Loading...
writings®
(You are in the browser Reader mode)

Boqonnaa 13—Biyyoota Niizerlaandii fi Iskandanaviyaa

Biyya Niizerlaandi keessatti sirna teessoo Phaaphaasii abbaa irree mormiin cimaan ta’e kan mudachuu eegale jalqabumaa kaaseeti. Luuteriin dura gara waggoota 700 dura Phaaphaasonni lama Phaaphaasicha Roomaa sodaa tokko malee himatanii turan. Phaaphaasonni sun lamaan bakka bu’ummaadhaan Roomaatti kan ergaman amala dhugaa,“Teessoo Qulqulluu” kan hubatan turan. “Waaqayyo Waldattii giiftii fi haadha warraa isaa godhateera. Naqata hin coolagne ykn hin badneen maatii isheetiif gala bara baraa hireera. Gonfoo bara baraa fi ulee mootummaa kenneeraaf. Isin garuu mana Qulqullummaa Waaqayyoo keessa of keessan. Qooda Luba ta’uu, akka yeeyyii hoolaa gidduu jiruu taatan. Akkuma ofiin jettanuu tajaajilaa tajaajiltootaa ta’uun kan isinirra ture, gooftaa gooftotaa ta’uudhaaf dhamaatu. Aboommii Waaqayyoorras dhiibbaan akka ga’u gootu. Hafuurri Qulqulluun biyya lafaa irratti ijaartuu waldoolee kiristaanaati. Kan nuti lammiilee itti taane magaalaan Waaqa keenyaa mootummaa bartootaatiin Baabiloon jedhamtee kan waamamte dogoggora kan hojjettu fi hojjechuu dhiisuufis yoo ta’e ani qulqullooftuudha ofiin jechuun mootummaa Waaqayyoof kan bitamte ta’uushee kan dubbattu ogummaanshees kan hin duune ta’uusaa kan dubbattu caalti.” Gerard Brandt, History of the Reformation in and About the Low Countries 1:6. WG 196.1

Mormii kana dhageesisuuf baroota dhufaa darbaatti kanneen biroonis ka’anii turan. Barsiisonni jalqabaa sunis moggaasa adda addaatiin beekamtii argatanii biyyoota adda addaa keessa nanaanna’aa kan turan yoo ta’u; amala misihoononnota Voodiwaa qabu turan. Isaan bakka hundumaatti beekumsa Wangeelaa baballisaa gara Niizerlaanditti fulla’an. Barnoonni isaanii saffisaan walga’eera. Kitaaba Qulqulluu warra Waldeensotaa gara Afaan biyya Niizerlaanditti hiikaniiru. Akkana jechuudhaani kan isaan beeksisaa turan, “Kitaaba Qulqulluu keessaa fayidaa addaatu argama; isa keessa sagalee qoosaan, oduu duriin, wanti waa’ee hin baafnee fi gowwomsaan keessa hin jiru. Dhugumaan darbee darbee wanna jajjabaa ni qabaata. Garuu, wanti gaariinii fi dhandhamni qullaa’ummaa gaariin isa keessa argamuu danda’a. (Ibid. 1:14). Jaallattoonni amantii durii kanneen jaarraa 12ffaas kanuma barreessanii turan.Yeroo sana gochi ari’annaa warra Roomaa eegalee ture. Garuu, ajjeechaa fi dhiphinna sana gidduutti lakkoofsi amantootaa saffisaan dabalaa deeme. Amantoonni sun Kitaabni Qulqulluun qofti qajeelfama amantii ta’uusaa fi ‘ namni kamillee amanee fudhachuu kan qabu, akkasumas lallaba qofaadhaan malee dirqisiifamuu akka hin qabne beeksisu turan’. (Martyn 2:87.) WG 196.2

Barsiifni Luuter Niizerlaandi keessaatti bakka isaaf mijatu argate. Namoonni amanamoo ta’anis Wangeela lallabuudhaaf ni ka’an. Kutaa bulchiinsa biyya Niizerlaandi tokko keessaas Meenno Simoonis ni ka’e. Barumsa Kaatolikii Roomaa fudhachuudhaan lubummaa kan fudhate Meenoo Simooniis raawwatee Kitaaba Qulqulluu hin beeku ture. Gantummaadhaan akka hin booji’amnetti sodaadhaanis hin dubbifanne. Waa’ee barnoota barate sanaa shakkiin akka isa keessa guutuuf yeroo dirqisiifamettis, akka seexanni isa qoraa jiruutti lakkaa’uudhaan kadhannaadhaan cubbuu isaa himachaa (qalbii jijjiirrachaa) isattii hiikamuuf yoo yaale illee hin milkaa’iniif hafe. Yaada isaa oblii fi gadi bittineessuudhaan sagalee sammuu isaa keessaa isa himatus ukkaamsuudhaafis yaalee ture; yaaliin isaa garuu bu’aa malee hafe. Yeroo muraasa booda Kakuu Haaraa akka qoratuuf taasifame. Kakuun Haaraanis kitaabota Luuter waliin ta’uun akka inni amantii fooyya’e sana fudhatu taasisan. Sana booda osoo baayyee hin turin, Meenoo Simooniis namtichi tokko sababa irra deebi’ee cuubameef murtoon du’aa irratti darbee yeroo morma isaa irraa muran arge. Kun immoo waa’ee bara daa’imummaattii cuuphamuu akka inni Kitaaba Qulqulluu qoratu isa godhe. Kitaaba Qulqulluu keessaas raga raga kana mirkaneessu tokkollee argachuu hin dandeenye. Garuu immoo, bakka hundumaattuu gaabbiinii fi amantiin cuuphaa fudhachuudhaaf barbaachisoo akka isaan ta’an hubate. WG 197.1

Meenoon mana sagadaa warra Roomaa keessaa ba’ee dhugaa ofiisaatiif fudhate sana barsiisuuf jireenya isaa hojiima kanaaf of kenne. Yeroo sana biyya Jarmanii fi Hooland keessatti, warri barumsa soba of keessaatti hammatee fi kan saba kakaasuuf falman, qajeelfamaa fi amala gaarii warri faallessan, gara humnaa fi jeequmsaatti kan namoota dhiiban warri dhaadessitoonni ka’anii turan. Meenoon, sababa sochii warri kun taasisaniin bu’aa suukanneessaa dhaqabuuf jiruuf hubachuudhaan, barnoota dogoggoraa fi karoora hin leenjine kan warra dhaadessitoota kannenii jabaatee morme. Namoonni dogoggora dhaadessitoota kanneeniin oofamanii turan, booda garuu baayyoonni barnoota isaanii isa summa’waa sana kanneen dhiisan hedduu turan. Yeroo kun ta’us, namoonni bu’aa barumsa Waldeensotaa ta’an, kiristaanota durii irraa kan dhalatanis hin dhibaman turan. Namoota kanneen keessatti Meenoon gaarummaa guddaadhaa fi firii gaariidhaan baayyee hojjeteera. WG 197.2

Meenoon haadha warraa isaa fi ijoollota isaa waliin gidiraa fi rakkina guddaa danda’ee; balaa yeroo hundumaa lubbuusaa gaadus dandammate waggoota digdamii shaniif bakkaa bakkatti imale. Niizerlaandii fi Kaaba Jarman keessa deemee caalaadhumatti uummata jireenya gadi anaanaarra jiraatu barsiiseera. Dhageettiin isaas baayyee dabalaa deeme. Barumsichi murta’aa yoo ta’eyyuu, Meenoon dhalootumaan nama haasaa tolu waan ta’eef dhugaarratti kan ciche, obsa qabeessaa fi hafuura tasgabba’aa kan qabuu, nama qajeelaa fi nama amantiidha. Kanas qajeelfama jireenya isaa godhchuudhaan amanamummaa uummata irraa argatee ture. Hordoftoonni Meenoo hacuucamaniibittinnaa’anii turan. Baayyee dhiphataniis; ta’us lakkoofsaan baayyee kan ta’an dhadhabbii isaatiin amantii isaanii jabeeffataniiru. WG 197.3

Akkuma waliigalaatti Niizerlaandi keessaa amantii isa fooyya’e sana kan fudhate hin turre. Biyyoota tokko tokko keessatti hordoftoonni amantichaa har’annaa hamaatu isaanirra ture. Jarman keessatti Chaarles 5ffaan hojii fooyya’insaa sana dhorkee ture. Hordoftoota amantichaas gara ibidda boba’uutti darbachuudhaan kan itti gammadu ture. Aanga’oonni isaa garuu bulchiinsa isa gara jabeessa sanaatti gufuu itti ta’anii turan. Aangoon isaa kan Niizerlaandi ture olaanaa waan tureef labsiiwwan ar’annaa eeyyaman walitti fufiinsaan ba’aniiru. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun, dhageeffachuun, ykn lallabuun akkasumas waan isa ilaallatu dubbachuun illee ibidda boba’utti darbatamanii du’aan kan nama adabsiisu ta’ee ture. Dhoksaatti Waaqayyoon kadhachuun, bifa fakkeenyaaf sagaduu irraa of qabuun, faarfannaa faarfachuun isaan kun hundinuu du’aan kan nama adabsiisan ta’anii turan. Kan biraan illee yoo hafe, kanneen dogoggora isaanii ganuuf yaalan illee murtii irratti dabarsaniiru. Warri dhiirotaa billaadhaan akka isaan du’an, dubartoonni immoo ijaajjiitti akka hawwalaman godhamee ture. Namoonni kumaatamatti lakkaa’aman bara mootummaa Chaarlisii fi bara mootummaa Filiiphoos 2ffaa dhumaniiru. WG 198.1

Yeroo tokko maatiin tokko guutummaatti sirnakadhannaa mana sagadaa isaaniirraa irraa hafanii mana ofii isaaniitti sagada geggeessan jedhamanii yakkaan himatamanii qorannaan irratti dhiyaate ture. Miseensonni maatii sanaa yeroo qoratichaaf sagalee isaanii kennanitti miseensa maatii sana keessaa mucaan inni xiqaanii fi quxisuu hunduma isaaniita’e maaliif akka dhoksaatti akka waaqeffannaa geggeessan yeroo deebii kenne akkana jedhee ture, “Jilba keenyaan jilbeenfannee akka Inni sammuu keenya nuuf ibsuu fi cubbuu keenyas akka Inni nuuf dhiisuuf Waaqayyoon kadhanna. Mootiin keenyas mootummaan (bittaan) isaanii akka dagaaguuf, jireenyi isaaniis gammachuu akka qabaatuuf ni kadhanna. Warra abboota taayitaa ta'’niifis Waaqayyo akka isaan eeguuf ni kadhannaaf” jedhe. (Wylie, b. 18, ch. 6) Abbootiin seeraa tokko tokko dubbii mucichaatiin onneen isaanii tuqamee ture. Ta’us Abbaan isaa fi mucichi akka walumafaana ibiddaan gubatanii du’an isaanitti murtaa’e. WG 198.2

Aariin warra ariattoota sanaa daran hammaataa ture. Hagasumas immoo amantiin (dhugoota) qulqullootaas jabaa ture. dhiirota qofa osoo hin taane dubartoonnii fi shamarran waan baayyee hin dandeenye illee dhabbannaa hin sochoone(hin mitiqne) mul’isaniiru. Dubartoonni abbootiin warraa isaanii yeroo ibiddaan gubatan waltajjicha cina dhaabatanii yeroo inni arraba ibidda hollatu sanaa dandamatee keessa dhaabbatu isaan immoo asaasanii sagalee jajjabinaa dubbatu; akka isaanitti toluufis ni faarfatuuf ture. Ijoolleen shamarranii akkuma namahalkan gara kutaa hirriba isaa deemuutti hawwaala isaanii keessa ciisan; akka misirtittii gara cidha isheetti deemtuuttis uffata isaanii isa miidhagaa fi haalaan faayyame uffatanii gara waltajjichaa ykn ibidda hollatuutti qajeelan. WG 198.3

Akkuma bara waaqa tolfamaa waaqessuun wangeela balleessuu barbaade sanaatti, dhiigni kiristaanotaa matumti isaa sanyii ta’ee ture. (See Tertullian, Apology, paragraph 50.) Gochi ari’annaa sun lakkoofsi dhugabaatota dhugaa akka inni baayyatuuf tumse. Bara dhufaa darbaatti sababa gara kuteenya amantootaatiin mootichi gaabbiidhaan maraatuu ta’e sun, gocha gara-jabina isaa ittuma fufus, garuu immoo akkasumaan ta’e. Dhumarrattis maatii moototaa keessaa kan dhalate William of Orange kan jedhamu mirga Waaqayyoon waaqaeffachuu Niizerlaandiif fide. WG 198.4

Tulluuwwan Piidimoo, direewwan Faransaayii fi qarqara galaanota Hoolanditti baballinni Wangeelaa dhiiga bartootaatiin mirkanaa’ee ture. Biyyoota gara kaabaatti garuu nageenyumaan seenuu danda’e. Kunis kan iinni ta’uu danda’eef barattoonni Viitanbargi turan yeroo bakka dhaloota isaaniitti deebi’anitti amantii isa fooyya’e sana fudhatanii waan galaniif. Dabalataanis kitaabonni Luuter ifa Wangeelaa sana baballisuu danda’aniiru. Jajjaboo fi qajeelota kan ta’an namoonni biyyoota gara Kaabaa sun amala Roomaa isa manca’aa fi waaqeffannaashee isa sobaa sanattii furamanii qulqulluu, qajeelaa fi eebba jireenyaa kan qabu dhugaa kitaaba qulqulluu fudhataniiru. WG 199.1

Sochii fooyya’iinsa amantii biyya Deenmaark kan taasise ilma qonnaan bulaa kan ture nama maqaan isaa Taa’uzaan jedhamee beekamu ture. Taa’uzaan mucummaa isaarraa eegalee dandeettii waa yaaduu cimaa kan qabuu fi nama dhugaa dheebotu ture. Haata’u malee sadarkaa jireenya maatii isaarraa kan ka’e fedhii isaan ala gara Gadaamiitti seene. Yeroo gadaamii sana keessa jiraachaa turettis qulqullummaa jireenya isaa , jabinaa fi amantii inni qaburraa kan ka’e geggeesitoota isaa biratti jaallatamummaa argatee ture. Qormaatichas waan darbeef gara fuula duraatti tajaajila gaarii ta’e dhiyeessu akka danda’u mul’isee ture. Kanaafuu, Yuunivarsitii biyya Jarman ykn kan Niizerlaandi seenee akka baratuuf murtaa’e. Taa’uzaan, dargageessichi kun, mana barnootaa itti barachuu fedhu yeroo gaafatame, gara Viitanbargi akka hin deemne garuu isa kaksiisanii turan. Kanas kan godhaniif Taa’uuzan gantummaadhaan akka hin summoofne jedhaniiti. Taa’uzaan gara Kolonyiin deeme. Jarman keessatti kan argamtu magaalaan Kolonyi yerosis akkuma mana sagadaa Roomaa har’aa daannoo cimaa turte. Hanga Kolonyi keessa taa’ettis osoo baayyee hin turin amantaa hin taane ordofuun namoota mana barumsichaa keessa jiranii isa jibbisiise. Taa’uzan yeroo sana kitaabota Luutar argachuu danda’e. Gammachuu fi dinqisiifannaadhaan kitaabota sanas dubbise. Luuteriinis qaamumaan argee irraa barachuuf fedhii cimaan isa keessa bulee ture. Kana gochuun garuu balaa cimaa oogganaa isaa aarsuu fi akka inni ofiisaatiis deggersa hin arganne gochuu of keessaa qaba ture. Haa ta’u malee, battalumatti dafee murteessuun barataa ta’ee Viitanbargi seene. WG 199.2

Yeroo gara Deenmarkitti deebi’e gara gadamiisaa duraanii dhaqe. Yeroo sana garuu namni tokko illee akka inni amantii Luutariin fudhate kan shake hin turre. Iciiticha ifa hin baafne. Haa ta’u malee, jibba hin taane kaasuu hiriyoota isaatii dhabamsiisuun isaaniin gara qajeelimmaa amantii fi jiree nya qulqulluu ta’eettii qajeelchuuf yaalii gaodhe. Yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu saaqee hiika dhugaa ta’een ibsa. Dhumarratti Kiristoos cubbamootaaf tola (qajeelina) akka inni kennu abdiin fayyinaas isa qofa akka ta’e ni barsiisa ture. Sababa kanaa ooganaan isaa kan Taa’uzan Romaadhaaf abukaattoo goota cimaa ta’a jedhee abdii irra keeyyatee ture aariidhaan guutame. Kanaafis, battalumatti akka inni gadaamicha keessaa ba’ee gara gadaamii biraatti jijjiiramu gochuun achittis to’annaa cimaa jalatti kutaa isaa keessa akka inni oolu godhame. WG 199.3

Haala eegdota warra haaraa sana raaseen (jeeqeen) monoksoonni baayyeen amantii Pirotestantiitti akka dabalatan beeksisan. Taa’uzan utuboota sibiilaa sana qaarsisee beekumsa dhugaa warra waliin hojjetaniif qaqabsiiseera. Akkuma manni amantaa karoositetti abboonni amantii Deenmarki sun sababa gantummaatiin osoo ajjeefaman ta’ee, sagaleen Taa’uzan lammata hin dhagaa’amu. Taa’uzaniin boolla du’aatti darbachuurra wanti isaan godhan gadaamicha keessaa isa hari’uudha ture. Eega kun ta’een booda namoonni Roomaa human dhaban. Labsiin teessoo mootummaa irraa yeroo sana ba’es, barsiisota barumsa haaraa barsiisan sanaaf eegumsi akka ta’uuf ajaje. Gaafa kun ta’u Taa’uzan lallaba eegale. Waldoonni Kiristaanaas ni banamaniif. Uummannis lallaba isaa dhaga’uuf kallattii hundaarraa dhangala’uu eegale. Namoonni kan biroonis sagalee Waaqayyoo ni lallabu turan. Ka’uun Haaraan kan Afaan Deenmarkitti hiikames ballinaan tamsa’e. Yaalii hordoftoonni teessoo Phaaphaasichaa hojicha firii ykn ija malee hambisuuf raawwatan hojichi caalaatti akka inni baballatuuf gargaare. Deenmarkis amantii isa haaraa sana haara’umsicha sana fudhachuushee ifatti beeksifte. Akkasumas Siwiidin, burqa Viitanbargi irraa dargaggoonni dhugan bishaan jireenya sana fudhatanii namoota biyya isaaniitiif geessan. Sochii haara’umsaa Swiidin kan hooganan keessaa lamaan Olaa fi Laawurentiwoos Peetirii kan jedhaman ijoollee Areebiroo namicha sibiila tumu Sanaa Luutarii fi Meelashitoon irraa irraa kan baratan turan. Isaanis dhugaa dhugaa ofii baratan jabaatanii barsiisan. Olaaf akka oogganaa sochii haara’umsaa isa guddichaa akka Luuter qajeelinaa fi arraba tolaadhaan yeroo saba dadammaqsu, Laawurantiiwoos immoo akka Meelashitonitti hubannaa fi tasgabbiidhaan hojjeta ture. Jarreen lamaanuu amantii isaaniitti kan jabaatan, barumsa hafuuraan ga’umsa kan qaban, dhugaa olqabanii agarsiisuudhaaf ejjennoo hin sochoone kan qaban turan. Ta’us mormiin teessoo phaaphaasichaa hin banne ture. Luboonni Kaatolikii uummata doofummaa fi amantii akkasumaanii ykn kan waa’e hin baafneen xaxanmee ture kakaasan. Olaaf Peetirii irraatti yeroo baayyee warri hookkara kaasan miidhaa irraan ga’aniiru. Si’a baayyees xiqqoodhumaaf du’arraa hafe. Hooggantoonni sochii haara’umsaa kun garuu, mootichaan kan jaallatamanii fi kan eegaman turan. WG 200.1

Bulchiinsa mana amantaa Roomaa jalatti sabni sun hiyyummaadhaan kan kotonaa’e, hacuuccaadhaanis kan salphate ture. Namoonni Kitaaba Qulqulluu hin qaban. Ifni tokko illee onnee isaanii keessatti kan hin baane, amantaa ayyaanotaa fi bifa fakkeenyaa qofa qabu waan ta’eef isaanis akkuma abboota isaanii durii gara waaqeffannaa sobaa fi waaqa tolfamaa waaqessuutti deebi’u turan. Kana waan ta’eef, biyyatiin humnoota waldorgommii gargar qoqqoodamtee lolli addaan hin cinne gidiraa hundumaa itti caalchise. Mootichi garuu, gama mootummaatiinis ta’ee waldaa kiristaanaa keessattis haara’umsa jijjiiramaa fiduun akka isarra jiru murteessuudhaan warra sochii haara’umsaa adeemsisan wal’aansoo isaan Roomaa waliin godhan gammachuudhaan fudhate. Olaaf Peetiriin mootichaa fi namoota gurguddoo biyya Siwiidin duratti barumsa haara’umsa amantii sana hubachiisuun jabaatee falmeera. Akka Olaaf peetiriin beeksisetti barsiisni abbootaa kan inni fudhatama argatu Kitaaba Qulqulluudhaan yoo deggerame qofa yoo ta’u, barsiisni amantii kanneen bu’uura ta’anis haala namni kamillee hubachuu danda’uun bifa salphaa fi ifa ta’een Kitaaba Qulqulluutiin yoo dhiyaateedha. Kiristoos akkana jedha, “Barsiisni kook an kiyya miti, kan Isa na ergeeti malee.” Yoh. 7:16. Phaawuloos immoo akkana jechuun ibsa, “Garuu nu taanus yookiis ergaan waaqarraa yoo isin barsiise, isa nuyi isin barsiifne malee abaaramaa haa ta’u.” Galaatiyaa 1:8. Kana ilaalchisee Olaaf Peetiriin yeroo dubbatu, “Maarree egaa namoonni kan biroon akkuma fedhanitti seera ofii baasuun fayyinaaf akka waan baayyee barbaachisaa ta’ee gochuun akkamitti dandaa’ama” jedha. Wylie, b. 10, ch. 4. Akka Olaaf hubachiisetti seeronnii fi qajeelfamoonni waldaa kiristaanaa kan abboommota waaqayyoo morman aboo hin qabaatan. Seerri amantii fi seerri gochaa Kitaaba Qulqulluu fi Kitaaba Qulqulluu qofa akka ta’e qajeelfama amantii pirotestantii akka ta’e jabeessee dubbate. WG 200.2

Falmiin sun waltajjii baayyee iftoomina hin qabne irratti kan geggeeffame yoo ta’e iyyuu, eenyummaa miseensota raayyaa sochii haara’umsaa Sanaa nu agarsiisa. Isaan namoota hin baranne, kanneen waca baayyisanii fi warra falmii jaallatan hin turre. Isaan warra sagalee Waaqayyoo qoratan meeshaa waraanaa kuusaa Kitaaba Qulqulluu keessaa argataniin fayyadamuu warra beekaniidha. Beekumsi isaanii umurii isaaniitiin oli. Kallattii xiyyeeffannoo keenyaa gara Viitanbargii fi giddu galeessota Zuurikitti yoo deebifne, kanneen baayyee dinqisiisoota ta’an warra akka Luuter, Meelaashitoon, Ziviingiliinii fi Okolmanphaadiwoosiin yoo yaadanne isaan kun dura buutota sochii Sanaa ta’uu isaaniis sammuun keenya iyyuu nutti hima. Dhugaadhumatti humni guddaan isaan keessatti bu’uureffame dandeettii olaanaa kan qabu ta’uusaa nutti agarsiisa. Haa ta’u malee, warroonni isaanii gadii akka isaanii hin turre. Gara Siwiidinitti yoo deebine maqaa warra maatii hiyyeessa keessaa ba’anii Olaaf fi Lawureentiwoosiin yommuu kaasnu barsiisummaa irraa hanga darasummaatti yommuu yaannu maal argina? Isaan sirna dhugaa wangeelaa guutummaatti sirriitti warra beekan namoota dhaabbilee barnootaa keessa jiranii fi hooggantoota Roomaa irratti mo'icha kan gonfatan beektota barumsa amantii turan. WG 201.1

Falmii yeroo sana geggeeffameen dhugaan mirganaa’ee waan beekameef mootichi biyya Siwiidin amantii Pirotestantii fudhate. Sana booda osoo baayyee hin turin manni marii biyyaalessa Siwiidin deggersa amantichaaf qabu labse. Kakuu Haaraan gara afaan Siwiidinitti kan hike Olaaf Peetiriin yoo ta’u, booda immoo fedhii cimaa mootichi qabu irraa kan ka’een obboloonni suin lamaan guutummaa Kitaaba Qulqulluu hiikan. Kun waan ta’eef uummanni siwiidin yeroo jalqabaatiif sagalee Waaqayyoo afaan dhalootaa isaaniitiin fudhachuu danda’an. Ajaja walga’icha irraa darbeen luboonni kutaa bulchiinsa mootichaa keessatti Kitaaba Qulqulluu baayyisuun (raabsuun) akka isaanirra jiruu fi daa’imman mana barnootaa jiranis Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi bafrachuun akka isaanirra jiru ajajaman. Haala kanaan, ifa Wangeelaa isa qulqullaa’aatiin dukkanni doofummaa fi amantii sobaa saffisaa fi haala amansiisaa ta’een mulqame. Sabni bittaa gara jabinaa Roomaattii ni furame. Humnaa fi jabina duraan argee hin beekne argate. Siwiidinis gaacha Pirootestaantummaa taate. Jaarra tokko booda, yeroo balaan baayyee cimaa ta’e bu’etti hudumarra xiqqoo fi dadhabduu kan taate fi biyyoota Awuroophaa keessaas qofaashee gargaarsa barbaacha harkashee balli’saa kan turte Siwiidin lola hamaa waggoota soddomaatiin harka Jarman jala seente. Guutummaan lafa Kaaba Awurooppaa waanuma deebi’ee bittaa gara-jabeessa warra Roomaa jalatti waan kufe fakkaatee ture. Teessoon phaaphaasichaa warra pirootestaantotaa biratti fudhatama akka hin argannee fi haara’umsa amantii biyyoonni fudhatan biliisummaa sammuu isaanii deebisanii akka harka keessa galfataniif kan Jaarmaniin tumse loltoota Siwiidin turan. WG 201.2