaan xumurte. WG 230.2

Baay’een gara qullaa’ummaa fi gadi ofdeebisuu waldaa duriitti deebi’uuf onnee guutuudhaan hawwan. Isaan addaa waldaa Ingilizii keessatti hundeefaman baay’ee isaanii akka siidaa waaqa tolfamaatti ilaalanii ishee wajjin waaqefachuu sammuun isaanii in dide. Waldaan garuu aangoo mootummaa lafaatiin deggeramtee bifa waaqessuu ishee irraa kan adda ta’e kamiin illee hin heyyamne. Tajaajila waaqefannaa irratti hirmaachuun seeraan dirqisiifame, waaqefannaa amantiif seeraan ala walitti qabamuun adaba hidhaa, biyyaa ari’atamuu fi du’aan kan adabsiisu ta’ee dhorkame. WG 231.1

Jalqaba jaarraa kudha torbaffaatti mootiin teessoo Ingilizitti ol ba’e warri puritans (amanticha kan dhiisan) “amantichatti akka walii galan, yookiin dafanii akka biyyaa baasan, yookiin wanti kana irra hammaatu akka isaanitti dhuf” murteessee labse. —George Bancroft, History of the United States of America, pt. 1, ch. 12, par. 6. Isaan in adamsaman, in ari’ataman, in hidhamanis, guyyoota fuula duraattis abdiin fooya’aan isaanitti hin mul’anne, haala akkasii keessatti baay’een isaanii akka sammuun isaanii isaan ajajetti Waaqayyoof hojjechuuf of kennan, “biyyi Ingilizii biyya barabaraan keessa jiraatan ta’uun in dhaabate.” —J. G. Palfrey, History of New England, ch. 3, par. 43. Xumuratti muraasi isaanii biyya Hoolandi keessatti iddoo baqaa argachuu barbaadan. Rakkinni, dhabiisii fi hidhamuun isaan mudatee ture. Kaayyoon isaanii in fashalaa’e, harka diinota isaanii keessattis ni kufan. Jabaatanii hamma dhumaatti dhaabbachuun isaanii garuu mo’icha isaaniif fide, isaanis qarqara galaana Ripabilikii Daachi keessatti iddoo dhokannaa argatan. WG 231.2

Baqannaa isaanii keessatti mana isaanii, qabeenyaa fi waan ittiin jiraatan hundumaa dhiisanii adeeman. Biyyoota ormaa keessatti, saba afaanii fi aadaa garagaraa qabu keessatti ormaa fi keessummaa turan. Waan nyaatan argachuuf jecha hojii haaraa fi takkaa yaalanii hin beekne hojjechuuf dirqaman. Namoonni umurii giddu — galeessaa keessa jiran, warri lafa qotuutti umurii isaanii dabarsan amma hojii ogummaa harkaa baruu jalqaban. Garuu isaan haala isaan mudate kana dhibaa’uummaadhaan yeroo isaanii utuu hin dabarsin yookiin utuu hin guungumin gammachuudhaan fudhatan. Yoo yeroo baay’ee hiyyummaadhaan gadi qabaman illee eebba isaaniif kennameef Waaqayyoon galateefatan, gammachuu isaanis tokkummaa hafuuraa isa wal miidhuun keessa hin jirre keessaa argatan. “Isaan kara adeemtota akka ta’an beekanii wantoota kana irratti guddisanii hin xiyyeefanne, biyya isaanii isa jaallatamaa isa waaqarra jiru irra ija isaanii kaa’atanii hafuura isaanii boqochiisan.” —Bancroft, pt. 1, ch. 12, par. 15. WG 231.3

Ari’annaa fi rakkina keessatti jaalallii fi amanitin isaanii in jabaate. Isaan abdii Waaqayyoo amanatan, innis yeroo isaan isa barbaadanitti isaan hin dhiifne. Ergamoonni isaa isaan jajjabeessuu fi isaan deggeruuf cina isaanii turan. Yeroo harki Waaqayyoo galaana gama, biyya isaan mootummaa mataa isaanii keessatti hudeefatanii fi biliisummaa amantii isa gati jabeessaa ijoollee isaanii dhaalchisan isaan argisiise daandii isa gaarii isaaniif kenname irra utuu hin sodaatin fuula duratti adeeman. WG 231.4

Waaqayyo kaayyoo gaarii isaaniif qabu raawwachuuf isaan qopheessuuf jecha qorumsi saba isaatti akka dhufu in heyyama. Waldaan akka ol qabamtutti gadi in deebifamti. Waaqayyo warra isa amanatan akka hin dhiifne biyya lafaatiif ragaa dabalataa kennuuf jedhee bakka ishee bu’ee human isaa in mul’isa. Ulfinni isaa akka ol jedhuu fi saba isaa bakka nageenya amansiisaa kaa’uuf jecha dheekkamsi seexanaa fi malli dhokataan namoonni hamoonni qopheessan akka isaan irratti geggeefamu in godha. Ari’annaa fi garbummaan birmaddummaadhaaf karaa bana. WG 231.5

Warri Puritans yeroo jalqaba waldaa Ingilizi irraa adda ba’uuf dirqaman akka saba gooftaa warra hurrii ba’aniitti “karaa isaa isa beekamaa yookiin isaa isaanitti beekamuuf jiru irra walii wajjin adeemuuf” kakuudhaan isatti hidhamanii turan.”—J. Brown, The Pilgrim Fathers, page 74. Hafuurri haara’umsaa innin dhugaan, qajeelfamni protestaantummaa inni barbaachisaan isa kana. Imaltoonni Hoolandi irraa adda ba’anii Addunyaa Haaraa keessatti mana barbaadachuuf kan isaan adeeman kaayyoo kanaaf. Joon Robinsan, Paasteriin (eegduu) isaanii inni isaanii wajjin akka hin adeemneef gaarummaa Waaqayyootiin dhorkame warra biyyaa baafaman sanatti yeroo nagaa dhaame akkas jedhe: “Obbolootaa, amma gargar ba’uu geenyeerra, deebi’ee fuula keessan arguuf jiraadhee koo gooftaatu beeka. Garuu yoo Waaqayyo kana godhes gochuu dhaa baates isa ani Kiristos duukaa bu’e irraa fagaatanii ana duukaa akka hin buune fuula Waaqayyoo fi fuula ergamoota eebbifamanii durratti isinan abbooma. Akkuma dhugaa karaa tajaajila koo kenname fudhatanitti waan Waaqayyo meeshaa isaa kan biraatiin isinitti mul’isu hundumaa fudhachuuf qopha’aa; sababni isaa gooftaan sagalee isaa isa qulqulluu keessaa dhugaa fi ifa caalu akka as baasu ani nan amana.” —Martyn, vol. 5, p. 70. WG 232.1

“Gama kootiin, baroota amantii keessatti kan dhufe haala waldoota haarefamanii, isa isaan haaresitoota isaanii irra caalaa fagaatanii adeemuu hin dandeenye gadda koo kana caalaa ibsuu hin danda’u. warri Luuteraanii isa Luuter hubate irra caalaa adeemuu hin dandeenye.; … warri kalvinistii bakkuma namni Waaqayyoo inni guddaan, inni waan hunda arguu hin dandeenye sun isaan dhiisetti qabamanii akka jiran argitaniittu. Kun rakkina baay’ee nama boosisuudha; sababni isaa isaan kun yeroo isaanii keessa ifa ibsanii fi gubatan yoo ta’an illee, gorsa Waaqayyo hunda keessa hin seenne, garuu utuu amma lubbuudhaan jiru ta’e akkuma isa duri fudhatanii turanii ifa dabalataa fudhachuu fedhu turan.” --- D. Neal, History of the Puritans, vol. 1, p. 269. WG 232.2

“Kakuu waldaa keessanii isa karaa gooftaa hunda irra akka adeemtuuf isinitti beeksifamee itti walii galtan yaadadhaa. Ifaa fi dhugaa barreefama sagalee isaa keessaa sitti beeksifame hunda fudhachuuf abdii fi kakuu Waaqayyoo fi walii wajjin galtan yaadadhaa; garuu of eeggadhaa, waan dhugaadha jettanii fudhattan utuu hin fudhatin fuula dura dhugaa Macaafa Qulqulluu kan biraa wajjin wal bira qabdanii akka madaaltan isinan kadhadha; sababni isaa addunyaan kiristiyanaa dukkana jabaa farra kiristiyaanummaa ta’e keessaa ba’uun kan danda’amu miti, kanaaf beekumsi guutuun si’a tokkotti as ba’uu qaba.” —Martyn, vol. 5, pp. 70, 71. WG 232.3

Warri kara adeemtonni sun adeemsa dheeraa galaanaa gama adeemuuf kan isaan jabeesse, balaa fi rakkoo lafa onaa akka obsan kan isaan godhee fi qarqara Ameriikaatti eebba Waaqayyootiin mootummaa jabaa akka hundeessan kan isaan kakaase fedhii biliisummaa sammuu ture. Adeemsa amantii warri adeeman kun amanamootaa fi Waaqayyoon kan sodaatan yoo ta’an illee, qajeelfama biliisummaa amantii hin hubanne turan. Biliisummaa ofii isaaniitii argachuuf aarsaa guddaa itti kaffalan kana kan biroof kennuuf kan qophaa’an hin turre. “Jaarraa 17 ffaa keessa bal’isanii kan yaadanii fi hojii gaarii gochuu kan lallaban keessaa, amantii namaatti murtii kan kennu Waaqayyo isa tokkicha qofaa ta’uu isaa kan beeksisu qajeelfama guddaa kakuu haaraa keessaa fudhatame kan qaban muraasa turan.” —Ibid., vol. 5, p. 297. Mirga samuu to’achuu fi gantummaa adabuu Waaqayyo waldaadhaaf kenne barsiisi jedhu dogoggora phaaphaasii isa hundee gadi fageefate keessaa isa tokko ture. Haaresitoonni seera Roomaa kan morman yoo ta’an illee hafuura ishee isa namaaf hin obsine irraa guutummaatti biliisa hin bane turan. Geeggeessaa ishee bara dheeraa keessatti inni phaaphaasonni dukkana ulfaataatiin kiristiyaanota addunyaa mara haguugan amma illee duguugamee hin badne ture. Maaschuuseti keessaa Tajaajilaan beekamaan magaalaa bishaaniin marfamte tokkoo akkas jedhe: “addunyaa farra kiristiyaanaa kan godhe waliif obsuu isa jedhameedha; waldaan gantoota adabuu isheetiin miidhaa geggeesite hin qabdu.” —Ibid., vol. 5, p. 335. Seerri inni sagalee miseensota waldaa qofatu mootummaa lafaa biratti fudhatama qaba jedhu jiraatota isheetiin raggaasifamee ture. Waldaan mootummaas in hundeefame, sabni hundinuu luboota deggeruuf akka horii buusan gaafataman, aangoo seerraa warri qabanis gantummaa to’achuuf aangoo fudhatan. Akkasitti aangoo mootummaa biyya lafaa harka waldaa keessa gale. Utuu hin turin tarkaanfiin isaa gara bu’aa hafuu hin dandeenyee, gara ari’annaatti geese. WG 232.4

Sirni gabrummaa inni jalqabaa erga hundeefame waggaa kudha tokkoffaatti Roojer Wiiliyaamsi gara Addunyaa Haaraa dhufe. Innis akkuma imaltoota warra jalqabaa biliisummaa amantii argachuuf dhufe; garuu, inni akka isaanii utuu hin taane yeroo isaa keessa wanta namoonni muraasi qofaan argan hubate — innis amanitin anamootaa maal illee yoo ta’e biliisummaan irraa mulqamuu hin dandeenye mirga hundumaaf kenname ta’uu isaa hubate. Inni onnee isaa guutuu dhugaa kan barbaadu ture, robinsonii wajjin ta’uudhaan ifni sagalee Waaqayyoo biraa dhufe amma illee fudhatamuu akka hin dandeenye hubatan. Wiiliyaams “mootummaa biyya lafaa barsiisa biliisummaa sammuu fi seera duratti waliqixxummaa yaadaa irratti hundaa’e dhaabuuf namoota ammayyaa keessaa nama isa jalqabaa ture.” —Bancroft, pt. 1, ch. 15, par. 16. Aangawwoonni seeraa hojiin isaanii yakka daangessuu malee sammuu to’achuu akka hin taane labsee ture. Akkas jedhe, “sabni yookkiinwarri aangoo qaban waan namni namaaf godhu murteessuu in danda’u; garuu dirqama namni Waaqayyoof raawwachuu qabu murteessuuf yeroo yaalan iddoo malee ijaajjuu isaaniiti, nagaanis ta’uu hin danda’u; warri aangoo seeraa qaban aangoo akkasii fudhatnaan har’a yoo yaada yookiin seera amantii tokko labsu borii immoo kan biraa labuun isaanii ifaadha; amanitin iddoo kuufama (tuullaa) bita galummaa akka ta’uuf biyya Ingilizi keessatti karaa moototaa fi giiftota garagaraa, waldaa Roomaa keessatti immoo karaa phaaphaasota garagaraa fi karaa mana maree wanti akkasii ta’ee ture.” —Martyn, vol. 5, p. 340. WG 233.1

Tajaajila waldaa hundeefamtee kana irratti hirmaachuu dhiisuun adaba qarshii yookiin hidha akka gaafatu labsame. Wiiliyaams garuu seera kana akka gatii hin qabne taasise; seera biyya Ingilizi keessaa wanti badaan isa namoonni akka tajaajila waldaa irratti hirmaataniif dirqisiisuudha. Namoonni amantii garagaraa wajjin tokkummaa akka qabaataniif dirqisiisuu mirga uumamaa isaan qaban mul’inatti cabsuu akka ta’etti lakkaa’e; warra amantii hin qabnee fi fedhii waaqefannaa hin qabne gara waaqefannaa uummataatti oofuun oftuulummaa barbaaduu fakkaata…. ‘Namni kam illee fedhii isaatiin duuba waaqefannaatti qabamuun yookiin waaqefannaa akka raawwatuuf dirqisiifamuu hin qabu.’ Diinota isaa keessaa tokko dubbii isaa dinqifatee ‘maal’ jedhee gaafate, ‘hojjetaan gatii isaa argachuu hin qabuu?’ jedhe, innis ‘eeyyee’ jedhee deebise, gatii isaa kan argatu isa qacarate biraati.’’’ —Bancroft, pt. 1, ch. 15, par. 2. WG 233.2

Roojer Wiiliyaams kennaa isaatiin, amanamummaa isaa isa asii fi achi hin dabneen, akkasumas arjummaa isaatiin akka tajaajilaa amanameetti nama kabajamaa fi jaallatamaa ture; haa ta’u malee mirga waldaa irratti aboo fudhachuu warra aangoo qabanii jabaatee mormuu fi biliisummaa amantii gaafachuun isaa obsaan bira darbamuu hin dandeenye. Barsiisa haaraa kana hojii irra oolchuun “bu’uura mootummaa biyyaa garagalchaa jedhanii falman.” --- Ibid., pt. 1, ch. 15, par. 10. Innis gabrummaa keessaa akka ari’amuuf irratti labsame, xumurattis akka qabamee hin hidhamneef qorraa fi qilleensa hamaa yeroo gannaa keessa gara bosona dukkana’aatti baqachuuf dirqame. WG 233.3

Innis akkas jedha, “turban kudha afuriif buddeennii fi sireen maal akka ta’e utuun hin beekin waqtii jibbisiisaa kana keessa qofaa koo nan joore.” Garuu lafa onaa sana keessatti Qurruutu na soore, holqi mukaas iddoo dhokannaa (iddoo jireenyaa) isaaf ta’e. —Martyn, vol. 5, pp. 349, 350. Akkasitti bosona cufaa daandii hin qabnee fi cabbiidhaan guute keessa qomoo Indootaa warra dhugaa wangeelaa isaan barsiisuuf dhama’e biratti amanamummaa fi jaallatamuu argatee sana biraa da’oo hamma argatutti adeemsa isaa isa dadhabsiisaa itti fufe. WG 234.1

Bakka jijiijjiirachuu fi joormaa ji’oota muraasaa booda daandii isaa gara qarqara galaana Narganseetitti qajeelfachuudhaan yeroo jalqabaaf mootummaa ammayaa’ee biliisummaa mirga amantii guutummaatti hubate achitti bu’uuresse. Qajeelfamni bu’uuraa biyya Roojer Wiiliyaams keessatti koloneefame “namni kam illee akka sammuun isaa ibseefitti Waaqayyoon waaqessuuf biliisummaa qabaachuu qaba” kan jedhu ture. —Ibid., vol. 5, p. 354. Mootummaan isaa isheen xiqqoon, Rihoode Ayislaandi kan jedhamtu iddoo baqaa warra cinqurfamanii taate, qajeelfamni isaa inni biliisummaa uummataa fi amantii jedhu dhagaa bu’uuraa Ripaabilikii Ameriikaa hamma ta’utti guddatee dagaage. WG 234.2

Sanadii guddaa abboonni keenya jalqabaa mirga isaanii ittiin kabajichiisanitti labsiin walabummaa akkas jedha: “namni hundinuu wal qixxeetti uumamuu isaaniif dhugaa qabna; isaan mirga mulqamuu hin dandeenye uumaa isaanii biraa fudhatan; mirgi kun immoo mirga jiraachuu, biliisummaa fi gammachuu akka ta’e ni amanna.” Heerri biyyichaas jecha ifaa ta’een biliisummaan sammuu cabuu akka hin qabne ni mirkaneessa: “Yunaa’itid Isteti keessatti waajira kamiif yookiin bulchiinsa uummataaf dorgomuu keessatti amanitin ulaagaa ittinn madaalan ta’ee hin dhiyaatu.” “Manni maree hundeefama amantii kabajuu yookiin amantii isa keessatti biliisummaan hojjechuu kan ittisu seera hin baasu.” WG 234.3

Warri heera kana baasan qajeelfamni barabaraa waa’een hariiroon namni Waaqa isaa wajjin qabuu seera namni baasuu ol akka ta’ee fi mirgi sammuu isaatis mulqamuu akka hin qabne hubataniiru. Dhugaa kana bu’uuressuun yaada yookiin qorannaa gadi fagoo hin barbaadu; onneen ofii keenyaa iyyuu isa in beeka. Kitimamtoonni baay’een seera namaa mormoodhaan dhiphinaa fi ibiddatti kan isaan kennaman beekumsa kana irraa kan ka’eedha. Isaan wanti isaan Waaqayyoof godhan seera namni baase gararraa akka ta’ee fi namni sammuu isaanii irratti aangoo akka hin qabne hubatan. Kun wanti kam illee balleessuu kan hin dandeenye qajeelfama dhalootaan kennameedha” —Congressional documents (U.S.A.), serial No. 200, document No. 271. WG 234.4

Lafti namni hundinuu ija dadhabbii isaatii itti argatuu fi waan sammuun isaa isa amansiiseef bitamu (abboomamu) biyyi jiraachuu isaa kan ibsu oduun biyya Awuroopaa keessatti akkuma tamsa’een sabni kumaatamatti lakkaa’aman gara qarqara Addunyaa Haaraatti sokkan. Warri koloneefaman ariitiidhaan baay’aatan. “maaschuseetti keessatti seerri addaa ba’uudhaan lola yookiin beela yookiin cinqursaa ari’atoota isaanii baqatanii garba Atilaantikii ce’anii kan dhufan lammii kiristiyaanaa kamiin illee simatanii baasii mootummaatiin deggeruuf labsame.’ Akka kanatti warri baqatoonnii fi warri gadi dhiitamaa turan seeraan heyyamameef keessumoota biyya qabeenyaa waliin qabduu ta’an.” —Martyn, vol. 5, p. 417. Yeroo isa jalqabaaf Pilaama’uzi erga buufatanii kaasee waggoota digdama keessatti baqatoonni kumaatama hedduutti lakkaa’aman Niwu Ingilaandi keessa buufatan. WG 234.5

Kaayyoo barbaadan bakkaan ga’uuf jecha “jireenya qusannoo fi dadhabbiitiin jiraatanii waan ittiin jiraatan muraasa argachuutti gammaddan. Isaan dafqa isaaniif kan ta’u gatii dadhabbii isaanii argachuu malee lafa isa qotan irraa homaa hin gaafanne. Mul’ata warqeetiin gammachuu sobaa gammadduun karaa isaanii keessa hin turre…. Isaan jireenya hawwaasummaa isa isa suutaan akka gaariitti guddachaa turetti quufan. Isaan hamma mukeetiin biliisummaa lafa keessatti hidda gadi fageefatanitti immimmaan isaanii fi dafqa fuula isaaniitiin obaasaa dhabiisa lafa onaa obsaan danda’an.” WG 235.1

Macaafni Qulqulluun akka hundee amantii, burqaa ogummaa fi seera biliisummaatti fudhatame. Qajeelfamni isaa mana, mana barumsaa fi waldaa keessatti jabinaan barsiifame, bu’aan isaas of eeggannoo, dammaqina (siyaa’ina sammuu), qullaa’ummaa fi of qabuu ta’ee mul’ate. Bakka buufata Puriitan namni tokko waggootaaf jiraateera ta’uu danda’a, garuu nama machaa’u hin argine, yookiin nama kakatu hin dhageenye, yookiin kadhattuun isa hin quunnamne.” —Bancroft, pt. 1, ch. 19, par. 25. Qajeelfamni Macaafa Qulqulluu guddummaa biyya tokkoo eeguuf ittisa dhugaa akka ta’e ni mirkanaa’e. Biyyoota koloniin warra human hin qabnee fi biyya kan biraa irraa adda baatee qofaa jiraattu gara mootummaa gamtoomaniitti guddattee addunyaanis “waldaa utuu phaaphaasii hin qabaatinii fi mootummaa utuu mootii hin qabaatiin” milkaa’uu fi nagaadhaan jiraatu arguutti dinqifatte. WG 235.2

Garuu lakkoobsi warra qarqara Ameriikaatti harkifamanii utuu walirraa hin citin dabalaa adeeme, haa ta’u malee ka’umsi yaada isaanii kan baqatoota jalqabaa irraa garaagarummaa bal’aa qaba. Qullaa’ummaa fi amanitin durii human jijjiiruu fi injifatu yoo qabaate illee, lakkoobsi warra bu’aa biyya lafaaf adeemanii baay’aachaa adeemuu isaa irraa kan ka’e dhiibbaan isaa xiqqachaa adeeme. WG 235.3

Seerri koloneesitoota warra durii biratti fudhatama argate inni mootummaa biyya lafaa keessatti filuufis ta’e yookiin wajjira qabachuuf miseensa waldaa qofaaf heyyamu gara bu’aa gadheetti geese. Tarkaanfiin kun qulqullummaa mootummaa eeguuf kan fudhatame yoo ta’e illee garuu waldaan akka mancaatu taasise. Amantii fudhachuun ulaagaa ittiin fudhatama argatanii fi waajjira mootummaa qabatan ta’ee baay’een qajeelfa lafaa qofaatti yaadni isaanii hidhamee jijjiiramni yaada garaa utuu hin jiraatin waldaatti makaman. Akkasitti waldaan harka caaluu namoota hin jijjiiraminiin guutamte; tajaajila keessa illee kan jiran warra barumsa dogoggoraa qaban qofa utuu hin taane, warra human Hafuura Qulqulluu isa haaressu hin hubanetu guute. Seenaa waldaa keessatti bara Qonxanxinoosii jalqabee hamma har’aatti, gargaarsa mootummaatiin waldaa ijaaruuf dhama’uu, wangeela isa “mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafaa kanaa miti” (Yoh.18:36) jedhee dubbate sana deggeruu keessatti human lafaatti iyyachuun bu’aa gadhee inni qabu akkasitti mul’atee ture. Waldaan mootummaa wajjin gamtaa uumuun biyya lafaa gara waldaatti kan fidu yoo fakkaate illee garuu dhugaan isaa waldaa gara biyya lafaatti kan fiduudha. WG 235.4

Dhugaan kan guddatu ta’uu isaa kan argisiisu qajeelfamni guddaan Roobensanii fi Roojer Wiiliyaamisiin deggerame inni ifa sagalee Waaqayyoo isa qulqulluu irraa ifu hunda kiristiyaanonni fudhachuuf kan qophaa’an ta’uu akka qaban barsiisu argaa dhalataa isaanii warra boodaa duraa bade ture. Waldaan protestaantii Ameriikaa fi kan Awuroopaa warri eebbaa haara’umsaa isa guddaa fudhatanii kan turan daandii haara’umsaa irra fuula duratti adeemuu irraa ni kufan. Namoonni amanamoonni muraasi dhugaa haaraa labsuu fi dogoggora yeroo dheeraaf bu’uurefame saaxiluuf yeroodhaa gara yerootti yoo ka’an illee, baay’een isaanii akkuma Yihudoota bara Kiristosiin yookiin akkuma phaaphaasota bara Luuteriin akka abbootni isaanii itti amananitti amanuu fi akka isaan itti jiraatanitti jiraachuun ga’aadha jedhanii fudhatan. Kanaaf amanitin gara sirna waaqessuutti (formalism) gadi bu’e; dogoggorrii fi tolchi (superstition) inni utuu waldaan ifa sagalee Waaqayyoo keessa adeemuu itti fuftee gadi baafamee gatamu amma waldaa keessatti hambifamuudhaan jaallatame. Akkasitti akkuma waldaa Roomaa bara Luuter keessaa waldoota protestaantii keessatti haarefamni guddaan hamma barbaachisutti hafuurri inni haara’umsa kakaasaa ture suuta suuta du’e. Biyya lafummaa fi dunquqqaa’ummaa hafuuraa wal fakkaatu, yaada namaaf kabaja kennuu fi qooda barsiisa sagalee Waaqayyoo tiyoorii namaatiin bakka buusuu walfakkaatutu ture. WG 235.5

Bal’inaan tatamsa’uun Macaafa Qulqulluu inni jalqaba jaarraa kudha salgaffaa keessa turee fi ifti guddaan biyya lafaatti ife dhugaa mul’ate beekuu yookiin amantii hojiin shaakaluu wal madaaluun hordofamee guddachaa hin adeemne. Seexanni akka bara darbee sagalee Waaqayyoo namoota irraa daangessuu hin dandeenye; inni harka nama hundumaa qaqabee jira; garuu kaayyoo isaa bakkaan ga’achuuf akka baay’een salphisanii akka isa ilaalan taasise. Namoonni Macaafa Qulqulluu qorachuu in dagatan, akkasitti hiikkaa dogoggoraa fudhachuu fi barsiisa Macaafa Qulqulluu keessatti hundee hin qabne jaallachuu isaanii itti fufan. WG 236.1

Yaaliin inni ari’annaadhaan dhugaa buruqsee balleessuuf godhe fashalaa’uu isaa yeroo arge seexanni gara karoora araaraa isa gantummaa guddaa fi hundeefamuu waldaa Roomaatti deebi’e. inni amma akka kiristiyaanonni ormootaa wajjin gartuu uuman utuu hin taane garuu warra waan biyya lafaaf of kennuudhaan akkuma waaqefatoota bifa fakkeenyaa waaqefatoota waaqa tolfamaa ta’uu isaanii mirkaneessanii wajjin gartuu akka ta’aniif isaaniin amansiise. Bu’aan tokkummaa kanaa miidhaan isaa ammaa kan baroota durii gadi miti; oftuulummaa fi horii gar malee balleessuun maqaa amantii jala dhokatee waldaa mancaase. Seexanni barsiisa Macaafa Qulqulluu jal’isuu itti fufee duudhaan namoota miliyoonatti lakkaa’aman balleessu hundee isaa jabeefate. Waldaan “amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta'utti warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti dabarfame sanaaf” qooda dhaabattee loltu, addaa ol qabdee isaafis falmite. Akkasitti qajeelfamni inni haaresitoonni irratti hojjetanii fi isaaf miidhamaa turan salphifamuudhaan tuffatame. WG 236.2