Boqonnaa 14—Haaresitoota Ingilizii Warraa Boodaa
Boqonnaa 14—Haaresitoota Ingilizii Warraa Boodaa
Luuter Macaafa Qulqulluu isa cufamee ture saba jaarmaniif akkuma saaqe, Taayindel immoo Ingiliziif waan wal fakkaatu hojjechuuf Hafuura Waaqayyootiin kakaafamee ture. Macaafni Qulqulluun inni kan Wiikiliif laatinii irraa kan hiikame yoo ta’e illee dogoggora hedduu of keessaa qaba ture. Kanaafis utuu hin maxxanfamin hafee ture, inni harkaan garagalfame immoo gatiin isaa guddaa waan tureef namoota qabeenya qaban muraasa yookiin warra angafoota qofaatu bitachuu danda’e; itti dabalees waldaadhaan kan dhorkame sababa ta’eef carraan tatamsa’uu isaa dhiphaa ture. Waraqaan qu’annoo (thesis) Luuter bakkeetti utuu hin ba’in waggaa tokko fuula dura bara 1516 keessa Errasmas namni jedhamu Macaafa Kakuu Haaraa afaan Giriikii fi Laatiniitiin maxxansee ture. Sagaleen Waaqayyoo yeroo jalqabaaf afaan dhalootaatiin kan maxxanfame yeroo kana ture. Hiikkaa duraa keessa kan ture dogoggorri hojii Kanaan sirreefamee ture, isaanis qulqullinaan dhi’aatanii turan. Kun immoo gita warra baratanii baay’ee isaanii gara beekumsa dhugaa fooya’aatti geggeesse, akkasumas hojii haara’umsaaf human haaraa gumaache. Haa ta’u malee namoonni gita gadii keessa jiran amma illee sagalee Waaqayyoo irraa daangefamanii jiru turan. Taayindel Macaafa Qulqulluu saba biyya isaatiin ga’uudhaaf hojii Wikiliif jalqabe xumuraa jira. WG 202.1
Barataan dammaqaa fi dhugaa kutannoodhaan barbaadu kun wangeela kan inni fudhate kakuu haaraa hiikkaa afaan Giriikii isa kan Errasmas irraa ture. Barsiisi hundumtuu Macaafa Qulqulluutiin qoramuu akka qabu dubbachaa amantii isaa soda malee lallabe. Macaafa Qulqulluu kan kennitee waldaa waan ta’eef isa hiikuu (ibsuu) kan danda’u waldaa qofaadha jedhanii isa phaaphaasonni dubbataniif Taayindel deebii yeroo kennu: “harraagessi adamsanii akka nyaataniif eenyu akka isaan barsiise beektuu? Gaariidha, ijoolleen isaa warri beela’an sagalee isaa keessatti abbaa isaanii argachuu kan isaan barsiise Waaquma sanaadha. Macaafa Qulqulluu nuuf kennuun hafee nu duraa isa kan dhokse isinii dha; warra isa barsiisanis kan gube isiniidha, utuu isiniif danda’ameera ta’ee Macaafa Qulqulluu mataa isaa in gubdu turtan.” —D’Aubigne, History of the Reformation of the Sixteenth Century, b. 18, ch. 4. WG 202.2
Lallabni Taayindel fedhii guddaa sochoose; baay’eenis dhugicha fudhatan. Luboonni garuu dammaqanii eegaa turan, dirree sana gadi dhiisee utuu hin turin doorsisaa fi jechoota isaa micciiruudhaan hojii isaa balleessuuf dhama’an. Yeroo baay’ee milka’aniiru. “Maal gochuu naaf wayya?” jedhe Taayindel. “Yeroo ani iddoo tokkotti sanyii faccasu diinni isa anii dhiisee adeeme balleessa. Ani bakka hundatti argamuu hin danda’u. Kiristiyaanonni Macaafa Qulqulluu afaan ofii isaaniitiin utuu argatanii gowwomsituu kana dura ofii isaaniitiin dhabbatu turan. Macaafa Qulqulluu malee amanaa dhugaa keessa dhaabuun hin danda’amu.” —Ibid., b. 18, ch. 4. WG 203.1
Amma kaayyoo haaraatu sammuu isaa qabate. “Mana qulqulummaa Waaqayyoo keessatti faarfannaan faarfatamaa kan ture afaan Israa’eliin” jedhee dubbate; nu gidduuttis wangeelli afaan Ingiliziitiin dubbatamuu hin qabuu? … Waldaan walakkaa guyyaatiin ifa isa kan ganamaa gadi qabaachuu qabdii? … Kiristiyaanonni kakuu haaraa afaan haadha isaaniitiin dubbisuu qabu.” Dokteroonnii fi barsiisonni waldaa walii isaanii mormanii turan. Namoonni dhugaa bira ga’uu kan danda’an Macaafa Qulqulluu qofaadhaan. “Inni tokko doktorii isa tokko hordofa, kaan immoo kan biraa…. Barreesitoonni kun tokkoon tokkoon isaanii walii isaanii mormu. Erga akkas ta’ee isa dugaa dubbatu isa dogoggora dubbatu irraa attamitti adda baasuu dandeenya? … Attamitti? … Dhugaadhumatti sagalee Waaqayyootiin qofaadha.”? —Ibid., b. 18, ch. 4. WG 203.2
Mataa ofii isaatii wajjin falmii keessa kan galee doktoriin Kaatolikii barate tokkon utuu hin turin akkas jedhee dubbate: “Seera phaaphaasii dhabuu manna seera Waaqayyoo dhabuu nuuf wayya.” Taayindel akkas jedhee deebiseef: “Ani phaaphaasii fi seerota isaa hunda hin abboomamu; yoo Waaqayyo lubbuu koo dheeresse, utuu waggoota baay’ee nan fudhatin mucaa qotiisa qotu si caalaatti akka inni Macaafa Qulqulluu beeku nan godha.” Anderson, Annals of the English Bible, page 19. WG 203.3
Macaafa Qulqulluu kakuu Haaraa afaan ofii isaaniitiin saba sana biraan ga’uuf kaayyoon inni jalqabe amma in mirkanaa’e, battalattis hojii kanaaf mataa isaa kenne. Ari’atamee mana isaatii baafamuudhaan gara London dhaqe, achittis yeroodhaaf rakkoo malee hojii isaa jalqabee ture. Garuu ammas gooliib phaaphaasotaa achii baqachuuf isa dirqisiise. Guutummaan Ingilizii isa irratti kan cufame waan fakkaateef Jaarmaan keessatti da’oo barbaadachuuf murteesse. Achittis kakuu Haaraa afaan Ingiliziitiin maxxansuu eegale. Ammas lammaffaa hojichi in dhaabbate; garuu magaalaa tokko keessatti maxxansuun isaa yeroo dhorkamu gara bakka biraa adeeme. Xumuratti gara Wormis bakka Luuter waggoota muraasa fuula dura yaa’ii qama seeraa duratti wangeelaaf falmetti adeemsa isaa qajeelfate. Magaalaa durii kana keessa michoonni haara’umsaa hedduun waan jiraniif Taayinde dhorkaa tokko malee hojii isaa hojjete. Utuu hin turin kakuu Haaraa kuma sadii hojjetee xumure, maxxansi dabalataa kan biraanis baruma sana keessa duuka bu’ee hojjetame. WG 203.4
Innis kutannoo guddaa fi nuuffii malee hojii isaa itti fufe. Aango qaboonni Ingilizii daangaa biyya isaanii ciminaan kan eegan yoo ta’an illee, sagaleen Waaqayyoo karaa garagaraa dhoksaadhaan gara London seenee guutummaa biyyichaa keessa tamsa’e. Phaaphaasonni dhugaa ukkaamsuuf yaalii godhanii turan garuu hin milkoofne. Yeroo tokko lubni Durhaam tokko caafatoota isaa balleessuuf karoorsee kun immoo hojicha in daangessa jedhee yaaduudhaan michuu Taayindel isa macaafa gurguru tokko harkaa guutummaa Macaafa Qulqulluu bitee ture. Faallaa Kanaan garuu qarshiin gurgurtaa irraa argame kun meeshaa maxxansa haaraa fi fooya’aaf barbaachisu bituuf gargaare, utuu kun hin taane ta’ee maxxansuun hin danda’amu ture. Kana booda yeroo Taayindel hidhame nama Macaafa Qulqulluu maxxansuuf qarshiidhaan isa gargaare maqaa isaanii yoo saaxile akka hiikamu isaatti himame. Lubni Durhaam nama kamiin caalaa akka gargaare deebiseef; sababni isaa macaafa harka isaa irratti hafe gatii guddaadhaan bituudhaan jajjabinaan akka itti fufuuf nu gargaare jedhe. WG 203.5
Taayindel harka diinota isaatti dabarfamee kennamee ture, yeroo tokkos ji’oota baay’eef hidhaatti dhiphatee ture. Xumuratti du’a kitimamtootaa du’uu isaatiin amantii isaatiif dhugaa ba’ee ture; garuu meeshaan waraanaa inni qopheesse amma yeroo keenyaatti illee jaarraa hundumaa keessa loltoota kan biraa lolaaf dandeesiseera. WG 204.1
Latayimeer namni jedhamu Macaafni Qulqulluun afaan sabaatiin dubbifamuu akka qabu iddoo aarsaa irratti dubbate. Barreessaan Macaafa Qulqulluu “Waaqayyo mataa isaati” jedhee dubbate; Macaafni Qulqulluun kunis jabinaa fi barabaraan jiraachuu Barreessaa isaa hirmaateera. “Mootiin, bulchaan biyyaa, abbootiin seeraa fi geggeessaan sagalee isaa isa qulqulluuf hin abboomamne hin jiru.” “Mee daandii biraa irra adeemuu haa dhiifnu, garuu sagaleen Waaqayyoo nu haa qajeelchu: abbootii keenya hordofuu haa dhiifnu, waan isaan hojjetan hojjechuu hin feenu, garuu waan isaan gochuu qaban haa hojjennu.” —Hugh Latimer, “First Sermon Preached Before King Edward VI.” WG 204.2
Michoota Taayindel warra amanamoo kan turan Barnesii fi Friizi dhugaaf falmuuf ka’anii dhaabbatan. Riidileyisii fi Kiraameris hordofaniiru. Haara’umsa Ingilizii keessatti geggeesitoota kan turan kun namoota baratanii fi baay’een isaanis hinnaaffaa yookiin amantii gubaa qabaniin sirna waaqefannaa Roomaa keessatti kabaja guddaa kan qaban turan. Moormiin isaan phaaphaasii irratti geggeessan bu’aa beekumsa isaanii isa isaan dogoggora “teessoo (waajjira) phaaphaasii” (“holy see”) hubatan irraa dhufe. Dhoksaa Baabiloniin beekuun isaanii dhuga ba’umsa isaan waa’ee ishee kennaniif human guddaa kenne. WG 204.3
“Amma gaaffii gaaffii gaafatamee hin beekne tokkon gaafadha” jedhe Latayimeer. “Guutummaa biyya Ingilizi keessatti angafni lubaa fi lubni dammaqaan eenyu? … Maqaa isaa dha’uu koo (waamuu koo) dhaga’uu akka isin barbaaddan natti argama…. Ani isinittan hima: inni Diyaabilos…. Inni takkaa mana qulqullummaa isaa keessaa ba’ee hin beeku. Yeroo barbaaddan isa waamaa, inni yeroo kamiin illee mana jira; … inni yeroo kamiin illee maasii isaa keessa jira…. Inni yeroo kamiin illee hojii hiikee hin argitan, kana isiniifan mirkaneessa… bakka seexanni buufatetti macaafonni in salphifamu, dungoonis ol kaafamu; Macaafni Qulqulluub in salphifama, callee lakkaa’uun ol kaafama; ifti wangeelaa in salphifama, ifti dungoo guyyaa saafaa ol kaafama; … fannoon Kiristos gadi qabama, bakki du’a booda itti qulla’aan ol qabama; … warra daaraan, hiyyeesotaa fi warra dadhaban huwwisuun hin hafa; bifa fakkeenyaa huwwisuu fi dhagoota halluu dibanii miidhagsuun ol qabama; aadaan inni kan Waaqayyoo fi kan sagalee isaatii gadi qabamee aadaa fi seerri namaa ol qabamee ilaalama…. Akkuma seexanni hinkirdaadaa fi aramaa facaasu utuu lubootni keenya barsiisa sanyii gaarii facaasuuf dammaqanii attam dinqiidha.” —Ibid., “Sermon of the Plough.” WG 204.4
Qajeelfamni guddaan haaresitoota warra akka Waldensoota, Wikiliif, Joon Haas, Luuter, Ziwingilii fi warra isaanii wajjin tokko ta’aniin eegamaa ture aangoon Macaafa Qulqulluu inni dogoggora hin qabne qajeelfama amantii fi shaakalaati kan jedhu ture. Isaan dhimma amantii irratti phaaphaasiin, manni maree, abbootii fi mootonni sammuu to’achuuf mirga qabu kan jedhu in morman. Macaafni Qulqulluun aangoo isaanii ture, akkasumas barsiisa isaatiin barsiisa amantii hundumaa fi gaaffii hundumaa qoran. Namoonni qulqullaa’oon kun lubbuu isaanii dabarsanii aarsaa yeroo godhan amanitin isaan Waaqayyoo fi sagalee isaa irratti qaban jabina isaaniif kenneera. Yeroo ibiddi boba’u sagalee isaanii callisiisuu ga’etti Lataayimer kitimamtoota akkasaatiin akkas jedhe, “kan jabbaattan ta’aa”, “nuyi guyyaa kanatti ayyaana Waaqayyootiin biyya Ingilizi keessatti yoom illee dhaamuu hin danda’u jedhee kanan itti amnu duungoo akkasii qabsiifnerra.” - Works of Hugh Latimer, vol. 1, p. xiii. WG 204.5
Sanyiin dhugaa biyya Iskootilaandi keessatti karaa Kolumbaa fi warra isaa wajjin hojjetanii facaafame guutummaatti hin balleefamne. Erga waldaan Ingilizii Roomaatti harka kennitee waggoota dhibba tokko booda illee warri Iskootlandi keessa jiran biliisummaa isaanii eeggatanii turaniiru. Jaarraa 12 ffaa keessa aangoon phaaphaasii Iskootlaandi keessatti bu’uurefamee aangoo isaa isa daangaa hin qabne kan takkaa biyya kamitti argisiisee hin beekne argisiise. Dukkanni akka biyya Sanaa eessatti illee hin taane. Haa ta’u malee guyyoota dhufaa jiraniif abdii kan kennuu fi duumessa ulfaataa cabsee kan seenu carallaan ifaa dhufee ture. Loolardoota kan jedhaman Macaafa Qulqulluu fi barsiisa Wikiliif qabatanii biyya Ingilizii gara Iskootilaandi dhufanii beekumsa wangeelaa tursuudhaaf baay’ee hojjetan, jaarraan tokkoon tokkoon isaa dhuga ba’umsaa fi kitimamtoota isaa qaba. WG 205.1
Banamu haara’umsa guddaa wajjin barreefamni Luuter dhufee ture, itti aansuudhaan kan Taayindel Kakuun Haaraan afaan Ingilizii isa hordofee dhufe. Ergamoonni kun aangoo irra warra jiran biratti utuu hin hubatamin callisanii gaaraa fi dacha keessa adeemaniiru, guca dhugaa Iskootilaandi keessatti baduu ga’etti lubbuu godhaniiru, akkasumas hojii cnqursaa Roomaa jaarraa afuriif hojjettes diiganiiru. WG 205.2
Itti fufes dhiigni kitimamtootaa sochii sanaaf human haaraa kenne. Geggeesitoonni phaaphaasii kaayyoon isaanii balaaf saaxilamuu isaa hubatanii ijoollee Iskootilaandi warri beekamoo fi kabajamoo muraasa abiddaan akka gubamaniif dhi’eessan. Kana gochuudhaan iddoo aarsaa dhuga baatonni du’aa jiran kun irra dhaabatanii guutummaa biyyichaatti sagaleen isaanii dhageesisan ol kaasanii ijaaruudhaan lubbuu namootaa irraa waanjoo Roomaa cabasanii kayyoo hin badneef kakaasan. WG 205.3
Dhalootaanis ta’e amalaan sanyii moototaa irraa kan dhalatan bartoonni gadi of deebisuudhaan beekaman Hamiltonii fi Wiisharti lubbuu isaanii ibiddaaf dabarsanii kennanii turan. Haa ta’u malee phaaphaasii Iskootilaandi keessaa Waaqayyoon jalatti du’aan kan rukutu, boba’aan ibiddaa kan cal hin jechisiifne tokko tuullaa gubannaa Wiisharti keessaa ba’e. WG 205.4
Joon Noksi dhugaa sagalee Waaqayyoo nyaachuuf jecha aadaa fi qu’annoo amantii waldaa irraa garagale; hariiroo Roomaa wajjin qabu kutee haaresitoota ari’atamanii wajjin ta’uuf akka murteefatuuf barsiisni Wiisharti isaaf mirkaneesse. WG 205.5
Hojii lallabaa akka inni fudhatuuf michoonni isaa yeroo isa dirqisiisan itti gaafatamummaa isaa sodaachuudhaan fudhachuu died, yaada isaaniitti kan inni walii gale guyyoota muraasaaf qofaa turee erga yaada isaatiin wallaansoo qabee booda ture. Haa ta’u malee ejjennoo kana al tokko erga fudhatee kutannoo duubatti hin deebinee fi jabina hin sochooneen amma lubbuudhaan jirutti itti fufee hojjete. Haaressaan onnee dhugaa qabuu kun fuula namaa hin sodaanne. Ibiddi kitimamtoota gubu inni naannoo isaatii boba’u hinnaaffaa inni qabu dabaluuf isa gargaare. Qottoon cinqursitootaa (gara jaboota) doorsisaaf mataa isaa irra yoo ka’ame illee waaqota tolfamoo rukutee dhabamsiisuuf bakka jiru dhaabbatee harka isaa mirgaa fi bitaa ok kaase. WG 205.6
Yeroo giiftii Iskootilandii ishee hinnaaffaan geggeesitoota protestaantii baay’ee fuula isheetti hiri’atee argame duratti dhi’aate Joon Noksi utuu hin socho’in dhugaadhaaf dhugaa ba’e. Inni waan gatii hin qabneen gowwomfamee hin mo’amne, doorsisaanis hin raafamne. Giiftiin sun gantummaadhaan isa himatte. Amantii mootummaan dhorke akka fudhataniif namoota barsiise, akkasittis abboommii Waaqayyoo isa mootota keessaniif abboomamaa jedhu cabseera ittiin jette. Noksi akkasi jedhee deebiseef: WG 206.1
“Amantiin dhugaan jabinaa fi aangoo isaa Waaqayyo qofaa irraa fudhata malee mootota biyya lafaa irraa waan hin taaneef warri isaan jala bulan amantii isaanii akka fedha mootota isaaniitti geggeessuuf dirqama hin qaban. Sababni isaa immoo mootonni amantii dhugaa isa kan Waaqayyoo ilaalchisee namoota kan biro irra caalaa doofota waan ta’aniifi… utuu sanyiin Abrihaam warri isaaf bitamuu barbaadan hundinuu hordoftoota amantii Fara'oon ta’aniiru ta’e, yaa harme kadhadha, amantii maaliitu biyya lafaa irra jira ture? Yookiin utuu bara ergamootaa keessa namni hundinuu amantii mootota Roomaa fudhateera ta’ee biyya lafaa irra amantii attamitu jira ture? … Kanaaf yaa harme, akka abboomamaniif kan ajajaman yoo ta’e illee, moototaaf kan bitaman amantii moototaa fudhachuu akka hin qabne mee yaadi.” WG 206.2
Akkas jette Meerii giiftiin: “Ati Macaafa Qulqulluu karaa tokko hiikta, isaan immoo (barsiisota Kaatolikii Roomaa) karaa biraa hiiku; eenyuun amanuun qaba, kan murtii kennus eenyu?” WG 206.3
“Waaqayyoon isa karaa sagalee isaatii ibsee dubbatu amanaa” jedhee deebise haaressaan kun; isa sagaleen isaa si barsiisuun alatti kanas ta’e sanas amanuu si hin barbaachisu. Sagaleen Waaqayyoo ofiidhuma isaatii ifaadha; yoo bakka tokkotti wanti dhokataan jiraate, doofummaa boqu jabinaa yoo ta’e malee shakkiin tokko illee akka hin jiraanetti Hafuurri Qulqulluun inni ofii isaa hin mormine isa bakka tokkotti dhokate bakka biraati ifa godha.” —David Laing, The Collected Works of John Knox, vol. 2, pp. 281, 284. WG 206.4
Haaressaan soda hin qabne kun lubbuu isaa balaaf kennuudhaan gurraa moototaatti dhugaa akkasii dubbate. Inni jabina hin sochoone akkasiitiin kaayyoo isaatti jabaachuudhaan hamma Iskootilaandi waanjoo Roomaa jalaa biliisa baatutti kadhannaa fi gooftaadhaaf loluudhaan hojii isaa itti fufe. WG 206.5
Biyya Ingilizii keessatti akka amantii biyyoolessaatti hundeefamuun protestaantummaa ari’atamuu xiqqeeseera, garuu guutummaatti dhaabuu hin dandeenye. Barsiifni Roomaa baay’een isaa kan balaalefame yoo ta’e illee bifti amantii hafanis yertuu hin turre. Olaantummaan phaaphaasii mormamee ture garuu bakka isaa mootiin mataa waldaa liristiyaanaa ta’ee teessootti ol ba’e. Tajaajila waldaa keessatti amma illee qulqullummaa fi gadi of deebisuu wangeelaa irraa fagaachuutu ture. Qajeelfamni biliisummaa amantii inni guddaan hin hubatamne ture. Gar jabinni hamaan Roomaan gantoota irratti geggeesitu kan beekame yoo ta’e illee namni kam illee akka sammuun isaa isa ajajetti Waaqayyoon waaqessuuf mirga qabaachuun isaa geggeesitoota protestaantii biratti hubatamuun isaa muraasa ture. Hundumtuu bifa waaqefannaa waldaan ajajje akka eeguu fi barsiisaa isheeb barsiifte akka fudhatuuf gaafatame. Mormitoonni xiqqatus guddatus waggoota dhibba tokkoof ari’annaadhaan rakkataniiru. WG 206.6
Jaarraa torbaffaa keessa eegdota (paasteroota) kumatti lakkaa’amantu hojii irraa ari’atame. Sabni kan waldaan ajajje yoo ta’uu baate walga’ii amantii kam irratti akka hin hirmaanneef dhorkamanii turan, yoo kana godhanii argaman garuu adaba cimaa, hidhaa fi booji’amuutti akka kennaman labsame. Lubbuun amanamtuun waaqayyoon waaqessuuf waltti qabamuu dhiisuu hin barbaanne daandii dakkanaa’oo irratti, kutaa manaa dhokatoo keessattii fi halkan keessaa yeroo tokko tokko immoo mukeetii keessatti walitti qabamuuf dirqamanii turan. Bosona dukkana’aa, mana qulqullummaa Waaqayyo ofii isaatii ijaare keessatti, ijoolleen gooftaa warri ari’atamanii fi bittimfaman kadhataa fi galataan lubbuu isaanii fuula Waaqayyoo duratti dhangalaafachuuf walitti qabamaa turan. Ari’atamuu kana hundumaa irra darbee baay’een isaanii amantii isaaniitiif dhiphataniiru. Manni hidhaa dhiphatee ture. Maatiinis garagar faca’ee ture. Baay’een immoo biyya ormaatti ari’ataman. Haa ta’u malee Waaqayyo saba isaa wajjin ture, ari’annaanis dhuga ba’umsaa isaanii callisiisuu hin dandeenye. Baay’een galaana ce’anii gara biyya Ameriikaatti ari’amuudhaan achitti biliisummaa amantii fi kan lammummaa (kan biyya lafaa) isa ulfinaa fi da’oo biyyattii ta’e bu’uuressuu danda’an. WG 207.1
Ammas akuma bara bartootaa ari’annaan garagalee karaa wangeelli babal’atu ta’e. Mana hidhaa jibbisiisaa namoota yakka hojjetanii fi amala gadhee qabaniin guute keessatti Joon Baaniyaan qilleensa samii isa qulqulluu baafate; achi keessa ta’ee lafa badaa jirtu keessaa gara magaalaa qulqulluutti imala kara — adeemtonni godhan fakkeenya dinqisiisaatiin barreesse. Sagaleen mana hidhaa Bedifordi keessaa ba’e waggoota dhibba lamaa oliif human onnee namootaa dammaqsuun dubbachaa ture. Macaafonni Baaniyaan barreesse imala kara — adeemtuu (pilgrim’s progress) fi angafa cubbamootaaf ayyaana irraa hafaa (Grace Abounding to the Chief of Sinners) kitaabonni jedhaman miilla hedduu gara karaa jireenyaatti qajeelchan. WG 207.2
Baakister, filaavel, Allee’inii fi namoonni kan biraan dandeettii, barnootaa fi muuxannoo kiristiyaanummaa gadi fagoo qaban amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta'utti warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti dabarfamee kenname sanaaf dhaabbatanii falmaniiru. Hojiin namoota Kanaan hojjetame inni geggeesitoota biyya lafaa Kanaa biratti balaalefatamee fi akka al seerumaatti ilaalame tasa baduu hin dandeenye. Barruuleen Filaavel inni Burqa Jireenyaa (Fountain of Life) fi Tooftaa Ayyaanaa (Method of Grace) jedhu attamitti lubbuu isaanii Kiristositti akka kennatan namoota kumaatama barsiiseera. Barreefamni Baakister inni Eegduu /Paasterii/ Haara’e (Reformed Pastor) jedhu warra dadammaqina hojii Waaqayyoo hawwan baay’eedhaaf eebba mirkaneesseera, akkasumas, Boqonnaa Qulqulootaa isa Barabaraa s (Saints’ Everlasting Rest) kan jedhu gara “boqonnaa” isa saba Waaqayyootiif hafee (ka’aamee) jiruutti lubbuu geggeessuuf hojii guddaa hojjete. WG 207.3
Waggoota dhibba tokko booda, yeroo guyyoonni dukkanaa’ummaan hafuuraa guddaan ta’an Waayitifiildii fi Wisiliin baattuu ifa Waaqayyoo ta’anii mul’atan. Namoonni biyya Ingilizii geggeessaa waldaa hundeefamtee jalatti kufaatii amantii cimaa isa kan ormootaa irraa adda ba’uu hin dandeenyee jalatti kufanii turan. Amanitin uumamaa qu’annoo lubootaa isa jaallatamaa ture, qu’annoo amantii (theology) isaanii keessattis hammatameera. Gita olaanaa irra kan jiran warra jireenya hafuuraatti qoosan ta’an, makaraarsitoota amantii jedhanii warra waaman gararaatti waan of ilaalaniif oftuultota ta’an. Yeroo waldaan dhugaa isa kufe ol kaaftee deggeruuf jabina yookiin amantii dhabde keessatti warri gita gadii keessa jiran immoo doofummaa keessatti liqmfamuudhaan hojii hamminaa hojjechuuf dhiifaman. WG 207.4
Qajeelummaan amantiidhaani kan jedhu barsiisi guddaan Luuter barsiise guutummaatti dagatamee ture; qajeelfamni Roomaa inni fayyuuf hojii gaarii amanachuun in barbaachisa jedhus bakka isaa buufamee ture. Waayitifildii fi hordoftoonni Wisilii warri miseensa waldaa hundooftee ta’an dhugummaatti jaalala Waaqayyoo kan barbaadan turan, kana immoo argachuu kan isaan danda’an jireenya qulla’aa jiraachuu fi sirna amantii eeguudhaan akka ta’etti barsiifamanii turan. WG 208.1
Yeroo tokko Charles Wisiliin dhukkubsatee qarqara du’aatti waan dhi’aate yeroo fakkaate waa’ee jireenya barabaraa ilaalchisee abdii isaa maal irra akka ka’aate gaafatame. Deebiin isaas akkas ture: “Waaqayyoof hojjechuuf yaaliin danda’u godheera.” Michuun isaa inni gaaffii kana isaaf dhi’eesse deebii quubsaa akka hin argannetti Wisiliin itti yaade: “Maal! Dhamaasuun koo abdii koof bu’uura ga’aa hin ta’uu? Dhamaasuu koo na dhowwataa? Isa malee waanan amanadhu kan biraa hin qabu.” —John Whitehead, Life of the Rev. Charles Wesley, page 102. Araara Waaqayyoo dhoksuu, ulfina Kiristosiif malu dhowwachuu fi abdii fayyinaa isa tokkicha — dhiiga fayyisaa fannifamee irraa sammuu namootaa deebisuu ilaalchisee dukkanni ulfaataan waldaa irra buufate kana fakkaata ture. WG 208.2
Wisilii fi warri isaa wajjin hojjetan amanitin dhugaan onnee keessatti bu’uurefamee, seerri Waaqayyoos yaada keessa ka’amee akkasumas jechaa fi gochaadhaan mul’atee argan. Barbaachisummaa qullaa’ummaa garaa amanuudhaan, akkasumas amalli duubaan mul’atu jiraachuun isaa sirrii akka ta’e beekuudhaan kutannoodhaan jireenya haaraa jalqaban. Dammaqinaa fi kadhannaadhaan onnee uumamaa isa hamminaan guute mo’achuuf yaalii godhan. Wanta baay’isanii hawwan - Qulqullummaan jaalala Waaqayyoo argachuuf nu gargaara jedhanii yaaduudhaan tarkaanfii hundumaa fudhachuun sirrii akka ta’etti waan hubataniif jireenya of ganuu, kan arjummaa fi gad of deebisuu jiraatan. Haa ta’u malee kaayyoo barbaadan bira hin geenye. Adaba cubbuu irraa biliisa of gochuuf yookiin human cubbuu cabsuuf yaaliin isaan godhan akkasumaan ta’e. Luuteris yeroo Erfaartiin ture wallaansoo kana fakkaatu gochaa ture. Lubbuu isaa dhiphisaa kan ture gaaffii kana fakkaatu ture — “namni attamitti Waaqayyo duratti qajeelaa ta'uu danda'a ree?” Iyoob 9:2. WG 208.3
Ibiddi dhugaa Waaqayyoo inni iddoo aarsaa warra protestaantummaa irraa bade ture guca durii isa kiristiyaanota Boheemiyaatiin barootatti darbaa dhufeen lammaffaa qabisiifame. Haara’umsa booda, Boheemiyaa keessatti protestaantummaan karaa Roomaa irra ejjetamee ture. Dhugaa balaalefachuu kan didan hundumtuu akka baqataniif dirqisiifaman. Isaan keessaa muraasi isaanii Saksoonii keessatti da’oo argachuudhaan amantii isaanii durii eeggatan. Wisilii fi warra isaa wajjin hojjetaniif ifti kan dhufe kiristiyaanota isaan kana irraa dhalatan biraati. WG 208.4
Joonii fi Charles Wisiliin lubummaa erga fudhatanii booda gara Ameriikaatti ergaman. Doonii isaan ittiin adeeman keessa namoota gara dhihaatu (Moraaniyaa) ture. Adeemsa isaanii irratti bubbeen jabaan yeroo isaan mudate Joon Wisiliin du’a fuulaa fi fuulatti ilaalee nagaan Waaqayyo biraa akka isaaf hin taane itti dhaga’ame. Faallaa Kanaan garuu wanti isaaf haaraa ta’e warri Jaarmaan waan ta’e kana irratti amanannaa fi tasgabbii argisiisuu isaaniiti. WG 208.5
Kana irratti Wisiliin akkas jedhe, “amala isaanii isa baay’ee cimaa kanan hubadhe kana dura ture. Kara adeemtota warra kaaniif tajaajila namni Ingilizii takkaa godhee hin beekne gochuu isaaniitiin gadi of deebisuu isaanii utuu walirraa hin kutin mirkaneessaniiru; waan godhan kanatti immoo kafaltii hin fudhanne, hin barbaadnes. Fayyisaan inni jaallatamaan waan kana caalu isaaniif godhe jedhamee yoo dubbatame ofitti amantaa onnee isaanii keessa jiruuf gaarii dha. Guyyaa hundumaa gad of deebisuu miidhamni kam iddoodhaa hin sochoofne argisiisaniiru. Yoo dhiibaman, yoo miidhaman yookiin darbataman ka’anii adeemu malee komeen afaan isaanii irraa hin dhaga’amne. Amma carraan hafuura soda, kan oftuulummaa, aarii fi ijaa baafannaa keessaa ooluu isaanii qoru in dhufe. Faarfannaa tajaajila isaanii ittii jalqaban yeroo isaan wallakeessan gaalaanni in unkurame, dunkaanni (sharaan) doonichaa haguugee ture in ciccite, bishaanni doonii keessatti dhangala’ee akka waan galaana keessatti liqimfamee ta’e. Warri Ingilizii boo’icha sodaachisaa jalqaban. Warri Jaarman garuu tasgabbiidhaan faarfannaa isaanii itti fufan. Kana booda ‘sodaan sitti hin dhaga’amnee?’ jedhee isaan keessaa tokko gaafadhe. Innis ‘Waaqayyoon haa galatu, ani hin sodaanne’ jedhee naaf deebise. ‘Garuu dubartoonnii fi ijoollee keessan hin sodaannee?’ jedheen gaafadhe. Innis suuta jedhee ‘lakki, dubartoonnii fi ijoolleen keenya du’a hin sodaatan’ jedhee naaf deebise.” ‘—Whitehead, Life of the Rev. John Wesley, page 10. WG 208.6
Savanahaa erga ga’anii booda Wisilii yeroo muraasaaf warra Moraaviyaa (warra gara dhihaa) wajjin jiraachuudhaan amala kiristiyaanummaa isaaniitiin gadi fageenyaan tuqamee ture. Tajaajila amantii isaanii isa faallaa waldaa Ingilizii isa lubbuu hin qabne keessaa tokko ilaalchisee akkas jedhee barreesse: “Gad of deebisuun guddaa fi murannoon walii galaa taatee waggoota kuma tokkoo fi dhibba torbaa akkan irraanfadhu na godhee isa yeroo sirnii fi seerrii utuu itti hin baay’aatin hafuurrii fi humni isaa mula’te walga’ii Phaawulos inni godoo wayyaa hodhuu, yookiin Pheexros inni qurxummii qabu geggeessu keessa akkan jirutti akkan yaadu taasise.” —Ibid., pages 11, 12. WG 209.1
Wisiliin yeroo gara Ingilizitti deebi’e barsiisa lallabaa warra Moraaviyaa (warra dhihaa) tokkoon hubannaa dhugaa Macaafa Qulqulluu bira ga’ee ture. Fayyinaaf hojii mataa isaatii irratti hirkachuu dhiisee “hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” guutummaatti amanachuu akka qabu fudhateera. London keessatti walitti qabama warra Moraaviyaa keessa yeroo ture jijjiirama Hafuurri Waaqayyoo onnee amantootaa irratti godhu ilaalchisee kitaaba Luuter keessaa dubbifamaa ture. Wisiliin yeroo kana dhageefate lubbuu isaa keessatti amanitin in qabsiifame. Kana irratti akkas jedhe, “onneen koo haala adda ta’een o’ifamuun isaa natti dhagaa’ame, fayyinaaf kiristos qofaatti amanuu akkan qabutu natti dhaga’ame; cubbuu koo akka anarraa fuudhee fi seera cubbuu fi du’aatti akka na fayyise wabiin naaf kennameera.” —Ibid., page 52. WG 209.2
Wisiliin wagoota dheeraaf dadhabbii fi dhamaasuu jabinaadhaan of ganee ceephoo fi gadi of deebisuu cimaadhaan yoo dabarse illee kaayyoo Waaqayyoon barbaaduu isaa cimsee itti fufe. Amma Isa argateera; ayyaanni inni kadhannaadhaan, soomiidhaan, duufina kennuu fi of dhiphisuudhaan argachuuf jabaatee hojjechaa ture kennaa “gatii fi horii malee” kennamu ta’uu isaa argateera. WG 209.3
Si’a tokko amantii Kiristos keessatti erga bu’uureefame beekumsa wangeela Waaqayyoo isa ulfina qabeessa, waa’ee ayyaana tolaa, bakka hundumaatti tamsaasuu hawwuudhaan lubbuun isaa gubatte. Kana ilaalchisee akkas jedhee ture, “Biyya lafaa guutummaa akka kutaa (buufata) koottan fudhadhe; kutaa biyya lafaa isa kam keessa yoon jiraadhe isa quunamuun akka malun murteesse, isa dhaga’uuf kan hawwanittis oduu fayyinaa isa gammachiisaa labsuun hojii koo isa ulfaataa ta’uu isaa nan hubadhe.” —Ibid., page 74. WG 209.4
Wisiliin jireenya cimaa fi mataa ofii ganuu ittuma fufe, amma kana kan inni godhuuf garuu akka bu’aa amantiitti malee akka bu’uura amantiitti miti; akka hundee qulqulummaatti utuu hin taane, akka firii qulqulummaatti. Ayyaanni Waaqayyoo inni karaa Kiristosiin kennamu bu’uura abdii kiristiyaanaati, ayyaanni kunis abboomamuudhaan mul’ata. Wisiliin dhugaa isa guddaa fudhate lallabuuf guutummaa jireenya isaa kenne; innis qajeelummaan karaa dhiiga Kiristos isa araarsaa ta’ee amantiidhaan akka argamuu fi human Hafuura Qulqulluu isa onnee haaressee lubbuun fakkeenyummaa Kiristosii wajjin walii galuudhaan ija akka godhattu amanuudha. WG 210.1
Waayitifildii fi warri Wisilii haala isaanii isa bade ilaalchisee amantii dhuunfaa jabaa ta’e fudhatanii hojii isaaniitiif qophaa’an; Yunivarsitii keessattis ta’e tajaajila keessa seenuuttis akka loltuu Kiristos isa gaariitti rakkina hundumaa mo’uuf itti qoofamuu, tuffatamuu fi ari’atamuu hundumaaf saaxilamanii turan. Isaanii fi warri isaan deggeran muraasi baratoota akka isaanii warra Waaqayyoon hin beekne muraasaan Meetodistii jedhamanii waamaman — maqaan kun immoo yeroo ammaa biyya Ingilizii fi Ameriikaa keessatti akka dhabbata amantii warra gurguddoo keessaa isa tokko ta’ee kabaja guddaadhaan kan ilaalamuudha. WG 210.2
Isaan akka miseensa waldaa Ingilizitti sirna waaqefannaa isheetti kan hidhaman turan, Waaqayyo garuu ulaagaa kana irra caalu sagalee isaa keessa isaaniif kaa’era. Waa’ee Kiristosii fi waa’ee fannifamuu isaa akka isaan lallabaniif Hafuurri Qulqulluun isaan jabeeseera. Humni inni olii hojii isaanii hirkiseera. Kumaatamatti kan lakkaa’aman amansiifamanii, dhugaattis jijjiiramaniiru. Hoolonni kun yeeyyii butatan irraa eegamuutu barbaachisa ture. Wisiliin dhaabbata haaraa bu’uuressuuf yaada hin qabu ture, haa ta’u malee hariiroo Meetodistii (Methodist connection) waan jedhamu jalatti isaan qindeesse. WG 210.3
Karaa waldaa hundeefamtee mormiin lallabdoota kana mudate waan nama qoruu fi iccitii of keessaa qabuudha; haa ta’u malee Waaqayyo ogummaa isaatiin haala hundumaa to’atee haarefamni waldattii keessatti akka jalqabamu godhe. Utuu bakkeedhaa dhufe ta’ee bakka itti barbaadame seenuu hin danda’u ture. Garuu lalabdoonni haara’umsa kanaa namoota waldaa keessaa waan ta’anii fi carraa yeroo argatan waldaa keessatti waan hojjetaniif dhugaan balbala silaa cufamee hafuun karaa ol seenu argate. Luboonni tokko tokko dunquqqaa’ummaa amilee keessaa ka’anii buufata isaanii keessatti lallabdoota hinnaaffaa qaban ta’an. Waldoonni duraan bifa waaqefannaatti cichaa turan gara jireenyaatti deebi’an. WG 210.4
Akkuma baroota seenaa Waldaa hundumaa keessa ture, Bara Wisilii keessa namoonni kennaa garagaraa qaban hojii isaanitti kenname raawwataniiru. Isaan barsiisa hundumaa irratti kan walii galan hin turre, garuu hundumtuu Hafuura Waaqayyootiin socho’’anii kayyoo lubbuu Kiristosiif booji’uu irratti tokko ta’anii turan. Waayitifiildii fi warra Wisilii gidduutti wal dhabdeen si’a tokko ta’e garaagarummaa fida jedhamee sodaatamee ture; garuu mana barumsaa Kiristos keessatti gadi of deebisuu waan barataniif waliif obsuu fi waliif danda’uun isaan araarse. Cubbuu fi dogoggorri bakka hundumaatti babal’achaa utuu jiruu, cubbamoonnis gara badiisaatti adeemaa utuu jiranii walii isaanii loluuf yeroo hin qaban turan. WG 210.5
Karaan hojjetoonni Waaqayyoo irra adeemaa turan karaa mucucaataa (wal qixxee) hin turre. Namoonni dhiibbaa uumuu danda’anii fi namoonni baratan aangoo isaanii isaan irratti ol fuudhanii turan. Yeroo booda luboonni baay’een diinummaa jabaa argisiisan, balballi waldaas amantii qulqulluu fi warra isa lallaban irratti in cufame. Iddoo aarsaa irraa isaaniin ari’uuf hojii luboonni hojjetan humnoota dukkanaa, kan doofummaa fi kan hamminaa kakaase. Joon Wisiliin yeroo garagaraa dinqii ayyaana Waaqayyootiin du’a jalaa oole. Yeroo aariin sabaa isa irratti boba’ee karaan inni keessaa miliqu waan dhibe fakkaate ergamaan bifa namaa uffatee gara isaa dhufe, sabni isa miidhuuf gamta’anis gara duubaatti kukufan, garbichi Kiristos immoo utuu hin miidhamin balaa sana keessa darbe. WG 210.6
Saba isa miidhuuf isatti qopha’an sana keessaa baraaramuu isaa ilaalchisee yeroo tokko akkas jedhe: “karaa mucucaataa irra gara magaalaatti gadi bu’aa utuu jirruu namoonni baay’een darbatanii na kuffissuuf yaalii godhanii turan; kanas kan isaan murteefatan si’a tokko kufee jennaan akka ani deebi’ee hin kaaneefi. Garuu hamma ani harka isaanii keessaa ba’utti ani guutummaatti hin gufanneen ture, xiqqoodhuma ishee illee hin mucucaanne…. Baay’een Kullittaa (mormee) wayyaa kootii qabanii na harkisuuf yoo yaalan illee raawwatanii qabachuu hin dandeenye; nama tokko qofaatu qadaada borsaa seedariyaa kootii qabee harkisee jennaan cite isa harkatti hafee ture; borsaa kan biraa dabtarri baankii keessa jiru immoo wallakkaan isaa cite sokke… namni furdaan tokko ulee muka qilxuu fudhatee duuba kootiin si’a baay’ee na rukute; ulee sanaan utuu karaa duubaa mataa koo rukute rakkoo dabalataa isa hin barbaadu ture. Garuu yeroo hunda haleellaan isaa lafa inni na rukutuuf yaale irraa ni jallata ture, attamitti akka ta’e garuu hin beeku; sababni isaa gara bitaattis ta’e gara mirgaatti garagaluu waanan hin dandeenyeef…. Gumii namoota Sanaa keessaa kan biraan tokko fiigee dhufee na rukutuuf harka ol kaasee dhiise, xiqqoo ishee mataa koo rukutee ‘rifeensi isaa attam lallaafaa!’ jedhe…. Namoonni warri jalqaba garaan isaanii deebi’e gootota magaalatti warra yeroo hundumaa jeequmsa hoogganan yeroo ta’an, isaan keessaa inni tokko ba’uudaa wajjin wal loluudhaan badhaasa kan fudhate ture…. WG 211.1
“Waaqayyo jaalala isaa akka goonuuf sadarkaa hammamiif nu qopheessee! Waggaa lamaan fuula dura xuubiin cabaan tokko saggoo (gatiittii) koo taraaree (hanqooqee) ture. Kun ta’ee waggaa tokko booda immoo ija koo lamaan gidduu dhagaan na rukute. Ji’a darbe si’a tokkon rukutame, halkan kana immoo si’a lama, tokko utuu nuyi gara magaalaa kanaa hin dhufini, tokko immoo erga nuyi keessaa baaneti; garuu lamaan isaa iyyuu homaa miti; namni tokko human qabu hundumaan qoma koo yoo na rukute illee, kan biraanis human akkasiitiin hamma dhiigni ba’utti afaan koo yoo na rukute illee rukuttaan lamaanuu hamma waan cidiin natti bu’ee nah in dhukkubne.” - John Wesley, Works, vol. 3, pp. 297, 298. WG 211.2
Meetodistoonni bara jalqabaa sun — sabnis ta’e lallabdoonni — ga’isuu fi ari’annaa karaa miseensota waldaa fi warraa amantii hin qabnee sobaan maqaa isaanii balleessuuf bobaafamanii isaan irra ga’e obsaan danda’aniiru. Himatamanii dhaaddacha murtii duratti dhi’aatanii turan — dhaaddachi yeroo sanaas maqaaf malee murtii haqaa hin qabu ture. Yeroo baay’ee karaa warra isaan ari’atanii miidhaan isaan irra ga’aa ture. Gurmuun namoota hamaa godhanii sun manaa gara manaatti adeemanii qabeenyaa fi mi’a mana keessaa caccabsanii balleessan, waan ofii isaaniitii filatan immoo in saaman, dhirota, dubartootaa fi ijoollee immoo gar malee miidhan. Yeroo tokko tokko foddaa cabsanii mana Meetodistootaa saamuuf deggersa gochuu kan barbaadan yeroo fi bakka murtaa’e tokkotti akka walitti qabamaniif beeksisi maxxanfamaa ture. Hamminni seera Waaqaa fi namaa cabsu kun utuu hin ifatamin heyyama argatee ture. Namoota miilla cubbamoota karaa badiisaa irraa gara karaa qullaa’ummaatti deebisuu barbaaduu irraa kan hafe dogoggora kan biraa hin qabne irratti ari’annaa tooftaa cimaa qabutti geggeefame. WG 211.3
Himannaa isaa fi duuka buutota isaa irratti ka’e ilaalchisee Joon Wisiliin akkas jedhe: “namoonni muraasi barsiisi namoota kanaa soba, dogoggoraa fi hinnaaffaadhaan kan guuteedha; akkasumas haaraa fi dhaga’amee kan hin beekneedha, utuu hin beekin beeka ofiin jechuu, makaraarsummaa fi phaaphaasummaadhas jedhanii nu hammeessan. Dameen barsiisa kanaa tokkoon tokkoon isaa barsiisa Macaafa Qulqulluu isa waldaa keenyaan hiikame ta’ee hundeedhaan buqqifamee ture. Kanaaf Macaafni Qulqulluun akka dhugaatti yoo fudhatame soba yookiin dogoggora ta’uu hin danda’u.” “Kaan immoo ‘barsiisi isaanii cimaadha; karaa gara samiitti geessu baay’ee dhiphaa godhanii dhi’eessu’ jedhan.’’ Dhugaadhumatti kun mormii isa jalqabaati, innis mormii kumatti lakkaa’amanii bifa garagaraatiin dhi’aataniif hundee dhokataadha. Garuu karaa gara samiitti geessu isa Gooftaan keenyaa fi ergamoonni isaa dhiphisa caalaatti dhiphisanii? Barsiisi isaanii kan Macaafa Qulqulluu caalaatti cimaa dha? Mee heertuu muraasa qofa haa ilaallu: “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada, kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a.” “Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii’; guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru.” “Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” WG 212.1
“Barsiisi isaanii yoo kana caalaa cimaa ta’e komatamuu qabu; garuu sammuu keessan keessatti iyyuu akkas akka hin taane beektu. Utuu sagalee Waaqayyoo hin xureessin xuqaa tokko illee laafissuu kan danda’u eenyu? Warri hojii dhoksaa Waaqayyoo adeemsisuun itti kenname kuusaa isa qulqulluu keessaa yoo waa jijjiiran amanamoota ta’anii argamuu in danda’u? Lakki. Inni homaa hir’isuu hin danda’u, homaas laafisuu hin danda’u; inni namoota hundatti isa himuus in dirqiisiifama, ‘ani akka isiniif ta’uutti Macaafa Qulqulluu gadi buusee isiniif dhi’eessuu hin danda’u. Gara isaa dhufuu qabdu yookiin barabaraan baduu keessani.’ Gara laafina hin qaban jedhamanii komatamuu namoota kanaa ilaalchisee bu’uurri dhugaa iyya saba Sanaa kana ture.’ Isaanii gara laafina kan hin qabne? Karaa kamiin? Isaan warra beela’an hin nyaachifnee? Warra daaranis hin uffifnee? Lakki, dubbiin isa kana miti: isaan karaa kana hanqina hin qaban. Isaan murtii kennuu keessatti gara laafina hin qaban! Isaan karaa isaan barsiisan irra yoo adeeme malee eenyu illee fayyuu hin danda’u jedhanii yaadu.” -- Ibid., vol. 3, pp. 152, 153. WG 212.2
Kufaatiin hafuuraa biyya Ingilizi keessatti bara Wisiliin dura ta’e irra guddaan isaa bu’aa barsiisa warra antinomianii (warra kiristiyaanonni seera eeguu irraa biliisa ba’aniiru jedhan) ture. Baay’een isaanii Kiristos seera balleeseera waan ta’eef kiristiyaanonni isa eeguuf dirqama hin qaban kan jedhu mirkaneessan; amantoonnis “garbummaa hojii gaarii” irraa biliisa ba’aniiru jedhan. Warri kaan immoo seerri kan barabaraa ta’uu isaa yoo amanan illee, yeroo warri badiisa barabaraaf itti murtaa’e seera Waaqaa eeguuf human dhaban warri Waaqayyo fayyinaaf isaan fo’ate immo “ayyaana Waaqaa isa daangaa hin qabneen gara amanamummaa fi hojii gaarii shaakaluutti in geggeefamu erga ta’e”, tajaajiltoonni akka sabni seerichaaf abboomamaniif jajjabeessuun hin barbaachisu jedhanii dubbatan. WG 212.3
kaan immoo “warri fo’aman ayyaan irraa kufuu hin danda’an, yookiin jaalala Waaqayyos hin dhaban” yaada jedhu qabatanii goolabbii jibbisiisaa isa “gochaan hamaan isaan raawwatan dhugaadhumatti cubbuu miti kan jedhu yookaan akka seera Waaqayyoo cabsanitti hin lakkaa’amu waan ta’eef cubbuu himachuufis ta’e qalbii jijjiirachuuf sababa hin qaban kan jedhu irra ga’an.” -- McClintock and Strong, Cyclopedia, art. “Antinomians.” WG 212.4
Kanaafuu, cubbuun jibbisiisaan akka walii galaatti seera Waaqayyoo cabsuu jedhamee ilaalamu illee warra fo’aman keessaa nama tokkoon yoo raawwatame “fuula Waaqayyoo duratti cubbuu ta’ee hin lakkaa’amu, sababni isaa inni raawwatame kun amala warra fo’amanii isa barbaachisaa fi addaa keessaa tokko waan ta’eef isaan waan Waaqayyoon gaddisiisu yookiin waan seeraan dhorkame gochuu hin danda’an” jedhanii dubbatan. WG 213.1
Barsiifni hamaan akkasii kun isa barsiisonni beekamoon barsiisanii fi barsiisa hayyuu qu’annoo amantii boodaan dhufe isa ulaagaan sona amilee hawaasa ofii isaatiin kan tumamu waan ta’eef jijjiiramaaf kan bitamuudha malee, ulaagaa sirrii kan ta’u seerri waaqaa hin jijjiiramne hin jiru jedhuu wajjin tokkicha. Yaadni kun hundumtuu hafuura isa jiraatota samii warra cubbuu hin qabne gidduutti seera Waaqayyoo isa qajeelummaa iddootti eegu cabsuu barbaade hojii isaa jalqabeen kakaafame. WG 213.2
Barsiifni seera Waaqayyoo inni amala namootaa akka jijjiiramuu hin dandeenyetti suphu gara seera Waaqayyoo jibbuutti baay’oota geggeesse. Wisiliin dogoggora barsiisota antinomianismii (barsiisa isa kiristiyaanonni seera eeguu irraa biliisa jedhu) jabeessee morme, akkasumas barsiisni gara antinomianismii (barsiisa isa kiristiyaanonni seera eeguu irraa biliisa jedhu) tti geesse kun fallaa Macaafa qulqulluu ta’uu isaa argisiise. “Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera.” Tiit. 2:11 “Kun gaarii dha, fuula Waaqayyoo fayyiisaa keenyaa durattis fudhatamaa dha. Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha. Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha. Inni furii namoota hundumaaf ofii isaa dabarsee kenne, kunis yeroo isaatti dhugaa baafame.” 1Xim. 2:3-6. Namni hundinaa daandii fayyinaa qabachuu akka isaan dandeesisuuf Hafuurri Waaqayyoo tola kenname. Akkasitti Kiristos “Ifichi inni dhugaan, inni gara biyya lafaa dhufe, namoota hundumaaf in ibsa” Yoh.1:9. Namoonni fayyina irraa kan kufan fedha ofii isaaniitiin kennaa jireenyaa mormuudhaani. WG 213.3
Seerri inni gabatee dhagaa irratti barreefame seerota ayyaanaa wajjin yeroo Kiristos du’e badeera falmii jedhuuf deebii yeroo kenne Wisiliin akkas jedhe: “Inni seera safuu isa abboommii kurnan keessatti hammatamee fi raajotaan jabeefame haqee hin balleesine. Isa keessaa kutaa kamiin illee haquun kaayyoo dhufaatii isaati miti. Inni seera tasa iyyuu cabuu hin dandeenyeedha, samii keessattis akka dhuga baatuu amanamaatti jabaatanii dhaabbatu. … kun jalqaba biyya lafaattii yeroo isaan harka uumaa isaanii keessaa ba’anii kaasee onnee ilmaan namoota hunda irratti kan caafame ture malee gabatee dhagaa irratti hin caafamne. Abboommiin quba Waaqayyootiin barreefaman sun cubbuudhaan kan manca’an yoo ta’an illee hamma nuyi sammuu hamaa fi gaarii adda baasu qabnutti guutummaan guutuutti baduu hin danda’an. Kutaan seeraa kanaa hundi isaa bakkaa fi yeroo irratti utuu hin hundaa’in, yookiin haalli jijjiiramu utuu dhiibbaa isa irratti hin geggeesin, uumama Waaqayyoo fi uumama namaa akkasumas hariiroo hin jijjiiramne isa isaan gidduu jiru irratti hundaa’uudhaan bara hundumaa keessa nama hundumaa irratti human qabeessa ta’ee hafuu qaba. WG 213.4
“‘Ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne.’ … hiikkaan jecha isaatii iddoo kanatti, gowwomsaan namootaa isa keessa yoo jiraate illee guutummaatti isa hudeesuufan dhufe; dukkanaa fi dhoksaa isa keessa jiru hundumaa duguugee waan guutuu fi ifaa ta’e achi kaa’uufan dhufe; guutummaa fi dhugummaa kutaa abboomichaa labsuufan dhufe; qabiyyee abboommichaa dheerinaa fi bal’ina isaa, ol dheerinaa fi gadi fageenya isaa, qulqullummaa fi kan hafuuraa ta’uu isaa argisiisuufan dhufe jechuu akka ta’e gaaffii hin qabu.” —Wesley, sermon 25. WG 213.5
Wisiliin waliigaltee seeraa fi wangeela gidduu jiru yeroo ibse akkas jeche: “kanaaf, seeraa fi wangeela gidduu hubatamuu kan danda’u walitti dhufeenya cimaatu jira. Karaa tokko seerri utuu gargar hun kutin wangeelaaf iddoo kennee gara isaa nu argisiisa; karaa biraan immoo, wangeelli utuu walirraa hin kutin gara seera raawwachuutti nu geessa. Fakkeenyaaf, seerri Waaqayyoon akka jaallannu, hiriyyaa keenyas akka jaallannu, gara laafota akka taanu, akka gadi of deebifnu yookiin qulquloota akka taanu nu gaafata. Kana hundumaaf ga’umsa akka hin qabne nutti dhaga’ama; eeyyee, ‘kun namaaf hin danda’amu;’ garuu akka nuyi jaalala qabaannuuf, akka nuyi gadi of deebifnu, gara laafotaa fi qulquloota akka taanuuf abdii Waaqayyo nuuf kenne in argina; akkasitti wangeela isa oduu gammachiisaa ta’e kana in fudhanna; kun immoo karaa amantii nuuf ta’a; qajeelummaan seeraas karaa amantii Yesus Kiristosiin nu keessatti in raawwatama…. WG 214.1
Wisiliin akkas jedhe, “diinonni wangeela Kiristos warri sadarkaa olaanaa irra jiran warra mul’inatti seericha mataa isaatti faradanii fi waa’ee seerichaa hamaa dubbatan, warra seericha keessaa tokko qofaa yookiin xiqqaas ta’e guddaas akka cabsaniif (dirqama isaa wajjin walii galuu akka hin qabne) namoota barsiisan qofaa utuu hin taane abboomicha hunda akka cabsaniif kan barsiisaniidha….Haala kana hundumaa keessaa wanti guddaa dinqisiisaan isa warri gowwomsaa guddaa kanatti kennaman utuu seera isaa cabsaa jiranii Kiristosiin kabanya jedhanii fi utuu barsiisa isaa balleessanii hojii isaa ol qabna jedhaniidha! Eeyyee, isaa akkuma isa yeroo Yihudaan ‘Yaa Barsiisa, jedhee dhungateetti isa kabaju. Innis hunduma isaaniitiin ‘dhungachuudhaan ilma namaa dabarsitee kennitaa? Isaaniin jedha. Seera isaa keessaa gar tokko salphisuudhaan wangeela babal’isuu fakkeessanii waa’ee goonfoo isaa fudhachuu fi dhiiga isaa dubbachuun dhungachuudhaan dabarsanii kennuu wajjin waan wal caalu miti. Kallatiinis ta’e al-kallattiidhaan daandii abboomamuu irraa goree haxxummaa akkasiitiin wangeela kan lallabuu fi abboommii Waaqayyoo ishee xiqqoo illee balleessuuf yookiin dadhabsiisuuf Kiristosiin kan lallabu himata kana jalaa baqachuu (biliisa ta’uu) hin danda’u.” —Ibid WG 214.2
“Lallabbiin wangeelaa xumura seeraa hundumaaf deebii kenna” warra jedhaniin Wisiliin akkas jedhe: nuyi “kana raawwannee in mormina. Inni xumura seeraa isa jalqabaa illee hin deebisu, jechuunis, namoota cubbuu isaanii amansiisuu, warra qarqara si’ool irra rafaa jiran dammaqsuuf illee jechuudha. “Seeraan cubbuutu beekama” jedha ergamaan Phaawulos; akkasumas, namni hamma cubbuu isaa amanutti dhiiga Kiristos isa araarsu akka isa barbaachisu itti hin dhaga’amu…. Akkuma gooftaan jedhe “namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada Malee;” kanaaf, warra fayyaa qabaniif yookiin yoo xiqqate warra akkasitti of yaadaniif ogeessa qorichaa barbaaduun gowwummaadha. Jalqaba dhukkubsatoo ta’uu isaanii amansiisuu barbaachisa; yoo akkas ta’uu baate garuu dhadabbii keef sin galateefatan. Akkasumas immoo warra onneen isaanii fayyaa ta’eef, kan onneen isaanii hin cabiniif Kiristosiin kennuun hiikkaa hin qabu.” —Ibid., sermon 35. WG 214.3
Akkasitti Wisiliin wangeela ayyaana Waaqayyoo lallabaa akkuma gooftaa isaa “seericha guddaadhaa fi ulfina-qabeessa gochuu” barbaade. Hojii Waaqayyo biraa isaaf kenname amanamummaadhaan raawwatee, bu’aa hojii isaatii isa ulfina qabeessa arguuf isaaf heyyamame. Xumura umurii isaa isa dheeraa waggoota sadeetamaa ol ta’u keessatti, jaarraa walakkaa irra kan caalu asii fi achi adeemee tajaajiluudhaan dabarse — barsiisa isaa kan deggeran lubbuu walakkaa miliyoonaa olitti lakkaa’aman irra caalu turan. Haa ta’u malee sabni danuun dadhabbii isaatiin badiisaa fi salphina cubbuu keessaa ba’anii jireenya ol jedhaa fi qulqulluutti kan ol fuudhamanii fi lakkoobsi warra barsiisa isaatiin shaakala guddaa fi gadii fagoo argatanii hamma maatiin warra fayyanii mootummaa Waaqayyoo keessatti walitti qabamaniitti beekamuu hin danda’u. Jireenyi isaa kiristiyaana hundumaaf barsiisa gatii guddaa qabu kenna. Amanitii fi gad of deebisuun, hinnaaffaa gubaan, aarsaa of gochuu fi of kennuun garbicha Kiristos kun waldaa har’aa keessatti in calaqisaa laata! WG 214.4